Hepatitis B (HBV): “Dhibee Callisaa dhokatee nama Ajjeesu” — Xiinxala Saayinsii, Maalummaa Vaayirasichaa fi Amaloota Baayoloojii Vaayirasii, Adeemsa Dhukkubaa, haala Yaala Ammayyaa fi Yaala Aadaa…

Vaayrasii HBV kun mala baay’ina walxaxaa fi dandeettii sirna ittisa qaamaa jalaa miliquu olaanaa ta’een kan beekamu yoo ta’u, Caasaa molakiyuulaa fi marsaa jireenyaa isaa hubachuun Fayyina jechuun vaayiresii tiruu keessatti maal jechuudha kan jedhu hubachuu fi wal’aansa caalaatti bu’a qabeessa ta’an kennuuf murteessaa dha.
Barreeffamni kun kaayyoo lama qaba:
(1) Vaayireesiin HBV dhukkuba akkamii akka ta’e maalummaa isaa fi amala baayoloojii fi saayinsii keessatti maal akka ta’e sirriitti ibsuu.
(2) Daangaa yaala ammayyaa fi carraa yaala aadaa (herbal antiviral therapy) bu’uura ragaa irratti hundaa’eeen furmaataa itti fufiinsa qabu argachuun akka danda’amu ifa baasuudha.
Introduction (Seensa):
Dhukkuba Tiruu Hepatitis B jechuun dhukkuba Tiruu daddarbaa keessaa isa hamaa fi cimaa yoo ta’u. Vaayiresiin kun tiruu (liver) irratti miidhaa dhokataa Mallattoolee hin qabne geessisa.
Dhibee vaayirasii tiruu miidhu kan addunyaa irratti rakkoo fayyaa uummataa (global public health problem) guddaa ta’ee jiru dha.
Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO fi CDC jedhutti dhibeen vaayirasii tiruu HBV Dhukkuba yaaddoo fayyaa addunyaa guddaa (major global health problem) jedhama. Addunyaa irratti namoonni miliyoona 250–300 ol Dhukkuba HBV yeroo dheeraa (chronic HBV infection) waliin jiraatu. Dhibeen kun Waggaa waggaatti Addunyaa irratti sababa isaan namoonni miliyoona 1.3 ol vaayirasii kanaan wal qabatee du’u yokan lubbuu isaanii dhabu.
Vaayirasiin Hepatitis B (HBV) vaayirasoota balaa guddaa qaban keessaa tokko yoo ta’u, yeroo baay’ee Dhukkuba “dhokataa callisee ajjeesaa” jedhamee waama. Maqaa kunis vaayirasichi waggootaaf mallattoo mul’ataa tokko malee dhokatee infekshinii yeroo dheeraa fiduu irraa kan maddedha!.
Dhibeen vaayirasii tiruu kun dhukkubsataa irratti utuu mallattoolee (symptoms) hin agarsiisin gara sadarkaa cimaatti ce’uu danda’a. Dhukkubni kun yeroo baay’ee “dhibee callisaa” (silent infection) jedhama, sababiin isaas namoonni baay’een hanga tiruun isaanii baay’ee miidhamuutti, vaayirasicha akka qaban hin beekan. Dhukkubni kun fayyaa namaa irratti balaa guddaa kan fidu ta’us, mallattoon isaa mul’ataan gadi aanaa ta’uu isaatiin dhukkuba “silent killer” jedhamee akka waamamu taasiseera.

Qorannoon Addunyaa fi dhaabbileen fayyaa addunyaa akka WHO fi CDC akka gabaasanitti, Lakkoofsi namoota haaraa waggaatti yeroo jalqabaaf vaayirasii tiruu (HBV)n qabaman akka addunyaatti miliyoona 1.2 hanga 1.5 yoo ta’u, Namoonni biliyoona lamaa ol jireenya isanii keessatti Vaayrasii HBVf ni saaxilamu garuu baay’een isaanii yaala tokko fudhachuu malee, uumamaan sirni ittisa qaamaa vaayirasicha dhiiga isaanii keessaa ji’a 6 keessatti waan dhabamsiisuuf namoonni dhibbantaan 95 Utuu hin beekin, Dhibee kanaan qabamanii yaalaan malee ofumaan dhibee kana irraa fayyuu.
Haa ta’u malee, namoota vaayirasichaan qabaman keessaa warri sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e—sababii garaagaraa kan akka hanqina nyaataa ykn dadhabbii sirna qaamaa tiin—Qaamni isaanii Vaayirasicha dhabamsiisuu waan hin dandeenyeef ji’a 6 booda Vaayirasichi gara infekshinii cimaa gara dhukkuba tiruu yeroo dheeraa Btti guddatee qaama isaanii keessatti hafa. Vaayrasiin namoota %95 irratti yeroo gabaabaa (acute infection) keessatti badaa. dhibbantaa 5 qofatu gara Dhibee vaayrasii yeroo dheeraa chronic infection tti guddata.
Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO fi CDC gabaasanitt Addunyaa irratti Yeroo kana Namoonni miiliyoona 250 hanga 300 ol ta’an Vaayiresii tiruu yeroo dheeraa (Chronic Hepatitis B) waliin jiraatu.
Balaan guddaan baayyina namoota vaayrasichaan qabamanii osoo hin taane! Vaayirasiin Hepatitis B Dhukkuba “dhokataa” mallattoolee namatti hin mul’isne ta’uu isaatin Addunyaa irratti namoonni Vaayirasichaan qabamuu of irratti beekan %13 qofa yoo ta’u, Namoonni harki 87 ol guutummaatti vaayirasicha akka qabaman hin beekan. Kanaaf osoo hin beekin, hordoffii fayyaa tokko malee vaayirasii Tiruu HBV waajjin jiraatu. Kunis carraa vaayrasichi gara Dhibee hamaa tti guddachuuf qabu dabalee jira.
Namoonni hedduun waa’ee dhibee kanaa hubannoo gahaa dhabuu fi sababa inni mallattoo dhukkubbii ifatti mul’atu hin qabneef yeroo vaayiresii HBV qabda jedhameen dhukkubicha tuffachuu irraa kan ka’e yeroon qorannoo fi yaala hin godhanu! Dhukkubichaa wajjin callisanii jiraachuu filatu!
Sababni isaas Dhukkubsattoonni hedduun alaan guutummaatti fayyaa ta’anii mul’atu! Kanaaf yaala hin fudhatani! Hordoffii hin godhanu!. Dhukkubni kun utuu hin yaalamin yeroo namarra ture, tiruu irratti rakko dabalataa kan akka fibrosis ykn cirrhosis fi kanserii tiruu (HCC) fiduu danda’a.

Sababa kanaaf Namoota Vaayirasii Tiruu CBV qaban keessaa Waggaatti namoonni miiliyoona 1.3 ol lubbuu isaanii dhabu! Addunyaa irratti du’a namoota miliyoona 1.3 sababa vaayiresii kanaan mudatu keessaa dhibbeentaa 85% Vaayirasii B yokan hepatitis B waliin wal qabatee uumama. Kunis sababa Vaayirasiin kun utuu namni of irratti hin beekin miidhaa tiruu kan akka Manca’iinsa seelii tiruu fi ciccituu/madaayuu tiruu yokan kanserii tiruu HCCtti, ce’uun lubbuu isaanii dhabu!.
Miidhaan Vaayirasichaan dhufu Vaayirasiin dhiiga keessatti baayyachuu qofaan kan daangeffame miti; mallattooleen dhibee kanaa mul’atuu baatus Vaayirasicho infekshinii yeroo dheeraa irraa eegalee taateewwan inflammatory, immunological fi jeneetikii walitti hidhaman kanneen suuta suutaan manca’iinsa tiruu yeroo dheeraa fi rakkoolee lubbuu namaa balaa irra buusanii fi gara ciccituu fi madaayuu tiruu fibrosis, cirrhosis fi dhuma irratti kaansarii kaleetti tiruu HCC tti fida.
Dhibeen HBV vaayirasii DNA qabu yoo ta’u, seelii tiruu (hepatocytes) keessatti of qubachiisuun waggootaaf dhokatee jiraachuu danda’a. Miidhaan tiruu irratti uummamu inni guddaan kallaattiin vaayirasicha irraa kan dhufu osoo hin taane, deebii sirna ittisa qaamaa namaatiin (immune-mediated liver injury) uumama. Kanaaf, hubannoon gadi fageenyaa maalummaa vaayirasii kanaa, caasaa moleekiyuulaa isaa, adeemsa of-baay’isuu (replication cycle) isaa fi akkaataa dhukkubni kun gara sadarkaa hamaaatti ce’u hubachuun murteessaa dha.
Vaayirasiin kun caasaa walxaxaa fi amala baayooloojii addaa qaba.
Waa’ee vaayirasii kanaa bal’inaan, caasaa isaa irraa kaasee hanga dhibee inni fiduutti armaan gaditti ibsamee jira.
Maalummaa Dhukkuba Vaayiresii Tiruu dhibee Simbiraa Hepatitis B (HBV) Caasaa fi Amaloota Baayoloojii tooftaa wal-hormaataa fi marsaa jireenyaa Vaayirasichaa.
Maalunmaa Vaayrasii HBV fi amaloota Baayoloojii isaa:

Vaayiresiin HBV maatii Hepadnaviridae keessaa isa tokko dha. Vaayiresoonni maatii kanaa seelii keessatti wal horuun, tiruu irratti gubaa (inflammation) fi miidhaa seelii tiruu fiduun beekkamu. Dhibeen vaayrasii kun yeroo gabaabaa (acute) fi dhibee yeroo dheeraa (chronic) ta’uu danda’a.
HBV vaayirasiiwwan biroorraa kan adda isa godhu Inni baay’ee xiqqaa dha (42 nanometer). Seelota tiruu (hepatocytes) qofa irratti xiyyeeffata.

HBVn vaayirasii DNA yoo ta’u, addatti seelota tiruu miidha. Inni vaayirasii DNA ta’us, karaa addaa ta’e kan vaayirasoota ‘Retrovirus’ kanneen akka HIV Wajjin wal fakkatuun of baay’isa. RNA intermediate fayyadamee of baay’isa (reverse transcription) raawwata.

Vaayiresichi Bocaa geengoo fi haguuggii coomaa (lipid envelope) keessatti dhokatu qaba yokan immo haguuggii coomaa isa marsee jiru qaba. Haguuggiin envelope kunis pirootiin HBsAg of keessaa qaba, kunis vaayiresichi sirna ittisa qaamaa jelaa akka dhokatu yokan akka hin mul’annee fi seelota tiruu keessatti seenuun nagaan jiraachuu danda’uuf isa gargaara.
Ibsa bal’aa Pirootiinota Vaayirasichaa fi Hojii Isaanii:

Vaayirasiin kun pirootiinota murteessoo dhibee fiduu fi wal-hormaataaf tajaajilan
pirootiinota ijoo marsaa jireenyaa isaa fi dhiibbaa seelii tiruu fi sirna ittisa qaamaa irratti qabuuf isa gargaaruuf gahee olaanaa qaban of keessaa qaba. Pirootinoonni kana keessaa kanneen barbaachisoo ta’an HBsAg, HBcAg, fi HBeAg dha.
1. Pirootiinota Qolaa (Surface Proteins – HBsAg)

HBsAg pirootiinii gubbaa envelope vaayirasii yoo ta’u, Pirootiinonni kun naannoo qola (envelope) vaayirasichaa irratti argamu. Pirootiiniin kun gosa sadiin (Large, Medium, fi Small) kan argamu yoo ta’u, qola vaayirasichaa irra jira.
Pirootinii HBsAg gosa sadii qaba:
Pirootinii “S” pirootinii inni Kun Baay’inaan kan argamu yoo ta’u, caasaa vaayirasichaa ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba.
Pirootiniin “M” immoo Pirootiinii “S” irratti dabalata xiqqoo ta’ee jira.
Pirootinii “L” Pirootiiniin kun baay’ee murteessaa dha. Qarqara isaa irratti bakka “Pre-S1” jedhamu qaba. Bakki kun furtuu seelii tiruu (hepatocyte) vaayirasii kanaaf banuu ta’ee tajaajila. Vaayirasichi seelii tiruu keessa akka lixu kan godhu pirootiinii kana dha.
Pirootinii kun vaayirasichi sirna ittisa qaamaatiin akka hin beekamne kan eeguu fi yeroo dheeraaf seelii tiruu keessa akka turu taasisa.

Faayidaa Medikaalaa:
Qorannoo dhiigaa keessatti HBsAg yoo argame, namni sun vaayirasicha qabaachuu isaa agarsiisa.
2. Pirootiinii Wiirtuu (Nucleocapsid/Core Protein – HBcAg):
Qola vaayirasichaa keessa (capsid) geengoo fakkaatu kan pirootiinii HBcAg irraa ijaarameetu jira. HBcAg jeneetikii vaayirasichaa (DNA) haguugee eega. Akkasumas, adeemsa Jireenyaa vaayirasichi wal-hormaatu keessatti DNA’n haaraa akka ijaaramu iddoo mijaawaa uuma. Pirootiiniin kun dhiiga keessatti qullaa isaa hin argamu Garuu, sirni ittisa qaamaa keenya pirootiinii kanaaf farra-qaamaa (Antibody – Anti-HBc) ni oomisha. Kunis namni sun kanaan dura vaayirasichaan qabamee akka ture beekuuf gargaara.
3. Pirootiinii E (HBeAg – The Secretory Protein)
Pirootiiniin kun HBcAg wajjiin hidhata qaba garuu hojiin isaa adda yoo ta’u Seelii tiruu keessatti erga oomishamee booda gara dhiigaatti gad dhiifama.
HBeAg dhiiga keessatti argamuun isaa vaayirasichi dhiiga dhukkubsataa keessatti baay’ee “dammaqee” (active) ta’ee akka jiru fi saffisaan wal-horaa akka jiruu fi Daddarbiinsa olaanaa qabaachuu agarsiisa.
Pirootiiniin kun Hojii isaa keessaa inni guddaan sirna ittisa qaamaa (Immune system) gowwoomsuu dha. Qaamni keenya vaayirasicha akka hin lolle gochuuf “tarkaanfii dhowwuu” hojjeta.
Deebii ittisa qaamaa qaamaa laaffisuu fi gara (Immune Tolerance) jijjiiruuf gumaacha qaba. Anti-HBe Mul’achuu fi HBeAg baduun isaa sochii vaayirasichaa hir’achuu fi sadarkaam daddarbiinsa hir’achuu agarsiisa.
4. Pirootiinii X (HBxAg – The Oncogenic Protein)
Pirootiiniin kun baay’ee xiqqaadha garuu baay’ee sodaatamaa dha. Sababni isaa HBV’n maaliif kaansarii tiruu fida jedhamee yoo gaafatamu, deebiin isaa pirootiinii kana keessa jira.
Pirootinii kun Garaa seelii (nucleus) keessa lixuun jiniin (genes) vaayirasichaa akka dammaqan godha.
HBxAg pirootiinota seelii keenya keessatti guddina seelii to’atan (tumour suppressors) ni jeeqa. Kanaan kan ka’es, seeliin tiruu to’annoo malee baay’achuun gara kaansariitti akka jijjiiramu karaa saaquu danda’a.
5. Pirootiinii Polymerase (P-Protein)
Pirootinii Kun maashinii vaayirasichaati. Vaayirasiin kun dandeettii ofiin of baay’isuu (DNA replication) kan argatu pirootiinii kanaan yoo ta’u. DNA vaayirasichaa RNA irraa ijaara. DNA Polymerase DNA dacha (double stranded) taasisee xumura. RNA isa tajaajila xumures ni dhabamsiisa. Qoriichonni Hepatayitis B (Antivirals) hedduun pirootinii kana (Polymerase) hojii ala gochuun vaayirasichi akka hin baay’anne dhowwu.
Walumaagalatti pirootinoonni kunniin wal-cinaa kan hojjetan yoo ta’u, HBsAg vaayirasicha kan eeguu fi dhoksu yoo ta’u, HBcAg ammoo baay’ina vaayirasii kan deeggaru fi deebii kan kakaasudha. Immunooloojiidhaan, HBeAg sadarkaa sochii vaayirasii fi daddarbiinsa vaayirasii calaqqisiisa.
Hojii pirootiinota kanaa hubachuun yaala farra vaayirasii qopheessuu fi bu’a qabeessummaa qoricha hordofuu fi sadarkaa infection dhukkubsattoota irratti murteessuuf barbaachisaa dha.
Walitti Qabamiinsa Jeneetikii fi
Caasaa Jiinoomii Adeemsa Wal-hormaataa (Life Cycle/Replication) Vaayirasiin HBV seelii tiruu keessatti bifa kanaan of baay’isa:

Vaayiresiin HBV DNA jiinoomii hidda yokan genome addaa fi wal xaxaa qabaachuun beekkama. genome isaa geengoo lama (two strands) dha, garuu (strand) isaa lama ta’an keessaa tokko guutuu miti:
Geengoon tokko
Negative strand (–) Guutuu dha /full-length Kanaaf “full-length strand” jedhama.
Geengoon isaa inni biraan
Positive strand (+) Gabaabaa dha Guutuu miti, Nucleotides isaa 1700–2800 bp irratti dhaabbata. Kanaaf “incomplete strand”
Yokan “partially double-stranded” jedhama.

Sababni geengoon lammaffaan guutuu hin taaneef mala baay’ina vaayirasichaa akkaataa replication HBV irraa kan ka’e yoo ta’u, kunis yeroo tiraanskriipshinii duubatti deebi’u RNA gidduu galeessaa irratti hirkata.

Vaayiresichi seelii tiruu hepatocyte keessatti yeroo wal horuuf jedhu tooftaa Ajaa’ibaa fayyadama Vaayiresiin HBV DNA ta’ullee, yeroo wal hormaataa keessatti RNA intermediate fayyadama reverse transcriptase haala kanaan DNA haaraa oomishuun baayyata. DNAn hojjetame kunis bifa cufamaa cccDNA ta’een niwukilasii keessatti kuufama kunis baayyinaa fi jireenya vaayiresichaa gara fuulduraaf bu’uura ta’a Yokan replication fi transcription itti aanuuf bu’uura ta’a. Caasaan dachaa lama qabu kun vaayirasichi seelii tiruu keessa nagaan akka qubatuu fi ittisa ittisa qaamaa irraa akka miliquuf isa gargaara.

Vaayirasichi nama tokko qabee ji’a 6 ol yoo ture gara (chronic infection) tti jijjiirame Booda Akkuma armaan olitti ibsame Vaayirasiin kun mala baayoloojii walxaxaa ta’een DNA isaa bifa (cccDNA) jedhamuun niwukilasii hepatosaayitii keessatti kuufata, kana jechuun akka sanyiin isaa utuu hin badin jiraachuu isa dandeessisutti, seelii tiruu keessa qubata. Bifti jeneetikii itti fufiinsa qabu kun akka kuusaa fi tooftaa itti fufiinsa jireenyaa dhokataa vaayirasichaa ta’ee tajaajila. Tooftaan vaayrasiin kun fayyadamu baayyee balaafamaa ta’edha. Amalli kun vaayiresichi akka dhokatee seelii tiruu keessatti yeroo dheeraaf turuuf, fi yaala qorichaa ammayyaan osoo hin badne miliquuf gargaara.
Vaayrasiin kun yeroo seelii tiruu keessa seenee qubate meeshaa jeneetikii ofii isaa (DNA ykn RNA) seelii sanatti gadhiisa, Sana booda seeliin sun hojii ofii dilee akka hin raawwanne godhee, qaamolee vaayirasii haaraa akka Oomishuuf hojjetuuf seelii sana dirqisiisa.

Erga replication jalqabeen booda
Haala kanaan Vaayirasiin haaraan seelii keessatti uumamuu fi wal horuun baay’ateen booda Seelonni dhukkuba kanaan qabaman kun vaayirasii haaraa oomishaman kanneen karaa dhiigaa fi dhangala’aa qaamaatiin gara seelii tiruu birootti gadhiisuu eegalu. Sirni ittisa qaamaa seeliiwwan dhibee kana qaban waan ajjeesuuf Infekshinii vaayrasii yokan Dhibeen tiruu nama irratti uumama.
Amaloonni walxaxaa ta’ee fi Caasaan hin baratamne kun vaayiresichi seelii tiruu keessatti tasgabbiin akka jiraatu carraa isaaf gumaacha.
Sadarkaa Vaayiresiin kun Keessa Darbu – yeroo Qorichi farra vaayirasii eegalamuu qabu.

Dhukkubni Tiruu Vaayiresii Bi (Hepatitis B Virus – HBV) dhukkuba walxaxaa fi hubannoo gad-fagoo barbaadudha.
Namoonn baayyeen mana yaalaa deemuun doktoroonni laaboraatoriin dhiiga isaanii ilaalanii “vaayiresiin tiruu HBV dhiiga keessatti argameera Poozatiivii ta’ee jira” garuu yeroo kana Dawaa fudhachuu sin barbaachisu yokan sadarkaa Dawaa Eegaltu irra hin geenye ji’a sadi’i yokan ji’a 6 booda deebi’ii ilaalami jedhanii dhukkubsataa gaggeessu.
Dhukkubsattoonni ammo jecha “yeroof Dawaa fudhachuu sin barbaachisu” jedhu kana Akka waan Dhibeen isaan qabe dhukkuba laafaa ta’etti ilaalani “Vaayiresii tiruu kan dhiigaa” salphaa na qabe jedhu deebi’anii hin ilaalamanu!.
Ogeeyyiin fayyaa ” Vaayrasiin Dhiiga keessatti argameera, garuu yeroo kana qoricha fudhachuu hin barbaachisu” jedhu dhukkubichi laafaa waan ta’eef osoo hin taane, amala wal xaxaa vaayiresichi qabuu sadarkaa inni keessa darbu irratti kan hundaa’edha.
Gaaffiin dhukkubsatoota hedduu immoo “Vaayrasii tiruu Dhiiga koo keessa jiraachuu isaa utuu beekanii, maaliif doktoroonni dawaa naaf hin kennine?” Kan jedhuudha.
Deebii gaaffiiwwan kanaa fi Sababa isaa hubachuuf, sadarkaalee vaayiresichi keessa darbuu fi haala inni itti tiruu miidhu gadi fageenyaan hubachuun barbaachisaadha.
Dhukkubni kun akka dhukkuboota biroo dhibee battalaan yokan akkuma inni Dhukkubsataa irratti argameen qorichi itti ajajamu miti.
Yaalli dhibee kanaa baayyina vaayiresichaa fi deebii sirni ittisa qaamaa keenya kennuu fi haala fayyaan Tiruu itti jiru irratti hundaa’ee kennama waan ta’eef baay’ee wal-xaxaadha.
Ibsa Bal’aa Sadarkaa Guddina Vaayirasii Hepatitis B Qaama Namaa Keessatti
Adeemsi dhibee HBV sadarkaalee gurguddoo afur keessa darba:
🟡 Sadarkaa Tokkoffaa: Sadarkaa Uumamaa yokan Ijaarsa Vaayiresii (Incubation Stage)
Sadarkaa kanatti vaayirasichi karaa dhiigaa haadha irraa daa’imatti, yokan karaa walqunnamtii saalaa, ykn meeshaa qara qabu kan akka lilmee/marfee fi kkf dhiiga dhibee kana qabuun faalameen reefuu qaama dhukkubsataa keessa seenee gara ijaarsaafi imala isaa jalqabaa eegaleera jechuudha.
Sadarkaa kanatti Dhukkubsataan jijjiiramni tokkollee irratti hin mul’atu, homaa itti hin dhaga’amu.
Vaayrasichi umrii Guyyoota 30 hanga 180 gidduutti argama. Sadarkaan kun baay’ee dhokataadha.
🔴 Sadarkaa 2ffaa: Dhukkuba tiruu Yeroo Gabaabaa (Acute Hepatitis B)
Kunis vaayirasichi Reef uummame garuu sababa deebii sirna ittisaan mallattoo tokko tokko kan agarsiisu yoo ta’u kunis yeroo sirni ittisa qaamaa deebii kennuu jalqabudha. Qaamni vaayirasicha irratti duuluu jalqabeera jechuudha.
Mallattoolee akka
Dadhabbii fi fedhii nyaataa dhabuu.
Haalluun Ijaa fi gogaan xiqqoo bifa keelloo ta’uu (jaundice) mul’achuu danda’a.
Sadarkaan kun “wal dura dhaabbachuu sirna ittisaa fi vaayrasii” jedhamee fudhatama, haala kana keessatti yeroo baayyee namoota ga’eessota dhibbeentaa 90 ol ta’an irratti qaamni deebii kennuu qofaan wal’aansa tokko malee qaamni vaayirasicha milkaa’inaan injifata yookaan vaayirasicha guutummaatti dhabamsiisuun fayyuu danda’a.
🟠 Sadarkaa Sadaffaa: Infeekshinii Vaayiresii tiruu HBV yeroo dheeraa (Chronic Hepatitis B Infection)
Vaayirasicha ji’a 6 keessatti qaamni dhabamsiisuu yoo dadhabe, dhukkubni kun gara vaayiresii tiruu yeroo dheeraaf turutti yookaan kan yaala barbaadutti jijjiirama.
Sadarkaa kanatti dhukkubni kun haala adda addaa lamatti qoodama:
Vaayiresii yeroo dheeraa Sochii Hin Qabne (Inactive Carrier):
Vaayirasichi dhiiga keessa sadarkaa xiqqaadhaan argama.
Tiruun fayyaa waan ta’eef inflammation hin jiru.
Dhukkubsataan qoricha hin barbaadu, yeroo yeroon hordoffii gochuu qofa.
Vaayiresii Sochii Wal Horuu Qabu (Active Chronic Hepatitis):
Vaayirasichi saffisaan baay’achaa jira. Tiruun inflammation fi miidhaaf saaxilamuu eegaleera.
Mallattoon isaa dadhabbii, dhukkuba garaachaa fi fedhii nyaataa dhabuu fi kkf ni uumama.
Qorannoon kallattiin godhamu inzaayimii tiruu kan akka (ALT) olka’uu agarsiisa. Yeroo kana qorichoota farra vaayirasii fayyadamuun ni jalqabama.
⚫ Sadarkaa 4ffaa: Cirrhosis ykn Kaansarii tiruu fi kkf (Dhukkuba tiruu Sadarkaa Ol’aanaa)
Sadarkaan Kun lubbuu namaa balaaf kan saaxilu yoo ta’u, yeroo vaayiresiin kun utuu hin yaalamin ykn hordoffiin malee ture kan uummamudha. Vaayirasichi sochii wal horuu irra yeroo jirutti yoo hin yaalamne, faayibroosisi (fibrosis) kan uumamu yoo ta’u, itti aansuunis cirrhosis ni mul’ata. Haalli kunis dafee gara kaansarii tiruu (HCC) tiruutti guddachuu danda’a. Dhibeen kun sadarkaa gaddisiisaa kana Utuu hin godhin ittifamuu kan danda’u ture! Garuu Of dagachuu Dhukkubsataan kan uummamudha.
Akkaataa vaayrasiin kun Dhibee Itti Fidu (Pathogenesis)

Vaayrasiin HBV miidhaa hin fidu yoo ta’e maaliif nama vaayrasiin kun qabe tiruu isaa Rakkoo akka madaa tiruu Fibrosis fi Cirrhosis fi kaansarii tiruu HCC fi kkf saaxilamuu danda’ee?
Deebiin; Vaayirasiin Hepatitis B dhiiga keessa jiraatus ofii isaaf (kallattiin) seelii tiruu hin ajjeesu hin miidhu! HBV Ofii isaaf seeliiwwan tiruu hin miidhuu dhibee tiruu irratti hin fidu.
Vaayirasiin Hepatayitis B amala Vaayirasoota kaaniin ala ta’e qaba. Inni “Non-cytopathic Virus” jedhama. Hiikni isaa, Vaayrasii kun seelii tiruu (hepatocyte) keessa galee, seelichaa waliin nagaan jiraachuun Seelicha akka “warshaa” Bakka kooppii ofii isaa itti baay’ifatu yokan bakka wal-hormaataa ofii godhee itti fayyadama malee, seelicha hin ajjeesu.
Miidhaa Kan Fidu Vaayrasicha osoo hin taanee Sirna Ittisa Qaama Keenyaati (Immune-Mediated Damage)

Tiruun kan madaa’u ykn seeliiwwan tiruu kan badanu kallattiin Miidhaa vaayirasichaan dhufuun osoo hin taane, lola sirni ittisa qaama keenyaa vaayirasicha balleessuuf gaggeessuun miidhaan uumama.
Sirni ittisa qaamaa seelii Ajjeesaa (T-cells jedhaman) seelonni tiruu vaayirasichaan faalamuu isaanii yeroo hubatan, Vaayirasicha dhabamsiisuuf jecha, sirni ittisa qaamaa seelii tiruu vaayirasicha baatee jiru sana guutummaatti ajjeesa. Sirni ittisa qaamaa kun vaayirasicha dhuunfaatti yokan addatti qofaatti baasanii ajjeesuu hin danda’an. Vaayrasii fi seeliiwwan sanas walumatti ajjeesa. Yeroo seelonni tiruu miiliyoonaan lakkaawaman sirna ittisa qaama keenyaan ajjeefaman, bakki sun madaa’uu jalqaba. Madaan kun yeroo dheeraaf itti fufuun Tiruu irratti “Fibrosis” fi “Cirrhosis” fida. Kunis Dadhabina Tiruu fi Kaansarii Tiruu HCC fida. Haala kanaan Wal-dhabdee Vaayrasii fi sirna ittisaa fi qaama gidduutti gaggeeffamuun
dhibeen tiruu hamaan uumama.
Namni tokko Vaayireesiin dhiiga isaa keessa Viral load ol’aanaan jira garuu sirni ittisa qaamaa dhibee kanaan hin dammaqne. Deebii kennaa hin jiru yoo ta’e Tirun yeroo kana hin miidhamu, qorannoon “Liver Function Test” jedhamuunis inzaayimoonni tiruu idilee fi nagaa ta’uu danda’a. Yeroo kanatti Dhibee miidhaa hin qabu jedhama.
Garuu dhibeen kun Sadarkaa Lolli sirna ittisaa Itti Jalqabu (Immune Active) irra Yoo jiraate Yeroo kana sirni ittisa qaamaa vaayireesicha balleessee tiruu qulqulleessuuf lola jalqaba. Garuu Lolli kun vaayrasii HBV qofa osoo hin taanee seelii tiruu dabalatee miidha. Yeroo kanatti qorannoon dhiigaa (ALT) ol-ka’a, tiruun ni miidhama, yeroo kana Hangi baayyina vaayirasichaa xiqqaa ta’ulle dirqama yaalli ni jalqabama.
Sadarkaalee Dhukkubichaa (Phases of HBV Infection)

Ogeeyyiin fayyaa dhukkubsataa tokkoof qorichi ni barbaachisa moo hin barbaachisu kan jedhan sadarkaalee armaan gadii irratti hundaa’uuni:
Sadarkaa 1ffaa👉Vaayiresichi kan itti baay’atu garuu miidhaa hin qaqqabsiisne (Immune Tolerant Phase):
Sadarkaa kana irratti vaayiresiin dhiiga keessatti baay’ee guddaadha (Viral load is high). Garuu, sirni ittisa qaama dhukkubsataa vaayiresichaan hin lolu.
Tiruun (inflammation) hin qabu, qorannoon dalagaa tiruu (ALT/AST) normal ta’a.
Namoota hedduu keessatti keessumaa warra ijoollummaa qabaman, sirni ittisa qaamaa vaayirasicha akka diinaatti hin ilaalu. Vaayirasichi miiliyoonaan dhiiga isaanii keessa jiraatus, sirni ittisaa waan hin loleef, seelonni tiruu hin ajjeefaman, miidhaa fayyaa hin qaqqabu.
Yeroo kanatti tiruun nagaadha, namichis dhukkubni itti hin dhaga’amu. Yeroo kana Dawaa kennuun yokan yaala jalqabsiisuu dhibee kana kaasuu danda’a jedhamee sodaatama.
Qorichoonni mana yaalaa Ammayyaa kan hojjetan yeroo sirni ittisa qaamaa vaayiresicha loluu fi miidhaa tiruu irraan gahuu Eegale qofadha. Malee Sadarkaa miidhaa hin qabne kanatti qoricha kennuun faayidaa hin qabu, dabalataan vaayiresichi qoricha akka baru (drug resistance) gochuu danda’a.
Sadarkaa 2ffaa 👉 Sirni Ittisa Qaamaa Vaayrasicha irratti kennuu (Immune Active Phase):
Yeroo kana Sirni ittisa qaamaa vaayiresicha loluu jalqaba.
Lola kanaan tiruun ni madaawa, qorannoo haala fayyaa tiruu irratti ALT ni dabala. Qorichi kan jalqabamu sadarkaa kanatti dha. Sababni isaas madaan tiruu yoo itti fufe gara (Cirrhosis) yokan Kaansarii tiruutti geessuu waan danda’uuf.
Sadarkaa 3ffaa 👉Vaayiresichi Kan Itti Rafu (Inactive Carrier Phase):
Vaayiresiin dhiiga keessa jiru baay’ee xiqqaadha.
Tiruun madaa irraa walaba ta’a.
Yeroo kana Qorichi hin barbaachisu: Namni sadarkaa kana irra jiru “Carrier” jedhama. Waggaa waggaan yokan ji’a sadi’in hordoffii gochuu malee qoricha hin fudhatu.
Doktoroonni qoricha ajajuuf ulaagaalee sadii ilaalu:
Viral Load Baay’ina vaayiresichaa dhiiga keessatti (HBV DNA test).
Qorannoo dhiigaa inzaayimii tiruu ALT/AST kan tiruun madaayuu yokan miidhaan irra gahuu isaa agarsiisu.
Qorannoo Fibroscan/Ultrasound: Tiruu irratti madaan ykn gogiinsii (fibrosis) fi kkf jiraachuu isaa ilaaluun. Qorannoo kana madaaluun Xumura irratti Qoricha hin barbaachisamoo? Hin barbaachisu kan murteessuun Dawaa kennu.
Walumaa galatti Vaayiresiin kun amala wal-xaxaa qaba! Yaala ammayyaa keessatti qoricha kennuuf wantootni armaan olii beekamuu qabu!.
Ibsi armaan olii kan ilaalu bu’uura akkaataa seera yaala ammayyaa irratti, qorichi farra-vaayiresii (antiviral drugs) namoota dhukkubni sadarkaa miidhaa tiruu irra gahee fi HBV DNA isaanii ol ka’e qofaaf akka kennamu agarsiisa.
Garuu nuti — yaala Vaayiresii tiruu keessatti akkasiin hin hojjannu —
Dhimmoota fayyaa adda addaa irratti bu’uura yaala ammayyaa ni hordofna, Haata’u malee, dhibee kana yaaluuf qorichoota Aadaa Herbal fayyadamnu dhibeen kun ji’a 6 ol ta’ee jira taanaan sadarkaa Vaayrasii fi Tiruu kamiyyuu keessatti fudhachuu ni danda’ama.
Akka yaala ammayyaa hanga vaayrasiin sadarkaa miidhaa geessisu bira gahutti hin Eegnu dursinee yaala kennina.
Nuti gosa qorichoota uumamaa Qulqullinaan qophaa’an Kan sochii Farra vaayiresii fi Eegumsa tiruu, akkasumas sirna ittisa qaamaa jabeessuun dhibee kana dadhabsiisuun fayyina guutuu fi gara fuulduraatti dhibee akka hin deebineef immunized protected argamsiisuu danda’an fayyadamna.
Yaala ammayyaa Qorichoota farra vaayrasii fi bu’aa isaanii:

Qorichootni mana yaalaa amma jiran—fe’iinsa baayyina vaayirasii (HBV DNA) hir’isuu fi hojii tiruu fooyyessuu fi guddina dhukkubaa ittisuu danda’u garuu cccDNA guutummaatti niwukilasii hepatocytes irraa balleessuu hin danda’anu.
Kanaaf yeroo kanatti Dhibee Vaayireesi Tiruu yeroo dheeraa Chronic HBV irratti qorichi Ammayyaa vaayiresicha irraa bifa dhaabbataa ta’een fayyina fiduu danda’u hin jiru! Qorichi ammayyaa yeroo ammaa jiru antiviral drugs kan akka: (TDF) (TAF) fi Entecavir (ETV) yoo ta’u isaanis Hanga vaayiresichaa xiqqeessuu fi dhibee hamaa akka hin uumne ittisuuf qofaaf hojjetu malee dhibee kana fayyisuu hin danda’anu!.
Namni Tokko Dhibee kana irraa fayyeera kan jdhamu yoo maal ta’edha?
Saayinsii vaayrasii Viraloojii fi dhibee tiruu Hepaatoloojii keessatti Fayyina HBV jechuun Gabaabumatti, fayyina jechuun dhukkubsataan yaala vaayrasii tiruu CBV booda Bu’aan HBsAg fi DNA HBV Negative ta’uu fi Anti-HBs (Positive) ta’uu fi (LFTs) gara idileetti deebi’uun dhibeen kun guutummaatti namni kun fayyina guutuu (clinical recovery fi immunized/protected) argachuu argisiisiisaa. Haala kana keessatti dhukkubsataan sodaa tokko malee jiraachuu danda’a.
Ha ta’u malee Yaala ammayyaa yeroo ammaa jiru keessatti Fayyina kana argachuun ulfaataadha! Dhukkubsattoonni guyyaa guyyaan qoricha fudhachuu qabu! Kunis turtii yeroo dheeraa booda dadhabbii fi miidhaa cinaa Qorichoota dabalataaf nama saaxiluu danda’a!.
Dhukkubsattoota 1,000 vaayiresii tiruu qabaniif yaaliiwwan ammayyaa yeroo kana hundarra gaarii fi cimaa ta’an yokan Qorichoota ammayyaa yeroo ammaa cimaa jedhaman fudhatanu 1000 keessaa nama tokko hanga 5 qofatu akka carraa fayyina functional cure milkaa’uu danda’a!. Warri kaan guyyaa guyyaan dawaa fudhachuu qabu.
Dhibee kana irraa fayyina guutuu fi immunized protected Argachuuf Dawaan Aadaa wabii guutu qabu nu biratti argama.

Yaala Aadaa giddugalichaa haala kamiin bakka jurtanitti argachuun danda’ama?
• Namni tokko bakka jirutti yaala Aadaa nurraa argachuuf Hospitaala Naannon isaa jiru deemuun dursa Qorannoo Fayya gochuun bu’aa qorannoo Dhibee isaa ibsu sana suuraa sirriitti mul’atu dubbifamuu danda’u kaasee, karaa Whtsapp yokan Telegramiin nuuf Erguu qaba.
• Kunis Dhibee isaa ifatti beekuu fi yaala madaalawaa murteessuuf gargaarudha.
• Qorannoowwan barbaachisoo hunda karaa keenyaan gaggeessuunis ni danda’ama.
Bu’aa Qorannoo kana irratti hundaa’uun dhukkubsataa tokkoof bakka inni jirutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.
• Teessoon keenya
Oromiyaa Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaa fi Dirree Dawaa fikkf. Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya. 🌍💊
Dhukkubsattoota Warra dhibee Vaayrasii tiruu Hepatitis B yaalamuu fedhaniif toora qunnamtii yokan lakkoofsi bilbilaa addaa qophaa’e 👉 091 033 3944 kanadha.
username Telegram
👉@HBV_oromiyaa10
• Dhukkuboota biroo Yaalamuuf yoo ta’e nu qunnamuuf lakkoofsa ilbilaa 👉0917535385 fayyadamuun nu qunnamuu dandeessu.
Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?
• Kabajamtoota maamila keenya Nu qunnamuuf yokan tajaajila keenya Argachuuf Lakkoofsa bilbilaa keenya irratti Kallattiin Bilbiluu caalaa Qunnamtii saffisaaf
Lakkoofsa bilbilaa kanaan
0910333944 fi 0917535385 irratti WhatsApp fi Telegram irratti messege nuuf Erguu filatamaadha.
• Yeroo bilbiltanii Yoo deebii dhabdan! Karaa Whtsapp yokan Telegram yokan Dhimma keessan barreeffamaan karaa messege SMS kallattiin dhimma keessan Erguu dandeessu!. Akkasumas Deebii obsaan Eeggadhaa!.
Yeroo hojii:
Bilbilli keenya banaa kan ta’u, Guyyaa waaree booda sa’aatii 8 hanga galagala sa’aatii 11tti, Halkan Sa’aatii 2 hanga sa’aatii 5tti yoo bilbiltan nu Argachuu dandeessu.
Halkan Sa’aatii 5 booda bilbiluun hin danda’amu 📵
Email: info@qorichaoromiyaa.com
Website: Qorichaoromiyaa.com
Official Facebook:
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa “Follow” gochuu hin dagatinaa ✅
