Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaatti Komii Hawaasaa Deebisuu fi Rakkoo Sirna Tajaajilaa Furuuf Tarkaanfiin Tajaajila Babal’isuuf Fudhatame Maali?
Rakkoo sirna tajaajilaa fi hanqina humna namaa yeroo dheeraaf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa keessatti mudachaa ture hiikuu fi tajaajila yaala aadaa babal’isuuf, dhaabbileen yaala uumamaa lama — Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa fi Giddugalli Yaala Aadaa Kuush — tokko ta’anii jiru.
Waggoota darban keessatti, Wiirtuun Yaala Aadaa Oromiyaa – “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa” – namoota kumaatamaan lakkaa’amaniif odeeffannoo qoricha aadaa bifa saayinsaawaa ta’een qopheessuun maxxansaa tureera.
Yeroo dheeraaf, nuti hojii barnootaa fi hubannoo fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turre. Barreeffamoota yeroo yeroon maxxansinu keessatti, waa’ee yaala aadaa, maalummaa isaa, faayidaa isaa, akkaataa itti fayyadama isaa, akkasumas yoo sirnaan itti hin fayyadamne rakkoolee uumamuu danda’an irratti hawaasa hubachiisuu, of-eeggannoo barsiisuu fi hubannoo sirrii uumuuf hojjechaa turre.
Kana malees, yaala aadaa karaa saayinsaawaa ta’een ibsuu, barreeffamoota qorannoo adda addaa gara Afaan Oromootti hiikuu, waa’ee faayidaa fi itti fayyadama biqiltoota qorichaaf oolan irratti ibsa saayinsaawaa kennuu, akkasumas waa’ee dhibeewwan adda addaa, maalummaa isaanii, sababoota isaanii, mallattoolee isaanii fi mala ittisaa isaanii irratti hawaasa barsiisuu irratti hojii bal’aa hojjechaa turre.
Kaayyoon keenya guddaan, qoricha aadaa bifa saayinsaawaa, qorannoo irratti hundaa’e, karaa hubatamaa, sirrii fi nageenya qabuun hawaasa biraan gahuu dha.
Keessattuu hojiiwwan armaan gadii irratti xiyyeeffachaa turre:
1. Dhukkuboota adda addaa irratti hubannoo fayyaa kennuu.
2. Dhibeewwan yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa, kanneen akka dhibee tiruu, dhibee kalee, dhibee garaachaa, dhibee onnee, rajiijjii, dhukkuboota lafee, dhukkuboota kaansarii fi kanneen biroo irratti odeeffannoo bal’aa qopheessuu.
3. Mallattoolee dhukkubootaa, sababoota isaanii, wantoota carraa dhibeen qabamuu dabalanii fi mala ittisaa isaanii irratti barreeffamoota saayinsii fi uumama walitti qabuun barnoota bu’aa qabeessa ta’e kennan qopheessuun hawaasaaf maxxansuu.
4. Odeeffannoo qoricha aadaa bifa saayinsaawaa ta’een hawaasaaf dhiyeessuu.
5. Barreeffamoota qorannoo faayidaa biqiltootaa irratti xiyyeeffatan gara Afaan Oromootti deebisuun website, Facebook, Telegram fi waltajjiiwwan biroo irratti maxxansuu.
6. Namoota dhibee yeroo dheeraa qabaniif gorsa fayyaa, hubannoo sirrii fi kallattii fayyaa agarsiisuu.
7. Wal’aansa aadaa fi saayinsii walitti hidhuun hawaasaaf karaa salphaa ta’een hubannoo kennuu.
8. Waa’ee biqiltoota qorichaaf oolan, faayidaa isaanii, itti fayyadama sirrii, yeroo itti fayyadamuu qabnuu fi yeroo fayyadamuu irraa of-eeggannoo gochuun barbaachisu adda baasuun ibsu, akkasumas faayidaa fi miidhaa isaanii wal bira qabuun hawaasa barsiisuu fi kkf irratti bal’inaan hojjetaa turre.
Hojii keenya kanaanis, ilaalcha namoonni hedduun yaala uumamaa fi yaala aadaa irratti qaban jijjiiruun danda’ameera. Barbaachisummaa wal’aansa yaala aadaa saayinsii irratti hundaa’e ilaalchisee hubannoon hawaasaa baay’ee guddachaa dhufeera.
Hojii kun hawaasa bal’aa biratti fudhatama guddaa argateera. Lakkoofsi namoota tajaajila argachuu fedhanii baay’ee dabaleera. Biyya keessaa fi alaa irraa namoonni tajaajila argachuuf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa waliin qunnamuu barbaadan guyyaa guyyaan dabalaa dhufaniiru.
Guddina kana waliin walqabatee, namoonni tajaajila barbaadan salphaatti argachuu dhabuu irraa kan ka’e khordoftoonni keenya fi namoonni tajaajila barbaadan komiiwwan gara garaa kaasaa turaniiru. Komiiwwan yeroo baay’ee nu qaqqaban keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
🔹 “Gaaffii keenyaaf deebii hin kennitanu!”
🔹 “Bilbila keenya hin kaastanu, Ergaa keenya hin ilaaltanu yookaan deebii sirrii hin kennitanu!”
🔹 “Kallattiin nama nu simatu hin argannu!”
🔹 “Tajaajila barbaadne kallattiin isin biraa salphaatti argachuu hin dandeenyu!”
🔹 “Wanti isin Facebook irratti maxxansitanii fi haalli tajaajilaa lafarra jiru wal hin fakkaatu!”
Komiiwwan kunneen hundi waan nuti salphaatti ilaallu miti. Dhugaa jiru irratti hundaa’anii kan ka’anidha. Kanaaf, yaada keessan kabajaan fudhanna.
Komiin kun jibbaa irraa kan madde osoo hin taane, amantaa isin nu irratti qabdan, tajaajila sirrii argachuuf hawwii qabdanii fi fayyaa keessaniif furmaata barbaaduu keessan irraa kan madde dha.
Kanaaf, nuti komii kana akka yaada ijaarsaa, akeekkachiisa guddaa fi carraa tajaajila keenya ittiin fooyyeffannu tokkootti fudhannee, tajaajila keenya sirreessuuf hojii qabatamaa jalqabneerra.
Sababni rakkoon kunneen tajaajila keessatti mudataa turaniif maali!?
Dhugaa dubbachuuf Gaaffiin guyyaa guyyaan nu qaqqabu baay’ee guddaa dha. Karaa bilbila dhuunfaa, Messenger, WhatsApp, Telegram, Facebook comment fi inbox, akkasumas karaalee qunnamtii biroon biyya keessaa fi alaa irraa ergaan barreeffamaa fi bilbilli kallattii hedduun nu qaqqaba.
Akkuma beekamu namni hunduu dhimma mataa isaa qaba, Namoonni nu qunnamanu fedhiin isaanii fi gaaffiin isaanii tokko miti,
Namoonni gariin warra dhukkuba yeroo dheeraa qabanii fi kan yaala keenya hordofaa jiran, bu’aa yaalaa isaanii ilaalchisee nu mariisisuuf bilbilu: Gama biraatiin immoo namoonni haaraan yaala eegaluuf bilbilu; namoonni gariin immoo Barreeffamoota karaa Facebook fi Telegram fi Website keenya irratti nu Maxxansinu, dubbisanii, waan dubbisan sana kirratti ibsa dabalataa argachuuf gaaffii dhiyeessu.
Gariin immoo qoricha, gorsa fayyaa, bu’aa qorannoo, akkaataa itti fayyadama biqiltootaa, of-eeggannoo barbaachisu fi wantoota fayyaa biroo irratti gaaffii dhiyeessu.
Guyyaa guyyaan gaaffilee wal makaa, baay’ee fi yeroo dheeraa fudhatan nu qaqqabaa jiru.
Kunis Miseejii fi bilbilli akka baay’atuu fi humnaa ol ta’eera.
Lakkoofsi Namoota tajaajila argachuu barbaadanu baay’ee guddaa dha.
Garuu gareen Ogeessota dhaabbaticha keessatti tajaajila kennanu, lakkoofsaan hanga ammaatti xiqqaa ta’uu fi akkasumas hojiin dabalataa kan akka qorannoo fi baruu fi barsiisuu, barreeffama qopheessuu, dhukkubsattoota hordofuu fi tajaajila yaalaa kennuu jiraachuu irraa kan ka’e, gaaffii namoota hunda yeroo barbaachisaa keessatti deebisuun rakkisaa ta’aa tureera.
Fedhiin hawaasaa saffisaan guddate; humni tajaajilaa keenya garuu hanga barbaachisummaa sanaatti hin bal’anne ture.
Akkasumas, tajaajila yaalaa keenya keessaa gara dhibbeentaa 70 ta’u karaa toora interneetii fi marsariitii keenyaatiin dhiyeessina ture. Haa ta’u malee, namoonni hedduun waa’ee marsariitii irratti hubannoo gahaa waan hin qabneef, karaa website seenuun galmaa’uu, tajaajila barbaadan filachuu fi waan isaan barbaachisu ajajuun isaanitti ulfaataa ture. Baay’een isaanii sirna kana fayyadamuu hin beekan.
Sababa kanaan, namoonni hedduun tajaajila argachuuf kallattiin nu qunnamuu barbaadanillee, karaa salphaa fi sirrii ta’een nu bira gahuu irratti rakkataa turan.
Sababa kanaanis Komii bal’aanis yeroo yerootti ka’aa ture. Fakkeenyaaf, bilbila kaasuu dhabuu, buufata tajaajilaa fi ogeessa salphaatti argachuu dhabuu, ergaa fi bilbilaan deebii yeroo isaa eeggate argachuu dhabuu, beellama sirriitti argachuu dhabuu, akkasumas tajaajila barbaadan yeroo barbaadanitti salphaatti argachuu dhabuu irratti komiin hedduun ka’aa tureera.
Dhaabbatichi garee isaa waliin ta’uun Komiiwwan kana hunda gadi fageenyaan ilaaluun, rakkoo kanaaf furmaata bu’uura qabeessa kennuuf, Dhaabbanni Yaala Aadaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Yaala Aadaa Kuush waliigaltee irra gahanii, qaama tokko ta’uun tajaajila bal’aa, dhaabbataa fi qindaa’aa hawaasa keenyaaf kennuuf murteessaniiru.
Kaayyoon waliigaltee kanaa, tajaajila yaalaa magaalaa tokko keessatti qofa daangeffame osoo hin taane, bakka uummanni keenya jiru hundatti, haala salphaa, sirrii, ammayyaa fi yeroo hunda argamuu danda’uun dhiheessuudha.
Waliigalteen kun kan xiyyeeffatu qabxiilee armaan gadiiti:
1. Hojjettoota dabalataa qacaruu
Tajaajilli saffisaa, qulqullina qabu fi sirrii akka kennamuuf, hojjettoota ogummaa qaban dabalataan qacaruun hojii tajaajilaa bal’isuu.
Hojjettoonni kunneenis, maamiltoota simachuu, odeeffannoo kennuu, beellama qindeessuu, gaaffiiwwan bu’uuraa deebisuu, dhukkubsattoota gara tajaajila barbaachisaa ta’etti qajeelchuu fi hojiiwwan tajaajila maamiltootaa waliin walqabatan irratti akka hojjetan ni taasifama.
2. Ogeessa bilbila fi miiseejii deebisu addatti ramaduu
Rakkoo bilbila kaasuu dhabuu fi miiseejii maamiltootaa deebisuu irratti mul’atu hir’isuuf, ogeessa maamiloota simatu, gaaffii isaanii deebisu, odeeffannoo isaan barbaadan kennu, beellama qindeessu fi gara tajaajila sirriitti isaan qajeelchu kophaatti ramaduu.
Kunis, maamiltoonni yeroo barbaadanitti qunnamtii salphaa argachuu akka danda’an, gaaffiin isaanii akka hin dagatamne, akkasumas namni tajaajila barbaadu karaa sirrii ta’een akka keessummeeffamu gochuuf tarkaanfii barbaachisaa dha.
3. Buufata tajaajilaa babal’isuu
Tajaajilli yaala fayyaa kun magaalaa tokko qofatti akka hin daangeffamneef, magaalota Oromiyaa garaa garaa keessatti buufata tajaajilaa banuu fi tajaajila dhiyeessuu irratti bal’inaan ni hojjetama.
Kaayyoon kanaas, namoonni tajaajila barbaadan bakka isaan jiranitti, fageenya dheeraa osoo hin deemne, karaa salphaa ta’een tajaajila argachuu akka danda’an gochuudha.
4. Tajaajila yaalaa haala sirriin qindeessuu
Namoonni tajaajila barbaadan haala salphaa fi ifa ta’een qunnamtii argatanii, qorannoo barbaachisu erga taasifamee booda, yaala haala isaanii irratti hundaa’e akka argatan gochuuf ni hojjetama.
Tajaajilli yaalaa kunis, dhukkubsataa tokkoon tokkoon isaa haala fayyaa isaa, bu’aa qorannoo isaa, sadarkaa dhukkuba isaa fi fedhii yaalaa isaa irratti hundaa’uun akka qindaa’uu fi tajaajila argatu ni taasifama.
5. Tajaajila ciisanii yaalamuu babal’isuu
Namoota fageenya irraa dhufanii fi dhibee turtii gabaabaa ciisanii yaaluu barbaachisu qabaniif, giddugala yaalaa keenya keessatti ciisanii yaalamuu akka danda’aniif haala mijataa uumuu.
Kunis, namoota hordoffii addaa barbaadan, namoota fageenya irraa dhufan, akkasumas dhukkubsattoota yeroo muraasaaf turtii fi kunuunsa barbaadan tajaajila sirrii akka argatan gochuuf kan qophaa’edha.
6. Tajaajila namoota fagoo bakka jiranitti qoricha erguu cimsuu
Namoota naannoo fagoo jiranitti tajaajila salphisuuf, qoricha bakka isaan jiranitti erguu fi hordoffii barbaachisu kennuu irratti hojii sirrii fi qindaa’aan ni hojjetama.
Namoonni tajaajila keenya argachuu barbaadan garuu fageenya, yeroo, baasii imalaa yookaan haala biroo irraa kan ka’e kallattiin dhufuu hin dandeenye, karaa qindaa’aa ta’een tajaajila akka argatan gochuuf hojjetama. Kana malees tajaajila bal’aa Of keessaa qaba.
Waliigalteen kun, ummata keenyaaf Giddugala Yaala Uumamaa, yaala aadaa qulqullina qabu, amanamaa, sirnaan qindaa’e, saayinsii irratti hundaa’e fi yeroo hunda argamuu danda’u ijaaruuf kan kaayyeffatedha.
Kana booda kaayyoon keenya guddaan, barnoota fayyaa kennuu qofa osoo hin taane, qorannoo irratti hundaa’uun tajaajila qabatamaa dhiheessuu, maamilootaaf deebii saffisaa kennuu, tajaajila yaalaa bakka uummanni keenya jiru hundatti babal’isuu, akkasumas sirna tajaajilaa hawaasaaf salphaa fi ammayyaa ta’e diriirsuudha.
Uummanni keenya hanga ammaatti nu amanaa, nu hordofaa fi komii isaa nuuf dhiheessaa tureef galata guddaa qabna. Komiin keessan nuuf barnoota guddaa ta’eera. Yaadni keessan, gaafii keessan, komiin keessan fi deeggarsi keessan tajaajila keenya gara sadarkaa fooyya’aa ta’etti geessuuf nu kakaaseera.
Amma immoo, komii sana gara furmaataatti jijjiiruuf tarkaanfii haaraa fudhannee jirra.
Dhaabbanni Yaala Aadaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Yaala Aadaa Kuush tokko ta’uun, tajaajila bal’aa, ammayyaa, amanamaa, qindaa’aa fi uummataaf dhihoo ta’e kennuuf qophii xumuraa irra jira.
Kana booda, tajaajilli keenya caalaatti ni bal’ata, qunnamtiin maamiltootaa ni fooyya’a, gaaffiin hawaasaa deebii saffisaa fi qindaa’aa ni argata, akkasumas tajaajilli yaala aadaa saayinsii irratti hundaa’e bifa salphaa fi amanamaa ta’een hawaasa keenya bira ni ga’a.
Galatoomaa.
Fayyaa keessaniif waan hundumaa irra dursa akka kenninu isiniif ibsina!.