Yaala Aadaa fi Ammayyaa

Yeroo kana saayinsiin guddateera garuu Dhibeewwan yeroo dheeraa qormaata fayyaa addunyaa ta’anii itti fufaa jiru. Lakkoofsi nama Dhibeewwan kanaan Qabamuu fi duuti sababa Dhibeewwan kannneen wajjiin wal qabatee uumamu dachaan dabalaa jira! Sababni isaa maali ? Furmaanni isaa ho!? Gaheen yaalli uumamaa Rakkoo kana furuu keessatti qabu maal fakkaata!?

Addunyaan keenya yeroo ammaa Qorichi ammayyaa guddinaa fi tarkaanfii kanaan dura hin argamne hedduu argisiisiisaa jira. walʼaansaaf qoricha haaraa fi meeshaaleen ciccimmoon Dhibeewwan bifa gadi fageenyaan adda baasuu danda’an

Meeshaaleen dhibee addaan baasan (Diagnostic Tools) kan akka MRI, CT Scan, fi meeshaalee qorannoon dhiigaa gadi fageenya qabu dhibee kamiyyuu akka salphaatti addaan baasuu danda’u argachuun danda’ameera.

Yaalli ammayyaa dhibeewwan yeroo gabaabaa (Acute Diseases), balaawwan tasaa, fi tajaajila baqaqsanii hodhuu (Advanced Surgery) irratti guddina ajaa’ibsiisaa argisiiseera. Meeshaaleen dhibee addaan baasanii fi Qorichoonni jarmoota ajjeesan (Antibiotics) lubbuu namoota miliyoonaan lakkaawaman baraaraniiru.

Hata’u malee, yaalli ammayyaa guddina ajaa’ibsiisaa kanaa wajjiin haalli fayyaa addunyaa qormaata guddaa keessa jira. Dhibeen dabalaa jiraa duuti sababa Dhibeewwan yeroo dheeraan dhufu dachaan dabalaa jira.

Istaatistiksiin addunyaa akka agarsiisutti, Dhibeewwan yeroo dheeraa (Chronic Diseases) kanneen akka dhukkuba onnee, kaansarii, dhukkuba sukkaaraa, fi dhibee tiruu yeroo dheeraa fi kalee fi kkf addunyaa irratti sababa du’aa keessaa dhibbeentaa 75 (75%) fiduun balaa guddaa ta’aniiru. Kunis kan agarsiisu, yaalli ammayyaa kophaa isaatti furmaata ta’uu hin dandeenye!. Dhaabbanni fayyaa akka jedhutti Addunyaa irratti Namoota 5 keessaa 3 Dhibeewwan yeroo dheeraa kanaan du’aaf saaxilamu. Kunis kan agarsiisu, guddini teeknooloojii qofti dhibeewwan walxaxaa ta’an kana to’achuuf gahaa akka hin taane dha.

Rakkoon guddaan yaala ammayyaa (Modern Medicine) keessatti mul’atu, yaalichi guutummaatti qorichoota kemikaalaa (Synthetic Drugs) irratti hirkachuu isaati. Qorichoonni kun yeroo baay’ee hundee dhibichaa (Root Cause) dhabamsiisuu caalaa, mallattoolee (Symptoms) dhibichaa yeroodhaaf to’achuu fi tasgabbeessuu irratti xiyyeeffatu. Kunis dhukkubsataan sun umurii isaa guutuu qoricha fudhachuu irratti akka hirkatu taasisa.

Qorichoonni Ammayyaa kan kemikaala irratti hirkatan yeroo baay’ee mallattoo (Symptoms) qofa to’achuu irratti waan xiyyeeffataniif, hundee dhibichaa dhabamsiisuu irratti hanqina qabu.

Qorichi mallattoo tokko balleessuuf fudhatamu, yeroo dheeraa keessa kutaalee qaamaa biroo kan akka kalee (Kidney) fi tiruu irratti miidhaa olaanaa (Side Effects) uuma. Kun immoo dhukkubsatichi dhibee tokkoof yaalamaa dhibee biraaf akka saaxilamu taasisa.

Dhaabbileen oomisha qorichaa gurguddoon (Big Pharma), qoricha dhibee sana guutummaatti dhabamsiisu barbaaduu caalaa, qorichoota Mallattoolee dhibee ukkamsanii dhukkubsataa sana akka “maamila umurii guutuu” dawaa ammayyaa ammayyaa nyaataa jiraatu godhanii oomishuu filatu. Kunis “Dinagdee Dhukkubaa” (Illness Economy) kan uumu yoo ta’u, waggaa waggaan doollarri tiriliyoona 8 oli dhibee yeroo dheeraa irratti gubata; garuu fayyinni dhugaan ammayyuu dhukkubsataa irraa fagoodha.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa rakkoo kana furuuf kan hundeeffame yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan yaala hundee (Root Cause) dhibee balleessuu irratti xiyyeeffata.

 

Dhaabbanni Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa) moodeela yaalaa haaraa “Holistic Approach” jedhamuun beekamu hojiirra oolchaa jira. Dhaabbanni kun beekumsa yaala aadaa Oromoo ganamaa saayinsii ammayyaa waliin qindeessuun dhibeewwan yeroo dheeraaf furmaata dhiyeessa.

Qorichi uumamaa yeroo xiinxala saayinsii cimaa (Scientific Analysis) fi qorannoo laaboraatooriitiin deeggaramu, filannoo aadaa qofa osoo hin taane madda qoricha bu’a qabeessa kan miidhaa cinaa xiqqaa ta’een fayyina Guutu galmaan ga’u ta’uu danda’a.

Qorannoon saayinsii fi ragaan dirree jiru akka mirkaneessutti, qorichi kemikaalaa qofti dhibeewwan walxaxaa ta’an kanneen to’achuuf gahaa miti. Furmaanni isaas sirna wal’aansaa walitti makame (Integrative Medicine) kan qoricha ammayyaa fi yaala uumamaa xiinxala laaboraatoorii cimaa irratti hundaa’e walitti fidu keessatti argama. Qorichi ammayyaa fi uumamaa wal hin faallessan; isaan michoota dhugaadha.

Biqiltoonni qorichummaa oolan (Medicinal Plants) qabeenya uumamaa qabiyyee barbaachisoo kan akka Flavonoids, Terpenoids, Alkaloids, Vitamins, fi albuudota (Minerals) dhibee ittisuu fi qaama haaromsuuf gargaaran of keessaa qabu. Qorannoon saayinsii akka mirkaneessutti, keemikaaloonni uumamaa biqiltuu keessatti argaman (Phytochemicals) dandeettii kulkula keessoo hir’isuu (Anti-inflammatory), seelii qaamaa dhibeen miidhame deebisanii ijaaruu (Regeneration), fi summii balleessuu (Detoxification) irratti dandeettii qorichoota kimikaalaa caaluuun raawwachuu danda’u.

Qorichoonni ammayyaa baay’een isaanii baakteeriyaa ykn vaayirasii ajjeesuu irratti xiyyeeffatu (Antibiotics/Antivirals). Haa ta’u malee, yoo sirni ittisa qaamaa (Immune System) hin ijaaramne dhibichi deebi’ee uumamuu danda’a. Qorichoonni uumamaa dandeettii sirna ittisa qaamaa madaaluu “Immunomodulation” qaban, yaala ammayyaa waliin yoo kennaman, qaamni dhibee sanaan loluu qofa osoo hin taane, dandeettii of-suphuu (Tissue Regeneration) akka argatu taasisu. Walitti dhufeenyi kun dhibeewwan yaala ammayyaa qofaan hin badne kan akka Tiruu fi kalee, fi dhibeewwan mar’umaanii fi kkf irratti.bu’aa ajaa’ibsiisaa galmeessisuu danda’u.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa yaaliiwwan lamaan ammayyaa fi yaala uumamaa kana walitti makuun, dhukkubsataan tokko mallattoo dhibee irraa boqochuu qofa osoo hin taane, fayyina hundee (Radical Cure) akka argatu taasisa.

Dhaabbanni kun dawaa aadaa beekumsa Saayinsaawaan yaala ammayyaa wajjiin qindeessuun Dhibeewwan yeroo dheeraa fi kanneen Dawaa ammayyaa qofaan baduu hin dandeenyef furmaata fiduu dhaaf hojjeta. Dhaabbatichi Dawaa uumaamaa kan yaala ammayyaa wajjiin qindaa’ee kennamuu danda’u Qopheessuu fi sagantaa soorataa dhukkubsataa sirreessuuun dhukkuboota hedduu gara fayyinaatti fiduu danda’eera.

Qorichoonni uumamaa (Herbal Medicines) giddugala kana keessatti qophaa’an, qaamni ofii isaa akka of-haaromsu (Self-healing) fi seeliiwwan miidhaman akka deebisanii ijaaraman kakaasu. Qaamni dhibee injifachuu akka danda’u taasisa.

Beekumsa qoricha aadaa saayinsiin deeggarameen qorichoonni uumamaa kunneen summaa’ina (Toxicity) irraa walaba ta’an akka qophaa’an taasifama. Kunis miidhaa qorichoota kemikaalaa irraa dhukkubsataa ni oolcha.

Furmaata fiduuf

• Guddina teeknooloojii qofa osoo hin taane, ogummaa uumamaa fi saayinsii wal-simsiisuun dhibeewwan yeroo dheeraa injifachuuf furmaata isa dhumaati.

• Beekumsa aadaa biqiltootaa qorannoo saayinsiitiin mirkaneessuun, qorichoota summaa’ina (Toxicity) irraa walaba ta’an qopheessa.

• Yaalli kun Dhibeewwan yeroo dheeraa yaaluu keessatti sooratni madaalawaan akka qorichaatti (Clinical Nutrition) ni kennama. Dhukkubsataa sana akka maamilaatti tursiisuu caalaa, sirna ittisa qaamaa (Immunity) isaa jabeessuun dhibicha hundee irraa akka dhabamsiisu taasisa.

Dhukkuboota yeroo dheeraa ittisuu dadhabuun beekumsi saayinsii dandeettii dhabuu irraa kan ka’e osoo hin taane, mul’ata waliigalaa (Holistic Vision) dhabuu fi fedhiin dinagdee fayyaa namaa irratti ol’aantummaa qabaachuu irraa kan ka’edha. Fayyinni dhugaan qorannoo akaadaamii ammayyaa fi ogummaa aadaa fi hubannoo uumama qoricha biqiltootaa gidduutti tumsa fiduu barbaada.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa beekumsa aadaa tuffatamee ture gara saayinsiitti ceesisuun, dhukkubsattootaaf fayyina dhugaa (Real Healing) galmaan ga’uuf hojjechaa jira. Sirni eegumsa fayyaa gaariin kan manneen barnootaa yaalaa adda addaa qoodu osoo hin taane, kan beekumsa hunda walitti tokkoomsee dhala namaa baraaruuf hojjetu dha.

Oduu fi odeeffannoo fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf toora Facabook

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *