Fakkeenya Ajaa’ibsiisoo Dhukkuboonni ittiin ibsaman!

Namoonni maalummaa dhukkuboota isaanii akka karaa salphaatti hubatan gargaaruuf, hayyoonni fakkeenyota ajaaibsiisoo fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti Argaman irraa fayyadamaniiru.

Fakkeenyonni kun amalaa fi haala dhukkubichaa qulqulleessee akka gaariitti kan ibsuu fi sirriitti kan wal fakkaatuu fi hubannoo guddaa namaaf kennu ture!

 

1. Dhukkuba Tiruu B (Vaayiresii Hepatitis B) — Fakkeenya Sangaa Jabaa

Dhukkubni simbiraa yookan Vaayiresiin tiruu, sangaa jabaa wajjin wal fakkeeffamee, ibsamaa ture.

Dhibeen kun Sangaa yokan Qotiyyoo cimaa fi guddaa tasgabbaa’aa ta’ee fi yeroo bifa jaalalaan dafee qabame to’atamuu danda’uu fi dubartoonnii fi ijoolleen akka salphaatti harkisuu fi hidhuu yokan isa hogganuu danda’u, sangaan kun miira aariis ta’e hammeenya yokan lolaa tokko hin agarsiisu, tasgabbaa’aa fi dadhabaa ta’ee mul’ata.

Garuu sangaan kun yeroo Aaruu fi hammeenya lola barbaadu humna sodaachisaa fi fincila cimaa eenyullee akka salphaatti to’achuu ykn dhaabuu hin dandeenyetti jijjiirama.

Sangaa kana tuffachuu fi cimaa ta’uu isaa Irraanfachuun dheekkamsa cimaa to’achuun rakkisaa ta’e ofitti gadi lakkisuudha jedhan!

Fakkeenyi Armaan olitti ibsame haala ajaaibsiisaa ta’een Dhukkuba Tiruu B yokan dhukkuba simbiraa Hubachuuf kun hedduu tokko murteessaadha!

Dhukkubni kun akkuma sangaa kana jabaa dha, garuu tasgabbaa’aa fi callisaa jalqaba irratti salphaatti to’atamuu danda’uudha. Jalqaba irratti aarii ykn rakkoo fayyaa ifa ta’e tokkollee hin agarsiisu. Haa ta’u malee, yoo hin yaalamne, gara humnaan fayyaa namaa haleeluu, hammaachuu fi humna guddaa to’achuun rakkisaa ta’etti jijjiirama!.

Dhukkubni kun hanguma ati tuffattee ilaaltuun hammaataa deema! seelii tiruu suuta suutaan balleessuu fi rakkoolee tiruu gurguddoo kanneen akka cirrhosis, dadhabina tiruu fi kaansarii tiruu lubbuu galaafatu fida.

Sababa kanaaf dhibeen kun diina callisaa fi humna guddaa qabu waan ta’eef! ittisuuf carraaqqii cinaa barbaadu yeroo yeroon hordofamuu, xiyyeeffannaan itti kennamuu fi gonkumaa csllistee bira darbuu hin qabne dha!

 

2. Dhukkubni Lafee Dugdaa Fakkeenya Daa’imaati.

Dhukkuboonni lafee dugdaa yokan diskii lafeen dugdaa mucucaachu yokan sigigaachuun kan (Herniated Disc) fi (Spondylolisthesis) jedhamanu isaan kun akka daa’imaati jedhan! Kunuunsa waanuma xiqqoo tokko yeroo argatu gammadee taphatu, garuu tuttuqaa hin fedhu! dafee dallana.

Fakkeenyi kun dhukkuboota miira dafee jijjiiramaa ta’e qaban kan ibsu yoo ta’u, akka daa’ima waan bareedaa tokko yoo argatu dafee gammadu garuu waanuma xiqqoon isa mufachiisu yokan isatti hin tolle tokko yommuu dhaga’u dafee aaru ykn gaddudh. Kanaaf, gosa dhukkuba kanaa yeroo ilaalan bifa ogummaa fi obsa qaba qabuun suuta itti deemuu gaafata jedhu!

 

3. Dhukkuboonni akka Dhukkuba Tiivii dhibee Sirna Hargansuu (Tuberculosis – TB) fi daranyoo sombaa fi Wabaa yokan dhibee busaa/buseen akka bineensa hamaa ti:

Bineensi hamaan akkuma jalqaba si argutti siin loluu yookaan si Nyaachuu Eegala yoo daftee ittiin lolte ni injifatta yoo laaftee ni nyaatamta! dhukkubni kunis akka bineensa gara laafina hin qabneetti, Akkuma si qabeen qaamolee qaamaa barbaachisoo taʼan irrati haleellaa geessisuu jalqaba.

Dhukkuba kana osoo hin yaalamne turte guyyaa muraasa keessatti lubbuu namaa balaa guddaa keessa galcha. Kanaaf dhibee kana dura dhaabbachuun murannoo cimaa fi wal’aansa walitti fufiinsa qabu, akka waan diina hamaa wajjin lola qabdutti boqonnaa tokko malee isaa wajjin loluu si gaafata! Ta’uu baannaan si galaafata!

Qopheessaan Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa ti!

Yaala Dhukkuboota adda addaaf

0917535385 Telegram fi Whtsapp irratti nu qunnama

Akkasumas karaa

info@qorichaoromiyaa.com


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *