Dhukkuba Vaayirasii Hepatitis B

Dhukkuba Tiruu Ykn Vaayirasii Tiruu Hepatitis B: Maalummaa fi Adeemsa Dhibee Fidu Isaa irratti Xiinxala Saayinsaawaa Gadi-fageenya qabu Kutaa 1ffaa

Hubachiisa Barreeffamni kun waa’ee Vaayirasii Hepatitis B (HBV) irratti xiinxala saayinsaawaa gadi-fageenyaa (advanced scientific analysis) kennuuf kan qophaa’e dha. Sababa jechoota Baayoloojii wal xaxaa hedduufi ibsa gadi-fageenya qabu of keessaa qabuuf, ummata namni barnoota fayyaa hin qabne barreeffamicha hubachuun salphaa miti!.

🔰 SEENSA (INTRODUCTION)

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu (Hepatitis B Virus – HBV) addunyaa irratti rakkoo fayyaa garmalee hammaataa ta’eedha. Namoonni miliyoona 290 ol ta’an vaayirasii kanaan qabamanii dhiiga isaanii keessatti mallattoo HBsAg-positive qabatanii jiraatu.

Itoopiyaan baayyina namoota dhibee vaayirasii Tiruu (Hepatitis B) waliin jiraataniin addunyaa irratti sadarkaa 5ffaa irra jirti.

Dhibeen vaayirasii tiruu HBV Dhukkuba yaaddoo fayyaa addunyaa (major global health problem) guddaa keessaa tokko ta’ee kan lakkawamu yoo ta’u “dhibee callisaa” (silent infection) jedhamee beekama. Mallattoo hin qabu, namoonni baay’een waggoota hedduudhaaf, hanga tiruun isaanii dhibee kanaan baay’ee miidhamuutti, vaayirasicha akka qaban hin beekan.

Vaayirasichi dhibee gosa lama fida, kunis dhibee yeroo gabaabaa Acute fi dhibee yeroo dheeraa Chronic`dha.

Waggaatti namoonni haaraan miliyyoona 1.3 yeroo jalqabaaf vaayirasii tiruu HBV yeroo dheeraan qabamu. Dhibeen Vaayirasii Tiruu kun Namoota hedduu irratti Utuu hin beekamin tiruu irratti miidhaa dhokataa Mallattoolee hin qabne madaa Tiruu liver Fibrosis fi Cirrhosis hanga Kaansarii tiruu HCC fiduu danda’udha. Sababa mallattoo hin qabneef Waggaa waggaatti Addunyaa irratti du’a Namoota miliyyoona 1.1 oliif sababa tauudhaan dhibee “ajjeesaa callisaa” (silent killer) kan Utuu hin beekamkn lubbuu namaa gaafatu isa beekamaadha.

Akkaataan vaayirasiin kun itti ijaarame, amalli isaa baayooloojikaalaa fi adeemsi inni ittiin seelota qaama namaa weeraru baay’ee wal-xaxaadha.

Barreeffamni kun kaayyoo guddaa lama qaba innis Maalummaa fi caasaa vaayirasii HBV sadarkaa molekulaaraa irratti ibsuudha.

Barreeffamichi ragaalee Saayinsii virology, molecular biology, immunology fi hepatology walitti fiduun caasaa vaayirasichaa fi akkaataa HBV’n qaama namaa keessa jiraatu, akkamitti seelota tiruu keessatti of-baay’isuu fi sirna ittisa qaamaa gowwoomsuu fi cccDNA uummachuu, jeneetiksii namaa keessa lixuu fi chronic disease fi kansaarii tiruu (HCC) fidu, tartiiba saayinsaawaa guutuun ibsa.

1. 🧬 Maalummaa fi Ramaddii Vaayirasichaa (Classification & Structure)

Akka saayinsii viirooloojiitti vaayirasiin Hepatitis B maatii vaayirasoota “Hepadnaviridae” jedhamu keessatti ramadama. Vaayirasiin inni nama qabu kun gosa “Orthohepadnavirus” jedhamu jalatti kan qoodamu yoo ta’u, vaayirasiin kun sanyii DNA addaa kan (rcDNA) jedhamuu fi dandeettii dhuunfannaa seelii tiruu (Hepatotropism) olaanaa qaba. Kunis seelii keessatti akka of-baay’isuuf (replication) carraa fi dandeettii isaaf kenna.

Vaayireesichi uumama jinoomii isaatiin (DNA virus) yoo ta’u, amala addaa kan vaayirasoota kaan irraa isa adda baasu qaba: innis adeemsa of-baay’isuu isaa keessatti inzaayimii Reverse Transcriptase fayyadamuun RNA gara DNA’tti jijjiiruudha. Vaayirasiin kun gosa (genotypes) 10 A hanga J’tti addaan qoodamuun addunyaa irratti bifa adda addaan faca’ee argama. Inni naannoo keenya Itoopiyaa keessatti baay’inaan mul’atu Genotype A fi D dha.

Gosi Giinootaayippii kunniin adda-adda ta’uun barmaata dhibee fiduu (pathogenesis) fi deebii yaala qorichaa (treatment response) irratti garaagarummaa akka qabaatu taasisa.

🔬 Caasaa Vaayirasichaa (Structure)

HBV’n vaayirasii xixiqqaa (~42 nm) Qabu yoo ta’u, Vaayirasichi bifa/boca geengoo qaba. Qaamni isaa guutuun kan infekshinii yokan dhibee fidu “Dane Particle” jedhamuun beekama. kunis caaasaawwan sadan Aramaan gadii Of keessaa qaba:

1. Haguuggii Alaa (Viral Envelope/Surface):

Inni kun kan pirootiinii (HBsAg) irraa ijaaramedha.

Pirootiniin HBsAg kun Vaayiresichaaf Meeshaa seelii tiruu ittiin barbaadee “receptor” argachuuf garagarudha. HBsAg’n bifa sadiin (Large, Middle, fi Small) argama.

Pirootiniin L-HBsAg hordoffii weeraraa (attachment) keessatti qooda hangafa qaba, akka vaayirasichi seelii tiruutti of-fannisu godha.

Akkasumas Pirootiniin HBsAg kun mallattoo bu’uura namni tokko Vaayirasii HBV dhiiga isaa keessa jirachuun ittiin beekkamu isa ijoodha.

2. Haguuggii Keessaa (Nucleocapsid/Core):

kun sanyii jeneetikii vaayirasichaa eegu yoo ta’u Caasaa bifa Icosahedral qabu lan pirootinii HBcAg irraa ijaaramedha. Kunis genome vaayirasichaa akka hin miidhamne eega.

3. Pirootinii Soluble Antigen (HBeAg):

Inni kun pirootinii seelii keessaa gara dhiigaatti kgadhiifamu faca’u (soluble protein) yoo ta’u, mallattoo vaayirasichi garmalee of-baay’isaa (Active Replication) ta’ee jiraachuu isaa agarsiisudha. Pirootiniin HBeAg’n kun sirna ittisa qaamaa gowwoomsuu keessattis qooda qaba.

2. Ijaarsa Jinnoomii Dhalmaya jeneetikii (Viral Genome Organization:

HBV’N Akka vaayirasoota kaanii osoo hin taane, Sanyii jeneetikii vaayirasichaa, DNA geengoo ta’e (rcDNA) jedhama. rcDNA jechuun bifa dhalmaya vaayirasiin kun qabatee seelii Tiruu ittiin seenudha.

Genome (rcDNA) jedhamu kun geengoo lama guutu hin taane qaba, Sararri (DNA strands) lameen keessaa inni guutuun (Negative strand) jedhama, inni gabaabaa/hir’uun (Positive strand) jedhama.

Dhalmayni HBV DNA geengoo hirdhuu (rcDNA ) jedhamu kun Guddinni isaa gara 3.2 kb (yoo ta’u, dhalmayni kun baay’ee dhiphaa ta’us Open Reading Frames (ORFs): Jinnoomiin HBV genes afur kan wal-irra bu’an (overlapping) qaba:

S-ORF: Pirootinoota haguuggii HBsAg qolla alaa (Large, Medium, Small HBsAg) oomisha.

C-ORF: Pirootinii core (HBcAg) fi pirootinii dhiiga keessa gadi lakkifamu (HBeAg) hojjeta.

P-ORF: Enzyme guddicha DNA Polymerase/Reverse Transcriptase hojjechuuf tajaajila. Enzyme kun dandeettii RNA gara DNAtti jijjiiruu qaba.

X-ORF: Pirootinii HBx oomisha.
Gene’n kun pirootinii baay’ee xiqqaadha garuu baay’ee hammaataadha.

HBx’n adeemsa replikeshinii vaayirasichaa saffisiisuu fi dhaloota kaansarii tiruu (oncogenesis) keessatti shoora guddaa taphata.

Seelii tiruu keessatti “Tumor Suppressor Genes” (kanneen kaansarii ittisan) hojii ala gochuun, seeliin sun gara kaansariitti akka jijjiiramu (HCC) karaa saaqa. .

Akkasumas Pirootiniin HBx kun hojii cccDNA nucleus keessatti dammaqsuu fi oomisha vaayirasii itti fufsiisuu keessatti qooda hangafa qaba. Adeemsa seeliin of-balleessu (cell death) jeeqee vaayirasichi akka lubbuun turu godha

 

3. Adeemsa Seeliitti Maxxanuu fi Seensa Seelii (Viral Attachment and Entry)

Marsaan jireenya vaayirasichaa jalqabaa Seelii Tiruu seenuu fi rcDNA guutamuu irraa jalqaba.

Vaayirasichi seelii tiruu (hepatocyte) dhuunfachuuf tartiiba gadi-fageenya qabu hordofa.

Jalqaba irratti, HBV’n dura pirootiinii haguuggii alaa isaa HBsA fayyadamuun seelii tiruu irratti argamu waliin walitti dhufuun, low-affinity attachment gaggeessa; kunis glycoproteins fi (HSPGs) irratti maxxanuu dha. Kun maxxansa yeroo gabaabaa yoo ta’u, vaayirasichi kallaattiin gara “receptor” dhugaa isaatti akka dhiyaatu taasisa.

Seelii Tiruu qabachuuf tarkaanfiin Inni murteessaan garuu NTCP aragachuudha.

Vaayirasichi pirootinii Pre-S1 fayyadamuun receptor seelii tiruu irra jiru kan NTCP jedhamutti of-fannisa. NTCP’n Haguuggii seelii tiruu asiidii hadhooftuu (bile acid) gara tiruutti galchuuf tajaajilu yoo ta’u, vaayirasichi garuu akka “furtuutti” itti fayyadamuun gara Seelii Tiruu seena.

Vaayirasiin Erga NTCP’n wal-qabatee booda, Achittis haguuggiin alaa (envelope) bulbulamuun, seeliin tiruu vaayirasicha liqimsuun (Endocytosis) kooppii (core) vaayirasichaa cytoplasm keessatti bifa kofoo (Endosome) tiin galcha.

Erga vaayirasichi kofoo seelii (Endosome) keessatti dhuunfatamee booda, adeemsa Membrane Fusion jedhamuun haguuggiin lipidii vaayirasichaa fi haguuggiin kofoo sun walitti makamuun caasaan dhalmaya HBV (Nucleocapsid/Core) gara cytoplasm-itti gadi lakkifama.

Caasaan Nucleocapsid kun dandeettii ofiin socho’uu waan hin qabneef, pirootinii geejjibaa seelii keenyaa kan Dynein jedhamutti fayyadamuun, sarara geejjiba molekulaaraa (Microtubules) irratti fe’amee gara wiirtuu seelii (Nucleus) tti imala.

Yommuu haguuggii nucleus (NPC) bira gahu, pirootinii fudhattuu kan Importin α/β jedhamuun wal-qabachuun karra nucleus-ittii dhiyaata; Nucleocapsid’n kun karaa “Nuclear Pore Complex” jedhamuun lixuun DNA vaayirasichaa nucleus keessa galcha. achumaan caasaan sun dhalmaya vaayirasichaa kan bifa rcDNA qabu kallaattiin wiirtuu nucleus keessatti gadi lakkisa. Yommuu foddaa nucleus bira gahu, capsid-ichi ni dho’a; DNA vaayirasichaa (rcDNA) handhuura seelii (nucleus) keessa lixa.

4. Akkaataa rcDNA Hidhuun guutamuu fi vaayirasiin Warshaa Dhalmayaa cccDNA Dhokataa Itti Ijaarratu.

Genome HBV jalqabaa kan seelii keessa seenu, Bifti Sanyii jenetikii (rcDNA) kun bifa geengoo hirdhuu (incomplete) bifa hir’uu kan qabu yoo ta’u, Kanaaf rcDNA’n vaayirasichaa kun akka sanyii jenetikii DNA guutuu osoo hin taane akka DNA miidhame (damaged DNA) fakkaatee mul’ata, Qaamni Vaayirasii hidhuun kun Gargaarsa Seelii Keenyaan guutama.

rcDNA Hirdhun kun Adeemsi inni ittiin guutamee gara cccDNA tti jijjiiramu baay’ee dinqisiisaa dha:

Vaayirasiin HBV enzaayimoota dhaalmaya isaa suphan nucleus keessaa hin qabu. Garuu Vaayirasiin HBV enzaayimoota seelii tiruu keenyaa kanneen dhalmaya namaa suphuuf tajaajilan gowwoomsuun akka isaaf suphan taasisa.

Wiirtuu seelii tiruu Nucleus keessatti sirni of-eeggannoo seelii keenyaa kan DNA repair machinery jedhamu jira. Sirni kun Hojiin isaa DNA miidhame ykn cite suphuuf enzaayimoota tajaajilan qaba.

Sirni suphaa kun yeroo rcDNA’n vaayrasii HBV Guutu hin taane wiirtuu Seelii nucleus keessatti argamu, rcDNA sana akka “DNA isaanii kukkutamee yokan miidhameetti” fudhata Seeliin keenya vaayirasicha balleessuu dhiisee akka waan qaama isaa keessaa tokko miidhamee jiruutti “suphuuf” carraaqii jalqaba.

Enzaayimoonni seelii keenyaa kanneen akka DNA Polymerase δ/ε hirdhuu rcDNA sana irratti jiru suuta suutaan guutu.

rcDNA Positive strand irratti enzaayimiin vaayirasichaa (Polymerase) dhalmaya sanaan wal-qabatee jira. Jalqaba irratti enzaayimiin RNase H fi proteinota biroo dhalmaya sana irraa buqqifamuu qaba.

Itti aansuun sararri DNA inni gabaabaa, jechuun “positive DNA strand” sun enzaymoonni seelii keenyaa kan DNA polymerases jedhaman fayyadamuun dheerachuu jalqaba. Enzymoonni kun iddoo banaa yokan hir’uu rcDNA sana irratti dhangala’aa dhalmayaa (nucleotides) itti naquun qaama hir’uu vaayrasichaa sana suphee guutuu godhee xumuraa!.

kunis DNA hir’uu vaayrasichaa sana gara bifa Guutuu double-stranded DNAtti jijjiiruuf tarkaanfii barbaachisaa dha.

Erga sararoonni Hir’uun DNA Vaayrasii HBV lamaan guutamanii fi qaamni hin barbaachifne irraa haqamee booda, Enzymiin seelii kan DNA ligase jedhamu fiixee sararoota DNA sana lamaan walitti hidhuun geengoo jabaa fi cufamaa ta’u taasisa taasisa. Adeemsa kanaan rcDNA’n hirdhuu ture gara cccDNA tiin jijjiirama.

Kuusaan Vaayrasii cccDNA’n kun baay’ee jabaadha; pirootinii Histone jedhamuun marfamee bakka gadi fagoo nucleus keessatti waan dhokatuuf, enzaayimoota vaayirasii balleessanii fi sirna ittisa qaamaa fi qorichoota ammayyaa jalaa milquu danda’a.

cccDNA’n kun nucleus keessatti akka waan dhalmaya seelii keenyaa tokkootti (Mini-chromosome) ta’ee of-hambisa; inni kun “blueprint” ykn madda vaayirasichi waggoota hedduuf ittiin of-dhoksuu fi ittiin of-baay’isu yoo ta’u, Hojiin Isaa akka madda vaayrasii (template) ta’ee tajaajila. Isarraa ka’uun vaayirasichi DNA isaa dhaloota haaraa baay’inaan oomisha.

Vaayirasiin HBV Haala kanaan seelii keenya gowwoomsee “DNA koo naaf suphi” jedha. Seeliin keenyas osoo hin beekin vaayirasicha suphee gara bifa dawaa fi sirna ittisa qaamaan dhabamsiisuun baay’ee ulfaataa ta’e (cccDNA) jedhanu tti jijjiira. Kunis dhibichi waggoota hedduu utuu hin badin akka namarra turu taasisa.

5. Adeemsa Of-baay’isuu (HBV Replication Cycle)

Adeemsi of-baay’isuu vaayirasii HBV (HBV Replication Cycle) tarkaanfiiwwan molekulaaraa wal-xaxaa fi adda ta’an kan hordofu yoo ta’u, keessattuu dandeettii dhalmaya DNA irraa gara RNA’tti, deebisee ammoo RNA irraa gara DNA’tti jijjiiruun (Reverse Transcription) beekama.

Tartiibni saayinsaawaa adeemsa kanaa akka armaan gadiitti dhihaata:

rcDNA’n hirdhuu sun enzaayimoota seelii keenyaatiin suphamee Erga nucleus seelii tiruu keessatti warshaan dhalmayaa (cccDNA) ijaaramee booda. cccDNA irraa RNA’n adda addaa (pre-genomic RNA) oomishamee RNA’n kun nucleus keessaa ba’uun gara cytoplasm tti deema. Achittis pirootiniiwwan vaayirasii (HBsAg, HBcAg, HBeAg, fi Polymerase) ni oomishamu. pgRNA’n pirootinii Core fi Polymerase waliin walitti qabamuun Nucleocapsid haaraa ijaaru. Nucleocapsid keessatti, enzaayimiin Polymerase jedhamu RNA (pgRNA) gara DNA haaraatti (rcDNA) jijjiira. Adeemsi kun “Reverse Transcription” jedhama; kunis vaayirasoota DNA kaan irraa adda isa taasisa.

Dhumarratti cccDNA kana irraa vaayirasiiwwan haaraa ijaaramanii Gadi lakkifamu.

Vaayirasiin HBV haaraan dhalmaya DNA qabate kun karaa lama hordofuu danda’a:

Vaayirasiin gariiin Gara nucleus-itti deebi’uun kuusaa cccDNA dabalataan dabalataa uumuun dhibichi akka itti fufu godhu.

Lammaffaan Gara caasaa seelii Endoplasmic Reticulum fi Golgi complex imaluun haguuggii lipidii pirootinii HBsAg qabu uffata. Dhuma irratti, vaayirasiin HBV guutuun (Dane particle) karaa adeemsa Exocytosis jedhamuun seelii keessaa ba’ee dhiiga seena.

Vaayirasiin haaraan kun karaa ujummoo seelii (Exocytosis) gara dhiigaatti gadhiifamuun seelota tiruu biroo weeraru.

Vaayirasoonni haaraa (Virions) uumamuun seelii tiruu Vaayirasii qabu keessaa gadi lakkifamanii gara dhiigaa seenuun seelii fayyaa biroo faalu. Adeemsi kun seelii tiruu osoo hin ajjeesin (non-cytopathic), ta’een gadi dhiifama garuu hojii seelichaa dhuunfachuun raawwatama.

6. Adeemsa Dhibee Fiduu fi Miidhaa Tiruu (Viral Pathogenesis & Cellular Injury)

 

Vaayirasiin kun ofii isaatiin seelii tiruu hin ajjeesu (non-cytopathic) dha.

Vaayirasiin Hepatitis B (HBV) seelota tiruu (hepatocytes) keessa kan jiraatu ta’us irratti miidhaan inni geessisu kallattiin vaayirasicha irraa kan dhufu (direct cytopathic effect) osoo hin taane, deebii sirna ittisa qaamaa (host immune response) irraa kan madduudha.

Vaayirasichi seelii tiruu (Hepatocytes) seenuun sanyii isaa (DNA) sanyii seelii keenyaa wajjiin walitti madaqsee of baay’isa, malee Kallattiin seeliiwwan tiruu hin miidhu. Vaayirasichi seelii Tiruu keessatti utuu madaa’insa (Inflammation) battalaa hin uumin, suuta suutaan of-baay’isa waan ta’eef yeroo baay’ee dafee sirna ittisa qaamaa hin dammaqsu.

Vaayirasichi sirna ittisa qaamaa Gara sadarkaa Obsa Sirna (Immune Tolerance Phase)tti waan jijjiruuf, Vaayirasiin dhiiga keessatti Of baay’isee jira garuu, sirni ittisa qaamaa vaayirasiin “kun diinadha” jedhee waan hin yaadneef Vaayirasii tiruu keessatti argamu kana irratti waraana hin banu.

Kanaan kan ka’e, hanga sirni ittisaa deebii kennutti dhukkubbiin Naamtti dhaga’amu hin jiru, garuu vaayirasichi seelii tiruu keessa jira.

Garuu Waggoota dheeraa booda yeroo sirni ittisa qaamaa “dammaqee” Vaayirasii HBV Ajjeesuu eegalu miidhaan tiruu (Liver Damage) Immune-Mediated Damage uumama.

Seeliin sirna ittisa qaamaa (CTLs/CD8+ T-cells) yeroo aseeliiwwan Tiruu Vaayirasichaan faalaman ajjeesuuf yaalan seeliiwwan fayyaa waluma tti qabuun ajjeesa.
Kunis akka (Inflammation/Hepatitis) uumamu taasisa. Lolli sirna ittisaa kun yeroo dheeraa (chronic) yoo ture, seeliin tiruu miliyoonaan lakkaawwaman ni du’u, ciccitaa (scar tissue) uumaa deema; kunis gara madaa Tiruu Cirrhosis tiruu gogsuu fi kaasanii Tiruu HCC tti geessa.

7. Adeemsa Sirna Ittisa Qaamaa Jijjiiruu (Immune Modulation & Evasion Strategy)

Vaayirasiin HBV dhibee Dhokataa “Stealth Virus” Infeekshinii Callisaa” (Silent Infection) jedhamee beekama.

Vaayirasiin Hepatitis B yeroo qaama keessa seenu yeroo baay’ee dhukkubbii cimaa hin uumu. Inni kaayyoon isaa seelota tiruu (Hepatocytes) keessa dhokatee of baay’isuudha. Kana gochuuf sirna ittisa qaamaa keessatti jijjiirama fida.

Vaayirasiin HBV akka sirni ittisa qaamaa Isa hin ajjeefaneef Tooftaalee sirna ittisa qaamaa doofomsuu kan “Immune Decoy Strategy” jedhamu fayyadama.

Vaayirasichi yommuu seelii tiruu keessatti of-baay’isu, vaayirasii dhugaa isa dhibee fidu “Dane Particle” qofa osoo hin taanee,
Meeshaa sobaa DNA vaayirasichaa hin qabnee fi kan dhibee hin fidne (SVPs / Non-infectious) pirootinii HBsAg (lipid) qofa irraa ijaaraman miliyoona heddu Oomishee gadi lakkisaa.

Subviral Particles Kunneen pirootinii HBsAg qofa irraa ijaaraman. DNA waan hin qabneef dhibee hin daddarsan, garuu baay’inaan (1,000–10,000x) Dane particle caalanii dhiiga keessatti argamu. Hojiin isaanii “Immune Decoy” dha; sirna ittisa qaamaa gowwoomsuun akka inni vaayirasii dhugaa haleeluu dhiisee isaan kanaan qabamu gochuudha.

Geengoowwan DNA hin qabne kunneen loltoota ittisa qaamaa kan akka (T-cells) goyyoomsaa yeroo dheeraa wal-irraa hin cinneen nuffisiisanii dadhabsiisuu.

Sirni ittisa qaamaa Infeekshiniin yeroo dheeraa yoo ture, seeliin T-cell ni nuffa, ni dadhaba; pirootinii PD-1 jedhamu gubbaa isaatti uummachuun vaayirasicha loluu dhaaba. Akkasumas Vaayirasiin kun mallattoo seeliin ittisa qaamaa (Interferon) walii dabarsan ni gufachiisa.

Adeemsi kun keessattuu loltoota sanyii CD8+ T-cells jedhaman dandeettii vaayirasicha dhiiga keessaa qulqulleessuu akka dhaban taasisa. Haalli kun seelota tiruu keessatti dhalmayni vaayirasichaa (cccDNA) akka dhokatee turu fi sirni ittisa qaamaa ammoo vaayirasicha akka “keessummaa nagaatti” akka simatu taasisa.

Vaayrasii kun Sirna ittisa qaamaa idilee kan vaayirasicha irratti haleellaa raawwatu gara haala dandamachuu ykn Marsaa Obsaa sirna ittisa qaamaa (Tolerance Phase) jedhamuutti jijjiraa. Kunis haala fiiziyoloojii sirni ittisa qaamaa seelii vaayirasichaan qabaman adda baasuu fi haleeluu dhiisee vaayirasichaa wajjiin waliin jiraatu dha.

Vaayirasichi haalota kanaan sirna ittisa qaamaa keenya gowoomsuun (immune evasion) dadhabsiisee waggoota dheeraaf qaama keenya keessa tura. Garuu booda yeroo sirni ittisa qaamaa dammaqe Madaa tiruu Cirrhosis fi Fibrosis Booda immoo Kaansarii tiruu HCC fiduu danda’a.

8. BIFA TURTII VAAYIRASICHAA (VIRAL PERSISTENCE: cccDNA AND INTEGRATION)

HBV’n dhoksaan akka namni hin beeknetti waggoota dheeraaf tiruu keessa kan turuuf tooftaa lamaan:

Tokkoffaan cccDNA (Episomal Persistence):

cccDNA’n niukilaasii seelii keessatti bifa m(stable episome) ta’ee waggoota dheeraaf tura. Qorichoonni Ammayyaa vaayirasichi dhiiga keessa akka hin baay’anne dhowwu malee, cccDNA kana dhabamsiisuu hin danda’an.

Lammaffaan DNA Integration: DNA’n vaayirasichaa kallaattiin sanyii ilma namaa keessa lixa. Adeemsi kun of-baay’isuuf barbaachisaa ta’uu baatus, kansaarii fiduuf (Carcinogenesis) gahee guddaa qaba.

Vaayirasiin Hepatitis B amala addaa tokko qaba: innis utuu tiruun madaa’ee hin miidhamin kansaarii Tiruu HCC uumuu danda’a.
Vaayirasichi DNA seelii tiruu keessa seenuun jijjiirama sanyii (Genetic Mutation) uuma. Kun immoo dhibeen sun mallattoo Madaa tiruu Cirrhosis tokko osoo hin agarsiisin, akka tasaa kansaariin akka Uumamu godha.

Vaayirasichi kallaattiin sanyii seelii tiruu (DNA) waan jijjiiruuf, namni sun osoo tiruun isaa madaa’ee hin dhumun kansaariin irratti mul’achuu danda’a. Kunis, namni sun dhukkubbiin isatti hin dhaga’amin, iji isaa osoo hin keelloo hin tahin, osoo dhukkubsatee hin ciisiin kansaariin Tiruu HCC isa qabu danda’a.

9. Sadarkaalee Dhibee Chronic HBV (Clinical Phases of Chronic HBV)

Sadarkaaleen dhibee vaayirasii Chronic Hepatitis B adeemsa wal-xaxaa baay’ina vaayirasichaa (Viral Load) fi deebii sirna ittisa qaamaa (Immune Response) irratti hundaa’uun bakka afuritti qoodamu. Sadarkaaleen kun yeroo hunda tartiiba gadii kanaan wal-duraa duubaan hin deeman; dhukkubsataan tokko sadarkaa tokko irraa gara kaanitti darbuu ykn deebi’uu danda’a. Adeemsi dhibee kanaa “static” ykn kan iddoo tokko dhaabbatu osoo hin taane, “dynamic” kan yeroo gara yerootti jijjiiramuudha.

Sadarkaalee kan Infeekshinii Chronic Hepatitis B Infekshiniin sadarkaalee gurguddaa afur keessa darbu Ibsa gadi-fageenyaan qabu wajjiin akka armaan gadiitti dhiyaateera:

1. Sadarkaa Obsa Ittisa Qaamaa (Phase I: Immune Tolerant Phase)

Sadarkaan kun yeroo baay’ee namoota vaayirasicha ijoollummaatti qabaman irratti waggoota dheeraaf turuu danda’a. Sadarkaa kana irratti vaayirasiin Hepatitis B (HBV DNA) dhiiga keessatti baay’ee ol-ka’aa (Viral Load >10⁷ IU/mL) yoo ta’u, mallattoon baay’ina vaayirasichaa (HBeAg) Pozitiivii dha. Garuu, sirni ittisa qaamaa vaayirasicha akka diinaatti waan hin haleelleef, enzaayimoonni tiruu (ALT/AST) sadarkaa idilee (Normal) irratti jiraatu. Tiruun madaa (Fibrosis) irraa bilisa yoo ta’u, dhukkubsataan sun gara sadarkaa 2ffaatti kan ce’u yommuu sirni ittisa qaamaa dammaquun seelota Tiruu Vaayrasii HBVn weeraraman haleeluu jalqabu dha.

2. Sadarkaa Haleellaa Ittisa Qaamaa (Phase II: Immune Active/Clearance Phase)

Ce’umsi sadarkaa 1ffaa irraa gara 2ffaatti kan raawwatamu yommuu sirni ittisa qaamaa (T-cells) vaayirasicha beekee loluu jalqabudha. Lola kanaan kan ka’e, seeliin tiruu ni du’a, kunis inzaayimiin tiruu (ALT) dhiiga keessatti akka malee akka dabalu taasisa. Viral load (HBV DNA) sadarkaa 1ffaa irra xiqqaatus, ammas ol’aanaadha (2,000 – 10^7 IU/mL). Sadarkaan kun dhibee tiruu (necroninflammation fi fibrosis) fiduuf carraa guddaa qaba; yoo yeroo dheeraaf itti fufe gara kansaarii ykn tiruu goguutti (cirrhosis) geessa. Dhukkubsataan sadarkaa kana irraa gara sadarkaa 3ffaa ce’u yeroo immune system vaayirasicha to’achuu danda’ee replication isaa gadi buusu; yeroo hedduu HBeAg → anti-HBe seroconversion ta’a, viral load gadi bu’a, ALT deebi’ee normal ta’a.

3. Sadarkaa Rafuu Vaayirasichaa socho’uu dhabu Inactive Inactive (Phase III: Inactive Carrier State)

Dhukkubsataan tokko sadarkaa 2ffaa irraa gara 3ffaatti kan ce’u yommuu sirni ittisa qaamaa vaayirasicha injifatee baay’ina isaa gadi buusudha. Mallattoon ce’umsa kanaa HBeAg dhabamee Anti-HBe (seroconversion) uumamudha. Sadarkaa kana keessatti Viral load (HBV DNA) baay’ee gadi bu’aadha (yeroo baay’ee <2,000 IU/mL) ykn dhabameera. Inzaayimiin tiruu (ALT) gara idileetti deebi’a, tiruun miidhama irraa boqochuu jalqaba. Namni sadarkaa kana jiru “inactive carrier” jedhama.

Dhukkubsataan tokko sadarkaa kana irraa gara sadarkaa 4ffaatti kan ce’u, yommuu vaayirasichi amala isaa jijjiiruun (Mutation) deebii ittisa qaamaa jalaa milquu jalqabu dha.

4. Sadarkaa Vaayirasii Amala Jijjiirratee Deebi’ee-ka’u (Phase IV: HBeAg-negative Reactivation Phase)

Ce’umsi sadarkaa 3ffaa irraa gara 4ffaatti kan raawwatamu yommuu vaayirasiin sun bifa isaa jijjiiruun (pre-core mutation) sirna ittisa qaamaa jalaa milquudha.

Dhukkubsataan sun HBeAg Negaatiivii ta’us, vaayirasichi sirna ittisa qaamaa gowwoomsee dhoksaan, deebi’ee Of baay’isa dhuunfannoo (reactivation) jalqaba. Sadarkaa kana keessatti, HBeAg hin jiru (negative), garuu Viral load (HBV DNA) deebi’ee dabala (>2,000 IU/mL). Inzaayimiin tiruu (ALT) deebi’ee ol ka’a, miidhaan tiruu suuta jedhee itti fufa. Sadarkaan kun baay’ee hadhaawaadha, sababiin isaas vaayirasichi dhokatee waan baay’atuuf yaala addaa barbaada.

Sadarkaaleen dhibee Chronic HBV Armaan olitti ibsaman wal-hordofuu danda’u ykn namni tokko sadarkaa tokko irraa gara kaaniitti ce’uu danda’a. Iccitiin dhibee kanaa baay’ina vaayirasii (Viral Load) fi deebii loltoota qaamaa jidduu jiruun kan beekamu dha. Sadarkaa Phase II fi Phase IV keessatti tiruun saffisaan waan miidhamuuf hordoffii cimaa fi yaala hatattamaa barbaada.

Dhibeen kun sadarkaa dhaabbataa tokko irratti kan hin qabne yoo ta’u, baay’ina vaayirasii (Viral Load), mallattoo HBeAg, fi enzaayimoota tiruu (ALT/AST) irratti hundaa’uun sadarkaalee gurguddoo Afran armaan olitti ibsaman keessa darba.

Adeemsi ce’umsa Chronic HBV madaallii humna vaayirasichaa fi deebii ittisa qaamaa gidduu jiru dha. Ce’umsi sadarkaa 1ffaa irraa gara 2ffaatti kan raawwatamu yommuu sirni ittisa qaamaa seelota tiruu weeraraman haleeluu jalqabu yoo ta’u, ce’umsi sadarkaa 3ffaa irraa gara 4ffaatti immoo yommuu vaayirasichi gowwoomsaa sirna ittisaa fi dhuunfannaa DNA (pre-core mutation) uumee deebi’ee dammaqu dha.

Vaayrasiin Hepatitis B vaayirasii caasaa molekulaaraa fi marsaa jireenya baay’ee walxaxaa qabuun seelii tiruu keessa seenuun warshaa cccDNA uumee, wiirtuu seelii tiruu keessatti gadi fageenyaan of Awwaalaa, Akkasumas tooftaalee adda addaa fayyadamuun Sirna Ittisa Qaamaa Gowwoomsuu fi dadhabsiisuu kanaan qaama namaa injifatee utuu hin du’in jiraata.

Sababoota kanaan kan ka’e Yaalli Vaayirasii HBV yokan qorichi tokko dhibee Hepatitis B guutummaatti fayyisuuf (Functional/Sterilizing Cure) fiduuf mala hojii (Mechanism of Action) kallaattii sadii walitti dabalate qabaachuu qaba:

1- Kallaattiin bakka vaayirasichi itti dhokatu cccDNA bira gahuu fi kuusaa vaayirasii sana Dhabamsiisuu fi Cufuu qaba.

2- Pirootinii HBsAg dhiiga keessaa haxaa’ee balleessuu (Antigen Clearance) qaba.

3- Loltoota qaamaa (T-cells) vaayirasichaan nuffanii, rafan deebisee dammaqsuun
Dhukkubsataan sun farra-vaayirasii mataa isaa (Anti-HBs Seroconversion) akka uummatu gochuun, ittisni akka uumamu taasisuu qaba.

10. GOOLABA FI YAADA XUMURAA (CONCLUSION)

Gabaasni kun akka argisiisutti, HBV vaayirasii baayoloojii molekulaaraa wal-xaxaa qabu fi sirna ittisa qaamaa goyyoomsee namaa keessatti waggoota dheeraaf dhokatee jiraachuu danda’udha.

CccDNA’n niwuklasii seelii tiruu keessatti uumamuun isaa gufuu guddaa dhibee kana Dawaa Ammayyaatiin guutummaatti yaaluu (complete cure) irratti mudatu dha.

Baayoolojiin HBV nucleus seelii keessatti bakka jabaa (cccDNA reservoir) uumuu fi adeemsa Reverse Transcription irratti hunda’uun isaa vaayirasicha baay’ee wal-xaxaa taasisa. Uumamni isaa kun sirna ittisa qaamaa gowwoomsuu fi yaala ammayyaa jalaa milquuf dandeettii ol-aanaa kennaaf.

Barreeffamni kun baayoolojii HBV jalqaba irraa hanga dhumaatti ibsuun, dhibee kana hundee irraa dhabamsiisuuf hubannoo molekulaaraa cccDNA fi adeemsa of-baay’isuu isaa irratti xiyyeeffachuun murteessaa akka ta’e mirkaneessa. Infekshiniin vaayirasii kanaa madaallii jidduu of-baay’isuu vaayirasichaa fi deebii ittisa qaamaa irratti hunda’uun sadarkaalee adda addaa keessa darba. Dhuma irratti, hordoffiin yeroo hunda godhamu dhibicha to’achuu fi miidhaa tiruu irraa of eeguuf murteessaa dha.

Gabaasni saayinsaawaa gadi-fageenya qabu kun kan qophaa’e Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa tiini. Giddugalichi tooftaa qorannoo saayinsaawaa ammayyaa fi qorannoo molekulaaraa hordofuun, baayoolojii wal-xaxaa vaayirasii HBV irratti hubannoo gahaa erga argatee booda, yaala dhibee kanaa kan ta’e dawaa uumamaa (Herbal Medicine) bu’a-qabeessa ta’e qopheeseera. Yaalli uumamaa kun madda vaayirasichaa nucleus keessaa qulqulleessuu fi dandeettii ittisa qaamaa deebisee dammaqsuu irratti qorannoo irratti hundaa’uun ijaarameera.

Gabaasni saayinsaawaa gadi-fageenya qabu kun kan qophaa’e Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa tiini. Giddugalichi tooftaa qorannoo saayinsaawaa ammayyaa fi qorannoo molekulaaraa hordofuun, baayoolojii wal-xaxaa vaayirasii HBV irratti hubannoo gahaa erga argatee booda, yaala dhibee kanaa kan ta’e dawaa uumamaa (Herbal Medicine) bu’a-qabeessa ta’e qopheeseera. Yaalli uumamaa kun madda vaayirasichaa nucleus keessaa qulqulleessuu fi dandeettii ittisa qaamaa deebisee dammaqsuu fi fayyina dhaabbataa bifa fiduu danda’uun qorannoo irratti hundaa’uun ijaarameera.

Kutaa itti Aanu keessatti tooftaa yaala Vaayrasii kanaa fi mala hojii Mechanism Dawaalee Uumamaaa dhibee kana fayyisuu danda’anu irratti ibsa bal’aa Maxxansina.

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *