Dhala dhabuu yokan Maseenummaa

MASEENUMMAA (DHALA DHABUU) FI RAMADDII ISAA KUTAA TOKKOFFAA

Dhala dhabuun yokan Maseenummaa (Infertility) rakkoo sirna walhormaataa dhiiraa fi dubartii lamaan keessaa tokko ykn lamaan isaanii Mudachuu danda’uu fi sababa irratti hundaa’ee yaalamuu danda’udh.

Ilmoo argachuu fi sanyii ofii itti fufsiisuun hawwii fi fedhii uumamaa ilmaan namootaa hunda keessatti argamuudha. Haa ta’u malee, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman sababa rakkoolee sirna walhormaataa adda addaatiin ulfi uumuu dhabuun rakkoo Maseenummaaf saaxilamanii dhala argachuu dhabuun isaan mudata.

Dhala dhabuun rakkoo fayyaa beekamaa fi wal xaxaa ta’e kan sababoota baay’een dhufuu danda’udha malee sababa salphaa ykn sababa tokko qofaan rakkoo uumamu miti. Rakkoo kun sababoota baay’ee walxaxaa ta’an (multifactorial ) irraa kan maddu yoo ta’u, rakkoo kanaaf Sababoota hedduun jiru isaan keessaa ijoon; rakkoo hormoonii, rakkoo miidhaa qaamolee walhormaataa kan akka hiddoonni cufamuu fi miidhamu, rakkoo sanyii dhiiraa kan akka sanyiin dhiiraa xiqqaachuu fi sochii gahaa dhabu, rakkoo buuphaa gadi lakkisuu, rakkoo dhibee infekshinii kan akka Cobxoo fi tiraakomaa irra maddan, rakkoo dhaalaa (genetics) kan maatii irraa dhufu, rakkoo umriin deemuu irraa dhufuu fi sababoota biroo hedduun kan Maseenummaaf nama saaxiluu danda’an ni argamu.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsutti, maseenummaan dhukkuba sirna walhormaataa dhiiraa ykn dubartii keessatti mul’achuu danda’u dha. Akka qorannoon agarsiisutti, guutuu addunyaa keessatti Hiriyoota gaa’elaa wal fuudhan keessaa %15 ol ta’an rakkoo dhala dhabuun saaxilamuu danda’u.

Maseenummaan ykn dhala dhabuun rakkoo fayyaa namoota hedduu addunyaa irratti mudatuudha. Kanaaf, yeroo rakkoon kun nama tokko ykn maatii tokko mudatu abaarsa, adabbii, ykn waan iccitii biraatiin walqabsiisuun sirrii miti. Qorannoon akka agarsiisutti Namoota ga’eessota ta’an addunyaa keessa jiraatan harka 6 keessaa 1 jireenya isaanii keessatti yeroo tokko rakkoon maseenummaa yokan dhala dhabuu isaan mudachuu danda’a. Kana jechuun rakkoon kun namoota biliyoonaan lakkaawwaman Mudachuu danda’uu fi yaalamuu danda’u dha.

Hiika Saayinsaawaa Dhala Dhabuu

Dhala dhabuu jechuun, namoonni wal fuudhan lama walqunnamtii qoricha ulfa ittisu osoo hin fudhatin erga ji’oota 12 wal qunnamtii saalaa idilee raawwatanii booda ulfi uumamuu dhabuu jechuudha.

Dubartoonni Qoricha ulfa ittisu fayyadamaa osoo jiranii ulfaa’uu dhabuun yoo isaan mudate kun kallattiin Maseenummaa (infertility) jedhamee hin ramadamu; sababni isaas qorichichi ulfa ittisu jalqaba dhaabbachuu qaba.

Namni tokko rakkoo fayyaa dhala dhabuu Maseenummaa qaba kan jennu lamaan isaanii dhiiraa fi dubartiin umrii ilmoo argachuu danda’an keessa jiraatani bifa idilee ta’een wal qunnamtii saalaa raawwatnii, dawaa ulfa ittisu osoo hin fayyadamin, ji’a 12 keessatti ulfi yoo dhabame qofa dha.

Umrii fi seenaa fayyaa irratti hundaa’uun yoo ulfi uumamu dhabe ji’a 12 eeguu dhiisani mana yaalaa deemuun qorannoon (infertility) gochuun ni danda’ama. Keessaahuu dubartoota umurii waggaa 35 fi isaa ol ta’an keessatti, yoo ulfi uumamu dhabe dafanii qorannoo fayyaa taasisuun barbaachisaa dha.

Ulfi akka uumamuuf wantoonni hedduun sirnaan hojjechuu qabu. Dubartii keessatti buuphaan (egg/oocyte) ovarii keessaa gadi lakkifamuuf ujummoon buuphaa banaa ta’uu, gadameessi ulfa fudhachuuf mijataa ta’uu fi hormoononni madaala isaanii eeganii jiraachuu qabu. Dhiira keessatti immoo sanyiin dhiiraa (sperm) lakkoofsi isaa gahaa ta’uu, sanyiin dhiiraa sochii fi boca gahaa qabaachuu, akkasumas karaa inni ittiin darbu banaa ta’uu qaba. Wantoonni kun jeeqamuun rakkoo dhala dhabuuf nama saaxiluu danda’a.

RAMADDII IJOON DHALA DHABUU

Rakkoon Maseenummaa gosa tokko qofaa miti bakka garaagaraatti qoodamuu danda’a. Kan erga daa’ima tokko lama argatanii booda guyyaa keessa nama mudatuu fi kan jalqabuma osoo yeroo tokko daa’ima hin argatin nama mudatu jira.

1. Dhala Dhabuu Sadarkaa Duraa

Dhala dhabuu sadarkaa duraa (Primary infertility) jechuun, Haadha warraa fi abbaan warraa, jalqabuma irraa kaasee kana dura ulfa milkaa’aa duraan argatanii hin beekne keessatti argamu dha. Jechuunis namoonni lamaan erga wal fuudhanii tasuma dhala hin arganne ta’uu dha.

Dhala dhabuun kun Sababni isaa hedduu ta’uu danda’a fakkeenyaaf; rakkoo sanyii dhiiraa, hanqina buuphaa gadi lakkisuu, rakkoo hormoonii, cufamuu ujummoowwan walhormaataa, rakkoo qaamolee walhormaataa, rakkoo dhaalaa ykn sababoota biroo ta’uu danda’a.

2. Dhala Dhabuu Sadarkaa Lammaffaa

Dhala dhabuu sadarkaa lammaffaa (Secondary infertility) jechuun namoonni wal fuudhan lamaan duraan ulfi uumamee kan ture yokaan daa’ima argatanii garuu yeroo daa’ima biraa argachuuf barbaadan ulfi uumuu dadhabuu kanaan dura fayyaa turanii guyyaa keessa dhala dhabuun isaan Mudachuu jechuudha.

Namni duraan mucaa qaba garuu mucaa lammaffaa yokan sadaffaa irratti Maseenummaan infertility isa Mudachuu danda’a. kunis Maseenummaa sadarkaa lammaffaa kan guyyaa keessa mudatu jedhama.

Sababoota isaa keessaa infekshinii sirna walhormaataa kan akka Cobxoo fi tiraakomaa fi Infeekshinii biraaf saaxilamu, cufamuu ykn miidhamuu ujummoowwan walhormaataa, rakkoo hormoonii, jijjiirama sanyii dhiiraa, baqaqsanii hodhuu duraanii, umrii dabalaa deemuu fi rakkoolee biroon uumama.

DHALA DHABUU DHIIRAA (Male-Factor Infertility)

Rakkoon dhala dhabuu dhiira keessattis hedduu mul’achuu danda’a kunis karaa adda addaatiin mul’achuu danda’a.

1. Lakkoofsi sanyii dhiiraa Sperm Gadi Bu’uu

Lakkoofsi sanyii dhiiraa sperm semen keessatti argamu sadarkaa barbaadamu gadi ta’uun rakkoo Dhiirri tokko akka dhala dhabu taasisan keessaa isa ijoodha. kana jechuun lakkoofsi kormaa hanga ulfa ta’uuf gahuu gadi ta’uu jechuudha.

2. Sochiin sanyii dhiiraa gadi bu’uu

inni kun rakkoo sanyii  kormaa gahaa dhabuu miti, Sanyiin dhiiraa gahaan jira garuu sanyiin sun sochiin isaa gahaa ta’uu dhabuu fi deemee buuphaa dubartii bira gahuu dadhabu jechuudha. Kunis Asthenozoospermia jedhama.

Ulfi akka uumamuuf sanyiin jiraachuun qofti gahaa miti, bishaan sun Sochii kan qabuu fi sanyii dhiiraa gahaan deemee buuphaa dubartii bira ga’u kan danda’u ta’uu qaba. Yoo kun hin taane buphaan dhiiraa fi dubartii wal hin argu waan ta’eef Ulfi hin uumamu.

3. Bocni sanyii dhiiraa sirrii ta’uu dhabuu

Sanyiin dhiiraa baay’inaan boca sirrii hin taane qabaachuun dandeettii walhormaataa yokan dhala argachuu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Kunis Teratozoospermia jedhama. Sanyii dhiiraa jiraachuu qofa miti, killeen isaa boca sirrii qabaachuu qaba.

4. Sanyiin dhiiraa bishaan sanyii keessatti argamuu dhabuu

Bishaan sanyii keessatti sanyiin dhiiraa yokaan killeen ulfa ta’uuf garagaaru tasumaa argamuu dhabuu, kun Azoospermia jedhama. Kunis sanyiin dhiiraa oomishamuu dhabuu ykn karaa sanyiin ittiin darbu cufamuu irraa madduu danda’a.

5. Ujummoon sanyii dhiiraa ittiin darbu cufamuu

Ujummoowwan sanyiin dhiiraa keessa darbee gara gadameessaa deemu kan akka vas deferens cufamuun sanyiin dhiiraa bishaan sanyii keessa akka hin geenye gochuu danda’a. kunis rakkoo dhala dhabuuf nama saaxiluu danda’a.

6. Hidda dhiigaa naannoo xannacha sanyii dhiiraa bal’achuu (Varicocele)

Hiddoonni dhiigaa naannoo xannacha (testicle) sanyii dhiiraa bal’achuun Varicocele jedhama. Haalli kun oomishaa fi qulqullina sanyii dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuun rakkoo dhala dhabuuf sababa ta’uu danda’a.

7. Rakkoo hormoonii

Jijjiiramni hormoonota qaama keessatti uumamu oomisha sanyii dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Rakkoon xannacha sammuu keessaa hormoonota to’atu ykn xannacha sanyii dhiiraa keessatti uumamus sababa ta’uu danda’a.

8. Infekshinii fi Sababoota Jeneetikii

Infekshiniiwwan tokko tokko kan akka Cobxoo fi kkf akkasumas miidhaan xannacha sanyii dhiiraa testicle, akkasumas rakkooleen chromosome/jeneetikii kan akka Klinefelter syndrome dandeettii walhormaataa dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’u.

Wantoonni Armaan olitti ibsaman dhiirri tokko akka dhala dhabuuf sababa ta’uu danda’u, hundi isaanii Sababaa fi haala miidhaa, sadarka irratti hundaa’uun Qoratamuu fi yaalamuu danda’u.

DHALA DHABUU DUBARTII (Female-Factor Infertility)

Akkuma kan dhiirotaa

Sababoonni maseenummaa dubartootaa hedduu dha. Sababa gargaaraan rakkoolee adda addaatiin dhufuu danda’a, isaan keessaa kanneen armaan gadii jahan isaa. ijoo dha.

1. Rakkoo buuphaa gadi lakkisuu Ovulation

Buuphaan dubartii yeroo isaa eeggatee ovarii keessaa gadi lakkifamuu dhabuu ykn sirnaan gadi lakkifamuu dhabuu ulfi akka hin uumamne gochuu danda’a.

Rakkoon PCOS sababoota beekamoo rakkoo buuphaa gadi lakkisuu keessaa tokko dha.

2. Cufamuu ykn miidhamuu ujummoowwan buuphaa Fallopian Tubes

Ujummoowwan buuphaa (Fallopian Tubes) cufamuun sanyiin dhiiraa fi buuphaan dubartii akka wal hin argine gochuu danda’a. Kun infekshiniiwwan sirna walhormaataa, dhukkuba keessaa (PID) fi sababa baqaqsanii hodhuu duraanii ykn sababoota biroo irraa madduu danda’a.

3. keessoon gadameessaa miidhamu Endometriosis 

Tishuun, yokan qaamni lallaafaan tishuu keessa gadameessaa (endometrium) fakkaatu bakka gadameessaan alatti guddachuun inflammation uumuu, walitti maxxanuu qaamolee keessaa fi jijjiirama qaamolee walhormaataa uumuu danda’a. Kunis dandeettii ulfaa’uu irratti dhiibbaa qabaachuu fi Maseenummaa fiduu danda’a.

4. Rakkoo gadameessaa

Rakkoolee gadameessaa kan akka:

• Foon gadameessaa keessatti guddatu (Fibroids)

• Foon xixiqqaa keessaan guddachuu (Polyps)

• Qaamoleen gadameessa keessaa walitti maxxanuu (Adhesions)

• Jijjiiramni uumamaa gadameessaa irratti dhufuun ulfi akka hin uumamne ykn uummamee itti fufee guddachuu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’u.

5. Rakkoo Hormoonii

Hormoononni sirna walhormaataa keessatti gahee guddaa qabu.

Rakkooleen xannacha taayirooyidii, hormooniin piroolaaktiin baay’achuu fi jijjiiramoonni hormoonii biroo buuphaan akka sirnaan gadi lakkifamne gochuuun ulfaa dhoorkuu danda’u.

6. Umrii

Umriin dubartii dabalaa deemuun baay’inaa fi qulqullina killee irratti dhiibbaa guddaa qaba. Keessumaa umurii 35 booda carraan ulfaa’uu suuta suutaan gadi bu’aa deema; waggoota itti aanan keessatti gadi bu’uun isaa caalaatti saffisuu danda’a.

7. Yaalii kaansarii

Dubartiin tokko kaansarii qabamtee yoo yaala kaansarii kan akka Chemotherapy fi radiation yeroo tokko tokko ovarii ykn testicle miidhuun dandeettii walhormaataa hir’isuu danda’u.

SABABNI DHALA DHABUU DUBARTII QOFA MITI!

Kun hubachuun baay’ee barbaachisaadha. Hiriyoonni gaa’ilaa lamaan wal qunnamtii saalaa raawwatani ulfa argachuu yoo dadhaban, dubartii qofa qorachuun sirrii miti. Sababni rakkoo kanaa: dhiira irratti yokaan dubartii irratti yookaan lamaan isaanii irratti argamuu danda’a.

Akkuma armaan olitti ibsame Rakkoon kun dhiira yokaan dubartii irratti sababa adda addaatiin dhufuu danda’a, sababoota kana sirriitti addaan baasuun rakkoo sana hiikuuf tarkaanfii isa ijoodha. Yeroo tokko tokko qorannoon idilee sababa dhala dhabuu sirriitti adda baasuu dadhabuu danda’a. Kanaafuu, yeroo rakkoon dhala dhabuu mudate rakkoon kun waan hedduu irraa madduu waan danda’uuf dhiiraa fi dubartiin qorannoo (infertility) gadi fagoo gochuun barbaachisaa dha.

RAKKOON DHALA DHABUUN AKKAMITTI QORATAMA?

Rakkoo dhala dhabuu keessatti dubartii qofa qorachuun sirrii miti. Yeroo rakkoon dhala dhabuu isaan mudate Hiriyoonni lamaan isaanii gara mana yaalaa deemanii madaalamuu qoratamuu qabu.

Rakkoo dhala dhabuu Dhiiraa adda baasuuf qorannoowwan fayyaa kan akka:

• Qorannoo sanyii dhiiraa (Semen Analysis)

• Hamma bishaan sanyii—semen volume;

• Qorannoo Lakkoofsa sperm—sperm concentration;

• Qorannoo Lakkoofsa spermii waliigalaa—total sperm count;

• Qorannoo Sochii sperm—motility

• Qorannoo Boca sperms—morphology

• Yeroo barbaachisaa ta’etti Qorannoo hormoonii

• Ultrasound fi qorannoo jeneetikii haala barbaachisummaa isaatiin gaggeeffamuu danda’u.

Akka mallattoofi bu’aa semen analysis irratti hundaa’uun:

Qorannoo Total Testosterone;

FSH; LH; Prolactin; yeroo rakkoon thyroid shakkamu TSH ilaaluun ni danda’ama.

Rakkoo dhala dhabuu dubartootaa adda baasuuf qorannoowwan barbaachisoon:

Madaallii ovulation fi marsaa laguu

Jalqaba irratti:

Marsaan laguu guyyaa meeqa akka turu;

Marsaan dhiiga Laga idilee qabaachuu fi dhabuu yookaan walitti bu’iinsa qabaachuu qorachuu.

Mallattoolee PCOS qorachuu.

Seenaan Ulfaa’uu duraanii jiraachuu fi amalli ulfa irraa baqachuu jiraachuu qoratama.

Dubartiin marsaa laguu idilee guyyaa 21–35 qabu yeroo baay’ee ovulation akka qabdu tilmaamuun ni danda’ama. Garuu marsaan ishee sirrii hin taane yookaan ovulation irratti shakkiin yoo jiraate:

Qorannoo Serum progesteron fi Ovulation ultrasound monitoring;

qorannoo urine LH test fayyadamuun ovulation madaaluun ni danda’ama.

Qorannoo hoormoonii dubartii

Qorannoowwan kun mallattoofi seenaa ishee irratti hundaa’uun filatamu:

• FSH; LH; Estradiol—E2; Prolactin;

• TSH; Anti-Müllerian Hormone

Yeroo barbaachisaa ta’etti Total/Free Testosterone, DHEAS fi 17-hydroxyprogesterone. taasifamuu danda’a.

AMH’n kuusaa hanqaaquu—ovarian reserve—tilmaamuuf gargaara. Garuu AMH gadi-aanaa qabaachuun “ulfa argachuun hin danda’amu” jechuu miti; AMH’n qulqullina hanqaaquu yookaan carraa ulfa uumamaa guutumaan guutuutti hin murteessu garuu gahee qabaachuu danda’a.

Qorannoo Ultrasound gadameessaa

Ultrasound’n Rakkoolee caasaa qaama wal-hormaataa madaaluuf gargaara.

Qorannoo ujummoo buuphaa dubartii

Ujummoo hanqaaquu cufamuun sababoota dhala dhabuu keessaa isa tokko dha.

Rakkoo kana adda baasuuf Qorannoowwan ittiin madaalamu:

• Hysterosalpingography

• Sonohysterography/HyCoSy;

Yeroo filatametti Laparoscopy with dye test.

HSG’n caasaa gadaameessaa fi tuubaan hanqaaquu banaa ta’uu madaala. Laparoscopy’n nama hundumaaf qorannoo jalqabaa miti; yeroo endometriosis, maxxantuu qaama keessaa yookaan rakkoo pelvic biroo shakkamu qofa filatama.

Madaallii gadaameessaa

Akka bu’aa qorannoo duraa irratti hundaa’uun:

Qorannoo Saline-infusion sonography—SIS; Hysteroscopy;

3D pelvic ultrasound; Yeroo muraasa keessatti Pelvic MRI fayyadamuun polyp, fibroid, maxxantuu gadaameessaa fi rakkoolee caasaa biroo adda baasuun ni danda’ama.

Walumaagalatti qorannoon kamtu akka barbaachisu kan murteessu ogeessa fayyaa dhimma sana hordofaa jiru dha, haala dhibee fi gosaa fi sadarkaa rakkoo isaatti hundaa’ee qorannoon kamtu akka barbaachisu murteeffama.

DHALA DHABUUN HUNDI TOKKO MITI — YAALLI ISAAS TOKKO MITI!

Kunis dhimma baay’ee murteessaadha. Namoota infertility qaban hundaaf qoricha tokko kennuun sirrii miti. Jalqaba sababni isaa adda baafamuu qaba.

Sababa irratti hundaa’uun rakkoon kun yaalamuu danda’a, yaaliin karaalee hedduun raawwatamuu danda’a.

• Qoricha ammayyaa yokaan yaala Uumamaan, rakkoon kun yaalamuu danda’a.

• Yaala hormoonii yokan (Hormonal treatment) barbaaduu danda’a.

• Rakkoon Infekshinii yoo jiraate Infeekshinii sana yaaluun barbaachisaa dha.

• Rakkoon cufamuu ykn miidhamuu ujummoolee wal hormaataa yoo jiraate Baqaqsanii hodhuu barbaaduu danda’a.

• Karaa Jijjiirama jireenyaa fi sirna nyaataatiin deeggaramuun yaalamuu danda’a.

• Teknooloojii walhormaataa gargaaramaa kan akka IUI, IVF ykn ICSI barbaaduu danda’a.

• Haala muraasa keessatti immoo yaaluun rakkisaa ta’uu ykn carraan ulfaa’uu gadi aanaa ta’uu danda’a.

Garuu walumaagalatti rakkoon kallattii hedduun Yaalamuu kan danda’u ta’uu hubachuun barbaachisaa dha.

Wanti guddaan “Maseenummaan kun maal irraa dhufe?” kan jedhu addaan baasuu dha. Sababa rakkoo sanaa sirriitti adda baasuun filannoo yaalaa sirrii murteessuuf bu’uura dha.

Barreffama armaan olii keessatti maalummaa Maseenummaan ykn dhala dhabuu, fi gosaa fi garaagarummaa isaa akkasumas rakkoo fayyaa fi hawaasummaa guddaa ta’uu isaa kutaa kana keessatti ilaalleerra.

Garuu waa’een dhala dhabuu kun xumura miti —kun kutaa jalqabaa qofa dha,

➡️ Kutaa itti aanutti:

🔬 Dhibee fi sababoota dhala dhabuu fidan tokko tokkoon bal’inaan ilaalla.

💊 Yaaliiwwan fayyaa ammayyaa fi filannoowwan yaalaa adda addaa irratti ni mari’anna.

🌿 Qorichoota aadaa fi biqiltoota qorannoo saayinsaawaatiin fertility irratti qorataman ilaalchisee ragaa jiru, sadarkaa ragaa isaanii fi daangaa isaanii adda baasnee ilaalla.

🥗 Nyaata, soorata, ulfaatina qaamaa, sochii qaamaa fi haalota jireenyaa ulfa irratti dhiibbaa qaban yokaan rakkoo kana fiduu danda’an bal’inaan ni ilaalla.

Kutaa itti aanu keessatti ragaa saayinsaawaa irratti hundaa’uun bal’inaan dhiyeessina.

📚 Qopheessaan:

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

📣 Facebook keenya

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

FOLLOW godhaa.

Maxxansa Share waliif godhaa!

📚 Madda Wabii Saayinsaawaa | Scientific References

• World Health Organization (WHO) — Infertility

• Centers for Disease Control and Prevention (CDC) — Infertility

• National Institute of Child Health and Human Development (NICHD) — Infertility and Fertility Research

• American Society for Reproductive Medicine (ASRM) — Fertility Evaluation

• National Library of Medicine (PubMed/NCBI) — Infertility Research

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *