Waa’ee Dhaabbata Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Dhaabbata yaala Aadaa Oromiyaa “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa”.

Giddu gala yaala Aadaa Saayinsii irratti hundaa’ee yoo ta’u dhibeewwan adda addaaf yaalaa fi Gorsa saayinsii fayyaa fi yaala Aadaa walitti fiduun kennuu irratti xiyyeeffata.

Dhaabbatichi yaala kennuun alattis Facebookii “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa” irratti barreeffamoota Fayyaa bu’aa olaanaa qaban maxxansoota fayyaa garaa garaa gadhiisuun beekama, ammas gadhiisuu irratti argama.

Waa’ee Giddugala yaala Aadaa Oromiyaa.

QorichaOromiyaa.com is the official website of Oromia Center for Herbal Medicine and Traditional Medicine (Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa), kan Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa Shashemene keessatti argamu.

Giddugalichi qorannoo saayinsii fi muuxannoo amanamaa irratti hundaa’uun tajaajila yaala uumamaa bu’a qabeessaa fi nageenya qabu kennuudhaaf kan akeekedha. Keessattuu gorsa yaalaa guyyaa guyyaan damee qoricha uumamaa irratti adda ta’e kennuu bira darbee waa’ee dhukkuboota yeroo dheeraa, mallattoolee isaanii fi mala ittisa isaanii irratti hubannoo fayyaa toora interneetii irratti babal’isuu irratti xiyyeeffata.

Barreeffamoota keenya keessatti Gorsa Fayyaa Saayinsaawaa fi Yaala Aadaa walitti fiduun Akkaataa Dhukkuba tokko ittiin of irraa ittisuu fi of yaaluun dandayamuu fikkf akkasumas Beekkumsa Qoricha uumamaa fi Saayinsii irratti xiyyeeffachuun Barreeffamoota adda addaa karaa website keenyaa fi Facebookii irratti Faaydaalee fayyaa fi bu’aawwan Biqiltoota Uumamaa itti fayyadama isaanii qoricha aadaa fi xiinxala qorannoo saayinsii irratti hundaa’uun, Biqiltuu maxxansinu tokko tokkoon isaanii Qabiyyee isaanii fi wantoota sochii baayoloojii qabanu Faayitookeemikaalota (Phytochemicals) fi Albuudota Vitaminoota, Biqiltuu keessatti Argamanu, tokko tokkoon ibsuu dandeettii fi Cimina isaa, faaydaa isaa sirrii fi haala itti fayyadama bu’uura saayinsii qorichaa (Pharmacology) fi Pharmacognosy irratti hundaa’uun faayidaa fi itti fayyadama isaa bifa miidhaa hin qabneen barsiifna.

Manni Qoricha Aadaa Huzayifaa” yokan “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa” Website mataa isaa Qabaachuun Mana Qoricha Aadaa Itoophiyaa keeysaa isa jalqabaati, Facebook keenya “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa” yokan Mana Qoricha Aadaa Huzayifaa jedhu, irratti yeroo yeroon, Faaydaalee fayyaa fi bu’aawwan fayyaa Biqiltoota Uumamaa yokan (Herbal Remedies) Biyya keessatti Argamanuu, qorannoo saayinsii irratti hundaa’uun barreessina.

Biqiltuu tokko Tokkoon isaanii Yeroo Maxxansinu :

Maqaa isaanii fi gosa isaanii kan Saayinsii keenneef. Qabiyyee isaanii Wantoota sochii baayoloojii qabanu kan akka (Phytochemicals) fi Albuudota (Minerals,) Vitaminoota, Biqiltuu keessatti Argamanu, tokko tokkoon ibsuu fi Dandeettii fi Cimina isaanii Irratti Hundaa’uun, haala itti fayyadama (Usage Method) isaanii bifa saayinsaawaa fi Beekkumsa Aadaa irratti hundaa’een barreeysina.

Waa’ee fayyaa Irratti Hubannoo kennuu fi Karaa Salphaa ta’een Maalummaa dhukkubootaa (Disease Awareness) fi miidhaa isaanii hubachiisuu, Sababoota dhukkubootaa fi haala ittiin of irraa ittisuun dandayamu dhukkuboota garaagaraa irratti gorsa fayyaa ammayyaa fi Aadaa kennuu, Mallattoolee dhukkuboota (Symptoms) adda addaan ibsuun, akka namni ofirratti beekuu fi yeroon yaala barbaachisaa fudhatu gochuuf Barreeffamoota garaa garaa maxxansuna.

Rakkoolee fayyaa Hedduu fi Dhukkuboota garaa,garaa Tokko tokkoon isaanii Irratti Barnoota fayyaa fi gorsa fayyaa dhibee sanaa wajjiin wal qabatanu gadi fageenyaan Maxxansina,

Wantoota dhibee sana namatti cimsanu yokan (Worsening Factors) Hubachiisu.

Wantoota dhibee sana irraa fayyuu Irratti gargaaranu yokan fayyaa dhukkubsataa sanaa Cimsinu-(Healing Factors) hubachiisuu fikkf

Namoonni waa’ee fayyaa maxxansanu hedduun nu dura turanii garuu Namni Qoricha Aadaa fi Ammayyaa walitti qindeeyse, bifa walitti fufiinsa qabuun maxxansu hin turree!

Facebook keenya “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa” fi website keenya Qorichaoromiyaa.com irratti yeroo yerootti barreeffamoota qulqullina olaanaa qaban, Gorsa fayyaa akkaataa Dhukkuba tokko mana keessatti ittiin of yaaluu fi of irraa ittisuu danda’amu Irratti Barnoota fayyaa Beekkumsa Aadaa fi saayinsii irratti hundaa’an maxxansuun, uummata keenyaaf gumaacha gochaa turre.

🎯 Kaayyoon keenya guddaan:

” Waa’ee fayyaa Irratti Hubannoo cimaa kennuu fi of-eeggannoo babal’isuudha!”

✅ Karaa Salphaa ta’een Maalummaa dhukkubootaa (Disease Awareness) fi miidhaa isaanii hubachiisuun uummanni keenya akka of eegu gargaaruu.

✅ Sababoota (Causes) fi falaasama ittisaa (Prevention) dhukkuboota garaagaraa irratti gorsa fayyaa ammayyaa (Modern Health Tips) kennuun of-qusannoo akka godhaniif kakaasuu.

✅ Mallattoolee (Symptoms) dhukkuboota adda addaa ibsuun, akka namni ofirratti beekuu fi yeroon yaala barbaachisaa fudhatu gochuu.

Akka fakkeenyaatti:

Dhukkuba kiintaarotii Hemorrhoids, Dhukkuba Cobxoo yokan Gonorrhea, Dhukkuba Vaayireesii Tiruu Hepatitis B, dhukkuboota kalee fi Ujummoo fincaanii, dhukkuba Garaachaa, mataa Bowwuu, Rakkoo gadameessaa fi Dhiiga laguu dubartootaa fi kkf dhibeewwan Hedduu Irratti Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa ta’e gadi fageenyaan kennina:

🔬 Dhukkuba Tokko tokkoon Irratti Barnoota fayyaa fi gorsa fayyaa yokan (Health Tips) Barnoota dhibee sanaa wajjiin wal qabatanu gadi-fageenyaan Maxxansina, Akka fakkeenyaatti:

✅ Maqaa isaa fi gosa dhukkubichaa yokan (Scientific Name) ibsuu.

✅ Karaalee fi Tooftaa ittiin dhukkuba sana of irraa ittisamu (Prevention) barsiisuu.

✅ Sababoota fi Wantoota Dhukkuba Sanaaf nama saaxilanu yokan – (Causes & Risk Factors) hubachiisuu.

✅ Mallattoolee dhukkubichi namarratti mul’isu yokan (Symptoms) isaa gadi fageenyaan barsiisu.

✅ Wantoota dhibee sana namatti cimsanu yokan (Worsening Factors) Hubachiisu.

✅ Wantoota dhibee sana irraa fayyuu Irratti i gargaaranu yokan fayyaa dhukkubsataa sanaa Cimsinu-(Healing Factors) hubachiisu.

✅ Gorsa Namni Dhukkuba sana qabu maal gochuu akka Qabuu fi Wantoota inni irraa Of qusachuu qabu barsiisu.

✅ Wantoota Soorata dhibee sanaa wajjiin wal madaalanuu nyaachuu qabu, Wantoota fayyuu Irratti isa gargaaranu (Functional Foods) barsiisu.

✅ Nyaataa fi Dhugaatiiwwan Dhukkubicha namatti cimsanu kan isaan irraa Of qusachuu qabanu soorata badaa yokan (Poor Diet) Irratti hubannoo kennuu fi kkf barsiisaa turre Namoonni hedduun itti fayyadamanii jiru.

Akkaataa Qorichoota Salphaan biqiltoota fi mi’eessituuwwan yokan Urgeeyssitu Nyaataa yokan (Spices) Mana keessanitti argamanu irraa, dhugaatii fayya qabeessaa fi faayidaa qabu kan dandeettii dhukkuba ittisuu qaamaa guddisu yokan (Immunity Boost) kanneen dhukkuboota yaaluuf ykn salphisuuf gargaaran irraa qopheessitanuu itti fayyadamuun ittiin of yaaluuf isin gargaaran, bifa saayinsawaa ta’een dhukkuboota hunda wajjin tokko Tokkoon, ibsu.

Faaydaalee fayyaa fi bu’aawwan fayyaa Biqiltoota Uumamaa yokan (Herbal Remedies) naannoo keessanitti Argamanuu, qorannoo saayinsii irratti hundaa’uun barsiisu.

Biqiltuu tokko Tokkoon isaanii Yeroo Maxxansinu :

Maqaa isaanii fi gosa isaanii kan Saayinsii keenneef.

Qabiyyee isaanii Wantoota sochii baayoloojii qabanu kan akka (Phytochemicals) fi Albuudota (Minerals,) Vitaminoota, Biqiltuu keessatti Argamanu, tokko Tokkoon ibsuu, Dandeettii fi Cimina isaanii Irratti Hundaa’uun, haala itti fayyadama (Usage Method) isaanii bifa saayinsaawaa fi Beekkumsa Aadaa irratti hundaa’een Bifa bu’aa qabeessa Ta’een ibsuu fi barsiisuun Saayinsii fi aadaa waliin dagaagsuu.

Itoophiyaan walumaa galatti Dhaabbilee eegumsa fayyaa hospitaalota, buufataalee fayyaa, fi kilinika dabalatee.gara 3,500 qabdi. Kana keessaa Hospitaalonni ~404 yoo ta’an isaani keessaa hospitaalota marsariitii mataa isaanii qaban akka biyyaatti dhaabbilee fayyaa 40–50tti gidduutti tilmaamau. Kunis kan ta’eef Ethiopia keessatti hospitaalota barnoota fayyaa gurguddoo, hospitaalota rifaralaa addaa, fi hospitaalota dhuunfaa gurguddoo qofatu akkaataa idileetti marsariitii mataa isaanii adda ta’e qabu..

Hospitaalonni Weebsaayitii qabanu Finfinnee magaalota gurguddoo naannoo muraasa keessatti baay’inaan argamu. Kanaan alatti hedduun isaanii marsariitii of danda’e osoo hin taane fuula Feesbuukii irratti hirkatu.

Wiirtuuwwan Yaala Aadaa Itoophiyaa keessatti marsariitii walaba qaban hin jiranu.

Kilinikoonni aadaa fi wiirtuuleen qoricha aadaa irra caalaan isaanii domeenii ofiisaa hin fayyadaman; yeroo baay’ee Fuula Facebook ykn YouTube kanaan alatti wiirtuun qoricha Aadaa marsariitii of danda’e qaban hundeeffame amanamaa ta’e qabanu hin jiru.

Itiyoophiyaa keessatti wiirtuuwwan yaala Aadaa hedduun wiirtuu keenya dura hundeessaman nu ta’anis, galmi isaanii tajaajila wal’aansaa kennuu qofa irratti kan daangeffamedha.

ManniQorichoota Aadaa gurguddoon kun wal’aansa qofa irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, marsariitii ofiisaa uumuu fi qabiyyee barnootaa hawaasaaf maxxansuuf yeroo fi maallaqa isaanii invastii gochuu hin fedhanu!

Wiirtuun keenya garuu daandii adda ta’e filateera. Galmi keenya yaala qofaa utuu hin taane gorsa fayyaa fi barnoota fayyaa yaala Aadaa kennuudhaan, odeeffannoo amanamaa fi saayinsaawaa ta’een waa’ee Qorichoota Aadaa namoota baay’ee biraan ga’uudha.

Yeroo fi maallaqa keenya kan hubannoo uumuu fi beekumsa babal’isuuf dabarsinu akka qisaasamaatti osoo hin taane, akka invastimantii dhugaa fayyaa fi nageenya hawaasaa yeroo dheeraa irratti taasifamuutti ilaalla.

Giddu Galli Yaalaa Aadaa Oromiyaa Itiyoophiyaa keessatti wiirtuuwwan muraasa hojii saayinsii fayyaa fi yaalaa aadaa haala qindaa’aa fi amanamaa ta’een

Marsariitii ofiisaa fi Ammayyaa ta’e QorichaOromiyaa.com qabaachuun tarkaanfii jalqabaa fi fakkeenya ta’edha. Iftoominaa fi amanamummaa giddugalichaa guddisuu.

Namoonni odeeffannoo yaala Aadaa fi wal’aansaa uumamaa, amanamaa akka argatan haala ni mijeessuu. Hubannoo fayyaa babal’isuuf akkasumas fayyina uumamaa fi qoricha filannoo akka seenu gargaara.

Saayinsii fi Qorichoota Aadaa walitti fiduun Fakkii qoricha aadaa kanaan dura ummata keessatti gadi bu’aa ta’e ragaa saayinsii irratti hundaa’ee tuffii Itiyoophiyaa keessatti kanaan dura mul’atu dhabamsiisuuf hojjetaa jiraa 💪

Waa’ee Weebsaayitii fi Giddugala yaala Aadaa Oromiyaa 

QorichaOromiyaa.com official website Giddu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa), kan Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa Shashemene keessatti argamu dha.

Giddugalichi qorannoo saayinsii fi muuxannoo amanamaa irratti hundaa’uun tajaajila yaala uumamaa bu’a qabeessaa fi nageenya qabu kennuudhaaf kan akeekedha. Keessattuu gorsa yaalaa guyyaa guyyaan damee qoricha uumamaa irratti adda ta’e kennuu bira darbee waa’ee dhukkuboota yeroo dheeraa, mallattoolee isaanii fi mala ittisa isaanii irratti hubannoo fayyaa toora interneetii irratti babal’isuu irratti xiyyeeffata.

Mul’ata keenya

Ityoophiyaa fi Afrikaa keessatti damee qoricha uumamaatiin madda odeeffannoo fi wabii saayinsii adda duree ta’uudha!

Kaayyoon

Qoricha aadaa qorannoon deeggaramee fi qoricha Aadaa irratti hubannoo fayyaa hawaasaa afaan salphaa fi odeeffannoo sirrii ta’e kunuunsa fayyaa nageenya qabuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuudha.

Tajaajila Kennamu Wal’aansa dhukkuboota yeroo dheeraa haala ofirraa ittisuun danda’amuu fi wal’aansa uumamaa fi saayinsii ammayyaa walitti makame fayyadamuun kennuudba.

Qorichoota Aadaa, laabraatoorii keessatti qoratamee fi nageenyaa fi bu’a qabeessummaa isaa yaala fayyaatiin mirkanaa’e dhiyeessuu fi kkf.

Website keenya Garee adda addaan kan hoogganamu ta’a.

Gareen website keenyaa ogeeyyii qoricha aadaa, farmaakooloojii, fi qorannoo saayinsii irratti gahumsa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis:

Hakiima qoricha aadaa irratti adda ta’e, qorataa biqiltoota qorichaaf oolan, fi ogeessa qorichaa kan qophii qorichoota irratti hojjetu.

Garee qorannoo fi ogeeyyii botaanikaa, farmaakooloojii fi qoricha Aadaa bu’a qabeessummaa fi nageeny itti fayyadama qorichootaa mirkaneessuuf hojjetan.

Garee guyyaa guyyaan hubannoo fayyaa uumuu fi qabiyyee yaala Aadaa ragaa irratti hundaa’e barreessuu irratti kan adda ta’ee fi gabaasa hubannoo guyyaa guyyaan waltajjiiwwan dijitaalaa irratti maxxansu.

Gareen deeggarsa bulchiinsaa of kenne gaaffii dhukkubsattootaa deebisuuf, beellama qindeessuuf hojjetu.

Hundeessaa fi Daarektarri Waliigalaa “Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa” “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa”. Dr. Huzayifa Muhammadawol Shifaa (Uzefa Mohammedawwol Shifaa), Hepatologist & Herbal Medicine Specialist dha. Ogeessa fayyaa qoricha aadaa (Herbal Medicine) fi dameewwan ammayyaa (Modern Medicine) walitti fiduun, saayinsii irratti hundaa’e (Evidence-Based Practice) fayyadamuun fayyaa namaa tiksu fi Qoricha Aadaa gara Saayinsiittu deebisu irratti hojjechaa jiru dha.

Dr. Huzayifaan Ogeessa Qoricha Aadaa saaynsii irratti hundaa’e yoo ta’u, hojiiwwan giddugalicha keessatti hojjetaman hunda ni to’ata, hoggansa tarsiimoo fi taateewwan giddugalicha bakka bu’uun, hojiiwwan dhaabbatichaa gama hundaan akka ulaagaalee saayinsii hordofan ni taasisa. Bakki Dhaloota isaa lixa Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooraa yoo ta’u, bakki jireenyaa dhaabaataan Godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti argamu. Gareen hojii fi Waahillan hojii hedduunis magaalaa Shaashamannuee fi kutaalee Oromiyaa biroo keessattis ni argamu.

Portfolio Details