Maqaan isaa Biqltuu Asmii jedhama! Maqaan saayinsaawaa “Euphorbia hirta” jedhamee beekkama!.
Biqltuu Asmii yokan “Asthma Weed” jechuun maqaa lafaa ka’ee kenname qofa miti; biqiltuun kun qoricha aadaa keessatti faayidaa yeroo dheeraaf qabu kan calaqqisiisu yoo ta’u, keessumaa akka yaala rakkoolee sirna hargansuu kan akka asmii, qufaa yeroo dheeraa fi Rakkoo dadhabina hafuura baafachuu fikkf yaaluu keessatti qabu irraa kan ka’e Maqaan kun kan moggaafame.
Biqltuu ogeeyyii aadaa biratti maqaa gaarii qabudha.
Biqiltuun kun qorannoo saayinsii 800 ol irratti kan godhame yoo ta’u, Qorannoon saayinsii kunis biqiltuun kun kompaawundoota keemikaalaa sochii qabaniin kan badhaadhe ta’uu isaa kan mirkaneesse yoo ta’u, Qorannoon Xiinxala qabiyyee Biqltuu kanaa akka agarsiisutti kompaawundoota biqiltootaa sochii qaban 298 ol kutaalee biqiltuu kanaa adda addaa keessatti Argamu. kunis Biqltuu kun biqiltoota qorichaaf oolanu keessaa bakka/sadarkaa olaanaa qabaatu taasiseera.
Biqiltuun xiqqaan lukaan irra deemnu kun guddinni isaa xiqqaa ta’us, faayidaan guddaan inni qabu qoricha aadaa fi qorannoo saayinsii ammayyaatiin mirkanaa’ee jiru! Biqltuu gatii guddaa qabu isa taasise jira.

1. Fayyaa sirna hargansuuf Ujummoo qilleensaa tasgabbeessa, qufaa fi Asmiin hafuura kutuu kan namarraa dhaabu yoo ta’u, yaala asmiif bu’aa gaarii qaba.
2. Antioxidant humna guddaa qabu kan Seelonni qaamaa miidhaa free radicals irraan gahu irraa eeguun kan badhaadhe yoo ta’u, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni guddisa.
3. Farra maaykiroobiyaanii: dhukkuboota Baakteeriyaa ittisa, Guddina baakteeriyaa fi fangasii miidhaa qabanuu murtaa’oo ni dhorka.
5. Fayyaa sirna fincaanii Cimsuu fi farra ho’a qamaa ta’e tajaajila.
Biqiltuun kun dhangala’aa fincaanii kan dabaluu fi ho’a qaamaa hir’isuu irratti bu’a qabeessummaa qaba.
6. Farra garaa baasaa yokan garaa keessaa ti, marrimaan Garmalee sochii gochuu ghir’isuu fi bokokuu yokan gaazii garaa yaaluuf tajaajila.
7. Koolestroolii miidhaa qabu hir’isuun Fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa fooyyessuu dhukkuboota akka sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa ittisuuf gumaacha olaanaa qaba.
8. Farra inflammator yinflammation qaama keessatti hir’isuun tishuuwwan dhiita’an tasgabbeessuuf gumaacha guddaa qaba.
9. Faayidaa biroo Raammoo marrimaanii fi dhukkuba ijaa yaaluuf oola.
10. Rakkoo bullaa’insa nyaataa Dhukkuba garaachaa, dhibee dhibee marrimaanii fi dhukkuba garaachaa yaaluuf oola.
11. Rakkoo gogaa Madaa, fi ekziimaa fi infekshinii gogaa qaamaa yaaluuf oola.
12. Dhukkuba busaa fi dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf tajaajila.
Akkaataa Itti Fayyadamaa fi Mala Qophii isaa yaala Aadaa keessatti

1. Baala isaa qulqulluu goggogaa fallaana xiqqoo lama bishaan ho’aa 150–200 ml, keessatti daqiiqaa 10-15f danfisama sana booda calaluun ho’aa isaa burcuqoo shaayii tokko dhugu.
Qufaa yeroo dheeraa fi afuura kutu fi sirna bullaa’insa nyaataaf guyyaatti al lama haala kanaan dhugama.

2. Namoonni dhibee garaachaa qaban Biqiltuu kana daqiiqaa 5f bilcheessuun bishaan isaa qabbanaa’aa burcuqoo shaayii tokko dhugu.

3. Cuunfaa baala isaa yokan Juice bifa Daangeffameen baala isaa haaraa fi qulqulluu hanga baay’ee xiqqaa ta’een cuunfamee fayyadamuunis ni danda’ama!
Biqiltuun kun dhangala’aa aannani Garaacha nama aarsu waan of keessaa qabuuf, tarii yeroo jalqabaatif dhugda taanaan si gubuu danda’a garuu dafee nama dhiisa.
Waliigalaa Doosiin sadarkaa saayinsiin murteeffame waan hin jirreef, hamma xiqqaa irraa jalqabuu fi deebii qaamni keessan irratti kennu hordofuun akka fayyadamtan isin gorsina!.
Yeroo dheeraaf ykn baay’inaan fayyadamuun gonkumaa hin ta’u!
Biqiltuu kana dubartoota yeroo ulfaa fi harma hoosisan akkasumas daa’immaniif kennuun hin ta’u!
Biqltuu kana qorichoota ammayyaa kamiinuu wajjin fayyadamuu hin qabdanu! Kana irraa of qusadha!.
Faayidaa fi nageenya keenya mirkaneessuuf biqiltuu kana yeroo itti fayyadamnu isa ta’uu isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha, sababiin isaas gosoonni Biqltuu biroo isaa wajjin wal fakkaatu danda’anu jiru!
Biqiltuchi S Biqiltuu waggaa waggaadhaan kan baala qabu, xixiqqaa ta’edha!.
Hiddii fi qaamni isaa rifeensa xixiqqoodhaan kan haguugame yoo ta’u yeroo Biqiltuu kana kuttan yokan murtan dhangala’aa xiqqoo adii aannan fakkaatu of keessaa qaba.
Biqiltuchi yeroo baayyee Naannoo tiroopikaalaa fi subtiroopikaalaa, qarqara daandii, lafa jiidhina qabuu fi qonna irratti ni biqila.

Biqilticha sadarkaa guddinaa jalqabaa keessa jiru yookaan ammoo baaala isaa kan dhihoo biqile sassaabuun itti fayyadama.
Biqiltuu kana naannoo qorichi farra aramaa ykn Keemikaalonni itti buufamee naannoo qulqullina hin qabne irraa fuutani fayyadamu hin qabdanu!
Baala isaa Bakka qulqullina qabu irraa walitti qabuun Biqiltuu kana baalaa fi damee isaa qulqulluu gogsuuf bakka qulqulluu gaaddisa jalatti bakka ho’a guddaa irraa fagaatee tti gogsuu gaariidha.
Dhuma irratti bakka Suuraa Facebookii yokan immo Share sana Tuquun barreeffama kana FB keessan irratti Share nuuf godhaa!!
Kanaan dura karaa FB barreeffama guutuu isiniif maxxansaa turre Garuu yeroo ammaa, Biqiltoota akkasii FB irratti maxxansuu hir’isuuf deemna Sababni isaa hanqina beekumsaa ykn fedhii hawaasa tajaajiluu dhabuu miti. Wanti FB irratti maxxansuu hir’isaa jirruuf sarbama mirga barreeffamaa (copyright violation) fi waan namni barreesse kooppii gochuun maxxansuu hawaasa keessatti baay’achuu irraa kan ka’eedha.
Ogeeysi fayyaa tokko barreeffama qopheessuu fi hawaasaaf maxxansuuf qorannoo fi kitaabota adda addaa dubbisee yeroo isaa gubee, hojii isaa dhiisee barreeffama qopheessa. Garuu namoonni hedduun ga’ee hojii isaanii dhiisanii FB ofii guddifachuu qofaaf maxxansa sana kooppii gochuun ittiin daldalu! Kun ammoo Qulqullina barreeffamaa fi kabaja ogummaa hamilee barreessaa ni cabsaa, naamusaa fi qulqullina barnootaa ni miidha. Namni waan hin beekne akkamitti Kooppii godhaa? Namni waan kan isaa hin taane akkamitti fuudhee maxxansaa? Kanaafuu kana booda website keenya kana keessatti isiniif maxxansina karaa kanaan namni tokko Kooppii gochuu hin danda’u! Kun dhaabbata fayyaa guddaa waan ta’eef FB qofa miti kunoo website mataa isaa qaba.
Akka salphaatti Google seentani Qorichaoromiyaa.com jechuun website keenya keessaa waan feetanu daawwachuu fi Namoota biroof Share gochuu dandeessu!.

Yaada keessan komentii jalatti barreessaa