Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa | Oromia Center for Herbal & Traditional Medicine
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa (Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa) giddugala yaala aadaa kan saayinsii irratti hundaa’e yoo ta’u, yaala fayyaa fi gorsa fayyaa saayinsii yaala aadaa fi yaala ammayyaa walitti fiduun kennuu irratti xiyyeeffata.
Dameewwan Fayyaa fi Dhukkuboota Giddugalichi Yaaluu:
Giddugallii Yaala Aadaa Oromiyaa dhukkuboota olii yaala kenna kanas dameelee gurguddoo saayinsii fayyaa kutaalee 10 jela galchuun akka armaan gadii ibsuun ni danda’ama:
1. Dhukkuboota Tiruu fi Sirna Bullaa’insa Nyaataa (Gastroenterology & Hepatology)
Dhibeewwan tiruu Kan akka:
• Dhukkuba Simbiraa yokan Vaayirasii Tiruu Hepatitis A, B, fi C.
• Dhibee Tiruu Dheeraa Cirrhosis fi tiruu cooma (fatty liver).
• Dhibeewwan Garaacha fi Mar’umaani kan akka:
• Baakteeriyaa garaachaa (H-Pylori),
• Madaa garaachaa (Peptic Ulcer),
• Madaa mar’umaanii (Ulcerative Colitis)
• Gogiinsa garaa, fi garaa kaasaa yeroo dheeraa
• Raammoo maagaa wosfaatii (Ascaris) fi jaardiyaa fi kkf.
• Dhibee Hadhooftuu Cirracha hadhooftuu (Gallbladder stones).
2.Dhibee Kalee fi Ujummoo Fincanii (Urology & Nephrology)
Dhibeewwan sirna fincaanii dhiiraa fi dubartii yaaluu:
• Cirracha kalee Renal stones
• Dhibee kalee yeroo dheeraa (CKD)
• Rakkoowwan ujummoo fincaanii kan akka Infeekshinii ujummoo fincaanii (UTI)
• Faalamuu afuffee fincaanii (Cystitis), fi ujummoon fincaanii cufamuu fi kkf
• Dhibee Piroostaatii Bokokuu piroostaatii (BPH) fi infeekshinii piroostaatii.
• Dhibeewwan Gogaa fi Infeekshinii Cobxoo (Gonorrhea), fanxoo (Syphilis) fi kkf.
3. Dhibeewwan Gogaa fi Rifeensaa (Dermatology)
Dhibeewwan Gogaa kan akka:
• Dhibee Sibiijjii (Eczema),
• Cittoo (Psoriasis)
• Lamxii (Vitiligo), fi infeekshinii fangasii gogaa adda addaa.
• Kaansarii gogaa sadarkaa jalqabaa.
• Fayyaa Rifeensaq kan akka Rifeensa harca’u fi mataa muluu.
4. Dhibeewwan Sirna Hargansuu fi Sombaa (Pulmonology) Kan akka:
• Dhibee Asmii (Asthma)
• Qufaa yeroo dheeraa
• Dhibee Tiivii (TB)
• Michii sombaa (Pneumonia)
• Rakko Sombaa fi Funyaanii kan akka Asmii, saayinasii, alaarjii funyaanii (Allergic rhinitis).
5. Fayyaa Wal-hormaataa fi Laguu (Reproductive Health & Gynecology):
• Dhiirota irratti Dadhabina walqunnamtii saalaa fi ka’uu qaama saalaa (Erectile Dysfunction) fi kkf
• Rakkoo Maseenummaa Dhala dhabuu dhiiraa fi dubartii.
• Fayyaa Gadaameessaa kan akka Vaayirasii (HPV) kaansarii fiixee hulaa gadaameessaa fiduu fi kkf.
Rakkoolee marsaa dhiiga laguu wal-xaxoo.
6. Dhukkuboota Teessumaa Dhibeewwan Proctology kan akka:
• Kiintaarotii (Hemorrhoids)
• Baqaqu teessumaa (Anal fissure),
• Feestullaa (Anal Fistula).
7. Dhibeewwan Lafee fi Maashaa (Orthopedics & Rheumatology)Kan akka:
• Dhukkubbii dugdaa Jilbaa yeroo dheeraa
• Dhibee riimootidii (Rheumatoid Arthritis) fi kkf.
8. Dhibeewwan Onnee fi Dhiigaa (Cardiovascular Medicine):
• Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension)
• Dhukkuboota onnee dhiiga keessatti uumaman.
9. Dhibeewwan Sammuu fi Sirna Narvii (Neurology & Mental Health) Kan akka:
• Dhukkuba gaggabdoo (Epilepsy),
• Dadhabina dandeettii sammuu, fi waa dagachuu.
10. Dhibeewwan Infeekshinii:
• Infeekshinii baakteeriyaa Cobxoo (Gonorrhea)
• Fanxoo (Syphilis), fi dhiita’uu miillaa (Filariasis) fi kkf.
Kana malees Dhibeewwan hedduuf yaala fayyaa fi gorsa fayyaa akkasumas Qorannoo fayyaa ni kenninaa.
Dhibeewwan hundaaf Qoricha kennuu dura Qorannoo fayyaa kan laabraatorii fi altiraasaawundii fi kkf Haaluma barbaachisaa ta’een CT-scan fi MRI gochuun Maalummaa dhibee adda baafnee booda yaala kennina.
Mala hojii Yaalaa fi Qorichoota Uumamaa:
• Giddugalichi Qorichoota Uumamaa (Herbal Medicines) kan bifa saayinsii irratti hundaa’e oomishaman fayyadamuun dhibeewwan 30 oliif yaala fayyaa kenna.
• Buufata fayyaa keenya keessatti, Qorichoota Uummamaa bifa saayinsawaa ta’een Oomishaman fayyadamuun Dhukkuboota 30 oliif yaala kennina.
• Qorichootni nuti ittiin dhukkubsataa yaallu bifa organic garuu bu’uura saayinsii Qoricha uumamaa Pharmacognosy irratti hundaa’edha.
• Faayidaa fi akkaataa itti fayyadama isaanii bifa saayinsaawaa ta’een doozii sirriin kan qophaa’edha.
• Qorichoonni Aadaa kun Fayyaa namaa irratti akka miidhaa hin fidneef nageenya isaani mirkaneessuuf xiinxala Dameewwan saayinsii summii Toxicology kan qorichaa hubachuuf murteessoo ta’aniin kan qoratamnee adda baafamedha.
• Qoricha uumamaa keessaa filannee kan miidhaa hin qabnee Nageenya qaban doozii sirrii ta’een fayyadamna.
Ogeessotaa fi Haala tajaajiloota giddu-gala yaala Aadaa Oromiyaa, giddu gala yaala Aadaa biroo irraa waan adda nu taasisu:
• Ogeeyyiin keenya Waa’ee dhukkubootaa fi Qorichootaa irratti hubannoo saayinsii fi Aadaa kan baratanidha.
• Dhukkubsataa tokkoof Qorichoota ajajuu yokan kennuun dura sababa dhukkubichaa fi maalummaa isaa Gadi fageenyaan Qorannoo godhama.
Amantaan keenya Namni Qoricha aadaa qofa beekuun ogeessa fayyaa jedhamuuf gahaa miti!! Ogeeyyiin kamiyyuu akkaataa dhukkubni itti uumamu beekuu fi Maalummaa fi sababoota dhukkuba kana fidanu Etiology Isaa brekuu, fi akkasumas Hiika sirrii Mallattoolee dhukkubsataa irratti mul’atanuu obeekuu, Haala dhukkubni itti jiruu fi sadarkaa inni irratti argamu fi kallattii inni ittiin fayyuu danda’u hubachuu barbaachisaa dha.
• kana irratti hundaa’uun Ogeeyyiin keenya hundi Dhukkubsataa tokkoof Qorichoota ajajuu yokan kennuu keenya dura sababa dhukkubichaa (Etiology) fi mala hojii qorichi keenya kun itti hojjetu (Mechanism of Action) Isaa beekna.
• Sababni isaas Qorichootni aadaa faayidaa guddaa qabaachuu danda’u, garuu bu’a qabeessummaan isaanii nama isaan kennu fi beekumsa saayinsii isaa irratti hundaa’a. Sababa kanaaf Of Eeggannoo goonee hojjenna.
Ogeeyyiin yaala aadaa hedduun barnoota gahaa waa’ee maalummaa dhukkubootaa fi amala isaanii irratti hin qaban! Akkasumas Qorichoota Aadaa dhukkubsataaf kennan Maalummaa isaa fi qabiyyee keemikaalota qorichaa fi hamma doosii fi mala itti fayyadama isaa irratti beekumsa saayinsii gahaa waan hin qabneef Qorichi faayidaa qabu kun gara madda miidhaatti jijjiiramuun summii tiruu fi wal-nyaatinsi qoricha aadaa fi qoricha ammayyaa ajajame waliin Uumamu miidhaa dabalataa fiduu danda’a: Sababa kanaaf yeroo hunda saayinsii hordona.
Dhaabbanni Keenya
• Oromia Center for Herbal Medicine and Traditional Medicine (Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa), kan Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamu yoo ta’u.
• Giddugalichi qorannoo saayinsii fi muuxannoo amanamaa irratti hundaa’uun tajaajila yaala uumamaa bu’a qabeessaa fi nageenya qabu kennuudhaaf kan akeekedha.
• Dhibeewwan ciccimoo fi Giddugaleessa ta’an kan yaala Aadaan fayyuu danda’an Qofa yaaluu irratti xiyyeeffata. Dhibeewwan ciccimoo Yaala Ammayyaa barbaadan immoo gara hospitaalotaatti dabarsee Erga. Malee beeksisa sobaa fi kkf irratti hin hirmaatu.
• Odeffannnoo kijibaa yaala Aadaan wal qabatee toora intarneetii irra Naannawan adda addaa hordofee hawaasa akka hin goyyoomsineef odeffannnoo bal’aa fi ibsa Saayinsii fi hubannoo fi Akeekkachiisa kenna.
• Waa’ee dhukkuboota yeroo dheeraa fi Dirqama mana yaalaa Ammayyaa deemuun barbaachisaa tahe kan akka Kaansarii irratti ibsa bal’aa fi hubannoo kenna, akkasumas mallattoolee isaanii fi mala ittisa isaanii irratti hubannoo fayyaa toora interneetii irratti babal’isuu irratti xiyyeeffata.
Yaala Aadaa giddugalichaa haala kamiin bakka jurtanitti argachuun danda’ama?
• Namni tokko bakka jirutti yaala Aadaa nurraa argachuuf Hospitaala Naannon isaa jiru deemuun dursa Qorannoo Fayya gochuun bu’aa qorannoo Dhibee isaa ibsu sana suuraa sirriitti mul’atu dubbifamuu danda’u kaasee, karaa Whtsapp yokan Telegramiin nuuf Erguu qaba.
• Kunis Dhibee isaa ifatti beekuu fi yaala madaalawaa murteessuuf gargaarudha.
• Qorannoowwan barbaachisoo hunda karaa keenyaan gaggeessuunis ni danda’ama.
Bu’aa Qorannoo kana irratti hundaa’uun dhukkubsataa tokkoof bakka inni jirutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.
• Teessoon keenya
Oromiyaa Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaa fi Dirree Dawaa fikkf. Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya. 🌍💊
Dhukkubsattoota Warra dhibee Vaayrasii tiruu Hepatitis B yaalamuu fedhaniif toora qunnamtii yokan lakkoofsi bilbilaa addaa qophaa’e 👉 091 033 3944 kanadha.
username Telegram
👉@HBV_oromiyaa10
• Dhukkuboota biroo Yaalamuuf yoo ta’e nu qunnamuuf lakkoofsa ilbilaa 👉0917535385 fayyadamuun nu qunnamuu dandeessu.
Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?
• Kabajamtoota maamila keenya Nu qunnamuuf yokan tajaajila keenya Argachuuf Lakkoofsa bilbilaa keenya irratti Kallattiin Bilbiluu caalaa Qunnamtii saffisaaf
Lakkoofsa bilbilaa kanaan 0910333944 fi 0917535385 irratti WhatsApp fi Telegram irratti messege nuuf Erguu filatamaadha.
• Yeroo bilbiltanii Yoo deebii dhabdan! Karaa Whtsapp yokan Telegram yokan Dhimma keessan barreeffamaan karaa messege SMS kallattiin dhimma keessan Erguu dandeessu!. Akkasumas Deebii obsaan Eeggadhaa!.
Yeroo hojii:
Bilbilli keenya banaa kan ta’u, Guyyaa waaree booda sa’aatii 8 hanga galagala sa’aatii 11tti, Halkan Sa’aatii 2 hanga sa’aatii 5tti yoo bilbiltan nu Argachuu dandeessu. Halkan Sa’aatii 5 booda bilbiluun hin danda’amu 📵
Email: info@qorichaoromiyaa.com
Website: Qorichaoromiyaa.com
Official Facebook:
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa “Follow” gochuu hin dagatinaa ✅