Dhala dhabuu yokan Maseenummaa

BARNOOTA FAYYAA SIRNA WALHORMAATAA

Maseenummaa (Dhala Dhabuu) fi Ramaddii Isaa

Kutaa Tokkoffaa

Maalummaa maseenummaa, ramaddii isaa, sababoota dhiiraa fi dubartii, mala qorannoo, akkasumas filannoowwan yaalaa irratti barreeffama bal’aa fi qindaa’aa.

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa
Barnoota Fayyaa Uummataa
Kutaa Tokkoffaa

Seensa

Dhala dhabuun ykn
maseenummaan (infertility)
rakkoo sirna walhormaataa dhiiraa fi dubartii lamaan keessaa tokko ykn lamaan isaanii mudachuu danda’uu fi sababa isaa irratti hundaa’ee yaalamuu danda’u dha.

Ilmoo argachuu fi sanyii ofii itti fufsiisuun hawwii fi fedhii uumamaa ilmaan namootaa hunda keessatti argamu dha. Haa ta’u malee, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman sababa rakkoolee sirna walhormaataa adda addaatiin ulfi uumamuu dhabuun rakkoo maseenummaaf saaxilamanii dhala argachuu dhabuun isaan mudata.

Dhala dhabuun rakkoo fayyaa beekamaa fi walxaxaa ta’e kan sababoota baay’eedhaan dhufuu danda’u dha malee, rakkoo sababa salphaa ykn sababa tokko qofaan uumamu miti. Rakkoon kun
sababoota walxaxaa hedduu (multifactorial) irraa kan maddu yoo ta’u, sababoota ijoo keessaa rakkoo hormoonii, miidhamuu ykn cufamuu qaamolee walhormaataa, rakkoo sanyii dhiiraa kan akka lakkoofsi isaa xiqqaachuu fi sochii gahaa dhabuu, rakkoo buuphaa gadi lakkisuu, infekshiniiwwan kan akka cobxoo fi tiraakomaa, rakkoo dhaalaa (genetics), umrii dabalaa deemuu fi sababoota biroo hedduun ni argamu.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsutti, maseenummaan dhukkuba sirna walhormaataa dhiiraa ykn dubartii keessatti mul’achuu danda’u dha. Akka qorannoon agarsiisutti, guutuu addunyaa keessatti hiriyoota gaa’elaa wal fuudhan keessaa dhibbeentaan guddaan rakkoo dhala dhabuutiif saaxilamuu danda’u.

Maseenummaan ykn dhala dhabuun rakkoo fayyaa namoota hedduu addunyaa irratti mudatu dha. Kanaaf yeroo rakkoon kun nama tokko ykn maatii tokko mudatu abaarsa, adabbii ykn waan iccitii biraatiin walqabsiisuun sirrii miti. Qorannoon akka agarsiisutti, namoota ga’eessota ta’an addunyaa keessa jiraatan jaha keessaa tokko jireenya isaanii keessatti yeroo tokko rakkoon maseenummaa ykn dhala dhabuu isaan mudachuu danda’a. Kana jechuun rakkoon kun namoota miliyoonaan lakkaa’aman mudachuu danda’uu fi sababa isaa irratti hundaa’uun yaalamuu danda’u dha.

Hiika Saayinsaawaa Dhala Dhabuu

Dhala dhabuu jechuun namoonni wal fuudhan lama, qoricha ulfa ittisu osoo hin fayyadamin, erga ji’oota 12’f
walqunnamtii saalaa idilee fi eegumsa hin qabne raawwatanii booda ulfi uumamuu dhabuu jechuudha.

Dubartoonni qoricha ulfa ittisu fayyadamaa osoo jiranii ulfaa’uu dhabuun yoo isaan mudate, kun kallattiin maseenummaa jedhamee hin ramadamu; sababni isaas qorichichi ulfa akka hin uumamne ittisuuf waan fayyadamuuf, jalqaba qorichichi dhaabamuu qaba.

Namni tokko rakkoo fayyaa dhala dhabuu qaba kan jedhamu, dhiirri fi dubartiin umrii ilmoo argachuu danda’an keessa jiraatanii bifa idilee ta’een walqunnamtii saalaa raawwatanii, dawaa ulfa ittisu osoo hin fayyadamin, ji’oota 12 keessatti ulfi yoo hin uumamne dha.

Qorannoon yoom jalqabamuu qaba?

Umrii fi seenaa fayyaa irratti hundaa’uun, yoo ulfi uumamuu dhabe ji’oota 12 eeguu dhiisanii mana yaalaa deemuun qorannoo maseenummaa gochuun ni danda’ama. Keessumaa dubartoota umurii waggaa 35 fi isaa ol ta’an keessatti, yoo ulfi uumamuu dhabe dafanii qorannoo fayyaa taasisuun barbaachisaa dha.

Ulfi akka uumamuuf wantoonni hedduun sirnaan hojjechuu qabu. Dubartii keessatti buuphaan
(egg/oocyte) ovarii keessaa gadi lakkifamuu, ujummoon buuphaa
banaa ta’uu, gadameessi ulfa fudhachuuf mijataa ta’uu fi hormoononni madaala isaanii eeganii jiraachuu qabu. Dhiira keessatti immoo sanyiin dhiiraa (sperm)
lakkoofsa gahaa, sochii fi boca madaalawaa qabaachuu, akkasumas karaan inni ittiin darbu banaa ta’uu qaba. Wantoonni kun jeeqamuun rakkoo dhala dhabuuf nama saaxiluu danda’a.

Ramaddii Ijoo Dhala Dhabuu

Rakkoon maseenummaa gosa tokko qofa miti; bakka garaagaraatti qoodamuu danda’a. Kan erga daa’ima tokko ykn lama argatanii booda nama mudatuu fi kan jalqabuma osoo yeroo tokko illee daa’ima hin argatin nama mudatu ni jira.

RAMADDII 01

1. Dhala Dhabuu Sadarkaa Duraa

Dhala dhabuu sadarkaa duraa (primary infertility)
jechuun haadha warraa fi abbaan warraa jalqabuma irraa kaasee kana dura ulfa milkaa’aa argatanii hin beekne keessatti argamu dha. Jechuunis namoonni lamaan erga wal fuudhanii tasuma dhala hin arganne ta’uu dha.

Dhala dhabuun kun sababoota hedduu qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf rakkoo sanyii dhiiraa, hanqina buuphaa gadi lakkisuu, rakkoo hormoonii, cufamuu ujummoowwan walhormaataa, rakkoo qaamolee walhormaataa, rakkoo dhaalaa ykn sababoota biroo ta’uu danda’a.

RAMADDII 02

2. Dhala Dhabuu Sadarkaa Lammaffaa

Dhala dhabuu sadarkaa lammaffaa (secondary infertility) jechuun namoonni wal fuudhan lamaan duraan ulfi uumamee kan ture ykn daa’ima argatanii, yeroo daa’ima biraa argachuu barbaadan ulfi uumamuu dadhabuu jechuudha.

Namni duraan mucaa qabaatus mucaa lammaffaa ykn sadaffaa argachuuf yeroo yaalu maseenummaan isa mudachuu danda’a. Kunis maseenummaa sadarkaa lammaffaa jedhama.

Sababoota isaa keessaa infekshinii sirna walhormaataa kan akka cobxoo fi tiraakomaa, cufamuu ykn miidhamuu ujummoowwan walhormaataa, rakkoo hormoonii, jijjiirama sanyii dhiiraa, baqaqsanii hodhuu duraanii, umrii dabalaa deemuu fi rakkooleen biroo ni argamu.

Dhala Dhabuu Dhiiraa

Male-Factor Infertility

Rakkoon dhala dhabuu dhiira keessattis hedduu mul’achuu danda’a; kunis karaa adda addaatiin mul’achuu danda’a.

01

Lakkoofsi Sanyii Dhiiraa Gadi Bu’uu

Lakkoofsi sanyii dhiiraa semen keessatti argamu sadarkaa barbaadamu gadi ta’uun rakkoolee dhiirri tokko akka dhala dhabu taasisan keessaa isa ijoo dha. Kana jechuun lakkoofsi sanyii dhiiraa ulfi akka uumamuuf gargaaru gadi ta’uu jechuudha.

02

Sochiin Sanyii Dhiiraa Gadi Bu’uu

Inni kun rakkoo sanyii dhiiraa gahaa dhabuu miti. Sanyiin dhiiraa gahaan jiraatus sochiin isaa gahaa ta’uu dhabuu fi deemee buuphaa dubartii bira ga’uu dadhabuu jechuudha. Kunis asthenozoospermia
jedhama.

Ulfi akka uumamuuf sanyiin jiraachuun qofti gahaa miti; sanyiin sun sochii gahaa qabaatee buuphaa dubartii bira ga’uu danda’uu qaba. Yoo kun hin taane sanyiin dhiiraa fi buuphaan dubartii wal hin argan; kanaaf ulfi hin uumamu.

03

Bocni Sanyii Dhiiraa Sirrii Ta’uu Dhabuu

Sanyiin dhiiraa baay’inaan boca sirrii hin taane qabaachuun dandeettii walhormaataa ykn dhala argachuu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Kunis
teratozoospermia jedhama. Sanyiin dhiiraa jiraachuu qofa osoo hin taane, boca sirrii qabaachuunis barbaachisaa dha.

04

Sanyiin Dhiiraa Bishaan Sanyii Keessatti Argamuu Dhabuu

Bishaan sanyii keessatti sanyiin dhiiraa tasuma argamuu dhabuun azoospermia
jedhama. Kunis sanyiin dhiiraa oomishamuu dhabuu ykn karaan sanyiin ittiin darbu cufamuu irraa madduu danda’a.

05

Ujummoon Sanyii Dhiiraa Ittiin Darbu Cufamuu

Ujummoowwan sanyiin dhiiraa keessa darbu, kan akka
vas deferens, cufamuun sanyiin dhiiraa bishaan sanyii keessa akka hin geenye gochuu danda’a. Kunis rakkoo dhala dhabuuf nama saaxiluu danda’a.

06

Hidda Dhiigaa Naannoo Xannacha Sanyii Dhiiraa Bal’achuu

Hiddoonni dhiigaa naannoo xannacha sanyii dhiiraa bal’achuun varicocele jedhama. Haalli kun oomishaa fi qulqullina sanyii dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuun rakkoo dhala dhabuuf sababa ta’uu danda’a.

07

Rakkoo Hormoonii

Jijjiiramni hormoonota qaama keessatti uumamu oomisha sanyii dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Rakkoon xannacha sammuu keessaa hormoonota to’atu ykn xannacha sanyii dhiiraa keessatti uumamus sababa ta’uu danda’a.

08

Infekshinii fi Sababoota Jeneetikii

Infekshiniiwwan tokko tokko kan akka cobxoo, miidhaan xannacha sanyii dhiiraa, akkasumas rakkooleen chromosome ykn jeneetikii kan akka Klinefelter syndrome dandeettii walhormaataa dhiiraa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’u.

Wantoonni armaan olitti ibsaman dhiirri tokko akka dhala dhabuuf sababa ta’uu danda’u. Hundumtuu sababa, gosa fi sadarkaa miidhaa irratti hundaa’uun qoratamuu fi yaalamuu danda’a.

Dhala Dhabuu Dubartii

Female-Factor Infertility

Akkuma kan dhiiraa, sababoonni maseenummaa dubartootaa hedduu dha. Rakkoolee adda addaatiin dhufuu kan danda’u yoo ta’u, isaan keessaa kanneen armaan gadii sababoota ijoo dha.

01

Rakkoo Buuphaa Gadi Lakkisuu

Buuphaan dubartii yeroo isaa eeggatee ovarii keessaa gadi lakkifamuu dhabuu ykn sirnaan gadi lakkifamuu dhabuu ulfi akka hin uumamne gochuu danda’a.

Polycystic ovary syndrome (PCOS)
sababoota beekamoo rakkoo buuphaa gadi lakkisuu keessaa tokko dha.

04

Rakkoo Gadameessaa

Rakkooleen gadameessaa kanneen akka:

  • Foon gadameessa keessatti guddatu (fibroids);
  • Foon xixiqqaan keessaan guddatu (polyps);
  • Qaamoleen gadameessa keessaa walitti maxxanuu (adhesions);
  • Jijjiirama uumamaa caasaa gadameessaa.

Rakkooleen kun ulfi akka hin uumamne ykn erga uumamee itti fufee akka hin guddanne gochuu danda’u.

05

Rakkoo Hormoonii

Hormoononni sirna walhormaataa keessatti gahee guddaa qabu.

Rakkooleen xannacha thyroid, hormooniin prolactin baay’achuu fi jijjiiramoonni hormoonii biroo buuphaan akka sirnaan gadi hin lakkifamne gochuun ulfaa’uu dhoorkuu danda’u.

06

Umrii

Umriin dubartii dabalaa deemuun baay’inaa fi qulqullina buuphaa irratti dhiibbaa guddaa qaba. Keessumaa umurii 35 booda carraan ulfaa’uu suuta suutaan gadi bu’aa deema; waggoota itti aanan keessatti gadi bu’uun isaa caalaatti saffisuu danda’a.

07

Yaalii Kaansarii

Namni tokko kaansariidhaan qabamee yaalii kan akka
chemotherapy fi radiation
yoo fudhate, yaaliin kun yeroo tokko tokko ovarii ykn testicle miidhuun dandeettii walhormaataa hir’isuu danda’a.

Sababni Dhala Dhabuu Dubartii Qofa Miti!

Kun hubachuun baay’ee barbaachisaa dha. Hiriyoonni gaa’ilaa lamaan walqunnamtii saalaa raawwatanii ulfa argachuu yoo dadhaban, dubartii qofa qorachuun sirrii miti. Sababni rakkoo kanaa dhiira irratti, dubartii irratti ykn lamaan isaanii irratti argamuu danda’a.

Akkuma armaan olitti ibsame, rakkoon kun dhiira ykn dubartii irratti sababa adda addaatiin dhufuu danda’a. Sababoota kana sirriitti addaan baasuun rakkoo sana hiikuuf tarkaanfii isa ijoo dha. Yeroo tokko tokko qorannoon idilee sababni dhala dhabuu maal akka ta’e sirriitti adda baasuu dadhabuu danda’a. Kanaaf yeroo rakkoon dhala dhabuu mudatu, dhiiraa fi dubartiin qorannoo maseenummaa gadi fagoo gochuun barbaachisaa dha.

Rakkoon Dhala Dhabuu Akkamitti Qoratama?

Rakkoo dhala dhabuu keessatti dubartii qofa qorachuun sirrii miti. Yeroo rakkoon dhala dhabuu isaan mudatu hiriyoonni lamaan isaanii gara mana yaalaa deemanii madaalamuu fi qoratamuu qabu.

Qorannoowwan Dhala Dhabuu Dhiiraa

Rakkoo dhala dhabuu dhiiraa adda baasuuf qorannoowwan fayyaa armaan gadii gaggeeffamuu danda’u:

  • Qorannoo sanyii dhiiraa (semen analysis);
  • Hamma bishaan sanyii – semen volume;
  • Lakkoofsa sperm – sperm concentration;
  • Lakkoofsa sperm waliigalaa – total sperm count;
  • Sochii sperm – motility;
  • Boca sperm – morphology;
  • Yeroo barbaachisaa ta’etti qorannoo hormoonii;
  • Ultrasound fi qorannoo jeneetikii akka barbaachisummaa isaatti.

Akka mallattoo fi bu’aa semen analysis irratti hundaa’uun qorannoowwan hormoonii armaan gadii ilaalamuu danda’u:

Total Testosterone
FSH
LH
Prolactin
TSH

Qorannoowwan Dhala Dhabuu Dubartii

Madaallii Ovulation fi Marsaa Laguu

Jalqaba irratti wantoonni armaan gadii qoratamu:

  • Marsaan laguu guyyaa meeqa akka turu;
  • Marsaan laguu idilee ta’uu fi dhabuu ykn walitti bu’iinsa qabaachuu;
  • Mallattoolee PCOS;
  • Seenaan ulfaa’uu duraanii jiraachuu fi ulfa irraa baqachuu.

Dubartiin marsaa laguu idilee guyyaa 21–35 qabu yeroo baay’ee ovulation akka qabdu tilmaamuun ni danda’ama. Garuu marsaan ishee sirrii hin taane ykn ovulation irratti shakkiin yoo jiraate,
serum progesterone, ultrasound monitoring fi urine LH test fayyadamuun ovulation madaaluun ni danda’ama.

Qorannoo Hormoonii Dubartii

Qorannoowwan kun mallattoo fi seenaa ishee irratti hundaa’uun filatamu:

  • FSH, LH, Estradiol (E2) fi Prolactin;
  • TSH fi Anti-Mullerian Hormone;
  • Total/Free Testosterone, DHEAS fi 17-hydroxyprogesterone yeroo barbaachisaa ta’etti.

AMH’n kuusaa buuphaa (ovarian reserve)
tilmaamuuf gargaara. Garuu AMH gadi-aanaa qabaachuun “ulfa argachuun hin danda’amu” jechuu miti. AMH’n qulqullina buuphaa ykn carraa ulfa uumamaa guutumaan guutuutti kophaa isaa hin murteessu; garuu madaallii waliigalaa keessatti gahee qabaachuu danda’a.

Qorannoo Ultrasound Gadameessaa

Ultrasound rakkoolee caasaa qaamolee walhormaataa madaaluuf gargaara.

Qorannoo Ujummoo Buuphaa Dubartii

Ujummoon buuphaa cufamuun sababoota dhala dhabuu keessaa isa tokko dha. Rakkoo kana adda baasuuf qorannoowwan armaan gadii fayyadamuun ni danda’ama:

HSG’n caasaa gadameessaa fi ujummoon buuphaa banaa ta’uu madaala. Laparoscopy’n nama hundumaaf qorannoo jalqabaa miti; yeroo endometriosis, maxxantuu qaama keessaa ykn rakkoo pelvic biroo shakkamu qofa filatama.

Madaallii Gadameessaa

Akka bu’aa qorannoo duraa irratti hundaa’uun saline-infusion sonography (SIS), hysteroscopy, 3D pelvic ultrasound fi yeroo muraasa keessatti pelvic MRI fayyadamuun polyp, fibroid, maxxantuu gadameessaa fi rakkoolee caasaa biroo adda baasuun ni danda’ama.

Walumaagalatti qorannoon kam akka barbaachisu kan murteessu ogeessa fayyaa dhimma sana hordofaa jiru dha. Haala dhibee, gosa fi sadarkaa rakkoo irratti hundaa’uun qorannoon barbaachisu murteeffama.

Dhala Dhabuun Hundinuu Tokko Miti – Yaalli Isaas Tokko Miti!

Kunis dhimma baay’ee murteessaa dha. Namoota maseenummaa qaban hundaaf qoricha tokko kennuun sirrii miti. Jalqaba sababni isaa adda baafamuu qaba.

Sababa irratti hundaa’uun rakkoon kun yaalamuu danda’a; yaaliinis karaalee hedduudhaan raawwatamuu danda’a.

Qoricha ykn yaala filatamaa
Qoricha ammayyaa ykn yaala uumamaa ogeessaan madaalame fayyadamuun rakkoon kun yaalamuu danda’a.
Yaala hormoonii
Yaala hormoonii
barbaaduu danda’a.
Yaala infekshinii
Rakkoon infekshinii yoo jiraate infekshinii sana adda baasanii yaaluun barbaachisaa dha.
Baqaqsanii hodhuu
Rakkoon cufamuu ykn miidhamuu ujummoowwan walhormaataa yoo jiraate baqaqsanii hodhuu barbaaduu danda’a.
Jijjiirama jireenyaa
Karaa jijjiirama jireenyaa fi sirna nyaataatiin deeggaramuun yaalamuu danda’a.
Teknooloojii walhormaataa
IUI, IVF ykn ICSI
barbaaduu danda’a.

Haala muraasa keessatti immoo yaaluun rakkisaa ta’uu ykn carraan ulfaa’uu gadi-aanaa ta’uu danda’a. Garuu walumaagalatti rakkoon kun kallattii hedduudhaan yaalamuu kan danda’u ta’uu hubachuun barbaachisaa dha.

Wanti guddaan, “Maseenummaan kun maal irraa dhufe?” kan jedhu addaan baasuu dha. Sababa rakkoo sanaa sirriitti adda baasuun filannoo yaalaa sirrii murteessuuf bu’uura dha.

Xumura Kutaa Tokkoffaa

Barreeffama armaan olii keessatti maalummaa maseenummaa ykn dhala dhabuu, gosa fi garaagarummaa isaa, akkasumas rakkoo fayyaa fi hawaasummaa guddaa ta’uu isaa kutaa kana keessatti ilaalleerra.

Garuu waa’een dhala dhabuu kun asirratti hin xumuramu – kun kutaa jalqabaa qofa dha.

KUTAA ITTI AANUTTI

Dhimmoota Bal’inaan Ilaallu

Dhibee fi sababoota
Dhibee fi sababoota dhala dhabuu fidan tokko tokkoon bal’inaan ilaalla.
Filannoowwan yaalaa
Yaaliiwwan fayyaa ammayyaa fi filannoowwan yaalaa adda addaa irratti ni mari’anna.
Qorichoota aadaa fi biqiltoota
Qorichoota aadaa fi biqiltoota qorannoo saayinsaawaatiin fertility irratti qorataman ilaalchisee ragaa jiru, sadarkaa ragaa isaanii fi daangaa isaanii adda baasnee ilaalla.
Nyaataa fi haala jireenyaa
Nyaata, soorata, ulfaatina qaamaa, sochii qaamaa fi haalota jireenyaa ulfa irratti dhiibbaa qaban ykn rakkoo kana fiduu danda’an bal’inaan ilaalla.

Kutaa itti aanu keessatti ragaa saayinsaawaa irratti hundaa’uun bal’inaan dhiyeessina.

BARNOOTA FAYYAA UMMATAA

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa

Barreeffamni kun barnootaa fi odeeffannoo fayyaa uummataaf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaatiin qophaa’e dha.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa dhukkuboota 30 oliif yaala uumamaa saayinsii irratti hundaa’e ni kenna.

Dhukkuboota garaagaraaf yaala uumamaa qorannoo irratti hundaa’e, hubannoo saayinsaawaa fi itti gaafatamummaa waliin nurraa argachuu dandeessu.

Nu qunnamuuf lakkoofsa bilbilaa 0910333944 ykn 0917535385 fayyadamuun karaa WhatsApp, Telegram ykn SMS dhimma keessan barreeffamaan nuuf erguu dandeessu. Hanga deebii isiniif kenninutti obsaan eegaa.

Dhibeewwan adda addaaf yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif mijachuu baate, dhukkuba keessan nuuf ibsitanii, bu’aa qorannoo fayyaa keessan ergitanii, biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti dawaa ergisiifachuu fi tajaajila argachuu dandeessu.

Madda Wabii

  1. World Health Organization. Infertility: Fact Sheet. Geneva: World Health Organization; 2025.
    Source
  2. World Health Organization. Guideline for the Prevention, Diagnosis and Treatment of Infertility. Geneva: World Health Organization; 2025.
    Source
  3. World Health Organization. Infertility Prevalence Estimates, 1990–2021. Geneva: World Health Organization; 2023.
    Source
  4. World Health Organization. WHO Laboratory Manual for the Examination and Processing of Human Semen. 6th ed. Geneva: World Health Organization; 2021.
    Source
  5. American Society for Reproductive Medicine. Fertility Evaluation of Infertile Women: A Committee Opinion. Fertility and Sterility. 2021.
    Source
  6. American Urological Association and American Society for Reproductive Medicine. Diagnosis and Treatment of Infertility in Men: AUA/ASRM Guideline.
    Source
  7. World Health Organization. Polycystic Ovary Syndrome: Fact Sheet. Geneva: World Health Organization.
    Source
  8. World Health Organization. Endometriosis: Fact Sheet. Geneva: World Health Organization.
    Source
  9. Centers for Disease Control and Prevention. About Pelvic Inflammatory Disease.
    Source

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa
Barnoota Fayyaa, Qorannoo fi Tajaajila Yaala Uumamaa Itti Gaafatamummaa Qabu


Gara jalqabaatti deebi’i

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *