Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Giddu gala yaala Aadaa Oromiyaa Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Itiyoophiyaa

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa (Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa) giddugala yaala aadaa kan saayinsii irratti hundaa’e yaala aadaa fi ammayyaa walitti fiduun tajaajila kennuu irratti xiyyeeffata.

Giddugalichi qorannoo saayinsii fi muuxannoo amanamaa irratti hundaa’uun tajaajila yaala uumamaa bu’a qabeessaa fi nageenya qabu kennuudhaaf kan akeekedha. Yaala Aadaa bifa saayinsaawaa ta’een Qopheessuu fi Qindeessuu Dhibeewwan yeroo dheeraa kan akka Vaayrasii tiruu HBV fi Asmii fi kkf Irratti yaala bu’aa qabeessa ta’e kenna. Akkasumas Barnoota Yaala Aadaa Itiyoophiyaa gara Saayinsittii ceesisuu fi Odeeffannoo kijibaa Fageessuu irratti xiyyeeffannaa ol’aana kennuun hojjeta. Yaala fayyaa qofa osoo hin taanee guyyaa guyyaan damee Saayinsii fayyaa fi qoricha uumamaa irratti Odeeffannoo fi barnoota hubannoo Hawaasa gabbisanu kan ragaa saayinsaawaan deeggarame maxxansa. Waa’ee dhukkuboota yeroo dheeraa fi gabaaba hubannoo uumuu fi maalummaa isaanii fi mallattoolee isaanii fi mala ittisa isaanii irratti hubannoo fayyaa toora interneetii irratti babal’isuun hawaasa deeggara.

Mul’ata isaa Ityoophiyaa fi Afrikaa keessatti damee qoricha uumamaatiin madda odeeffanno saayinsii adda duree ta’uun hojjachuudha. Qoricha aadaa qorannoon deeggaramee fi qoricha Aadaa irratti hubannoo fayyaa hawaasaaf odeeffannoo sirrii ta’e kennuu fi kunuunsa fayyaa nageenya qabuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuudha.

Wal’aansa dhukkuboota yeroo dheeraa, wal’aansa uumamaa fi saayinsii ammayyaa walitti makame fayyadamuun tajaajila kenna. Qorichoota Aadaa, laabraatoorii keessatti qoratamee fi nageenyaa fi bu’a qabeessummaa isaa yaala fayyaatiin mirkanaa’e dhiyeessuu fi Oomishuu irratti hojjeta.

Tajaajilaa fi garee Ogeeyyiin Giddugalichi ogeeyyii qoricha aadaa, farmaakooloojii, fi qorannoo saayinsii irratti gahumsa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis:

Hakiima qoricha aadaa irratti adda ta’e, qorataa biqiltoota qorichaaf oolan, fi ogeessa qorichaa kan qophii qorichoota irratti hojjetu.

Garee qorannoo fi ogeeyyii botaanikaa fi farmaakooloojii fi pharmacognosy experts Botanical researchers qoricha Aadaa ta’an Of keessaa qaba. Isaan kun yaala Aadaa nageenya qabuu fi bu’a qabeessummaa fi nageenyaa itti fayyadama qorichootaa aadaa mirkaneessuuf hojjetu. Kun Giddugalichi dhaabbata fayyaa saayinsii fayyaa Fi aadaa itiyoophiyaa walitti qabuun adda duree isa taasisa.

Akkasumas Garee guyyaa guyyaan hubannoo fayyaa uumuu fi qabiyyee yaala Aadaa ragaa irratti hundaa’e barreessuu irratti kan adda ta’ee fi gabaasa hubannoo guyyaa guyyaan toora dijitaalaa irratti maxxansanus qaba.

Wiirtuun kun Galmi isaa inni guddaan yaala Aadaa keennuu fi daladala qofaa osoo hin taanee Yaala Aadaa Itiyoophiyaa gara Saayinsitti ceesisuudha. Qorannoo gochuu fi gorsa fayyaa fi barnoota fayyaa yaala Aadaa bifa saayinsaawaa ta’een kennuudhaan, odeeffannoo amanamaa fi saayinsaawaa ta’een waa’ee Qorichoota Aadaa namoota baay’ee biraan ga’uudhaaf hojjeta.

Giddu Galli Yaalaa Aadaa Oromiyaa Itiyoophiyaa keessatti wiirtuuwwan muraasa hojii saayinsii fayyaa fi yaalaa aadaa haala qindaa’aa fi amanamaa ta’een dhiyeessan keessaa tokkoodha.

Dhaabbatichi Amaloonni isaa Iftoominaa fi amanamummaa giddugalichaa guddisuu.

Namoonni odeeffannoo yaala Aadaa fi wal’aansaa uumamaa, amanamaa akka argatan haala ni mijeessuu.

Hubannoo fayyaa babal’isuuf akkasumas fayyina uumamaa fi qoricha Aadaan argamu amansiisaaa gochuuf gargaara.

Saayinsii fi Qorichoota Aadaa walitti fiduun Fakkii qoricha aadaa kanaan dura ummata keessatti gadi bu’aa ta’e ragaa saayinsii irratti hundaa’ee tuffii Itiyoophiyaa keessatti kanaan dura mul’atu dhabamsiisuuf hojjetaa jiraa.

Gidduga yaala Aadaa Oromiyaa wanti adda taasisu

Ogeeyyiin giddugala Yaala Aadaa keenya Waa’ee dhukkubootaa fi Qorichootaa irratti hubannoo fi branoota saayinsii fi muuxannoo Aadaa cimaa kan qabanidha.

Dhukkubsataa tokkoof Qorichoota aadaa ajajuu yokan kennuun dura sababa dhukkubichaa fi maalummaa isaa Gadi fageenyaan Qorannoo godhama.

Ogeessi Yokan giddu-galli tokko yaala fayyaa cimaa kennuuf Qoricha aadaa qofa beekuun ogeessa gahaa miti!. Ogeessi sun akkaataa dhukkubni itti uumamu fi Maalummaa fi sababoota dhukkuba kana fidanu Etiology Isaa beekuu qaba. Akkasumas Hiika sirrii Mallattoolee dhukkubsataa irratti mul’atanuu obeekuu, Haala dhukkubni itti jiruu fi sadarkaa inni irratti argamu fi kallattii inni ittiin fayyuu danda’u hubachuu barbaachisaa dha. Dawaa qaama dhukkubsataa fi Dhibee sana madaalu kennuu qaba.

Dhukkubsataa tokkoof Qorichoota ajajuu yokan kennuu keenya dura sababa dhukkubichaa (Etiology) fi mala hojii qorichi keenya kun itti hojjetu (Mechanism of Action) Isaa beekna. Sababni isaas Qorichootni aadaa faayidaa guddaa qabaachuu danda’u, garuu bu’a qabeessummaan isaanii nama isaan kennu fi beekumsa saayinsii isaa irratti hundaa’a. Sababa kanaaf Of Eeggannoo goonee hojjenna.

Yooroo heddu itiyoophiyaa keessatti Ogeeyyiin yaala aadaa hedduun barnoota ammayyaa gahaa hin qabanu waa’ee saayinsii fayyaa fi Qorichootaa irratti Barnoota saayinsiin deeggaramu hin qabanu. Maalummaa dhukkubootaa Qorichoota Aadaa dhukkubsataaf kennanu qabiyyee keemikaalota qoricha sana keessatti argamu irratti muuxannoo fi hubannoo Saayinsaawaa hin qabanu! Kanaaf hamma doosii sirrii Dhukkubsataaf kennamu hin beekan!f mala itti fayyadama isaa irratti beekumsa saayinsii gahaa waan hin qabneef Qorichi faayidaa qabu kun gara madda miidhaatti jijjiiramuun summii tiruu fi wal-nyaatinsi qoricha aadaa fi qoricha ammayyaa ajajame waliin yokan kophaa isaatti miidhaa cinaa namarratti fiduu danda’a. Giddu-galli yaala Aadaa keenya rakko kana furuu irratti xiyyeeffata.

Dhibeewwan ciccimoo fi Giddugaleessa ta’anii fi Dhukkuboota yeroo dheeraa kan yaala ammayyaa qofaan hin fayyine karaa “Integrative Medicine” – yaala aadaa fi yaala ammayyaa walitti fiduun yaala Uumamaa dhibee guutummaatti fayyisuu danda’an fiduu irratti xiyyeeffata.

Dhibeewwan hundaaf Qoricha kennuu dura Qorannoo fayyaa kan laabraatorii fi altiraasaawundii fi kkf Haaluma barbaachisaa ta’een Qorannoowwan fayyaa kan akka CT-scan fi MRI gochuun Maalummaa dhibee adda baafnee booda yaala kennina.

Giddugalichi Qorichoota Uumamaa (Herbal Medicines) kan bifa saayinsii irratti hundaa’e oomishaman fayyadamuun dhibeewwan 30 oliif yaala fayyaa kenna. Qorichootni nuti ittiin dhukkubsataa yaallu bifa organic garuu bu’uura saayinsii Qoricha uumamaa Pharmacognosy irratti hundaa’edha.

• Faayidaa fi akkaataa itti fayyadama isaanii bifa saayinsaawaa ta’een doozii sirriin kan qophaa’edha.

• Qorichoonni Aadaa kun Fayyaa namaa irratti akka miidhaa hin fidneef nageenya isaani mirkaneessuuf xiinxala Dameewwan saayinsii summii Toxicology kan qorichaa hubachuuf murteessoo ta’aniin kan qoratamnee adda baafamedha.

• Qoricha uumamaa keessaa filannee kan miidhaa hin qabnee Nageenya qaban doozii sirrii ta’een fayyadamna.

Ogeessotaa fi Haala tajaajiloota giddu-gala yaala Aadaa Oromiyaa, giddu gala yaala Aadaa biroo irraa waan adda nu taasisu:

• Ogeeyyiin keenya Waa’ee dhukkubootaa fi Qorichootaa irratti hubannoo saayinsii fi Aadaa kan baratanidha.

• Dhukkubsataa tokkoof Qorichoota ajajuu yokan kennuun dura sababa dhukkubichaa fi maalummaa isaa Gadi fageenyaan Qorannoo godhama.

• Dhaabbanni Keenya Giddu Gala Yaalaa Aadaa Oromiyaa kan Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamu yoo ta’u.

• Giddugalichi qorannoo saayinsii fi muuxannoo amanamaa irratti hundaa’uun tajaajila yaala uumamaa bu’a qabeessaa fi nageenya qabu kennuudhaaf kan akeekedha.

Yaala Aadaa giddugalichaa haala kamiin bakka jurtanitti argachuun danda’ama?

• Namni tokko bakka jirutti yaala Aadaa nurraa argachuuf Hospitaala Naannon isaa jiru deemuun dursa Qorannoo Fayya gochuun bu’aa qorannoo Dhibee isaa ibsu sana suuraa sirriitti mul’atu dubbifamuu danda’u kaasee, karaa Whtsapp yokan Telegramiin nuuf Erguu qaba.

• Kunis Dhibee isaa ifatti beekuu fi yaala madaalawaa murteessuuf gargaarudha.

• Qorannoowwan barbaachisoo hunda karaa keenyaan gaggeessuunis ni danda’ama. Bu’aa Qorannoo kana irratti hundaa’uun dhukkubsataa tokkoof bakka inni jirutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.

• Teessoon keenya hedduudha dhaabbatichi Tajajila fayyaa daangaa hin qabne biyya itiyoophiyaa guutu keessatti Dhiheessuu irratti Hojjeta.

Oromiyaa Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaa fi Dirree Dawaa fikkf. Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya. 🌍💊

• Dhukkubsattoota Warra dhibee Vaayrasii tiruu Hepatitis B yaalamuu fedhaniif toora qunnamtii yokan lakkoofsi bilbilaa addaa qophaa’e 👉 091 033 3944 kanadha.

• Dhukkuboota biroo Yaalamuuf yoo ta’e nu qunnamuuf lakkoofsa ilbilaa 👉0917535385 fayyadamuun nu qunnamuu dandeessu.

Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?

• Kabajamtoota maamila keenya Nu qunnamuuf yokan tajaajila keenya Argachuuf Lakkoofsa bilbilaa keenya irratti Kallattiin Bilbiluu caalaa Qunnamtii saffisaaf

Lakkoofsa bilbilaa kanaan 0910333944 fi 0917535385 irratti WhatsApp fi Telegram irratti messege nuuf Erguu filatamaadha.

• Yeroo bilbiltanii Yoo deebii dhabdan! Karaa Whtsapp yokan Telegram yokan Dhimma keessan barreeffamaan karaa messege SMS kallattiin dhimma keessan Erguu dandeessu!. Akkasumas Deebii obsaan Eeggadhaa!.

Yeroo hojii:

Bilbilli keenya banaa kan ta’u, Guyyaa waaree booda sa’aatii 8 hanga galagala sa’aatii 11tti, Halkan Sa’aatii 2 hanga sa’aatii 5tti yoo bilbiltan nu Argachuu dandeessu. Halkan Sa’aatii 5 booda bilbiluun hin danda’amu 📵

Official Facebook:

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa “Follow” gochuu hin dagatinaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *