Miidhaa Caatii/Jimaa (Catha edulis) fi HBV

🔬 Gabaasa Saayinsaawaa Walitti Hidhata Jimaa (Catha edulis) Keemikaala Irratti Biifamee fi Dhukkuba Simbiraa Vaayiresii Tiruu fi facaatii Vaayirasii Hepatitis B irratti.

Dhukkubni tiruu yeroo dheeraa (Chronic Liver Disease), addatti kan vaayirasii Hepatitis B irraa dhufu, biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti rakkoo fayyaa ummataa guddaa dha. Akkasumas rakkoon kun naannoo jimaa/caatiin itti heddummaatu keessatti ballinaan argamaa jira. Akkasumas namoota dhibee tiruu HBV qaban irratti jimaan miidhaan dachaa akka uummamu taasisa!

Barreeffama kana keessatti Jimaa fi walitti dhufeenya inni facaatii vaayrasii HBV wajjiin qabuu fi miidhaa jimaa keemikaalaa guddate qaamuun tiruu fi fayyaa walii galaa irratti qabu ibsina.

Itiyoophiyaa fi Yaman, keeniyaa keessatti qorannoon naannolee caatii jimaa qaamuun baay’inaan itti mul’atu keessatti naannolee biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’inni namoota vaayirasii Tiruu HBVn qabamanii ol’aanaa ta’uu mirkanaa’eera.

Dhugaa dirree jiruu fi qorannoon Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa (EPHI) fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Qorannoo Fayyaa biyyoolessaa Yaman (2020) fi Joornaalii Meedikaalaa Keeniyaa (2021) irraa argame akka agarsiisanitti, Dhukkuboonni yeroo dheeraa kan akka vaayirasii Tiruu HBV fi kkf biyyoota akka Ethiopia, Keeniyaa fi yaman naannoo jimaa yokan caatii baay’inaan fayyadaman keessatti ni heddummaata.

Ethiopia babal’inni vaayirasii hepatitis B naannoo caatiin baay’inaan fayyadaman Naannolee akka Harar, Dire Dawa, fi Oromiyaa Bahaa keessatti facaatiin dhibee kanaa %9–12 gidduutti kan argamu yoo ta’u, naannolee birootti tatamsa’inni isaa %3 gadi ta’e waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu hunda caalaa haalaan ol’aanaadha.

Baha Itiyoophiyaa naannoo Hararii fi harargee keessatti keessatti qorannoon akka agarsiisutti dhukkubsattoota dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa qabanma keessaa %70 ol fayyadamtoota caatii yoo ta’an, taateewwan infekshinii HBV/HCV naannoo sanatti olaanaa ta’uun caatiin manca’iinsa tiruutiif gumaacha of danda’ee akka ta’e agarsiisa.

Naannoo sanatti Facaatii Dhibee kanaaf jimaa qofa osoo hin taane, Naannoolee bahaa keessattuu Baha Oromiyaa gara dirree dawaa fi Harar, harargee keessatti sochiin daldalaa bal’aa fi sochiin hojjettootaa fi konkolaachiftoota daangaa Somaaliyaa fi Jibuutii waliin wal irraa hin cinne halkanii fi guyyaa taasifama. KunisCarraa walqunnamtii saalaa eegumsa hin qabnee fi meeshaalee garagaraa waliin fayyadamuu fi walitti dhufeenyi namootaa ni guddata, daddarbuu fi baay’inaan faca’uu dhibee kanaa naannoo sanatti akka dabalu gumaacha olaanaa ta’ee jira.

Balaa fayya jimaa keemikaalaa guddate qaamuun Tiruu irratti qabuu fi saba isaa:

Qorannoo laabraatoorii fi Qorannoo qorichoota aramaa fi haftee keemikaalota miidhaa qabanii baala jimaa keessa jiran adda baasuu fi safaru irratti xiyyeeffatu, Itiyoophiyaa fi yaman fi biyyoota jimaa hedduu oomishuun beekaman keessatti godhamee jira, qonnaan bultoonni caatii/jimaa guddisuuf qoricha keemikaalaa dachaa olaanaa ta’een akka fayyadaman mirkanesssee jira.

Saamuda qorannoof caatii jimaa irraa fudhatame keessatti qorichi hamaan sadarkaa idil-addunyaatti dhorkamee fi miidhaa fayyaa qabu kan akka (DDT) Saamuda caatii qoratame keessatti sadarkaa daangaa ol’aanaa istaandaardii idil-addunyaatiin hayyamame ol ta’een argameera.

Saamuda caatii keessatti kiloorpiriifoos, daayimeetooweet, diyaazinoonii fi piroofeenoofoos argameera.

Qorichi aramaa itti fufiinsa qabu, Keemikaalli hamaan DDT jedhamu saamuda caatii keessatti argame sadarkaa (EU-MRL) irraa haalaan ol’aanaa nyaataaf gorfame irraa dachaa dhibbaan ol akka ta’e gabaafameera. Keemikaalli seeraan ala ta’e DDT fi meetaabolayitoonni isaa (DDE fi DDD) saamuda hedduu keessatti argamee jira.

Baaloonni jimaa haaraan akkaataa idileetti osoo hin dhiqamin ykn osoo hin qophaa’in hin miiccamin, waan nyaatamaniif qorichi summii fi hafteen keemikaalota ulfaatoon baala jimaa keessa jiran kun, kallattiin liqimfamuun dhiibbaa fayyaa hamaa adda addaa fidu.

Keemikaalonni kun inzaayimoota tiruu meetaabolii qorichaaf itti gaafatamummaa qaban (Cytochrome P450) gidduu seenuun bu’a qabeessummaa qoricha farra vaayirasii laaffisuun summii isaanii akka dabalu taasisa Kunis carraa vaayirasii gara sadarkaa hamaa akka Kaansarii Tiruutti ce’uu dhibee kanaa guddisa.

Namni Vaayireesii kana qabu caatii jimaa qaamuun Tiruu isaa ni dadhaba, faayidaan qorichaa ni fashalaa’a dandeettii ittisa qaamaa ni dadhaba, qaamni isaa vaayirasichaan akka injafatamu Taasisii baayyina Vaayireesii Viralodii isaa Saffisaan ol dabala kunis dhukkubsataa irratti:

👉 Carraa vaayrasii kun gara madaayuu tiruu sirroosii tti guddachuu dachaa 3n dabalaa deema.

👉 Carraa Kaansarii Tiruu (HCC)n Qabamuu dachaa 5nii ol dabala.

👉Carraa Tiruu hojii dhaabuu yokan (Liver failure) dachaa lamaan guddisa.

Namni Vaayireesii Tiruu Hepatitis B qabu yoo jimaa keemikaalota miidhaa fayyaa qaban kanneen kana fayyadama yoo ta’e ofiin of ajjee”saa jiraachuu isaa beekuu qaba!.

Jimaan qulqullina qabuu fi keemikaalota irraa bilisa ta’e yoo hanga baayyee xiqqaa ta’een fudhatame, kallattiin tiruu yokan kalee fayyaa qabu Irratti miidhaa hama hin qabu!

Garuu yeroo kana oomishtoonni jimaa akka inni saffisaan margu yokan guddatuuf jecha keemikaalaa fi Qorichoota adda addaa itti biifaa jiru! Kunis Tiruu dhukkubsataa tokkoof balaa lubbuu galaafachuu danda’u kan fidu yoo ta’u! Akkasumas Tiruu fayyaa qabu irrattis miidhaa fayyaa hamaa geessisa!.

Jimaa keemikaalli irratti biifame fayyadamuun Summii cimaa qaama namaa keessatti Uuma

Summiin kuniis Yeroo qaama namaa keessatti kuufame dhukkuboota Ciccimoo Yeroo dheeraa (Chronic Diseases) nama saaxila! Tiruu fi kalee irratti miidhaa guddaa Uuma, dhukkuba Vaayireesii Tiruu nama irratti hammeessa. Carraa dhukkuba kaansariin qabamuu yokan (Cancer Risks) guddisaa!

Akkasumas halkan halkan yeroo hunda jimaa fayyadamuun rakkoo hirriiba dhabuuf nama saaxila kunis kallattiin tiruu dadhabsiisa! Dhukkubsataan Tiruu guutuutti jimaa nyaachuu iIrraa of eeggannoo gochuun dirqama!.

Warri fayyaan immoo guyyaa guyyaa qofa, hanga baayyee xiqqaa ta’een fayyadamuu qabdu.

Hakiimonni Tiruu fi qorattoonni akka mirkanesssanitti caatii jimaa qaamuun dhukkubsattoota dhukkuba tiruu B yeroo dheeraa qaban irratti balaa dabalataa olaanaa waan fiduuf guutummaatti irraa fagaachuu akka qabanu irratti walii galu. Miidhaan isaa Tiruu dadhabsiisuu qofa osoo hin taane, adeemsa wal’aansaa fashaleessuu fi carraa gara cirrhosis ykn kaansariitti ce’uu ni dabala.

Dhukkubsattoonni caatii irraa guutummaatti of qusachuu fi nyaata madaalawaa pirootiinii biqiltootaa fi antioksidaantii uumamaa kan akka turmeric, garlic, fi damma of keessaa qabu akka nyaatan gorfama.

Dhukkubsataan Yeroo dhukkuba tiruu yeroo dheeraa B qabaachuun sitti himame sodaan, yaaddoon ykn rifannaa keessa seenuun abdii kutata! Garuu Wanti jalqaba hubachuu qabdu vaayirasichi yoo ati hayyamteef malee Vaayirasiin kun qofaa isaatti humna ittiin si to’atu hin qabu!! yoo ati yaala hordofuu dhiistee fi qorannoo gochuu dhiifter fi akkaataa jireenyaa kee keessatti gorsa ogeessa fayyaa tuffachuudhaan yoo deemte! Wantoota dhoorkame yoo fayyadamte! gaafas vaayirasichi akka si injifatu hayyamtee jirta! of ajjessuutti jirta!.

Fayyuu feetaa? Kana yoo ta’e Wanti sirraa Eeggamu murtoo sirrii ta’e murteessuudha.

Hireen fayyaa tiruu keetii fi qulqullinni jireenya kee to’achuun harra harka keessa jira! Amma carraa qabda yeroo kanatti jabaadhu tarkaanfii fudhadhu!.

Murtoon har’a gootu hundi fayyaa fi jiraanya kee gara fuula duraaf murteessaa akka ta’e cimseen ibsuu barbaada.

Vaayirasii fayyuuf yokan miidhaa isaa to’achuuf Qoricha fudhachuu qofti gahaa miti! Caatii jimaa qaamuutti jirta taanaan qorichi faayidaa tokko hin qabaatu!

Fayyuuf Qorichoota fudhattan kamiyyuu karaa ogeessa fayyaam hordofuu, jireenya fayya qabeessa ta’ee fi araada irraa bilisa ta’e qabachuu, sochii qaamaa yeroo hunda gochuu fi hirriba gahaa qabaachuu dabalatee waan hundumaa sirnaan yoo raawwatte na amani jireenya gaarii ta’e qabachuu dandeessa.

Namoonni baay’een yeroo caatiin miidhaa qaba jedhamu! Dhugaatii Alkoolii wayyaaree? Jedhanii gaaffii diddaa dhiyeessu!.

Dhiibbaa dhiigaatii alkoolii fi caatii tiruu rratti qabu wal bira qabuun yoo ilaalle, qorannoon alkooliin caalaatti summii akka qabu mirkaneessa, dhugaatii Alkoolii dafee miidhaa saffisaan geessisuun kan beekkamu yoo ta’u, ha ta’uu garuu kana jechuun caatiin miidhaa irraa qulqulluudha jechuu miti.

Miidhaan jimaa dhokataa callisaa dha, Yeroo dheeraaf itti fayyadamuudhaan miidhaan isaa suuta suutaan caasaa tiruu fi seelii tiruu suuta suutaan balleessa

Summiin isaa kuufamee dhuma irratti miidhaan isaa dhugaati alkaalii wajjiin walfakkaataadha.

Furmaata Rakkoo kanaa fi Tarkaanfii Fayyaa fi nageenyaa fudhatamuu qabu:

Mootummaan fi dhaabbileen fayyaa talaallii Hepatitis B yeroo yeroon naannoo sanatti akka argamu taasisuu qabu.

Jimaa irratti keemikaala summii qabu (toxic pesticides) akka hin biifamne gochuu fi bakka sanatti mala aadaa kan biraa fayyadamuu bio-fertilizer fayyadamuun jimaa magarsuu ni danda’ama.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi jaarmiyaaleen naannoo keemikaalota fayyaa miidhan kan akka DDT, Aldrin, Heptachlor fi kkf akka hin gurguramne ykn oomisha jimaa irratti hawaasni hin fayyadamne seeraan dhoorkuu qabu.

Yunivarsiitiileen Itiyoophiyaa keessatti qorannoo saayinsii irratti xiyyeeffachuun akkaataa jimaa keemikaala irraa bilisa ta’ee sirnaan akka dagaagu danda’u barbaadu.

Namoota jimaa oomishan gargaarsa Ogummaa laachuu fi dhaabbileen namoota jimaa karaa qulqulluudhaan oomishan jajjabeessuu, kunis fayyaa fi dinagdee waliin toluu danda’a.

Oomishtoonni organic certificate argachuun galii isaanii dabalu danda’u, akkasumas balaa fayyaa hir’isu.

Jimaa qulqullina qabu oomishuun — yoo beekumsa saayinsii irratti hundaa’e — faayidaa qabeessa fi dinagdee hawaasa ti.

Namoonni yeroo dheeraa jimaa keemikaala biifame nyaatan qorannoo tiruu (Liver Screening) fi qorannoo kalee (Kidney test) raawwachuu qaba.

Rakkoo kana furuu jechuun jimaa balleessuu miti, fayyaa jiraattootaa fi qabeenya isaanii eeguuf tarkaanfii gara fuulduraatti fudhachuu dha. Jimaa keemikaala biifamee irraa of qusachuun, talaallii HBV fudhachuun, fayyaa ofii eeguuf beekkumsa argachuun, fi mootummaan seera cimaa keemikaala dhoorku diriirsuun furmaata waaraa fi tasgabbaa’aa ta’e fiduun dirqama!.

Ibsa xumuraa

Namoonn dinagdeen isaanii qonna caatii irratti hirkatan yeroo baay’ee caatiin fayyaa irratti miidhaa qaba yeroo jedhamee dubbatamu miira keessa seenanii mufatu!

Garuu Nuti caatii hin jibbinu; kanaan dura nulleen jimaa ni oomishna turre! Jimaan jireenya namoota hedduu keessattis gatii dinagdee fi hawaasummaa isaa guddaa akka ta’e ni hubanna.

Haa ta’u malee, gabaasni kun kan qophaa’e diinummaa caatii irraa kan ka’e osoo hin taane, fayyaa namaaf balaa inni fidaa jiruuf yaaddoo irraa kan ka’edha.

Qorannoon saayinsii fi qorannoon kilinikaa fi dhugaan dirree irra jiru akka agarsiisutti, babal’inni dhukkuba tiruu vaayirasii (HBV) naannoo caatii qaamuun bal’inaan itti mul’atutti akka dabale ibseera, yeroo har’a keemikaalota summii fi balaafamaa ta’an to’annoo saayinsiis ta’e fayyaa malee baala jimaa irratti biifamuun yeroo guddatu kanatti balaan isaa hamaa ta’uu fi lubbuu baraaruun barbaachisaa akka ta’e hubachuun barbaachisadha.

 

👨‍⚕️ Qopheessaan

Dr. Huzayifa Mohammedawol Shifa– Herbal Medicine Specialist & Pharmacognosist Giddu Gala Yaala Qoricha Aadaa Oromiyaa (2025)

📚 Madda Wabii Saayinsaawaa (Scientific References)

1. Ethiopian Public Health Institute (EPHI), National Hepatitis B & C Sero-prevalence Report, 2022.

2. World Health Organization (WHO), Global Hepatitis Report, Geneva, 2023.

3. Ministry of Health, Yemen, National Viral Hepatitis Survey, 2020.

4. Kenyan Medical Journal, Correlation between Khat Chewing and Hepatitis B Prevalence in Eastern Kenya, 2021.

5. “Pesticide Residue Analysis of Khat Leaves and Health Risks among Khat Chewers in the Amhara Region, Northwestern Ethiopia” https://pmc.ncbi.nlm.nih.gov/article

6. Exposure to DDT and its metabolites from khat (Catha edulis) chewing: Consumers risk assessment from southwestern Ethiopia – ScienceDirect https://share.google/7opl59jL7TmQB32mn

7. A review of the health implications of heavy metals and

pesticide residues on khat users | Bulletin of the National Research Centre | Full Text https://share.google/tZ3CTyg3blojKRhY

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *