Dhukkuboota Yeroo dhiigni Marsaa Laguu

Shamarranii Dubartoonni Hedduun Yeroo dhiigni Marsaa Laguu isaanii ga’u, Mataa Bowwuu fi dadhabbii Qaamaa Akkasumas Jeeqamuu Sammuu fi Miira of jibbuu itti dhagayamaa kun Maaliif ta’ee??? Rakkoowwan yeroo marsaa laguu yokan Guyyaa Jalqabaa Namatti dhufanu Laguu Duraa fi booda namatti dhufanu (Premenstrual Syndrome – PMS) yokan (Premenstrual Dysphoric Disorder – PMDD) jedhamee beekama.

Jijjiiramu yokan gara-garummaa hoormoonota qaama keessatti uumaman irraa kan ka’e Yeroo dhiigni laguu yaa’uuf jedhu jalqaba irratti dura mul’atu. Rakkoowwan kunniinii fi mallattoolee Armaan gadii Dubartoota irratti Mullatu.

  1. 1• Mataa Bowwuu, Fi dhukkubbii Mataa Gama tokkoo yokan (migraine)..
  2. 2• Miira jeeqamuu sammuu fi of jibbuu, Qobummaa filachuu, yaadaayuu fi gadduu…
  3. 3• Humni Qaamaa gadi ba’uu hirribaa fi Boqonnaa qaamaa dhabuu…
  4. 4• Dhukkubbii Harmaa fi garaa, gadaamessa keeysaa itti dhagayamaa…
  5. 5• Harkaa fi Miilla Qaamni dhiitayu/itayuu Bobbokokuu..

 

Mataa Bowwuun Yeroo marsaa laguu Uumamu (Menstrual Migraine) jedhamee Beekkamaa, Miirri mataa Bowwuu kun, kan Uumamu jijjiiramuu fi gadi bu’insa hoormoonota qaama keessatiin yoo ta’u, keessumattuu, Istiroojinii fi Proojesteron, irraa maddaa.. Rakkoowwan Marsaa Dhiiga laguu dubartootaa wajjiin wal qabatanu Mana keessatti Ofiin of yaaluuf Wantoota Armaan gadii fayyadamaa..

1• Jinjibiila yokan (Ginger) Fayyadamuun Mataa Bowwuu dabalatee Rakkoowwan Marsaa Dhiiga laguu Dubartootaa wajjiin wal qabatu hundaaf bu’aa guddaa qabaa, Qorannoo Saayinsii akka Agarsiisuutti jinjibiilli Dhukkubbii fi Rakkoowwan Marsaa Dhiiga laguu dubartootaa gosa Hundaaf Bu’aa Ajaa’ibsiisaa qabaa. Yeroo marsaa dhiiga laguu Shaayii Jinjibiilaa dhuguun Faaydaa guddaa qabaa. Haala itti fayyadama isaa Daakuu jinjibialaa jiidhaa isaa yokan gogaa isaa fallaana guddaa 5 Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee daqiiqaa 15 ibidda irratti danfisamee, akka shaayiitti dhugamaa guyyaatti Yeroo sadii fudhatamaa…

2• Shaayii Biqiltuu Na’anaa, yokan (Peppermint) dhuguun mataa Bowwuu fi miira jeeqamuu sammuu yaaddoo Fi kkf Yeroo marsaa laguu Dubartoota mudatuuf Bu’aa qabeeysaa..

3• Kefoo yookaan Massoobilaan Sirna Narvii Tasgabbeessuun dhukkubbii Yeroo marsaa dhiiga laguu dubartoota mudatu yaaluu keeysatti Humna Gaarii Qabaa, Haalli itti fayyadama isaa Daakuu baala isaa Jiidhaa isaa yokan gogaa, isaa fallaana guddaa

5 Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee Akka shaayii tti, Danfisamee Dhugamaa, Guyyaatti Yeroo sadii fudhatamaa. Dhukkuboota kalees ni fayyadaa..

4• Qarafaa yokan (Cinnamon) gosoota Urgeeyssitu Shaayii fi nyaataa keeysaa tokko yoo ta’u madaalli Hormonota Qaama keessatti Waan wal Qixxeeysuuf Rakkoo Marsaa Dhiiga laguu dubartootaa wajjiin wal qabatu hundaaf bu’aa Gaarii Qabaa, Haalli itti fayyadama isaa Daakuu Qarafaa fallaana guddaa 5 Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee Akka shaayii tti, Danfisamee Dhugamaa, Guyyaatti Yeroo sadii fudhatamaa. Akkasumas Daakuu Qarafaa fallaana guddaa 4 Damma fallaana guddaa 10 wajjiin walitti makamee, Bakka lamatti Addaan qoodamee, Ganamaa fi galgala fudhatamaa…

6• Hirdii yokan (Turmeric) daakuu isaa fallaana xiqqoo sadii Aanan Burcuqoo guddaa tokko wajjiin walitti makamee daqiiqaa 15 ibidda irratti danfisamee, yoo dhugame Rakkoo Dhiiga Marsaa Laguu Dubartootaa wajjiin wal qabatu hundaaf bu’aa guddaa qabaa, dhiigni laguu akka qaama keessatti kuufamee in hafne Taasisaa Akkasumas infeekshinii gadaamessaa ittisuuf tajaajilaa. Hubachiisa hirdiin Gabaa keessatti gurguramu Qorichaaf hin ta’uu, waan baayyeetu itti dabalamee daakama waan ta’eef Qorichaaf hin ta’uu, Yeroo hirdii akka Qorichaa tti, fayyadamuu feetan hirdii jiraa isaa Utuu hin daakamne gabaa irraa bitachuun itti fayyadamaa. Hirdii Qorichaaf ta’u Mana Qoricha Aadaa keessatti Argachuu dandeessuu.. Dubartoonni Yeroo haala kana keeysa jirtanu Boqonnaa fudhachuu fi Sochiilee qaamaa Salphaa gochuu. Yaaddoo Fi gadda Aarii hirrisuun Dirqamaa……

 

Rakkoowwan Marsaa laguu yaala Qorichaa Barbaadanu Gurguddoon jiru isaanis: Marsaan laguu Yeroo isaa Eeggachuu dhabuu, Yeroo duraan dhufu dursee namatti dhufuu, yokan Dafee dhufuu dhiisuu. Akkasumas Yeroo namatti dhufe Dhiigni Baayyinaan Humnaa Ol namarraa yaa’uu, Akkasumas dafee Namarraa dhaabbachuu diduu, namarra turuu fi kkf Waldhaansa fayyaa fudhachuu Barbaachisaadha. Qorichoota Rakkoo Hormoonotaa Baayyinas ha ta’uu hirrina hormoonii fi Sanyii wal hormaataa Nu biratti Arkachuu dandeessuu…. Telegiram Chanele keenya join godhaa itti makamaa

👇👇 https://t.me/ManaQorichaAadaaOromiyaa Facebook Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *