Balaa miidiyaa Hawaasaa fi slphina feemasoonni biyyatti fidaa jiranu!

Addunyaa ammaa keessatti odeeffannoo saffisaan tamsa’a, Miidiyaaleen hawaasaa, tajaajiloota waltajjii gabaabaa (TikTok, Instagram Reels, YouTube Shorts, fi kkf), fi barreeffamoota gabaabaa tweet, post gabaabaan bakka guddaa fudhateera.

Kun ammoo namoota wallaalummaa cimaa qaban yeroo gabaabaa keessatti akka beekumsaa fi aangoo argatan taasisee jira!

Namoonni kun waan miira namaa kakaasu danda’an, gadhiisu hawaasnis dhugaa yookaan soba ta’uun osoo hin ilaalle, beekamtii guddaa isaa qaban qofa ilaalee Waan jarri dubbatan fudhata!

Sababa wallaalaa ol fuune bakka Guddaa keenyeef salphanne!

Dhaloonni feemasoota hordofu boodattii hafaa ta’uun isaa shakkiin tokko hin jiru!

Feemasii jela fiigdee taanaan,

Utuu hin beekin dubbattaa!

Utuu hin Argine murteessita!

Utuu hin qoratin nama si caalu arrabsita!

Ni faarsita garuu Maaliif akka faarsaa jirtu hin beektu!

Ni jibbita garuu Maaliif akka jibbaa jirtu hin beektu! Callisanii fiigudha!

Callisanii sodaa tokko malee ofitti amanamummaa guutuun An goota An dhiira jedhanii beekamaa ta’u!

Jarri beekamti argachuuf malee kaayyoo hawaasa barsiisuu fi rakkataa deeggaruu hin qaban! Beekamti argachuuf yoo fedhan guddaa salphisu! Dhiiraan durba jedhu! Amantii fi aadaa Hawaasaa xiqqeessu! Namoonni safuu hin qabne kan guddaa salphisanuu fi jecha fokkisaa dubbatan akka salphaatti beekamaa ta’u! Erga nama beekamaa ta’anii booda akka nama aangoo fi beekumsa guddaa qabutti kabajaa argatu! Utuu Pirofeesarrri biyyaaf waan gaarii kalaqe jiru isaantu miidiyaa irratti haffeeramee waa’ee siyaasdiingdee biyyaa dubbata! Akka hayyuutti furmaata rakkoo hawaasa gaafatama! Haala kanaan gara salphinaatti deemaa jirra!

Namni walaalummaan feemasii ta’e lammaffaa waan hundumaa irratti yaada kennuu jalqabaa abba barbaade mataan gadi gargalchee! Beekaa fi beekumsa irraa namoota baqachiisaa!

Hawaasni dhugaa fi soba addaan baasuu dadhabe, namoota beekumsa qaban irratti amantaa dhabee, namoota beekumsa hin qabneef bakka kenna.

Hawaasa hubannoo hin qabne keessatti Namni tokko beekamaa ta’uuf beekumsa gadi fagoo hin barbaachisu! odeeffannoo sobaa daqiiqaa 1 keessatti dabarsuun miliyoona hedduu daawwattoota argata, waan miira namoota kakaasuu xiqqoo qabatanii gara TikTok / YouTube Shorts – dhufanii mootii biyyaa ta’u!

Hawaasni wallaalaa sammuu fi beekumsa hin qabne like fi Follow dhaan mootii godhee! Deebi’ee ittiin arrabsamaa jira! Ijoollee kaleessa gadi teenyee like fi Follow dhaan ol isaan kaafneen beekaan keenya salphaate! Guddaan keenya xiqqaate! Namoonni Bal’isanii yaadanu kabajaa dhabaniiru! Namoonni beekumsa dhugaa qabanu bakka dhabaa jiru!.

Hawaasni xiinxaluu fi bal’inaan yaaduu caalaa namoota Followers qabaniif bakka kennaa jira!

Beektotni Dhugaa – odeeffannoo sirrii, ragaa, fi qorannoo gadi-fageenya qabu qopheessanii, namoota muraasa qofa biratti daawwatama.

Beekumsa osoo hin taane Miira Irratti Xiyyeeffachuu gudddataa jira!

Odeeffannoon (qoosa, sodaa, aarii, gaddaa, jaalala) saffisaan yeroo gabaabaa keessatti hedduu tamsa’a fudhatama guddaa argata!.

Beekumsa gadi fagoo fi dhugaan qorannoo fi xiinxalli dhugaa fi saayinsaawaa fudhatama hin qabu!.

Kanaaf namni miira namootaa tti taphatu beekumsa tokko malee fudhatama argata.

Ija keenya gara dhugaatti ha deebisnu! Biyyoonni guddatan balaa miidiyaa Hawaasaa fi feemasoota waan beekaniif YouTube fi TikToki kkf daangeffamaa jira! Nu garuu waan hin beekneef du’aa jirraa! Yakkamaa dhiifne miidhamaa yakkaa jirra! Siyaasaan biyya keenya beekaa harka bahee wallaalaa irratti kufaa jira! Dammaquun nu barbaachisa! Dhaloonni kufaa jira boolla tti deemaa jirra!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *