Wantoota fayyaa tiruu cimsanu..

Wantoota fayyaa tiruu cimsanuu fi namni dhibee Vaayiresii tiruu Qabu fayyadamuu qabu.

 

Dhibee Tiruu irraa fayyuun Qorichoota mana yaalaa qofaan hin danda’amu! Inumayyu Qorichoota Garaa, garaa Yeroo dheeraa fudhachuun deebisee Tiruu irratti miidhaa dabalataa fidaa!!

Kanaaf Dhugaatiiwwan Biqiltuu uumamaa fi Sorata, uumamaa mana keeysa jiranu bifa dawaan fayyadamuun Namoota dhibee Tiruu qabaniif baay’ee Barbaachisaadha!.

 

Barreeffama kana keessatti Wantoota mana keenya keeysatti Argamanu kan Saayinsiin fayyaa Tiruutiif bu’aa akka qabanu mirkaneesse, isiniifi Tarreessina. Wantootni kun hojii Tiruu fooyyessuu, fi inflammation hir’isuu, adeemsa sammii Tiruu keeysaa qulqulleessuu deggeruu, fi vaayirasii loluuf gumaachan Olaanaa kan qaban yoo Ta’anu vaayirasii hepatitis B dabalatee Faayidaa saayinsaawaa dhugaatii kunneen Tiruu keenyaaf qabanuu fi akkaataa itti fayyadama isaanii karaa bu’a qabeessa ta’een ni ibsina.

 

Wantoota fayyaa Tiruu keenyaa miidhanuu fi wantoota namni dhukkuba Tiruu qabu irraa fagaachuu qabu Barreeffama darbe keessatti isiniif maxxansinee turre.

 

Amma Wantoota fayyaa tiruu cimsanuu fi dhibee Vaayiresii tiruu fi Dhukkuboota Tiruu irraa fayyuuf gargaaran haala itti fayyadamaa wajjiin isiniif Maxxansina.

Yeroo Tokkoon hunda post gochuuf Dheeraa waan ta’eef Kutaa kutaan

Isiniif Maxxansinaa.

 

1. Bishaanii fi loomii fi Damma.

 

Bishaanii fi Loomii fi Damma waliin dhuguun faaydaa guddaa fayyaa Tiruu keenyaaf qaba.

Loomiin vitaamin C dhibbeentaa ol’aanaa kan of keessaa kan qabu yoo ta’u, kunis sirna ittisa qaamaa cimsa, kunis vaayirasii Tiruu hepatitis B dabalatee qaamni keenya akka vaayirasii ofirraa ittisuuf gargaara.

 

Dandeettii Tiruun summii balleessuuf qabu ni guddisa:

Bishaanii fi loomiin Tiruu keessatti Dhangala’aan (Bile secretion) akka uumamu kakaasuuf gargaara, Dhangala’aan kun bullaa’insa nyaataa fi summii qaama keessa jiru balleessuuf barbaachisaadha. Dammi hojii Tiruu deeggaruun dandeettii summii calaluu isaa fooyyessuuf gargaara.

 

Loomiin vitaamin C kan of keessaa qabu yoo ta’u, fayyaa Tiruu fooyyessa:

Vitamin C antioxidant cimaa ta’ee Miidhaa free radicals Tiruu irraan gahu kan eegu yoo ta’u Tiruun seelota Dhukkubaan miidhaman haaromfamsuuf dandeettii isaa guddisa, Carraa dhukkuba kana irraa fayyuu guddisa.

 

Dammi vaayirasii ofirraa ittisuu fi fayyaa Tiruu fooyyessuuf gargaara,

Qabiyyee farra baakteeriyaa fi farra vaayirasii kan of keessaa qabu yoo ta’u, dandeettii Tiruun vaayirasii akka hepatitis B ofirraa ittisuuf qabu guddisuuf baay’ee gargaara.

 

Dammi akka farra inflammatory uumamaa ta’ee kan hojjetu yoo ta’u, dhukkubsattoota hepatitis B qabaniif baay’ee faayidaa qaba, inflammation Tiruu hir’isuuf gumaacha waan qabuuf mallattoolee dhukkubbii Tiruu vaayirasichaan walqabatan to’achuuf gargaara.

 

Bishaanii fi loomii fi dammi akka waliigalaatti adeemsa bullaa’insa nyaataa fooyyessuuf gumaacha kan qabu yoo ta’u, kunis ba’aa Tiruu irratti dhufu hir’isuun dandeettii hojii isaa haala bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf Dandeettii isaaf kenna.

 

Akkaataan itti fayyadama isaa:

Damma Qulqulluu fallaana guddaa 3, bishaan loomii fallaana guddaa 3, Bishaan qulqulluu ho’aa, burcuqoo guddaa tokkotti naqamee sirriitti walitti makamee ganama garaa duwwaatti fudhatama. Guyyaatti Yeroo lama fudhachuun baayyee filatamaa fi bu’a qabeessa.

 

 

2. Shaayii Jinjibiilaa fi hirdii yokan (Turmeric and Ginger Tea)

 

Hirdiin Qabiyyee (curcumin) kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis amaloota antioxidant fi farra inflammatory kan qabu yoo ta’u, jinjibilli ammoo marsaa dhiigaa fooyyessuu fi inflammation qaama keessatti hir’isuuf gargaara. Waliin ta’uun dandeettii cimsu, akkasumas Tiruun summii akka balleessuuf deeggarsa guddaa taasisa.

Akkasumas fayyaa bullaa’insa nyaataa fooyyessaa.

 

Namoota dhukkuba Tiruu Hepatitis B qabaniif Summii Qorichaa fi Vaayireesii Tiruu akka hin miine ga’ee Olaanaa qaba.

Dhiita’uu fi inflammation Tiruu keessatti mul’atu hir’isuuf gargaara.

Sirna ittisa qaamaa ni guddisa, kunis Tiruun vaayirasii akka ittisuuf gargaara.

Fayyaa sirna bullaa’insa nyaataa fooyyessuuf gumaacha qaba.

Hamma cooma Tiruu keessatti argamu hir’isuuf gargaara.

Jinjibilli qabiyyee farra baakteeriyaa fi farra vaayirasii of keessaa qaba.

Akka farra vaayirasii ta’ee kan hojjetu yoo ta’u, dhukkuba tiruu B ittisuu fi irraa fayyuuf gargaara.

 

Haalli itti fayyadama isaa.

Daakuu jinjibiala fallaana xiqqoo tokkoo fi Hirdii qulqulluu fallaana Xiqqoo tokko Bishaan burcuqoo guddaa tokko wajjiin walitti makamee daqiiqaa 5 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda loomii Xiqqoo itti dabaluun garaa duwwaatti fudhatama, guyyaatti Yeroo Tokko.

Torban keessatti Yeroo 3 fayyadamuun baayyee gaarii fi bu’a qabeessa.

 

3. Cuunfaa yokan juusii aappilii (Apple Juice) dhuguu.

 

Juusiin Aappilii faayibaraa fi vaayitaamiinota bullaa’insa nyaataa fooyyessuu fi dandeettii Tiruun summii balleessuuf qabu guddisan baay’ee qaba. Akkasumas antioxidants Vaayireesiin seelii Tiruu akka hin balleessine ittisuu fi hojii isaa fooyyessuu of keessaa qaba.

Fayyaa ujummoo dhiigaa kan jajjabeessu yoo ta’u, kunis dhiigni gara tiruu haala gaariin akka yaa’u gumaacha.

Faayibara nyaataa fayyaa Tiruutiif deeggaru of keessaa qaba.

Hamma sukkaara dhiigaa to’achuuf gargaara.

Fayyaa garaachaa ni fooyyessa, kunis fayyaa Tiruutiif gumaacha qaba.

Infeekshinii Tiruu hir’isuuf gumaacha qaba.

Vitaamin C kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis sirna ittisa qaamaa guddisa.

Dandeettii qaamni summii Vaayireesii balleessuuf qabu ni guddisa.

Aappilii Juusii isaa burcuqoo tokko ganama garaa duwwaatti, burcuqoo tokko Guyyaa alaqaan dura, Burcuqqo tokko halkan nyaata dura dhuguun faaydaa guddaa Tiruu keenyaaf qaba. Haala kanaan torban keessatti guyyoota 3 fayyadamuun Gaariidha, Akkasumas aappilii nyaachuunis Gaariidha.

 

4. Juusii yokan cuunfaa hundee diimaa, yokan Qayyi sirii ykn(Beetroot Juice) dhugu.

 

Hundee diiman (Betalains) kan of keessaa qabu yoo ta’u, Qabiyyeewwan antioxidant ta’an kanneen inflammation Tiruu hir’isuu fi dhangala’aan dhiigaa gahaan gara tiruutti akka deemu taasisanu qaba.

 

Oomisha bishaan Tiruu keeysaa Summii qulqulleeysuu fi sirna Bullaa’insa nyaataa cimsu Maddisisa yokan (Bile production)

Guddisa, kunis bullaa’insa coomaa fooyyessuu fi summiin Tiruu keessatti akka hin kuufamne ittisa.

 

Dhiibbaa miidhaa vaayirasii fi summii, oksijiiniin seelii Tiruu keessatti argamu Irratti geessisu hir’isuuf gargaara.

Adeemsa uumamaan summii Tiruu keeysaa balleessu kan guddisu yoo ta’u, fayyaa dhukkubsattoota hepatitis B deeggaruuf bu’a qabeessa .

Naayitriik oksaayidii kan qabu yoo ta’u, kunis dhangala’aa dhiigaa kan fooyyessuu yoo ta’u, kunis sooratani fayyaa Tiruutiif barbaachisoo ta’an gara tiruutti geessuuf gargaara.

 

Akkaataa itti fayyadama:

Hundee diimaa bifa Juusii yokan cuunfaa isaa burcuqoo tokko ganama garaa duwwaatti fudhatama, Torban keessatti guyyoota 5 fayyadamuun gaariidha.

 

5. Juusii yokan cuunfaa Kaarotii dhugu.

 

Kaarotiin Vitamin A (Beta Carotene) kan qabu yoo ta’u, kunis fayyaa seelii Tiruu guddisa miidhaa irraa kan eegudha.

Summii Tiruu keessaa baasuuf kan gargaaru yoo ta’u, Tiruu hojii dhiiga calaluu keessatti deeggarsa Taasisa.

Carraa coomni tiruu keessatti kuufamu hir’isa, kunis carraa dhukkuba cirrhosis hir’isuuf gargaara.

Antioxidants akka flavonoids fi polyphenols kanneen inflammation hir’isuu fi ga’umsa Tiruu cimsanu fi dhukkubsattoota hepatitis B fooyyessuuf gargaaran of keessaa qaba.

Oomisha inzaayimoota summii fi balfa kuufame Tiruu keeysaa dhabamsiisuuf gargaaran ni guddisa.

 

Akkaataa itti fayyadama:

Kaarotii Erga daaktanii bulleessitani booda cuunfaa yokan Juusii isaa burcuqoo tokkotti bishaan loomii fallaana xiqqoo sadii itti dabaluun sirriitti walitti makamee Ganama garaa duwwaatti fudhatama, Kunis fayyaa Tiruuf faaydaa gaarii qaba.

Torban keessatti guyyoota 5 fayyadamuun gaariidha.

 

6. Shaayii muka shawukal huleeyib yokan Afaan Saayinsiin((Silybum marianum) jedhamu fayyadamu.

Wantoota nuti Barreessine kanneen keeysaa inni kun fayyaa Tiruutii fi warra dhibee Vaayiresii B qabaniif baa’yee filatamaadha.

Biqiltuun ingiliffaan (Milk thistle) jedhama, kompaawundii “silymarin” jedhamu antioxidant cimaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis seelii Tiruu summii irraa eeguu fi seelonni tiruu dhukkubaan miidhaman akka deebi’ani of haaromsan Taasisa.

Namoota Vaayireesii Tiruu qabaniif faaydaa guddaa qaba.

Infeekshinii Tiruu vaayirasii B dhufu ni hir’isa.

Hamma inzaayimii Tiruu sababa infeekshinii Vaayireesii B’n olka’u hir’isuuf gargaara.

Bullaa’insa nyaataa fooyyessa kunis ba’aa Tiruu irratti dhufu hir’isuuf gargaara.

 

Akkaataan itti fayyadama isaa daakuu Biqiltuu kanaa fallaana xiqqoo sadii Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee daqiiqaa 10 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda ganamaa fi galgala garaa duwwaatti fudhatama.

Torban keessatti guyyoota 3 fayyadamuun baayyee Gaariidha.

 

7. Shaayii Biqiltuu Arqasuusii yokan (Licorice Root Tea) jedhamu fayyadamu.

 

Biqiltuun kun hangi Vaayiresii akka hin guddanne ittisa, Akkasumas hanga Viralodii isaa gadi buusa.

Hundeen Arqasuusii kompaawundii “glycyrrhizin” jedhamu kan of keessaa akkasumas Kompaawundoota farra baakteeriyaa fi farra vaayirasii of keessaa qaba, kunis inflammation Tiruu hir’isuuf gumaacha kan godhu yoo ta’u, Tiruu keeysaa summii Qulqulleessa.

Infeekshinii Tiruu Irratti sababa Vaayireesii B’n Uumamu hir’isuuf gargaara.

Sirna ittisa qaamaa ni cimsa.

Tiruun seelii isaa akka haaromsuu fi dhibee irraa fayyuuf ni gargaara.

Hamma inzaayimii tiruu olka’aa hir’isuuf gargaara.

Akka antioxidant ta’ee kan hojjetu yoo ta’u, seelii Tiruu miidhaa Vaayireesii eeguuf gargaara.

Mallattoolee dhukkuba Vaayireesii tiruu wajjin walqabatan hir’isuuf gumaacha qaba.

Fayyaa bullaa’insaa nyaataa fi sirna hargansuu fooyyessuuf gargaara.

Akkaataan itti fayyadama isaa:

Daakuu Arqasuusii fallaana xiqqoo lama bishaan Burcuqoo guddaa lama wajjiin walitti makamee daqiiqaa 10 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda bakka lamatti Addaan qoodamee ganamaa fi galgala garaa duwwaatti fudhatama.

Torban keeysatti Guyyaa 3 fayyadamuun baayyee gaarii fi filatamaadha.

Hubachiisa Biqiltuun kun Namoota dhibee dhiibbaa dhiigaa fi dhibee Sukkaaraa qabaniif hin ta’uu!!..

Bareeffama kana kan qopheesse Mana Qoricha aadaa Oromiyaati, yaala dhibee tiruu Amansiisaa ta’e dhaabbata fayyaa keenya irraa argachuu Dandeessu

Bakka maklattoo FB sana tuqaa Share waliif godha. Ammallee kutaan hafee jiru itti fufa…

Toora Facebook keenya follow godha.https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa

Telegiram Chanele keenya join godhaa itti makamaa 👇

https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya

https://t.me/ManaQorichaAadaOromiya

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *