Faayidaa Halititaa fi haala itti fayyadama isaa Qoricha Cimaa wajjin wal baradhu Faarmaasii cimaa:

Haltiitni Qoricha magaalaa hunda keeysatti Argachuu dandeessanu yoo ta’u.maqaan isaa “Haltiita” jedhamee beekkama Haltiita jechuun Qoricha hundee biqiltuu (Ferula assa-foetida) kan maatii Apiaceae keessaa baafamuudha, Qoricha uumamaa foolii cimaa qabu fi dhandhama cimaa qabu yoo ta’u, sadarkaa addunyaatti beekamaadha, Magaloota Itoophiyaa hundatti ,maqaan isaa “Haltiita” jedhamee waamamaa. Dhukkuboota yeroo hedduu nama rakkisanu kan akka Asmii, qufaa Yeroo dheeraa, rakkoo sirna habrgansuu, namoota dhukkuba, sihirii, Falfala yokan xinqolaa fi summii ija budaa, yokan ( Ayina Xilaa) rakkatanu yaaluu keessatti gahee leencaa qaba.
Qorichi kun waggoota kumaatamaaf qaama qoricha aadaa barbaachisaa ta’ee dhukkuboota hedduu yaaluuf
Qoricha Aadaa Biyyoota heddu kan akka Indiyaa, Chaayinaa, Sa’uudii, iraan, fi Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti, Beekkamaadha.
Faayidaalee Haltiitaa muraasa:
Rakkoo bullaa’insa nyaataa fi gaazii garaa dhiita’uu/bokokuu garaa fi dhukkubbii garaa dhaabuu fi garaa keessatti bu’aa guddaa fi qabatamaa ta’e qaba.
Dhiiga laguu adda citeef bu’aa qaba Laguu kakaasuu fi rakkoo laguu yaaluuf tajaajila.
Paraasitii fi raammoo garaachaa Raammoo garaa wasfaatii koosoo, jaardiyaa, jarmoota miidhaa qabanu gosa hedduudhaaf bu’aa guddaa qaba! Antiparasitic fi anthelmintic fi kkf waan qabuuf Raammoo garaachaa irratti bu’a qabeessa.
Dhukkuboota sirna hargansuu kan akka asmii, qufaa, fi dhukkuba biroonkaayitii yaaluuf hedduu bu’aa qaba, Ujummoo sirna hargansuu keessaa dhangala’aa miidhaa qabu qulqulleessuuf hedduu gargaara.
Sochii farra vaayirasii, kan akka vaayirasii infuleenzaa fi herpes, qufaa utaalloo, qabiyyee Farra arra baakteeriyaa fi farra vaayirasii Guddina baakteeriyaa fi vaayirasii miidhaa qabanu gosa hedduu dhorka.
Sochii antioksidaantii fi eegumsa cimaa seelii sirna niwuroo.
Sirna ittisa qaamaa deeggaruun hojii tiruu fooyyessuuf gargaara, ha ta’uu garuu namoota dhukkuba Tiruu hepatitis qabanuuf hin ta’uu!!
Rakkoo sihirii Falfala yokan xinqolaa qabda taanaan haltiit sihirii falfala fi summii ija budaa qaama keessaa qulqulleessa.
Hirriba dura, qaamatti yoo dibatame, nama dhukkuba sihirii falfalaa fi summii ija budaa qaama keeysaa balleessa , akka ajaa’ibaa tti bu’aa qabatamaa agarsiisa.
Dhukkuba sihirii yokan falfala, waanyoo hojii harka namaa, fi summii ija budaa yokan ( Ayina Xilaa) tiin Dararamaa jirtaa?
Biqiltuu kana fayyadamuun mana Qorichaa tokko Utuu hin deemin of yaaluu dandeessa.
Dhukkuba sihirii yokan falfalaa fi budaaf Haltiita fayyadamuuf:

Daakuu haltiitaa, fallaana Guddaa 4 Daakuu Cereddaamaa fallaana Guddaa sadii fi Dammaa kiiloo tokkoo wajjiin walitti makamee, haala kanaan Erga qophaa’een booda ganamaa fi galgala garaa duwwaatti fallaana ishee xiqqoo kan sukkaaraa sadii irraa fudhatama, kunis Nama dhukkuba sihirii yokan falfalli, xinqolaan itti hojjetamee fi nama summii ija budaa yokan Ayina xilaa, dhukkuba ija namaa qabuuf dawaadha faayidaa guddaa qaba.

Shaayii Xeenaaddaam yokan Cereddaamaa fi halitita:

Bifa faayidaa cimaa qabuun haala salphaa ta’een daakuu haltiitaa fallaana biqiltuu cereddaamaa yokan Xeenaaddam wajjiin akka shaayiitti danfisuun burcuqoo shaayii tokko ganama garaa duwwaa tti, akkasumas galgala garaa duwwaa tti, fudhachuun baayyee gaariidha.
Itti fayyadama qaama gubbaatti dibachuuf Zayitii Cereddaamaa fi halitita:

Daakuu haltiitaa zayitii Shazzaab yokan zayitii Xeenaaddam wajjiin walitti makamee hirriba dura, qaamatti dibatama, kunis nama dhukkuba sihirii falfalaa fi summii ija budaa qaama keeysaa qabuuf bu’aa ajaa’ibaa fi bu’aa qabatamaa agarsiisa, daa’immaniifis haala kanaan qaama tti dibuun ni danda’ama.
Daa’immaniif;
Daa’imman Summiin Ija budaa tuqee Bu’uu fi sodaachuu itti baay’atuuf akkasumas halkan yeroo hirriibaa irra Deddeebiin rifatanii dammaqanuuf, Daakuu haltiitaa bishaaniin jiifamee handhuura fi guurraa daa’imatti dibama bu’aa gaarii qaba. Akkasumas Daakuu halititaa fallaana ishee xiqqoo tokko Aannan burcuqoo guddaa tokko wajjiin danfisama sana booda xiqqoo xiqqoon akka dhuganu taasisuun ni danda’ama. Guyyaa sadii itti fayyadamaa.

Garuu daa’immaniif karaa afaanii kennuuf yokan garaatti obaasuuf daa’imni sun waggaa tokko kan guute ta’uu qaba, f
Fayyaa ijaa Cimsuuf, Halititni Fayyaa ijaa cimsa:

Ija Fagootti ilaaluu hubachuu Arguu Dadhabee fi Nama ijji isaa imimmaan itti Baay’atuuf akkasumas nama ija isaa hooksisuuf bu’aa gaarii qaba.
Ija, Fagootti ilaaluu hubachuu Arguu Dadhabee fi Nama ijji isaa imimmaan itti Baay’atuuf akkasumas nama ija isaa hooksisuuf bu’aa gaarii qaba, Haltiita daakuu isaa Kallii nadhii Dammaa Wajjin walitti Makame Halkan Hirriba dura Akka kuuliitti Gubbaa, Naannoo ijaa nyaara irratti Dibama Bu’aa Ajaa’ibaa qaba.
fayyaa ijaaf haala kanaan Guyyaa 7 itti fayyadami.
Kana malees Haltiitni faayidaa fayyaa keenyaaf qabu Akka qorannoon Agarsiisutti, Haltiitni
Farra baakteeriyaa
Farra vaayiresii
Farra inflammatory
Farra kaansarii
Farra paarsaatii fi kkf ta’uun bu’aa akka qabu qorannoowwan addunyaa mirkaneessanii jiru.
Faayidaaleen Armaan olitti ibsaman muraasa qofa! haltiit kana malee faaydaa qabatamaa hedduu qaba.amaloota qorichaa inni qabu qorannoo farmaakooloojii fi qorannoo laabraatoorii fi bu’aa kilinikaa irraa argaman walitti cuunfinee gabaabinaan ibsame malee faayidaa kanaa ol qaba.
Haltiitni Eessatti Argamu danda’a?
Halitita mana Qoricha Aadaa naannoo keessanitti argamu irraa gatii xiqqaan bitachuu dandeessu, akkasumas gabaa keessaa warra ixaanaa fi kkf gurguran irraa bitachuun itti fayyadamuu dandeessu:

Barreessaan Ogeessa yaala Aadaa fi pharmacognosist Giddu gala Yaala Aadaa Oromiyaa, Dr. Huzaifah Mohammedawwal shifa.
📢Odeeffannoo fayyaa sirrii, qorannoo saayinsii irratti hundaa’e fi yaala Aadaa argachuuf nu hordofaa!
Gara Facebook deebi’uun Share waliif godhaa🙏Toora Facebook keenya “Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa”
𝗙𝗼𝗹𝗹𝗼𝘄 godhaa!
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa
💚 Fayyaa kee tikfadhu.
🟩 Qoricha uumamaa saayinsaawaa waliin jirenya fayya qabeessa bareedaa jiraadhu.