Dawaa Vaayirasii Tiruu HBV B haaraa -Bepirovirsen

Dawaan Ammayyaa Dhibee Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Fayyisuu Danda’u dhuguma Argameeraa!?

Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Infekshinii Tiruu daddarbaa fi amala wal xaxaa qabu kan yeroo dheeraa mallattoo malee qaama keessa jiraatee Tiruu irratti miidhaa akka Cirrhosis fi kaansarii Tiruu HCC uumuu danda’u Dhibee rakkoo fayyaa addunyaa keessaa tokko ta’e dha.

Waggaa waggaatti sababa dhibee kanaan namoonni miliyoona tokkoo ol lubbuu isaanii dhabu. Kanaaf dhaabbanni fayyaaa addunyaa Dhibee kana rakkoo fayyaa hawaasa addunyaa guddaa keessatti ramadeera.

Dhibee kanaaf Dawaan ammayyaa Fayyina fiduu danda’u kan Hospitaalotaa fi kilinika irraa kennamu hin jiru. Dawaalee dhibee kana to’achuuf gargaaran qofatu jiru.

ODUU MIIDIYAA HAWAASAA

Dhiheenya kana miidiyaalee hawaasaa kan akka TikTok, Facebook, Telegram fi kanneen biroo irratti “Qorichi Ammayyaa haaraan vaayirasii tiruu Hepatitis B guutummaatti fayyisu argameera, yeroo dhiyootti gara tajaajilaatti seena” jedhamee odeeffannoon tamsa’aa jira.

Odeeffannoon kun dhugaa dha? Dawaan kun maali ? Maaltu adda taasisa? Dhugumatti Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Fayyisuu danda’a? Gaaffilee kanaaf Barruu kana keessatti deebii kennuuf ni yaalla.

Vaayiresiin Tiruu Hepatitis B’n dawaa argachuun isaa waan nama kamuu gammachiisuu dha! garuu wanti hubatamuu qabu Vaayirasiin kun durumaa dawaa sirriitti to’achuu danda’u ni qaba.

ERGAA IJOO
Hanga ammaatti dawaan Ammayyaa Vaayrasii kana guutummaatti fayyisuu danda’u kan mirkanaa’e hin jiru!. Gabaabinaan Oduun “Qorichi ammayyaa vaayrasii Tiruu Hepatitis B guutummaatti fayyisuu danda’u argame…” jedhu guutumaan guutuutti dhugaa miti.

Dhugaan jiru maalii ?

Qorichi haaraan waa’een isaa maxxanfamaa jirus maqaan isaa (Bepirovirsen) jedhama Qoricha Dhaabbata GSK jedhamuun qophaa’edha.

Dhugaan jiru Qorichi haaraan kan namoota vaayirasiin dhiiga isaanii keessatti gadi aanaa ta’eef bu’aa fooyya’aa ta’e qabuu fi (functional cure) argamsiisuu keessatti qorichoota Ammayyaa Vaayirasii kanaan dura turan caalaa fooyya’aa ta’e argamee jira.

Dawaan kun namoota dhibee kana qaban hundaaf osoo hin taane namoota vaayirasii xiqqaa qaban keessaa dhibbeentaa muraasaaf functional cure argamsiisuu danda’a. Akkasumas Fayyina guutuu osoo hin taane (functional cure) Argamsiisuu danda’a.

Dhimma kana sirriitti hubachuuf Fayyina hojii fi Fayyina guutuu jechuun maal jechuu akka ta’e adda baasnee hubachuun barbaachisaa dha!.

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B dhibee gadi fagoo fi caasaa baayoloojii wal xaxaa ta’e qabu dha, Vaayirasiin kun hiddaa fi Warshaan isaa seelii Tiruu hepatocyte keessa bifa cccDNA jedhamuun wiirtuu seelii Tiruu Nucleus keessatti of awwaalee achi irraa vaayirasii haaraa oomishuun gara dhiigaatti gadi dhiisaa!. Kanaaf yaalii fi faayyinni isaas gosa lama qaba.

Dawaan hundee yokaan warshaa Vaayirasii kanaa, seelii tiruu keessaa guutummaatti balleessuu/dhabamsiisuu danda’u fi Dawaan Vaayirasii dhiiga keessa jiru qofa qulqulleessuu danda’u tokko miti.

FUNCTIONAL CURE

Vaayirasiin dhiiga keessa jiru qulqullaa’uun Fayyina hojii functional cure jedhama.

STERILIZING CURE

Vaayiresiin hundee isaatiin dhabamuu fi baduun immoo fayyina guutuu (sterilizing cure) jedhama.

Isaan kana lamaan gidduutti garaagarummaa guddaatu jira, kana hiika isaa beekuun barbaachisaa dha:

✓

Fayyina Hojii — Functional Cure

Fayyina hojii yokaan (Functional cure) jechuun qaamni namaa vaayirasicha haala gaariin to’achuu danda’eera jechuu dha.

Sanyiin yokan warshaan vaayirasichaa inni ijoon (cccDNA) seelii Tiruu keessaa osoo hin badin hafa, garuu pirootiinii gubbaa Vaayirasii kanaa kn (HBsAg) jedhamu dhiiga keessatti hin mul’atu ykn baay’ee gadi bu’a.

Sanyiin Vaayirasii HBV DNA (Viral Load) isaa dhiiga keessatti sadarkaa hin mul’anneetti gadi bu’ee “Undetectable” ta’a.

Dhukkubsataan dawaa guyyaa guyyaa fudhatamu dhaabee, torban 24 olii bifuma kanaan vaayirasiin osoo hin deebi’in qaamni ofumaan to’atee yoo ture kun Fayyina hojii (Functional cure) jedhama. Kana jechuun dhibeen to’atameera jechuudha malee vaayirasichi qaama keessaa 100% haxaa’amee bade namni sun guutummaatti fayyeera jechuu miti. Sababni isaas hundeen Dhibee kanaa wiirtuu seelii Tiruu Hepatocyte keessatti hafeera.

1. Fayyina guutuu Vaayirasiin guutummaatti dhabamu

STERILIZING CURE

Fayyina guutuu jechuun Ingiliffaan (Sterilizing Cure) jedhama. kunis vaayirasiin Hepatitis B qaama keessaa caasaa isaa hunda waliin guutummaatti dhabamuu jechuu dha.

Vaayiresiin dhiiga keessaa ni dhabama, Hundeen bu’uura Vaayirasichaa kan seelii Tiruu keessatti argamu (cccDNA) jedhamus wiirtuu seelii tiruu Nucleus keessaa caasaa isaa waliin guutummaatti qaama keessaa dhabamsiifamuu jechuudha. Kunatu Fayyina guutuu jedhamaa.

Garuu yeroo ammaa, Hepatitis B irratti Fayyina Guutuu argamsiisuun tasuma hin danda’amu.

Sababni isaas hundeen Vaayirasii sanaa cccDNA seelii tiruu keessatti jabinaan kuufamee waan turuuf, qorichoonni ammayyaa amma jiran baay’een isaanii bakka kana gahuu fi guutummaatti balleessuu hin danda’an.

Garaagarummaa Fayyina lamaanii Fakkeenya salphaan yoo ibsinu:

Fayyina Guutuu jechuun ibidda boba’aa jiru tokko guutummaatti dhaamsanii, boba’aa isaa waliin balleessuu jechuu dha.

Fayyina Hojii jechuun immoo ibiddicha osoo guutummaatti hin dhaamsin akka hin babal’anne, miidhaa hin fidne; garuu bakka dhokataa tokko keessatti boba’aan isaa hafe too’atame jiraatu taasisuu jiraachuu dha. kunis umrii waan gubataa jiru ni dheeressa akka dafee hin miidhamne ittisa.

Dhibee Hepatitis B irratti Qorichoonni ammayyaan kan duriis ta’ee haaraan baay’een yeroo ammaa jiranu Fayyina guutuu osoo hin taane Fayyina Hojii argamsiisuuf kan qophaa’anidha. Dawaan tokko isa kanaa irra wanti caalaa isa taasisu dandeettii fayyina hojii fiduu irratti inni qabu dha.

Fayyinni Hojii yoo argame, namni dhukkubsataan miidhaa guddaa vaayirasii kanaan dhufu irraa baraaramuu danda’a; carraa madaa Tiruu Cirrhosis fi Fibrosis kaansarii Tiruun qabamuu ni hir’isa.

Amma waa’ee Fayyina Vaayirasii Tiruu Hepatitis B lamaan isaanii gadi fageenyaan erga hubannee booda gara dawaa haaraa amma argame kana maalummaa isaa fi bu’aa isaa akkasumas Dawaalee duraanii irraa waan adda isa taasisu ha ilaallu!.

Dawaan haaraan amma argame jira kun maali? Akkamitti hojjeta!?

Qorichi Vaayirasii Tiruu Hepatitis B haaraan yeroo ammaa argame kan waa’een isaa ibsamaa jiru maqaan isaa (𝐁𝐞𝐩𝐢𝐫𝐨𝐯𝐢𝐫𝐬𝐞𝐧) jedhama, inni qorichoota (𝘼𝙣𝙩𝙞𝙨𝙚𝙣𝙨𝙚 𝙤𝙡𝙞𝙜𝙤𝙣𝙪𝙘𝙡𝙚𝙤𝙩𝙞𝙙𝙚) keessaa tokko yoo ta’u, galmi isaa HBsAg gadi buusuu fi carraa fayyina hojii (functional cure) dabaluudha.

AKKAATAA HOJII QORICHAA

Qorichi kun HBV RNA irratti hojjeta. Sirni Ergaa vaayirasii RNA akka hin hojjennee fi akka seelii keessaa diigamu taasisuu irratti xiyyeeffata. Kunis Omishni HBsAg fi sochiin Vaayrasii (viral activity) akka gadi bu’u gochuun sirni ittisa qaamaa Immune system‘n akka deebi’ee ka’uu fi vaayirasii to’achuu danda’uuf carraa kennuu danda’a.

Dhaabbanni dawaa haaraa kana qopheesaa jiru 𝗚𝗦𝗞/𝗜𝗼𝗻𝗶𝘀 akka ibsetti Qorichi haaraan “𝐁𝐞𝐩𝐢𝐫𝐨𝐯𝐢𝐫𝐬𝐞𝐧” jedhamu kun, qorannoo sadarkaa sadaffaa (Phase III) keessatti namoota vaayirasii xiqqaa qabaniif kennamuun bu’aa gaarii Dawaalee kanaan dura jiranu caalu argisiisee jira.

Garaagarummaan Qorichoota duraanii fi Dawaa amma haaraa kana gidduu jiru Maalii?

Qorichoonni Ammayyaa farra vaayirasii afaaniin fudhatamnu (NAs) Kanaan Duraa Vaayrasii Tiruu yeroo dheeraa (chronic hepatitis B) yaaluuf tajaajilan kanneen akka (TDF/TAF/ETV) jedhamanu, Vaayirasichi akka dhiiga keessatti hin baay’anne ittisuu fi miidhaa sababa dhibee kanaan dhufu hir’isuj irratti dandeettii qabu.

Garuu pirootiinii gubbaa Vaayrasii HBsAg dhabamsiisuu fi fayyina “Functional Cure” jedhamu fiduu irratti bu’aan isaanii baayyee xiqqaadha.

BU’AA QORICHOOTA DURAANII

Qorannoon akka agarsiisutti Dawaalee ammayyaa warra kanaan duraa kanneen keessaa isa fooyya’aa jedhamu Yoo fayyadamne illee waggaa 5 hanga 10 keessatti kan Fayyina hojii argachuu danda’an dhibbeentaa 1 hanga 5 hin caaluu.

Fakkeenyaaf Namoota Vaayrasii Tiruu Hepatitis B qaban, 100 ta’an waggaa 10 fi isaa ol Dawaalee kanneen yoo fudhatan, isaan keessaa kan akka carraa fayyina hojii (Functional cure) jedhamu argachuu danda’anu nama 1 hanga 5 qofadha. Kana jechuun carraan Fayyina hojii argamsiisuu isaanii baayyee gadi aanaa dha.

Sababa kanaaf Namoonni dhibbantaa 95 ol ta’an, umrii guutuu Dawaa guyyaa guyyaan fayyadamuuf dirqamu.

Waggoota dheeraa dawaa Fayyina hojii fiduu keessatti fooyyee qabu argachuuf qoratamaa tureera, hanga ammaatti dawaan nama hundaaf Fayyina hojii argamsiisuu danda’u hin jiru.

Dawaan Haaraan amma argame jiru kun Maaliin qorichoota warra kanaan turan caalaa? maaltu adda taasisa?

Dawaan haaraan kun carraa fayyina hojii argamsiisuu keessatti Dawaalee warra kaan ni caala.

Dawaan haaraan kun dhukkubsattoota vaayirasii tiruu Hepatitis B qaban 1,800 ol irratti bu’aan isaa qorannoon madaalameera. Qorannoon kun biyyoota garaagaraa 29 keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, bu’aan isaas dhukkubsattoota garee adda addaa keessatti madaalamee, qorichi kun Fayyina hojii (functional cure) fiduu irratti bu’aa abdachiisaa agarsiiseera.

Qorannoon kun bakka lamatti qoodamuun B-Well 1 fi B-Well 2 jedhamuun kan gaggeeffame yoo ta’u, Dhukkubsattoota vaayiresiin isaanii gadi Aanaa ta’an irratti taasifame.

1

Qorannoo B-Well 1

Qorannoo marsaa tokkoffaa (B-Well 1) Namoota sadarkaan HBsAg isaanii ≤3000 IU/mL ta’eef, Dawaan haaraan (bepirovirsen) ji’a 6f erga kennamee booda, torban 72tti — yaalli erga dhaabbatee ji’a 6 booda namoota dhibbeenaa 19% irratti fayyina hojii (functional cure) argamsiiseera.

Dhukkubsattoota vaayirasii Tiruu qaban 1,220 kan dawaa (bepirovirsen) jedhamu karaa Lilmeetiin torbanitti al tokko (300 mg injection) erga fudhatanii booda isaan keessaa namoonni 233 fayyina hojii argataniiru. Kana jechuun dhibbeentaan 19 fayyina hojii Functional cure jedhamu argachuu danda’aniiru.

2

Qorannoo B-Well 2

Qorannoo marsaa lammaffaa (B-Well 2) keessatti immoo Garee dhukkubsattoota HBsAg gadi-aanaa (HBsAg ≤1,000 IU/mL) qaban irratti taasifame.

Namoota HBsAg isaanii gadi aanaa ta’e kana keessatti bu’aan fayyina hojii (functional cure) argamuun caalaatti olka’aa dha. Garee kana keessaa dhibbantaan 26 fayyina hojii argamsiiseera. Kana jechuun Dawaan kun namoota vaayirasii baay’ee xiqqaa qabaniif Fayyina hojii argamsiisuu keessatti fooyya’aa qaba.

QorannooHBsAgFunctional Cure
B-Well 1≤3000 IU/mL19%
B-Well 2≤1,000 IU/mL26%

HUBACHIISA BU’AA QORANNOO

Dawaan haaraan kun “Dhibee Vaayirasii Tiruu Fayyisuu danda’a” jedhanii ibsuun hin danda’amu. Namoota Vaayirasii baayyee gadi-aanaa qaban keessaa illee dhibbeentaa 30f fayyina hojii argamsiisuu hin dandeenye.

Warruma hanga vaayirasii xiqqaa qaban keessaa Kan Functional cure argachuu danda’an 19% hanga 26% qofadha. kana jechuun namoota vaayirasii xiqqaa qaban keessaa dhibbeentaan gara 74–81 ta’an dawaa haaraa kanaan fayyina hojii (functional cure) argachuu hin dandeenye.

Garuu yoo Dawaalee ammayyaa kanaan dura turan waliin wal bira qabamee ilaallamu Fayyina hojii argamsiisuu keessatti Dawaan haaraan kun fooyya’iinsa qaba.

Qorannoon kun namoota vaayirasii isaanii xiqqaa ta’ee fi madaa Tiruu hin qabne 𝒏𝒐𝒏-𝒄𝒊𝒓𝒓𝒉𝒐𝒕𝒊𝒄 ta’anii fi Kana dura Dawaa Vaayirasii (NAs therapy) irratti stable ta’an kannneen HBsAg isaanii >1000 hanga ≤3,000 IU/mL gaddduu ta’e irratti gaggeeffame.

Namoota vaayirasii isaanii olaanaa ta’ee fi Miidhaa Tiruu (Liver Damage) qaban kanneen Tiruun isaanii duraan miidhamee (Fbrosis fi cirrhosis) qaban irratti bu’aa qabaachuun isaa hin ilaalamne.

Namoota vaayirasiin isaanii Sadarkaa Ol-ka’aa ta’ee fi sochii fi baay’isuu (Replication) cimaa qabaniif bu’aa functional cure fiduu hin danda’u.

Yoo dawaa kana namoota vaayirasii Tiruu Hepatitis B yeroo qaban hundaaf kan kennun ta’e carraan Fayyina hojii argachuu isaanii dhibbeentaa 5 hanga 10 illee hin gahu. Kanaaf namoonni muraasni akka fayyaniif namoota hedduu yaaluu qabna.

Walumaagalatti Dawaan kun fooyyee qaba, Dawaalee duraanii ni caalaa garuu dawaa vaayirasii Tiruu Hepatitis B nama hundaaf bu’aa qabeessa ta’ee miti.

Qorichi kun akka qoricha 𝐇𝐞𝐩𝐚𝐭𝐢𝐭𝐢𝐬 𝐂 kan nama vaayiresii qabu hunda fayyisu, osoo hin taane dhukkubsattoota garee murtaa’ee qofaaf kan bu’aa qabudha.

Haala kana keessatti Qorichi kun “dawaa Vaayirasii Tiruu Hepatitis B nama hunda fayyisu” jedhamee waamamuus ta’ee ibsamuu kan danda’u miti.

Qorannoo kilinikaa (Clinical Trial Results) Dawaa haaraa “Bepirovirsen” (GSK3228836) jedhamu irratti gaggeeffame irraa argame, akka agarsiisutti Dawaan kun namoota garee murtaa’e warra Vaayirasii baay’ee xiqqaa qaban keessaa muraasaaf hojjetu ta’uu isaa agarsiisa.

YAADANNOO IJOO

kanaaf ibsi Sirriin isaa, “Dawaan namoota filatamoo vaayiresiin dhiiga keessatti xiqqaa ta’e keessaa dhibbeentaa muraasaaf Fayyina hojii functional cure argamsiisuu danda’u” jedhamee ibsamuu qaba.

Walumaagalatti yeroo ammaa kana dawaan ammayyaa Vaayrasii Tiruu Hepatitis B irratti bifa wal qixa ta’een hojjatu hin argamne.

Dawaan haaraan kun yoom hojiitti seenuu danda’a!?

Yeroo ammaa Qorichi haaraan (Bepirovirsen) jedhamu kun xumura irra gaheera biyyaa Jaappaan keessatti hojii jalqabeera Ameerikaa keessatti immoo guyyaa muraasa booda Hayyama ni argata jedhamee eegama jira. FDA‘n Waa’ee dawaa kanaa murtii dhumaa kennuuf ji’a October 26, 2026 tti beellama qabatee jira.

Dawaan kun addunyaa guutuu irratti yoom tajaajila walii galaa eegaluu danda’a kan jedhuuf Deebiin isaa wal falleessuu danda’a.

Dawaa kana FDA ykn EMA yoo mirkaneesse illee, dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO, AASLD, EASL fi biyyoonni addunyaa guideline isaanii keessatti galchuuf yeroo fudhata. Biyyoota guddatan keessatti yeroo hanga hanga waggaa tokkoo keessatti gabaarra ooluu danda’a biyyoota Afrikaa fi kanneen biroo keessatti immoo waggaa lamaa fi isaa ol fudhachuu danda’a.

Gatiin yaalaa kan torban 24 meeqa ta’uu danda’a!?

Ammaaf dhaabbanni dawaa kana oomishaa jiru ifatti hin dubbanne, garuu qorannoo Chaayinaa keessatti taasifameen gatiin yaalaa walii galaa isaa doolaara 2500 hanga doolaara 8000 akka ta’uu danda’u ifoomeera kana jechuun qarshii itiyoophiyaa 407,695.00 Hanga 1,304,624.00 gaafata jechuu dha. Tilmaama Ameerikaa keessatti taasifameen immoo namoota madaa Tiruu qabaniif doolaara Ameerikaa kuma 11 ol ta’uu akka danda’u kaa’ameera.

TILMAAMA GATII YAALAA
GATII JALQABAA
Doolaara 2,500
407,695 ETB
GATII OL’AANAA
Doolaara 8,000
1,304,624 ETB

Dawaan kun gatiin isaa ilma ka’aadha. Dhaabbanni Dawaa kana oomishaa jiru GSK’n dawaa kana irraa waggaatti bu’aa Paawundii Biriteen biliyoona 2 ol eegaa jira. GSK’n akka jedhutti qorichi koo kun gabaa seenee yeroo gurgurtaan isaa sadarkaa olaanaa ga’u, galii gurgurtaa isaa irraa waggaa tokko keessatti Paawundii Biriteen biliyoona 2 ol fiduu danda’a jedhee Eegaa jira.

Biyyoota Guddachaa Jiran (Biyyoota Eeshiyaa fi Afrikaa) keessatti gatiin kun kan biyyoota guddatanii irra gadi bu’aa ta’uu danda’a.

Dhaabbanni fayyaa Addunyaa WHO dhiibbaa gochuun oomishitoonni akka generic drug (qoricha dandeettii walfakkaataa qabu biyya hiyyeessaaf gatii gadi bu’aan dhiyaatu akka oomishamu gochuu danda’a. Garuu kun waan akka salphaatti ta’uu danda’u miti. Qorichi kun hanga ammaatti biyya kamiyyuu keessatti approved miti.

Yoo qorichi kun mirkanaa’ee gabaa seene, dhaabbileen fayyaa addunyaa, mootummoonni fi gareewwan access program gatii isaa akka gadi bu’uuf dhaabbata oomishaa Dawaa kanaa wajjin marii gochuu danda’u kunis waggoota fudhata.

TILMAAMA BIYYOOTA GUDDACHAA JIRAN

Yoo kun milkaa’eef Afrikaa fi Biyyoota guddachaa jiran keessatti yaalii guutuuf baasiin isaa Tilmaamaan Doolaara 1,000 hanga 3000 ta’uu danda’a. Kunis Qorshii Itoophiyaa ETB 163,078 hanga 489,234 ta’a jechuudha.

HUBACHIISA GATII

Gatiin yaala kun haala yeroo waliin jijjiiramuu danda’a. Hanga tilmaamee gadi ta’uu fi isaa ol ta’uu danda’a. Haala amma jiruun Qarshii Itoophiyaa kuma dhibbaa fi tarii hanga milyoonaa gaafachuu danda’a, kunis madaallii gabaa sharafa addunyaa amma jiruutiin jechuudha. Haalli gatii isaa yeroo dawaan garbaatti ba’e booda sirriitti beekkamuu danda’a.

GIDDU GALA YAALA AADAA OROMIYAA

Tajaajila Yaala Uumamaa

Barreeffamni kun barnoota fi odeeffannoo fayyaa uummataaf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa’n kan qophaa’e dha.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa ragaa saayinsii irratti hundaa’uun barnoota fayyaa fi odeeffannoo fayyaa karaa maarsariitii fi karaa miidiyaalee hawaasaa yeroo yeroon maxxansuun alattis Dhulkuba Tiruu Vaayirasii Tiruu Hepatitis B dabalatee Dhukkuboota 30 oliif yaala Uumamaa qulqullina qabu ni dhiyeessa.

Dhukkuboota garaagaraaf Yaala Uumamaa hubannoo saayinsaawaa irratti hundaa’e Nurraa argachuu dandeessu.

Yaalaaf qaamaan gara buufata keenyaa dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate, bakka jiratanitti qorannoo fayyaa taasisuun bu’aa qorannoo fayyaa keessanii Nuuf Erguun, biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti dawaa Ergisiifachuu fi tajaajila argachuu dandeessu. 🌍💊 Nu qunnamuuf Lakkoofsa Bilbilaa 0910333944 yokan 0917535385 fayyadamuun Karaa WhatsApp fi Telegram, yookaan SMS dhimma keessan barreeffamaan nuuf erguu dandeessu. Hanga Deebii isiniif kenninutti obsaan Eeggadha.


Nu qunnamuuf

WhatsApp • Telegram • SMS

Madda Wabii — References

Maddoonni armaan gadii waa’ee Hepatitis B, functional cure, sterilizing cure, cccDNA, Bepirovirsen, qorannoo kilinikaa fi qajeelfamoota yaalaa irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf kan dhiyaatan dha.

1. World Health Organization. Hepatitis B — Fact Sheet.
Global burden, transmission, prevention, chronic hepatitis B and treatment.


Source ↗

2. ClinicalTrials.gov. Bepirovirsen Clinical Trials.
Clinical trial registry records for bepirovirsen.


Source ↗

3. ClinicalTrials.gov. B-Well 1 — Bepirovirsen.
Phase III B-Well 1 clinical trial information.


Source ↗

4. ClinicalTrials.gov. B-Well 2 — Bepirovirsen.
Phase III B-Well 2 clinical trial information.


Source ↗

5. PubMed. Bepirovirsen and Chronic Hepatitis B.
Peer-reviewed studies concerning bepirovirsen and chronic hepatitis B.


Source ↗

6. PubMed. Hepatitis B Functional Cure and cccDNA.
Scientific literature on functional cure, cccDNA persistence and HBV cure strategies.


Source ↗

7. GSK. Official Corporate Website.
Company information and pharmaceutical research announcements.


Source ↗

8. Ionis Pharmaceuticals. Official Corporate Website.
Antisense technology and pharmaceutical development.


Source ↗

9. U.S. Food and Drug Administration. Drugs.
Drug approval and regulatory information.


Source ↗

10. European Medicines Agency.
European medicines regulatory information.


Source ↗

11. American Association for the Study of Liver Diseases — AASLD.
Hepatology research and clinical practice guidance.


Source ↗

12. European Association for the Study of the Liver — EASL.
Clinical practice guidelines and liver disease research.


Source ↗

Odeeffannoo Maxxansaa

KutaaOdeeffannoo
Mata-dureeDawaan Ammayyaa Dhibee Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Fayyisuu Danda’u dhuguma Argameeraa!?
Gosa barruuBarnoota Fayyaa Uummataa
DhaabbataGiddugala Yaala Aadaa Oromiyaa
AfaanAfaan Oromoo
Mata-duree qorannooHepatitis B • Bepirovirsen • Functional Cure • Sterilizing Cure

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa
RAGAA SAAYINSII • HUBANNOO FAYYAA • ITTI GAAFATAMUMMAA
Barreeffama barnoota fayyaa uummataa. Odeeffannoon kun madaallii fi murtii yaalaa dhuunfaa bakka hin bu’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *