Dhukkuba Asiidii Gaaraachaa

Mallattoowwan Dhukkuba Asiidii Gaaraachaa/ Coggaarraa fi Maalummaa isaa. Kutaa tokkoffaa….

Dhibeen Asiidii Garaachaa (GERD) rakkoo sirna bullaainsa nyaataa keessatti dhibee yeroo dheeraaf turu (chronic) ta’uun nama rakkisan keessaa tokko yoo ta’u Maqaan isaa guutuun (Gastroesophageal Reflux Disease) ykn dhibeen asiidii garaachaa jedhama. Rakkoo fayyaa asiidiin garaacha keessaa nyaata bulcheessuuf oolu gara ujummoo nyaataa (esophagus) deebi’uun dhufuudha.

Garaach keeyssa dhangala’aa asiidii fi inzaayimootaa gosa garaagaraatu, jira. Dhangala’oon kun Garaacha keeysatti nyaata bilcheessuu, laaffisuu Fi sochoosuuf fi pirootinii daakuu fi kkf tajaajilu. Garuu dhangala’aan kun Garaacha keessatti daangaa idilee isaatii ol yoo dabalu mallattoon dhukkubbii laphee fi gubaa Garaachaa fi singiggoo namarratti mul’achuu dandaya rakkoon kun dhukkubbii gadi Aanaa irraa hanga dhukkubbii ulfaataa namatti fiduu danda’a.

Ka’umsi dhukkuba kanaa kan jalqabu ujummoo nyaataa fi garaacha gidduutti argamu yeroo miidhamudha. Ujummoo nyaataa fi garaacha gidduutti maashaa akka cufaa (valve) ta’ee tajaajilu kan “Lower Esophageal Sphincter” jedhamuutu jira. Maashaan kun yeroo nuti nyaata liqimsinu banamee erga nyaatni gara garaachaa seenee booda battalumatti cufama. kunis asiidiin garaachaa gara ujummoo nyaataa isa lallaafaa ta’ee fi gara afaanitti akka hin deebine ittisa. Haa ta’u malee, sababa adda addaatiin cufaan garaachaa kun yoo laafe ykn yeroo banamuu hin qabneetti yoo baname, asiidiin garaachaa gara oliitti dhangala’uun ujummoo nyaataa gubuu fi madaasuu jalqaba.

Rakkoo dhibee GERD kan uumamu dhangala’aan garaacha keessaa (gastric contents) kan akka asiidii, inzaayimootaa fi gadhiiftuu “bile” irra deddeebi’uun gara ujummoo nyaataa (esophagus) keessatti ol deebi’uudhaan uumamu dha.

Asiidiin kun gosa adda addaa osoo hin taane, walmakaa dhangala’aa garaachaa (Gastric Juices) kan dandeettii gara garaa qaban jedhamuun qoodamuu danda’u. Jechoota gabaabaa sadiin yeroo ibsamu:

1. Asiidii Garaachaa (Gastric Acid):

Kun isa gubaa laphee (singiggoo) cimaa uumu yoo ta’u, dhangala’aa (Asiidii HCl) kan Nyaata daakuu fi jarmii ajjeesuuf kan gargaaruu

fi bishaanii fi inzaayimoota kan akka “Pepsin” kan Protinii nyaataa keessa jiru daakuuf kan gargaaru of keessaa qabudha.

2. Dhangala’aa gadhiiftu (Bile Reflux):

Kun asiidii osoo hin taane, dhangala’aa hadhaa’aa gadhiiftuu yokan (gallbladder) keessaa madduu fi nyaata zayitaa daakuuf gargaaruudha. Yeroo tokko tokko dhangala’aan hadhooftuu kun asiidii garaachaa waliin makuun gara mormaatti ol dhuufuun rakkoo uumuu danda’a (Bile Reflux).

3. Dhangala’aa Nyaataa (Non-acidic Reflux):

Yeroo tokko tokko asiidiin baay’ee osoo hin taane, nyaata bullaa’uu dhabee fi bishaan garaachaa qofatu ol deebi’a.

Gabaabaatti Yeroo dhibeen GERD jedhamu uumamu, walmakaan dhangala’aa garaachaa (asiidii) fi dhangala’aa hadhooftuu fi inzaayimootaa, dhangala’oon kunneen gara mormatti ol deebi’uun hundi isaanii ujummoo nyaataa irratti, gubannaa fi madaa uumuu danda’u.

Mallattoolee dhibee Asiidii Gaaraachaa GERD fi miidhaawwan inni qaqqabsiisuu danda’u kutaalee gurguddoo tti qooduun armaan gadiitti ball’inaan ibsina:

Mallattooleen dhibee GERD yeroo baay’ee haala dhuunfaa namaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’u.

Mallattoolee kana kutaalee sadiitti qooduun ilaaluu dandeenya:

Mallattoolee Baramoo (Typical Symptoms):

Mallattoon jalqabaa Dhangala’aan hadhaawaa fi namatti hin tolle kan nama gubu Gaaraacha keessaaa gara mormaatti ykn afaanitti deebi’uu.Afaanitti Deebi’uudha.

Singiggoo (Heartburn):

Miira gubannaa qoma keessaa jalqabee gara mormaatti ol dhufu, gubaa garaa keessaa namatti dhaga’ama, yeroo baay’ee naannoo gara Olii lappee/qoma, gubbaa keeysaa gubaa namatti dhaga’ama Naannoo sternum fi navel gidduu jechuudha.

Dhukkubbii Qomaa (Chest Pain) Dhukkubbii laphee gidduu kan darbee darbee dhibee onnee wajjiiniin wal fakkaatu.

Nyaata booda Garaan bokoksuu fi irra deddeebi’anii deeffachuu.

Hadhaa Afaanii (Sour Taste) Afaan keessatti dhandhama asiidii ykn hadhaa’aa sababa malee afaan nama hadhaawa.

kunis kan uumamu sababa dhangala’aan asiidii Gaaraachaa garmalee guutee gara ujummoo nyaataa liqimsituu mormaatti ol deebi’uu irraa kan ka’edha.

Akkasumas Irra deddeebi’ee Garaa nama kaasaa ykn garaa baasaa namatti fida kunis dhiiga ykn halluu bunaa fi kkf qabu ta’uu dandaa’a..

Humna hir’isa Dadhabbiin Qaamaa waliigalaa namatti dhagahama. ulfaatina qaamaas ni hir’isa.

Mallattoowwan armaan olitti ibsaman Kun yeroo baay’ee nyaata booda, halkan, ykn yeroo ciisan ni hammaata.

B. Mallattoolee Ujummoo Nyaataatiin Alaa:

Sababa malee irra deddeebi’ee Miira hudhamuu Mormatti Qabamuu (Globus Sensation) Akka waan nyaatni ykn wanti tokko morma keessatti qabamee jiruutti namatti dhaga’amuu.

Qufaa Gogaa yeroo dheeraa (Chronic Cough): Qufaa yeroo dheeraaf nama hin dhiisne Nama mudachuu danda’a.

Sagalee Jijjiiramuu (Hoarseness): Sababa asiidiin mormatti ol deebi’uun ujummoo qilleensaa fi sagalee (vocal cords) gubuu fi dhiitessuun miidhaa geessisuun sagaleen namaa dhiphachuu fi jijjiiramuu danda’a.

Asmii (Asthma): Asiidiin qilleensatti makamuun gara ujummoo hargansuu yoo deeme asmii fi kkf fiduu danda’a.

Akkasumas Asiidiin kun irra deddeebi’ee ol-deebi’uun afaan keessatti hafu haguuggaa ilkaanii (enamel) nyaachuun ilkaanni akka qallatuu fi dadhabu taasisuu danda’a.

 

Mallattoowwan Sodaachisoo (Warning/Alarm Symptoms)

Mallattoowwan kun yoo mul’atan hatattamaan ogeessa fayyaa bira deemuun barbaachisaadha:

Nyaata Liqimsuu Dadhabuu (Dysphagia) Nyaata liqimsuuf rakkachuu ykn yeroo liqimsan dhukkubbiin namatti dhaga’amuu.

Dhukkubbii Qomaa Cimaa kan gara harka tokkootti siqee dhagahamuu ykn mallattoo dhibee onnee fakkaatu.

Sababa malee ulfaatinni qaamaa humnaa ol gadi bu’uu. Haqqee Dhiiga Qabu ol-deebisu Haqqee dhiiga of keessaa qabu ykn bobbaa/sagaraan hedduu gurraacha’e dhiiga keessoo qabu ba’uu.

 

Yoo dhibeen kun yeroo dheeraaf yaalamuu baate, miidhaawwan armaan gadii fiduu danda’a:

Ujummoon nyaataa madaa’uu fi dhiiguu. Ujummoon nyaataa dhiphachuu irraa kan ka’e nyaata liqimsuun rakkisaa ta’uu danda’a.

Asiidiin irra deddeebi’ee kutaalee ujummoo nyaataa gubuu isaa irraa kan ka’e, madaa, dhiita’uu fi dhiiga uumuu danda’a. Madaan ujummoo nyaataa sun erga fayyee booda mallattoo (scar tissue) kunis ujummoo nyaataa dhiphisuun nyaatni akka hin dabarre rakkisa. Kana booda “Barrett’s Esophagus” Uumama Kun rakkoo cimaa yoo ta’u, seeliin ujummoo nyaataa inni fayyaa ta’e sababa asiidiitiin seelii biraatti jijjiramu yokan Seeliin ujummoo nyaataa gara seelii kaansarii (cancer) ta’uutti jijjiiramuu. Kunis carraa Kaansarii (Esophageal Cancer) Qabamuu ni dabala.

Akkasumas Asiidiin irra deddeebi’ee uumamuu fi yaalamuu dhabuun yoo hammaate gara sombaatti yoo deeme infekshinii sombaa (Aspiration Pneumonia) fi madaa ujummoo hargansuu (Bronchitis) fiduu danda’a.

Hubachiisa Mallattoowwan armaan olitti ibsaman kun hundi namoota irratti yeroo tokkotti mul’atu dhabuu danda’u! Akkasumas haala dhibee irratti hundaa’ee hammaataa ykn giddugaleessa ta’uu xdanda’u. Yoo mallattoowwan kun torbanitti al lamaa ol deddeebi’an isin irratti mul’atan ogeessa fayyaa mariisisiisuu fi yaala fudhachuu gorfama.

Waa’ee dhibee kanaa hin xumuramne! Dheeraa waan ta’eef kutaa itti Anu itti fufa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *