Gabaasni qorannoo bara 2025 bahe akka agarsiisutti, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO`n kaayyoo isaa guddaa bara 2030tti dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Hepatitis B fi C) dhabamsiisuuf kaa’ee hojjechaa ture akka hin milkoofnee fi galma sana bira gahuun hanga ammaatti ulfaataa fi fagoo akka ta’e ifa taasiseera. Bu’aan qorannoo irraa argame sodaachisaa ta’ee jira!.
Bara 2016tti Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO`n Vaayirasii hepatitis B fi C akka balaa fayyaa hawaasaa cimaa ta’e erga murteesseen booda bara 2030tti vaayirasoota kana dhabamsiisuuf tarsiimoo baafatee biyyoota 120 keessatti hojii bal’aa qorannoo yaalaa haaraa fi talaallii fi kkf hojjechaa ture.
Kaayyoon Bara 2030tti
WHOn Vaayirasii kana irratti
galmaan ga’uuf hojjetaa ture:
👉Lakkoofsa namoota haaraa vaayirasichaan qabaman yoo xiqqaate %90 hir’isuu.
👉Lakkoofsa namoota dhukkuba tiruu vaayirasiitiin walqabatee dhufuun du’anu %65 hir’isuu.
👉 Namoota dhukkuba tiruu yeroo dheeraa qaban hunda keessaa %90 adda baasuuf..
👉 Dhukkubsattoota yaala farra vaayirasii barbaadaniif %80f yaala kennuu.
👉 Daa’imman reefuu dhalatan keessaa %90 talaallii dhukkuba tiruu B erga dhalatanii sa’aatii 24 jalqabaa keessatti talaallii kennuu.
Ha ta’uu Garuu Akka gabaasaalee qorannoo addunyaa fi WHO mul’isanitti kaayyoon bara 2030tti – dhukkuba Vaayireesii Tiruu (Hepatitis B fi C) dhabamsiisuuf kaayame – akka galma hin geenye gufuuwwan hedduun dura dhaabbataa jira.
📊 Haala amma jiru fi dhugaa qorannoo irraa argame, Lakkoofsa Dhugaa nama rifachiisu:
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara 2022 akka agarsiisutti addunyaa irratti namoonni miliyoona 254 hanga 300 ta’an vaayirasii tiruu B (HBsAg-positive) yeroo dheeraaf qabamaniiru.
Isaan keessaa %13 yokan miliyoona 38 qofatu adda baafame/ haalli isaanii beekama,
warri kaan akkamitti akka jiran hin beekkamu! Namoonni qorannoo fayyaa hin godhanu. Kana jechuun Namoonni miliyoona 257 ol ta’an vaayirasichaan qabamuu ofii osoo hin beekin, yokan haalli isaanii osoo adda hin baafamin hordoffii fayyaa malee vaayirasii Tiruu HBV waajjin jiraatu! Warri kun yeroo baay’ee yeroo dhukkubni isaanii gara rakkoo cinaatti ce’ee rakkoon akka cirrhosis ykn Kaansarii fi kkf uumameen booda qofadha.
Kun lakkoofsa dhugaa hedduu rifachiisaa ta’eefi Kaayyoo dhaabbata addunyaa boolla tti galchaa jirudha!.
Akkasumas Namoota dhukkuba Vaayirasii yeroo dheeraa qaban kanaa keessaa %3 qofatu yaala farra vaayirasii fudhachaa jira. Kana jechuun, nama miliyoona 9 qofatu yeroo ammaa addunyaa irratti yaala fudhataa jira jechuudha.
Qorannoon guddaan idil addunyaa dhiheenya kana qorattoota Kolleejjii Impeeriyaal Landanii fi Yunivarsiitii Liivarpuuli irraa gaggeeffame, maxxanfame jira.
Qorannoowwanii fi xiinxala hanga ammaatti dhukkuba vaayirasii tiruu B addunyaa irratti godhaman keessaa isa guddaa fi bal’aa ta’edha.
Gamaaggamni yaalaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin Ajajame kun
Qorannoo guddaa addunyaa kanaa yoo ta’u ragaa dhukkubsattootaa fi haala facaatii fi yaalli vaayirasii kanaa irratti argamu odeeffannoo walitti qabuun xiinxaleera.
👉Qorannoon kun dhukkubsattoota dhukkuba tiruu B yeroo dheeraa qaban miiliyoona 1.7 ol kan hammatedha.
👉Odeeffannoon dhukkubsattoota hospitaalotaa fi giddu gala yaalaa biyyoota 50 ol irraa wolitti qabame xiinxaleera.
👉Qorannoowwan yaala vaayirasii Tiruu irratti bara 2010 hanga 2024 gidduutti maxxanfaman 170 xiinxalamaniiru.
Bu’aan Qorannoo kanaa toora barruulee saayinsii beekamoo kanneen akka The Lancet Gastroenterology & Hepatology irratti kan maxxanfame yoo ta’u
waa’ee yaalaa fi ittisa vaayirasii Tiruu irratti dhugaa sirrii ta’e kan addunyaan ammaa eessa akka jirtu agarsiisu maxxanfamee jira!.
Qorannoon akka jedhetti:
Kaayyoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara kan 2030tti vaayirasii Tiruu HBV fi HBC dhabamsiisuuf jedhu akka galma hin geenye akeekachiise jira.
Kaayyoon kun galma ga’uu irraa hedduu fagoo akka jiruu fi Addunyaan akka amma jirtutti kaayyoo vaayirasii Tiruu HBV to’achuu galmaan gahuu irraa fagoo jirti jedhe!.
Bu’aan qorannoo bara 2025 maxxanfame:
Qorattoonni Akka xiinxala bal’aa kanaan mirkanesssanitti:
Namoonni dhukkuba hepatitis B qabamuu isaanii beekan dhibbeentaa 18 qofa kana jechuun namoota 100 keessaa kan vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa qabaachuu ofii beekan 18 qofa yoo ta’u, kunis akka addunyaatti namoota vaayirasichaan qabaman harka 100 keessaa harki 92 ol guutummaatti vaayirasicha akka qabaman yookaan sadarkaa dhibee isaanii hin beekan.
Namoota 100 keessaa 18 qofatu akka vaayiraasii qaban beeku.
Namoota akka vaayirasii qaban beekan keessaa 63% qofatu Qorannoo dhiigaa fi fayyaa Tiruu fi vaayirasii madaallii kilinikaa raawwatu!
Namoota qorannoo fayyaa godhanii vaayirasii yeroo dheeraa qabaachuu beekamanii fi yaala fudhachuuf gahan 75% keessaa 23% qofatu yaala jalqabe. Namoota qoricha fudhachuu jalqaban mara keessaa ammoo namoota %10 qofatu yaala irra turu. Warri kaan qoricha fudhachuu jalqabani garuu adda kutanii baduu!. Kunis facaatii ittisuu fi yaalli vaayirasii kanaa akka hin milkoofne gochuu isaa qorannoon kun mirkaneessera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO`n hojii bal’aa fi qindoomina qabu raawwataa jira kana eessaa:
Talaallii baballisuu, Qorannoo fi yaala bal’isu, Daddarbiinsa vaayiresii ittisu, Hubannoo fi odeeffannoo hawaasaa cimsuu
Kun Hundumtuu tokko tokkoon biyyoota hirmaachisuudhaan, bara 2030tti addunyaa dhukkuba Vaayireesii Tiruu irraa bilisa gochuu irratti fuulleffate turedha!.
⚠️ Gufuuwwan gurguddoo kaayyoo dhibee kana dhabamsiisuu galma gahuu dhoorkan:
👉 Namoonni baay’een hanga ammaatti dhukkuba Vaayirasii Tiruu irratti hubannoo gahaa hin qaban.
👉 Biyyoota baay’ee, keessumaa Afrikaa keessatti, tajaajilli qorannoo Hepatitis B gahaan hin jiru.
Qorannoo kunneen hedduun isaanii hospitaalota gurguddoo keessatti qofatti argamu!. Kanaafuu Naannoo tajaajilli fayyaa olaanaan jiru magaalota gurguddoo keessatti sadarkaan namoota qorannoo bu’a qabeessa aragatanii gaarii ta’us, naannolee baadiyyaa fi hospitaala sadarkaa jalqabaa keessatti %90 gadi bu’aa dha.
👉 Namoonni Yeroo qoratamanii vaayirasii qabaachuu beekan illee dhukkubsattoonni baay’een mana yaalaatti deddeebi’anii hin qorataman! Qorichasa
Xiyyeeffannoon hin hordofanu.
Dhukkubni kun hordoffii itti fufiinsa qabu kan barbaadu yoo ta’u,
Garuu namoonni wal’aansa hordofuu hin fedhan nuffanii addaan kutuu!.
👉 Talaalliin daa’imman (birth dose) yeroo dhaloota keessatti kennamuu qabu yeroo baay’ee hin raawwatamu.
👉Namoonni tarkaanfii ittisaa fi talaallii fudhachuu gorsa ogeeyyii fayyaa hojii irra hin Oolchan!.
Qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti biyyoota Afrikaa naannolee baadiyyaa hedduu keessatti namoota Vaayirasii tiruu yeroo dheeraa waliin jiraatan keessaa %0.2 gadi qoafatu yaala argatuu!. Haala kanaan abdiin dhibee kana too’achuu boolla tti galaa jiraa! Namoonni yaala fudhachuu dhiisanii! Vaayirasii kana maatii isaanii fi hiriyootaa fi kkf gidduutti faacaasaa jiru!.
Dhukkubni Vaayirasii Tiruu B haala amma jiru kabatti rakkoo fayyaa, dinagdee fi hawaasummaa guddaa addunyaaf ta’eera.
Haalli yaalaa, qorannoo fi hubannoo hawaasaa haala amma jirutti yoo itti fufe carraan namoota kaansarii fi madaayuu tiruu fikk lubbuu dhabanii dachaa hedduun akka dabalu qorattoonni Akeekachiisaa jiru.
Manni Qoricha Aadaa Oromiyaa akka dhaabbata fayyaa tokkotti karaa Facebookii fi website irratti
Waa’ee Vaayiresii tiruu HBV dhukkuba Simbiraa irratti Yeroo hedduu Barreeffamoota fayyaa gurguddoo Maxxansaa turre!.
Maalummaa Dhukkubootaa Tiruu fi vaayirasii HBV seenaa jalqabaa irraa kaasee hanga saayinsii ammaayyaatti, karaa daddarbiinsa isaa fi Facaatii isaa fi taalallii fi tooftaa ittisa.. wantoota vaayrasii kanaaf nama saaxilanuu fi akkamitti akka of eeggannoo godhuun dandaa’amu, tarkaanfii ittisaa barbaachisaa fi yaala isaa irratti wantoota barbaachisoo hundumaa maxxansuu itti fufnee jirra. Hanga ammaatti akka biyyaatti miidiyaas ta’ee, dhaabbanni fayyaa mootummaa yookin dhuunfaa hanga kana xiyyeeffannoon waa’ee dhibee kanaa hubannoo hawaasa guddisuuf hojjechaa jiru tokko hin hin jiru!.
Odeeffannoo fayyaa barbaachisoo guyyaa guyyaatti argachuuf toora Facabook
Keenya:
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa
follow godha.
📚 Madda Wabii (Scientific References)
1. World Health Organization (WHO). Global Hepatitis Report 2022. Geneva: World Health Organization; 2022.
2. World Health Organization (WHO). Global Health Sector Strategy on Viral Hepatitis 2016–2021: Towards Ending Viral Hepatitis. Geneva: WHO; 2016.
3. The Lancet Gastroenterology & Hepatology.
Global Progress Towards Elimination of Hepatitis B Virus Infection: A Systematic Review and Meta-analysis.
(Published 2024–2025).
4. Imperial College London & University of Liverpool.
Collaborative Research on Global HBV Elimination Targets (2025 Report).
5. World Health Organization.
Interim Guidance for Country Validation of Viral Hepatitis Elimination.
Geneva: WHO; 2021.
6. World Health Organization African Region (WHO-AFRO).
Hepatitis Situation in Africa: Data and Challenges 2023 Report.
Brazzaville: WHO Regional Office for Africa.