Faayidaa kanniisaan ciniinamuun qabu

Faayidaa kanniisaan ciniinamuun qabu🌿

Bu’aawwan Fayyaa Hiddaan Kanniisaa qabu hedduudha.

Hiddaan kanniisaa (BVT), gosa apitherapy, summii kanniisaa fayyadamuun haalawwan adda addaa, Yaaluuf itti fayyadamanidha.

Kanniisa namni hin beekne hin jiru, kanniisaan ciniinamtee beekuu dhabuu dandeessaa garuu damma kanniisaa mi’aawaa sana, namni hin nyaanne jira jennee hin yaadnu!.

Kanniisa jechuun Uumama gaarii gochi ishee hundi faayidaa guddaa qabu dha!. Kanniisni damma ishee qofa osoo hin taane, inni isheen Aartee loluuf nu ciniintus faayidaa fayyaa qabaa!.

Namoonni kanniisaan itti yaadanii akka Of ciniinsanu jajjabeessuun waan ajaa’ibaa fakkaachuu danda’a, garuu summii kanniisaa qorichaaf itti fayyadamuun yoo xiqqaate waggoota 5,000 dura ture.

Qoricha Egypt durii fi aadaa Chaayinaa keessatti summiin qaajibboo fi bofaa wal’aansa adda addaa keessatti fayyadamaa ture.

Summiin kanniisaa Dh.K.D jaarraa lammaffaa irraa eegalee Baha Eeshiyaa keessatti fayyadamaa ture.

Jaarraa 20ffaa keessa, godaantota lammii Haangaarii Bodziej Beck jedhamu, summii kanniisaa fayyadamuun dhukkubsattoota dhukkuba dhukkubbii lafee arthritis waggoota 60 oliif yaaluuf yaala qoricha Ameerikaatti jalqabee amma baadiyyaa keessatti baratamaa ta’ee jiraa.

Biyyoota akka Chaayinaa, Kooriyaa, Indiyaa fi Ameerikaa keessatti Namoonni itti yaadani kanniisaan Of ciniinsuu!. Qorannoo gaggeeffameeni bu’aawwan fayyaa gurguddoo qabaachuu danda’a jedhamee jira.

Qorattoonni akka jedhanitti hiddaan kanniisaa wantoota sochii qaban faayidaa qaban kan akka anti-inflammatory, anti-bacterial, anti-viral, fi immune-modulatory ta’an hedduu Of keessatti qabaa.

Saayintistoonni Giriikii fi Kooriyaa Kibbaa argannoowwan summiin Kanniisaa kompaawundii dhukkubbii lafee fi inflammation arthritis wajjin walqabatu

hir’isuu keessatti bu’a qabeessa jechuudhaan maxxansaniiru.

Hiddaan kanniisaa wal’aansa uumamaa cimaa ta’ee fi kompaawundoota farra inflammatory, farra baakteeriyaa, farra vaayirasii fi ittisa qaamaa guddisan of keessaa qabuudha.

Fayyaa Lafee, narvii, gogaa, Tiruu fi ujummoolee dhiigaa dabalatee haalawwan fayyaa 21 ol ta’uu danda’an yaaluu fi ittisuuf, hirrisuuf, gargaaruu danda’a.

Sochii Farra Inflammatory humna guddaa qabu, Infeekshinii yeroo dheeraa keessattuu dhukkuba lafee ruumataayid arthritis fi osteoarthritis yaaluuf kan ooludha.

Dhiita’uu ni hir’isa, dhukkubbii ni salphisa, akkasumas lafee daddabbii ni fooyyessa. Dhukkubbii Lafee (Rheumatoid Arthritis) Hir’isu, Hiddaan kanniisaa keemikaalota dhukkubbii lafee xiqqeessan Of keessaa qaba. Dhukkubbii dugdaa, jilbaa, hirree fi qubaa fi kkf hir’isa.

Qorannoon Kooriyaa keessatti gaggeeffameen dhukkubbii lafee salphisuuf 80% ol irratti bu’a qabeessa ta’uu mirkaneessuu ibsa

Namoonni dhukkubbii lafee yaaluuf kallattiin bakka dhukkubni jiru kanniisaan ciniinsisu

Fayyaa sirna narvii 🧠 fooyyessa,

Qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti summi hiddaa kanniisaa dhukkuboota akka

Dhukkuba Alzaayimarii, Dhukkuba Parkinso ittisuuf bu’aa qaba.

Seelii narviif akka farra inflammatory ta’ee kan hojjetu yoo ta’u, walqunnamtii seelii narvii gidduu jiru ni guddisa.

Qabiyyee Keemikaalaa Summii kanniisaa đŸ§Ș

Melittin – farra inflammatory fi dhukkubbii hir’isuu faayidaaleen isaa cimaadha.

Apamin – hojii narvii fooyyessuu fi dhiita’uu narvii hir’isa.

Foosfooliipeesii A2 – farra baakteeriyaa fi farra fangasii ta’ee tajaajila.

Kompaawundoota biroo kan akka sukkaara, amiinoo asiidotaa, fi maaykirooviitaamiinii.

Amaloota Qorichaa kan akka Farra baakteeriyaa & farra vaayirasii qaba.

Amaloota Farra Kaansarii

Qorannoon laabraatoorii akka agarsiisutti melittiin du’a seelii seelii kaansarii keessatti ga’ee qaba, gosa kaansarii kanneen akka Kaansarii harmaa, Kaansarii sombaa, Kaansarii Tiruu, Kaansarii piroostaatii fi dhiigaa irratti bu’aa qabaachuu danda’a.

Haa ta’u malee, itti fayyadamni kun ammallee sadarkaa qorannoo kilinikaa jalqabaa irra jira.

Marsaa dhiigaa ni fooyyessa: Dhangala’aa dhiigaa ni jajjabeessa, fayyinaaf ni gargaara.

Dhukkuba baakteeriyaa fi vaayirasii irraa ittisuu 🩠

Kompaawundoota amaloota farra maaykiroobiyaanii qaban of keessaa qaba.

Baakteeriyaa dhukkuba gogaa fi sirna hargansuu fidan, fi vaayirasii tokko tokko irratti bu’a qabeessa.

Sochii Baayoloojii Summii kanniisaa 🐝

Sochii baayoloojii summii kanniisaa (Apis mellifera venom), kompaawundoota ijoo fi bu’aa wal’aansaa isaanii hedduudhaa.

Summiin kanniisaa kompaawundii walxaxaa pirootiinota, peeptiidaayidii fi inzaayimoota of keessaa qabu yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii dhiibbaa baayoloojii addaa qaama keessatti uumuuf gumaachu. Hojiileen kunniin gosoota gurguddoo hedduutti ramadamuu danda’u

Hiddaan kanniisaa dhukkubbii qofa miti; walnyaatinsa kompaawundoota sochii qaban kan amaloota qorichummaa kenneen akka Farra Kaansarii fi Farra inflammatory, Dhukkubbii namarraa hir’isu, sochii Farra baakteeriyaa fi farra fangasii, Immunomodulator, Marsaa dhiigaa guddisuu fi Dhukkuboota niwurooloojikaalaa tokko tokko irratti bu’a qabeessa, Sochii farra tumoor Of keessatti qabatee jira.

Hiddaan kanniisaa 🐝Faayidaa hedduu qabaatus, wal’aansi summii kanniisaa Miidhaa salphaa kan akka yeroof Diimachuu, dhiita’uu, bakki ciniiname ququnca’uu ykn dhukkubbii daqiiqaa muraasa namatti dhaga’amu danda’a!.Kanaan Ala kanniisa 3-5 hiddamuun miidhaa hin qabu.

Summii hiddaa kanniisaa damma keessaa dhibbeentaan 22 qofti qorichaaf kan hojjetu yoo taÊŒu, kan hafe bishaan qofa. Saayintistoonni amiinii, inzaayimootaa fi peeptiidaayidii dhukkubbii ciniinnaa ykn alarjiif itti gaafatamummaa qaban adda baasaniiru. Wantoota summii beeyladaa keessatti argaman keessaa dhibbeentaan 52, peeptiidii melittin jedhamudha

Dhiita’uu fi ququnca’uun ciniinnaa bkanniisaa wajjin walqabatee dhufu, hamma xiqqaa, dhibbeentaa 1 hanga 2 qofa, dopamine fi norepinephrine, kan dha’annaa onnee qaamaa fi oomisha histamine dabalu irraa kan dhufudha.

© Qopheessaan Giddu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa

Barreessan Dr. Huzaifah, ogeessa qoricha aadaa fi herbal treatment, qorannoo saayinsii fi aadaa walitti makuun wantoota bu’aawwan fayyaa karaa uumamaa namaaf kennan irratti bal’inaa hojjataa jirra.

Itti fayyadama Qorichoota Aadaa irratti Hubannoo saayinsii fi aadaa walitti fiduun odeeffannoo sirrii fi amansiisaa kennuuf kutannoodhaan hojjetaa jirra.

Dhuma barreeffaama kanaa irratti mallattoo Share yokan Facebookii tuquun barreeffama kana Share waliif godhaa 🙏 đŸ€ Galatoomaa.

Maddi wabii odeeffannoo kanaa kanneen Armaan gadii ti:

1. Frontiers in Pharmacology. Harnessing the power of bee venom for therapeutic and regenerative medical applications: an updated review. 2024.

2. MDPI, Veterinary Sciences. Biological activities of bee venom. 2024.

3. Krell, R. Bee Venom: Collection and Composition. Journal of Apicultural Research.

4. USDA. Safety Guidelines for Bee Venom Therapy.

5. Downey, R. Melittin and Apamin: Biochemical Properties and Therapeutic Applications.

6. Bowling, J. Immunological Responses to Bee Venom: Mechanisms and Clinical Implications.

7. Ali, A. Pharmacological Effects of Bee Venom Components: Histamine, Dopamine, and Noradrenaline.

8. Lukets, M. Clinical Studies on Bee Venom Therapy for Benign Prostatic Hyperplasia (BPH).

9. Popular Mechanics. Bee Venom for Lyme Disease.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *