Facaatii fi Miidhaa Vaayirasii Tiruu Itiyoophiyaa keessatti

𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐟𝐚𝐜𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞 𝐯𝐚𝐚𝐲𝐫𝐚𝐬𝐢𝐢 𝐓𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐇𝐞𝐩𝐚𝐭𝐢𝐭𝐢𝐬 𝐁 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐩𝐢𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢

Qorannoon akka agarsiisutti Ethiopia keessatti namoonni dhibee tiruu qaban baay’een isaanii osoo akka dhibee qaban of irratti hin beekin, Erga Tiruun isaanii baay’ee miidhamee booda beeku waan ta’eef, hospitaala seenanii Guyyoota 30 keessatti lubbuu isaanii dhabu!.

Sababni isaa inni guddaan osoo Dhibeen hin cimin yaala jalqabuu dhabuu isaaniiti.

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, vaayirasoota Tiruu haleelan keessaa isa tokko yoo ta’u, dhibee daaddarbaa fi Dhibee mallattoo ykn dhukkubbii hin qabne waan ta’eef yeroo baayyee “Callisaa ajjeesaa” yokan “𝐒𝐢𝐥𝐞𝐧𝐭 𝐤𝐢𝐥𝐥𝐞𝐫” jedhamee waama. Maqaa kunis vaayirasichi waggootaaf mallattoo mul’ataa tokko malee dhokatee infekshinii yeroo dheeraa Tiruu irratti fiduu isaa irraa kan maddedha!. Qorannoon akka agarsiisutti Dhibee mallattoo hin qabne waan ta’eef Namoonni dhibbeentaa 95 ta’an hanga Tiruun isaanii Miidhamutti vaayrasii kana qabaachuu ofii hin beekanu.

Vaayirasiin Tiruu Dhibee talaallii qabuu fi dursee ittifamuu danda’u yoo ta’u, dhibeen kun erga nama qabees qorannoon adda baafamee qoricha antiviral’n to’atamuu fi yaalamuu kan danda’u ta’us, hanga ammaatti addunyaa irratti sababoota du’aa fi madaayuu Tiruu cirrhosis fi kaansarii tiruu keessaa isa guddaa ta’ee itti fufee jira. Qorannoo akka agarsiisutti yeroo ammaa namoonni miliyoona 240 hanga 350 ta’an addunyaa irratti vaayrasii tiruu Hepatitis B yeroo dheeraa waliin jiraachaa jiru.

Namoota Vaayirasii Tiruu Hepatitis B qaban keessaa Waggaatti namoonni miiliyoona 1.3 ol lubbuu isaanii dhabu. Kunis sababa Vaayirasiin kun utuu namni of irratti hin beekin miidhaa tiruu kan akka Manca’iinsa seelii tiruu fi madaayuu Tiruu cimaa fi dhibeen gara kanserii tiruu HCC’tti, ce’uu isaatiin miidhaa dhufuun lubbuu isaanii dhabu.

Itiyoophiyaan naannolee vaayirasiin Tiruu Hepatitis B’n itti baay’atu (Hyperendemic regions) keessatti ramadamti. Itoophiyaan Biyyoota akka Chaayinaa, Iindiyaa, Iindoneeshiyaa, Naayijeeriyaa tti, Aanuun biyyoota Namoonni Vaayrasii Tiruu Hepatitis B yeroo dheeraa qaban baay’inaan keessatti argaman keessaa ishee tokkodha.

Vaayirasiin Hepatitis B’n sababoota dhukkuba tiruu yeroo dheeraa (CLD) Qabamuu fi sababa kaansarii tiruu HCC nama saaxilan keessaa dhibbeentaa 60 ol qooda fudhata.

Itoophiyaa keessatti dhukkubni tiruu yeroo dheeraa fi cirrhosis du’a hospitaala keessatti uumamu keessaa qooda olaanaa fudhatu.

Qorannoowwan hospitaalota itiyoophiyaa filataman keessatti gaggeeffaman akka agarsiisanitti, dhukkubsattoota dhibee Tiruu CLD qaban kanneen Tiruun isaanii madaayee siriyoosisii godhateen booda hospitaala seenan keessaa tilmaamaan 25% hanga 35% ta’an hospitaala keessatti seenanii guyyaa 30 keessatti ubbuu isaanii dhabu. Gariin isaanii immoo hospitaalaa bahanii guyyoota 100 hanga 450 keessatti lubbuu isaanii dhabu jedha. Qorannoon kun Koolleejjii fayyaa “Hospitaala Leenca Gurraachaa fi Hospitaala phaawuloos fi kkf keessatti gaggeeffame.

Namoonni dhibee Tiruuf hospitaala seenanii Du’uu isaanii kanaaf Sababni guddaan dhukkubsattoonni baay’een kan mana yaalaa seenan Erga Tiruun isaanii madaayee cirrhosis sadarkaa cimaa irra gahee booda dhufan gariin isaanii immoo Erga tiruun isaanii dadhabee hojii dadhabuud gahee, garaacha isaanii keessatti bishaan kuufamee, dhiigni ujummoo nyaataa keessaa dhangala’ee, hepatic encephalopathy Uumame, rakkoo Tiruu sadarkaa Olaanaa irra gahee kaansariin tiruu HCC uumameen booda gara hospitaala deemu, Yeroo Dhibeen sadarkaa kana gahetti yaaliin godhamu bu’aan isaa xiqqaadha, Tarii du’a tursiisuu danda’a garuu bu’aa qabatamaa fiduu hin danda’u.

Akkuma armaan olitti ibsame, Sababni ijoon namoonni Vaayirasii Tiruu qaban kunneen hospitaala seenanii osoo hin turin du’aniif vaayirasichi Dhibee cimaa battalumatti lubbuu galaafatu waan ta’eef miti; rakkoon guddaan mallattoo dhabuu isaatii, namoonni baay’een infekshinicha qabaachuu isaanii yeroo jalqabaatti hin beekan, qorannoo fayyaa fi hordoffii hin godhan, baayyeen isaanii osoo hin beekin erga dhibeen hammatee gara mana yaalaa deemuu, yeroo sana bu’aa hin qabu.

Namni dhibee kana qabu kamuu “na hin dhukkubu; vaayirasichi na hin miidhu” jedhee yaaduun dogoggora guddaadha.

Vaayirasiin Tiruu HBV’n osoo nama hin dhukkubsisin, osoo nama hin ciifsin nama keessatti baay’achuu fi sirna ittisa qaamaa waliin walitti bu’uun seelota tiruu suuta suutaan miidhuu fi madaa fibrosis uumu danda’a. Fibrosis yeroo dheeraa keessatti gara cirrhosis-tti ce’a; cirrhosis’n immoo, madaa Tiruu cimaa uumuun hojii tiruu dhaabuu fi kaansarii Tiruu HCC’f karaa bana.

Cirrhosis jechuun tiruun yeroo dheeraaf madaa’ee, caasaan isaa idilee badee tishuun miidhamee tishuun madaan sun bakka seelota fayyaa bu’uudha. Yeroo kana keessatti sadarkaa Jalqaba irratti tiruun hojii isaa itti fufuu danda’a;

kun compensated cirrhosis jedhama. Garuu yeroo madaan sun hammaatee tiruun hojii isaa raawwachuu dadhabu, kunis madaa Tiruu guutuu “decompensated cirrhosis” jedhama. Sadarkaa kana keessatti carraan lubbuun jiraachuu nama tokkoo guyyoota 100-500 qofa ta’uu danda’a. Sadarkaan kun kan uumamu dafanii yaalamuu dhabuu dhaani.

Itiyoophiyaa keessatti madaa Tiruu Cirrhosis qofa osoo hin taane Kaansarii Tiruu illee namoonni dafanii hin Yaalamanu!.

Qorannoo giddugala onkoloojii itiyoophiyaa afur keessatti, namoota kaansarii Tiruu qabaman 369 irratti gaggeeffame, akka argisiisutti namoota vaayirasii Kanaan miidhamanii, kaansarii Tiruu qabamanii mana yaalaa dhufan dhukkubsattoota keessaa 87% ta’an guddinni kaansarii sentimeetira shan caalaa ta’uu fi baay’een isaanii osoo hin beekin sadarkaa cimaa irra ga’anii turuun isaanii hubatameera.

Namoonni kun Erga kaansarii Tiruu qabaachuun isaanii adda baafamee booda guyyoota 141 qofa lubbuun jiraatan yokan hangi isaan lubbuun turan ji’oota shan gadi ture.

Dhukkubsattoota Vaayrasii Tiruu qaban kanneen CBV-pozatiivii ta’an keessaa 22% qofatu, qoricha antiviral argatanii turan. Namoonni yaala antiviral argatan kunneen giddugaleessaan guyyoota 469 jiraatan; warri yaala hin argatin garuu guyyoota 104 qofa jiraatan.

Ragaan kun yaala yeroo sirriitti jalqabuun lubbuu dheeressuu akka danda’u agarsiisa; garuu kaansariin sadarkaa xumuraa ga’ee booda bu’aan yaalaa baay’ee daangeffamaadha.

Qrannoo saayinsii haaraa fi ragaa tilmaama herregaa (mathematical modeling) kan waa’ee faca’iinsaa fi miidhaa dhibee vaayirasii tiruu (Hepatitis B) Itoophiyaa keessatti qorate akka ibsetti:

Dhuma bara 2023tti, namoonni tilmaamaan miliyoona 7.6 ol ta’an Itoophiyaa keessatti vaayirasii Hepatitis B yeroo dheeraa qaama keessatti hafuu qabamaniiru.

Qorannichi akka ibsetti Vaayirasiin kun Bara 2023 qofa keessa, namoota kuma 32 ol yokan namoota 32,900 ta’an kaansarii Tiruu HCC’f akka saaxilaman taasiseera.

Namoonni kuma 34 ola yokan 34,180 ta’an immoo waggaa dhuma sana keessatti sababa dhibee tiruu vaayirasii kanaan walqabatuun lubbuu isaanii dhabaniiru.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, namoonni dhibee kanaan kan du’an akkuma vaayirasichi isaan qabateen yeroodhuma sanatti miti.

Du’aatiin kan dhufu, vaayirasichi waggoota baay’eef tiruu keessa turee suuta suutaan erga Tiruu miidheen boodadha.

Waa’ee Dhibee kanaa Wajjin walqabatee wanti rakkoo Kan ta’aa jiru, cimina dhibee kanaa osoo hin taanee, Namoonni baay’een dhibee kana qabaachuu isaanii ofirratti hin beekanu, warri akka Dhibee kana qabaman beekanis yaala fayyaa hin fudhatanu kun balaa guddaaf hawaasa saaxilaa jira.

Namoonni hedduun waa’ee dhibee kanaa hubannoo gahaa dhabuu irraa kan ka’ee yeroo isaatti yaala hin fudhatanu kanaaf lubbuu isaanii dhabu. Dhibeen kun sababa inni akka dhukkuboota biroo mallattoo dhukkubbii hin qabneef Dhukkubsattoonni hedduun alaan yeroo ilaalaman guutummaatti fayyaa ta’anii mul’atu, hin ciisanu, ni nyaatu, ni dhugu, dalagaa isaaniis ni raawwatu, Kanaaf Dhibee cimaa akka qaban hin yaadan, xiyyeeffannoo kennanii yeroo dhaan, qorannoo fi yaala hin godhanu. Dhukkubichaa wajjin callisanii yeroo dheeraa jiraatu kun immoo yeroo booda rakkoo yaalamuu hin dandeenyeef isaan saaxiluu danda’a!. Sababa kanaaf lakkoofsi namoota dhibee Tiruu du’anii itiyoophiyaa keessatti dabaluu danda’eera.

Tilmaamni dhaabbata fayyaa Addunyaa WHO bara 2024 akka Argisiisutti Namoota chronic HBV qaban keessaa 27% haala isaanii beeku; yokan dhibee qabaachuu isaanii quba qabu, garuu namoonni qoricha antiviral jalqabanii fudhachaa jiran miliyoona 10 qofa, jechuunis namoota Vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa qaban hunda keessaa 4.3% Qofatu yaalamaa jira.

Garuu Afrikaa keessatti rakkoon cimaa jira, namoonni hedduun dhibee qabaachuu Ofii hin beekanu, Ragaa WHO bara 2022 akka argisiisutti namoota vaayirasii tiruu HBV qabamanii waliin jiraatan keessaa:

Dhibbeentaa 4.2% qofatu Haalli isaanii adda baafame;

Namoota haalli Dhibee isaanii adda baafame keessaa 5.5% yaala jalqaban;

Namoota Dawaa jalqaban hunda keessaa 0.2% qofatu yaala irra ture, warri kaan Dawaa eegalanii yeroo xiqqoo booda yaala addaan kutanii bahu.

Lakkoofsi 0.2% kun naannolee baadiyyaa qofa osoo hin taane, tilmaama waliigalaa WHO African Region baasedha. Kana jechuun namoonni dhibbantaa 95 ol Dhibee qabachuu ofii osoo hin beekne booda Dhibeen guddatee lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Akka biyya keenyaatti Sababoonni Ethiopia keessatti du’a HBV olaanaa taasisan:

Namoonni dhibee isaanii beekuu dhabuu fi waa’ee dhibee kanaa hubannaa gahaa dhabuun kan ka’e yeroo dheeraa osoo mana yaalaa hin deemin turu.

Namoonni baay’een erga Tiruun isaanii madaayee miidhameen yeroo gubateen booda gara mana yaalaa dhufuu;

Namoonni baay’een tarkaanfii ittisaa fi talaallii fudhachuu hin fedhan, gorsa ogeeyyii fayyaa hojii irra hin Oolchan!.

Talaalliin yeroo dhalootaa daa’immaniif kennamu birth-dose vaccine yeroo dheeraaf sagantaa biyyaalessaa keessa dhabamuu, isaatiin Dhibeen kun Haadha irraa daa’imaatti darbuu;

Qorannoowwan sadarkaa Dhibee adda baasan kan akka PCR HBV DNA fi FibroScan argachuun rakkisaa ta’uu fi naannoo murtaa’e qofatti kan daangeffamaa ta’uu;

Ogeeyyii Dhibee tiruu fi kaansarii irratti ogummaa surveillance bakka muraasa keessatti qofa argamuu,

Nyaanni qulqulluu ta’uu dhabuu fi aflatoxin fi kkf saaxilamuu Akkasumas Dhugaatii alkoolii fi coometabolic fatty liver, HIV ykn HDV waliin jiraachuun miidhaa tiruu saffisiisuu danda’uu.

Ethiopia keessatti sababa talaalliin daa’imaa bal’inaan hin jirreef yeroo baay’ee namoonni daa’imummaa isaaniin Vaayrasii HBV qabamuu.

Daa’imman haadha isaanii irraa ykn umurii waggaa shanii dura HBV’n qabaman keessaa hanga 90% infekshinii yeroo dheeraa qabaachuu danda’u; namoota umurii waggaa shanii booda qabaman keessaa immoo chronic ta’uuf carraan isaanii baay’ee gadi-aanaa dha.

 

Furmaata Dhibee kana ittisuuf:

Namoonni dhibee qaban yaala fudhachuu fi Qorannoo barbaachisaa yeroo yeroon gochuu qabu.

Daa’imni dhalatu hundi talaallii birth dose sa’aatii 24 keessatti argachuu qaba; Talaalliin Baballachuun carraa dhibee kanaan qabamuu hir’isuuf baay’ee gargaara.

Dubartii ulfaa hundi qorannoo HBsAg qoratamuu qabdi.

Haati vaayiresii Tiruu HBV qabdu qorannoo dabalataa gochuun HBV DNA ol’aanaa yoo qabaatte, yaala jalqabuu qabdi.

Namoonni Fayyaan Miseensii maatii fi jaalalleen isaanii yoo nama HBV qabu ta’e talaallii fudhachuu qabu.

Wal Qunnamtii saalaa of Eeggannoo hin qabne raawwachuu fi dubartoota yokan shamarran daladala saalaa irratti hojjetan irraa fagaachuun barbaachisaa dha.

Walqunnamtii saalaa keessatti of-eeggannoo fayyadamuun barbaachisaa dha.

Meeshaalee qara qaban kan akka dhigguree,Millaacii fi Lilmoo, fi buruushii ilkaanii fi kkf waliif qooduu irraa id qusachuun barbaachisaa dha…

Walumaagalatti yoo Of eeggannoo goonee namoonni dhibee qaban akka Yaalaman gargaarre Dhibee kana ittisuu fi du’a hir’isuun ni danda’ama.

Vaayrasii Tiruu HBV qabaachuun mataan isaa ati ammuma du’aa jirta jechuu miti. Namni yeroo dhaan, qoratame, sadarkaan dhibee isaa adda baafame, yeroo barbaachisaa ta’etti yaala yoo jalqabe, dhugaatii alkoolii fi wantoota tiruu miidhan irraa of eeggate, nagaan jiraachuu fi Fayyuus ni danda’ama.

Garuu taa’anii Mallattoo hanga argamutti eeggachuun balaa dha. Qorannoo yeroon gochuun, hordoffii dhaabbataa qabaachuun, talaallii fudhachuun fi yaala saayinsaawaa yeroon jalqabuun cirrhosis, kaansarii tiruu fi du’a ittisuu danda’a.

Giddugala Yaala fayyaa keenya keessatti Yaala Dhibee kanaa ni kennina namni fedhii qabu kamuu dhufee yaalamuu danda’a.

Dawaalee kan keenya Vaayirasii kana guutummaatti fayyisuu danda’u. Qorichoonni Vaayirasii HBV Yaalan kunneen bifa Ammayyaa qulqullina isaa eeggateen qophaa’anidha. Dawaalee Uumamaa kunneen Vaayirasii Tiruu madda isaa hepatocytes keessaa buqqisuun fayyina waaraa fiduu danda’anidha. Dawaaleen uumamaa Dawaa Dhibee fayyisan “Curative Therapy”dha, malee akka dawaa Ammayyaa kan dhibee Too’atan miti.

Yaala dhibee kanaa argachuuf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti, Dawaa madaalawaa fudhachuu fi yaala hordofuun ni danda’ama. Bu’aa Qorannoo Fayyaa keessan irratti hundaa’uun bakka jirtanutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.

Yaala Vaayrasii Tiruu Hepatitis B Argachuuf karaa lakkoofsa bilbilaa 091 033 3944 Telegram fi Whtsapp irratti messege Nuuf Erguu dandeessu. Kallattiin bilbiluun hin danda’amu 📵 Dhimma keessan karaa barreeffamaan Nuuf Ergaa. 🙏

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *