Jimaa/caatii fi dhugaatii Alkoolii

Jimaa fi Dhugaatii Alkoolii: Wal Bira Qabiinsa Miidhaa Fayyaa Saayinsaawaa fi Ilaalcha Hawaasummaa Ibsa saayinsaawaa jimaa fi dhugaatii alkoolii irratti….

Barreeffamni kun ibsa bal’aa, dhimma jimaa/Caatii yokan (Catha edulis) fi dhugaatii alkoolii (ethanol) Maalummaa fi garaagarummaa fi ilaalcha hawaasummaa fi seerota addunyaa madaaluun Ija saayinsiitiin miidhaa fayyaa isaan qaama namaa fi hawaasa irratti geessisan ibsa saayinsaawaa fi salphaatti hubatamuu danda’u kan walitti qabee dhiyeessuu irratti xiyyeeffata….

Seensa fi Ka’umsa Dhimmaa:

Addunyaa keenya irratti, wantoonni sammuu namaa irratti dhiibbaa geessisan hedduun jiru. Haa ta’u malee, ilaalchi hawaasummaa, seeronni biyyootaa, fi fudhatamni isaan argatan baay’ee adda adda yoo ta’u dhimma kana irratti Fakkeenya guddaa kan nuuf ta’uu dandaa’u Biqiluu jimaa yokan Caatii fi dhugaatii alkoolii (ethanol) dha. Ilaalchi wantoota lamaan kanaaf kennamu yeroo baayyee saayinsii qofa irratti osoo hin taane, aadaa fi dhiibbaa siyaasaa irratti kan hundaa’e dha.

Akkuma beekkamu Namni hundi waan naannoo isaatti argamuu Argaa dhahaa guddata. yaadni fi ilaalchi inni waan tokkoof qabus haaluma naannoo ofitti argaa guddate sanaan ta’a. Fakkeenyaaf

Hawaasa tokko biratti Jimaa fayyadamuun aadaa fi hawaasummaa keessatti waan fudhatama qabuu fi seera qabeessa namoonni ciccimoon naannoo sanaallee fayyadamanidha. Alkooliin immoo jibbamaa dhoorkaa dha.

Oromiyaa Bahaa Harargee fi Lixa Oromiyaa jimmaa fi Iluu abbaa Booraa fi Qonnaan bultoota kibba itiyoophiyaa biratti jimaan ummata naannoo kanaaf dhimma lubbuu jiraachuuti malee qoosaa miti madda diinagdee fi hawaasummaa, barnootaa fi hariiroo hunda keessaatti Gahee olaanaa taphata! Jireenyi guutuun sana irratti hirkata. Naanno biraatti mmoo jimaan akka waan hamaa fi namni Sirrii hin taane fayyadamutti ilaalama. Namni Naannoo jimaan hin jirre kanatti guddate jimaa fi nama jimaa fayadamu tuffachuu, yokan akka nama hirdhina qabutti ilaaluu danda’a kunis beekumsa saayinsii irratti hundaa’ee osoo hin taane ilaalcha Naannoo keessatti dhalatee irratti hundaa’eeti! Madaalli kun beekumsaa miti waan ta’ee Barreeffama kana keessatti ibsa saaynsii irratti hundaa’e kennina.

 

Seenaa fi Fayyadama Jimaa:

Jimaan, maqaa saayinsawaatiin “Catha edulis” jedhamuun beekamu, biqiltuu naannoo baha Afriikaa fi jiddu galeessa Arabiyaatti beekamuudha. Argamni isaa jalqabaa Itiyoophiyaa yoo ta’u, jaarraa tokkoffaa fi ja’affaa gidduutti gara Yamanitti galfamee Sana booda suuta suutaan akka gara biyyoota addunyaa birootti babal’ate Dubbatama.

Yeroo ammaa jimaan Itiyoophiyaa, Yaman, Keeniyaa, Somaaliyaa, Yugaandaa, fi Eertiraa keessatti, jimaa qaamuun yeroo baayyee jireenya hawaasummaa keessatti baratamaadha. Keessaahuu, guyyaa ayyaana, gaa’ela, fi walga’ii hawaasummaa biroo keessatti gahee olaanaa qaba. Qorannoon akka agarsiisutti, naannolee jimaan baay’inaan argamu keessatti umriin namoonni dhuunfaa jimaa qaamuu jalqaban waggaa 10 fi isaa olii ta’uu danda’a, kunis carraa barnootaa daa’imanii irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Yeroo ammaa kana, akka qorannoon bara 2017 gaggeeffame ibsutti, itti fayyadamni jimaa biyyoota akka Ameerikaa, Yunaayitid Kingidem, Dhiha Awurooppaa, Sa’ud Arabiyaa, Awustiraaliyaa, Siwiizerlaandi fi Jarman keessatti baay’ee babal’achaa jira. Sababa kanaaf, biyyoonni kun seera jimaa to’atu irra deebi’anii cimsanii baasaa jiru.

Maalummaa fi Amala jimaa ija saayinsiitiin:

Jimaan Uumama isaatiin Jimaan Dadhabbii fi miira mukaa’uu ittisuuf hojiitti kaka’uuf, tajaajila. Akkasumas dammaqina sammuu dabaluun Miira gammachuu fi waa,yaadachuu fooyyessuu fi dhukkubbii salphisuu danda’a sababa Kanaaf namoonni hedduun miliyoona 30 ol jimaa Caatii fayyadamu.

Jimaan akka wanta nama sochoosu (stimulant) dammaqsuutti ramadama. Sababni isaas, keemikaalota gurguddoo lama, cathinone fi cathine jedhaman of keessaa qaba. Keemikaalonni kunis sirna neervii giddugaleessaa (CNS) kakaasuun Miira dammaqina guddaa, gammachuu daangaa hin qabne (euphoria), fi xiyyeeffannoo sammuu fi cimina qaamaa kakaasa.

Namni jimaa nyaatu miira dammaqinaa qabaata, Sammuunsaa saffisaa fi dammaqinaan yaada malee jimaan akka dhugaatii Alkoolii dandeettii yaaduu hin balleessu, qaama to’achuu hin laaffisu/hin macheessu.

Namoonni jimaa qama’an yeroo dheeraaf, sa’aatii baay’eedhaaf nyaatu Miirri inni fidu machii dhugaatii alkoolii wajjin tokko miti. Namni tokko jimaa yokan caatii fayyadamee Sa’aatii muraasa booda Dammaqina guddaa fi miira gammachuu fi haasa’uu dabaluu akkasumas Beela fi dadhabbii namarraa dhageessa.

Gaaffii jimaan Akka Alkoolii Macheessaa? Jedhuuf Deebiin “Lakki” Jimaan miira sammuu namaa dammaqsuu malee, akka alkoolii machii fidee yaada burjaajeessu hin qabu qaamas hin laaffisu. namni sun hin machaa’u sirriitti yaaduu danda’a. akka dhugaatii alkoolii nama hin macheessu, garuu miira dammaqinaa fi gammachuutiin guutame uuma.

 

Qorannoon addunyaa kan WHO, CDC, UNODC, The Lancet fi pharmacology hedduun walitti qabame kan agarsiisu: jimaa/Caatiin Qoricha sammuu namaa hadoochu miti. Garuu akka Qoricha sammuu namaa kakaasu cimaa kan “cathinone” wanta “amphetamines” wajjin walfakkaatu kan dammaqina cimaa Dabaluu fi fedhii nyaataa dhabuu dabaluu fidu of keessaa qabudha. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti jimaan “Waan sammuu hadoochu osoo hin taane wanta araada ta’uun miidhaa geessisu hirkattummaa xiinsammuu salphaa fiduu danda’u” Kana waan ta’eef Dhaabbanni fayyaa addunyaa Bara 1972 qabiyyee baala sammuu namaa adoochuu wajjin walfakkaatu qaba jedhee akka baala sammuu adoochuutti seeraan ala jedhee murteesse.

Maalummaa fi Amala Alkoolii ija saayinsiin:

Dhugaatii alkoolii jechuun, akka saayinsiitti, wantoota dhangala’oo kemikaala (ethanol yookaan ethyl alcohol) jedhamu baay’ina adda addaan of keessaa qabanudha. Dhugaatiiwwan beekamoon Alkoolii jedhamanu kan akka biiraa, kuulii, araqee, daadhii yokan xjjii fi kkf dhugaatii nama macheessu kan Aadaa fi Ammayyaa hundi isaanii alkoolii kan qaban yoo ta’u, balaa fayyaa guddaa fi qabatamaa ta’e qaqqabsiisuu kan danda’anidha.

Alkooliin akka Jimaa nama Dammaqsaa? Lakki Alkooliin faallaa jimaati; qaama namaa laaffisa malee hin dammaqsu. Jimaa Wajjin Garaagarummaa Guddaa qaba. Wanti Alkooliin nama irratti fidu Dandeettii qaama to’achuu gadi buusa, Yaada Sammuu burjaajaa’uu (confusion) waan dubbachaa jiru wallaaluu, Dadhabbii walii galaa hamaa fida.

Alkooliin (ethanol) akka wanta nama dadhabsiisuutti ramadama. Kana jechuun, inni sirna neervii giddugaleessaa hir’isa ni dadhabsiisa malee hin kakaasu. namni alkoolii dhugee danda’ee Of hin too’atu! dhiibbaa Alkoolii irraa madduun to’annaa qaamaa dhabuu fi yaadni isaa burjaajaa’uu, murtii kennuu dadhabuu danda’a. Kunis akkuma baayyina Alkoolii namni tokko dhugeetiin hanga gaggabuu fi Of wallaaluu fiduu danda’a.

Alkooliin, ija saaynsiin wanta nama adoochuu fi summii (toxin) dha. Dhugaatii Alkooliin walqabatee Qorannoon saayinsii addunyaa irratti geggeeffame kan akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi dhaabbilee qorannoo biroon mirkanaa’e akka argisiisutti alkooliin dachaa hedduun jimaa caalaa balaa fi miidhaa fayyaa fi hawaasummaa guddaa qaba Alkooliin gosoota kaansarii torbaaf sababa cimaa akka ta’e qorannoo saayinsiin mirkanaa’eera, keessaahuu gosoota kaansarii akka kaansarii harmaa, kaansarii tiruu, fi kaansarii garaachaa fi kkf sababa guddaa dha. Akkasumas Alkooliin sababa guddaa dhibeewwan lubbuu galaafatan kan akka Dhibeewwan Tiruu (Liver Diseases) kan akka (alcoholic hepatitis), duubee tiruu (fibrosis), fi (cirrhosis) fi Dhibee tiruu CLD fi Dhibeewwan onnee fi Dhibeewwan kalee fi dhibee sammuu adda addaatiif sababa guddaa dha.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO`n gabaasa isaa kan “harmful use of alcohol” jedhu keessatti — Kallattiin akkas jedhe: Alkooliin “Dhukkuboota 200 ol ta’aniif sababa jalqabaa fi ijoodha” jedhee ibse akkasumas “Alkooliin akka addunyaatti waggaatti du’a namoota miliyoona 3.3 sababa ta’aa jira, akkasumas Alkooliin dhibeewwan daddarboo kan akka TB fi HIV/AIDS caalaa lubbuu namootaa galaafachuu irratti argama. Akkasumas balaan konkolaataa Dhibbantaa 35 sababa Dhugaatii Alkooliin walqabatee uumama.

Saayinsiin guutummaatti akka mirkaneessetti, alkooliin summii cimaa dha. Rakkoo fayyaa cimaa fi balaa hawaasummaa guddaa fiduun, waggaatti lubbuu namoota miiliyoonaan lakkaa’amanii galaafata. Alkooliin dhugaatii xinnoon illee balaa fiduu danda’a. Kanaafuu, ogeeyyiin fayyaa fi qorannoon addunyaa akka gorsanitti, sadarkaan dhugaatii nageenya qabu hin jiru; ilmi namaa guutummaatti dhuguu dhiisuu qofa jedha.

Walbira Qabinsa Alkoolii fi Jimaa (Scientific Comparison):

Jimaa yokan (Catha edulis) Miidhaan isaa kan alkoolii irraa salphaa ta’ullee biyyoota Baha Afriikaafi Arabiyaa muraasa malee, addunyaa irratti akka qoricha seeraan alaa (illegal substance) ilaalamuu fi dorkaama. Kunis sababa dhiibbaa aadaa fi siyaasa biyyoota dhihaa irraa kan madde dha.

Qorannoon gabaasa saaynsii Qorichootaa “Drug Science” jedhamu kan (The global burden of disease attributable to alcohol and drug use) jedhu keessatti, sadarkaa miidhaa qorichoota adda addaa irratti safarameera.

Qorannoo kana keessatti: 

Alkooliin qabxii miidhaa waliigalaa 72 argate, kunis qoricha hundumaa keessaa sadarkaa miidhaa guddaa kan qabu ta’uu agarsiisa.

Jimaan (Khat) garuu qabxii miidhaa waliigalaa 9 qofa argate. Kana jechuun, ragaa saayinsiitiin, alkooliin jimaa irra tilmaamaan dachaa saddeetiin (8 times) miidhaa guddaa qaba jechuudha. Kunis Alkooliin summii Miidhaa Fayyaa Cimaa fi Balaa Hawaasummaa lubbuu namootaa galaafatudha. Qorannoon kaansarii idil addunyaa IARC keessatti alkooliin wantoota kaansarii fidan “Group 1 carcinogen” jedhamuun kan ramadameera. Garuu jimaan kaansariis ta’ee carraa kaansariin qabamuu tokkollee hin fidu.

Seenaa, Siyaasaa fi Kolonii (Historical Context) Sababoota jimaa seera alaa, alkoolii seera qabeessa taasisan: 

Gaaffiin guddaan maaliif addunyaan dhugaatii alkoolii kan balaan isaa saayinsii fi ragaadhaan mirkanaa’e seera qabeessa gootee, Jimaa kan balaan isaa xiqqaa immoo akka qoricha seeraan alaatti murteessite? Kan jedhuuf Deebiin isaa murtiin kun qorannoo saayinsiin mirkanaa’e osoo hin taane aadaa fi siyaasa, Kan Seenaa fi Koloniyaalizimii wajjin kan wal qabatudha Biyyoonni dhihaa kan seera addunyaa baasan aadaa alkoolii fayyadamuu qabu turan. Yeroo isaan seera qoricha addunyaa baasani wantoota aadaa isaanii hin turre Jimaa fi kkf akka hamaatti ramadan. Akkasumas Gabaan alkoolii addunyaatti doolaara biliyoonatti lakkaa’amuudha. Mootummoonni gibira guddaa dhugaatii Alkoolii irraa argatu. Daldala kana dhiisuun isaaniif hin danda’amu. Jimaan immoo waan naannoo murtaa’ee fi biyyoota diingadee guddaa hin qabne keessatti beekkamudha. Akka Alkoolii bifa adda addaan oomishamee galii biliyoonaa Galchuu hin danda’u Kanaafuu warri dhihaa dantaa isaa hin qaban. Akkasumas Biyyoonni Jimaa oomishan (akka Itoophiyaa) dhiibbaa siyaasaa addunyaa irratti akka biyyoota gurguddoo hin qaban.

Garaagarummaan ilaalcha Jimaa fi alkoolii irratti mul’atu dogoggora guddaa fi haqa dhabina addunyaati. Dhimmi kun saayinsii qulqulluu osoo hin taane, siyaasaa, seenaa fi aadaadhaan kan qabame dha. Jimaa namoota naannoo tokkoof madda jireenyaa, aadaa fi galii yoo ta’u, naannoo biraatti immoo akka qoricha hamaatti ilaalama. Kunis guutummaatti saaynsii irratti kan hundaa’ee miti! Jimaan hanga Alkoolii miidhaa fayyaa fi hawaasummaa hin qabu.

Namni tokko Yoo gara naannoo dhaloota isaa irraa gara naannoo biraa deemee ilaale garuu waan baayyee hubachuu danda’a.

Oromiyaa keessatti Namni Yuunivarsiitii seene Utuu jimaa hin qaamin bahu muraasa! Namoonni hedduun jimaa qaamaatuma baratanii bakka Guddaa gahu, namni qaamu hundi akka nama jireenya irraa abdii kutee fi nama badaatti ilaaluun dadhabina guddaadha! Ni dhokse malee itiyoophiyaa keessatti bara jireenya isaa keessatti kan jimaa hin qaamin muraasa qofa. Jimaan qaamuun dadhabina yoo ta’e Alkoolii dhuguun immoo Of Ajjeesuudha.

As irratti wanti Hubachuun barbaachisaa ta’u jimaan miidhaa fayyaa hin qabu jedhaa hin jirru! Lafa kanarratti wanti hundi miidhaa fayyaa fi hawaasummaa mataa isaa danda’e qaba! Haala itti fayyadama fi aadaa namoota dhuunfaa irratti hundaa’ee jimaan miidhaa fayyaa fi diinagdee qabaachuu danda’a. Garuu summiin hamaan Farshoodha malee jimaa miti. Waa’ee Of Eeggannoo jimaa Wajjin walqabatee kanaan dura barreeffama dheeraa website fi FB keenya irratti maxxansinee jirraa.

Barreessaa fi Qopheessaan Narrative Review Huzayifaa Mohammedawwol Shifaa

https://www.facebook.com/Uzefamohammedawwol

Madda Wabii Saayinsaawaa (Scientific References) maddeen wabii saayinsaawaa kudhan (10) gabaasa jimaa fi alkoolii irratti bal’inaan odeeffannoo kennanii fi qorannoo dhimma kanaan walqabatuuf:

1. GWorld Health Organization. Global Status Report on Alcohol and Health 2018. Geneva: WHO; 2018. WHO. Alcohol fact sheet (2024).

2. Alcohol and Cancer: Evidence from the International Agency for Research on Cancer (IARC Monograph)

3. Comparative Health Risks of Alcohol Consumption and Tobacco and Other Psychoactive Substances

4. Al-Mesbah, R., et al. “Khat (Catha edulis) as a Risk Factor for Cardiovascular Disorders: Systematic Review and Meta-Analysis.” Journal of Cardiovascular Medicine & Therapeutics, 2018.

5. Amer, S., et al. “Does regular Khat (Catha edulis) chewing in adults increase the risk of hypertension compared to non-use? A systematic review and meta-analysis.” BMC Cardiovascular Disorders. 2024.

6. Nutt, D. J., King, L. A., & Phillips, L. D. (2010). “Drug harms in the UK: a multi-criteria decision analysis.” The Lancet, 376(9752), 1558-1565.

7 Pharmacological Effects of Catha edulis (Khat) on the Central Nervous System

8 Association Between Khat Use and Elevated Blood Pressure Among Adults in East Africa: A Meta-analysis

9. Stimulant Effects of Cathinone Alkaloids: Neuropharmacology and Toxicological Implications

10. Public Health Impact of Khat Versus Alcohol: A Comparative Review of Health and Social Outcomes

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *