Maalummaa Dhibee Vaayirasii Tiruu HBV

Maalummaa Dhukkuba Vaayiresii Tiruu dhibee Simbiraa Hepatitis B (HBV) Caasaa fi Amaloota Baayoloojii tooftaa wal-hormaataa fi marsaa jireenyaa Vaayirasichaa.

Dhukkuba Tiruu Hepatitis B jechuun dhukkuba Tiruu daddarbaa keessaa isa hamaa fi cimaa yoo ta’u.

Rakkoo fayyaa callisaa dhokataa yaaddessoo ta’an keessaa isa tokkodha. Vaayiresiin kun tiruu (liver) irratti miidhaa dhokataa Mallattoolee hin qabne geessisa.

Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO fi CDC jedhutti dhibeen vaayirasii tiruu HBV Dhukkuba yaaddoo fayyaa addunyaa (major global health problem) guddaadha. Sababni isaa dhibeen vaayirasii tiruu (Hepatitis B) utuu mallattoolee (symptoms) hin agarsiisin gara sadarkaa cimaatti ce’uu danda’a. Dhukkubni kun yeroo baay’ee “dhibee callisaa” (silent infection) jedhama, sababiin isaas namoonni baay’een waggoota hedduudhaaf, hanga tiruun isaanii baay’ee miidhamuutti, vaayirasicha akka qaban hin beekan. Waggaa waggaatti Addunyaa irratti sababa du’a miiliyoonota ta’edha.

Dhukkubni kun utuu hin yaalamin yeroo namarra ture, tiruu irratti rakko dabalataa kan akka fibrosis ykn cirrhosis fi kanserii tiruu (HCC) fiduu danda’a.

Vaayirasiin Hepatitis B (HBV) vaayirasoota balaa guddaa qaban kanneen Tiruu haleelan keessaa tokko yoo ta’u, yeroo baayyee Dhukkuba “dhokataa callisee ajjeesaa” jedhamee waama. Maqaa kunis vaayirasichi waggootaaf mallattoo mul’ataa tokko malee dhokatee infekshinii yeroo dheeraa fiduu irraa kan maddedha!.

Vaayirasiin kun caasaa walxaxaa fi amala baayooloojii addaa qaba.

Waa’ee vaayirasii kanaa bal’inaan, caasaa isaa irraa kaasee hanga dhibee inni fiduutti armaan gaditti ibsamee jira.

Maalunmaa Vaayrasii HBV fi amaloota Baayoloojii isaa:

Vaayiresiin HBV maatii Hepadnaviridae keessaa isa tokko dha. Vaayiresoonni maatii kanaa seelii keessatti wal horuun, tiruu irratti gubaa (inflammation) fi miidhaa seelii tiruu fiduun beekkamu. Dhibeen vaayrasii kun yeroo gabaabaa (acute) fi dhibee yeroo dheeraa (chronic) ta’uu danda’a.

HBV vaayirasiiwwan biroorraa kan adda isa godhu Inni baay’ee xiqqaa dha (42 nanometer). Seelota tiruu (hepatocytes) qofa irratti xiyyeeffata.

HBVn vaayirasii DNA yoo ta’u, addatti seelota tiruu miidha. Inni vaayirasii DNA ta’us, karaa addaa ta’e kan vaayirasoota ‘Retrovirus’ kanneen akka HIV Wajjin wal fakkatuun of baay’isa. RNA intermediate fayyadamee of baay’isa (reverse transcription) raawwata.

Vaayiresichi Bocaa geengoo fi haguuggii coomaa (lipid envelope) keessatti dhokatu qaba yokan immo haguuggii coomaa isa marsee jiru qaba. Haguuggiin envelope kunis pirootiin HBsAg of keessaa qaba, kunis vaayiresichi sirna ittisa qaamaa jelaa akka dhokatu yokan akka hin mul’annee fi seelota tiruu keessatti seenuun nagaan jiraachuu danda’uuf isa gargaara.

 

Ibsa bal’aa Pirootiinota Vaayirasichaa fi Hojii Isaanii:

Vaayirasiin kun pirootiinota murteessoo dhibee fiduu fi wal-hormaataaf tajaajilan pirootiinota ijoo marsaa jireenyaa isaa fi dhiibbaa seelii tiruu fi sirna ittisa qaamaa irratti qabuuf isa gargaaruuf gahee olaanaa qaban of keessaa qaba. Pirootinoonni kana keessaa kanneen barbaachisoo ta’an HBsAg, HBcAg, fi HBeAg dha.

1. Pirootiinota Qolaa (Surface Proteins – HBsAg)

HBsAg pirootiinii gubbaa envelope vaayirasii yoo ta’u, Pirootiinonni kun naannoo qola (envelope) vaayirasichaa irratti argamu. Pirootiiniin kun gosa sadiin (Large, Medium, fi Small) kan argamu yoo ta’u, qola vaayirasichaa irra jira.

Pirootinii HBsAg gosa sadii qaba:

Pirootinii “S” pirootinii inni Kun Baay’inaan kan argamu yoo ta’u, caasaa vaayirasichaa ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba.

Pirootiniin “M” immoo Pirootiinii “S” irratti dabalata xiqqoo ta’ee jira.

Pirootinii “L” Pirootiiniin kun baay’ee murteessaa dha. Qarqara isaa irratti bakka “Pre-S1” jedhamu qaba. Bakki kun furtuu seelii tiruu (hepatocyte) vaayirasii kanaaf banuu ta’ee tajaajila. Vaayirasichi seelii tiruu keessa akka lixu kan godhu pirootiinii kana dha..Pirootinii kun vaayirasichi sirna ittisa qaamaatiin akka hin beekamne kan eeguu fi yeroo dheeraaf seelii tiruu keessa akka turu taasisa.

Faayidaa Medikaalaa:

Qorannoo dhiigaa keessatti HBsAg yoo argame, namni sun vaayirasicha qabaachuu isaa agarsiisa.

2. Pirootiinii Wiirtuu (Nucleocapsid/Core Protein – HBcAg):

Qola vaayirasichaa keessa (capsid) geengoo fakkaatu kan pirootiinii HBcAg irraa ijaarameetu jira. HBcAg jeneetikii vaayirasichaa (DNA) haguugee eega. Akkasumas, adeemsa Jireenyaa vaayirasichi wal-hormaatu keessatti DNA’n haaraa akka ijaaramu iddoo mijaawaa uuma. Pirootiiniin kun dhiiga keessatti qullaa isaa hin argamu Garuu, sirni ittisa qaamaa keenya pirootiinii kanaaf farra-qaamaa (Antibody – Anti-HBc) ni oomisha. Kunis namni sun kanaan dura vaayirasichaan qabamee akka ture beekuuf gargaara.

3. Pirootiinii E (HBeAg – The Secretory Protein)

Pirootiiniin kun HBcAg wajjiin hidhata qaba garuu hojiin isaa adda yoo ta’u Seelii tiruu keessatti erga oomishamee booda gara dhiigaatti gad dhiifama.

HBeAg dhiiga keessatti argamuun isaa vaayirasichi dhiiga dhukkubsataa keessatti baay’ee “dammaqee” (active) ta’ee akka jiru fi saffisaan wal-horaa akka jiruu fi Daddarbiinsa olaanaa qabaachuu agarsiisa.

Pirootiiniin kun Hojii isaa keessaa inni guddaan sirna ittisa qaamaa (Immune system) gowwoomsuu dha. Qaamni keenya vaayirasicha akka hin lolle gochuuf “tarkaanfii dhowwuu” hojjeta.

Deebii ittisa qaamaa qaamaa laaffisuu fi gara (Immune Tolerance) jijjiiruuf gumaacha qaba. Anti-HBe Mul’achuu fi HBeAg baduun isaa sochii vaayirasichaa hir’achuu fi sadarkaam daddarbiinsa hir’achuu agarsiisa.

 

4. Pirootiinii X (HBxAg – The Oncogenic Protein)

Pirootiiniin kun baay’ee xiqqaadha garuu baay’ee sodaatamaa dha. Sababni isaa HBV’n maaliif kaansarii tiruu fida jedhamee yoo gaafatamu, deebiin isaa pirootiinii kana keessa jira.

Pirootinii kun Garaa seelii (nucleus) keessa lixuun jiniin (genes) vaayirasichaa akka dammaqan godha.

HBxAg pirootiinota seelii keenya keessatti guddina seelii to’atan (tumour suppressors) ni jeeqa. Kanaan kan ka’es, seeliin tiruu to’annoo malee baay’achuun gara kaansariitti akka jijjiiramu karaa saaquu danda’a.

5. Pirootiinii Polymerase (P-Protein)

Pirootinii Kun maashinii vaayirasichaati. Vaayirasiin kun dandeettii ofiin of baay’isuu (DNA replication) kan argatu pirootiinii kanaan yoo ta’u. DNA vaayirasichaa RNA irraa ijaara. DNA Polymerase DNA dacha (double stranded) taasisee xumura. RNA isa tajaajila xumures ni dhabamsiisa. Qoriichonni Hepatayitis B (Antivirals) hedduun pirootinii kana (Polymerase) hojii ala gochuun vaayirasichi akka hin baay’anne dhowwu.

Walumaagalatti pirootinoonni kunniin wal-cinaa kan hojjetan yoo ta’u, HBsAg vaayirasicha kan eeguu fi dhoksu yoo ta’u, HBcAg ammoo baay’ina vaayirasii kan deeggaru fi deebii kan kakaasudha. Immunooloojiidhaan, HBeAg sadarkaa sochii vaayirasii fi daddarbiinsa vaayirasii calaqqisiisa.

Hojii pirootiinota kanaa hubachuun yaala farra vaayirasii qopheessuu fi bu’a qabeessummaa qoricha hordofuu fi sadarkaa infection dhukkubsattoota irratti murteessuuf barbaachisaa dha.

Walitti Qabamiinsa Jeneetikii fi Caasaa Jiinoomii Adeemsa Wal-hormaataa (Life Cycle/Replication) Vaayirasiin HBV seelii tiruu keessatti bifa kanaan of baay’isa:

Vaayiresiin HBV DNA jiinoomii hidda yokan genome addaa fi wal xaxaa qabaachuun beekkama. genome isaa geengoo lama (two strands) dha, garuu (strand) isaa lama ta’an keessaa tokko guutuu miti:

Geengoon tokko Negative strand (–) Guutuu dha /full-length Kanaaf “full-length strand” jedhama.

Geengoon isaa inni biraan Positive strand (+) Gabaabaa dha Guutuu miti, Nucleotides isaa 1700–2800 bp irratti dhaabbata. Kanaaf “incomplete strand”  Yokan “partially double-stranded” jedhama.

Sababni geengoon lammaffaan guutuu hin taaneef mala baay’ina vaayirasichaa akkaataa replication HBV irraa kan ka’e yoo ta’u, kunis yeroo tiraanskriipshinii duubatti deebi’u RNA gidduu galeessaa irratti hirkata. Vaayiresich seelii tiruu hepatocyte keessatti yeroo wal horuuf jedhu tooftaa Ajaa’ibaa fayyadama Vaayiresiin HBV DNA ta’ullee, yeroo wal hormaataa keessatti RNA intermediate fayyadama reverse transcriptase haala kanaan DNA haaraa oomishuun baayyata. DNAn hojjetame kunis bifa cufamaa cccDNA ta’een niwukilasii keessatti kuufama kunis baayyinaa fi jireenya vaayiresichaa gara fuulduraaf bu’uura ta’a Yokan replication fi transcription itti aanuuf bu’uura ta’a. Caasaan dachaa lama qabu kun vaayirasichi seelii tiruu keessa nagaan akka qubatuu fi ittisa ittisa qaamaa irraa akka miliquuf isa gargaara. Vaayirasichi nama tokko qabee ji’a 6 ol yoo ture gara (chronic infection) tti jijjiirame Booda Akkuma armaan olitti ibsame Vaayirasiin kun mala baayoloojii walxaxaa ta’een DNA isaa bifa (cccDNA) jedhamuun niwukilasii hepatosaayitii keessatti kuufata, kana jechuun akka sanyiin isaa utuu hin badin jiraachuu isa dandeessisutti, seelii tiruu keessa qubata. Bifti jeneetikii itti fufiinsa qabu kun akka kuusaa fi tooftaa itti fufiinsa jireenyaa dhokataa vaayirasichaa ta’ee tajaajila. Tooftaan vaayrasiin kun fayyadamu baayyee balaafamaa ta’edha. Amalli kun vaayiresichi akka dhokatee seelii tiruu keessatti yeroo dheeraaf turuuf, fi yaala qorichaa ammayyaan osoo hin badne miliquuf gargaara.

Vaayrasiin kun yeroo seelii tiruu keessa seenee qubate meeshaa jeneetikii ofii isaa (DNA ykn RNA) seelii sanatti gadhiisa, Sana booda seeliin sun hojii ofii dilee akka hin raawwanne godhee, qaamolee vaayirasii haaraa akka Oomishuuf hojjetuuf seelii sana dirqisiisa.

Erga replication jalqabeen booda Haala kanaan Vaayirasiin haaraan seelii keessatti uumamuu fi wal horuun baay’ateen booda Seelonni dhukkuba kanaan qabaman kun vaayirasii haaraa oomishaman kanneen karaa dhiigaa fi dhangala’aa qaamaatiin gara seelii tiruu birootti gadhiisuu eegalu. Sirni ittisa qaamaa seeliiwwan dhibee kana qaban waan ajjeesuuf Infekshinii vaayrasii yokan Dhibeen tiruu nama irratti uumama.

Amaloonni walxaxaa ta’ee fi Caasaan hin baratamne kun vaayiresichi seelii tiruu keessatti tasgabbiin akka jiraatu carraa isaaf gumaacha.

Akkaataa vaayrasiin kun Dhibee Itti Fidu (Pathogenesis)

Bakki Hubannoon guddaan barbaadu! Vaayirasiin HBV ofii isaatiin seelii tiruu hin ajjeesu/hin miidhu. Dhibeen kan uumamu sababa Sirna Ittisa Qaamaa (Immune System) keenyaatiini yoo ta’u seelonni (T-cells) keenya seelota tiruu vaayirasii kanaan qabaman akka “diinaatti” ilaalu.

Seelota vaayirasii qaban balleessuuf yeroo yaalan, tiruun keenya madaa’a, ni dhiita’a (Inflammation) ni uumama.

Tiruun keenya Yoo litti fufiinsaan madaa’e, madaan sun “scar” (fibrosis) uuma, kunis gara Cirrhosis fi dhumarratti gara Kaansarii Tiruutti guddata.

Yaala ammayyaa Qorichoota farra vaayrasii:

Qorichootni mana yaalaa amma jiran—fe’iinsa baayyina vaayirasii (HBV DNA) hir’isuu fi hojii tiruu fooyyessuu fi guddina dhukkubaa ittisuu danda’u garuu cccDNA guutummaatti niwukilasii hepatocytes irraa balleessuu hin danda’anu.

Kanaaf yeroo kanatti Dhibee Vaayireesi Tiruu yeroo dheeraa Chronic HBV irratti qorichi Ammayyaa vaayiresicha irraa bifa dhaabbataa ta’een fayyina fiduu danda’u hin jiru! Qorichi ammayyaa yeroo ammaa jiru antiviral drugs kan akka: (TDF) (TAF) fi Entecavir (ETV) yoo ta’u isaanis Hanga vaayiresichaa xiqqeessuu fi dhibee hamaa akka hin uumne ittisuuf qofaaf hojjetu malee dhibee kana fayyisuu hin danda’anu!.

Dhibee kana irraa fayyuu jechuun maal jechuudha?

Saayinsii vaayrasii fi dhibee tiruu Hepaatoloojii keessatti Gabaabumatti, fayyina jechuun

dhukkubsataan yaala vaayrasii tiruu CBV booda Bu’aan HBsAg fi DNA HBV Negative ta’uu fi Anti-HBs (Positive) ta’uu fi (LFTs) gara idileetti deebi’uun dhibeen kun guutummaatti namni kun fayyina guutuu (clinical recovery fi immunized/protected) argachuu argisiisiisaa. Haala kana keessatti dhukkubsataan sodaa tokko malee jiraachuu danda’a.

Ha ta’u malee Yaala ammayyaa yeroo ammaa jiru keessatti Fayyina kana argachuun ulfaataadha! Dhukkubsattoonni guyyaa guyyaan qoricha fudhachuu qabu! Kunis turtii yeroo dheeraa booda dadhabbii fi miidhaa cinaa Qorichoota dabalataaf nama saaxiluu danda’a!.

Dhukkubsattoota 1,000 vaayiresii tiruu qabaniif yaaliiwwan ammayyaa yeroo kana hundarra gaarii fi cimaa ta’an yokan Qorichoota ammayyaa yeroo ammaa cimaa jedhaman fudhatanu 1000 keessaa nama tokko hanga 5 qofatu functional cure milkaa’uu danda’a!. Warri kaan guyyaa guyyaan dawaa fudhachuu qabu.

Dawaan Aadaa wabii guutu qabu nu biratti argama.

Whatsapp

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *