Maseenummaa (Dhala Dhabuu) fi Ramaddii Isaa
Namni kamuu ilmoo argachuu fi sanyii isaa itti fufsiisuun hawwii uumamaan isa keessatti uumame qaba. Dhala dhabuu yokan (maseenummaan) rakkoo fayyaa bal’aa fi walxaxaa ta’eedha; sababoota garaagaraa of keessaa qaba. Isaan keessaa: rakkoo uumamaa, rakkoo hormoonii, rakkoo saayikoloojii (psychological), rakkoo immunooloojii fi rakkoo seelota gara-garummaa sanyii (genetics) keessatti mul’atu dabalata.
Dhala dhabuun rakkoo sadarkaa addunyaa irratti hubannoo fi gargaarsa barbaaduudha.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, dhala dhabuu yokan (infertility) dhukkuba sirna walhormaataa yoo ta’u, namoota lama, dhiiraa fi dubartii, hunda irratti miidhaa geessisa.
Akka qorannoon agarsiisutti, guutuu addunyaa keessatti Hiriyoota gaa’elaa wal fuudhan keessaa %15 ol ta’an rakkoo dhala dhabuun saaxilamoo ta’u!.
Hiika Saayinsaawaa Dhala Dhabuu (Definition of Infertility)
Dhala dhabuu jechuun qoricha ulfa ittisuu osoo hin fayyadamiin wal qunnamtii idilee ji’oota 12 booda ulfaa’uu dadhabuu jechuudha, garuu qoricha ulfa ittisuu fayyadamnaan sun dhala dhabuu hin jedhamu.
Ramaddii Ijoo Dhala Dhabuu
1. Dhala dhabuu sadarkaa duraa
Kunis dhala dhabuu hiriyyoonni lamaan jalqaba irraa Tasuma dhala argatanii kan hin beekne yokan isheenis ulfa taatee hin beeknedha.
Kunis rakkoo fayyaa bu’uuraa irraa kan maddudha.
2. Dhala dhabuu sadarkaa lammaffaa
Kunis kan dura hiriyoonni gaa’elaa mucaa tokko yokan lama godhatanii booda deebi’anii dhala argachuu dhabuu yokan ishee ulfaa’uu dhabuu jechuudha.
Dhala dhabuun sadarkaa lammaffaa jijjiirama guyyaa keessaa kan akka infekshinii walhormaataa, adeemsa baqaqsanii hodhuu, umrii dulloomuu ykn jireenya fayya-dhabeessa ta’een walqabatee ta’uu danda’a.
1. Dhiirota biratti Sababoota dhabuu fidan keessaa:
Lakkoofsi sanyii walhormaata yokan isparmii hirrichuu ykn sochii gadi aanaa (oligospermia ykn asthenospermia).
Bocni isparmii sirrii ta’uu dhabuu (teratospermia).
Hiddi bishaan dabarsu Cufamuu vas deferens keessatti.
Madaallii hormoonii kan akka testosterone gadi bu’uu.
Haalota akka varicocele, infekshinii ujummoo walhormaataa, ykn sababoota jeneetikii (kan akka Klinefelter syndrome) qabaachuu fikkf
2. Dubartoota irratti Sababoota dhala dhabuu:
Rakkoo Gadameessaa kan akka (PCOS).
infekshinii wal hormaataa ykn baqaqsanii hodhuu fi ujummoon fallopian tubes cufamuu ykn miidhamuu.
Rakkoo gadameessaa kan akka dhiita’uu fi jijjiiramuu Madaa’uu fibroids ykn adhesions.
Rakkoo hormoonii kan akka taayirooyidii olka’aa, taayirooyidii gadi aanaa ykn piroolaaktiin baay’ee fi kkf.
Dhala dhabuun kun gosaa fi sadarkaa Qorichootaan yaalamuu danda’uu fi nyaataa fi soorata qofaan fooyya’uu danda’u jira.
Akkasumas dhaabbataadhaan yaalamuu ykn fooyya’uu kan hin dandeenye jira!.
📌 Maseenummaa ykn dhala dhabuun rakkoo guddaa hawaasummaa fi fayyaa ta’uu isaa kutaa kana keessatti ilaalleerra. Garuu kun xumura miti! kun kutaa jalqabaa qofa!
Guyyaa sadii booda
➡️ Kutaa itti aanutti:
Yaaliiwwan saayinsaawaa fi Aadaa qorannoo saayinsiin deeggame.
Dhibee fi sababaalee dhala dhabuu fidan bal’inaan
Nyaatawwan fi qorichoota aadaa rakkoo kanaaf bu’a qabeessa ta’an
Furmaata qorichaa fi gargaarsa gosa hundaa irratti hubannoo bal’aa dhiyeessina.
📚 Qopheessaan: Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa
📣 Facebookii keenya FOLLOW godhaa
Share Waliif Godhaa!
https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa
📚 Madda Wabii (References):
World Health Organization (WHO) – Infertility
Centers for Disease Control and Prevention (CDC) – Infertility
National Institute of Child Health and Human Development (NICHD) – Causes of Infertility
PubMed Central / NCBI (National Library of Medicine) – Infertility
