karaa yaala aadaa tiin, Kiintaarotii muranii baasuun, lilmee waraanuun balaa fayyaa akkamii fiduu danda’a? Namoota kanaan dura Dhibee Kiintaarotii haala kanaan yaalaman maaltu mudate!?
Dhukkubni Kiintaarotii, bakka tokko tokko keessatti Baasuur yookaan Buroo jedhamee waamamu, Afaan Ingiliffaatiin Hemorrhoids yookaan Piles jedhama.
Dhukkubni Kiintaarotii dhibee hawaasa keessatti bal’inaan beekamu yoo ta’u, dhiiraa fi dubartii namoota baay’een dhibee kanaan qabamu. Kiintaarotiin osoo hin yaalamin ture, yeroo namatti cime Mallattoowwan adda addaa kan akka dhukkubbii fi dhiiguu namatti fida, akkasumas boqonnaa nama dhoorkuu danda’a. Garuu dhukkubni kun bu’uura isaatiin akka garee dhukkuboota salphaa ta’anii (minor ailment) keessatti ramadama. Sababni isaa inni dhukkuba Lubbuu galaafatu miti, Amalli isaas wal xaxaa fi qaama hedduu irratti miidhaa geessisu miti. Yaalli isaas bifa salphaadhaan xumuramuu fi fayyuu danda’a. Yoo dhibeen kun sadarkaa jalqabaa irra kan jiru ta’e Yeroo baay’ee jijjiirama amala jireenyaa (akka nyaata fiber qabu nyaachuu fi bishaan baayyee dhuguu, yeroo dheeraa taa’uu dhiisuun, fooyya’uu danda’a.
Haa ta’u garuu namoonni baay’een dhibee kana caalaa yaala isaan dhibee kana irraa fayyuuf fudhatantu isaan miidha.
Qorannoowwan fayyaa toora barruu saayinsii kan akka (ResearchGate fi PMC) irratti maxxanfaan akka argisiisanitti, dhibeen kintaarotii dhibeewwan Yeroo baay’ee Qoricha aadaan yaalamaan keessaa sadarkaa 4ffaa irratti argama. Kana jechuun namoonni Kiintaarotii qaban hedduun isaanii yaalamuuf gara Ogeessoota yaala aadaa deemu. kunis Yaalli aadaa Gariin isaa dhibee kana guutummaatti fayyisuu waan danda’uuf namoonni dhibee kana qaban yaala ammayyaa caalaa yaala aadaatti amanu.
Eeyyeen dhugaa dha, yaaliin aadaa Yoo sirna isaa eeggatee bifa ogummaa qabuun kenname dhibee kana fayyisuu danda’a.
Garuu ogeessa aadaa kan akkamii biratti yaalamuu qabna? dawaa akkamii tu sirrii dha kan jedhu addaan baasanii beekuun barbaachisaa dham
Ogeessa Aadaa yeroo jedhamu hundinuu tokko jechuu miti, barnoota fi muxannoo fi sirna yaalaa inni hordofu irratti hundaa’e garaagarummaa guddaa qaba.
Akkaataan ogeeyyiin yaala Aadaa dhibee Kiintaarotii kana ittiin hubatanii fi wanti isaan dhukkuba kana ittiin yaalan tokko miti.
Yaalli aadaa gariin akkuma bu’aa qabu, gosoonn yaala aadaa balaafamoo ta’anii fi miidhaa hamaa geessisuu danda’an ni jiru, isaan keessaa tokko waan qara qabuun Kiintaarotii muruu fi Qoricha summii qaama namaa madeessu fayyadamu dha!.
Ogeeyyiin qoricha aadaa (traditional healers) walakkaa isaa ol dhibee kiintaarotii yaaluuf meeshaalee qara qabanii fi albuudota summii foon kutanii baasanu fayyadamu!.
Wantoonni ogeessonni aadaa kunneen kintaarotii “muruuf” itti fayyadaman dandeettii tishuu qaamaa gubanii ciruufi madeessuu (caustic/escharotic properties) qabu. Namoonni kun waan akka albuudaa yokan qoricha qinda’ee fakkaatu, bakka Kiintaarotiin sun bahee jirutti dibu, yokaan irratti hidhuu, wanti sun bakka itti dibame sana gubee laaffisee gara keessatti gadi seenuun naannoo sana akka foon gubatee laafuu ciccitu, taasisa, kana booda namichi qoricha Aadaa kun bakka Qorichi yokan albuudni sun gube sana madeessee kutee baasa, bakki sun madaa fi boolla bakka duwwaa ta’ee hafaa!.
Wanti namoonni qoricha aadaa hojjetan dhibee Kiintaarotii (Hemorrhoids) yaaluuf itti fayyadaman kun gariin isaanii elementoota akka (Arsenic) Summii Hantuutaa fi (Caustic Soda) (Sodium Hydroxide) fi kkf of keessatti qabu, wantoonni kun bakka tuqan irratti gubaa fi madaa uumuun kan beekamudha. Gariin isaanii wantoota WHO’n itti fayyadamu dhoorkaa ta’edha.
Akkasumas ogeeyyiin yaala aadaa haala kanaan Kiintaarotii yaalan kunneen hedduun isaanii of eeggannoo fi ogummaa baqaqsanii yaaluu tokko malee qaama namaa mura waan ta’eef, faayidaa isaa caalaa balaa fayyaa guddaaf nama saaxiluu danda’a.
Kiintaarotiin kun Yeroo ogeessa yaala Aadaa biratti muramu sana meeshaan baqaqsanii yaaluu, tokko hin jiru,
Namni muru kuni Ogummaa baqaqsanii yaaluu hin qabu.
Meeshaaleen Qulqullinaa fi of Eeggannoo hin jiranu, meeshaa tokko qofaan nama 50 hanga 100 muruu danda’u kunis Dhibeewwan daddarboof nama saaxila!.
Haala kana keessatti Kiintaarotii muranii yeroo baasan maaltu Mudachuu danda’a!? Dhiigni baayyeen dhangala’uu danda’a, Madaa sanaan baakteeriyaa fi vaayiresii adda addaa gara qaama namaatti seenuu danda’a. Madaan sun deebi’ee fayyuu dhabuu danda’a!.
Yeroo Madaan murame sun deebi’ee fayyes qaamni murame sun deebi’ee shuntuuruu fi bocaa fi size hanga ujummoo Sagaraa irratti jijjiirama fiduu danda’a.
Namoota kanaan dura karaa yaala aadaan Kiintaarotii muramanii, qaamni isaanii naannoo sanaa miidhamuu irraa kan ka’e Sagaraa ofii to’achuu dadhabanii rakkoo dabalataa fi qaanfiif saaxilaman arginee jirra!.
Dhukkuba kiintaarotiif dhiiraa fi dubartiini, yaaliin aadaa fayyadamuun beekamaa ta’us, Namoota Kiintaarotii muraman keessaa dhibbantaa guddaan, madaa cimaa fi dhiitoo dabalataa, dhiigni baayyeen ba’uu, fi dhukkubbii cimaaf saaxilamuu qorannoon ni agarsiisa.
Qorannoon Maal jedha?
Qorannoon dhiheenya kana kilinika oppireesiinii keessatti taasifame toora barruu saayinsii “ResearchGate” irratti bara 2025 maxxanfame akka agarsiisutti, namoota kiintaarotii yaalamuuf gara Ogeessoota yaala aadaa dhibee kana muranii fi lilmee waraanan bira deeman;
Dhiigni baay’een dhangala’uun (26.7%),
Dhukkubbii hamaa (53.3%),
Infekshinii garmalee jabaa saaxilamuun (25.6%),
naannoon murame sun itaahuu fi malaa naquun (33.3%) akka isaan mudate mirkaneessee jira.
Qorannoon kun Yaaliiwwan aadaa kan akka bakka Kiintaarotiin jiru lilmoo waraanuu fi qoricha nama gubu fayyadamuu fi Kiintaarotii muruun miidhaa dabalataa (complications) fiduu isaa ibsuun namoonni yaala nagaa qabu akka filatan gorsa kennee jira..
Qorannoon biraa kan “PubMed” irratti maxxanfame akka agarsiisutti Case report tokko keessatti, namni kiintaarotii yaaluuf ogeessa aadaa irraa keemikaala nama gubu fayyadamee erga Madaan isaa fayyeen booda namni kun rakkoo “anal stenosis” ujummoon sagaraa dhiphachuu cimaaf saaxilame, Rakkoon kun sagaraa baasuun baay’ee akka isa rakkisu taassisuu isaa qorannoo kun ni akeeka.
Kana malees Qorannoowwan garaagaraa irratti Kiintaarotii karaa ogummaa hin qabneen muranii baasuu fi qoricha maalummaan isaa hin beekamne dibachuun midhaa akka qabu mirkaneessaniiru.
Walumaagalatti Yaalli aadaa Gariin Dhibee Kiintaarotiif bu’aa qabatamaa kan fidu ta’us Ogeessa Yaala Ogeessa aadaa Dhibee Kiintaarotii (hemorrhoids) yaaluuf wantoota qaama namaa Madeessanuu fi foon muranii baasanu fayyadamu biratti yaalamuun balaa guddaa qabaachuu danda’a.
Kiintaarotii yaaluuf qaama gubuu, wanta hin beekamne dibuu, muruu, ykn lilmee hin mirkanoofne waraanuu irraa of eeggadhaa. Yaalli sirrii diagnosis, qulqullina meeshaa, ogummaa, fi safety irratti hundaa’uu qaba.
Kiintaarotii karaa Miidhaa hin qabneen yaaluun fayyisuun ni danda’ama!.
Yaaliin Kiintaarotii inni sirriin jalqabaa dhibee sadarkaa dhibee sanaa mirkaneessuu irratti hundaa’a!.
Yaaliin aadaa hundi balaa qaba jechuun hin danda’amu! akkasumas yaaliin aadaa hundi bu’aa qaba jechuunis hin danda’amu kanaaf Yaalamuun dura gaafachuu fi qorachuun barbaachisaa dha!. Kiintaarotii muranii yaalu irraa qorichoota nama hin gubnee fi Kiintaarotii irratti dibamanii Fayyisuu danda’an fayyadamuun barbaachisaadha.
Dhibeen Kiintaarotii karaa qorichoota garaatti dhugamanuu fi bakka inni jirutti dibamuun fayyisuu danda’aniin yaalamuu qaba.
Gidduu gala yaalaa keenya keessatti Qoricha Kiintaarotii miidhaa hin qabne argachuu dandeessu. Qorichoonni kun amala qaama namaa madeessuu fi Gubuu hin qabanu.
Osoo miidhaa fi dhukkubbiin namatti hin dhagahamin Kiintaarotii sana guutummaatti balleessuu danda’u. Giddugala Yaalaa keenya keessatti Yaaliin dhibee kanaa guyyaa 7-14 keessatti kan xumuramu yoo ta’u, namni kamiyyuu dhufee ciisee yaalamuu fi guutummaatti fayyuu isaa mirkaneessuun gara mana isaatti galuu danda’a. Akkasumas yoo Kiintaarotii sadarkaa jalqabaa ta’e bakka jirutti qoricha nageenya qabu Eegsifachuu danda’a!.
Namoonni Dhukkuba Kiintaarotii qabanu, Qorichoot Uumamaa bifa saayinsaawaa ta’een irraa Qophaa’an fayyadamuun guutummaatti fayyuu ni danda’ama.
Yaala Dhibee kanaa “Wiirtuu Yaala Aadaa Oromiyaa ” irraa argachuu dandeessu. Namoonni qaamaan dhufuu hin dandeenye, bakka jiranitti yaala argachuu ni dandeessu.
Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?
Lakkoofsa Bilbilaa: +251909316243, 0944119955 kanneen irratti karaa bilbila kallattii fi Karaa Ergaa barreeffamaan dhimma keessan nu qaqqabsiisuun Ogeessoota qunnamuu dandeessu.
Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya.
WhatsApp irratti Ergaa barreeffamaan Nuuf Erguuf linkii kana tuqii 👇
Telegram Irratti messege Nuuf Erguuf linkii kana fayyadamuu dandeessu👇t.me/Qoricha_oromiyaa17
Haala kamiin Ogeeyyii Argachuu yokan tajaajiloota argachuun danda’ama?
Kabajamtoota maamila keenya Nu qunnamuuf yokan tajaajila keenya Argachuuf Lakkoofsa bilbilaa keenya irratti Kallattiin hin Bilbilina! Lakkoofsa bilbilaa caqafama irratti karaa WhatsApp fi Telegram irratti messege nuuf Ergaa.
Dhimma keessan barreeffamaan karaa messege SMS kallattiin dhimma keessan Erguu dandeessu!. Akkasumas Ergaan waan baayyatuuf hanga Deebii isiniif kennamutti obsaan Eeggadhaa!.
Barnootaa fi odeeffannoo, fayyaa bu’aa qabeessa ta’e Yeroo,yeroon argachuuf Toora Facabook fi Telegram Channel
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow gochuun nu Hordofaa