Faayidaa Sibiriin qabu.

Faayidaa Sabraa ykn sibiriin fayyaa keessatti qabuu fi haala itti fayyadama isaa..

Sabraa/Sibrii jechuun maali?

Sabraa/Sibrii, jechuun wanta dhandhamaa hadhaa’aa qabuu fi dhangala’aa baala biqiltuu hargisaa (aloe vera) kan dhangala’aa qabuu fi maatii (Liliaceae) keessaa tokko ta’e irraa baafamuudha.

Maqaa saayinsii (Socotra aloe vera Aloe Socotrina) jedhamuunis beekama

Naannoolee Arabiyaa, Afrikaa, Hindii fi kutaalee Eeshiyaa tokko tokko keessatti argama.

Dhangala’aan furdaan baala Biqltuu kana keessa jiru, kan gogfamee wanta jabaa halluu gurraacha dukkanaa’aa ykn keelloo ifaa qabutti jijjiirama. Kunis Sabraa ykn Sibrii jedhamee beekkama.

Biqltuu Hargisaa gosti Sibrii irraa oomishamu kun Qaamolee Keemikaalaa Alooveeraa wantoota sochii qaban kanneen bu’aa qoricha cimaa qabaniin kan badhaadhe yoo ta’u, isaan keessaa:

“Aloin” Kompaawundii anthraquinone kan ta’ee fi bu’aa garaachaa fi farra seeptikii qabu.

“Aloe-emodin” Farra baakteeriyaa, farra vaayirasii fi farra fangasii.

“Poolisaakaayidii” Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuu fi madaan qaamaa akka saffisaan fayyu gochu.

Reeziinii fi zayita jijjiiramaan sibrii keessatti argama Farra inflammatory fi dhukkubbii lafee salphisuuf gargaaru dha.

antioksidaantii fi Vitaminoota akka A, C, E, fi B12 of keessaa qaba.

Albuudota akka Ziinkii, maagniziyemii, kaalsiyeemii fi seeliiniyeemiis Of keessatti qabatee jira.

Faayidaalee Sibiriin qabu:

Qoricha Aadaa durii qofa osoo hin taane Qorannoon saayinsii dhiheenya kana gaggeeffame bu’a qabeessummaa sibiriin qabu dameewwan yaalaa hedduu irratti kan mirkaneesse yoo ta’u, isaanis:

Fayyaa Ittisaa fi Fayyaa Waliigalaatiif Antioxidants humna guddaa qaban kan free radicals lolan of keessaa qaba. Dandeettii ittisa qaamaa vaayirasii fi baakteeriyaa irraa cimsa.

Infeekshinii yeroo dheeraa hir’isuuf hedduu gargaara.

Fayyaa Sirna Bullaa’insa nyaataatiif Dhukkubbii garaachaa yaaluu fi bullaa’insa nyaataa fooyyessuuf faayidaa guddaa qaba Bokaka garaa Gaasii fi dhiita’uu ni hirrisa Infeekshinii garaachaa fi marrimaanii ni yaala.

Baakteeriyaa dhukkuba garaachaa fidan kan akka Salmonella (Salmonella) fi Listeria monocytogenes (Listeria) jedhamuun beekaman ni yaala.

Xuuxamuu fi bullaa’isna soorataa ni fooyyessa, sochii garaachaaf ni tajaajila.

ujummoo Fincaanii cufame banuu fi Fincaan akka bahu haala mijeessuu fi bokokuu kalee hir’isuuf gargaara.

Dhibee kiintaarotii hemorrhoids infekshiniiwwan kanaan walqabatan yaaluuf tajaajila.

Madaa fayyuu didee yeroo dheeraa ture madaan manca’e Qulqulleessuuf fayyisuu keessatti faayidaa qabatamaa qaba.

Rakkoo tiruu tokko tokko yaaluufis ni gargaara.

Dhukkubbii garaa fi dhukkuba sombaa salphisuuf bu’aa qaba.

Infeekshinii ijaa fi qoochoo ijaa yeroo nama Ijji yeroo qorraa yokan diilalla’ee dhukkubu akka copha ijaatti itti fayyadamnu yaaluuf tajaajila. Nama Ijji hooksisuuf faayidaa qabatamaa ta’e qaba.

Madaa xixiqqoo fi gubaa ibiddaa ni fayyisa. Infeekshinii gogaa ni yaala.

Antioxidants humna guddaa qaban kan mallattoolee dulloomuu shuntuuru gogaa qaamaa yeroo malee dhufan lolan of keessaa qaba.

Fayyaa Rifeensaaf bu’aa Biqila rifeensa ni cimsa, rifeensi harca’uu ni lol, Rifeensa ifaafi miidhagaa taasasia. Inflammation Gogaa fi fangasii gogaa mataa ni yaala.

 

Karaalee Itti Fayyadamnu

Mala Itti Fayyadamaa

Daakuu sibirii fallaana xiqqoo tokko bishaan ho’aa waliin walitti makuun osoo hinciisin dura dhugama. Yokan ganama garaa duwwaa tti dhugama haala kanaan guyyaa 3 hanga 5tti fayyadamu dandeessa.

Rakkoo garaachaa fi marrimaanii kkf Ganama ganama garaa duwwaa irratti Sibrii fallaana xiqqoo tokko damma fallaana Guddaa sadii waliin fayyadamuun hedduu gaariidha.

Madaa yaaluuf Erga bakka madaa sana qulqulleessinee booda kallattiin dhangala’aa sibirii haaraa dibachuu dha.

Hemorrhoids yokan kiintaarotiif Zayitii ejersaa ykn zayita Biro wajjin bakka tokkotti walitti makuun dibichuun fayyadamtu.

Kunuunsa gogaa Bishaan roozii ykn damma waliin walitti makuun akka dibata fuulaatti fayyadamtu.

Rifeensaaf Zayitii kaastarii ykn hin zayita qobboo waliin walitti makuun gogaa mataa keessa dhiqachuun booda dubbachuu ni danda’ama

⚠️ Yeroo Sibrii fayyadamnu rakkoo akka hin mudanneef of eeggannoo gochuu qabna.

Dubartoonni ulfaa Gadameessaa akka bahuu gochuu waan danda’uuf hin fayyadaminaa.

Ijoollee daa’ima waggaa 7 gadii Doktora osoo hin mariisisin hin fayyadaminaa.

Dozii garmalee fudhachuun Garaa kaasaa cimaa Pootaasiyeemii dhabuu fi

Dhiibbaan dhiigaa gadi bu’uu fiduu danda’a waan ta’eef hanga jedhamee ol fudhatina!

Fayyaa keessaniif Qoricha Aadaa, ragaa saayinsii irratti hundaa’e geenya! Qabu Saayinsii Fayyaa walitti fidne maxxansina.

Dhuma Barreeffamaa irratti mallattoo Share yokan Facebookii kana tuquun Share waliif godhaa 🙏

 

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

✅ Follow nu godhaa 👥

✅ Share waliif godhaa 📢

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *