Haleellawwan Hidhattoonni Faannoo Hawaasa Oromoo irratti raawwatan

2021–2026
Haleellaawwan Humnoota Maqaa Faannootiin Socho’aniin, Bara 2021 irraa hanga 2026 Hawaasa Oromoo Irratti Raawwatan

Yeroo ammaa Faannoo fi Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa mormuu irratti walii galuu isaanii ibsaniiru!. Garuu gaaffii guddaan Faannoon kaleessaa Oromoo ajjeesaa fi saamaa, buqqisaa ture ulaagaa kamiin qaama qabsoo Oromoo ta’uu danda’a!?

Bara 2021 irraa eegalee naannolee Oromiyaa daangaa Naannoo Amaaraa waliin wal daangessan, keessumaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Kaabaa, Lixa Shawaa fi Godina Addaa Oromiyaa–Walloo keessatti walitti bu’iinsi hidhannoo cimaa mudachaa tureera.

Walitti bu’iinsa kana keessatti Waraanni faannoo yeroo adda addaatti daangaa ce’uun namoota nagaa ajjeesaa fi saamaa ukkamsaa tureera!. Namoonni 1000 ol ajjeefamani, namoonni gara 200000 olii ta’an bakka adda addaa irraa buqqa’aniiru!.

Gabaasota miidiyaa, dhaabbilee mirga namoomaa, himannaa jiraattotaa fi miidiyaa irratti argaman irratti hundaa’uun Haleellaawwan humnoota maqaa Faannootiin socho’aniin, hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa, saamicha, butii, gubaa manneenii fi buqqa’iinsa bal’aa raawwataman bara 2021 hanga 2026tt raawwataman keessaa muraasa walitti qabnee jirra.

Mee Haleellaawwan duraan hawaasa Oromoo irratti Faannoo dhaan raawwatan keessaa muraasa ha ilallu!.

BARA 2021
Haleellawwan bara 2021 keessatti raawwataman

Ji’a Bitootessa 2021 keessa Shawaa Roobititti ambulaansiin namoota Oromoo madaa’anii fi dhukkubsattoota 12 fe’ee deemaa ture dhaabamee, imaltoonni gadi buufamanii reebamanii fi ajjeefaman .

Bara wal fakkaatu keessa Haroo fi aanaalee Horroo Guduruu keessatti haleellaawwan raawwatamaniin namoonni Oromoo 69 ajjeefamanii, namoonni gara 52,000 buqqa’ani, Manneen gubamani, qabeenyi saamamee, horiin ummataa hedduun oofamee fudhatame.

BARA 2022
Haleellaawwan guguddoo bara 2022

Bara 2022 haleellaan Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti akka malee babal’ate.

Guraandhala keessa Bootooroo Booraa, Abee Dongoroo keessatti dubartootaa fi daa’imman dabalatee namoonni 29–31 ajjeefaman. Yoo xiqqaate manneen jireenyaa 64 gubaman.

Abuna Gudinaa keessatti namoonni jaha, Bokkoo Jimmaa keessatti namoonni 23, Limmuu keessatti ammoo namoonni 50 ajjeefamaniiru!.

Taateewwan kanaan walqabatee Guutoo Giddaa keessaa namoonni 128,000, Siibuu Siree fi Limmuu keessaa namoonni 27,000 buqqa’uu isaanii Oromia Support Group gabaaseeera. Haleellawwan kanaan Horiin 3000 ol saamame.

Ji’a Eblaa fi Caamsaa 2022 keessatti Kolash, Jaardegaa Jaartee, Ababoo Guduruu fi Biftuu Nuuf Baatee keessatti haleellaawwan walitti aanan raawwataman.

Kolash keessatti namoonni 10–12, Jaardegaa Jaartee keessatti qonnaan bultoonni 11, Abaaboo Guduruu keessatti namoonni 14, Biftuu Nuuf Baatee keessatti namoonni 27 ajjeefamaniiru.

Jaardegaa Jaartee keessatti maatiin qonnaan bulaa tokko ilma isaanii barataa waggaa 20 waliin, akkasumas daa’imni waggaa 12 warra isaa waliin ajjeefameera!.

Hagayya 2022 keessa aanaa Amuruu keessatti dubartiin ulfaa ji’a saddeetii fi daa’imni ishee waggaa sadii baqachaa osoo jiranii ajjeefaman. Saawwan 100 ol fi hoolonni 50 saamaman.

Haleellaa Agamsaa — Hagayya 2022

Haleellaan Agamsaa, Hagayya 2022 raawwatame taateewwan hunda caalaa miidhaa guddaa geessise keessaa tokko ture. Gabaasni jalqabaa namoota 60 ol ajjeefamuu ibse; qorannoon jiraattotaa booda qophaa’e ammoo namoonni Oromoo 105 ajjeefamuu isaanii ibse. Manguddoonni waggaa 88 fi 97 ta’an dabalatee namoonni tokko tokko mana isaanii keessatti gubaman.

Haleellaa Agamsaatti raawwatamaniin:

Namoonni 20,000 buqqa’an;
Loon 5,000 ol saamaman;
Manneen daldalaa fi baankonni saamaman;
midhaanii fi meeshaaleen manaa fi qabeenyi daldalaa konkolaataadhaan fe’amee fudhatame.

Guyyaa itti aanu Bonee Abunaa keessatti namoonni 12 ajjeefaman.

Ji’a Fulbaanaa 2022 keessa gandoota 19 kan Jaardegaa Jaartee, Amuruu, Abee Dongoroo fi Horroo Bulluq keessatti argaman irratti haleellaawwan raawwatamaniin namoonni 110 ol ajjeefaman. Irra caalaan isaanii dubartoota, daa’imman, manguddootaa fi namoota ofirraa ittisuu hin dandeenye turan.

Onkololeessa keessa Amuruu keessatti namoonni saddeet ajjeefamanii loon 300 saamaman. Kiramuu keessatti gandoota afur irratti haleellaan raawwatamee namoonni 30 ol ajjeefaman; manneen 50 ol gubaman.

ji’a Sadaasa keessa mana amantii Sorgaa, Naqamtee keessatti namoota sagadaa turan irratti rasaasni banamee namoonni 14 ajjeefaman. Taateewwan biroo ji’a sana keessatti raawwatamaniin namoonni dabalataa 14 ajjeefaman.

Haleellaa Kiramuu — Sadaasa 25 fi 29, 2022

Haleellaan Kiramuu Sadaasa 25 fi 29 2022 raawwatame baay’ee falmisiisaa fi ulfaataa ture. Oromia Support Group akka gabaasetti:

Yoo xiqqaate namoonni 244 ajjeefaman;

Manneen 500 gubaman;

jiraattonni Oromoo gandoota baadiyyaa 19 keessaa buqqa’an;

ummata aanaa Kiramuu gara 350,000 keessaa harki guddaan qe’ee isaa gadi dhiise.

Abbaan Murtii Aanaa Kiramuu Damtew Kefyalew Gemeda namoota ajjeefaman keessaa tokko ture.

Maddoonni Amaaraa garuu yeroo wal fakkaatutti OLA, Qeerroo fi humnoonni nageenyaa Oromiyaa jiraattota Amaaraa ajjeesanii, qabeenya isaanii guban jechuun himata faallaa dhiyeessaniiru. Kanaaf, lakkoofsa 244 keessaa eenyu garee kamiin akka ajjeefame qorannoo walabaa dabalataa barbaada.

Muddee 2022 keessa Hangar Guuteetti namoonni nagaa 20 Faannootiin seeraan ala ajjeefaman. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa yeroo sanaa, Hassan Yusuf, firoota isaa saddeet haleellaa kanaan ajjeefaman.

BARA 2023
Haleellawwan Bara 2023 keessa raawwataman

Amajjii 2023 keessa Godina Addaa Oromiyaa–Walloo keessatti namoonni Oromoo 60 humnoota nageenyaa Naannoo Amaaraa fi Faannootiin ajjeefaman. Jillee Dhummuugaa keessattis namoonni lama ajjeefaman.

Waxabajjii keessa aanaa Amuruu keessatti namoonni shan ajjeefamanii, namoonni kudhanootaan madaa’an. Waastii, Kiramuu keessatti namoonni saddeet ajjeefaman, 13 madaa’an, 15 ammoo achi buuteen isaanii dhabame.

Fulbaana 2023 keessa Gida Ayyaanaa fi Gara Dichoo keessatti namoonni 30 ol ajjeefaman. Gabaasa OLLAA keessatti, loltuun ENDF keessaa baqate tokko jalqaba qonnaan bulaa Oromoo fi maatii isaa ajjeese. Guyyaa itti aanu Faannoon konkolaattota minibaasii sadii Naqamtee irraa gara Gida Ayyaanaa deemaa turan dhaabee imaltoota dhiiraa ajjeese; dubartoota irratti gudeeddii fi miidhaan raawwatame jedhame.

Onkololeessa fi Sadaasa keessa Coqorsoo, Doobbii, Garbootaa fi Wanbee keessatti walitti bu’iinsa raawwatameen namoonni Oromoo 17, booda lakkoofsi du’aa 20 ga’uu isaa OLLAA gabaase. Namoonni 27 madaa’an.

BARA 2024
Haleellawwan Bara 2024 keessatti raawwataman

Bitootessa 2024 keessa Daaraa, Shawaa Kaabaa keessatti Faannoon namoota nagaa sagal rasaasaan ajjeese. Godina Addaa Oromiyaa–Walloo keessattis namoonni Oromoo 27 Faannootiin ajjeefaman.

Adoolessa keessa gandoota Daaraa irratti haleellaawwan walitti aanan raawwataman. Bakkoota akka Jiruu Daadaa fi bakka biraatti namoonni jaha ajjeefaman. Hagayya keessa namoonni jaha dabalataa ajjeefamanii, manneen 50 ol gubaman.

Fulbaana 2024 keessa Daaraa keessatti dargaggeessi Oromoo Dereje Amare jedhamu mataa muramee ajjeefame. Viidiyoon gocha kanaa Sadaasa keessa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’ee dheekkamsa guddaa uume.

Umuriin Dereje maddoota tokko keessatti 14, kanneen biroo keessatti 17 jedhame. Jiraattonni, BBC Afaan Oromoo fi OLLAA raawwattoonni miseensota Faannoo ta’uu isaanii gabaasan.

Waxabajjii 2024 keessa aanaa Noonnoo, Lixa Shawaa keessatti sirna cidhaa irratti haleellaan raawwatamee yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefaman. Manneen naannoo sanaa 22 ol gubaman.

BARA 2025
Haleellawwan Bara 2025

Guraandhala 2025 keessa Jaardegaa Jaartee keessatti namoonni 10 garee maqaa Faannootiin socho’u jedhameen ajjeefaman. Tuullu Mootii, Abee Dongoroo keessatti namoonni 20 ol ajjeefamanii, namoonni sadii butaman. Torban tokko booda konkolaataa uummataa irratti haleellaan raawwatamee namoonni torba ajjeefaman.

Bitootessa hanga Adoolessaatti Abee Dongoroo keessatti namoonni maqaa isaanii Aliyi Eliyas, Bonsa Malkamu, Dassale Abomma, Gutame Kumsa fi Shambal Girma Waraana Faannootiin ajjeefaman.

Waxabajjii keessa Hoomaa Gaaleessaa keessatti Sheik Muzammir Maamad ajjeefamee, jiraattonni kutaalee ganda jaha keessaa ari’aman. Ashuu Kusaayee, Kiramuu keessatti saawwan 52 saamaman.

Angar Gutee keessatti namoonni shan harki isaanii hidhamee fudhatamanii booda ajjeefamanii gataman. Siiree Dorroo keessatti Gaddafa Bongaasee mana isaa keessaa butamee ajjeefame.

Adoolessa keessa konkolaachistoonni Jambo Girma fi Thomas Reta daandii Gabatee–Finfinnee irratti dhaabamanii ajjeefaman.

Qondalaa, aanaa Noonnoo keessatti Adoolessa 2025 daa’ima ji’a ja’aa dabalatee namoonni 16 ol ajjeefaman.

Andodee Dichoo keessatti ji’a Adoolessa namoonni shan ajjeefaman. Dalasaa Bakkanniisaa keessatti Hagayya 16 namoonni shan gabaa deemaa osoo jiranii karaatti ajjeefaman.

Haleellawwan Hoomaa Gaaleessaa fi gandoota ollaa

Daa’imman dabalatee Namoonni 30 ol, ajjeefaman;

Namoonni 50 ol achi buuteen dhabame;

Namoonni hedduun madaa’anii Hospitaala Naqamtee geeffaman;

loonii fi qabeenyi baay’een saamame;

Onkololeessa 2025 keessa Halo ykn Alloo Dinkii, aanaa Noonnoo keessatti namoonni 25–29 ajjeefaman. Miidhamtoota keessaa dubartoonni ulfaa, daa’imman fi manguddoonni turan. Namoonni jaha yaalaaf ergamanii; dubartoonni lama achi buuteen dhabaman.

Fulbaana hanga Muddee 2025tti Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti ajjeechaa dhuunfaa, butii fi saamichi itti fufe. Daa’imni waggaa shanii Mikii Habtaamuu Sambatoo, Asaba Abdo, Gerremo Ararso, faarfataa Teshome, Kebede Gonfa fi Baisa Fufa jedhaman akka dhuunfaatti ajjeefaman.

Garramoo Araarso gara mana amantii deemaa osoo jiruu butamee, maallaqni furii qarshii miliyoona lama gaafatame. Maatiin kaffaluu dadhabnaan ajjeefame.

BARA 2026
Haleellawwan yeroo Dhiyootti Bara 2026 keessatti raawwataman

Bitootessa 2026 keessa Abee Dongoroo keessatti haleellaan guddaan raawwatame.

Akka gabaasa Oromia Support Group Report‘tti namoota 50 ol ajjeefaman.

Manneen 180 ol gubamuu, horiin dhibbaan lakkaa’amu saamamuu fi jiraattonni baay’een buqqa’uu isaanii ibsame.

Ebla keessa Caruu, Abee Dongoroo keessatti qonnaan bultoonni Mohammad Jawad, Anwar Mohammad, Mammad Tafa fi namoonni lama biroo rasaasa walitti fufiinsaan rukutamanii ajjeefaman. Arjoo, Guutoo Giddaa keessatti manneen Shobbaa Milkeessaa fi Faqqadaa Milkeessaa gubamanii saamaman.

Tuullu Leencaa — Hagayya 2026

Hagayya 2026 keessa Tuullu Leencaa irratti konkolaatota uummataa gara 30, ambulaansii lama fi konkolaatota baankii sadii eegumsa waraanaa jalatti Gida Ayyaanaa irraa Naqamteetti deemaa turan irratti haleellaan raawwatame. Haleellaa kanaan imaltoonni nagaa jahaa fi dhukkubsataa tokko, ogeettiin deessiftuu tokko, hoggantoonni baankii sadii, oltoonni shan waliigalaan namoonni 16 ajjeefaman.

Konkolaataan torbaa ol gubamee barbadaa’e.

Adoolessa fi Hagayya 2026 keessa Gida Ayyaanaa, Angar Guute, Andodee Dichoo, Tuullu Leencaa, Kiramuu fi Horroo Guduruu keessatti lolli hammaate. Namoonni 30 ol garee Faannootiin ajjeefamaniiru. Ogeeyyii, qonnaan bultootaa fi imaltoonni haleelamuu, qabeenyi saamamuu fi jiraattonni buqqa’uu isaanii gabaasan.

WALII GALA
Walii gala haleellaawwanii fi miidhaa

Galmee Armaan olii kana keessatti taateewwan haleellaa guyyaa fi bakka adda addaatti raawwataman tokko-tokkoon lakkaa’ame yoo xiqqaate haleellawwan 80 ol jiru.

Oromia Support Group akka gabaasetti,

Jalqaba 2022 irraa hanga Bitootessa 2024tti Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa keessatti namoonni Oromoo gara 1600 Faannoo fi humnoota Amaaraa birootiin ajjeefaman.
Godina Addaa Oromiyaa–Walloo keessatti bara 2021–2023 namoota 740 ajjeefaman.
Taateewwan maqaa, bakka fi lakkoofsi isaanii ifatti tarreeffaman walitti qabuun, yoo ilaalle namoonni Oromoo gara 1,200–1,600 ol ajjeefamuu isaanii gabaasni jiru ni agarsiisa.

Buqqa’iinsa ilaalchisee:

Haroo keessatti namoonni 52,000;

Guutoo Giddaa keessatti namoonni 128,000;

Siibuu Siree fi Limmuu keessatti namoonni 27,000; Agamsaa keessatti namoonni 20,000;

Aliiboo keessatti namoonni 52,000; buqqa’anii turan namoota kana keessaa hedduun Bakka jireenyaa isaaniitti deebi’aniiru!.

Namoonni 58,000 Bakka jireenyaa malee ala jiru.

Namoota buqqa’an keessaa kan Shambuu fi Agamsaatti dahatan 90,000–100,000 yoo ta’u Kiramuu keessatti uummata aanaa sanaa keessaa harki guddaan buqqa’uu isaanii gabaafame.

Tilmaama of-eeggannoo qabuun namoonni buqqa’an 200,000–350,000 ta’an haleellaawwan, lola fi sodaa nageenyaatiin buqqa’uu isaanii gabaasni jiru agarsiisa.

Manneen gubaman ykn diigaman yoo xiqqaate 900–1,000 ol ta’uu danda’u. Oromiyaa bakka adda addaatti loon fudhataman 35,000 ol, hoolonni, midhaan, bunni, caatiin, meeshaaleen manaa, maallaqni, baankonni fi manneen daldalaa saamamuu isaanii gabaafame.

XUMURA
Xumura

Ragaan walitti qabame Faannoo ykn humnoonni maqaa Faannootiin socho’an bara 2021–2026 keessatti hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa, mataa muruu, butanii, maallaqa furii gaafachuu, saamicha horii fi qabeenyaa, gubaa manneenii fi buqqa’iinsa bal’aa raawwachuun ifatti gabaafameera.

Miidhaan hamaan Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Kaabaa, Lixa Shawaa fi Godina Addaa Oromiyaa–Walloo keessatti mul’ateera. Keessumaa Agamsaa, Kiramuu, Jaardegaa Jaartee, Amuruu, Abee Dongoroo, Gida Ayyaanaa, Daaraa fi Noonnoo keessatti haleellaawwan guguddoon gabaafamaniiru.

Hubachiisa

Hubachiisa Lakkoofsi kun Sakatta’iinsa bal’aan gabaasa miidiyaalee ifaa ta’an irraa walitti qabaman malee Haleellaa hunda guutuu akka hin taane hubachuun barbaachisaa dha.

Maddoota gabaasaa

Gabaasni kun odeeffannoo Addis Standard, BBC, Deutsche Welle, Associated Press, ACLED, Ethiopian Human Rights Commission, Oromia Support Group, OLLAA, OLF, Oromia News Media fi maxxansa miidiyaa hawaasaa 2021 hanga Fulbaana 2026tti argaman walitti qabuun qophaa’e.

Haleellawwan kana Itti-gaafatamummaa saba tokko guutuu irratti kaa’uu osoo hin taane, kan badi qabu, garee maqaa Faannootiin hidhatee hoggantoota adda addaa jelatti socho’anidha.

Yeroo kana faannoo waliin tokko ta’uun mootummaa waliin falmuuf ka’uun dura, Gochoota faannoo darbaniif itti gaafatamaa taasisuu, Haqa amiidhamtootaa baasuu, buqqaatota gara qe’ee isaanii deebisuu, qabeenya saamame deebisiisuu fi hawaasa Oromoo fi Amaaraa gidduutti nageenya waaraa ijaaruun furmaata barbaachisaa dha.

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *