🌿 Dhukkuba Cobxoo yokan Dhukkuba dhiiraa fi Mallattoolee Isaa 🌿
Dhukkubni Cobxoo yokan Dhukkuba dhiiraa kan “𝙂𝙤𝙣𝙤𝙧𝙧𝙝𝙚𝙖”
jedhamuun beekkamu Dhukkuba sirna wal hormaataa miidhu kan baakteeriyaa Neisseria gonorrhoeae jedhamu irraa dhufu yoo ta’u dhukkuba daddarbaa yoo hin yaalamin miidhaa cimaa fi geessisu danda’u dha.
Dhukkubni kun Karaa wal qunnamtii saalaa fi wal dhungachuu fi tuttuqqii kkf nama Dhukkubstaa irraa gara nama fayyaatti kan darbu yoo ta’u yeroo hedduu dafee mallattoo dhukkubbii nama irratti hin Mul’isu, Qaama Wal Hormaataa fi Qaama saalaa, Gadameessaa fi kkf irratti kan miidhaa geessisu yoo ta’u yoo utuu hin yaalamin namarra ture, Maseenummaa yokan rakkoo dhala dhabuu namatti fida, carraa ilmoo dhala godhachuu namaa hirrisuu fi Tasuma dhala dadhabsiisuu danda’udha!.
Mallattoolee Dhukkuba kanaa dhiirotaa fi Dubartoota irratti:
1. Fincaan nama gubaa Akkasumas Yeroo Yeroon irra deddeebiin fincoofsisaa (Frequent Urination).
2. Yeroo mana Fincaanii seenu Dhangala’aan Bishaan wal hormaata yokan Spermii fakkatu kan haalluu bifa daalacha yokan boora,furdaa yokan qal’aa ta’etu fincaaniin booda yokan fincaan wajjiin karaa qaama saalaa nama keeysaa bahaa.
3. Naannoo Mudhii fi Qaama saalaa Hooksisa ni nyanyaataa, Fiixee qaama saalaa ni Hooksisaa Akkasumas madeeyssu dandayaa.
4. Laagaa , Qoonqoo Kokkee (Throat) keeysaa Hooksisaa, ni Nyanyaataa, ni Hooksisaa akkasumas Ijaa fi Naannoo ijaa ni diimata ni hooksisa.
5. Yeroo fincaanii fi Wal qunnamtii saalaa Naannoo mudhii fi qaama saalaa keeysaa dhukkubbiin itti dhagayamaa.
6. Teessuma daandii Sagaraa yokan finxiixxaa keeysaa hooksisaa
(Anal Itching) Bifti naannoo sanas ni jijjiirama.
7. Miilla Lamaan Dudga Harkaa fi Arraba Hidhii irratti madaan xixiqqoon uumama, Waan Akka Finniisaa, fakkaatee, madaan Namatti Ba’aa, Akkuma Suuraa irratti jiru.
8. Dhiiroota Naannoo qaama saalaa fi killee Cidhaanii ni Iitayaa, yokan ni Bokokaa..
9. Toonsilii yokan Dhukkubbii qoonqoo itti deddeebi’aa, Akkasumas yeroo tokko tokko nyaata Liqimsuu itti Ulfaataa.
10. Yeroo cime Lafee miillaa fi Harkaa Dogda keeysaa dhukkubbiin Namatti dhagayamaa, dhiiraa fi Dubartii irratti ni mullataa.
11. Dubartoota Dhangala’aan Qaama saalaa irraa bahu yokan (Vaginal Discharge) Humnaa ol dabalaa Akkasumas Foolii badaa, Ajaa’u Qabaa.
12. Dhiigni Laguu Yeroo isaa Eeggachuu Dhiisu fi Baayyachuu Yeroo Dhiigni Laguu Dhangala’u Dhukkubbiin itti dhaga’amuu fi Akkasumas Foolii Ajaa’u Qabaachuu..
13. Dhangala’aa hin Beekamne Yeroo dhiiga laguu Utuu hin ga’in irraa bahaa.
14. Garaa Keeysaa Naannoo Gadaamessaa tti Dhukkubbiin itti dhagayamaa..
15 Yeroo wal qunnamtii saalaa Raawwattu dhukkubbiin itti dhagayamaa (Dyspareunia).
16. Sagaraa booda Dhangala’aan irraa bahaa, Akkasumas waan akka dhiiga karaa Sagaraa wajjiin bahaa, (Rectal Bleeding).
17. Yeroo mana fincaanii seente Sagaraaf Teessu dhukkubbiin itti dhagayamaa (Painful Defecation).
Dhibeen kun Mallattoolee kana Hunda Yeroo tokkotti yoka wal faana namarratti, hin mul’isu,
haala turtii fi Cimina dhukkubaa irratti hundaa’uun Mallattooleen armaan ol itti ibsaman namarratt mullataa deemaa.
Dhukkubni kun Utuu hin yaalamin yoo namarra ture Rakkoowwan fayyaa Armaan gadii namatti fiduu danda’aa:
Dubartoota irratti Rakkoo Cufamuu Ujummoo Gadaamessaa fida waan ta’eef Rakkoo dhabuu, Maseenummaa fiduu dandayaa (PID)
Ulfa gadaamessaan Ala yokan (Ectopic Pregnancy) Akka Uumamu Taasisaa kunis Lubbuu Dubartoota irratti Sodaachisaa dha ‼️
Dhiirota irratti Rakkoo (Epididymitis) waan fiduuf dhukkubbii fi Rakkoo dhala dhabuu Maseenummaa fiduu danda’aa.
Infeekshinii kun Yeroo Qaama keessa babal’atu yokan (DGI) Sammuu fi Gogaa, Onnee fi lafee qaamaa irratti Miidhaa fiduu danda’aa..
Dhukkubni kun haadha irraa gara daa’imaatti darbee, Ija daa’imaa miidhaa, Tarii Daa’ima jaamaa gochuu dandayaa yokan (Ophthalmia Neonatorum) Taasisuu danda’aa..
Wal’aansa dhukkuba Cobxoo ilaalchisee dhukkubni kun dhukkuba baakteeriyaa waan ta’eef mana yaalaa keessatti qoricha farra baakteeriyaatiin kan yaalamuu yoo ta’u, Qorichoota Ammayyaatiin laabraatoorii irratti Negative ta’ee mul’ata garuu yeroo hedduu mallattoon isaa guutummatti nama irraa qulqullaa’ee baduu dhiisuu danda’aa!.
Dhukkuba kana dabalatee dhukkuboota biroo Hedduuf wal’aansa ni kennina.
Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan dhukkuba feetaniif qoricha biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya.
🌿🔬🌿━ 🔬 🌿
𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐐𝐨𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚
📞 Nu qunnami: 0917535385
Telegiraamii fi Whatsaappii irratti nu qunnamuu dandeessu. https://www.facebook.com/ManaQorichaadaoroAadaaOromiyaa Yaada keessan 𝐂𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 jalatti Barreessuu hin dagatinaa!
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Fayyaa fi jaalala, waliin jireenya isiniif hawwinaa❤️

