Hiika jecha “dhukkuba Simbiraa” Ethiopia keessatti

Hubannoo Dogoggoraa fi Garaagarummaa Maqaa “Dhukkuba Simbiraa ” Ethiopia keessatti.

Seensa

Jechi “Dhukkuba Simbiraa” jedhu hawaasa Itoophiyaa keessatti hiika tokko qofa hin qabu. Naannolee, afaanota fi kutaalee hawaasaa garaagaraa keessatti namoonni jecha kanatti fayyadamuun Dhibee wal irraa adda ta’an ibsu. Hawaasni Gareen tokko “Dhibeen Simbiraa” dhukkuba vaayirasii Tiruu Hepatitis dha jedhee yaada. Haaluma kanaan Jechi Dhukkuba Simbiraa jedhu kutaa hawaasa biraa keessatti immoo Dhukkuba gogaa kan madaa gogaa fuulaa, funyaanii, hidhii ykn guurraa irratti uumamu ibsuuf itti fayyadamu.

Hawaasni Jecha kana Dhukkuboota wal hin fakkanne lama ibsuuf itti fayyadama. Garaagarummaan hiika kanaa dhimma afaanii qofa miti. Hiikni isaa adda adda ta’uu fi Loqoda qofa miti kun balaa guddaa nama dhuunfaa irratti fiduu danda’a.

Dhukkubsataan dhibee isaa dhibee biraa se’ee yaala sirrii akka hin fudhannee fi qorannoo laaboraatorii akka hin goone taasisuu danda’a!. Kanaaf Dhimma kana irratti Ibsa bal’aa fi Hubannoo sirrii kennuun barbaachisaadha!. Barreeffama kana keessatti Naannoolee Oromiyaa fi Ethiopia keessatti Hubannoo dogoggoraa “Dhukkuba Simbiraa” jedhuu fi Garaagarummaa isaa fi Dhugaa saayinsiin mirkaneesse bal’inaan Ibsina.

𝙆𝙪𝙩𝙖𝙖𝙣 𝙃𝙖𝙬𝙖𝙖𝙨𝙖 𝙅𝙚𝙘𝙝𝙖 “𝘿𝙝𝙞𝙗𝙚𝙚 𝙎𝙞𝙢𝙗𝙞𝙧𝙖𝙖” 𝙟𝙚𝙙𝙝𝙪 𝘿𝙝𝙪𝙠𝙠𝙪𝙗𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙏𝙞𝙧𝙪𝙪 𝙞𝙗𝙨𝙪𝙪𝙛 𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙛𝙖𝙮𝙮𝙖𝙙𝙖𝙢𝙪 𝙠𝙖𝙢𝙞!?

Ethiopia Naannoo Finfinnee fi akkasumas Naannoo Oromiyaa kutaalee akka Arsii fi Baalee, Harargee fi kkf keessatti dabalatee, Amaaraa, Tigraay fi kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti jechi “Dhukkuba Simbiraa” jedhuu fi Afaan Amaaraa “Yewef Beshita” jechuun Dhukkuboota Tiruu kan akka Vaayirasii hepatitis ibsuuf bal’inaan itti fayyadamu.

Dhukkubni hawaasni Naannoo kanatti “Dhukkuba Simbiraa” jedhu kun, Dhibee Vaayirasii Tiruu (Viral Hepatitis) dha. Dhukkuba Saayinsii fayyaa keessatti beekamaa fi addunyaa irratti dhibee vaayirasii keessaaa sadarkaa lammaffaa qabudha. Waa’ee dhibee kanaa guyyaa guyyaan maxxansaa jirra. Hawaasni naannoo kanatti Vaayirasii kana “dhibee Simbiraa” yokan “Yewef Beshita” jedhee waama.

Qorannoon waa’ee imaammata fi too’annoo hepatitis Itoophiyaa keessatti gaggeeffame, Dhukkubni viral hepatitis hawaasa keessatti “Yewef Beshita” jedhamee akka beekamuu fi namoonni tokko tokko simbira halkanii nama irra balali’ee fincaan isaa nama tuquun dhibee tiruu fida jedhanii amanuu isaanii galmeesseera.

Haa ta’u malee, hawaasni yeroo “Dhukkuba Simbiraa” jedhu Dhibee kana qorannoo laaboraatoriitiin mirkanaa’ee qofa osoo hin taane Nama tokko yeroo ijaafi gogaan isaa keelloo ta’uu, fincaan dukkanaa’uu, dadhabbii fi mallattoolee jaundice biroo irratti mul’atu dhibee tiruu waliigalaan ibsuuf itti fayyadamu.

Waa’ee Fincaan Simbiraa irratti Hawaasni Guutuun Hubannoo dogoggoraa guddaa qaba. Fincaan Simbiraa Vaayirasii Tiruu Hepatitis yokan Dhukkuba gogaa wajjiin wal hin qabatu.


𝙆𝙪𝙩𝙖𝙖𝙣 𝙃𝙖𝙬𝙖𝙖𝙨𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙉𝙖𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤𝙡𝙚𝙚𝙣 𝙟𝙚𝙘𝙝𝙖 “𝘿𝙝𝙪𝙠𝙠𝙪𝙗𝙖 𝙎𝙞𝙢𝙗𝙞𝙧𝙖𝙖” 𝙟𝙚𝙙𝙝𝙪 𝘿𝙝𝙞𝙗𝙚𝙚 𝙂𝙤𝙜𝙖𝙖 𝙁𝙞𝙣𝙘𝙖𝙖𝙣 𝙎𝙞𝙢𝙗𝙞𝙧𝙖𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙙𝙝𝙪𝙛𝙪𝙙𝙝𝙖 𝙟𝙚𝙙𝙝𝙪 𝙠𝙖𝙢𝙞?

Jechi kun Naannoo biraatti Dhibee Gogaa ibsuuf tajaajila.

Ethiopia Naannoo akka Tigraay, Walloo, Amhaaraa, fi Godinaalee lixa Oromiyaa kan akka Wallaggaa fi Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi kkf keessatti “Dhukkuba Simbiraa” kan jedhamu Dhukkuba gogaa qaamaa madeessu fi yeroo baay’ee funyaanii fi guurraa fi kkf irratti nama ba’ee nama madeessu ibsuuf itti fayyadamu. Dhibeen gogaa kun yeroo baay’ee halkan namarratti uumamee bula, nama madeessuu fi yeroo ture Tishuuwwan naannoo sanaa miidhuu danda’a.

Dhukkuba gogaa kana Hawaasni Naannoo lixa Oromiyaa fincaan Simbira halkanii irraa nama qaba jedhee Amana. Naannolee Itoophiyaa hedduu kan akka Tigraay fi Walloo, Amaaraa fi naannolee olka’iinsa lafaa qaban keessatti, dhibeen gogaa fuula, funyaan, hidhii, gurraafi qaamolee biroo irratti madaa uumu naannoo kanatti Afaan Amaaraatiin “Yelelit Wof Shint” Afaan Oromootiin “Dhukkuba Fincaan Simbira Halkanii” jedhamee Waamama.

Hawaasni naannoo kanatti Dhukkubni gogaa qaamaa madeessu sun, simbirri halkanii nama irra balali’ee fincaan isaa gogaa namaa tuquun dhibee kana namatti fida jedhee Amana.

Garuu Waan nama ajaa’ibu Dhukkubni gogaa qaamaa madeessu kan hawaasni keenya Fincaan Simbira halkanii irraa dhufa jedhee Amanu sun Tasuma Simbira halkanii wajjin wal hin qabatu!.

Hawaasni dhibee kanneen uumama “Simbira Halkanii” (Bat: Order Chiroptera) wajjin wal qabsiisee haa amanu malee, Qorannoowwan saayinsaawaa kutaalee Itoophiyaa keessatti gaggeeffaman akka mirkaneessanitti dhibeewwan Gogaa kunneen Fincaan Simbira halkanii osoo hin taane parasaatota, fi summii ilbiisota xixiqqoo irraa kan maddanidha. Hubannoo dogoggoraa kanaan kan ka’e, namoonni hedduun sababa dhibee isaanii beeku fi yaala ammayyaa argachuu fi sirrii argachuu dhabani qoricha aadaa fudhatu.

Dhukkubni Gogaa hawaasni Ethiopia Naannoolee Ethiopia tokko tokkoo fi Oromiyaa Lixaa keessatti “Dhukkuba Fincaan Simbira Halkanii” jedee waamu dhibee gogaa gosa qofa akka hin taanee fi dhibee gogaa gosa gurguddoo lama ta’uu qorannoon godhame agarsiiseera. Dhukkuboota kana lamaan kessa inni:

Tokkoffaan Dhukkuba gogaa Leeshmaaniyisisii 

Dhukkubni Gogoa hawaasni Keenya Fincaan Simbiraa jedhu harka 95 Dhukkuba Gogaa Afaan Saayinsiin (cutaneous ykn mucocutaneous leishmaniasis) jedhamu kan maxxantoota (parasite Leishmania) jedhamtu irraa dhufu yoo ta’u, Dhukkuba yeroo dheeraa keessatti suuta suuta babal’atee funyaan, hidhii, guurra fi tishuu naannoo isaanii mancaasuu danda’u dha.

Dhibeen kun Karaa Tisiisa cirrachaa (sandfly) jedhamuun daddarba. Namoonni dhibee kana qaban hedduun qorannoon irratti taasifamee Dhibeen koo Fincaan Simbiraa wajjin wal qabata jedhaa turan garuu yeroo Qoratamu Dhukkuba Gogaa namaa miidhu kan Afaan Saayinsiin (cutaneous ykn mucocutaneous leishmaniasis) jedhamu dha malee Fincaan Simbiraa miti. Hawaasa bal’aa biratti dhukkubni kun Dhibee Fincaan Simbiraa jedhamee yaadama.

Dhibeen kun Dhukkuba gogaa salphaa qofa osoo hin taane dhibee yoo hin yaalamne qaamolee akka Afaanii fi funyaan, guurra namaa hedduu miidhuu danda’u dha.

Lammaffaa Dhukkuba Gogaa Paederus dermatitis

Dhibee gogaa hawaasni Keenya dhibee Fincaan Simbiraa irraa dhufa jedhu keessaa lammaffaan Dhukkuba gogaa beekamaa Afaan Saayinsiin (Paederus dermatitis) jedhama. Inni dhibee gogaa summii ilbiisa xiqqaa (pederin) jedhamu irraa dhufudha.

(Paederus) jechuun ilbiisa qal’aa, yeroo baay’ee mataa gurraacha, qaama bifa diimaa/burtukaanaa fi gurraacha qabuudha. Inni simbira halkanii ykn bat miti; ilbiisa gosa beetle, maatii Staphylinidae keessa jiruudha. Ilbiisni kun nama hin ciniinu; itti yaadee summii namatti gadi hin lakkisu; fincaan isaa nama irratti dhangala’ee dhibee hin fidu.

Garuu ilbiisni kun yeroo namni rafe gogaa fuulaa kan akka funyaanii fi guurra irra qubata, Gogaa namaa irratti yeroo caccabu ykn harkaan tuqamee daakamu, dhangala’aan (pederin) jedhamu qaama isaa keessaa ba’ee gogaa tuqa. Pederin sun summii seelii gogaa gubu dha.

Summiin isaa sun gogaan naannoo yeroo gabaabaa keessatti bishaan kuusuu fi gubaa fi crust uumu dha. Sa’aatii 24 hanga 48 keessatti dhibee Gogaa (Paederus dermatitis) jefhamuuf nama saaxila. Garuu Dhibeen kana Caalaa harka 95 kan dhibee ummanni Fincaan Simbiraa jedhu Dhibee “cutaneous ykn mucocutaneous leishmaniasis” jedhamu dha.

Waa’ee Dhibee hawaasni Dhukkuba Fincaan Simbiraa yokan “Yelelit Wof Shint” jechu kana irratti Qorannoowwan Gosa Hedduun Taasifamanii Dhibeen sun Fincaan Simbiraa wajjin akka wal hin qabanne Mirkaneessaniiru.

Qorannoowwan kanneen keessaa akka Fakkeenyaatti Qorannoowwan Oromiyaa lixaa fi Naannolee Itoophiyaa biroo keessatti taasifaman muraasa kaasuun ni danda’ama.

𝟭. 𝗤𝗼𝗿𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗚𝗼𝗱𝗶𝗻𝗮 𝗤𝗲𝗲𝗹𝗹𝗲𝗺 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮

Qorannoon dhimma Dhukkuba gogaa hawaasni Fincaan Simbiraa irraa dhufa jedhu kanaan wal qabatee, Qellem Wallaggaa, Aanaa Saayoo, Keessatti gaggeeffameera.

Qorannoon kun Namoota Dhukkuba Gogaa kana qabna 1,074 irratti gaggeeffame. Hedduun isaanii Dhibeen keenya Fincaan Simbira halkanii irraa nutti dhufe jedhan.

Ha ta’uu garuu Namoota kana Dhibeen isaanii irratti qorannoo microscope fi culture’n godhamee dhukkubni sun Fincaan Simbiraa Osoo hin taane dhibee gogaa qaamaa Paraasaati irraa dhufu kan (cutaneous leishmaniasis) jedhamu ta’uu isaa qorannoon mirkaneesse.

Qorannoon kun akka mirkaneessetti, Dhukkubni gogaa sun parasaatii dhibee kana kaasu (Leishmania aethiopica) jedhamu irraa kan madde dha.

Qorattoonni erga maalummaa dhibee adda baasan hawaasni naannoo sanaa dhibee gogaa kana maalummaa isaa akka hin beeknee fi Afaan Oromootiin “dhukkuba Simbiraa” jedhee akka waamu ifatti barreessan.

Namoota dhukkuba gogaa kana qaban keessaa 90.7%—“fincaan simbiraa wajjin wal-qunnamuun” akka dhufu dubbatani, Dhibee Paraasaati irraa dhufu ta’uu isaa hubannoo akka hin qabne himaniiru.

Namoota dhibee kana qabaman keessaa baay’een isaanii madaan isaa funyaan, maddii fi hidhii irratti argame. Naannoo kanatti Namoonni hedduun sibiila ho’aa, injeraa ho’aa ykn dawaa aadaatiin madaa gubaa turan.

Dhimma kana Qoratan: Geletta Tadele, Abdi Samuel, Meseret Belete Fite, Geremu Tasew fi Adugna Abera ti.

𝟮. 𝗤𝗼𝗿𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗵𝗮𝗮 𝗛𝗼𝘀𝗽𝗶𝘁𝗮𝗮𝗹𝗮 𝗡𝗲𝗸𝗲𝗺𝘁𝗲 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗴𝗮𝗴𝗴𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗺𝗲:

Godina Wallaggaa bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti Dhimma kanaan wal qabatee Qorannoon seenaa yaala galmee dhukkubsattootaa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Nekemte keessatti waggoota sadiif (2018–2022) geggeeffameera.

Dhukkubsattoota dhibee gogaa Cutaneous Leishmaniasis tiif yaalaman hedduu seenaa galmee isaanii qorateera.

Namoonni hedduun Dhibee kun “Fincaan Simbira Halkanii” irraa akka dhufe Amanu.

Namoonni kun harka 60 ol Akkuma dhibeen kun gogaa isaanii irratti mul’ateen gara mana yaalaa deemuu dhabuu fi jalqaba irratti yaala aadaa fudhachuun yeroo gubani, madaan gogaa gubbaa jiru akka akka gadi fageenyaan tishuu fi funyaan miidhee gara (Mucocutaneous Leishmaniasis) tii akka ce’u taasisee jiraa.

Dhibeen isaanii Dhukkuba Fincaan Simbiraa Osoo hin taanee dhukkuba gogaa raammoo maxxantoota yokaan paraasaayiti gosa Leishmania jedhamuun dhufu dha.

𝟑. 𝐐𝐨𝐫𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐆𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐖𝐨𝐫𝐞𝐝𝐚 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐛𝐞𝐫 (𝐍𝐨𝐫𝐭𝐡𝐞𝐚𝐬𝐭 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚):

Qorannoon mixed-method study, bara 2024 Kaaba-baha Itoophiyaa. Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa; Aanaa Kutaber keessatti geggeeffameen Namoota Dhukkuba gogaa qaban (Cutaneous fi Mucocutaneous Leishmaniasis) qaban irratti gaggeeffamee Jira. Qorannichi akka agarsiisutti hawaasa Aanaa Kutaber keessatti namoonni hedduun dhukkubni gogaa: Fincaan simbira halkanii irraa dhufa; “Yelelit Wof Shint” jedhanii waamu.

Hirmaattota keessaa Namoonni harki 73.6% ta’an dhibeen CL karaa

Tisiisa (sandfly) Titiisa cirrachaatiin waliin walitti dhufeenya akka qabuu karaa tisiisa kanaan kan daddarbu ta’uu fi dhibee Paraasaati akka ta’e hin beekanu ture.

Akkasumas Naannoo kanatti hawaasni Simbiraa simbira halkanii mataa ishee akka waan dawaa dhibee kanaa ta’etti ilaalu.

Namoonni tokko tokko Simbira kana qabanii foon ishee gogsuun daakuu godhanii madaa dhukkuba Simbiraa jedhanii waaman sana irratti dibu.

Namoonni biroon immoo dawaa biqiltuu ogeessota aadaa irraa argatan fayyadamu.

𝟒. 𝐐𝐨𝐫𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐓𝐢𝐠𝐫𝐚𝐚𝐲 — “𝐆𝐮𝐳𝐰𝐚” 𝐟𝐢 𝐟𝐢𝐧𝐜𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢𝐦𝐛𝐢𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐥𝐤𝐚𝐧𝐢𝐢

Qorannoon bara 2026 naannolee Dhibeen Leeshmaaniyisisiin itti baay’atu torba, Tigraay keessatti maatii 512 irratti gaggeeffame:

Namoota qorannoon irratti taasifamaa keessaa 96.8% dhibee sana maqaa naannoo “Guzwa” jedhuun waamu.

Namoonni kun hedduun isaanii simbira halkanii, bobbaa yookaan fincaan isaa dhibee kana daddabarsa jedhanii Amanuu turan.

Namoonni 17.5% ilbiisa “Tsa/Guzwa” jedhamee waamamu sababaa godhan. Namoota hunda keessaa nama 6 qofatu dhibeen kun tisiisa cirrachaa akka vector sirrii ta’e beeke. Warri kaan garuu dhibeen kana Fincaan simbira halkanii jedhaa turaniiru.

Kutaalee Ethiopia kunneen bakkoota Hawaasni bal’aan dhibee osoo hin hubatin Fincaan Simbiraa jedhu keessaa isaan ijoodha.

Akkuma Qorannoowwan Armaan olitti ibsaman 4n irraa hubachuun danda’amu, dhibeen namoonni hedduun Fincaan Simbiraa irraa dhufa jedhaa turan Fincaan Simbiraa wajjin wal hin qabatu.

Qorannoon kunneen Fakkeenyaafi malee Qorannoon biroo hedduun Hawaasni hedduun dhukkuba Gogaa hawaasni Fincaan Simbiraa irraa dhufa jedhu kun sirrii akka hin taane mirkaneessan hedduun ni jiru.

Dhukkubni kun akka hawaasni keenya jedhu Fincaan Simbira halkanii Osoo hin taane, Parasaatota irraa dhufa.

Qorannoowwan Sadarkaa Kilinikaalaa fi gurguddoon sadarkaa Systematic Review fi Meta-analysis irratti gaggeeffaman hedduun isaanii; Dhukkubni Gogaa namaa madeessu kan “Hawaasni Fincaan Simbira halkanii” irraa dhufa jedhu irratti Qorannoowwan microscope, parasite culture, histopathology fi PCR Dhibeen sun Fincaan simbira Halkanii Osoo hin taane Dhukkuba Gogaa beekamaa raammoo maxxantoota irraa dhufu kan (Cutaneous Leishmaniasis) jedhamu ta’uu fi keessumaa gosa parsasaayitii (Leishmania aethiopica) tiin dhufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhibeen kun dafee yaalamuu baannaan rakkoo fayyaa dabalataaf nama saaxiluu danda’a.

Akkaataan Hawaasni Ethiopia Maqaa “Dhukkuba Simbiraa” jedhu Itti hubatee fi itti fayyadamu, naannoo hundatti garaagarummaa guddaa qaba!. Hawaasni Gareen tokko Dhibeen Simbiraa dhukkuba vaayirasii Tiruu Hepatitis B fi C fida jedhee yaada. Gareen biraa immoo Dhibeen Gogaa Namaa Madeessu Fincaan Simbiraa irraa dhufa jedhee amana. Kanaafuu wanti kun dogoggora ta’uun Hubatamuu qabu:

Fincaan Simbira halkanii Dhibee Gogaa hin fidne kan Dhibee sana fide raammoo maxxantoota parasayitii (Leishmania aethiopica) jedhamu dha. Malee simbirri Hlkanii waan namarratti fincoofteef miti.

Akkasumas Fincaan Simbira halkanii Dhibee Tiruu hin fidne kan dhibee Tiruu sana fidu Vaayirasii Tiruu (Viral Hepatitis) jedhaudha. Qoranno fi yaala mataa isaa danda’e qaba. Simbira Halkanii wajjin wanti walitti fidu hin jiru!. Dhimma kana Haala kaanaan addaa baasnee hubachuun barbaachisaa dha.

Yaala Aadaa beekumsa saayinsii irratti hundaa’ee fi Odeeffannoo fayyaa saayinsaawaa ta’e Argachuuf Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa yokaan (Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa) Karaalee, miidiyaa hawaasummaa kan akka Facebook fi Telegram irratti Follow godhaa Hordofa.

Yaala Dhukkuboota Adda addaa argachuuf lakkoofsa Bilbilaa 0910333944 yokaan 0917535385 irratti Karaa WhatsApp fi Telegram Nu qunnama

Barreeffama kanaaf Maddoota Wabii Qorannoo Saayinsii Aramaan Gadii wabeeffanneerra:

1. Shiferaw F, Letebo M, Bane A. Chronic viral hepatitis: policy, regulation, and strategies for its control and elimination in Ethiopia. BMC Public Health. 2016;16:769. doi:10.1186/s12889-016-3459-1.

2. Tadele G, Samuel A, Fite MB, Tasew G, Abera A. Prevalence and knowledge of cutaneous leishmaniasis in Aleku Area of Sayo District, Western Ethiopia: Community-based cross-sectional study. Journal of Medicine and Public Health. 2024;5:97–101.

3. Geto AK, Malede A, Lingerew M, Abie AB, Berihun G, Ademas A, et al. Knowledge, attitude, prevention practice and lived experience towards cutaneous leishmaniasis and associated factors among residents of Kutaber District, Northeast Ethiopia, 2022: A mixed-method study. PLoS Neglected Tropical Diseases. 2024;18(8):e0012427. doi:10.1371/journal.pntd.0012427.

4. Berhanu A, et al. Cutaneous leishmaniasis in Kutaber District, Ethiopia: Prevalence, sand fly fauna and community knowledge, attitude and practices. Heliyon. 2023;9(8):e18286. doi:10.1016/j.heliyon.2023.e18286.

5. Dires A, Kumar P, Gedamu S, Yimam W, Ademe S. Knowledge, attitude and prevention measures of students towards cutaneous leishmaniasis in Delanta District, Northeast Ethiopia. Parasite Epidemiology and Control. 2022;17:e00241. doi:10.1016/j.parepi.2022.e00241.

6. Ergicho MT, Tamire M, Tadesse Y, Walker SL, Palmer J, Hailemichael Y, et al. Traditional medicine practices for cutaneous leishmaniasis in Kalu District, South Wollo, Ethiopia. Tropical Medicine and Health. 2025;53:126. doi:10.1186/s41182-025-00804-7.

7. Cherkose T, Engdawork K, Zuurmond M, Alemu AY, Kassa FA, Lambert S, et al. “It left me burnt”: Traditional treatment and stigma experiences of cutaneous leishmaniasis in Kalu District, Ethiopia. PLoS Neglected Tropical Diseases. 2026;20(2):e0013537. doi:10.1371/journal.pntd.0013537.

8. Tegegne B, Alemu G. Progress of mucocutaneous leishmaniasis to drug-nonresponsive diffuse cutaneous leishmaniasis in Ethiopia: A case report. International Medical Case Reports Journal. 2020;13:551–555. doi:10.2147/IMCRJ.S275133.

9. van Henten S, Adriaensen W, Fikre H, Akuffo H, Diro E, Hailu A, et al. Cutaneous leishmaniasis due to Leishmania aethiopica. EClinicalMedicine. 2019;6:69–81. doi:10.1016/j.eclinm.2018.12.009.

10. Tamiru HF, Mashalla YJ, Mohammed R, Tshweneagae GT. Cutaneous leishmaniasis: A neglected tropical disease—community knowledge, attitude and practices in an endemic area, Northwest Ethiopia. BMC Infectious Diseases. 2019;19:855. doi:10.1186/s12879-019-4506-1.

11. Neamin G, Negga A, Mukemil H, Mengistu B, Rahel Y. Paederus dermatitis outbreak in Addis Ababa, Ethiopia: A case-control study. Journal of Environmental and Public Health. 2021;2021:8892785. doi:10.1155/2021/8892785.

12. World Health Organization. Leishmaniasis: Fact sheet. Geneva: World Health Organization.

13. World Health Organization. Hepatitis B: Fact sheet. Geneva: World Health Organization.

14. World Health Organization. Hepatitis C: Fact sheet. Geneva: World Health Organization.

Barreessaa fi Qopheessan; Huzayifaa Mahamadawwal Shifaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *