Makkanniisa muka cimaa Afrikaa Dhukkuboota 81 ol yaaluuf tajaajilu.

Faayidaalee muka makkanniisaa fi haala itti fayyadama isaa guutuu kunooti:
Profaayilii ibsa muka makkanniisaa: Maqaan isaa saayinsii “Croton macrostachyus Hochst” jedhamuun beekama Maatii “Euphorbiaceae” keessaa tokko yoo ta’u Maqaawwan beekamoon Afaan Amaaraa (Bisaannaa) jedhama. Afaan Oromoon Makannkisa yokan Bakkanniisa jedhama. Afaan Swahili (Muvule) jedhama.
Faca’iinsa makkanniisa:
Mukki kun Giddugaleessaa fi kutaalee Kibba Afrikaatti Bal’inaan kan argamuu Gaarreen Bakka olka’iinsa giddu galeessaa hanga lafa hedduu olka’aa ta’etti bosona keessatti argama. Makkanniisni muka qorichaaf oolu Afrikaa keessatti, keessumaa Itoophiyaa, Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa keessatti bal’inaan Argamu dha.
Qorannoo akka agarsiisutti muka kana dhukkuboota 81 oliif qoricha aadaa afikaa keessatti tajaajilaa ture. Kutaaleen mukichaa adda addaa — keessattuu gogaa hundee, hidda, baala, sanyii, fi baalli isaa – adda dureen Dhukkuba Busaa, dadhabbii onnee, paraasitii garaachaa fi marrimaanii, infekshinii gogaa, inflammation, qufaa yeroo dheeraa, rakkoo sirna fincaanii,rakkoo kalee,dadhabbii onnee, madaa qaamaa, fi haala inflammatory dabalatee dhukkuboota adda addaa yaaluuf qoricha aadaa keessatti bal’inaan itti fayyadamaa turan.
Xiinxala faayitookeemikaalaan kompaawundootni baayooaktiiwii hedduu kan qabu yoo ta’u qorannoo farmaakooloojii ammayyaa fi yaalii kilinikaa irratti hundaa’uun faayidaa isaa fi haala itti fayyadama isaa isiniif tarreessina.
Mukki kun Faayidaa Guddaa Qaba, Mootii mukkeen Afrikaa Akkasumas muka yaala Aadaa Ethiopia keessatti tajaajilan keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti argamu. Qobaa isaa Dhukkuboota Hedduu fooyyessuu fi Yaalee Fayyisuu Danda’a💯
muka makkanniisaa muka Kutaalee Itiyoophiyaa guutuu keeysatti Argamu yoo ta’u, Ethiopia Qoricha Aadaa Amhaaraa fi Tigree, keessatti Dhukkuboota ciccimmoo kan akka HIV fi kkf Tajaajila Waldhaansa bal’inaa hojiirra Ooluu isaa ragaa qorannoo Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Bahar Dar ni agarsiisaa.
Afrikaanonni muka kana dhukkuboota 81 Yaaluuf itti fayyadamaa turan! Garuu An as keessatti Dhukkuboota 30 ragaa qorannoo saayinsiin mirkanaa’an kan makkanniisaan yaalamuu fi ittisuu fi akkasumas salphisuu mukki kun yaaluuf tajaajilu Dhukkuboota 30 akka Armaan gaditti tarreesseen jira:
1. Malaariyaa, Dhukkuba Busaa wabaa yaaluuf.
2. Dhukkuboota Baakteeriyaa fi fangasii irraa Uumaman yaaluuf.
3. Dhukkuboota Raammoo fi jarmii yaaluuf.
4. Meeshaalee garaa keeysaa kan Akka Somba, Garaacha, marrimaan, Tiruu fi kalee Qulqulleeyssuuf.
5. Dhukkuboota Sirna hargansuu kan Akka Qufaa utaalloo, fi Qufaa Asmii hirrisuuf.
6. Madaa Qaamaa hatattamaan fayyisuuf.
7. Madaa gogaa qaamaa, Qunca’e, buqqa’e yaaluuf.
8. Vaayireesii fi dhukkubbii lafee, buusaa Dugdaa fi Lafee miillaa yaaluuf.
9. Raammoo garaa koosoo/Maagaa wosfaatii guutummaatti fayyisuu fi yaaluuf.
10. Dhukkuboota busaa, wabaa yaaluuf mallattoo isaa salphisuuf.
11. Dadhabina humnaa fi Rakkoo hirriba dhabuu yaaluuf.
12. Gogiinsa garaa fi Rakkoo sirna bullaa’insa soorataa yaaluuf.
13. Madaa Garaachaa fayyisuuf.
14. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf.
15. Rakkoo dhiiga laguu dubartootaa Sirreessuuf.
16. Xannacha qaama saalaa cimsuuf, Rakkoo qaama saalaa yaaluuf.
17. Nama ilbiisota Summii qabanu kan Akka bofa jawwee, qaajibboo Fi kkf heddame yaaluuf.
18. Nama summii nyaata yokan dhagaatii wajjiin fudhatee miidhame yaaluuf, summii qaama keessaa Qulqulleeyssuuf..
19. Dhukkuba gogaa kan sibiijjii jedhamu yaaluuf..
20. Madaatii gogaa, sababa Asiidii Garaachaan fuulla irratti ba’u yaaluuf.
21. Alaarjikii gogaa qaamaa yaaluuf.
22. Alaarjikii, hooksisaa ijaa yaaluuf.
23. Dhukkuboota Tiruu kan Akk dhukkuba Simbiraa yaaluuf..
24. Dhukkuboota Rajiijjii yaaluuf.
25. Fayyaa Afaan keeysaa fi ilkaanii Eeguu fi Baakteeriyaa miidhaa qabu Afaan keeysaa Qulqulleessuuf.
26. Mataa Bowwuu Garaachaa wajjiin wal qabatu yaaluuf..
27. Dhukkubbii Kutaalee qaamaa kan Akka lafee Dhugdaa harkaa fi miillaa hirrisuuf.
28. Dhukkubbii lappee qomaa yaaluuf.
29. Infeekshinii ujummoo fincaanii fi kalee keeysaa yaaluuf.
30. Dhukkuboota wal qunnamtii saalaan darbanu kan Akka cobxoo yaaluuf. Kanneen Armaan olitti ibsaman dhukkuboota mukki kun yaaluuf tajaajilu dha.
Sochiiwwan Farmaakooloojii muka makkanniisaa

mukki kun sochiilee Baayoloojii adda addaa kan Of keessaa qabu yoo ta’u isaan ijoo kanneen Armaan gadii kana: Amaloota anthelmintic, farra baakteeriyaa, farra maaykoobaakteeriyaa, farra garaachaa, farra fangasii, farra dhiita’uu, farra sukkaaraa, farra inflammatory, farra leishmanial, fi antioxidant dabalatee sochii farmaakooloojii bal’aa qaba. Akkasumas bu’aa farra sukkaaraa, farra raafama narvii fi tasgabbeessuu danda’u irratti qorannoon irratti gaggeeffameen mirkanaa’eeraa.
Faayitookeemikaalaa muka makkanniisaa: Faayitookeemikaalota adda addaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis kan akka alkaloids, flavonoids, fi tannins, Kompaawundoota feenooliik
Garee guddaa kompaawundoota antioksidaantii fi amaloota faayidaa qaban biroo qaban hedduu fi
Faayitoostiroolota kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis gocha farmaakooloojii adda addaa isaaf gumaacheera.
Makkanniisni dhukkuboota hedduuf dawaa ta’uu dandaya kanaaf Ragaan keemikaalota inni qabu keeysaa muraasni kunootii isiniif Tarreesseen jiraa.

Faayitookeemistirii Muka makkanniisaaFaayitookeemikaalotaa, 50 fayyadan Muka makkanniisaa kessatti argaman:
1. Alkaloids: Farra Baakteeriyaa fi fangasii, dhukkubbii qaamaa Tasgabbeessuuf Tajaajila.
2. Flavonoids: Antii oksidantii fi Farra Baakteeriyaa fi Farra Vaayireesii, dhukkuba onnee ittisaa..
3. Tannins: Farra Baakteeriyaa madaa qaamaa fi Dhukkuboota gogaa yaaluuf Tajaajilaa..
4. Saponins: infeekshinii Nyaata irraa Qaama keessatti Uumamu ittisa.
5. Terpenoids: Fayyaa gogaa qaamaa Cimsaa Farra waan nama hooksisuuti, madaa gubu qabbaneessa.
6. Steroids: Farra infeekshiniiti Akkasumas Madaala Hormonii qaama keessatti to’achuuf Gargaaraa.
7. Coumarins: Fayyaa maashaalee dhiigaa cimsaa, Eegdu Madaala dhiigaatii,Dhiibbaan dhiigaa daangaa ol Akk hin taane toohachuuf Gargaaraa..
8. Acid Phenolic: Farr oksidantii, dhukkubbii infeekshinii hirrisaa..
9. Anthraquinones: Garaa laaffisa gogiinsa garaa ittisa, Fayyaa sirna Bullaa’insa soorataa Cimsaa..
10. Carotenoids: Fayyaa Ijaaf gaariidha.
11. Lignans: Antii oksidantii, dhukkuba kaansarii ittisa.
12. Esters: Sirna Narvii Cimsaa, Qaama tasgabbeessaa..
13. Glycosides: Fayya Onnee cimsaa, dhiibbaa dhiigaaf gaariidha.
14. Organic Acids: Farra Maayikiroobiyaanii, Sochiilee Sirna bullaa’insa soorataa Cimsaa Baakteeriyaa Garaachaa ittisa.
15. Polyphenols: Antii oksidantii cimaadha, Dhukkuboota yeroo Dheeraa namarra turanu, kan Akka dhiibbaa dhiigaa fi sukkaara kkf ittisa…
16. Simple Phenols: Antii oksidantii, kaleen Akka hin madoifne Eegaa…
17. Triterpenes: Farra fangasii fi Alaarjikii infeekshinii googaa…
18. Isoflavonoids: Sochiilee Hormoonii ni daangessa.
19. Indoles: Dhukkuba Kaansarii ni ittisa.
20. Fatty Alcohols: Miidhagina gogaa qaamaa Dabalaa Fayyaa gogaa cimsuu fi dhukkuba ittisa.
21. Fatty Acids: Fayyaa Onnee fikkf cimsaa..
22. Quinones: Antii oksidantii, Dandeettii dhukkuba dandamachuu Cimsaa..
23. Phytoestrogens: Madaala Eegaa Hormoonii dubartootaa ni daangessa.
24. Hydroxycoumarins: Farra baayyina dhiigaatii, Dhiibbaa dhiiga ni foyyeessa.
25. Catechins: Carraa dhukkuba Onneen qabamuu hirrisaa, farra Oksidantii, fayyaa onnee fi sochiilee dhiigaa ni fooyyessa.
26. Epicatechins: Carraa dhukkuba Sukkaaraan qabamuu hirrisaa, Fayyaa onnee hojii irratti ni foyyeessa.
27. Apigenin: Farra infeekshinii fi Alaarjikii, dhukkubbii Tasgabbeessuuf Tajaajila.
28. Quercetin: Fayyaa onnee fooyyeessa.
29. Kaempferol: Farra Vaayireesii fi fayyaa Onnee fikkf cimsaa.
30. Luteolin: Lallaba dhukkubbii qaamaa Tasgabbeessuuf Tajaajila.
31. Rutin: Dhiibbaa dhiigaa fi Sochiilee dhiigaa irratti gargaarsa kennaa.
32. Eugenol: Farra Maayikiroobiyaanii, fayyaa qaamaa eegsa.
33. Choline: Fayyaa sammuu Cimsaa Sammuutti keessatti waa Qabachuu fi yaadachuu irratti gargaarsa Taasisaa..
34. Betaine: Fayyummaa Tiruu Eguu keessatti ga’ee qabaa…
35. Citrulline: Hiddoota Dhiigaa ballisaa akka hin dhippinne Taasisaa, Dhiibbaa dhiiga ittisaa, Sochiilee qaamaa biroo ni deeggaraa..
36. Allicin: Farra Baakteeriyaa, Qaamni keenya dhibee garaa garaa akka ofirraa ittisuuf Gargaaraa.
37. Hesperidin: Farra Vaayireesii fi infeekshinii, Fayyaa maashaalee dhiigaa tiksaa.
38. Curcumin: Oksidantii, dhukkubbii qaamaa garaa garaa hirrisaa.
39. Resveratrol: Oksidantii, dhukkuba onnee irraa nama tiksaa.
40. Caffeine: Sammuu dammaqsaa Dandeettii waa yaaduu fi xiinxalu Cimsaa.
41. Salicylic Acid: Farra infeekshinii googaa fikkf Finniisa yaaluuf Tajaajilaa..
42. Thymol: Farra Baakteeriyaa fi fangasii.
43. Ellagic Acid: Antii oksidantii fayyaa Seelii qaamaa tiksaa..
44. Ascorbic Acid (Vitamin C): Fayyaa googaa qaamaa tiksaa Dandeettii Dhukkuba dandamachuu Cimsaa.
45. Lycopene: Carraa dhukkuba kaansariin qabamuu hirrisaa.
46. Chlorogenic Acid: Sukkaaraa fi kolestiroolii LDL dhiiga keessatti xiqqeessa.
47. Eriodictyol: Farra infeekshinii fi Alaarjikii gogaa qaamaa.
48. Naringenin:Fayyaa onnee tiksaa .
49. Gallic Acid: Antii oksidantii dhukkuba onnee fayyada.
50. Silymarin: Fayyaa Tiruu tiksaa.
Kana malees Faayitookeemikaalota Hedduu kan qabaachuun isaa muka kana Qaalii gatii qabu isa taasisa.

Haala itti fayyadamaa Of Eeggannoo yeroo Muka makkanniisaa fudhannu gochuu qabnu:
Barreeffama Armaan olii keessatti faaydaa muka makkanniisaa fi Qabiyyee faayitookeemikaalotaa fi bu’aa isaa isiniif ibsine turre, dhukkuboota yaaluuf haallii itti fayyadama isaa akka Armaan gaditti: ibsineerraa.
Faayidaalee Farra Baakteeriyaa fangasii, farra Paarsaatii Raammoo Maxxantuu, farra Jaardiyaa fi Maalaariyaa waan ta’eef, Summii fi balfa, dhangala’oo garaa garaa, dhukkuboota nutti fidanu, Qaama keessaa Qulqulleessuu fi Dhukkuboota baakteeriyaa Namaa keessaa, Qulqulleessee baasuu danda’a.
Makkanniisa Wantoota Armaan Olitti ibsamaniif, haalli itti fayyadama isaa gogaa yokan quncee isaa, irraa baasuun erga Qulqulleessitan booda Tumamee Gaaddisa jalatti gogfamee daaakuun isaa Qopheessama, kana booda daakuun isaa Fallaana guddaa 2 Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee daqiiqaa 10 danfisama, Erga Qabbanaawaeen Booda ganama garaa duwwaatti fudhatamaa. Hanga Sa’aatii 5 waan tokko hin nyaatin hin dhugin, Akkasumas hojii hin seenin Boqonnaa fudhachuu qabduu, haala kanaan Guyyaa 2 itti fayyadami! Cobxoo yokan Dhukkuba dhiiraa dabalatee raammoo garaa koosoo wasfaatii maagaa qabda taanaan dawaa gaariidha!. Akkasumas Sirna Bullaa’insa soorataa Garaachaa fi Marrimaan (Digestive System Detoxification) keeysaa summii (Detoxification) Qulqulleessee dhabamsiisuuf si gargaara %100

Summii kalee fi Tiruu keeysaa Qulqulleessuuf, Dhukkuboota tiruu fi kalee ittisuuf Makkanniisa, Hundee yokan hiddaa Fi gogaa yokan quncee Jiidhaa isaa utuu hin gogin! walitti Tumamee/cafaqame, daakuun isaa Fallaana guddaa Tokko bishaan Burcuqoo guddaa 2 Wajjiin walitti makamee Daqiiqaa 10 Danfisama, kana booda yeroo xiqqoo qabbanaa’u Ganama garaa duwwaatti dhugama guyyaa yeroo lama ganamaa fi galgala itti fayyadama, haala kanaan guyyaa sadii fayyadamuun gaariidha! Garuu nama dhukkubni Tiruu itti cimee yokan tiruun isaa madaa qabuuf hin ta’uu 🛑
Dhukkuboota akka Ambeebaa fi dhukkuboota Baakteeriyaa fi kkf jarmoota garaa,garaa, kan miidhaa qabanu, garaa keeysaa Qulqulleessuuf, makkanniisaa baala jiidhaa isaa Tumamee fallaana, guddaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokkotti Naqamee Daqiiqaa 10 Danfisamee ho’aa isaa Ganama Garaa Duwwaatti dhugama! Aannanii fi galtee Amananii kamuu fayyadamuun hin ta’u🛑
Erga fayyadamtanii booda Hanga Sa’aatii 3 waan Tokko nyaachuu fi Fayyadamuun hin hin ta’u!
Haala kanaan torban keessatti guyyaa 2 fayyadamuun bu’aa guddaa qabaa.
Rakkoo Sirna marsaa dhiiga Laguu dubartootaa Sirreessuu fi dhukkubbii dhiiga yeroo dhiiga laguu fi Akkasumas dhiiga Hiddoota Qaama walhormaataa fi gadameessa, keessatti itite,kuufamee hafe, Qulqulleessuuf makkanniisa gogaa/quncee fi Hidda isaa walitti Tumamee, fallaana xiqqoo sadii Akka Shaayiitti Danfisamee Qabbanaa’e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Shaayii tokko dhuguma, akkasumas yeroo dhukkubni namatti dhaga’amu kamuu fayyadamuun gaariidha haala kanaan Guyyaa 3 qofa itti fayyadama..
Nama ilbiisota Summii qabanu kan Akka Bofaa, jawwee,Qaajibboo fi kkf hiddame yokan ciniinamuudhaan summuun miidhame yaaluuf,
Makkanniisa baala isaa fi gogaa, yokan Qunceen isaa Walitti Tumamee, Qaama bakka summiin hiddamee yokan bakka miidhame, irratti, dibamee bifa laafaa ta’een irratti Hidhama. Turtii Sa’aatii 6 booda ammas qamaa sana irraa miiccama ykn dhiqamee, Ammas akka haaraatti itti hidhamaa, haala kanaan guyyoota torbaaf itti fayyadamaa, summii qaama keessaa balleessuuf garaatti dhuguunis Dirqamaa..
Forforrii fi Qaaqee mataa yokan waan akka Roobbii, madaa Rifeensa keessatiif makkanniisa Baala isaa Xixiqqoon Tumamee Cafaqame Rifeensa mataa-tti dibamaa, yoo shamarran ta’e baala Makanniisaa xixiqqoo Bishaan wajjiin walitti makamee danfisama sana booda Rifeensaan dhiqama, Sa’aatii 3 booda Bishaan ho’aan rifeensa irraa Miiccama ykn dhiqamaa, Haala kanaan guyyaa 3 itti fayyadama.
Dhukkuboota Gogaa Kan Akka hoqxoo fi Sibiijjii, Cittoo fi Alaarjii gogaa qaamaa fi kkf Yaaluuf Makkanniisa Baallii isaa Tumamee gogaa qaamaa bakka dhukkubni jirutti Dibama, Daqiiqaa 30 Booda Bishaan Qulqulluun miiccama ykn dhiqamaa, baala makkanniisa haala kanaan guyyaa 7 itti fayyadamuun dhukkuboota gogaatiif, Bu’aa gaarii qabaa..
Dhukkuba gaggabdoo Salphisuuf, Dhukkuba Wabaa yokan Busee/Busaa fi Dhukkuba Sombaa fi Qorraa kan Akka Asmii fi Utaalloo, Qofaa fi Taayifoodii Fi Taayifeesii fi kkf Makkanniisa Baala isaa fi hidda, akkasumas Daakuu gogaa isaa walitti Tumamee, Fallaana Guddaa tokko bishaan Burcuqoo guddaa Tokko Wajjin walitti makame daqiiqaa 10 Danfisama, utuu hin qabbanaa’in damma Qulqulluu fallaana guddaa sadi itti dabaluun ganama garaa duwwaatti dhugama, Haala kanaan Guyyaa 3 hanga 5 itti fayyadamaa…
Dhukkuba Dhiiraa yokan Cobxoodhaaf Makkanniisa baala isaa Xixiqqoon yokan Xobbeen isaa Tumamee fallaana Guddaa xiqqoo lama Bishaan leetira walakkaa Wajjin walitti makame daqiiqaa10 Danfisamee, Erga Qabbanaa’een booda, bishaan danfisame kun bakka sadi’itti qoodama kana booda bakka tokko ganama garaa dhugama, kana hafe guyyaa yeroo laaqana waaree boodaa fi galgala dhugama haala kanaan guyyaa sadii itti fayyadamaa.
Qaama Sibiilli muree, yokan Waraanee, dhiigni isaa Dhangala’ee irraa Dhaabachuu dideef, makkanniisa Baalli isaa Xixiqqoon Tumamee Qaama bakka murame Sanatti dibama dhiiga Dhangala’u, Dafee Namarraa dhaabaa, madaa qaamaa hatattamaan fayyisuu dandayaa..
Walumaa galatti Haalli itti fayyadama muka makkanniisaa kana Fakkaata! Dhukkuboota adda addaaf doosii jedhameen dhuguun ni danda’ama!.
Makkanniisni Faayidaa Guddaa Qabaa Hata’uu Yeroo itti fayyadamtanu Of Eeggannoo gochuu qabduu
Yeroo makkanniisa fudhattanu of Eeggannoo Armaan gadii gochuu qabduu..
1. Dobratoonni Yeroo Ulfaa fi daa’ima hoosisatanu makkanniisa hin fudhatinaa.
2. Daa’immannii fi Namoota Umriin 60 ol ta’aniif makkanniisa hin kenninaa🛑
3. Makanniisni Ofiifuu keemikaalotaa fi Amaloota Qorichaa waan qabuuf Qorichoota Ammayyaa wajjiin walitti hih ta’uu! Yeroo Qoricha Ammayyaa mana yaalaa fudhataa jirtanu gonkumaa muka makkanniisa hin fudhatinaa..
4. Hanga jedhamee ol hin fudhatinaa Doozii Sirrii ta’een hanga Armaan olitti ibsameen fudhachuu qabduu.
5. Yoo amma fedhe faayidaan isaa isin gammachiisellee! Yeroo dheeraa yokan guyyaa hanga jedhamee ol fayyadamuu hin Qabdanuu..
Hirdoftoota keenya kabajamoo barreeffama kana qopheessuuf yeroo dheeraa nurraa fudhate!
Barreffama keenya kana dhuma isaa gama gadii irratti bifa Suuraa irratti Argitanu kanaan bakka Facebookii fi mallattoo Share jira,

kana keessaa bakka Facebook sana tuquun barreeffama keenya Qooduu/share gochuun Isinis hojii kana irritti nu deeggaraa! Yokan gara Facebookii keessanitti deebi’aa Share godhaa!
Odeeffannoo dabalataaf:Telegram channel keenya itti makamaa (join godhaa)👇https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya