Dhaabbata GrandBirr Grand Valley

Dhaabbata GrandBirr: Warraaqsa Dinagdee fi Moodela Bizinesii Halaalaa fi Ammayyaa

Addunyaan keenya yeroo ammaa warraaqsa teeknoolojii fi dinagdee keessa jirti. Adeemsi bittaa fi gurgurtaa aadaa irraa gara daldala diijitaalaatti (E-commerce) ce’aa jira. Dhaabbanni GrandBirr yaada kana gara hojiitti hiikuun, seera amantaa (Halaala) fi seera biyyaa waliin qindeessee dhiheesseera.

Dhaabbanni “Grand Valley” dhaabbata dhimmoota garaagaraa (Hospitaala, Kolleejjii, Phaarmaa fi Faayinaansii) irratti hojjetu yoo ta’u, pirojeektiin isaa haaraa GrandBirr jedhamu ammoo madda dinagdee hawaasaa jijjiiruuf waggoota kurnan darban qorannoo hayyoota Saayinsii dinagdee, seeraa fi Shari’aatiin deeggaramaa turee booda mirkanaa’ee milkaa’inaan banameera. Waggoota kurnan darban keessatti qorannoo fi xiinxala bal’aa gaggeessuun, rakkoo hiyyummaa fi madda galii dhabuu hawaasa keenyaa hiikuuf sirna daldalaa fi faayinaansii haaraa uumanii jiru.

Saayinsii dinagdee keessatti, “Economic Empowerment” jechuun hawaasni tokko madda galii of danda’e akka uummatu gochuu fi daandii mijeessuu dha. Haala kanaan, dhaabbanni Grand Valley pirojeektii isaa haaraa fi boonsaa kan ta’e GrandBirr ifatti tajaajila hawaasaaf kennu ifoomseera.

Dhaabbanni GrandBirr hojii cimaa fi Egeree hawaasaa keenya jijjiruuf dhaabbata moodela bizinesii ammayyaa, seera-qabeessaa fi guutummaatti bu’uura duudhaa dinagdee Islaamaa (Halaal) irratti hundaa’e ta’ee dhufeera.

Kaayyoon isaa Guddoon “Miliyoonota Miliyeenera Gochuu dha”

GrandBirr Bu’aa dhuunfaa qofa aragachuu fi eeggachuu irratti osoo hin taanee, Hawaasa humneessuun waliin guddachuu irratti hundaa’a.

Dhaabbatichi Kaayyoon isaa hawaasni akka Hiyyummaa irraa Bilisa Ta’uu fi “Komachuu fi Goomachu” keessaa ba’uun gara daldala dhugaa fi bu’a-qabeessaatti ce’uun ofii fi maatii ofii, biyya ofii duroomsuu gochuu dha.

Namni tokko Daldala guddaa eegaluuf kophaa isaa itti ulfaata! Akkasumas kasaaraaf saaxilamuu danda’a. Fakkeenyaaf Namni dhuunfaan tokko kophaa isaa Qoricha ykn Meeshaalee adda addaa biyya alaa irraa fichisiisee biyya keessatti daldaluun baay’ee isatti ulfaata sababni isaa kana gochuuf Danddeettii maallaqaa guddaa fi Beekumsaa fi muuxannoo gaafata.

Ha ta’uu garuu miseensa dhaabbata “GrandBirr” ta’uun rakkoo kana hunda hanbisuun Karaa salphaa ta’een carraa ati daldala gurguddoo (Import/Wholesale) keessatti hirmaattu siif uuma. Sababni isaa Grandbirriin humna walitti-hidhamiinsa hawaasaa (Social Capital) fayyadama. Namoonni dhuunfaan hojjetan caalaa, yoo walitti hidhamanii sirna daldalaa kana keessatti hirmaatan, humni isaanii ni cima, bu’aan isaanii dachaa ta’a.

Fakkeenyaaf Yoo Maallaqa baankiitti qusatte qabda ta’e, garuu daldala irratti muuxannoo hin qabdu ykn hojii biraa keessa jirta ta’e, Maallaqa kee GrandBirr keessa galchitee Dhaabbatichi maallaqa kanaan qorichaa fi meeshaalee adda addaa biyya alaa fichisiisee gabaa irratti daldala. Atimmoo lafaatii tokko malee Bu’aa daldala kanaan argamu irraa bifa waliigalteetiin qooda kee argatta.

GrandBirr bakka gurguddoo lamatti qoodama. Tokkoon tokkoon isaanii hiika saayinsawaa fi hojii qabatamaa qabu:

1. Daldala Mudaarabaa (Halal Business)

Saayinsii faayinaansii keessatti, “Mudaraba” jechuun “Trust Financing” Faayinaansii Amanmtummaa jedhama. Daldalli kun sirna dhalaa (Interest/Riba) irraa bilisa ta’ee fi dandeettii hojii fi daladalaa walitti fidudha.

Halaal Business jechuun daldala seera Shari’aatiin eeyyamamuu fi qulqulluu ta’e jechuudha. GrandBirr moodeloota daldalaa 14 irratti hojjechuuf karoorfate kana keessaa yeroo ammaa daldala Mudaarabaa yokan Bu’aa waliin Qooddachuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kana jechuun GrandBirr bakka isiniif bu’ee daldaluun bu’aa argamu bifa waliigalteetiin isiniif qooda.

Maallaqni ati daldala kana keessaa argattu seera amantaa (Shari’a) kan hin faallessine ta’uu isaa hayyoota amantaatiin mirkanaa’eera.

Akkasumas Dhaabbanni kun seera biyyaa guutee, ragaa qorannoo hayyoota dinagdee fi teknoolojiitiin deeggaramee kan uumame dha.

Dhaabbatichi Namoota haaraa miseensa isaa ta’an hundaaf leenjii daldalaa, amala hojii, fi teeknoolojii ni kenna. Kunis beekumsa namaa daldala irratti guddisa.

Akkuma beekkamu biyya keenya keessatti Namoonni hedduun maallaqa qabu garuu sababa garaagaraa kan akka muuxannoo dhabuu, yeroo dhabuu, biyya alaa jiraachuu, ykn dandeettii daldalaa dhabuun maallaqa isaanii sochoosuu fi faayidaa guddaa qabeenya ofii iIrraa argachuu hin dandeenye, abbaa qabeenyaa maallaqni isaa hin guddanne ta’uu danda’u!. GrandBirr immoo dandeettii, muuxannoo, fi neetorkii daldalaa isaa fayyadamee namoota akkanaa kana walitti fiduun abbaa hojii (Mudaarabaa) ta’ee hojjeta.

Namoonni hedduun gara daldalaatti seenuuf gufuuwwan akka beekumsa dhabuu, neetorkii dhabuu, muuxannoo dhabuu, biyya alaa jiraachuu, ykn dhaabbata amansiisaa wajjin hojjetan dhabuu fi kkf irraa kan ka’e daldalli isaanii danqamuu danda’a.

Dhaabbatni GrandBirr gufuuwwan kana hunda furuun carraa Daldalatti seenuu dandeessu dhiheessa. Dhaabbatichi “GrandBirr Mudaarabaa” fayyadamuun dameewwan daldalaa gurguddoo Kan akka Qorichaa fi Meeshaalee Fayyaa fi Meeshaalee Elektrooniksii Waliigalaa (General Electronics)

Meeshaalee Nyaataa fi Uffata (Food & Clothing) fi kkf Biyya Alaa irraa fichisiisuu fi raabsuu irratti bobba’ee jira. Kunis carraa madda galii amansiisaa fi qulqulluu Halaala ta’e argachuu hawaasa keenyaaf uuma.

2. Gabaa Diijitaalaa fi Walitti-hidhamiinsa gabaa Neetwoorkii daladalaa walitti hidhu.

Dhaabbatichi hojii kana raawwachuuf Gabaa Halaalaa yokan “Halal Market” sirna bittaa fi gurgurtaa ammayyaa tajaajiloota afur of keessaa qabu dha:

E-Commerce: Bittaa fi gurgurtaa toora interneetii:

Akkuma dhaabbilee akka Amazon fi Alibaba, meeshaalee adda addaa karaa online-itiin gabaaf dhiheessa Kunis Baasii bittaa fi gurgurtaa hir’isuun waan Daldalamu gabaa hundaaf dhaqqabamaa taasisa.

Digital Market: Sirna gabaa diijitaalaa ammayyaa:

Yeroo bittaa fi gurgurtaa raawwatamu Sirna kaffaltii fi gurgurtaa maallaqa harkaatiin ala (Cashless) ta’e hordofa.

Network Market: Daandii Masmara daldalaa (Networking) bal’aa uumuu:

Saayinsii “Social Capital” Qabeenya Hawaasummaa fayyadama. Namoonni walitti hidhamuun gabaa uumu. Kun humna bituu (Purchasing Power) hawaasaa ni cimsa.

Dandeettii geejjibaa Express Delivery: Maamiltootaaf Tajaajila geejjiba hatattamaan waan jarri fedhan hulaa manaa irratti dhiheessuu danda’a.

Amanamtummaa Dhaabbatichi namoota hawaasa keessatti hojii gurguddaa hojjachaa jiraniin hogganama.

GrandBirr hoggantoota muuxannoo qabanii fi hawaasa keessatti hojii gurguddaa hojjechaa jiraniin kan hundeeffame dha.

Hundeessaa fi hogganaan dhaabbatichaa keessaa Ijoon Namoota Naamusaa fi Amanmtummaa isaaniin hawaasa biratti beekaman keessaa tokko kan ta’e “Injinar Miftaah Jibril” Kan kanaan dura Hospitaala Grand Valley fi Kolleejjii Grand Valley akkasumas Dhaabbata Fichisiisaa fi Raabsa Qorichaa “Grand Valley Pharma” hundeessuun lammiilee hedduuf carraa hojii fi tajaajila fayyaa fi barnoota uumanii jiru.

Hojiin isaa hundi seera Shari’aatiin kan mirkanaa’e dha.

Namni kamuu ojii dhuunfaa ofii osoo hin dhaabin maallaqa ofii qofaan miseensa dhaabbata kanaa ta’uun madda galii dabalataa fi amansiisaa uummachuu danda’a.

Hogganaan dhaabbata Grand Valley, Injinar Miftaah Jibriil, Namoota Ciccimoo addunyaa keenyaa kan dhaabbata idiladdunyaa akka Jeff Bezos (Amazon), Jack Ma (Alibaba), fi Muhammad Yunus (Grameen Bank) akkamitti addunyaa akka jijjiiran akka fakkeenyaatti fudhatu. GrandBirriinis Haaluma kanaan lammiilee isaa gara badhaadhinaatti akka ceesisu amantaa guutuu qabu.

Xumura: Waamicha Gara Jijjiiramaatti Hoggantoonni Grand Valley akka jedhanitti, “Yeroon kun yeroo nuti itti teenyu osoo hin taane, yeroo nuti itti hojjannudha. Yeroo nuti kadhannu osoo hin taane, yeroo nuti itti kennannuudha.”

Bara 2025 kana keessa namoota 10,000 ol miseensa gochuun, gara fulduraatti miliyoonota duroomsuuf karoorfameera. Atis har’uma miseensa ta’uun, daldala halaal ta’e keessatti hirmaachuun seenaa kee dhaabbata guddaa kana waliin hjijjiiri!

Dhaabbaticha Argachuuf teessoo fi Lakkoofsa bilbilaa:

Finfinnee Magaalaa Shaggar (Furii) Gamoo Jifaar (Waliifan), Darbii 2ffaa.

Magaalaa Jimmaatti. Naannoo addaa “Yetebaabbaruutii” jedhamu Kolleejjii “Grand Valley” cinaa.

Lakkoofsa Bilbilaa : +251 91 77

5 6525 | +251 98 631 0268 | +251 92 786 7842

GrandBirr Daandii Badhaadhina Keessanii!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *