Vaayrasii Maalii!? Akkamitti wal horuu fi jiraachuu danda’a!?

Vaayirasoonni wantoota baay’ee xixiqqoo (microorganisms) jedhaman keessaa tokko yommuu ta’an, dhala namaa, horii, bineensota, fi biqiltoota irratti dhiibbaa guddaa fiduu danda’u. Dhukkuboota vaayirasootaan dhufan keessaa muraasni akka Hepatitis B, HIV/AIDS, fi Ebola beekamoo dha.
Uumama fi Amaloota Vaayirasoota (Origin and Nature of Viruses)

Vaayirasiin wantoota baayyee xixiqqoo lubbuu guutu hin qabne orgaanizimoota yokan uumamtoota baay’ee xixiqqoo ijaan hin mul’annee fi harkaan qabamuu hin dandeenye Wantoota addunyaan keessa jiraatan keessaa uumamtoota hunda caalaa xiqqoo fi hedduu dha. Isaan ofii lubbuu hin qaban kophaatti jiraachuu hin danda’an.
Vaayrasoonni Jireenyaa fi Adeemsa ijaarsa isaanii raawwachuuf wantoota biroo (kan akka seelota namaa, horii, bineensota yookaan biqiltoota guutummaatti seelii keessummeessituu qaama namaa yokan waan lubbuu qabu irratti hirkatu.
Kanaafuu Vaayirasoonni orgaanizimii lubbuu qabuun ala yoo qubatan jechuunis qilleensa keessas taʼe bishaan keessas taʼe lafa irra yeroo jiranitti, sochii tokkollee raawwachuu hin dandaʼan, seelii qaama lubbuu qabu seenuuf isaaniif mijatu yokan keessummeessituu seelii waan lubbuu qabu yoo hin arganne yeroo gabaabaa booda ni du’u.
Ha ta’uu garuu Vaayrasoonni Yoo seelii waan lubbuu qabu, jechuunis seelii qaama namaa bineensa, biqiltuu fi kkf waan keessa qubatan
Yeroo argatan meeshaa jeneetikii ofii isaanii (DNA ykn RNA) seelii sanatti gadhiisu Sana booda seeliin sun hojii ofii dilee akka hin raawwanne godhanii qaamolee vaayirasii haaraa akka Oomishuuf hojjetuuf seelii sana dirqisiisu.

Haala kanaan Vaayirasiin haaraan guutummaatti seelii keessatti erga uumamuu fi wal horeen booda seeliin sun ni dhoo’a ykn bittinnaa’ee vaayirasoota haaraa oomishaman seelii biroo faaluu danda’an gadi-dhiisa! Haala kanaan Infekshinii vaayrasii dhibeen vaayrasii nama irratti uumama.
Vaayirasiin tokko dhiiga keessa jiraachuun kutaa qaama guutuu haleeluu yokan miidhuu danda’a jechuu miti.
Gosoonni Vaayirasii tokkoon tokkoon isaanii seelii qaamaa tokko seenuuf “furtuu” addaa waan barbaaduuf, Vaayirasichi dhiiga keessa jiraatullee seelii qaamaa tokko seenuuf furtuu seelii sana sanuuf isaaf hayyamu qabaachuu qaba. Fakkeenyaaf Vaayrasiin tiruu tiruu HBVn tiruu dhaan alatti kutaa qaamaa kan biraa kan akka kalee, sombaa fi onnee yokan kutaa qaamaa biraa seeuu fi miidhuu hin danda’u!.
Sababni isaa vaayirasiin hundi qaama murtaa’e tokko qofa addatti miidhuu danda’a kunis kan galama gahuu danda’u bu’aa wal-nyaatinsa yokan wal simachuu sirrii:
Pirootiinii fuulla yokan gubbaa vaayirasii irratti argamu (Viral surface proteins) fi Fudhatoota keessummeessitoota, fuulla yokan qaama gubbaa seelii qaamaa irratti argaman (Cell surface receptors) gidduutti uumamaniin ta’aa.

Dhiigni akka meeshaa geejjibaa qofaatti tajaajila malee bakka vaayirasichi itti baay’atuu fi wal horuu miidhaa geessisuu danda’uu miti. Kanaafuu vaayirasiin kamiyyuu jalqaba dhiiga keessa deemee seelii qaamaa keessaa bakka keessummeessituun isaa itti argamu barbaadaa.
Vaayirasiin tokko seelii qaamaa isaa keessummeessu akkammitti beekuu fi argachuu danda’a!?
Vaayirasiin kutaa qaamaa miidhu tokko barbaadee argachuuf
Tokkoon tokkoon gosa vaayirasii fudhatoota addaa kotaa addaa seelii qaamaa murtaa’e qofa keessatti qofa irratti argaman qaba. Yoo fudhattoota isaa kana kutaa qaamaa tokko keessatti hin arganne vaayrasichi dhiiga keessa jiraatullee kutaa qaamaa yokan seelii biraa seeuu fi miidhuu hin danda’u!.
Tokkoon tokkoon vaayirasiin pirootiinii addaa fuula isaa irratti furtuu addaa seelii qaamaa barbaadee ittiin argatuu irratti maxxanuu fi seenuuf isa deeggaran “pirootiinii maxxantuu” ykn “gilaayikoopirootiinii” jedhamuun beekkamu qaba.

Seelonni qaamaa ammoo gubbaa isaanii irratti “fudhatoota seelii” (Cell Receptors) vaayirasicha simatan qabu.

Vaayirasichi seelii fudhataa isa fudhataa ofii yeroo argatu jabeessee itti maxxanee keessa seena.
Seeliin tokko fudhataa gosa vaayrasii kana simatu yoo hin qabaanne vaayirasichi dhiiga keessatti yeroo kumaatamaan lakkaa’amu naannawaa yoo ooles seelii biraa seenuu hin danda’u.
Fudhattuun vaayrasoota, keessummeessu seelota qaamaa keessatti bifa adda addaan argama.

Seelonni qaama namaa keessa jiran molakiyuulota xixiqqoo fudhataa jedhamaniin haguugamaniiru. Isaan kun “balbala yokan Ulaa” kan waan alaa seelii keessa seenuu fi bahu to’atanii fi seelonni waan alaa dhufu kan akka hormoonii fi vaayrasii, summii kkf addaan baasanii beekanuu Kamii wajjiin akka walqunnamuu qaban murteessanudha.
“Fudhattuu seelotaa” jechuun bakka addaa (receptor) gubbaa seelii qaamaa irratti argaman yoo ta’u Fudhatootni kunniin fuula seelii irratti kan argaman yoo ta’u, seeliin qaamaa tokko wantoota akka vaayirasii waliin akkamitti akka walqunnamu murteessuu keessatti gahee guddaa qabu.
Vaayrasiin kamiyyuu Molakiyuulota fuulla alaa gubbaa seelii irratti argaman fayyadamuun seelii keessa seena.
“Molakiyuulota fuula alaa seelii irratti argaman” jechuun —
> Wantoota xixiqqoo, akka pirootiinii, gilaayikoopirootiinii, fi kaarboohayidireetii kan fuula seelii irratti argaman, seelii fi wantoota alaa gidduutti wal-qunnamtii akka uummamu godhani dha.
Kanaafuu Vaayirasiin tokko qaama namaa yommuu haleeluuf jedhu seelii fedhe kamiyyuu akka fedhe seenuu hin danda’u. Vaayrasichi seelii fudhataa addaa pirootiinota fuula isaa irratti argamaniin walsimu qabu barbaada. Adeemsi kun sirna qulfii fi furtuu wajjin wal fakkaata vaayirasichi “furtuu” addaa kan qabu yoo ta’u, fudhataan fuula seelii irratti argamu sun immoo “qulfii” dha, yoo balballi/ulaan vaayirasichaaf banamuu kan danda’u yoo furtuun sun haala gaariin walsimate qofa.

Molakiyuulonni kun vaayiraasotaaf hin uumamne, isaan seelii keessatti hojii idilee qabu, garuu vaayiraasni immoo ogummaa isaatti fayyadamuun isaanitti maxxanee seelii qaamaa sana seenuun of baay’isuu fi Infekshinii uumuu danda’a. Kana jechuun fudhattuun seelaa akka balbala/ulaa vaayiraasni ittiin seelii seenuu fi kan vaayrasoota gosa garaagaaraa keessaa filatee kan wal simatan qofa keessummeessa.
Fakkeenyota vaayrasoota kan kutaa qaamaa tokko irratti xiyyeeffatan:

Vaayrasii Tiruu heeppaataayitesii Bii yokan HBVn dhiiga guutuu keessa kan naanna’u ta’us, infekshiniin isaa garuu seelii Tiruu (hepatocytes) qofa miidha! Malee kalee garaacha yokan sombaa hin tuquu!.
Sababni isaas vaayirasichi pirootiinii gubbaa HBsAg jedhamu kan qabu yoo ta’u, fudhataan yokan keessummeessituun isaa seelii Tiruu NTCP irratti qofa argama.
Fudhataan kun seelii sammuu, onnee ykn kalee keessatti hin argamu! Tiruu keessatti qofa argama, kanaaf vaayirasichi kutaa qaamaa biraa seeuu fi miidhuu hin danda’u.
Vaayrasoonni biroos akkasuma kutaa qaamaa murtaa’e qofa irratti xiyyeeffatanii miidhaa geessiu.
Vaayrasii HIV: seelii sirna ittisa qaamaa kanneen fudhataa CD4, CCR5, ykn CXCR4 qaban qofa haleela.
Vaayirasii pooliyoo: seelii lafee dugdaa fi sirna narvii qofa haleela.
Vaayirasii infuleenzaa yokan qofaa utaalloo fiduun beekamu! seelii sirna hargansuu Fi naannoo sombaa funyaanii qofa irratti xiyyeeffatee miidhaa geessia.
Vaayirasiin tokko kallattiin qaama biraa faaluu yokan miidhuu dhiisuu danda’a garuu inflammation inni kutaa qaamaa tokko irratti fidu qaamolee biroo irrattis dhiibbaa al-kallatti fiduu danda’a.
Fakkeenyaaf, dhukkubni tiruu yeroo dheeraa sirni ittisa qaamaa akka hin hojjennee gochuu fi summiin dhiiga keessatti akka kuufamu gochuu danda’a, kunis booda sammuu ykn kalee fi kkf irratti dhiibbaa kan geessisu ta’a.
Vaayrasoonni bara durii jiruu!?
Eeyyee, vaayirasiin bara durii kaasee, jalqaba jireenyi lafa kanarraa kaasee jiraachaa ture.
Namoonni durii maalummaa vaayrasii fi baakteeriyaa hin beekan sababni isaas wantootni kun orgaanizimoota xixiqqoo ijaan hin mul’annee waan ta’eefi dha malee vaayrasii durumaa ni jira ture.
Qorannoon ammayyaa vaayiraoloojii fi jeneetiksii molakiyuulaa irratti godhame akka agarsiisutti, vaayirasiin waggoota miliyoonaan ykn biliyoonaan lakkaaʼaman dura,akka turan argisiisa.
Vaayirasii eenyutu uume?
Namoonni hedduun vaayrasoota namatu uume jedhanii dubbatu!🤔
Ija saayinsiitiin yoo ilaalle:
Vaayirasiin kan uumame namaan miti; Dhalli namaa yeroo vaayirasoonni jalqabaa mul’atan lafarra hin turre.
Vaayrasoonni Namoota dura waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman dura kan jiraataa turan yoo ta’u, madaallii baayoloojii uumamaan jiru eeguuf gahee guddaa qabu turan.
Ilmi namaa vaayirasii laaboraatoorii keessatti uume?
Deebiin: Lakki, ilmi namaa jalqabarraa vaayirasii hin uumne.
Haa ta’u malee, bara ammayyaa kana keessatti namoonni vaayirasoota tokko tokko laaboraatoorii keessatti kaayyoo saayinsii fi yaalaa qulqulluu ta’eef fooyyessuu qorachuu danda’aniiru, kanneen akka:
Talaallii hojjechuu.
Akkaataa vaayirasiin ittisa qaamaa itti faaluu fi miidhu qorachuu.

Wal’aansa kaansarii ykn yaala jiinii keessatti vaayirasii fooyya’e fayyadamuuf jecha kutaa laabiraatorii keessatti qorannoo gaggeeffama.
Malee Yaadni ilmaan namootaa “vaayirasii akka meeshaa baayoloojiitti uumuun namoota balleessuuf” itti fayyadamu jedhu yaada shiraa ragaa saayinsii amanamaa tokkollee hin qabneedha.
Qorannoon addunyaa hundi (WHO, CDC, Nature, Lancet) vaayirasoonni beekaman kanneen akka HBV, HIV, fi COVID-19 vaayirasoota namaan uumamaan osoo hin taane kanumaan dura uumama irraa maddanii bineensa irraa gara namaatti utaalanii (zoonotic origin) ta’uu mirkaneessa. Waan dubbiftaniif galatoomaa!🙏
🩺 Qopheessaa fi Barreessaan:
Ogeessa Qoricha Aadaa fi Saayinsii Fayyaa – Giddu Gala Yaala Aadaa fi Oomisha Qorichoota Organica Oromiyaa.
Yaala Dhukkubsattoota vaayrasii akka HBV fi kkf bifa saayinsaawaa ta’een Qorichoota organica nu biratti argachuu dandeessu.
Lakkoofsa bilbilaa 0910333944 irratti messege nuuf ergaa akkasumas whtsappii fi Telegiramii irratti nu qunnamuu dandeessu.
Official Email
👉info@qorichaoromiyaa.com