Faaydaa Hirdiin Tiruu keenyaaf qabuu fi addatti Faayidaa Hirdiin dhukkubsattoota hepatitis B qoricha yeroo dheeraaf fudhatanuuf qabu akkasumas miidhaa Qorichoota Ammayyaa Yeroo dheeraa fudhachuun Tiruu irratti qabu..
Hirdiin yokan (Turmeric) qoricha humna guddaa qabu keessaa tokko yoo ta’u Qabiyyeewwan Ciccimoo sochii qaban 200 ol fayyaa keenyaa fi keessattu Tiruu keenyaaf bu’aa guddaa qaban kan of keessaa qabu yoo ta’u, kompaawundoota kanneen keessaa (Kurkumiineen) isa beekamaadha Hirdiin fayyaa Tiruu guddisuu fi dhibee tiruu yaalu, miidhaa dhukkuboonni fi Qorichoonni keemikaalaa Tiruu irraan gahanu ittisuuf Tajaajila guddaa taasisa.
Faayidaa Hirdiin Tiruuf kennu ballinaan.
Namni Tokko Utuu Dhukkuba Tiruu hin qabamin yoo Hirdii tti Fayyadame Carraan dhukkuba Tiruun Qabamuu isaa Baayyee Gadi bu’aa dha.
Qorannoon Saayinsii Bara 2018 Indiyaa fi Jarmanii keessatti Godhame Akka mullisutti Namoonni yeroo Baay’ee Hirdii Akka Shaayiitti yokan Akka Juusiitti yookin Cuunfaa Hirdii Loomii Wajjin Fayyadamanu Dhukkuboota Tiruu kan Akka hepatitis A B C fi Kaansarii Tiruun hin Qabamanu jedha.
Tiruun summii calaluu fi Qorichoota Ammayyaa nuti dhukkubootaaf itti fayyadamnu erga jarri qaama keenya keessatti Tajaajila kennan booda meetaabolii gochuun caccabsee gara wantoota Kalee fi garaacha Mar’imaan keessaan bahuu danda’anitti jijjiiruuf Tiruun itti gaafatamummaa qaba.
Garuu Qorichoota garaa garaa
Qorichoota Ammayyaa kan Akka Qoricha dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, Qorichoota farra Vaayiresii fi Baakteeriyaa, fikkf Qorichoota Ammayyaa garaa garaa yeroo dheeraa fudhachuun Tiruu fi qaama keenya keessatti kuufamani fayyaa keenya irratti dhiibbaa geessisa
Kunis Tiruu keenyaaf dhiphinaa fi dadhabbiif waan saaxilamuuf Summii haftee Qorichootaa fi kkf Of keeysaa qulqulleessuu dadhabaa Yeroo kana summiin Tiruu keessatti kkufamuu eegala kunis Dhukkuboota Tiruu kan akka Vaayireesii Tiruu Hepatitis B fi kkf nama saaxila.
Hirdiin Summiin Qorichoota Ammayyaa kunii fi Qorichoota Aadaa Akka tiruu fi kutaalee Qaama keenyaa biroo keessatti Kuufamee fayyaa keenya hin Miine Taasisa.
Hirdiin amaloota farra oksijiinii fi farra inflammatory cimaa waan qabuuf, seelonni Tiruu miidhaa summii qorichaan dhufuun
Aakka hin miidhamne Taasisaa.
Summii Tiruu keessatti kuufame balleessuu fi dhiibbaa oksijiinii sababa walnyaatinsa keemikaalaa Tiruu keessatti uumamu to’achuuf gargaara.
Faayidaa Hirdiin dhukkubsattoota hepatitis B qoricha yeroo dheeraaf fudhatanuuf qabu:
Dhukkubni Hepatitis B dhukkuba vaayirasii Tiruu miidhu yoo ta’u, yoo hin yaalamne infekshinii fi rakkoo fayyaa hamaa fiduu danda’udha. Wal’aansi dhukkubsattoota dhukkuba tiruu B qabaniif kennamu qoricha farra vaayirasii yeroo dheeraaf fudhachuu yoo ta’u Qorichootni kun sababa summii qorichaatiin ykn dhiphina oksijiiniitiin fayyaa Tiruu irratti dhiibbaa uumuu danda’u, kanaaf Yeroo Qoricha Yeroo dheeraa fudhattu kunuunsa Tiruu keetiif gootu daran Guddisuun barbaachisaadh.
Dhukkubsattoota dhukkuba tiruu B qoricha yeroo dheeraaf fudhatanuuf faayidaa dachaa kennuu keessatti gaheen Hirdiin qabu kunooti:
Fayyaa Sirna ittisa qaamaa guddisa kunis qaamni Vaayireesii Tiruu Irratti deebii akka keennuu fi Vaayiresiin akka Tiruu hin miine Taasisa.
Haaromsa seelii Tiruu kakaasuu: Hirdiin dandeettii Tiruun seelii isaa miidhame deebisee akka haaromsuuf gargaara.
Inzaayimoota Tiruu to’achuu fi dandeettii Tiruun Summii Qorichootaa fi dhukkuboota kan Akka Vaayireesii B ofirraa qulqulleessuuf qabu guddisa.
Qabiyyee (Anti-inflammatory) waan qabuuf infeekshinii Tiruu keessatti sababa vaayirasichaan dhufu hir’isuun miidhaawwan dabalataa sababa Dhukkuba kanaan dhufanu kan akka Kaansarii Tiruu fi madaan tiruu Irratti akka in Uumamne ittisa.
Post keenya 🔁Qooduu share gochuun Isinis hojii kana irritti nu deeggaruu dandeessu!🙏
Haala itti fayyadama isaa fi waan akkami wajjiin akka fayyadamuu qabdanu akkasumas hirdii gosa kamtu faaydaa qaba? Eessatti akka Argachuu dandeeysanii wajjiin guyyoota muraasa booda Website kana irratti post isiniif goona.
