Eenyummaa Sobaa Miidiyaa Hawaasaa Irratti Ijaaruun Balaa Guddaa Dha
Jaarraa keenya keessatti miidiyaan hawaasummaa (Social Media) bakka namoonni itti wal-argan, odeeffannoo itti wal-jijjiiran fi eenyummaa isaanii itti ijaaran Ta’us, Miidiyaan hawaasaa yeroo ammaa meeshaa wal-qunnamtii qofa miti. Inni bakka eenyummaan namaa itti ijaaramu, bakka namni itti madaalamau, iccitiin itti faca’u, bakka namni itti kabajamu ykn itti salphatu ta’ee jira. Keessumaa yeroo kana, hordoftoota baay’ee qabaachuun akka beekumsaatti, postiin viral ta’uun akka milkaa’ina dhugaatti fudhatamaa jira.
Humnaa ol of guddisuun miidiyaa irratti baay’ee mul’ata. Namni tokko waan hin danda’amne “nan danda’a” jedha. Waan hin qabne “nan qaba” jedha. Sadarkaa hin geenye “ani sadarkaa kana irra jira” jedhee of mul’isa. Kun of tuulummaa qofa osoo hin taane, soba guddaa jireenya namaa irratti balaa cimaa fidudha.
Eenyummaa sobaa Miidiyaa hawaasa irratti Ijaaruu:
Bara kabajni namootaa baay’ina “Like” fi “Followers” irratti hundaa’e kana keessatti, jireenyi dhugaa (Real Life) fi jireenya miidiyaa (Online Life) gidduutti garaagarummaa guddaan argamuu fi namoonni Of ajjeesuun bal’achaa dhufeera.

Rakkoon kun kan jalqabu yeroo hawaasni nama tokko followers baay’ee qaba jechuun akka nama guddaatti ilaaluu jalqabudha. Namni hordoftoota guddaa qaba taanaan, hawaasni yeroo tokko tokko akka abbaa qabeenyaatti, akka hayyuutti, akka nama aangoo qabuutti, akka nama waan hundumaa beekuufi danda’uutti isa ilaala. Kun immoo namoota hedduu keessatti yaada dogoggoraa uuma: Namoonni baay’een miidiyaa hawaasaa irratti hordoftoota hedduu qabaachuu isaanii irraa ka’uun gatii dogoggoraa ofiif kennuu! Namni tokko “namoonni kuma dhibba na hordofu; kanaaf ani nama guddaa dha, ani abbaa qabeenyaa fakkaachuun qaba, ani nama aangoo qabu fakkaachuun qaba, ani uffata qaalii, konkolaataa, bilbila qaalii, eegdota fi jireenya qananii agarsiisuu qaba” jedhee of amansiisa. Garuu namni kun waan fedhe kana gochuuf qabeenya dhugaa hin qabu kanaaf eenyummaa sobaa ijaaruun dirqama ta’a jechuudha. Kanaaf Namoonni baay’een, keessattuu dargaggoonni, hawaasa biratti fudhatama argachuuf jecha eenyummaa lafa irra hin jirre miidiyaa irratti ijaaru. Konkolaataa kireeffatanii abbaa qabeenyaa fakkaatanii Of agarsiisuu, uffata qaalii liqeeffatanii uffachuu fi eegdota (Bodyguards) ramaduun akka nama aangoo fi qabeenya guddaa qabuutti mul’achuu jalqabu. Ummanni keenyas faarsuu fi harka rukutuufii jalqaba, wajjiin Suuraa ka’uu fi kkf jalqabu.
Rakkoon guddaan Hawaasni nama tokko kabajuuf Like fi Followers fi Suuraa Viidiyoo namni sun maxxansu qofa ilaala malee dhugaa boodaan jiru hin beeku!.
Feemasoonni hedduun Suuraa irratti ni kolfu, ni gammadu, ni qulqullaa’u. Garuu suuraa sana duuba dhiphina, liqii, fi Yaaddoo guddaa jira dhuunfaatti ofitti amanamummaa dhabuutu jira. Eenyummaan miidiyaa irratti ijaaramu baay’een isaa “Editing” fi “Filter” dha malee jireenya dhugaa miti. Namoonni biroo garuu haala kanaan hin hubatan! Waanuma feemasoonni hundi abbaa qabeenyaa ta’an itti fakkaata! Ani maaliifan akkas ta’uu dhabe jedhanii rakkoo keessa Of galchuu.
Wanti namni hubachuu qabu, Miidiyaan hawaasaa kan akka TikTok fi Facebook fi kkf bakka namoonni jireenya isaanii “filter” godhanii itti dhiyeessanidha.
Namni tokko utuu galii xiqqaa qabuu, miidiyaa irratti mobaayilii iPhone Pro Max ykn uffata qaalii uffatee suuraa ka’uu danda’a. Hoootela qaalii fi konkolaataa Qaalii keessatti mul’achuu fi Suuraa ka’uu danda’a garuu kun hundi hawaasa biratti fudhatama argachuuf carraaqqii godhaa jirudha, malee, kun eenyummaa isaa isa dhugaa miti.
Namoonni immoo waan feemasoonni godhanu kana dhugaa jedhanii fudhachuun jireenya isaanii dhugaa isa guyyaa guyyaa dabarsan (real life) isaanii jireenya namoota miidiyaa irratti miidhagee dhiyaatu wajjin wal bira qabuun madaalu. Kun ammoo madaallii dogoggoraa uuma. Wanti guddaan isaan hubachuu dadhaban hordoftoonni baay’een qabeenya dhugaa miti; like baay’een beekumsa miti; viral ta’uunis kabaja dhugaa miti. Suuraa fi Viidiyoon miidhagaan nuti arginu kunis hedduun isaanii dhugaa miti. Jireenya keetii wajjin gonkumaa wal bira hin qabin.
Namoonni miidiyaa irratti miidhaganii mul’atan kun baayyeen isaanii booda yaaddoodhaan Of ajjeesuu!. Namni tokko miidiyaa hawaasaa irratti eenyummaa isaa isa dhugaa dhoksee sobaan ani cimaa dha, qabeenya akkasii qaba, waan akkasii bitachuufani, nyaata qaaliin fayyadama jedhee waan hin jirre yoo lallabu, sammuun isaa dhiphina yeroo dheeraa (Chronic Stress) keessa seena. Kunis boodarra akka inni of ajjeesuuf sababa ta’uu danda’a.
Sababni isaas wanti jedhamaa jiru hedduun isaa kijibaa! Namni sun Miidiyaa irratti “Goota” ykn “Sooreessa”, lafa irratti garuu “Hiyyeessa” ykn “Dhiphataa” yoo ta’e, sammuun isaa eenyummaa, lama gidduutti ni jeeqama. Sodaa Saaxilamuu Namni sobaan miidiyaa irratti of ijaare sun yeroo hunda “Guyyaa tokko sobi koo ni beekama, nan salphadha” jedhee waan sodaatuuf, hormonii dhiphinaa (Cortisol) sammuu isaa keessatti baay’ata. Kun ammoo dhiphina sammuu (Depression) cimaaf madda dha.
Jireenyi isaa inni dhugaa (hiyyummaa fi hojii dhabummaa dha) garuu fakkii inni miidiyaa irratti agarsiisu (badhaadhina sobaa ti.) Kana gidduutti garaagarummaan dhufa.
Namni Of giddisu kun Yeroo tokko garuu dhugaan isaa ni mul’ata. Wanti inni jedhe yoo soba ta’e, waadaan isaa yoo fashalaa’e, qabeenyi isaa yoo fakkeessaa ta’uun mirkana’e, hojii isaa fi jireenyi isaa dhugaan yoo ifa ba’e, miidiyaan hawaasaa isa irratti deebi’a. Namoonni kaleessa isa faarsaa turan har’a itti duuluu jalqabu. Namoonni kaleessa isa kabajaa turan har’a itti qoosuu danda’u.
Miidiyaan hawaasaa nama ol kaasuus ni danda’a; gadi darbachuus ni danda’a. Namni yeroo dheeraaf jireenya sobaa agarsiisaa ture, yoo dhugaan isaa ba’e ykn namoonni isa irratti qoosuu jalqaban, salphinni isaa dachaa ta’a. Sababni isaas, salphinni har’a ganda tokko keessatti hin hafu!. Suuraan, vidiyoon, commentii fi screenshotiin yeroo gabaabaa keessatti namoota kumaatama bira gahuu danda’a.
Miidiyaan hawaasummaa bakka arrabsoon, qoosaan fi tuffiin itti babal’atudha. “Cyberbullying” ykn cunqursaan intarnetii miidhaa qaamaa caalaa dhibbaa sammuu cimaa uuma. Namni tokko dogoggora xiqqoo raawwate illee, miidiyaan hawaasaa dogoggora sana guddisuun akka waan eenyummaan nama sanaa guutuu ta’eetti agarsiisuu danda’a. Saayinsiin akka mirkaneessutti, cunqursaan kun sammuu keessatti madda dhiphinaa dabaluun, namni sun abdii akka kutatu fi kophummaa keessa akka seenu taasisa.
Kunis namoota miira isaanii to’achuu hin dandeenye, namoota dhiphina keessa jiran, namoota ofitti amanamummaa gadi aanaa qaban irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu fi carraa of-ajjeechaatti deemuuf qabu dhibbeentaa 70 ol dabala.
Rakkoon kan biraa immoo Namoonni baay’een kophaa isaanii jiru nama hin qabanu kunis rakkoo xiinsammuu guddaa qaba.
Namoonni kun Miidiyaa irratti “followers” kumaatama qabaachuun, jireenya isaanii isa dhugaa keessatti nama isaan gorsu ykn deeggarsa kennuuf qabu jechuu miti. Namni tokko miidiyaa irratti hordoftoota kumaatama qabaatus, jireenya dhugaa keessatti nama isa gargaaru dhabuu danda’a. Namoonni sa’aatii dheeraa miidiyaa irratti dabarsan, walitti dhufeenya dhala namaa isa dhugaa ni dhabu. Kun ammoo “Oxytocin” (hormoonii walitti dhufeenyaa) hir’isuun, “Depression” ykn dhiphina sammuu uuma. Namni tokko yeroo dhiphatu miidiyaa irratti jireenya namoota biroo yeroo argu, “hundi iyyuu gammadaadha, ani qofatu rakkoo qaba” jedhee amana. Yaanni kun ammoo of-ajjeechaaf karra isa jalqabaati.
Miidiyaa hawaasaa irratti wantoota balaa fidan keessaa tokko, utuu homaa hin beekne beekaa of gochuu dha. Namni tokko dhimma inni gadi fageenyaan hin beekne irratti akka ogeessaatti dubbata. Fayyaa, saayinsii, dinagdee, siyaasaa, amantii, aadaa fi hawaasa irratti ragaa malee murtii kenna.
Sababni namoonni isa hordofan baay’ee ta’aniif, inni ofumaan “ani beekaa dha” jedhee of amansiisa. Kunis boodarra salphina fida.
Hawaasni Nama tokko Callisnee ol kaasuun dura dhugaa isaa ilaaluu qaba. Miidiyaa irratti waan inni agarsiisu qofa osoo hin taane, jireenya isaa dhugaa fi hojii isaa, madda galii isaa, beekumsa isaa, amanamummaa isaa fi bu’aa inni hawaasaaf fide ilaaluu qaba. Namootaaf sadarkaa hin jirre kenninee irratti duuluu fi tuffachuun Arrabsuun hin barbaachisu!.
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa