Ibsa Bal’aa Waa’ee Yaala Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, Maalummaa Dhibichaa Sirna Yaalaa Guutuu.
Barreeffama kana keessatti waa’ee yaala Dhibee vaayirasii Tiruu Hepatitis B, fi Dawaalee Uumamaa Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa keessatti dhibee kanaaf kennaman maalummaa isaanii irratti Dhukkubsataaf ibsa bal’aan as keessatti jira.
Namni tokko dhibee Tiruu nu biratti yaalamuu barbaadu tokko wantoota Barreeffama kana keessatti argaman sirriitti dubbisuun hubachuun barbaachisaadha.
1. Seensa Waliigalaa
Dhukkuba Vaayirasii Tiruu “Hepatitis B” jechuun dhukkuba Tiruu daddarbaa Vaayrasiin dhufu keessaa tokko yoo ta’u,
Dhukkubni kun yeroo baay’ee “dhibee callisaa” (silent infection) jedhama, dhukkubsataa irratti utuu Mallattoo hin agarsiisin dhokatee gara sadarkaa cimaatti ce’uu danda’a. Namoonni baay’een hanga tiruun isaanii baay’ee miidhamuutti, Dhibee kana qabaachuu isaanii hin beekan. Namni baay’een erga Dhibeen itti hammaatee gara madaa Tiruu Cirrhosis fi kaansarii tiruu HCC uumamutti beekuu dhabuu danda’u. Vaayirasiin Hepatitis B DNA Integrative godhee utuu mallattoo tokko hin agarsiisin kaansarii Tiruu HCC uumuu Dhibee danda’udha.

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu kan hawaasa kutaa tokko tokko keessatti “Dhibee Simbiraa” jedhamee beekamu kun dhibee salphaa yeroo gabaabaa keessatti qoricha tokkoon ykn dawaa muraasaan xumuramu miti. Inni dhibee yeroo dheeraa, amala baayoloojii wal-xaxaa qabu, tiruu irratti miidhaa suuta-suuta fiduu danda’u, akkasumas sirna ittisa qaamaa fi dhiiga keessatti haala adda addaan of mul’isuudha. Kanaaf, yaala isaa irratti yeroo dubbatamu, namoonni baay’een Dhibee biraa wajjin wal bira qabanii ilaaluu fi waa’ee gatii Qorichoota isaa irratti gaaffii kaasuu danda’u.
Yeroo baay’ee Yaala fayyaa Dhibee yeroo dheeraa keessatti wantoonni namoonni baay’een hubachuu dadhabanu jiru, isaanis dheerina yaalaa yokan Dhibeen kun fayyuuf yeroo hanga kam barbaadaa? baay’ina dawaalee yaala kana keessatti hojiirra oolanuu hagamii ? Dawaalee Qorichoota gosa meeqa nama kanaaf kennama? Yaalli kun fayyuu mo to’achuuf tajaajila? maal irratti xiyyeeffata? dhibee kana irratti bu’aa akkamii argamsiisa kan jedhu sirriitti madaaluun hubachuun barbaachisaa dha.
Garaagarummaan kunneen addaan baafamanii hubatamuu baannaan, Namni tokko yaala dhibee kanaa hubachuu dhabuu fi gatiin yaalaa inni gaafatamu qaalii fakkaatee itti mul’achuu danda’a, yokan dhibee kun Dawaa muraasaan dafee fayya jedhee yaaduu danda’a. Kun immoo Hubannoo Dogongoraa fidee akka inni yaala dhiisuuf sababa ta’uu danda’a!.
Tajaajila fayyaa keessatti wantoonni sadii adda baafamanii hubatamuu qabu:
Tokkoffaa:
Dawaalee muraasa yeroo tokko mana qorichaa/faarmaasii irraa bitachuu fi protocolii yaalaa guutuu hordofuun yokan dhibee tokkoof yaala guutuu fudhachuun tokko miti.
Lammaffaan:
Yaala Dhibeewwan yeroo gabaabaa fi Dhibeewwan yeroo dheeraa wal fakkeessuun yokan tokko godhanii ilaaluun sirrii miti.
Sadaffaan:
Dawaan yokan Yaalli dhibee too’atu, kan akka dhukkubni tokko namatti hin hammanne ittisuuf tajaajiluu fi Yaalli dhibee guutummaatti fayyisuu irratti xiyyeeffatu tokko miti.
Wantoonni armaan olitti ibsaman kunneen hundi tajaajila fayyaa keessatti garaagarummaa guddaa qabu; garuu namoonni baay’een garaagarummaa isaanii sirriitti Adda baasuun hin hubatan!
Dawaa tokko mana qorichaa irraa bitachuu fi yaala guutuu addaan baasuun dirqama. Qoricha tokko ykn Dawaalee muraasa faarmaasii yokan mana qoichaa irraa bitachuu fi Yaala fayyaa guutuu hordofuu/fudhachuun tokko miti. Garuu Yaalli fayyaa guutuun adeemsa/process dha, malee Dawaa tokko qofaan hin daangeffamu. Yaala guutuu jechuun, namni tokko dhibee yeroo dheeraa irraa fayyuuf yookaan dhibee walxaxaa tokko irraa fayyuuf Protocolii yaalaa guutu hordofuu fudhachuu jechuudha.
2. Amaloota wal-xaxaa Vaayirasiin Hepatitis B qabuu fi sababa dhibeen kun dafee fayyuu dhibeef
Dhukkubni Vaayrasii Tiruu Hepatitis B dhibee salphaa miti, Inni dhukkuba amala baayoloojii wal-xaxaa ta’ee (biological behavior) gadi fagoo qabudha. Maqaan isaa “dhibee tokko” ta’us, qaama namaa keessatti caasaan isaa, bala’aadha, marsaa jireenya isaa (viral life cycle), fi akkaataa inni qaama namaa keessa itti of tikfatu hedduu wal-xaxaa dha.
Vaayirasiin HBV dandeettii Of dhoksuu cimaa kan qabu yoo ta’u, Vaayirasichi dandeettii sirna ittisaa fi Dawaalee jelaa miliquu fi qaama namaatti madaqee jiraachuu cimaa qaba.

Dhibeen kun karaa baayyee fi wal xaxaa ta’een qaama namaa keessatti hojjeta, Tiruu qofa irratti hin hojjetu,, Jalqaba sirna ittisa qaamaa gowwoomsee osoo hin duhin, seelii Tiruu keessa qubata, kana booda handhuura seelii tiruu (hepatocyte nucleus) keessatti gadi fageenyaan of awwaala, kuusaa fi warshaa dhalmaya DNA isaa bifa (cccDNA reservoir) jedhamuun, bifa cimaa jabaa ta’een bakka yeroo dheeraaf of tikfachuu danda’utti, ijaarrata, Sirna ittisa qaama namaa irratti dadhabinaa fi jijjrama walitti fufiinsa qabu fida. Ittisa qaamaa dadhabsiisee gara marsaa (immune tolerance) jedhamutti jijjiiruun dandeettii qaamni Vaayirasii haleeluuf qabu, akka laaffatuu fi qaamni Vaayirasii kana firakoo jedhee akka fudhatu godha. Haala kanaan Qaama keessatti dhokatee Seelii Tiruu keessatti of-baay’isa (viral replication) gochuu itti fufa. Booda, seelii tiruu irratti miidhaa madaan (fibrosis, cirrhosis) akka Uumamu taasisa.
Akkasumas amaloota dhibee Vaayiresii kana, hamaa fi sodaachisaa godhan keessaa tokko Utuu mallattoo tokko hin agarsiisin kaansarii Tiruu HCC uumuu danda’u isaati, vaayrasichi DNA ofii isaa kan DNA namaa wajjin Integrative godhee walitti makuun, seelii Tiruu keessatti jijjirama fidee, akka Utuu mallattoo tokko hin agarsiisin, utuu madaa Tiruu hin fidin kaansarii Tiruu HCC nama saaxiluu danda’uu isaati! Kun balaa guddaa dha! Sababni isaas utuu hin beekin lubbuu galaafachuu danda’a!.
Walumaagalatti Dhibeen Amaloota isaa armaan olitti ibsaman malees amaloota wal-xaxaa biroo qabu irraa kan ka’e, dhukkuba salphaa yeroo gabaabaa keessatti, Dawaalee muraasa qofaan fayyuu danda’u akka hin dandeenye ifaadha. Vaayirasiin kana yaaluun Dawaalee karaa hedduu hojjetanu (multi-target therapy) ta’an kan vaayrasii kana kallattii hedduun Haleelanu fayyadamuu barbachisa.
Namni tokko dhibee kana irraa yaalamee fayyuuf Qorichoota gosa adda addaa fi karaa garaagaraan hojjetanu yaala guutuu fudhachuu isa barbaachisa.
Dhibee amaloota wal-xaxaa kana qabu yaalli isaaf kennamu bu’a-qabeessa akka ta’uuf Qorichoonni dhukkubsata kanaaf kennamanu, kallattii tokko qofaan kan hojjetu ta’uu hin qabu. Akkasumas kan vaayirasicha to’atuu qofa osoo hin taanee, Dawaalee kallattii hedduun dalaganu Dawaa sirna ittisa qaamaa Vaayirasichi miidhe deebisanii ijaaruu fi dammaqsu, Tiruu miidhamte deebisanii haaromsuu fi kuusaa Vaayirasichaa hundee isaa cccDNA kan wiirtuu seelii Nucleus tiruu keessa jiru irratti xiyyeeffachuun balleessuu danda’an ta’uu qaba. Yaala Vaayrasii Tiruu kana keessatti akka dhukkubsataan Bu’aalee fayyinaa kanneen argatuuf, Qoricha gosa adda addaa Dawaalee Uumamaa faayidaa fi sochii Baayoloojii garaagaraa qaban qindoominaan tartiibaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha.
3. Yaalli dhaabbanni keenya dhiyeessu kan akkamii ti? Haala kamiin dhiyaata?
Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa yeroo dheeraaf dawaalee dhibee fayyisan (Curative Therapy) oomishuun tajaajila yaala Vaayirasii Tiruu Hepatitis kennaa turuun isaa ni beekama. Dawaaleen kunniin Vaayirasii kana guutummaatti fayyisuu kan danda’an yoo ta’u, isaan kun dawaa Aadaa salphaa osoo hin taanee, Bu’aa qindoomina saayinsii ammayyaa fi dandeettii biqiltoota uumamaa ti. Qorichoonni Vaayirasii HBV Yaalan kunneen bifa Ammayyaa qulqullina isaa eeggateen qophaa’anidha.
Yaalli Vaayirasii HBV akka milkaa’uuf tartiiba qabaachuu qaba. Dawaaleen hundi yeroo tokkoon kennamanii hin xumuraman. Sadarkaan yaalaa bu’aa qorannoo, haala qaamaa, fi deebii dhukkubsataa irratti hundaa’a.
Tartiiba Dawaaleen kunnneen Dhukkubsataaf itti kennamanu

Giddugala keenya keessatti dhukkuba kanaaf Tartiibaan Dawaalee gosa garaagaraa ta’an hedduun dhukkubsataaf tartiibaan kan kennamu yoo ta’u, akkaataa Dawaaleen kunnneen itti kennaman bakka sadii gurguddaa tti, qooduun ibsuun ni danda’ama, Tartiiba Armaan gadii kana sadan hordofuun kennama:
➤ Kutaa Jalqabaa (Initial Phase) keessatti
Dawaalee farra Vaayirasii kan Dhiiga keessaa HBV DNA gadi buusuu fi Adeemsa Vaayirasiin of-baay’isuu (viral replication) isaa dhaabu kennama.
➤ Kutaa Giddugaleessaa (Intermediate Phase)
Dawaalee Sirna ittisa qaamaa (immune system) dammaqsuu
Qaamni vaayirasicha akka ofiin balleessu taasisaanuu fi HBsAg clearance Argamsiisantu kennama.
➤ Kutaa Xumuraa (Final Phase)
Dawaalee Seelii tiruu (hepatocytes) miidhaman haaromsuu akka deebi’anii Of suphan taasisanuu fi
kallattiin hundee dhibicha cccDNA irratti hojechuun Fayyina dhaabbataa (functional/sterilizing cure) argamsiisantu kennama.
Dhukkubsataa kanaaf Dawaaleen kunneen hundi walitti hidhamanii yeroo isaanii eeggatanii tartiibaan (step-by-step) kennamu, dawaa tokko qofa osoo hin sirna guutuu (complete protocol) keessatti kennamuu qabu.

Dawaaleen uumamaa kunneen sadarkaa isaanii eeggatanii kan qophaa’an Yoo ta’u, Amaloota baayoolojii wal-xaxaa gufuuwwan vaayirasichaa kan armaan olitti ibsaman hunda Tartiibaan hojjetanii Vaayiresicha injifatanii dhibee kana hundee isaa irraa buqqisuun fayyina waaraa argamsiisuu danda’u. Dawaaleen uumamaa afran kunniin garuu Vaayirasicha, kallaattii hundaan waan haleelaniif vaayirasichi bifa jijjiirratee deebi’uu fi milquu hin danda’u.
4. Maaltu gatii yaalaa akka ol ka’u taasise?
Akkuma armaan olitti ibsame Yaalli Dhibee kanaa Dawaa gosa adda addaa gaafata, Yaalli namni kun fudhataa jiru, dawaa tokko qofaan hin daangeffamu Protocolii guutuu qaba. Dhukkubsataa kanaaf haala dhukkuba isaa irratti hundaa’ee madaalamee, yaala guutuu dawaalee garaagaraa fi gorsa soorataa fi deeggarsa yaalaa walitti fufiinsaan hanga inni fayyutti kennamaaf. Namni kun Ji’a ji’aan haalli isaa hordofama, Dawaaleen ni jijjiiramanii kennamuuf, Yoo barbaachise doosiin ni sirreeffama. Hir’inni soorataa yookaan dadhabbii sirna ittisa qaamaa ijaaruuf Viitaaminootaa fi Albuudonni ni dabalamu. Sirna ittisa qaamaa dammaqsuuf Dawaalee immune booster ni kennamu, kana malees dawaa Tiruu cimsuu fi haaromsu, dawaa Vaayirasii Ajjeesuu fi kkf of keessaa qaba. Kun hundi walitti ida’amee yaala guutuu jedhama.

Namni kun Yaalli inni argate dawaa tokko qofa miti. Inni protokoolii yaalaa waan hunda of keessaa qabu fudhate, Protokooliin kun dawaalee gosa garaagaraa Of keessaa qaba. Namichi Kaffaltii kan raawwatu gatii dawaa tokkoo osoo hin taane, gatii protocolii yaalaa guutuu fudhataa tureeti jechuudha.
5. Dhiyeessii galtee Raw Materials fi Haala oomisha Dawaalee
Wantoota gatii yaalaa kanaa ol kaasan keessaa tokko qorichoonni Vaayirasii kana yaaluuf tajaajilan harki guddaan galtee biyya alaa irraa galfamanu hirkata. Qorichootni vaayirasii HBV yaalan kun nuti Qopheessine kunneen wantoonni isaan Irraa Oomishamanu (Raw Materials) isaanii harki guddaan (%70 ol) biyya alaa irraa kan galfaman yoo ta’u, Qorichoota uumamaa kanneen qopheessuuf galteewwan adda addaa barbaachisa. Isaan keessaa muraasni biyya keessaa yoo ta’u hedduun isaanii immoo biyya alaa irraa kan dhufinidha. Galteewwan biyya alaa irraa dhufan kunneen Standardized Herbal Extracts fi kkf yoo ta’an, Yoo galteen sadarkaa isaa eeggateeb qoricha qulqullina qabu oomishama.
Galteewwan kun biyya keesa ta’uu dhabuun gatiin yaala dhibee kanaa warra kaanii ol akka dabalu gochuu danda’a. Galteewwan kunneen biyya keessa ta’uu dhabuu qofa miti Gatiin isaanisa qaaliidha!.
6. Garaagarummaa Dawaa Dhibee To’atu fi Yaala Dhibee Fayyisuu Addaan Baasuu
Yaala keessatti garaagarummaan guddaan jiruu fi kan namoonni hedduun Hubachuu dhaban, tokko Yaalli Dhukkuba to’atu, Control Therapy fi yaalli dhibee fayyisu Curative Therapy tokko miti.
Yaala Dhukkuba To’atu — Control Therapy

Dawaaleen yokan yaalli kun dhibee to’achuu irratti xiyyeeffata. Fakkeenyaaf, namni vaayrasii tiruu qabu tokko Dawaa kana yoo fudhatu, baayyina vaayrasii dhiiga keessaa viral load gadi buusuu, mallattoolee Dhibee hir’isuu, miidhaan dabalataa akka hin uumamne ittisuu, yookaan haala dhukkubsataa tasgabbeessuu danda’a. Garuu madda dhibichaa guutummaatti dhabamsiisuu yokan fayyisuu irratti hin xiyyeeffatu.
Mana yaalaa ammayyaa keessatti dawaaleen dhibee kanaaf kennaman kaayyoon isaanii dhibicha to’achuu (Control) malee guutummaatti fayyisuu (Cure) miti.
Namni tokko mana yaalaa deemee dhibee kanaaf yeroo yeroon Qorichoota ammayyaa gatii salphaadhaan bitachuu danda’a, garuu Qorichoonni sun mallattoolee dhukkuba sanaa hir’isuu, dhibeen akka hin hammaanne to’achuu, yookaan qaamni yeroo muraasaaf akka tasgabbaa’u gargaaruuf malee dhibee sana guutummaatti fayyisuu hin danda’u. Hojiin isaa dhibee to’achuu disease control dha. Kanaaf yeroo yeroon Umrii guutuu fudhachuu gaafata gatiin isaa salphaa fakkaatu sun Oolee bulee gatii Dawaa Dhibee yeroo tokkoon fayyisuu Caalaa qaaliidha.
Yaala Dhukkuba Fayyisu — Curative Therapy

Yaalli Dhibee fayyisu kaayyoon isaa mallattoo Dhukkubaa qofa salphisuu miti; Yaalli kun Kaayyoon isaa dhibee hundeedhaan balleessuu irratti hojjechuu fi sababoota dhibee sanaa sirreessuu, qaama miidhamee deebisuu, sirna ittisa qaamaa deeggaruu fi dammaqsuu, miidhaa dhibeen kun Tiruu irratti fide tiruu miidhamte suphuu, fi hundee vaayrasii kanaa balleessuun nama kanaaf fayyina bu’uuraa fiduu dha. Yaalli akkasii yeroo gabaabaa keessatti dawaa tokkoon hin xumuramu. Inni dawaalee hedduu, tartiiba, hordoffii, fi sirreeffama barbaada.
Dhibee kana Fayyisuun Dawaa tokko qofa osoo hin taane, Dawaa Gosa Hedduu fi qindoomina viitaminoota, albuudotaa fi tooftaalee yaalaa dhibee sana karaa hundaan dhabamsiisuun fayyina Dhaabbataa ta’e Argamsiisuu danda’an dhukkubsataa kanaaf kennama. Yaala kana keessatti tajaajilli nama kanaaf kenamu kan dhukkuba too’atu osoo hin taane kan dhibicha dhabamsiisuu (Eradication) irratti xiyyeeffatu dha. Kunis yeroo dheeraa fi Dawaalee baayyee waan gaafatuuf gatiin isaa kan yaala dhibee too’atu caalaa qaaliidha. Sababni isaas namni kun yeroo tokko kaffaltii raawwata waan ta’eef qaalii fakkaatee mul’achuu danda’a!.
Wantoota armaan olitti ibsaman kana hubachuun maalummaa Dhibee fi yaala isaa ilaalchisee gaaffii jiru hundaaf deebii akka argattaniif isin gargaara.
Giddu-gala yaala Aadaa Oromiyaa keessatti dhibee vaayirasii kana guutummaatti fayyisu kennina.
Qorichoonni kun Molekulaaronni uumamaa qabiyyeewwan xixxiqqoo fi dandeettii seeliiwwan keessa lixanii darbuu (Permeability) olaanaa qaban waan ta’aniif, seelii tiruu keessa lixanii bakka hundee dhibee kanaa jiru cccDNA gahuu kana danda’an waan ta’eef fayyina guutuu fi dhaabbataa ta’e argamsiisuu danda’u.
Dawaaleen kunnneen Jalqaba baay’ina vaayirasichaa dhiiga keessaa gadi buusuu (Viral Load Reduction), itti aansuun haguuggii isaa diiguu (HBsAg Clearance), itti Aansuun Seelii Tiruu miidhame deebisanii Ijaaruu tiruu ni suphu, dhumarratti dhibee kana madda isaa nucleus keessaa balleessuun, ittisa qaamaa waaraa (Anti-HBs Seroconversion) uumuun, total systemic clearance mirkaneessuun fayyina guutuu fi Dhaabbataa ta’e Argamsiisu. Walumaagalatti dawaan uumamaa kunneen bifa Vaayirasichi Lammaffaa deebi’ee ka’uu hin dandeenyeen vaayrasii Tiruu irraa fayyina dhaabbataa (durable cure) fi Eegumsa sirna ittisa qaamaa full immunological protection akka Dhukkubsataag kennuuf kan qophaa’ani dha.
Dawaaleen Dhibee kanaa Qorannoo Fayyaa irratti hundaa’ee nama kamiifuu haala Dhibee isaatiin kennamuu danda’a.
Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya.
Bu’aa Qorannoo Fayyaa isaa irratti hundaa’uun dhukkubsataa tokkoof bakka inni jirutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.
Toora Qunnamtii
• Dhukkubsattoota Warra dhibee Vaayrasii tiruu Hepatitis B yaalamuu fedhaniif toora qunnamtii yokan lakkoofsi bilbilaa addaa qophaa’e 👉 091 033 3944 kanadha.
WhatsApp irratti Ergaa barreeffamaan Nuuf Erguuf linkii kana tuqii 👇
Akkasumas Telegram Irratti messege Nuuf Erguuf linkii kana fayyadamuu dandeessu👇
Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?
Kabajamtoota maamila keenya Nu qunnamuuf yokan tajaajila keenya Argachuuf Lakkoofsa bilbilaa keenya irratti Kallattiin hin Bilbilina! Lakkoofsa bilbilaa caqafama irratti karaa WhatsApp fi Telegram irratti messege nuuf Ergaa.
Dhimma keessan barreeffamaan karaa messege SMS kallattiin dhimma keessan Erguu dandeessu!. Akkasumas Ergaan waan baayyatuuf hanga Deebii isiniif kennamutti obsaan Eeggadhaa!.
Yeroo hojii:
Bilbilli keenya banaa kan ta’u, Guyyaa waaree booda sa’aatii 8 hanga galagala sa’aatii 11tti, Halkan Sa’aatii 2 hanga sa’aatii 5tti yoo bilbiltan nu Argachuu dandeessu. Halkan Sa’aatii 5 booda bilbiluun hin danda’amu 📵 miiseejii barreessuu dandeessu.
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

