Ajjeechaa Arsii Bahaa keessatti raawwatame ilaalchisee Dhugaan jiru maali? Wanti miidiyaa hawaasaa irratti naannawaa turee fi wanti lafarratti ta’aa jiru tokko?
Akkuma beekamu Yeroo garee tokko irratti haleellaan raawwatamu, namoonni nagaan ajjeefaman, qe’ee isaanii irraa buqqa’an yookaan manni amantaa isaanii gubatu, miidhamtootaaf sagalee ta’uun, yakka sana balaaleffachuunii fi yakkamtoonni seeraan akka gaafataman gaafachuun dirqama namummaa ti.
Garuu Yakka Gareen Tokko raawwate osoo hin qoratin Ummata Guutuutti Maxxansuu fi lola amantii fakkeessuun furmaata miti. Dhugaa micciruun Miidhamtootaaf sagalee ta’uu miti. Faallaa kanaatiin, miidhaa duraan jiru irratti balaa biraa dabala; walshakkii, jibbaa fi walitti bu’iinsa amantii uumuuf karaa bana. Dhimma Arsii Bahaa keessatti wanti lafarratti ta’aa jiruufi wanti miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’aa ture gonkumaa wal hin fakkaatu.
𝑨𝒓𝒔𝒊𝒊 𝒃𝒂𝒉𝒂𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒎𝒂𝒂𝒍𝒕𝒖 𝒕𝒂’𝒆? 𝑫𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒖 𝒎𝒂𝒂𝒍𝒊?
Yeroo dhiyoo as Godina Arsii Bahaa keessatti, keessumaa Naannolee akka Shirkaa, Gunaa, Martii, Asekoo, Onkooloo Waabee, Honqoloo, Waabee fi Muneessaa jedhaman keessatti, haleellaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti irra deddeebi’anii raawwatamuu isaanii Miidiyaalee Gurguddaa fi Maddeen odeffannnoo amanamoon gabaadaniiru, hawaasni naannoo sanaas bifa adda addaatiin miidiyaa waliin gaaffii fi deebii taasisaniin dhimma kana mirkaneessanii jiru.
Odeeffannoon argame akka agarsiisutti, Haleellaa fi ajjeechaan kun kan raawwatamu garee meeshaa waraanaa hidhatee socho’uun yoo ta’u, Haleellaan kun namoota naannoo sanaa hunda kan miidhaa jiru ta’us, garuu miidhaa irra caalaan yokan, baay’inaan Kiristaanota Ortodoksii irratti raawwatame jira. keessumaa namoota sabaan Amaaraa ta’an irratti hundaa ol waan xiyyeeffate fakkaata. Haleellaa yeroo sadii ol naannoo garaagaraa keessatti raawwatameen, namoota miidhamanii fi ajjeefaman keessaa baayyeen isaanii kiristaanaa Ortodoksii turan.
Abbaan Amantii Phaaphaasii Ortodoksii olaanaa kutaa biyyaa Lallaba Arsii fi Naannoo Somaalii Jigjigaa kan tahan (Abuuna Elsaa) ibsa baasaniin Arsii aanaalee akka Asakoo, Bashirkaa fi Honqooloo Waabeetti ”amantoonni Ortodoksii 13 ajjeefamuu, kanneen 280 tahan qe’eerraa buqqa’uufi bataskaanni 101 gubachuu,” eeraniiru.
Akkasumas Haleellaan kun Caamsaa 23/2018 A.L.I kan jalqabe ta’uu ibsuun, aanaa Silxaana iddoo addaa (Bacheettoo) jedhamutti namoota lama, aanaa Asakootti ammoo namoonni 11 ajjeefamuu himaniiru.
Maddeen mootummaa fi hawaasa naannoo akka jedhanitti, Namoota du’an kana keessaa namni tokko musliima, namni lama qaama nageenyaa mootummaa turan. Namoonni sagal Kiristaanot Ortodoksii naannoo sana jiraatanidha.
Naannoo kana keessatti waggaa tokko dura irraa jalqabee hanga har’aatti Haleellaa namoota hidhatanii socho’aniin raawwatamu kanaan Hordoftoonni amantii Ortodoksii 34 lubbuu isaanii dhabanii jiru. Haa ta’u malee, kan du’aa ture amantii tokko qofa miti, lola kanaan namoonni Muslimaa fi hidhattoonni mootummaa/qaamoleen nageenyaa hedduun lubbuu dhaabaniiru. Namoonni baay’eenis Qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii jiru.
Naannoo kanatti Namoonni nagaan ajjeefamuu fi Bataskaanni Ortodoksii umrii waggaa 100 olii qabu tokko gubachuun dhugaadha waan mirkanaa’edha. Gocha seeraan alaa fi gocha balaaleffatamuu qabu dha. Yakka akkasii xiqqeesssnii dhoksuun yookaan sababa siyaasaa kamiinuu ukkaamsuuf yaaluun hin danda’amu. Dhugaa dubbachuu fi namoota miidhamaniif sagalee ta’uun barbaachisaadha.
Sababni isaas Haleellaan har’a Kiristaana ajjeesu kun, kaleessa Gondarii fi Aksum keessatti Muslima miidhaa fi ajjeesaa masjiidaa gubaa isa turedha. Haleellaan kun bor kallattiin naannoolee biraatti babal’achuu fi walitti bu’iinsa cimaa fiduu danda’a.
Kaleessa Muslimoota naannoo Amaaraa fi Tigraay irratti Haleellaan raawwatamaa ture, har’a Kiristaanota nagaa irratti raawwatamaa jira, Haleellaan kun ergama biyya diiguu cimaa waan qabuuf cimee balaaleffatamuu fi irratti hojjetamuu qaba.
𝐇𝐚𝐥𝐞𝐞𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐚𝐣𝐣𝐞𝐞𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐧𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚!
Yeroo ammaa Akkaataan namoonni dhimma kana miidiyaa irratti ittiin ibsaa jiranu, nageenya biyyaatiif baayyee yaaddeessaa fi dhugaa lafarra jiru ukkaamsee, balaa haaraan kan biraa biyya keessatti akka dabalatuuf kana karaa banuu danda’u dha.
Torban darbe akkuma Arsii keessatti namoonni ajjeefamuu fi bataskaanni tokko gubachuun dhaga’ameen Namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa irratti yaada Balaafamaa gadi dhiisuu jalqaban. Namoonni baay’een ragaa gahaa malee, haleellaa garee hidhataa tokkoon raawwatame akka waan hawaasa Muslimaa guutuun raawwatameetti “Muslimoonni Arsii Kiristaanota ajjeesaa jiru” jechuun olola bal’aa gaggeessaniiru. Kun waan salphaa miti.
Yakka garee kaayyoo siyaasaa qabuu fi hidhatee socho’u tokkoon raawwatame fuudhanii akka waan hawaasa musliimaa tiin, raawwatame godhanii lallabuuun dhugaa faallessuu qofa osoo hin taane, jibba amantii ummata keessatti ijaaruu dha.
Warri miidiyaa irratti akka qabsaa’aa kiristaanaa ta’anitti “Muslimoota kiristaana ajjeesaa jira” jedhanii waan baay’ee dubbataa turan kanneen Ka’ii mirga kee falmadhuu fi kkf bal’inaan karaa YouTube video, Facebook, TikTok, Instagram, X fi kkf irratti tamsaasaa turan biyyuma Arsii jedhamu kana deemanii hin beekanu! Awurooppaa fi Ameerikaa taa’aanii waan hin beekne facaasaa turani.
𝐇𝐚𝐧𝐠𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐤𝐮𝐧 𝐚𝐣𝐣𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐧𝐞!
Warri midiyaa hawaasaa irratti dubbatanu Muslima kiristaana ajjessaa jira jechuun dubbatu garuu, Namoonni naannoo Haleellaan itti raawwatame sana keessa jiraatan garuu dhugaa biraa dubbataa jiru. Kiristaanota naannoo sanatti maatiin isaanii miidhaman keessaa baay’een isaanii karaa miidiyaa hawaasaa fi miidiyaa idileetiin yaada keennan keessatti; Muslimoonni isaan waliin ajjeefamuu, isaan waliin buqqa’uu fi walitti bu’iinsi kun uummata hunda miidhaa jiraachuu isaa ifatti ibsaniiru. Abbootii Amantaa Ortodoksii Naannoo sanaa dabalatee namoonni buqqa’an akka jedhanitti “Haleellaa fi miidhaan Kiristaanota irratti ga’aa jiraachuun dhugaa dha; garuu rakkoon kun lola Muslimootaa fi Kiristaanotaa gidduutti banamee miti jedhan. Dhugumatti waan akka lola amantii hin taane Argisiisu keessaa inni guddaan tokko yeroo ammaa Arsii bahaa keessatti Namoonni muslima tahan kuma 10 olitti tilmaamaman sababa walitti bu’iinsa Humnoota hidhatanii socho’anii fi mootummaa gidduutti ka’een qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii jiru!. Namoonni kun kiristaana miti harka 90 Muslimoota dha!.
𝗘𝗲𝗻𝘆𝘂𝘁𝘂 𝗵𝗮𝗹𝗲𝗲𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗲?
Abbaa amantii kiristaana Ortodoksii naannoo sanaa dabalatee namoonni yaada isaanii Miidiyaatti kennantan, kunneen akka jedhanitti kan haleellaa isaan irratti raawwate humna waraana adda Bilisummaa Oromoo-WBO, kan mootummaan “Shanee” jedhee waamu himataniiru.
Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsa baasaniin Haleellaa kanaaf WBO’n itti gaafatamaa akka ta’e himanii jiru!.
Abbaan Amantii Ortodoksii kan bataskaana gubate sana keessatti tajaajilaa turan (BBC Amharic) fi Miidiyaalee walabaa biroo wajjin gaaffii fi deebii taasisanii jiru, hasawaa isaanii keessatti, gama gaazixeessaan Eenyutu bataskaana gubee? Eenyu kan namoota nagaa kana ajjeesaa jiru? Jechuun gaafatan isaaniis (Oneg, Shanee) yokan waraana Bilisummaa Oromoo akka ta’e Dubbataniiru. Gaazixeessaan “Qaamoleen hidhatanii socho’an kunneen Maaliif isin haleelu?” jedhee yeroo gaafatu, deebii isaan kennan “maaliif akka isaan nu ajjeesaa jiraniif hin beeknu, badiin keenya maal akka ta’e nuuf galuu hin dandeenye, jara gaafanne jirra, Maaliif Haleellaan kun nurratti raawwatama jenneerra, yoo haaloon wahii gidduu keenya jiraates nu araarsaa jennee jirra, haa ta’uu Garuu qaama tokko irraa deebii argachuu hin dandeenye, kan nurratti dhukaasaa ture”Shaneedha” jedhan. Gaazuzeessaan BBC Akkamitti shanee ta’uu beektan? Jedhe yeroo gaafatu, “Sirriitti beeknaa isaan wajjin ifatti walitti dhukaasaa turre, yeroo dheeraa walitti dhukaafnee, lakkoofsi isaanii guddaa waan ta’eef, Booda nu moo’atamne bakka sana gadi dhiifnee baane!. Jedhanii miidiyaa walabatti dubbatanii jiru.
Yaada abbaan amantii kun kennan irraa wanti lama hubatamuu danda’a:
Tokkoffaa; Namoonni kun meeshaa waraanaa kan hidhatanii fi yoo xiqqaa ta’ellee, leenjii waraanaa kan qaban ta’uu isaaniti, sababni isaas “shanee wajjin walitti dhukaasaa turre” jedhanii jiru. Kun meeshaa waraanaa qabaachuu fi lola danda’uu isaanii Argisiisa. Tarii meeshaa waraanaa qabaachuun isaanii kun immoo garee hidhatee jiru sanaan hundaa ol akka xiyyeeffannoo jela galan taasisuu danda’a.
Lammaffaan; namoonni kun hundi afaan Amhaaraa dubbatu, naannoo sana qubatanii jiraatu, sabaan Amhaaraa ta’uun isaaniis sababa ajjeechaa kanaa keessaa tokko ta’ee fudhatamuu danda’a!.
Odeeffannoowwan hin mirkanoofne tokko tokko kan miidiyaa hawaasaa irra naannawaa turan akka jedhanitti “Bataskaana Arsii keessatti gubate kun Alaabaa Minilik ofirraa qabaachuun isaa akka inni gubatuuf gahee qabaachuu akka danda’e Argisiisa. Garuu kun yaada namootaa ti, malee bataskaanni kun alaabaa Minilik qabaachuu fi dhabuun isaa wanti mirkanaa’e hin jiru!.
Walumaagalatti sababoonni adda addaa caqafamanii jiru Garuu hanga ammaatti Sababni inni dhugaan namoonni kun ajjeefamaniif Maalii? kan jedhuuf Deebiin sirriin hin argamne ummanni Haleellaan irratti raawwatames sababa hin beeknu jedhaa jiru.
Dubbiin kun dhugaan isaa haala kanaan wal xaxaa ta’ee osoo jiruu, Nammoonni Ajandaa siyaasaa qabaniifi, amantii jela jela dhokachuun biyya alaa fi biyya keessaa hedduun miidiyaa hawaasummaa irratti maqaa Arsii fi maqaa Muslimootaa balleessaa turan!. Ummata gidduutti waan walitti bu’iinsa fiduu danda’u maxxansaa fi haasawa jibbiinsaa bal’aa, gadi dhiisaa turaniiru!.
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐀𝐣𝐣𝐞𝐞𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐧𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐦𝐨𝐫𝐦𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚
Namoota sababa amantii isaanii, sabummaa isaanii yookaan eenyummaa isaanii irraa ka’uun miidhamaniif sagalee ta’uun gahee Kiristaanaa qofa miti. Namni Itoophiyaa keessa jiraatu kamiyyuu, yeroo bataskaanni gubatu, yeroo masjiidni barbadaa’u, yeroo namni tokko amantii isaatiin addatti filatamee ajjeefamu, gocha sana mormuu fi balaaleffachuuf dirqama namummaa qaba. Yakki amantii tokko irratti raawwatame, amantii sana qofa kan miidhu miti. Nageenya hawaasaa, wal-amantaa uummataa fi bu’uura jireenya biyya guutuu miidha. Kanaaf Kiristaanni masjiida gubameef sagalee ta’uu qaba; Muslimnis bataskaana gubameef falmuu qaba.
Garuu sobuu fi oduu kijibaa facaasuun hin barbaachisu!.Waan uumame kana gara waraana amantii, sabaafi eenyummaa waliigalaatti jijjiiruuf yaaluun miidhamtootaaf haqaa kennuu yokan Kiristaanota du’aa jiraniif sagalee ta’uu miti, wanti godhamaa jiru kun rakkoo amma jiru irratti rakkoo fi walitti bu’iinsi biraa kan caalaatti ulfaataa ta’e akka dhalatuuf karaa saaquudha.
Yeroo amma namoonni baay’een miidiyaa hawaasummaa irratti yaada finxaalessummaa kan akka
“Gareen kun yokan Hordoftoota amantii islaamaa diina keessani,
Amantiin kun isin balleessuuf deemaa jira, kiristaanonni Yoo amma meeshaa waraanaa hidhattanii hin falmine, boru ni dhabamtu,” jechuun uummata kakaasuu fi sodaachisuu irratti hojjetaa jiru… Namoonni kun dhugaa ibsaa hin jiranu, ummata kiristaanaaf sagalee ta’aa hin jiranu, Isaan taatee uumame micciiranii sammuu hawaasaa keessatti walshakkii, jibbaafi haaloo ijaaraa jiru.
Kaayyoon namoota dubbii akkanaa facaasaa jiranu, dhugaa ibsuu yookaan miidhamtootaaf sagalee ta’uu miti. Kaayyoon isaanii inni guddaan, sodaa uumuudha; hawaasa qoqqoodu; nama hunda akka of shakku gochuudha; namoonni meeshaa waraanaa bitanii akka hidhatan kakaasuudha; lolaaf haala mijeessuudha; akkasumas aangoo siyaasaa, faayidaa dinagdee yookaan daldala meeshaa waraanaa babal’isuudha.
Yeroo sodaan guddaan uumamu, namni hundi ollaa isaa shakkuu jalqaba, obboleessa ofii akka waan balaa ta’eettu ilaaluu jalqaba. Meshaa waraanaa hidhachuu fi lolaaf Qophaa’uu jalqabaa!.
Haala kanaan Namni waggoota dheeraaf waliin jiraate, waliin daldale, waliin gaddaafi gammachuu qooddate, shira siyaasaa tii, yookks Gareen tokko raawwateen guyyaa tokko keessatti “diina” jedhamee dhiyaata.
Kun walitti bu’iinsa akka carraa ummata gidduutti ka’e osoo hin taanee, bu’aa shira wal xaxaa namoonni siyaasaa yokan gareen Ergama dhoksaa qabuu qindaa’ee raawwatu dha. Kanaaf ummanni keenya yeroo taateen suukanneessaan yokan Haleellaa fi ajjeechaan akkasii uumamu, Yaada badaa kennuu fi dhaggeeffachuu keenyaan dura waan kana gaafachuun qorachuun dirqama:
Gocha kana Eenyutu raawwate?
Sababni isaa maali!?
Maaliif raawwate?
Hawaasni naannoo sanaa maal jedhaa!?
Eenyutu odeeffannoo kana ola kaasee facaasaa jira? Nama naannoo sana jiru moo nama achirraa fagoo jiru dha!?
Haleellaan kun Maaliif yeroo ammaa raawwatame?
Eenyutu Haleellaa kana booda jiru?
Eenyutu irraa fayyadamaa jira?
Jennee dhimma sana qorachuun barbaachisaadha.
Sababni isaas yoo hin qorannu ta’e, osoo hin beekin tarkaanfii badaa fi walitti bu’iinsa keessa galuu dandeena! yakkamaa isa dhugaa ummata ajjeesaa jiru dhiifnee garee badii hin qabne adabuu fi maqaa balleessuun yakkamaan sun akka miliquu fi dhigni namoota nagaa akka lafatti hafu taasisaa!.
𝐖𝐚𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐮’𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐰𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐞𝐞 𝐨𝐝𝐞𝐟𝐟𝐚𝐧𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐤𝐢𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐬𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐢𝐣𝐚𝐚𝐫𝐚𝐦𝐚
Walitti bu’iinsii fi waraanni gurguddaan yeroo hedduu addunyaa irratti mul’atan akka nuti yaadnu sababa gareen amantii yokaan gareen siyaasaa tokko garee biraa jibbeef qofa, hawaasni battalumatti meeshaa waraanaa qabatee waraana hin jalqabne.
Waraanni lafarratti osoo hin jalqabin dura dura, sammuu namootaa keessatti qophaa’a. Akka waraanni ka’uuf dursee sammuu ummataa irratti hojjetama, odeeffannoon jallifame gadi dhiisama, duula miidiyaa tiin, Jibbaa fi walshakkiin, sodaa fi suuta suutaan hawaasa keessatti facaasamee, waraanaaf karaa bana, malee hawaasni tokko guyyaa tokko keessatti lafaa ka’ee wal hin ajjeesu!.
Barreeffamaa fi Viidiyoon har’a “Muslimoonni Kiristaanota ajjeesaa fi buqqisaa jiru” jedhamee gadi dhiifamu kun salphaa nutti fakkachuu danda’a garuu diinummaa cimaa hawaasa keessatti ijaaraa jira. Guyyaa biraa immoo yeroo rakkoon mudatu Odeffannnoon kun gara ka’aa meeshaa waraanaa hidhadhaa mirga keessan falamadhaa jedhutti guddata! Ammas namoonni Amhaaraa tokko tokko ummata waraanaaf kakaaasuu jalqabanii jiru!.
Gareewwan siyaasaa, humnoonni aangoo barbaadan yookaan qaamoleen kaayyoo dhokataa qaban yeroo baay’ee ofii isaanii akka qabsaa’ota ummataa ta’anitti dhiyeessu. Garuu duuba keessatti tooftaa walxaxaa fayyadamuun uummata lama gidduutti shakkii uumu; amantii tokko amantii biraatiif akka balaa ta’e fakkeessu; seenaa durii fedhii isaanii irratti hundaa’uun jijjiiranii himu; taatee tokko dhugaa isaa irraa jallisanii, bifa miira namootaa kakaasuun dhiyeessu. Garee haleeluu barbaadan tokko irratti:
“Isaan diina keessan,”
“Isaan eenyummaa keessan balleessuuf jiru,”
“Isaan amantii keessan dhabamsiisuuf ka’aniiru” jechuun uummata sodaachisu.
Yaadonni akkanaa kunneen irra deddeebi’amee namatti odeeffamu, sammuun namaa dhugaa godhee fudhata, kana booda namoonni ragaa gaafachuu dhiisanii garee maqaan isaa balleeffamaa jiru sana akka diinaatti ilaaluu jalqabu.
Gochi Olola facaasuu Kun waraana meeshaa waraanaan gaggeeffamu caalaa balaa guddaa qaba. Sababni isaas, namoonni sammuu isaanii keessatti diina walii erga ta’anii booda, waraanni lafarratti ka’uuf sababni xiqqaan illee gahaa dha.
Ummata wal jibbaa jiru tokko wal waraansiisuun salphaadha. Taateen tokko, oduun sobaa tokko, suuraa yokan Viidiyoo nama miidhamee tokko post gochuun qofti walitti bu’iinsa guddaa kaasuu danda’a. Sababni isaas namoonni kun durumaa oduu sobaatin diina wal godhatani jiru waan ta’eef karaa ittiin wal waraanan barbaadu.
Sababa kanaaf Humnoonni siyaasaa fi gareewwan aangoo barbaadan yeroo rakkoon uummata keessatti uumamu, rakkoo sana hiikuu mannaa guddisanii itti fayyadamu. Amantii tokko “weerartuu,” “diina,” “balaa biyyaati” yookaan “eenyummaa biyya kana balleessuuf dhufe” jedhanii ibsuun sodaa fi walshakkii hawaasa keessatti dagaagsu.
Wanti hubachuu qabdan Miidhamtootaaf sagalee ta’uun barbaachisaadha. Yakka balaaleffachuun dirqama. Garuu yakka nama muraasaan raawwatame gara amantii yookaan saba guutuutti dabarsuun haqaa miti. Kun yakka tokko irraa ka’uun yakka biraaf karaa banuudha.
Fakkeenya biyyoota olola sobaaatiin diigaman
Seenaa biyyoota akka; Yaman, Sooriyaa fi Iraaq keessatti rakkoon akkanaa kun akkamitti guddachuu akka danda’uu fi biyya diiguu akka argineerra. Biyyoonni kunneen guyyaa tokko keessatti hin diigamne. Jalqaba siyaasnii fi olola sobaa fi duula maqa-balleessii raawwatamuun, hawaasa keessatti sodaafi walshakkii uumsme.
Gareen tokko garee biraa akka balaa fi diina ta’eetti dhiyeeffame. Seenaa, amantii fi eenyummaan keessan jechuun sabboonummaan akka meeshaa siyaasaatti hawaasa keessatti babal’atee.
Yeroo dheeraa booda, ilaalchi dogoggoraa uummata keessatti hidda godhate gara waraana hidhannootti jijjiirame. Kunis biyyoota kana keessatti Waraanni bal’aan akka ka’uuf sababa ta’ee, Waraana kanaan Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman du’anii, qe’ee isaanii irraa buqqa’an, qabeenyi biyyi isaanii garee hidhatee socho’uu fi garee biyya alaatiin, barbadaa’e, har’a biyya qabu jechuun hin danda’amu! Biyya nagaa hin qabne, addunyaa irratti kabaja hin qabne taatee jirti! mootummaa cimaa fi nageenya waaraa dhabaniiru. Waraanni erga jalqabee booda, qaamni jalqaba olola sana facaase illee waraana kanaan badeera. Namni waraana sanaan osoo hin miidhamin hafe tokko hin jiru.
Kanarraa barachuun barbaachisaadha. Oduu sobaa fi himannaa seeraan alaa irraa fagaachuun Nageenya biyyaalessaaf dursa kennuu qabna!.
Namni miidhamtootaaf dhugumaan sagalee ta’uu barbaadu, qaama yakka raawwate ragaan adda baasee himachuu qaba. Amantaa guutuu yookaan uummata guutuu yakkuun hin barbaachisu. Garee hidhataa tokkoon yakki raawwatame yoo ta’e, garee sana gaafachiisuun sirriidha; hordoftoota amantii miliyoonaan lakkaa’aman yakkuun garuu haqaa miti.
Yakka tokko balaaleffachuuf soba biraa uumun hin barbaachisu. Miidhamtootaaf sagalee ta’uuf uummata biraa diina gochuun hin barbaachisu. Haqni dhugaa irratti hundaa’ee barbaadama malee
Oduu sobaa, jibbaafi finxaalessummaa facaasuun haqni argamu tokko hin jiru.
Namni bataskaana gubateef boo’u, masjiida gubateefis boo’uu qaba. Namni Kiristaana ajjeefameef falmu, Muslima ajjeefameefis falmuu qaba. Kun biyyattii gara nageenyaatti geessuuf furmaata ijoodha. Yeroo Manni Amantaa Muslimaa gubatu kiristaanonni maaliif? Jedhanii falmuu qabu sababni isaas inni har’a masjiida gubsiise bifa jijjiirratee bor karaa biraatiin bataskaana gubsiisa Amantoota ajjessisa waan ta’eef, balaaleffatamuu qaba.
Yakki nama nagaa irratti raawwatame eenyuun iyyuu haa raawwatamu, balaaleffatamuu qaba. Kiristaana ajjeesuun yakka; Muslima ajjeesuunis yakka. Bataskaana gubuun yakka; Masjiida gubuunis yakka. Sabaa fi amantaa miidhamtootaa irratti hundaa’uun du’a nama tokkoo guddisanii kan biraa xiqqeessuun namummaa dhabuu fi haqaa faallessuu dha!.
Namni garee badii hin qabne sobaan himachuun faayidaa hin qabu. Miidhamtootaaf haqaa hin fidu. Bataskaana gubame hin deebisu. Namoota ajjeefaman lubbuutti hin deebisu. Qaama yakka raawwate seera duratti hin dhiyeessu. Faallaa kanaatiin, namoota yakka hin qabne diina godha; hawaasa walitti buusa; namoota nagaa biraa balaa keessa galcha. Akkasumas nageenya biyyaaf bu’aa hin qabu.
Sobni yeroo gabaabaaf nama gammachiisa, garee siyaasaa tokkoof deeggarsa yookaan kaka’umsa uumu danda’a. Garuu yeroo dheeraa booda hawaasa qoqqooda, wal-amantaa diiga, dhaloota haaraan haaloo akka dhaalu taasisa. Namni miidhamtootaaf dhugumaan sagalee ta’uu barbaadu, dhugaa dubbachuu qaba, garee badii qabu qofa irratti xiyyeeffachuu qaba!. Malee ummata guutuu irratti olola sobaa facaasuun Finxaalessummaa dha.