Cooma tiruu

Akkaataa Mana keessatti Cooma tiruu keessaa Qulqulleessitanu..

 

Kutaalee Qaama keenyaa keessaa Tiruun isa murteessaa fi Cimaadha.

Tiruun keenya guyyaatti Hojii 500 ol Hojjetaa, Tiruun keenya Fayyaa Qaba Taanaan Dhukkubni biraa qaama keenya miidhu hin Danda’u.

Tiruun Sirna ittisaa cimaa Eegduu fayyaa keenyaa waan ta’eef Sirriitti irratti Xiyyeeffachuu Qabnaa!..

 

Wantoota Armaan gaditti ibsaman keessaa Tokkotti Fayyadamuun

Tiruu keessaa Summii fi Cooma Qulqulleessuu Dandeessu.

 

1• Guyyaa tti Bishaan Qulqulluu leetira 2 ol dhuguun Cooma Tiruu keeysaa qulqulleeysuuf Tarkaanfii isa jalqabaa fi Barbaachisaadha!…

 

2• Juusii hundee Diimaa Yokan Qayyisirii Dhuguun Coomaa fi Summii Tiruu keenya keessaa Qulqulleessuu keessatti humna Ajaa’ibaa Qabaa, kana malees Juusiin kun Fayyaa tiruu Cimsa dhukkuboota Akka Kaansarii Tiruu fi Vaayiresii Tiruu Namarraa ittisa.

Juusii kana Qoppeessuuf,

Hundee Diimaa Giddu Galeessa Tokko Daaktanii Bishaan Burcuqoo 3 Wajjin walitti maktu, Sana booda Loomii firii 2 itti Cuunfitanii Sirriitti waliin maktu, Earga haala kanaan Qophaayeen booda

Ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko, guyyaa nyaata dura Burcuqoo Tokko, Halkan Nyaata Dura Burcuqoo Tokko, fudhatama yokan Dhugamaa, Guyyaa tti Burcuqoo 3 dhugama jechuudha. Haala kanaan Guyyaa 3 itti Fayyadamtu.

Burcuqoo Bishaanii guddaa jechuudha.

 

3• Shaayii jinjibilaa fi Loomii irraa Qophaaye fayyadamuun Coomaa fi Vaayireesii, Fayyaa Tiruu keenyaa miidhanu tiruu keessaa Qulqulleessuuf bu’aa guddaa qabaa.

Shaayii kana Qopheessuuf

Jinjibila fallaana Guddaa 3 bishaan Burcuqoo Shaayii 4 Wajjin Walitti makame daqiiqaa10 Danfisamaa, Sana booda Loomii guddaa firii lama itti Cuunfame ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko, Guyyaa nyaata dura burcuqoo tokko, Halkan hirriba dura burcuqoo tokko, dhugumaa, Guyyaatti

yeroo 3 dhugama, burcuqoo Shaayii yokan Siinii Shaayii jechuudha.

Guyyaa 5 Ol hin fayyadaminaa.

 

4• Shaayii Hirdii Cooma Tiruu

fi Namoota Summii Tiruu Qabanuuf Dawaa Gaariidha, Haalli itti fayyadama isaa Barnoota Darbe keessatti Barreeffamee jiraa.

 

5• Bishaanii fi Loomii garaa duwwaatti Dhuguun Coomaa fi Vaayiresii, Baakteeriyaa Fayyaa Tiruu fi Kalee irratti midhaa Qabanu Qaama keessaa Qulqulleessa. Loomii guddaa firii 3 Bishaan leetira Tokkotti Cuunfame ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma Guyyaa nyaata dura Burcuqoo Tokko, Halkan nyaata Dura Burcuqoo Tokko haala kanaan guyyaatti Yeroo sadii dhugumaa. Haala kanaan fayyadamuun Guyyaa 5 keessatti Coomaa fi Summii Garaa,garaa, Tiruu fi Kalee keessaa Qulqulleessaa.

 

6• Torban keessatti Yeroo 5 damma qulqulluu nyaachuun Cooma Tiruu gosa (NAFLD) yokan Cooma Tiruu Gosa dhugaatii Alkoolii wajjiin wal hin qabanneef Gaariidha..

 

7• Juusii Yokaan Cuunfaa Burtukaanii Dhuguun Coomaa fi Summii Tiruu keenya keessaa Qulqulleessuuf bu’aa Qabaa..

 

8• Qullubbii Adii fallaana xiqqoo sadii ganama garaa duwwaatti fudhachuun Cooma Tiruuf bu’aa guddaa qabaa.

Guyyaa 5 fayyadamtu..

 

9• Shaayii magarisa Dhuguun Coomaa fi Summii Tiruu keessaa Qulqulleessaa…

 

10• Juusii Aappilii Guyyaa-tti Burcuqoo 3 Dhuguun Coomaa fi Summii Tiruu keessaa Qulqulleessa…

 

11• Buna Aannan hin Qabne Siinii 3 Guyyaa-tti Dhuguun Cooma Tiruuf Gaariidha…

 

12• Shaayii Loomiin itti Cuunfame ganamaa fi galgala Dhuguun nama Cooma Tiruun isaa Cooma qabuuf Gaariidha….

 

Wantoota Armaan Olitti ibsaman fayyadamuun Utuu Maallaqa hin baasiin Furmaata Arkachuu dandeessu

 

Dhukkuba kana irraa fayyuuf:

Sochii Qaamaa gochuu. Foon dheedhii fi foon Coomaa, Nyaata dhadhaa fi Zayitiin, Sukkaarri itti baayyate fayyadamuu irraa Of qusachuu Qabdu..

Akkasumas Tamboo yookaa Sigaaraa Xuuxuu fi Dhugaatii Aalkoolii, dhugaatii nama Macheessu fayyadamuu irraa Of qusachuun Dirqamaa.

Akkasumas Wantoota Gaaza Qabanu Kan Akka mireendaa Faantaa fi Kookaa Koollaa Peepsii fi kkf yeroon itti darbe Dhuguu irraa Of qusachuu Qabdu..

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *