Yaalaa Dhukkuba Funyaani Alaarjii fi Saaynasii

Dhukkuboonni akka Alaarjii funyaanii (Allergic Rhinitis), Saayinasii (Sinusitis) garaagarummaa isaanii fi kan mallattoolee wal fakkaatoo ta’an agarsiisinu ta’uu akkasumas Mallattoolee isaanii barreeffama darbe keessatti isiniif ibsine turre.

Dhukkuboota kana yaaluu fi too’achuu keessatti, qorichoota ammayyaa qofaan guutumaan guutuutti fayyuun baay’ee ulfaataadha; garuu Biqiltoota aadaa armaan gadii bifa saayinsaawaa ta’een fayyadamuun too’annoo bu’a qabeessa fi miidhaa hin qabne kennuu danda’a.

 

Namni dhukkuba kana qabu maal gochuu qaba? Maal fayyadamuu qaba? Haala kamiin mana ofii keessatti dhibee kana too’achuun danda’ama?

Barreeffamni kun of eeggannoo gi too’annoo mana keessaatti, fi fayyadama biqiltootaa haala ittiin fayyadamtanuu fi bu’aa isaanii ibsa.

Dhukkuba kanneen qabda yoo ta’e utuu qorichoota hin fayyadamin dura Of Eeggannoo Armaan gadii godhii.

Kutaa ciisicha keetii fi Bakka hirribaa, huccuu halkan yeroo hirriibaa fayyadamtu hundumaa qulqulluu taasisii.

Wantoota akka Keemikaala farra Armaa fi kkf irraa fagaadhu.

Bakka onaa fi waan shame yokan turee fi balfaa fi kkf bira yeroo deemtu, haguuggii funyaanii, maaskii fayyadami.

Hojii tokko yeroo raawwattu, harka kee utuu hin dhiqatin funyaan kee, hin tuqin.

Saree fi adurree guddista yoo ta’e, yeroo harkaan tuqxe, harkakee sirriitti dhiqadha. Funyaankee harkaan cimsitee hin sukkuumin.

Wantoota baay’ee nama gubanu funyaan keetti hin buusin, yokan tuqisiisn

Yeroo roobni, Roobee raawwate daftee mana keessaa gara alaatti hin ba’in, daqiiqaa muraasaaf mana keessa turi.

Mootar saayikiliin yeroo deemtu haguuggii funyaanii fayyadami.

Biyya keessatti dhukkubni kun si qabe keessaa deemuun furmaata isa bareedaadha.

 

Biqiltoota dhibee kanaaf bu’aa qabnu:

1. Biqiltuu Kuusaa’ee yokan Lippia javanica :

Kuusaa’eem biqiltuu dhukkuboota sirna hargansuu fi funyaanii irratti beekamtuudha. dhukkuboota akka (Alaarjii funyaanii), Sinusitis (Saayinasii) fi Nasal Asthma (Asmii funyaanii) too’achuuf bu’aa olaanaa kennuu danda’adha.

Faayidaa Biqltuu kanaa:

Farra inflammatory daklansuu fi Dhiita’uu fi aarii funyaanii keessaa ni hir’isa.

Antioxidant: Seelonni miidhaa free radicals irraan gahu irraa ni eega,

Farra baakteeriyaa fi farra vaayirasii: Infeekshinii sirna hargansuu sadarkaa lammaffaa ittisuuf gargaara.

Mallattoolee alarjii ni tasgabbeessa Qufa’uu, haxxiffannaa fi dhangala’aa funyaanii hir’isa.

Kallattii Itti Fayyadamaa

Shaayii Baala isaa

Baala goge fallaana 1-2 bishaan ho’aa burcuqoo tokko keessatti daqiiqaa 5-10f danfisuu/bilcheessuun guyyaatti si’a lama dhuguun ni danda’ama.

Akkasumas Baala isaa bilcheessuun hurka yokan Aara danficha daqiiqaa 5-10f ulachuu, kunis waan funyaan cufuu fi dhiphisuu fi hafuura baafachuu fooyyessuuf gargaara.

 

Carqii suufii, Qulqullina qabu bishaan baala Biqltuu kanaa keessatti jiidhee funyaan keessa ykn naannoo Saayinasiin jiru irratti kaa’uun inflammation naannoo sanaa salphisuu danda’a.

 

 

2. Bosoqqee:

Biqiltuu Bosoqqee Faranjoonni Biqiltuu Raajii / Biqiltuu Jireenyaa – Leaf of Life jedhanii

Afaan Oromootiin maqaa adda addaa qaba, isaanis Hancuurraa, Bosoqqee, Kontoma, Bixxuu fi kkf dha. Scientific Name Kalanchoe pinnata (Lam.) Pers. Jedhama.

Qorannoo saayinsawaa fi aadaa irratti hunda’ee, Biqltuu kun dhukkuboota Saayinasii (Sinusitis) fi Alaarjii funyaanii (Allergic Rhinitis) irratti faayidaa guddaa qaba. isiniif ibsa bal’inaa fi qopheessa isaa kunooti:

Faayidaa Biqltuu kun dhibee kanaaf qabu:

Farra inflammatory: Dhukkubbii, dhiphina, fi aarii funyaanii fi mallattoo saayinasii hir’isa.

Farra baakteeriyaa & farra vaayirasii Infeekshinii baakteeriyaa saayinasii keessatti mul’atuuf bu’aa guddaa qaba.

Furrii fi dhiphina dhangala’aa funyaanii akkasumas qufaa hir’isa.

Qabiyyee farra Alaarjii qaba, Anti-allergic / Natural antihistamine waan ta’eef Mallattoolee alarjii funyaanii keessaa ni hir’isa.

Immune modulator Sirna ittisa qaamaa cimsa, qaamni alarjii fi infekshinii akka lolu gargaara.

Farra alarjii: Mallattoolee alarjii kanneen akka qufa’uu, funyaan hooksisuu fi furriin dhangala’uu fi haxxiffannaa ni salphisa.

Qabiyyee flavonoids fi saponins isa keessaa kan argaman qaama keessa histamine hir’isuun funyaan keessatt mallattoo Alaarjii hir’isa

Biqiltuu kun anti-inflammatory, anti-bacterial fi immune-modulating qaba, kanaaf Sinusitis fi Allergic Rhinitis irratti bu’aa guddaa argamsiisa.

Kallattii Itti Fayyadamaa:

Tokkoffaa:

Baala isaa danfisi bishaan kana booda bishaan sana fuunfadhu, yokan hurka/Aara isaa uladhu, akka funyaan kankee keessa seenu taasisi.

 

Tooftaan lammaffaan Juice Baala Haaraa: Cuunfaa yokan Juice isaa baasuun guyyaatti si’a 2 dhuguun itti

Tooftaa sadaffaan:

Baala isaa bishaan qulqulluu keessatti bilcheessuun, bishaan isaa calaluudhaan, funyaaniin Qulqulleessuuf itti fayyadamuun dhiphina hir’isuu fi saayinasii Qulqulleessuuf faayidaa qabatamaa ta’e qaba.

 

3. Zayitii Baarzaafi fi bishaan:

Saayinasiin yokan alaarjiin funyaanii yeroo inni sitti ka’u,Bishaan qulqulluu sirriitti danfisii Burcuqoo tokkotti naqii, sana booda zaayitii barzaafii, fallaana sukkaara ishee xiqqoo tokko bishaan sanatti naqii, kana booda bishaan sana fuunfadhu, yokan hurka/Aara isaa uladhu, akka funyaan kankee keessa seenu taasisi.

Haala kanaan Guyyaa tti yeroo lama itti fayyadamii, guyyoota 10 walirraa utuu hin kutin fayyadamta,

 

Haalli kun dhibee kana too’achuuf karaa bareedaa filatamaadha miidhaa tokko hin qabu.

 

 

4. Kallu tuffaa’ii yokan(Apple cider vinegar) fayyadamu:

Kallii kana fallaana xiqqoo tokko bishaan ho’aa Burcuqoo tokkotti naqii ganamaa fi galgala guyyaa 3 Dhugii, Kalliin kuni viitaamiin A, B1, B2, fi kaalsiyeemii, maagniziyeemii, Dabalatee faayidaalee adda addaa qaba, mallattoolee Alaarjii funyaanii fi Saayinasii, too’achuuf Faayidaa gaarii qaba, ujummoo qilleensaa fi funyaan keessaa baakteeriyaa fi vaayiresii kkf qulqulleessaa. Ha ta’u Garuu mataa bowwuu cimaa qabda yoo ta’e kanatti fayyadamuu hin qabdu.

5. Talbaa fayyadamu:

Talbaa fallaana guddaa 10 bishaan qulqulluu leetira walakkaatti naqii daqii daqiiqaa 10 danfisii, kana booda xiqqoo yeroo qabbanaa’u Burcuqoo gudaa tokko Dhugii, (Omega 3 acid) dabalatee wantoota fayyaa cimsan Of keessaa qaba, dhukkuboota, ujummoo qilleensaa namarraa ittisuu fi too’achuu keessatti ga’ee Olaanaa qaba, akkasumas miidhaa hin qabu, guyyaa 7 fayyadamii.

6. Cuunfaa yokan juice burtukaanaa:

Cuunfaa yokan Juice burtukaanaa alarjiidhaaf baay’ee Gaariidha,

vitaamin C kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis hamma histamine qaamni keenya erga alarjiif saaxilamee booda oomishu hir’isuu keessatti ga’ee Olaanaa qaba, yeroo dhukkubni akkasii namatti ka’u juusii yokan cuunfaa burtukaanaa dhuguun Gaariidha.

Wantoota Armaan olitti ibsaman kanneen keessaa wal jijjiiruun guyyaa adda addaa fayyadamuun gaariidha. Wanni tokko yoo kan si dide waan biraa jijjiiruun fayyadami, haalli uumama namaa fi cimina dhukkubaa waan wal dhabuuf filannoo baayyee barreessine.

Bareeffama kana kan qopheesse Mana Qoricha aadaa Oromiyaati, yaala dhibee adda addaa Amansiisaa ta’e dhaabbata fayyaa keenya irraa argachuu Dandeessu.

kana keessaa bakka Facebook sana tuquun barreeffama keenya Qooduu/share gochuun Isinis hojii kana irritti nu deeggaraa! Yokan gara Facebookii keessanitti deebi’aa Share godhaa!

Bakka mallattoo FB sana tuqaa Share waliif godha. Ammallee kutaan hafee jiru itti fufa…

Toora Facebook keenya follow godha.https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa

 

 

2 Reply on “Yaalaa Dhukkuba Funyaani Alaarjii fi Saaynasii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *