Dhukkuboota Onnee fi mallattoo isaa

Dhukkuba Onnee fi Dhiibbaa Dhiigaa (Cardiovascular Diseases)

 

(CVD) jecha bal’aa haalawwan rakkoo fayyaa adda addaa onnee fi ujummoo dhiigaa miidhan kan hammatedha. Dhukkubni Onnee dhukkuboota yeroo dheeraa namarra turanu fi yaaluuf ulfaataa ta’an keeysaa isa tokko yoo ta’u lubbuu Namootaa galaafachuu keessatti Akka Addunyaatti Sadarkaa Olaanaa irra jira! Bara 2020 keessa qofa sababa Dhukkuba Onneen lubbuun Namoota miliyoona 17.9 ta’an darbee jiraa. Gosoota Dhukkuba Onnee Ciccimoo keeysaa

Heart attack, fi stroke, hypertension, atherosclerosis fi kkf isaan beekkamodha.

 

Dhukkubni Onnee (Heart Disease) lubbuu namoota hedduu galaafataa jiru keessaa sadarkaa 1ffaa irratti argama. Onneen keenya guyyaatti dhiiga hanga leetira 5 oli maddisiisuu fi qaama hundaaf raabsuu irratti hojjetti. Onnee malee jireenyi waan yaadamuu miti!

 

Mallattoon dhukkuba onnee gosa dhukkubichaa fi cimina isaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a! Haa ta’u malee, mallattoolee beekamoo ta’an kanneen armaan gadii kana dha:

Mallattoo nama dhukkuba Onnee qabu irratti mullatu!

1. Dhukkubbiin gara Laphee/qoma keessaa namatti dhaga’amu, dhiibbaa dabaluu fi dhidhiita’uun fiixee qaamaa fi ulfaatinaa fi dhiphachuu fi kkf mallattoo jalqabaa ti.

2. Dha’annaan onnee dabalu onneen saffisaa, sirrii hin taaneen humnaa ol rukutuu saffisaan dabaluu yokan humnaa ol gadi dha’annaan Onnee gadi bu’uu.

3. Hafuura baafachuu dadhabuu keessumaa yeroo sochii qaamaa ykn yeroo ciisan hafuurri dhiphachuu.

4. Qufaa gogaa yeroo dheeraa namarra turuu, qufaan halkan yeroo hirriibaa namatti cimuu.

5. Dadhabbii sochii xiqqaa booda dadhabbiin itti dhagahamuu Sochii qaamaa dandamachuu dadhabuu, Yeroo sochii qaamaa xiqqoo godhee fi hojii xiqqoo dalage, humni qaama isaa dafee gadi bu’a, daandii xiqqoo dheeraa ta’ee fi daandii tabba irra deemu hafuura baafachuu dadhabuu fi rukuttaan Onnee cimuu.

6. Halluun fiixee qubaa fi qaamaa gogaa bifa diimaa qabaachuu! Haalluun yokan, bifti gogaa qaama xiqqoo gara magariisaatti jijjiiramu.

7. Miillaa fi harki dhiita’uu fi bokokuu Harkaa fi miilli sababa marsaa dhiigaa gaarii hin taaneef qabbanaa’uu, fi dhukkubu,

8. Halkan yeroo hirriibaa, gaggabuu fi of wallaaluu, yeroo waan nama rifachiisu dhaga’e Gaggabuu yokan yeroo aarii fi naasuu (akka tasaa of wallaaluu).

9. Sababa tokko malee irra deddeebi’ee mataan humna ol bowwaafachuu fi dhukkubu.Yeroo taa’uu fi ol ka’u jinjo’uu Burjaajii ykn xiyyeeffannaa irratti rakkachuu.

10.Dhiirota irratti dandeettii wal qunnamtii saalaa dadhabaa deemuu fi Guddinni Qaama saalaa dhiiraa gadi bu’aa deemuu fi ka’uu, diduu.

11. Fedhiin nyaataa jirachuu fi nyaata booda keessi isaa jeequmuu, boqonnaa dhabuu. Sirni bullaa’insa nyaataa jeequmuu, Garaachi nyaata bilcheessuu dadhabuu, fi nyaata booda garaan bokokuu fi qilleensaa gaazaan guutumu.

12. Dhibeen busaa yokan Wobaan irra deebi’ee nama qabuu fi qorichaan fayyuu diduu.

 

Gorsa kana hordofuudhaan fayyaa onnee keessanii fooyyessuu fi carraa dhukkuba onneetiin qabamuu keessan haalaan hir’isuu akkasumas onnee irraa fayyuu idandeessu. Onnee fayyaa ishee Eeguuf gorsa armaan gadii hordofuu qabda:

 

1. Xiyyeeffannoo guddaan Nyaata fuduraalee, kuduraalee, midhaan guutuu, pirootiinii xiqqoo fi cooma fayya qabeessa kan akka zayita ejersaa fi avokaadoo of keessaa qabu nyaachuu baayyisi.

Nyaata warshaan qophaa’e, cooma guutuu fi sukkaara itti dabalame, fi soodiyemii hedduu qabu fudhachuu irraa fagaachuu.

 

2. Yeroo Yeroon Sochii Qaamaa Gochuu xiqqoo gochuu.

– Sochii qaamaa kan akka saffisaan deemuu, fiigicha salpha afi biskileetii oofuu yoo xiqqaate torbanitti daqiiqaa 150 – Shaakala humnaa yoo xiqqaate torbanitti al lama kubbaa miillaa yokan harkaa yokan sochii qaamaa biroo gochuun fayyaa onnee fooyyessuuf gargaara.

3. Ulfaatina qaamaa Kee Hordofuu qabda Ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta’e qabaachuun fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaatif barbaachisaa dha. yoo barbaachisaa ta’e karoora ulfaatina qaamaakee hir’isuuf si gargaaru qopheessuuf hakiima ykn ogeessa soorataa mariisisuu dandeessa.

 

4. Tamboo fi hasjisha Xuuxuu Dhiisuu

– Tamboo xuuxuun hedduu onnee miidha! Tamboo xuuxuun dhukkuba onneef sababa guddaa ta’ee fudhatama! Yoo nama tamboo xuuxu taate, doktora kee irraa gargaarsa sagantaa tamboo xuuxuu dhiisuu irratti akka si gargaarru gargaarsa gaafadhu.

 

5. Yaaddoo fi Dhiphina dubbii Wal’aansoo Qabu irraa fagaadhu. Hirriba Gahaa Argachuu Fayyaa onneetiif hirribni gaariin hedduu barbaachisaa dha.

6. Yeroo Yeroon Sakatta’iinsa Fayyaa fi – Dhiibbaa dhiigaa kee yeroo hunda sakatta’uu fi yoo olka’e to’achuu.- Qorannoo Kolestroolii Hamma kolestroolii kee ilaaluu fi dhabuu ilaaluu fi to’achuu.

7. Alkoolii dhugaatii nama madeessu fayyadamuun irraa Of qusadhu!

Alkoolii dhuguun rakkoolee fayyaa adda addaa kanneen onnee irratti dhiibbaa hamaa geessisan fiduu danda’a. Gabaabumatti, alkoolii garmalee dhuguun rakkoolee fayyaa adda addaa fayyaa onnee irratti dhiibbaa hamaa geessisan, kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, alkooliin cardiomyopathy, dha’annaa onnee sirrii hin taane, dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu fi rakkoolee Onnee biroo dabalatee fiduu danda’a..

 

Wantoota Fayyaa Onnee keetii cimsuuf, dhukkuboota Onnee Ofirraa ittisuuf, gargaaran!

 

1. Guyyaatti Bishaan Leetira 2 Dhugii, bishaan qulqulluu dhuguun Fayyaa Onnee fi kalee, hadhooftuu Eeguu keessatti ga’ee Olaanaa qaba.

 

2. loomii fi Damma fayyadamu. Loomii fi Damma waliin fudhachuun faaydaa guddaa fayyaa Onnee keenyaaf qaba. Loomiin vitaamin C kan of keessaa qabu yoo ta’u, fayyaa Onnee fooyyessa Vitamin C antioxidant cimaa ta’ee Miidhaa free radicals onnee fi ujummoo dhiigaa irraan gahu kan eegu yoo ta’u Carraa dhukkuba kana irraa fayyuu guddisa.

Loomii fi dammi akka waliigalaatti adeemsa dhiigaa fi bullaa’insa nyaataa kan fooyyessu yoo ta’u, kunis ba’aa onnee irratti dhufu hir’isuun dandeettii hojii isaa haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf Dandeettii isaaf kenna.

Akkaataan itti fayyadama isaa: Damma Qulqulluu fallaana guddaa sadii fi Bishaan loomii fallaana xiqqoo sadii sirriitti walitti makamee ganama garaa duwwaatti fudhatama. Guyyaatti Yeroo lama fudhachuun baayyee filatamaa fi bu’a qabeessa.

 

3. Juusii yokan cuunfaa hundee diimaa, yokan Qayyi sirii ykn(Beetroot Juice) dhugu.

Hundee diiman Qabiyyeewwan antioxidant ta’an kanneen inflammation onnee hir’isuu fi dhangala’aan dhiigaa gahaan gara Onnee fi Onnee irraa gara qaamaatti akka deemu taasisa.  Akkaataa itti fayyadama: Hundee diimaa bifa Juusii yokan cuunfaa isaa burcuqoo tokko ganama garaa duwwaatti fudhatama, Torban keessatti yeroo 3 fayyadamuun gaariidha.

 

4. Shaayii Jinjibiilaa fi hirdii yokan (Ginger Tea)

Haalli itti fayyadama isaa.Daakuu jinjibiala fallaana xiqqoo lamaa fi Bishaan burcuqoo guddaa tokko wajjiin walitti makamee daqiiqaa 5 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda loomii Xiqqoo itti dabaluun garaa duwwaatti fudhatama, guyyaatti Yeroo Tokko.

Torban keessatti Yeroo 3 fayyadamuun baayyee gaarii fi bu’a qabeessa, Carraa dhukkuba Onnee fi sombaan qabamuu hirrisaa fayyaa Onnee cimsa.

4. Shaayii Suunqoo yokan Habishii Burcuqoo Tokko Halkan Hirriba Dura yokaan Ganama Nyaata Dura Dhugii Torban Tokko keessatti yeroo 3 fayyadami, carraa dhukkuba Onneen qabamuu hirrisaa.


Suunqoo/Shuqqoo/Habishii: Callaa isaa fallaana guddaa tokko bishaan ho’aa burcuqoo 3tti naqamee bula. Ganama bishaan sun calalamee Loomii firii tokko hammaan xiqqoo itti cuunfamee burcuqoo 1 garaa duwwaatti dhugama. Guyyatti yeroo 3 dhugama. Torban Tokko itti Fayyadamtu.

5. Shaayii Qarafaa Guyyaatti siinii yokan Burcuqoo shayii Lama ,Dhugii, dhukkuboota onnee hunda sirraa ittisa, bu’aa qabatamaa argitaa.

6. Shaayii Mooriingaa Dammaan Danfisii Torban keessatti yeroo 3 Dhugii, dhukkuboota onnee sirraa ittisaa.

7. Aannan,Baaduu Dhadhaan Sirriitti Keessaa Qulqulleeffame Torban keessatti Burcuqoo 3 Dhugii , fayyaa Onnee keetii siif Cimsa.

8. Juusii Timaan Timii Burcuqoo Tokko Torban keessatti yeroo 3 Dhugii Juusiin Timaan Timii Fayyaa Onnee Cimsuu ga’ee Olaanaa qaba.

Wantoonni Armaan Olitti ibsaman fayyadamuun, Yoo kanaan dura Dhukkuba Onnee wabda ta’e, baayyee bu’aa Siif qaba,

Akkasumas utuu dhukkubni Onnee sin qabin yoo itti Fayyadamte Dhukkuba Onnee fi kkf sirraa, ittisaa.

©️ Qopheesse: Giddu Gala Yaala Qoricha Aadaa Oromiyaa 🌿🔬

🌐 Website keenya share godhaa!

Facebook – Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa 👍❤️

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *