Faayidaa Biqltuu Cereddaama yokan xeenaaddaam.

Faayidaa Biqltuu Cereddaama yokan xeenaaddam.

Maqaan Saayinsiin kenneef “Ruta graveolens” jedhama.

Maqaa Arabaa: نبات السذاب jedhamuun beekkama,

biqiltuu maatii (Rutaceae) keessaa tokko yoo ta’u, baala xixiqoo bifa walmakaa fi daraaraa bifa keelloo fi foolii urgooftuu cimaa ta’een kan beekamudha.

Maqaan isaa Afaan Oromoo Naannoo adda addaatti maqaa garaagaraa qaba.

Lixa Oromiyaa kan akka Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallaggaatti Cereddaama jedhama.

Baha Oromiyaa kan akka Arsii fi Shawaa fi kkf keessatti Sunkurtaa ykn Xeenaaddaam jedhamee beekkama.

Harargee keessatti Xalaataam yokan shazzaab jedhamuunis ni beekkama.

Itiyoophiyaa keessatti Biqiltuu “Cereddaama” yokan “Xeenaaddaama” bunaa fi kkf wajjiin fayyadamuun keessatti Aadaa baratamaadha! Biqiltuun kun Urgeeyssitu waan ta’eef foolii bunaa fi dhandhanma gaarii akka qabaatu Taasisa..

Cereddaama jechuun warqii manakee booda jiru kan addunyaa irratti yaala aadaa durii fi qorannoo ammayyaa keessatti amaloota qorichaa isaatiin beekkamaa ta’edha. biqiltuu yeroo hunda magariisa ta’ee fi dhalataa bishaan Meditiraaniyaanii ta’uun beekama Kompaawundoota keemikaalaa kanneen akka alkaloids fi flavonoids kan of keessaa qabu yoo ta’u, amaloota farra inflammatory, antioxidant fi bullaa’insa nyaataa kakaasan dabalatee sochiilee Baayoloojii hedduu kan badhaadhee fi yaala Dhukkuboota akka Dhukkubbii ilkaanii fi dhukkubbii guurraa yaaluuf. Akkasumas dhukkubbii mataa, dhukkuba lafee ruumatiizimii, dhiita’uu garaa fi rakkoo dhiiga laguu, madaa qaamaa fi infekshinii gogaa, dhukkuba gaggabdoo fi garaa ciniinnaa yaaluuf baayyinaan kan itti fayyadaman yoo ta’u, qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame gama adda addaatiin dandeettii qorichaa Biqltuu kanaa mirkanaa’eera.

Baalaa fi Daraaraan isaa bifa keelloo qabuu fi firiin isaas Fayyadama Qoricha uumamaa Durii fi bara saayinsii Ammayyaa keessatti dhukkuboota hedduu yaaluuf tajaajilaa ture.

Rakkoo Sirna bullaa’insa nyaataa, Gaazii/bokokuu garaa fi raammoo garaa kan akka wasfaatii/maagaa/koosoo baasuuf, dhukkuba garaachaa yaaluuf, fayyaa garaacha jabeessuuf itti fayyadamaa ture. Akkasumas Dhukkuba asmii, dhukkuba ujummoo qillensaa biroonkaayitii yaaluuf, akkasumas Dhukkubbii garaa kaasaa yaaluuf kunuunsaa fi Miidhagina Gogaa fi Rifeensaaf, dhukkuba gogaa yaaluuf, gogaa qulqulleessuuf, harca’uu yokan caccabuu rifeensaa hir’isuuf, fayyaa rifeensa cimsuuf ni gargaara. Akkasumas Rakkoo

Sirna Narvii fi sammu, Qoricha Aadaa keessatti dhukkuba garaachaa, narvii fi jeequmsa sammuu biroo yaaluuf,

Bal’inaan itti fayyadamamaa tureera. Antioksidaantoonni isaa yaaddoo fi dhiphina sammuu hir’isuuf akka gargaaran akkasumas

Dhukkuboota dabalataa Biroo Hedduu kan akka Dhukkuba garaa, ijaa, gurraa fi ilkaan yaaluuf kan oolu yoo ta’u dhibeewwan adda addaa irratti faayidaalee yaalaa fi ittisaa hedduu qabaachuun beekkama.

Biqiltuun Cereddaamaa kophaa isaatti faaydaa guddaa qaba dhukkuboota qaamaa fi Namoota Rakkoo fayyaa namaa miidhan kan akka “Sihirii” yokan “falfala” yk “Hojii harka namaa” fi Namoota ijji Budaa yokan summiin ija namaa miidhe Yaaluuf bal’inaan kan tajaajilu dha…

Namni falfalli yokan Sihiriin itti godhame Baalaa fi sanyii yokan firii Biqltuu Cereddaama, Tumamee, gaaddisa jalatti gogfamee daaakuun isaaFallaana Guddaa sadii damma Qulqulluu Kiiloo tokko wajjin walitti makame, ganamaa fi galgala garaa duwwaatti fallaana xiqqoo sadii fudhatama.

Akkasumas Daakuu isaa fi Zayitiin isaa walitti Makame Halkan hirriba dura qaam guutuutti dibatee, bulee ganama, Bishaan Qulqulluun qaama dhiqata, Yeroo Gabaabaa keessatti jijjiirama argachuu dandeessa.

Daa’imman halkan hirrba keessa rifatanuu fi Ijji budaa yokan Ayina xilaa summii ija namaa xuqee fi garaa ciniinnaa qabaniif Biqltuu kana xiqqoo Aannan wajjin Danfisuun guyyaa 3 kennituuf faayidaa qabatamaa ta’e qaba.

Nama summii Nyaate yokan dhugee fi nama ilbiisota Summii qabanuun hiddameef dawaadha. Baalli isaa Tumamee qaama bakka hiddametti dibama, Akkasumas Baalli isaa Cuunfame siinii bunaa walakkaa, garaatti Dhugama Guyyaa 3.

Baalaa fi sanyii Biqiltuu Kanaa Yoo Mana Keessatti Aarfame Jinnii fi Shayixaana Manarraa fageeysaa. Namni Budaa yokan ijji Namaa isaa Nyaate Biqiltuu Kana Akka Shayitti Danfise yoo dhuge Summii Budaa garaa keessaa Qulqulleessuu danda’a.

Rifeensa mataa harca’uu dhoorkuuf Daakuu baala cereddaamaa Zayitii Qobboo yokan Castor oil wajjin walitti makamee Rifeensatti Dibama daqiiqaa 15 booda Bishaan Qulqulluun ofirraa dhiqama, kunis Rifeensa Dheeressa, fayyaa Rifeensaa Cimsaa, Rifeensa Harca’uu buqqa’uu fi caccabu Dhoorkaa..

Gaggabdoo epilepsy fi kkf Daakuu Biqltuu kanaa, fallaana Guddaa sadii damma qulqulluu kg tokkoo wajjin walitti makuun ganama garaa duwwaa tti fallaana xiqqoo sadii fudhatama, daa’imman yoo ta’e fallaana xiqqoo tokko. Torban keessatti Guyyoota 3 hanga ji’a 2 tti haala kanaan fudhachuun gaariidha.

Biqiltuu kana buna irratti dabaluudhaan dhuguun faaydaa fayyaa kan Akka garaa Ciniinnaa dhukkubbii garaa keeysaa dhaabu fi Summii ija budaa garaa keeysaa qulqulleessuuf baay’ee gaariidha.

Namoota gurguddaa Rakkoo adda addaa kan akka garaa dhukkubbii qabaniifis gaariidha.

Cereddaama buna wajjiin fudhachuun faaydaa adda addaa kan qabu Ta’ulle Namoota Rakkoo Hormoonii Maseenummaa

Warra Rakko dhala dhabuu qabaniif hin ta’uu!.Dubartii ulfaa fi daa’ima garaa keeysa jiruuf gonkumaa hin ta’u! Akkasumas dubartiin Yeroo ulfaa Baayyinaan yoo fayyadamte Carraa ulfa baasuu qaba.

Akkasumas Namoonni Dhukkuboota akka Onnee fi dhiibbaa dhiigaa fi Sukkaaraa qabanu, yeroo Qorichoota Ammayyaa 💊 Dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi Onnee Qoricha Hormoonii fi sirna Narvii fi kkf fayyadamnu bunaa fi xeenaaddaama fayyadamuun hin danda’amu.

Walumaa galatti xeenaaddam Irratti Wanti hubachuu Qabdanu Guyyaa Guyyaan yokan bifa dhaabbataa ta’een fayyadamuu fi hanga jedhamee ol baay’inaan fudhachuu fi Yeroo Qorichoota Ammayyaa fudhataa jirtanu keeysa fayyadamuu miidhaa qaba malee hanga jedhame sirnaan dhuguun Rakkoo hin qabu, 👌 faaydaa isaa Argachuuf Torban keessatti Yeroo sadii fi isaa ol fudhachuu dandeessuu…

Barreeffama Armaan olii keessatti faaydaa Biqiltuu Cereddaamaa Wal’aansa keessatti qabu murteesa ibsinee turre Ammamoo Qorannoo Saayinsii irratti hundaa’uun

Qabiyyeewwan faayitookeemikaalaa isaa fi qooda isaan Qorichooma Biqiltuu Cereddaamaa keessatti Qabnu Qabxiilee Gurguddoo 9 jalatti Tarreessinaa.

1• Qabiyyeewwan Zayita barbaachisaa (Essential Oils)

Cereddaama keessa zayita barbaachisaa garagaraa kan argaman yoo ta’u faaydaalee fayyaa adda addaa qabu:

Qabiyyee (Methyl Nonyl Ketone) Foolii Cereddaama keessatti ga’ee Olaanaa qaba. Qabiyyeen kun Qoricha (insect repellant) fi dhibee gogaa ittisuuf tajaajila.

Rakkoo sirna hargansuu fi bakteeriyaa miidhaa qabu hir’isuuf oola.

Qabiyyeen (Methyl Heptyl Ketone) Antioxidant fi qaama keessatti midhaa Sirna Bullaa’insa nyaataa hir’isuuf hojjeta.

Qabiyyeen (Limonene) Anti-oxidant ta’ee, fayyaa onnee fi dhukkuba kaansarii ittisuuf oola.

Haala Sochiilee qaamaa fooyyessuu fi yaaddoo hirrisuuf fayyada.

Qabiyyee (Beta-Pinene)

Dhibee gogaa fi Baakteeriyaa fi fangasii ittisuuf gargaaru danda’a, Akkasumas Ujummoo qilleensaa cufame banuuf ni oola. Qabiyyee (Camphene) Sochiilee dhiigaa tolchaa, Dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf gargaara. Dhukkubbii lafee fi gogaa keessa jiran hir’isuuf tajaajila.

2. Alkaloidota (Alkaloids)

Qabiyyee (Skimmianine) Gaggabdoo, Rommisiisaa, dhiphinaa qaamaa hir’isuuf ni gargaara. Qaama tasgabbeessuu fi rakkoo Narvii fi sammuu ittisuuf tajaajila..

Qabiyyee (Graveolinine)

Graveolinine alkaloidota Cereddaama keessatti argamu keessaa tokko yoo ta’u, qorannoo fayyaa keessatti faayidaa guddaa qaba. Qabiyyeen kun Addatti, kan beekamu dandeettii isaa kaansarii ittisuu irratti.

Dhukkuba Kaansarii ittisuu keessatti dandeettii guddaa qaba.

Kaansarii mar’imaanii fi Harmaa dubartootaa irratti hojjeta. Qorannoo Fayyaa Akka agarsiisutti, Graveolin pirootiinota fi molakiyuulota baay’ina seelii kaansariif itti gaafatamummaa qaban irratti xiyyeeffata. Mallattoolee guddina seelii garmalee wajjin walqabatan kan akka PI3K/AKT ykn MAPK) gufachiisuun Seelii Kaansarii Akka hin guddanne gochuu dandayaa.

Qabiyyee (Arborinine) Farra Baakteeriyaa fi fangasii cimaadha. Dhibee gogaa fi Raammoo Marrimaan keessaa ittisuuf Tajaajila.

3• Qabiyyee (Furanocoumarinota)

Cereddaamni qabiyyee kana hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u, Bergapten, Oomisha melanin kan kakaasu waan ta’eef kunis vitiligo yokan dhukkuba lamxii baras yaaluuf gargaara. Qabiyyeen (Xanthotoxin)

Dhukkuboota gogaa alarjii qaban irratti bu’aa wal’aansaa qaba. Akkasumas Bifa gogaa fooyyessuuf gargaara.

4• Qabiyyeewwan (Coumarins)

Coumarin Dhiiga walitti qabamuu humnaa ol Dhangala’uu dhoorkaa dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu danda’a.

Marsaa dhiigaa fooyyessuu fi inflammation hir’isuuf oola.

Qabiyyeen (Dictamnine) Amala farra inflammatory qaba Dhukkubbii lafee fi dhukkuba ruumatiizimii yaaluuf oola.

Qabiyyeen (Isopimpinellin) Farra fangasii fi farra Baakteeriyaa waan ta’eef Qorichoota dhukkuba gogaa yaaluuf gargaaran qopheessuuf Tajaajila.

5. Qabiyyeewwan Flavonoidota (Flavonoids)

Cereddaamni flavonoidota gurguddaa of keessatti qabatee kan jiru yoo ta’u dhiiga qulqulleessu fi qaama namaa irraa summii fageessu irratti hojjetaa.

Qabiyyee (Rutin) Ujummoo dhiigaa cimsuu fi laamsha’uu dhowwuu danda’aa.

Qabiyyee (Quercetin) Dhukkuba Kaansarii fi dhibee onnee ittisuuf gargaaraa.

Qabiyyee (Apigenin) Dhiphina sammuu hir’isuu fi Seelii Kaansarii Ajjeesuuf Tajaajila.

6. Qabiyyeewwan (Phenolic Compounds)

Qabiyyee (Gallic Acid) Qaamni keessoo infeekshiniin faalamuu irraa eeguu fi Antioxidant dha, Dandeettii Sirna ittiisa dhukkuboota Qaamaa Cimsaa.

Qabiyyee (Caffeic Acid) Kaansarii ittisuuf fi fayyaa tiruu eeguu irratti hirmaata.

7. Qabiyyeewwan (Organic Acids)

Qabiyyee (Malic Acid) Sirna Bullaa’insa nyaataa fi Humna qaamaa fooyyessuu fi wal Qixxeeysuuf ni Oolaa.

Qabiyyee (Citric Acid) Summii Qaama keessatti akka hin kuufamne ittisaa,

Qulqullina qaamaa fi qaama keessaa sumii balleessuuf gargaaraa..

8. Qabiyyee (Terpenes) (Monoterpenes) Sirna Ittisa qaamaa cimsuu fi sumii qaama keessaa fageessu irratti hirmaata. (Saponin) faaydaa guddaa qabaa..

9. Akaakuwwan Soorataa (Minerals) fi Viitamiinota

Cereddaamaa keessaa Mineraalota fi Vitaminotaa ni Argamu akka soodiyemii fi kaalshiyeemii Potashiyeemii, Maagniziyeemii, dhukkuboota lafee yaaluu Fi Vitamin Cn

Qaama gogaa fi dhibee ittisuu irratti faayidaa guddaa qaba.

Qorannoowwan saayinsii kompaawundoota Cereddaamni qabu irratti Taasifaman akka agarsiisutti kompaawundootni akka “graviolinin” fi “quercetin” guddina seelii kaansarii harmaa fi garaachaa hirrisuu keessatti sochii muraasa, qabu.

kompaawundootni akka bergapten fi beobergaptin phototherapy waliin yoo walitti makaman vitiligo Lamxii baras fi sibiijjii yokan psoriasis yaaluun bu’aa gaarii agarsiisaniiru.

Qorannoon Biqiltuu Cereddaamaa Dhiibbaa Narvii niwurooloojikaalaa, Akka Agarsiisuutti

Qabiyyeen Alkaloids akka skimianine dhiphina hir’isuu fi narvii dhiita’uu hir’isuuf Gaggabdoo dhaabuuf bu’a qabeessa ta’uun isaanii mirkanaa’eera.

Biqiltuu faayidaa guddaa qabu kana mana keessan biraa dhabuun hin ta’uu!.

Suuraa Daakuu Firii yokan Sanyii gogaa Biqltuu Cereddaama 👇👇

Suuraa Shaayii Biqltuu Cereddaama 👇

Suuraa Zayitii Biqltuu Cereddaama 👇

Suuraa cuunfaa yokan juusii cereddaamaa fi hanga dhugamuu qabu👇

Akkuma suuraa irratti Mul’atu kana fallaana xiqqoo Daakuu Cereddaamaa bishaan siinii tokko wajjin walitti makuun ganama garaa duwwaa tti nyaata dura dhugama, guyyaa 3 gahaadha.👌

Qopheessaan Ogeesa Aadaa fi pharmacognosist Giddu gala yaala Aadaa Oromiyaa.

Barreeffama kana Gara Facebookii tti deebi’uun Share waliif godhaa.🙏🤝 Galatoomaa 🙏

🩺 Gorsa fayyaa Dabalataa fi Barnoota fayyaa saayinsaawaa fi aadaa guyyaa guyyaan argachuuf:

✦Toora Facebook

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Follow godhaa

Madda wabii qorannoo Saaynsii muraasa:

1. Preethi, R., & Krishnamoorthy, K. (2017). Phytochemical composition and pharmacological properties of Ruta graveolens L. (Rutaceae): A review. Journal of Pharmacognosy and Phytochemistry, 6(5), 1430–1437.

2. Abu-Darwish, M. S., et al. (2015). Essential oil composition and biological activities of Ruta graveolens L. Industrial Crops and Products, 74, 851–860.

3. Dkhil, M. A., et al. (2019). Protective role of Ruta graveolens against oxidative stress and inflammation: Pharmacological and toxicological studies. Saudi Journal of Biological Sciences, 26(8), 1885–1892.

4. Patil, V. V., et al. (2010). Pharmacological activities of Ruta graveolens Linn: A review. International Journal of Pharmaceutical Sciences Review and Research, 4(2), 72–76.

5. European Medicines Agency (EMA). (2018). Herbal monograph on Ruta graveolens L., herba. European Medicines Agency, Committee on Herbal Medicinal Products.

6. ScienceDirect – Ruta graveolens Overview.

🔗https://www.sciencedirect.com/topics/agricultural-and-biological-sciences

/ruta-graveolens

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *