Seensa
Dhukkubni sukkaaraa dhibee yeroo dheeraa keessaa tokko dha.
Dhukkubni Sukkaaraa dhibee salphaa miti. Inni dhibee yeroo dheeraa namoota baay’ee addunyaa irratti qabee jiru, lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa’aman galaafatu, akkasumas waggaa waggaadhaan baasii yaalaa guddaa gaafatu keessaa isa tokko dha. Kanaaf, dhibeen sukkaaraa rakkoolee fayyaa gurguddoo addunyaan har’a mudachaa jirtu keessaa tokko ta’ee itti fufeera.
Dhibeen kun Onnee, ujummoolee dhiigaa, kalee, ija, narvii, miila fi qaamolee biroo irratti miidhaa yeroo dheeraa geessisuu danda’a.
Dhukkubni sukkaaraa dhibee dhukkubsataa guyyaa guyyaan rakkisuu fi Waan fedha akka hin sooranne taasisu keessaa tokko dha.
Namni dhibee kana qabu guyyaa guyyaan nyaata jaallatu irraa of qusatee dhiphataa jiru, yeroo dheeraaf qoricha guyyaa guyyaan fudhachuun dadhabee jiruu fi rakkoolee sukkaaraa sodaachaa jiru tokko Waan dhibee kana yeroo tokkotti guutummaatti irraa bilisa isaan baasu argachuu hawwuun waanuma uumamaa dha.
Namoonni rakkoo keessa jiran kunneen yeroo miidiyaa Hawaasaa irratti beeksisa “qoricha kana yeroo gabaabaa qofa fudhattee dhibeen sukkaaraa guutummaatti sirraa bada” jedhu dhaga’an, beeksisa sana abdii guddaa irratti qabaachuun isaa waan nama ajaa’ibsiisu miti. Dhibee yeroo dheeraa waliin jiraachuun dadhabbii qaamaa qofa osoo hin taane dhiphina sammuu, baasii fi daangaa jireenyaa fida; kanaaf namoonni furmaata saffisaa fi dhaabbataa barbaadu.
Fedhiin namoonni fayyuuf qaban kun immoo karaa beeksisaa fayyaa keessatti dhimma guddaa ta’aa jira. Namoonni fi dhaabbileen tokko tokko fedhii fi abdii namoonni dhibee sukkaaraa irraa fayyuufa qaban kana irratti hundaa’uun ragaa saayinsii gahaa malee “Dhukkuba guutumaan guutuutti fayyisna” jechuun beeksisan jalqaba.
Beeksisoota Dhibee Sukkaaraa Fayyisuu Dandeenya Jedhanu Dhugaan Isaanii Maali!?
Yeroo dhiyoo kana biyya keenya keessatti namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen tokko tokko TikTok, Facebook fi miidiyaalee hawaasaa birootiin “nyaata addaa, shaayii biqiltootaa ykn qoricha uumamaatiin dhibee sukkaaraa guutummaatti fayyisaa jirra” jechuun beeksisaa jiru. Keessumaa Namoonni “Holistic treatment” fi “Nutrition Therapy” jedhan kana irratti baayyee ol kaasanii yeroo dubbatanii fi Dawaalee ammayyaa akka waan bu’aa hin qabnee fi mala maallaqa yeroo hunda isin baasisuuf qophaa’edha jedhanii yeroo dubbatan mul’ata.
Beeksisoonni kunneen qalbii ummata furmaata barbaadaa jiru hawwaachuun isaanii waan hafu miti, Namoonni gariinis dawaa ammayyaa fudhachaa jiran ofumaan adda kutuun gara yaala jedhamaa jiru abdiin deemaa jiru. kanaaf dhimma kana sirriitti ibsuun dhugaa jiru adda baasuun barbaachisaa dha.
Namoonni dawaa sukkaaraa qabna jedhan kunneen waraqaa qorannoo safartuu sukkaara dhiigaa nama isaan bira dhufee kan yaala dura olka’ee ture, booda gadi bu’e miidiyaa irratti agarsiisuun “namni kun nu bira dhufee dhibee sukkaaraa irraa fayyeera” jechuun maxxansu.
Namoonni gariinis miidiyaa irratti bahanii “Dawaa jaraa fayyadameen fayye” jedhanii ragaa bahan ni mul’atu. Oduun kun Nama maalummaa dhibee sukkaaraa hin beekneef gammachiisaa ta’uu fi dhugaa fakkaachuu danda’a! garuu nama maalummaa dhibee kanaa beekuuf dubbiin sun hubannoo dogoggoraa ta’uun isaa ifaadha.
Jalqaba irratti wanti hubatamuu qabu tokko jira. Sukkaara dhiigaa gadi buusuun qofti dhukkuba sukkaaraa irraa fayyuu jechuu miti. Qoricha, insuliinii, soorata sirreessuu fi sochii qaamaatiin sukkaarri dhiigaa gara sadarkaa gaariitti deebi’uu danda’a. Kun garuu fayyuu osoo hin taane dhukkubni to’atamee jira jechuu dha.
Namoonni fi dhaabbileen kunneen baay’een isaanii HbA1c safartuu sukkaara dhiigaa yeroo darbe, gadi buusuun “dhibee sukkaaraa irraa fayyisne” jechuun dubbatu. Garuu kun saayinsii yaalaatiin tasuma sirrii miti.
HbA1c Maal Nuuf Hima?
HbA1c’n qorannoo baay’ee barbaachisaa namoota sukkaara qaban hordofuuf itti fayyadamnu keessaa tokko dha. Inni sukkaarri dhiigaa nama tokkoo yeroo qorannoon fudhatamu qofa akkam akka jiru osoo hin taane, ji’oota 2–3 darban keessatti giddu galeessaan sadarkaa akkamii irra akka ture tilmaamuuf gargaara. Garuu guutummaatti Fayyuu nama tokko hin agarsiisu.
Dhukkuba Sukkaaraa jechuun gilukoosiin dhiigaa ol ka’uu ykn gadi bu’uu qofa miti. Inni dhibee metabolismii wal xaxaa fi yeroo dheeraa keessaa tokko dha.
Gilukoosiin gadi bu’uu fi ol ka’uu qofa osoo ta’ee salphaa ture. Fakkeenyaaf Namni dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa Type 2 diabetes qabu tokko nyaata isaa sirreessuun, sochii qaamaa dabaluun, ulfaatina qaamaa hir’isuun yeroo barbaachisu, qoricha isaa sirnaan fudhachuun ykn wantoota kana walitti makuun sukkaara dhiigaa isaa baay’ee gadi buusuu danda’a. HbA1c isa duraan olka’ee tures gara daangaa idileetti deebisuun ni danda’ama. Garuu kun fayyeera jechuu miti. Namoonni dawaa sukkaaraa qabna jedhan immoo bu’aa kana fayyadamuun sukkaara fayyifneerra jedhu. Kun tarii Maalummaa dhukkuba sukkaaraa hubachuu dhabuu irraa kan maddu yokan hiika bu’aa laabraatorii hubachuu dhabuu irraa kan madde ta’uu danda’a.
Maalummaa Dhukkuba Sukkaaraa fi Gosoota Isaa
Dhukkubni Sukkaaraa (Diabetes Mellitus) dhibee yeroo dheeraaf nama irra turu (chronic disease) kan qaamni hormoonii insuliinii gahaa oomishuu dadhabu, yookaan insuliinii oomishame sirriitti fayyadamuu dadhabu irraa kan ka’e, hammi glucose (sukkaaraa) dhiiga keessatti ol ka’uudhaan uumamudha.
Nyaanni nuti nyaannu keessaa keessumaa carbohydrate’n bullaa’ee gara gilukoosii tti jijjiirama. gilukoosiin kun madda annisaa (energy) seelota qaamaati. Garuu gilukoosiin dhiiga keessaa gara seelotaatti seenee akka annisaatti qaamni keenya itti fayyadamuuf insuliiniin gahee guddaa qaba.
Yeroo qaama keessatti insuliiniin gahaa hin oomishamne ykn seelonni qaamaa insuliinii oomishameef sirriitti deebii hin kennine, gilukoosiin dhiiga keessatti kuufamee hyperglycemia uuma; kunis bu’uura dhukkuba sukkaaraa ti.
Hyperglycemia, jechuun glucose dhiigaa ol ka’uun, mallattoo ijoo diabetes keessaa tokko dha. Garuu hyperglycemia mataan isaa dhibee guutuu miti; bu’aa rakkoo metabolismii bu’uuraa dha. Kunis maaliif namni tokko gilukoosiin isaa yeroo tokko normal ta’u dhibee sukkaaraa irraa “fayyeera” jechuun murteessuun dogoggora ta’e nu hubachiisa.
Gosoota Dhukkuba Sukkaaraa
Dhukkubni Sukkaaraa (Diabetes Mellitus) gosa baayyee qaba garuu gosoota beekamoo fi ijoo lamatti qoodamee ibsamuu danda’a.
Dhukkuba Sukkaaraa Gosa 1ffaa (Type 1 Diabetes)
Dhibee Sukkaaraa Gosa kana keessatti sirni ittisa qaamaa (immune system) dogoggoraan seelota beta (β-cells) kan Xannacha paankiriyaasii keessatti argamanii fi kan Hormoonii insuliinii oomishuun sukkaara dhiigaa to’atan irratti miidhaa geessisa ykn ni balleessa. Yeroo seelonni kun miidhaman qaamni insuliinii gahaa oomishuu dadhaba; Namoota sukkaara gosa tokkoffaa qaban keessatti yeroo baay’ee hanqinni insuliinii baay’ee cimaa ta’a.
Namoonni gosa kanaa qaban jireenya isaanii itti fufsiisuuf guyyaa guyyaan insuliinii alaa irraa fudhachuun dirqama.
Gosti sukkaaraa tokkoffaan kun Baay’inaan yeroo baay’ee umrii ijoollummaa, dargaggummaa ykn yeroo ga’eessummaa jalqabaa keessatti mul’achuu danda’a; garuu umurii kamiyyuu keessatti uumamuu ni danda’a.
Dhukkuba Sukkaaraa Gosa 2ffaa (Type 2 Diabetes)
Dhibeen sukkaaraa gosti lammaffaan Type 2 Diabetes gosa sukkaaraa addunyaa irratti baay’inaan argamu yoo ta’u, namoota dhukkuba sukkaaraa qaban keessaa gara 90% ol keessatti mul’ata.
Dhukkuba sukkaaraa Gosa kana keessatti rakkoon qaamni hormoonii insuliinii dhabuu miti, qaamni jalqaba irratti insuliinii oomishuu danda’a; garuu seelonni qaamaa insuliinii sanaaf deebii gahaa kennuu dadhabu. Kana jechuun insuliiniin qaama keessatti jiraatus, seelonni qaamaa akka maashaalee, tiruu fi cooma qaamaa keessatti argaman insuliinii sanaaf deebii gahaa kennuu dadhabu. Haalli kun (insulin resistance) jedhama.
Xannachi Paankiriyaasii jalqaba irratti rakkoo kana dandamachuuf insuliinii dabalataa oomishuuf yaala. Garuu yeroo dheeraa keessatti namoota hedduu irratti dandeettiin seelota beta kan insuliinii oomishan gadi bu’aa deema; kanaan booda qaamni insuliinii gahaa oomishuunis dadhabaa ta’a.
Dhibeen sukkaaraa Gosti 2ffaan dhibee sukkaaraa Gosa 1ffaa irraa adda ta’us, “Dhibee hamaa miti” jechuun sirrii miti. Sukkaarri Gosti lamaan isaanii dhibee cimaa yeroo dheeraa ti. Garaagarummaan isaanii irra caalaa akkaataa itti uumaman fi yaala isaan barbaadan irratti hundaa’a.
Namoonni dhibee sukkaaraa gosa lammaffaa qaban yeroo baay’ee akka namoota sukkaara gosa tokkoffaa qabanii guyyaa guyyaan Dawaa insuliinii fudhachuu dhiisuu danda’u, keessumaa yeroo dhibeen isaanii jalqabaa irratti dafee adda baafame, ulfaatina qaamaa hir’isuun, soorata sirreessuun, sochii qaamaa dabaluun, ykn mala yaalaa birootiin sukkaara dhiigaa isaanii gara sadarkaa Dhibee hin taaneetti deebisuun jireenya idilee jiraachuu danda’u.
Namni dhibee sukkaaraa gosa lammaffaa qabu, HbA1c isaa 6.5% gadi ta’ee, qoricha sukkaara dhiigaa gadi buusu tokko malee, yoo xiqqaate ji’a sadiif sadarkaan sukkaaraa isaa osoo ol hin ka’in yoo ture, haalli kun Dhibee Sukkaaraa too’atame (Remission) jedhama.
Garuu remission jechuun dhibeen guutumaan guutuutti bade ykn fayye jechuu miti. Dhibeen deebi’ee mul’achuu danda’a; kanaaf hordoffiin sukkaara dhiigaa fi kunuunsi fayyaa itti fufuu qaba.
Dhibeen Sukkaaraa Gosoonni Lamaan kunneen gosoota Dhukkuba Sukkaaraa baay’inaan beekaman dha. Garuu diabetes gosoota biroo kan sababoota addaa, fakkeenyaaf dhibee paankiriyaasii, qorichoota muraasa, ykn rakkoolee jeneetiksii irraa uumamanis jiru.
Miidhaa Dhibee Sukkaaraa Addunyaa Irratti Geessisaa Jiru
Dhibeen sukkaaraa addunyaa irratti rakkoo fayyaa guddaa dha.
Faawundeeshiniin Sukkaaraa Idil-Addunyaa (IDF) 11th Edition 2025 keessatti tilmaama bara 2024 fayyadamuun Addunyaa irratti ga’eessonni umurii isaanii ganna 20–79 gidduu jiru miliyoona 589 ta’an dhibee sukkaaraa waliin jiraachaa jiru jechuun gabaaseera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n mala lakkaa’insaa fi umurii population adda ta’e fayyadamuun bara 2022tti namoonni gara miliyoona 830 dhukkuba sukkaaraan qabamanii waliin jiraachuu isaanii Gabaaseera.
Dhibeen sukkaaraa fi rakkooleen isaan wal qabatan namoota ga’eessota umurii 20–79 keessaa gara miliyoona 3.4 ta’an lubbuu isaanii akka dhabaniif sababa ta’eera.
Akkasumas bittaa qorichaa, meeshaalee wal’ansaa fi tajaajila fayyaaf baasiin dhibee sukkaaraan walqabatu addunyaa irratti doolaara Tiriliyoona tokkoo ol ga’eera.
Dhibeen kun nama baay’ee qabuu fi lubbuu namoota hedduu galaafachuu keessatti miidhaa guddaa Geessisaa jiraachuun isaa ifaa dha. Kana malees miidhaa diinagdee guddaa Geessisaa jira.
Yaala Dhukkuba Sukkaaraa fi Kaayyoo Isaa
Namoonni hedduun “Dhukkuba sukkaaraa guutummaatti fayyisuun ni danda’amaa?” jedhanii gaafatu. Deebiin isaa gosa sukkaaraa namni qabu irratti hundaa’a.
Yeroo ammaa kana yaalli ammayyaa dhibee sukkaaraa gosa hundumaa bu’uura irraa balleessuun guutummaatti fayyisu (cure) mirkanaa’eera jedhamu hin jiru.
Garuu ulfaatina dhibee kanaa dubbachuun namni sukkaaraa qabu abdii hin qabu jechuu miti. Yaalli diabetes yeroo ammaa baay’ee fooyya’eera. Qorichoonni haaraan glucose qofaa gadi buusuu osoo hin taane, miidhaa kalee fi onnee eeguu fi du’a dhibee onnee hir’isuu irratti illee bu’aa qaban argamaa jiru.
Yaalli jiru gosa dhibee irratti hundaa’uun sukkaara dhiigaa to’achuu, rakkoolee dhibeen kun yeroo dheeraatti qaama irratti geessisu ittisuu ykn hir’isuu, rakkoolee fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa hir’isuu, fayyaa kalee miidhaa sukkaaraa irraa eeguu, fayyaa ijaa fi narvii irratti miidhaa dhufu hir’isuu, akkasumas namni dhukkuba sukkaaraa qabu jireenya dheeraa fi fayya-qabeessa akka jiraatu gargaaruu dha.
Yaalii Dhukkuba Sukkaaraa Gosa Tokkoffaa
Dhukkubni sukkaaraa gosti tokkoffaan (Type 1 Diabetes) sirni ittisa qaama keenyaa dogoggoraan seelii xannacha paankireesii keessatti insuliinii oomishan kan seelii beta (beta cells) jedhaman miidhuu fi balleessuu isaan kan dhufu dha.
Dhugaan Jiru Yeroo ammaa kana keessatti Qorichi Aadaas ta’ee, ammayyaa dabalatee nyaata filatamaa nyaachuun, shaayii biqiltootaa dhuguun, vitaamiinota ykn dabalata nyaataa (supplements) adda addaa fudhachuun miidhaa sirni ittisa qaamaa seelii kana irratti geessisu kana dhaabsisuu danda’u yokan seelota qaama badan sana deebisanii oomishuu yokaan haaromsuun Dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa guutumaan guutuutti fayyisuu danda’u hin jiru. Kana irratti ragaan yaalii laboraatoorii fi hospitaalaas ta’ee (clinical trials) mirkanaa’e hin jiru.
Garuu qorannoon haaraan rakkoo kana furuuf taasifamaa jira. Tekonooloojiiwwan haaraan—kanneen akka (pancreatic islet-cell transplantation) seelota insuliinii oomishan bakka buusuu fi seelota haaromsuu fi yaala sirna ittisa qaamaa sirreessu dabalatee Tooftaaleen yaalaa biroo qoratamaa jiru.
Yaaliin seelota insuliinii oomishuu danda’an nama biraa irraa fudhatanii nama sukkaara gosa tokkoffaa qabu keessatti galchuun, ykn seelota haaraa insuliinii oomishan namoota kanaaf uumuuf yaaluun qorannoon geggeeffamaa jira. Tooftaaleen yaalaa kunneen muraasni isaanii namoota filataman irratti bakka garaagaraatti tajaajila yaalaa jalqabaniiru.
Namoota sukkaarri dhiigaa isaanii yeroo baay’ee garmalee gadi bu’ee rakkoo cimaa uumu irratti, seelota insuliinii oomishan nama biraa irraa dabarsuun ni danda’ama. Garuu yaalli kun namoota hundaaf salphaa miti. Qaamni seelota haaraa akka hin didneef qoricha addaa yeroo dheeraaf fudhachuun barbaachisuu danda’a; akkasumas hordoffii yaalaa cimaa qaba.
Akkasumas bara 2026 keessatti qorichi teplizumab jedhamu ijoollee fi dargaggoota tokko tokko kan Type 1 Diabetes haaraa qabaman keessatti dandeettiin qaamni isaanii insuliinii oomishu saffisaan akka hin hir’anne tursiisuuf hayyamameera. Kun guddina yaalaa guddaa dha; garuu Type 1 Diabetes guutumaan guutuutti fayyisu miti.
Kanaaf yeroo ammaa kana Dhukkuba Sukkaaraa Gosa 1ffaa namoota hunda keessatti guutumaan guutuutti fayyisuuf yaalli mirkanaa’e hin jiru. Yaalli yeroo ammaa jiru insuliinii fudhachuu, sukkaara dhiigaa sirriitti to’achuu fi rakkoolee dhibichaan dhufan ittisuu irratti hundaa’a.
Dhugaa Beeksisoota “Dhibee Sukkaaraa Guutummaatti Fayyisna” Jedhanii Maali!?
Yeroo dhiyoo kana namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen tokko tokko karaa TikTok, Facebook fi miidiyaalee hawaasaa birootiin “Insuliinii irraa bilisa si baafna”, “shaayii biqiltoota uumamaa fi nyaata addaa qofaan dhibee sukkaaraa guutummaatti fayyisaa jirra” jechuun of beeksisan baay’atanii jiru.
Rakkoon kun Itoophiyaa qofatti daangeffame miti. Addunyaa irratti illee namoonni fi dhaabbileen dhibee yeroo dheeraa kana dawaa Fayyisu qabna jedhan jiru.
Wiirtuuleen akka “yaala uumamaa”, “holistic”, “naturopathic” ykn “wellness centers” jedhama muraasni “qorichi ammayyaa hin barbaachisu”, “insuliinii dhiisi”, “qaama kee summii irraa qulqulleessine dhibee sukkaara balleessina” ykn “hundee dhibichaa irraa fayyisna” jechuun lallabu.
Beeksisa akkanaa keessatti yeroo baay’ee ragaa saayinsii malee waraqaa laabraatorii suuraa “Kan duraa fi booda”, namoota dhuunfaa, viidiyoo nama “fayye” jedhuu fi jechoota akka guutummaatti Fayyisuu dandeenya “100% cure”, “permanent cure”, “insulin fudhachuu hin barbaachisu”, “miidhaa tokko hin qabu” jedhan fayyadamu. Gocha kanaan namoota goyyoomsuun Gabaa baay’ees argataa jiru.
Namoonni Maaliif Beeksisoota Kanneen Fudhatuu!?
Dhibeen sukkaaraa namoota miliyoonaan lakkaa’aman irratti rakkoo fayyaa, baasii dheeraa fi dhiphina yeroo dheeraa uuma. Namni guyyaa guyyaan qoricha fudhatu, insuliinii waraannatu, sukkaara isaa hordofuu fi nyaata barbaade akka fedhetti nyaachuuf rakkatu tokko yeroo beeksisa “qoricha kana fudhadhu, dhibeen sukkaaraa guutummaatti sirraa bada” jedhu dhaga’u abdii guddaa qabaachuun isaa waanuma uumamaa dha. Rakkoon guddaan garuu abdii kana ragaa saayinsii gahaa malee Amanuu dha.
Beeksisoonni akkanaa kanneen hundi isaanii soba jechuu miti. Rakkoon guddaan yeroo baay’ee akkaataa bu’aa isaanii itti ibsan keessatti argama.
Nyaatni fayya-qabeessi, sochiin qaamaa fi biqiltoonni uumamaa tokko tokko carraa dhibee sukkaaraan qabamuu hir’isuuf gargaaruu, akkasumas namoota dhibee sukkaaraa qaban keessatti sukkaara dhiigaa to’achuuf deeggaruu danda’u. Biqiltoonni fi shaayiin tokko tokko illee qorannoowwan keessatti gilukoosii dhiigaa gadi buusuuf bu’aa qabaachuu isaanii agarsiisaniiru.
Sukkaara dhiigaa gadi buusuuf gargaaruu jechuun dhibee sukkaaraa guutummaatti fayyisuu jechuu miti.
Nyaata ykn shaayii tokko fayyadamuun HbA1c gadi bu’uu, fasting glucose fooyya’uu ykn sukkaarri dhiigaa to’annaa gaarii keessa galuu danda’a. Bu’aan kun gaarii dha. Garuu bu’aa kana irraa ka’uun “diabetes guutummaatti fayyeera” jechuun sirrii miti.
Rakkoon beeksisota keessatti mul’atan, Bu’aa akka “sukkaara dhiigaa gadi buusuuf gargaara” jedhu, gara “dhukkuba sukkaaraa fayyisa” jedhutti guddisanii dhiyeessuudha. Yeroo tokko tokko immoo jechoota akka “100% cure”, “guutummaatti fayyisa”, “qoricha ammayyaa si hin barbaachisu” jedhan fayyadamuun namoota hawwachuuf yaalu.
Kanaaf, rakkoon nyaata, shaayii ykn biqiltoota uumamaa fayyadamuun isaanii miti. Rakkoon bu’aa isaanii hamma ragaan saayinsii deeggaru caalaa guddisanii ibsuu dha.
Nyaata fayya-qabeessi fi biqiltoonni tokko tokko yaala sukkaaraa keessatti gahee deeggersaa qabaachuu danda’u. Garuu diabetes guutummaatti fayyisu jechuun hanga ammaatti ragaa gahaa hin qabu.
Kanaaf beeksisa keessatti jecha sirrii fayyadamuun barbaachisaa dha, “Sukkaara dhiigaa to’achuuf gargaara” jechuudha malee “Dhibee sukkaaraa guutummaatti fayyisa” jechuun waan biraa dha.
Namni dhibee sukkaaraa qabu tokko haala soorata isaa sirreessuun, sochii qaamaa dabaluun, ulfaatina qaamaa hir’isuun ykn qoricha fayyadamuun sukkaara dhiigaa isaa fasting glucose isaa gara sadarkaa idileetti deebi’uu danda’a.
HbA1c gadi bu’uu ni danda’a. Kana jechuun garuu dhukkubni sukkaaraa guutumaan guutuutti bade” jechuu miti. Bu’aa qorannoo yeroo sanaa qofti dhibee sukkaaraa irraa guutumaan guutuutti fayyuu hin mirkaneessu. Kanaaf Dhimma kana hubachuu fi yaala sirrii hordofuun barbaachisaadha.
Qoricha ykn Insulin Ofumaan Dhaabuun Balaa Qaba
Namni tokko beeksisa social media tokko amanee qoricha fudhataa jiru battalumatti dhaabuu hin qabu.
Keessumaa dhibee sukkaaraa gosa tokkoffaa keessatti insulin dhaabuun glucose garmalee ol kaasuu fi diabetic ketoacidosis uumuun lubbuu namaa balaaf saaxiluu danda’a.
Dhibee Sukkaaraa Gosa lammaffaa keessatti illee qoricha ofumaa dhaabuun glucose ol kaasuu, dehydration fi complications biroo fiduu danda’a.
Dawaan uumamaa Herbal product tokko qoricha ammayyaa waliin yeroo tokko fayyadamuun ammoo namoota tokko tokko keessatti glucose garmalee gadi buusuu fi miidhaa dabalataa fiduu danda’a. Kanaaf treatment jijjiiruun hordoffii ogeessa fayyaa, glucose monitoring fi madaallii clinical waliin raawwatamuu qaba.
Dhibeen Sukkaaraa Fayyuu Danda’a?
Deebiin saayinsawaan Dhukkuba sukkaaraa gosa tokkoffaa keessatti yeroo ammaa namoota hundaaf yaala guutummaatti Fayyisuu danda’u (permanent cure) ta’e yaalli idilee mirkanaa’e hin jiru. Insulin yaala bu’uuraa dha.
Qorannoon immunotherapy, cell replacement fi transplantation irratti saffisaan adeemaa jira; garuu isaan keessaa tokko illee yeroo ammaa namoota hundaaf furmaata guutuu ta’ee ifoome hin jiru.
Dhukkuba Sukkaaraa Gosa lammaffaa keessatti immoo dhibee sirriitti to’achuun ni danda’ama. Namoota tokko tokko keessatti ulfaatina qaamaa hir’isuun, haala jireenyaa fooyyeessuun lifestyle intervention cimaa, qorichoota sirrii ykn metabolic surgery’n remission argachuun ni danda’ama. Garuu remission jechuun dhibeen guutummaatti badee deebi’ee hin dhufu jechuu miti.
Sababoota Dhukkuba sukkaaraa fidan hedduu jiru sababoonni hedduun walitti makamuun dhibee kana fidu isaan keessaa dhaala maatii (genetics), umurii, ulfaatina qaamaa ol’aanaa, sochii qaamaa gahaa dhabuu, akkasumas haala nyaataa sirrii hin taane nyaata saffisaa Fast Food fi nyaata sukkaaraa faan ni argamu. Garuu dhibeen sukkaaraa sababaa nyaata ykn sochii qaamaa qofaatiin hin uumamu garuu nyaata sirrii hin taane fayyadamuu fi sochii qaamaa dhiisuun gahee ol’aanaa qaba.
Gabaabumatti Garaagarummaa Ijoo
| Haala | Hiika | “Cure” jechuu dha? |
|---|---|---|
| Glucose gadi bu’uu | Sukkaarri dhiigaa yeroo sanaa fooyya’uu. | Lakki |
| HbA1c gadi bu’uu | Giddu-galeessi sukkaara dhiigaa ji’oota 2–3 darban fooyya’uu. | Lakki |
| Control | Dhibeen to’annaa gaarii keessa jiraachuu. | Lakki |
| Type 2 Remission | HbA1c <6.5% yoo xiqqaate ji’a 3f qoricha glucose-gadi-buusu malee turuu. | Lakki — remission dha |
| Permanent cure | Dhibee bu’uura isaa irraa dhaabbataan balleessuu. | Yeroo ammaa diabetes hundaaf mirkanaa’e hin jiru |
Xumura
Namni diabetes qabu abdii qabaachuu qaba; garuu abdii isaa ragaa saayinsawaa, yaala sirrii fi hordoffii fayyaa irratti hundeessuun isa caalaa barbaachisaa dha.
Barreeffama kana keessatti ragaan guddaan uummanni yaadachuu qabu tokko dha: sukkaarri dhiigaa gadi bu’uun waan tokko; dhibee sukkaaraa guutummaatti fayyisuun waan biraati. HbA1c gadi bu’uun bu’aa gaarii dha, garuu cure mirkaneessu miti. Type 2 diabetes keessatti remission ni danda’ama, garuu remission jechuun cure miti. Type 1 diabetes keessatti yeroo ammaa permanent cure namoota hundaaf mirkanaa’e hin jiru.
Namni diabetes qabu abdii qabaachuu qaba; garuu abdii isaa ragaa saayinsawaa, yaala sirrii fi hordoffii fayyaa irratti hundeessuun isa caalaa barbaachisaa dha.
Namni dhibee qabu insulin ykn qoricha isaa ofumaan dhaabuu, dose isaa jijjiiruu ykn treatment haaraa jalqabuu hin qabu. Jijjiiramni yaalaa qorannoo glucose, haala fayyaa nama sanaa fi hordoffii ogeessa fayyaa waliin raawwatamuu qaba.
Barreeffamni kun barnoota fi odeeffannoo fayyaa uummataaf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa’n qophaa’e dha.
Tajaajila Yaala Uumamaa
Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa Dhukkuboota 30 oliif yaala Uumamaa saayinsii irratti hundaa’ee ni kenna.
Dhukkuboota garaagaraaf Yaala Uumamaa qorannoo irratti hundaa’e, hubannoo saayinsaawaa fi itti gaafatamummaa waliin Nurraa argachuu dandeessu.
Nu qunnamuuf
Nu qunnamuuf Lakkoofsa Bilbilaa 0910333944 yokan 0917535385 kana fayyadamuun Karaa WhatsApp fi Telegram, yookaan SMS dhimma keessan barreeffamaan nuuf erguu dandeessu. Hanga Deebii isiniif kenninutti obsaan Eeggadha.
Dhibeewwan adda addaaf Yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate, Dhukkuba keessan nuuf ibsitanii, bu’aa qorannoo fayyaa keessan Ergitanii, biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti dawaa Ergisiifachuu fi tajaajila argachuu dandeessu. 🌍💊
Barreeffamni kun barnoota fi odeeffannoo fayyaa uummataaf qophaa’e dha. Odeeffannoon waliigalaa kun qorannoo dhuunfaa, diagnosis, prescription ykn hordoffii ogeessa fayyaa bakka hin bu’u. Namni diabetes qabu insulin, qoricha ykn treatment isaa ofumaan dhaabuu ykn jijjiiruu hin qabu.
Madda Wabii — References
Maddoonni armaan gadii WHO, IDF, FDA, NIDDK, ADA, CDC fi NCCIH irraa kan fudhataman yoo ta’u, ibsa diabetes, burden addunyaa, remission, Type 1 diabetes, islet transplantation, teplizumab, dietary supplements fi diabetic ketoacidosis irratti ragaa ijoo kennu.
Odeeffannoo Maxxansaa
| Kutaa | Odeeffannoo |
|---|---|
| Mata-duree | Dhuguma Dhukkuba Sukkaaraa Irraa Guutummaatti Fayyuun Ni Danda’amaa? |
| Gosa barruu | Barnoota Fayyaa Uummataa |
| Dhaabbata | Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa |
| Afaan | Afaan Oromoo |
| Ragaa haaromfame | Fulbaana 2026 |