Rakkoo Dhukkuboota Walhormaataa..


Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa (STI) Itoophiyaa keessatti.

Dhukkuboonni daddarboon Infeekshiniin walqunnamtii saalaa (STIs) rakkoo fayyaa hawaasaa gurguddoo Itoophiyaa keessatti mul’atan keessaa tokkodha.

Dhukkuboonni kun Kallattiin fayyaa namoota dhuunfaa, keessumaa dubartoota ulfaa irratti dhiibbaa kan geessisan yoo ta’u, rakkoo fayyaa, kan akka Kaansarii fi Maseenummaa yokan Dhala dhabuuf nama saaxilanu dha!

Infeekshiniin walqunnamtii saalaa (STIs) garee Dhukkuboota infekshinii garaagaraa yoo ta’an adda durummaan karaa walqunnamtii saalaa fi dhungooo afaanii tuttuqqii gosa adda addaatiin daddarbu,

Dhukkuboonni kun sababa fi mala wal’aansa isaaniitiin garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, akka waliigalaatti gosoota gurguddoo lamatti qoodamu isaaniis kan baakteeriyaa fi vaayiresii dhaan dhufani dha:

1. Infeekshinii Baakteeriyaa

Isaan keessaa dhukkuboota akka Dhukkuba gogaa fanxoo-Syphilis fi Dhukkuba, dhiiraa yokan Cobxoo – Gonorrhea fi kilaamidiyaa fi kkf.

Isaan kun baakteeriyaa dhabamsiisuun danda’amu ykn qoricha farra baakteeriyaatiin yaalamuu danda’anidha.

Yeroo dafanii adda baafaman carraa fayyuu olaanaa yoo ta’u, yaala tuffachuun Of irraa tursiisuun garuu rakkoo fayyaa hamaa fi wal xaxaa fiduu danda’a.

Rakkooleen Infeekshinii kunneen yoo hin Wal’aanamne namatti fidanu:

Dhukkuba (PID) baakteeriyaa qaama saalaa irraa gara gadameessaa fi ujummoo gadameessaatti babal’achuu isaatiin kan dhufu yoo ta’u, dhukkubbii yeroo dheeraa fi carraa dhala argachuu irratti dhiibbaa geessisa.

Sababa kanaaf Rakkoo Dhala dhabuu yokan Maseenummaa ni mudata!

Rakkoolee infekshinii baakteeriyaa keessattuu kilaamidiyaa fi dhukkubni dhiiraa gonooriyaan kanneen miidhaa ujummoo gadameessaa irratti fidanii fi rakkina kanaaf nama saaxilanu keessaa isa tokkodha!Carraa ilmoo dhabuu fi Ulfa gadameessaa Alaatiif nama saaxila.

 

2. Dhukkuboota Vaayirasii walhormaata:

Dhukkuboota Vaayirasii:

Vaayirasii hir’ina ittisa qaamaa namaa (HIV) (HSV-2) (HPV) of keessatti qabata.

Isaan kunneen Guutummaatti fayyuu hin danda’an, garuu yaala farra vaayirasiitiin to’achuun ni danda’ama.

Vaayirasiin kun tokko tokko kan akka HPV utuu hin yaalamin yoo ture jijjiirama seelii kan kaansarii gadameessaa fiduu danda’u dha.

Ityoophiyaa keessatti tamsa’inni HIV qormaata fayyaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, ittisaa fi wal’aansa cimaan taasifamaa jira.

Dhukkubni Vaayiresii walhormaata HPVn dubartoota Itoophiyaa iratti kaansarii gadameessaa fiduun sadarkaa ol’aana qabatee jira! talaallii babal’isuu fi sagantaa qorannoo dafanii adda baasuu guddisuun barbaachisaadha.

Dhukkuboonni vaayiresii walhormaata kunneen osoo hin yaalamin yoo turan

Carraa Kaansarii Gadameessaa fi du’a yeroo daa’imsaa akkasumas du’a daa’immanii guddisu.

Kaansariin Gadameessaa Adda durummaan dhukkuba vaayirasii (HPV) yeroo dheeraaf qabamuun kan dhufu yoo ta’u, sababa du’a dubartoota Itoophiyaa keessatti adda dureedha.

Rakkoolee ulfaa

Da’umsa irratti du’uu fi (ulfa dhabuu), du’a daa’imman reefuu dhalatan, fi dhukkuba sifiilisii dhalootaan dhufu kan mudaa dhalootaa hamaa kan fidu dha.

Ityoophiyaa Keessatti Tatamsa’ina Dhukkuboota Walqunnamtii Saalaa Daddarbanii olaana ta’e jira.

Qorannoon Kibba Lixa Itoophiyaa (Hospitaala Mezan-Tepe) keessatti godhame Bu’aa Qorannichaa: Dubartoonni ulfaa %16.7 dhukkuboota daddarbudhaan qabamaniiru.

Dubartoota ulfaa keessatti baay’inni dhukkuba saalqunnamtiitiin daddarbu (STI) kun fayyaa haadhaa fi daa’ima gadameessaa irratti balaa guddaa fida. Dhukkuboonni kunneen keessaa muraasni kanneen akka HIV fi hepatitis B haadha irraa gara daa’imaatti daddarbuu waan danda’aniif yeroo ulfaa qorannoo cimaa fi dafanii yaaluun barbaachisaadha.

Qorannoon biraa giddugala Itoophiyaa Hospitaala Assallaa tti godhame Bu’aa qorannoo Dubartoonni ulfaa %26.6 Dhukkuboota daddarboo ta’an keessaa tokko kan qaban yoo ta’u kana keessaa

Dhukkuba Kilaamidiyaa: %9.8 .

Tiraakoomaa: %5.3 .

Dhukkuba simbiraa vaayirasii tiruu B: %5.3 .

Dhukkuba gogaa fanxoo: 4.3% .

Qorannoon kun akka agarsiisutti, naannoo tokko tokkotti Dhukkuboonni daddarboon saffisa faca’iinsaa Ol’aanaa ta’uudha.

 

Dhiibbaa Dhukkuboonni Walqunnamtii Saalaa Ulfaa fi Daa’imman Reefu Daa’imman Irratti Qaban

Qorannoon akka mirkaneessetti dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban jedhaman qabamuun yeroo ulfaa saffisa ulfa baasuu/ yeroo malee da’uu fi daa’imman du’anii dhalachuu dabaluu wajjin walqabatee jira.

Infeekshiniiwwa kun karaa gadameessaa ykn yeroo da’umsaa kan daddarban yoo ta’u, daa’imni tokko yeroo gadameessa keessa jiru du’uu danda’a yookaan immoo daa’ima Fayyaan isaa dadhabaa ta’ee dhalata! dhukkuboota ciccimoo guddinaa fi fayyaa isaa irratti dhiibbaa geessisaniif saaxilama!.

Sababoota dhibeen kun guddachuu keessaa tokko nageenya dhabuu biyyaa fakkeenyaaf Waldhabdee kibbaa waraana Tigraay

Tatamsa’inni HIV ethiopia keessatti waldhabdee duraa %1.4 kan ture waldhabdee boodaa gara %3 ol guddachuun mirkanaa’eera.

Ethiopia keessatti Qabsoon hidhannoo baayyachuu fi Waldhabdee kanaan dhaabbilee fayyaa barbadaa’uu fi sagantaalee tajaajilaa fi ittisaa bakka garaagaraatti addaan cituun akkasumas dirqisiisanii gudeeduun dabaluudhaan kan ka’e rakkoo dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban hammaachuuf gumaacha olaanaa qabatee jira.

 

Mala Ittisa fi waan Taasifamuu qabu Tooftaalee ittisaa bal’aan kunooti:

Qorannoo dhiigaa:

Namni fayyaa qabu tokko gaa’ila duras ta’ee booda Ji’a 3 keessatti yeroo 1 qorannoo dhiigaa godhadha, kun hedduu salphaa dha qorannoo dhiigaa laabraatoorii gatii xiqqaadhan gochuun carraa Vaayireesi kanaan qabamu hirrisuu fi yoo dhibee kanaan qabamtanis hatattamaan yaalamuuf heddu murteessadha.

Talaallii fudhachuu:

Talaalliin Dhukkuboota Vaayireesii walhormaataa fi tiruu ittisuuf kennamu jira waan ta’eef fudhachuun karaa hunda caalaa dhibee kan ittisuuf filatamaadha! Keessumaa haadholii fi Daa’immanii fi dargaggoonni talaallii kana fudhachuu qabu.

keessumaa Miseensota maatii keeysaa namni dhukkuboota kanaan qabame, jira taanaan Namoonni fayyaan talaallii fudhachuun dirqamaa, kunis carraa daddarbuu dhibee kanaaa maatii keessatti hanbisa.

Dhukkuboonni akka Cobxoo fi vaayiresii tiruu B fi C karaa dhiigaa fi tuttuqqiin kan daddarban waan ta’eef, meeshaalee qorichaa kan Akka lilmoo dabalatee, meeshaa qara qaban kamiyyuu waliin fayyadamuu irraa fagaadhaa.

Meeshaalee dhuunfaa namoota biroo kan akka buruushii ilkaanii fi Meeshaalee qara qaban kan lilmee fi shiggiree, yokan milaacii, waliif qooduu yokan waliin fayyadamuu irraa if qusadhaa!

Wal qunnamtii saalaa Of Eeggannoo hin qabne gochuu irraa fagaadha:

Yeroo hedduu Namoonni Jaalallee baayyee qabanuu fi Namoota hedduu waliin Walqunnamtii saalaa Raawwatanu sadarkaa olaanaan Dhibeewwan garaagaraaf saaxilamoodha! Wal qunnamtii saalaa of Eeggannoo hin qabne irraa fagaadhaa!

Dhukkuboonni daddarboon kan akka Vaayiresii tiruu fi (HIV) (HSV-2) (HPV) yeroo sadarkaa olaanaan dhiiga nama tokko keeysa jiranutti dhangala’aa qaamaa keessatti makamee kan hafu yoo ta’u, madaa ykn dafqa faalameen dhukkubsataa irraa qaama nama fayyaa keessa seenuun carraa dhukkuba kanaan qabamuu ni dabala.

Bakka namoonni dhibee kanaan qabaman baay’inaan argamanitti of eeggannoo gochuu qabdu

Wantoota dhiigaan faalaman tuquu irraa fagaadha! Yoo bakka faalame tuqxan booda harka keessan bishaanii fi saamunaadhaan sirriitti dhiqadhaa.

Nyaataa fi dhugaatii of eeggannoo:

Yeroo gara naannoo dhukkubni kun itti baay’atutti deemtan nyaata akka foon dheedhii ykn hin bilchaanne nyaachuu irraa fagaachuu qabdu ! akkasumas bishaan Of Eeggannoon fayyadamuu qabdu!

Keessattuu mana fincaanii yeroo fayyadamtanuu fi bakka faalame erga tuqxanii booda harka keessan bishaanii fi saamunaadhaan sirriitti dhiqadhaa.

Bakka dhiigaan faalame of eeggannoodhaan ala qulqulleessuu irraa fagaadhaa.

Namoota dhibeewwan kannneen qabanuu wajjin yeroo jiraattanu hamilee isaanii hin tuqinaa! Akka nama dhibee hamaa qabameetti wal ibsuu irraa if qusadha! Dhibeen kun Talaallii yoo fudhattan homaa isinitti hin darbu!

If Eeggannoo gochuu yeroo jedhamu Tasuma waliin jiraachuu hin qabdanu jechuu miti!!

Talaallii dubartootaa fi dargaggootaa kakaasuu irratti xiyyeeffachuun hubannoo babal’isuun dhukkuboot daddarboo fi kaansarii gadameessaa hir’isuuf socho’uun barbaachisaa dha.

Dhukkuboonni walqunnamtii saalaa Itoophiyaa keessatti rakkoo fayyaa guddaa ta’anii jiru. Mala Ittisaa fi hubannoo, qorannoo fi yaalii saffisaa fi gahaa taasisuun barbaachisaa dha. Hawaasni bal’aan dhukkuboota kana irraa of eeguu fi talaallii fudhachuu fi qorannoo yeroo yerootti akka godhan jajjabeessuu feesisa.

Akka dhaabbata keenyaatti Qorannoo fi Tajaajiloota hubannoo fayyaa hawaasaa keessatti babal’isuuf carraaqqii taasisaa jirra.

Qopheessaan Mana Qoricha aadaa Oromiyaa ti. Bakka Share jettu yokan bakka logo Facebook sana tuquun barreeffama kana Share waliif godhaa 🙏🙏

Yaala Dhibeewwan daddarboo fi kkf lakkoofsa bilbilaa kanaan Telegramii yokan whatsaap irratti messege nuuf Erguu dandeessu: 0917535385

Facebookii keenya Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godha.

https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa

Madda odeeffannoo References

1. PubMed – Study on STIs prevalence in southwest Ethiopia

2. PubMed – STIs in central Ethiopia am

ong pregnant women

3. PMC – Syndromic management of STIs in Ethiopia

4. BMC Public Health – STI prevalence and risk factors

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *