Gabaasa Guutuu fi Bal’aa: Yaada Hawaasaa fi Dhugaa Saayinsii Waa’ee Dhibee Kaansarii irratti….
Barreeffama kana keessatti Dhibee kaansarii irraa carraan fayyuu yokan Dhibee kana to’achuu akka jiruu fi wantoota carraa fayyuu dhukkubsatootaa dabalanuu hospitaalotaa fi ogeessota Akkamii biratti yaalamuu qabna kan jedhu bal’inaan ibsina…
Hawaasa keenya keessatti, yeroo baay’ee dhibeen kaansarii akka Dhibee dhuma jireenyaatti fudhatama. Namni dhibee kana qabame akkuma waan du’etti ilaalama, fayyuun hin danda’amu, yeroon isaa dhumateera jedhama. Yaanni faallaa saayinsii kun sodaa guddaa uuma, dhukkubsataa fi maatii/fira abdii kutachiisa, akkasumas namoonni gara mana yaalaa deemanii of qorachiisuu fi hordoffii gochuu irraa akka turan godha. Sodaa guddaa fi abdii kutachuu dhibee kaansarii yaadni kun uume kana irraa kan ka’e, namoonni hedduun abdi kutanii gara yaala saayinsawaa deemuu dhiisanii gara mana amantii (Masjida, Bataskaana, Church, fi kkf) qofa deemu. Kun immoo akka yeroon warqiin dhukkubsattoonni yaala jalqabuu fi carraa fayyuuf qaban (golden time) dabaruu fi dhibeen gara sadarkaa hamaatti akka ce’u taasisa.
Garuu, Dhugaan saayinsii nutti himu, “kaansariin hin fayyu” kan jedhu dogoggora ta’uu isaati.
Jalqaba bakki hubannoo guddaa barbaachisu Dhibee “kaansarii” jechuun dhibee tokko qofa osoo hin taane, Maqaa garee dhibeewwan kaansarii gosoota garaagaraaf moggaafame dha.
Tokkoon tokkoon gosa kaansarii bifa, amala, sababa, fi yaala adda addaa qaba. Fakkeenyaaf, kaansariin gogaa yokan “skin cancer” kaansariin dhiigaa yokan (leukemia) Kaansarii harmaa (breast cancer) fi kaansariin sombaa (lung cancer) fi kaansariin tiruu sababaafi yaala garaagaraatu kennamaaf. Kanaaf akkaataan yaalaa fi carraan fayyuu nama tokkoo gosa kaansarii inni qabame irratti hundaa’a malee, dhibeen “kaansarii” tasuma hin fayyu jechuun sirrii miti jedha.
Gosoonni Dhibee kaansarii hedduun yoo dafanii argaman yaalii qoricha keemikaalaa (chemotherapy) fi (radiation), fi baqaqsanii Hodhuu (surgery) guutummaatti dhabamsiifamuu danda’u. Gosoonni Kaansarii tokko tokkoo fi kan dafee adda hin baane immoo dhukkubsataan yeroo dheeraa jiraachuu danda’a.
Saayinsiin akka mirkaneessutti, furtuun guddaan carraa fayyuu kaansarii keessatti Dhibeen sun dafamee adda baafamuu isaati. Yeroo kaansariin sadarkaa jalqabaa (Stage I or II) irratti argamu, seeliin kaansarii naannoo murtaa’e tokkotti qofa argama, gara qaamolee birootti hin babal’atu Haala akkanaa keessatti, yaalli (surgery) qofti dhibee kana irraa fayyuuf gahaa ta’ee fudhatama, dhibicha guutummaatti balleessuu danda’a.
Garuu, yoo dhibichi Utuu hin mul’atin sadarkaa boodaatti (Stage III or IV) irra ga’ee seelonni kaansarii kutaalee qaamaa garaa garaatti babal’atan yaalli isaa ni ulfaata. Ta’us, kana jechuun namni sun fayyuu hin danda’u jechuu miti. Yaalii ammayyaa mana yaalaa kaansarii fayyadamuun, dhibicha to’annaa jala oolchuu akka hin babal’anne dhaabuu fi mallattoon isaa akka hir’atu gochuu fi umrii dhukkubsataa dheereessuun ni danda’ama.
Kunis haala dhibee yeroo dheeraaf nama qabu (chronic condition) fakkaata fakkeenyaaf akkuma dhibee sukkaaraa (diabetes) fi dhiibbaa dhiigaa nama qabu sana. Namni tokko kaansarii to’annaa jala oole waliin waggoota hedduu jiraachuu, jireenya gaarii fi tasagabbaa’aa dabarsuu danda’a.
Kaansarii irratti Ogeeyyiin fayyaa jecha “fayyuu” (cure) jedhu of eeggannoodhaan fayyadamu. Irra caalaatti jecha fooyya’uu gaarii mallattoon kaansarii qaama keessaa badu, “nageenya argachuu” (remission) jedhu fayyadamu kuni sababa seeliin kaansarii muraasni hafuu danda’uuf namni sun yoo hordoffii dhiise Dhibeen yeroo dheeraaf dhokatee booda deebi’uu danda’a.
Kanaafuu dhibee kana irratti “Cure” fayyina guutuu argachuuf erga namni sun yeroo dheeraa (waggaa 5 yookiin sanaa ol) “complete remission” keessa turee, dhibichi deebi’ee hin mul’anne dha. Kana booda fayyina guutuu cure argateera jedhama.
Waan fedhe ha ta’uu yeroon gara mana yaalaa deemuun yeroo hundumaa carraa fayyuu namaaf dabala.
Namoonni hedduun yeroo jalqaba mallattoo kaansarii agarsiisan gara Hospitaala Waliigalaa (General Hospital) yookiin Ogeessa Fayyaa Waliigalaa (GP) deemu. Kun waan dogoggoraa miti; adeemsa sirna yaala fayyaati. Garuu, rakkoon guddaan kan uumamu, erga hospitaalota wali galaa keessatti qorannoon jalqabaa taasifamee Dhibee kaansarii qabaachuun beekameen booda gara ogeessa addaa kaansarii (Oncologist) yookiin Wiirtuu Yaala Kaansarii Addaa (Specialized Oncology Center) tti erguun yeroo dheeraa fudhachuu yookiin tursiisuu dha.
Adeemsi kun carraa fayyuu dhukkubsataa bal’inaan gadi buusa. Kaansariin yoo dafee, sadarkaa jalqabaa irratti yaalame, carraan fayyuu ol’aanaa dha yeroo baayyee gara 50% – 90% ta’uu danda’a. Garuu Yoo dafee gara Ogeessa Addaatti ergamuu dhabee tursiifamee, dhibichi sadarkaa 3ffaa yookaan 4ffaa ga’e, carraan fayyuu hedduu gadi bu’a, yeroo tokko tokko sadarkaa fayyuun hin danda’amne ta’uu yookaan yaalli jireenya yeroo muraasa qofa dheeressuuf qofa ta’uu danda’a.
Hatattaamnaan gara ogeessa addaa kaansarii (Oncologist) tti ergamuu dhabuu yeroo dheeraa tursiisuun balaa guddaa qaba.
kaansarii erga mirkanaa’ee booda, Hospitaalli Waliigalaa sun gara Hospitaala Addaa kan Dhibee kaansarii irratti bojjetu (Specialized Cancer Hospital) bakka ispeeshaalistiin Ogeessi Kaansarii (Oncologist) jirutti nama sana gaggeessuu qaba. Ogeessi Fayyaa Waliigalaa (GP) Dhibee kaansarii adda baasuu (diagnose) fi to’annoo salphaa godhuu danda’a. Garuu yaala gadi fageenyaa kennuu hin danda’u.
Ogeessi Kaansarii (Oncologist) garuu Ogeessa kaansariif qofa leenji’e, muuxannoo qabu, fi yaala sirrii fi gadi fageenyaa kennuu danda’u dha. Kanaafuu
Carraa fayyuu guddisuuf, osoo danda’ame dafee gara Hospitaala Addaa (Specialized Cancer Hospital) deemuu fi Ogeessa Kaansarii (Oncologist) biratti yaalamuun murteessaa dha. Sababni isaas kaansariin dhibee walxaxaa fi gadi fageenya qabu waan ta’eef, beekumsa fi meeshaalee addaa barbaada.
Sababni isaas Hospitaalonni Kaansarii yokan Wiirtuuleen yaala kaansarii kun meeshaalee yaala kaansariif qofa oolan, ammayyaa fi gadi fageenya qaban (state-of-the-art technology) qabu.
Hospitaala Waliigalaa (General Hospital) keessatti:
Ogeessi fayyaa kaansarii hin jiru ogeessa fayyaa waliigalaa (GP) fi ogeessota bu’uuraa qofa argachuu dandeessa. Qorannoo bu’uuraa muraasa kan akka (blood test, ultrasound, x-ray) qofa argachuu dandeessa Qorannoon kaansarii qorachuuf barbaachisoon muraasa qofadha!.
Hospitaala Addaa (Specialized Hospital) keessatti:
Ogeessota Kaansarii Ciccimoo fi (Oncologists), Radiologist, Pathologist, Surgeon, fi Pharmacist Oncology walii galaan hojjatan argachuu dandeessa, Akkasumas
Qorannoon addaa fi qulqullina qabu kan akka Biopsy fi CT/MRI/Tumor markers Cancer staging sirrii raawwatama. Kunis carra fayyuu dabala.
Wantoonni Dhukkubsattoota kaansarii biratti carraa fayyuu miidhuu fi bu’a qabeessummaa yaala kaansarii guutummaatti yookiin gadi buusuu kan danda’an sababoonni, ilaalchawwan, yaadotni, gochootni fi wantootni ijoon saayinsiifi aadaan wal qabatan kunooti..
Wantoota Bu’a Qabeessummaa Yaala Saayinsawaa Miidhan:
Gara Mana Amantii qofa Deemuu: Yaala saayinsawaa guutummaatti dhiisanii, gara mana amantii qofaatti (masjida, bataskaana, kkf) hirkachuun yeroo ofii gubuudha. Kadhannaan humna sammuu kenna malee, qoricha kaansarii hin ta’u! Kanaafuu Kadhannaa fi yaala wal faana deemsiisuun barbaachisaadha.
Erga dhibeen kaansarii ta’uun shakkamee yookiin adda ba’ee booda, Hospitaala Waliigalaa yookiin Ogeessa Fayyaa Waliigalaa (GP) biratti yeroo dheeraa yaalamaa turuu fi gara Ogeessa Addaa Kaansarii (Oncologist) deemuu dhabuun balaa guddaadha.
Dhiphina Dinagdee:
Namoonni hedduun Sababa baasii yaala kaansarii sodaataniif, gara mana yaalaa deemuu dhiisanii turu yookiin yaala guutuu osoo hin fudhatin addaan kutu kunis dhibee hammeessa. Akkasumas Gara ogeessa fayyaa saayinsawaa osoo hin deemin, qoricha aadaa yookiin Kan saayinsiidhaan hin deeggaramne filachuun, dhibichi akka babal’atu Carraa kennuu!.
Yaala Addaan Kutuu:
Dhiphina miidhaa qorichaa (side effects) chemotherapy yookiin radiation irraa dhufuu irraa kan ka’e, ogeessa osoo hin gaafatin yaala addaan kutuun, dhibichi deebi’ee humna guddaadhaan akka dhufu taasisa. Akkasumas Erga yaalli xumuramee booda, hordoffii yeroo yerootti (follow-up checkups) ogeessi ajaje dhiisuun, yoo dhibichi deebi’e dafanii adda baasuu fi yaaluu dhabuutti geessa.
Qoricha Ajaja Malee Fudhachuu: Qoricha garagaraa, vitamiinota, yookiin supplement qoricha kaansariif kennamuu wajjin wal fakkaatu ajaja ogeessa malee fudhachuun, miidhaa gara biraa fiduu yookiin bu’aa qoricha sanaa hir’isuu danda’a.
Nyaata Madaalawaa Dhabuu:
Dhibeen kaansarii qaama baay’ee laaffisa. Nyaata madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e dhabuun yookiin lagachuu fayyaa qaamaa dadhabsiisa! Carraa fayyuu hirrisa akkasumas Alkoolii dhuguu fi tamboo xuuxuun, bu’aa yaalaa hir’isa, akkasumas miidhaa kaansarii sanaa caalu fiduu danda’a.
Gochoota/Yaadota/Ilaalchawwan Yeroon Gara Yaalaatti Deemuu Dhabuu Fidan Ilaalcha “kaansariin du’a” jedhu irraa kan ka’e, namoonni dhibee isaanii dhoksu, yookiin yaala jalqabuuf sodaatu. Sodaan kun gara mana yaalaa deemuu dhabuun yeroo murteessaa (golden time) akka dabru taasisa.
Barreeffamni Kutaa itti Aanu keessatti gosoota Nyaataa fi dhugaatii Dhibee kaansariif bu’aa qabanii fi bakka yaalaa kaansarii isiniif ibsina…
Barreessaan Uzefa Mohammedawwo Shifa
🌿 Expert in Herbal Medicine | Scientific Health Research Analyst | Writer & Translator
📚 Madda Wabii Saayinsaawaa (Scientific References)
1⃣ American Cancer Society (ACS) American Cancer Society. Cancer Facts & Figures 2024.
2⃣ World Health Organization (WHO) – Cancer Fact Sheets WHO. Cancer Key Facts. Updated 2024.
3⃣ National Cancer Institute (NCI) – USA National Cancer Institute. SEER Cancer Statistics Review, 1975–2023.
4⃣ European Society for Medical Oncology (ESMO)ESMO Clinical Practice Guidelines. 2023–2024.
5⃣ American Society of Clinical Oncology (ASCO)ASCO. Cancer.Net Professional Resources – Updated 2024.
6⃣ The Lancet Oncology JournalGlobal Burden of Cancer 2023 Early detection and cancer survival research
7⃣ Journal of Clinical Oncology (JCO) Survival outcomes related to early diagnosis Impact of treatment delay on cancer mortality
8⃣ British Medical Journal (BMJ) – Cancer Research Effect of diagnostic delay on cancer survival (BMJ, 2022).
9⃣ Naional Comprehensive Cancer Network (NCCN) Guidelines
NCCN Clinical Practice Guidelines in Oncology. 2024 Edition.