Summii Aflatoxin fi miidhaa isaa

Faalama midhaan nyaataa fi miidhaa fayyaa Summiin Aflatoxin  fayyaa namaa irratti qabu.

Seensa

Nyaanni jireenya keenyaaf bu’uura isa tokkoffaadha. Beela ba’uu fi Lubbuun jiraachuu qofaaf osoo hin taane nyaanni fayyaa fi dhibee keenya keessattis gahee hangafaa qaba. Fayyaan nama tokko Nyaanni inni fayyadamu Qulqulluu ta’uu fi toluu irratti hundaa’a. Jireenya keenya Guyyaa guyyaan midhaanii fi mi’eessituu, aannan fi oomishaalee nyaataa garaagaraa fayyadamna. Garuu Qulqullina isaaniif Xiyyeeffannoon nuti kenninu gadi bu’aadha.

Namoonni baay’een nyaanni tokko yoo xuraa’e, fooliin isaa bade ykn bifti isaa jijjiirame qofa fayyaa irratti miidhaa qaba jedhanii yaadu. Haa ta’u malee, nyaanni tokko osoo bifti, fooliin fi dhandhamni isaa hin jijjiiramin summii ijaan hin mul’anneen faalamuu danda’a.

Summiiwwan nyaata faalanii fayyaa namaa irratti miidhaa geessisan keessaa inni guddaan tokko Aflatoxin dha. Keessumaa Aflatoxin B1, gabaabinaan AFB1 jedhamu, DNA seelii miidhuu fi kaansarii tiruu kakaasuu keessatti humna olaanaa qaba.

Ragaaleen qorannoo saayinsii akka agarsiisanitti, summiin kun midhaan nyaataa, mi’eessituu fi soorata beelladootaa keessatti argamuu danda’a. Beelladoonni soorata summii kanaan faalame yoo nyaatan, summiin kun karaa aannaniin gara namaatti darbuu fi miidhaa fayyaa geessisuu danda’a.

Summiin Aflatoxin Jechuun Maal?

Aflatoxin jechuun garee summii uumamaa kan fangasiiwwan ykn maxxantoota murtaa’aniin oomishamu dha. Summiiwwan fangasiin oomishaman walumaagalatti mycotoxins jedhamu. Fangasiiwwan Aflatoxin oomishan keessaa kanneen beekamoon Aspergillus flavus fi Aspergillus parasiticus dha.

Fangasiiwwan kun midhaan akka boqqolloo, ocholoonii, sanyii zayitaa, midhaan gosa garaagaraa, mi’eessituu fi soorata beelladootaa irratti guddachuu danda’u. Keessumaa midhaan haala ho’aa, jiidhaa, xuraa’aa fi qilleensi gahaan hin geenye keessatti yeroo dheeraaf kuufamu, fangasiin irratti guddachuu fi summii Aflatoxin gadi lakkisuu danda’a.

Summiin Aflatoxin yeroo baay’ee ijaan hin mul’atu, foolii fi dhandhama addaas hin qabu. Kanaaf, nyaanni tokko ijaan qulqulluu fakkaachuun isaa Aflatoxin irraa bilisa ta’uu isaa hin mirkaneessu. Akkasumas, midhaan fangasiin irratti mul’ate hundi Aflatoxin qaba jechuun hin danda’amu. Aflatoxin jiraachuu fi hamma isaa sirriitti mirkaneessuuf qorannoon laaboraatoorii barbaachisaa dha.

«Nyaanni ijaan qulqulluu fakkaatu hundi summii Aflatoxin irraa bilisa jechuu miti. Summiin kun yeroo baay’ee ijaan hin mul’atu; foolii fi dhandhama addaatis hin qabu.»

Summiin Aflatoxin gosa tokko qofa miti Gosoonni Aflatoxin Beekamoon jiru 

Gosoonni isaa beekamoon kanneen armaan gadiiti:

– Aflatoxin B1

– Aflatoxin B2

– Aflatoxin G1

– Aflatoxin G2

– Aflatoxin M1

Gosoota summii kanneen keessaa gosti Aflatoxin B1 jedhamu hunda caalaa summii kaansarii kakaasuu irratti humna olaanaa qabu dha. Gosti Summii Aflatoxin M1 immoo yeroo loon soorata Aflatoxin B1’n faalame nyaatan, qaama isaanii keessatti AFB1 irraa jijjiiramee karaa aannaniin bahuu danda’a. Kana jechuun faalamni soorata beelladootaa fayyaa beelladaa qofa osoo hin taane, karaa aannaniin fayyaa namaas miidhuu danda’a.

Aflatoxin Fayyaa Namaa Irratti Miidhaa Akkamii Geessisa?

Tiruun qaama summiiwwan garaagaraa jijjiiruu, qulqulleessuu fi qaama keessaa dhabamsiisuuf hojjetu keessaa isa guddaa dha. Kanaaf, miidhaan Aflatoxin baay’inaan tiruu irratti mul’ata. Saaxilamummaan Aflatoxin yeroo gabaabaa keessatti baay’inaan uumamu summiinsa cimaa fiduu danda’a; saaxilamummaan yeroo dheeraa itti fufu ammoo miidhaa tiruu, jijjiirama DNA fi kaansarii tiruu wajjin walqabata.

Summaa’insa Tiruu Cimaa

Namni yeroo gabaabaa keessatti Aflatoxin baay’ee qabu yoo soorate, summaa’iinsi tiruu cimaa acute aflatoxicosis jedhamu uumamuu danda’a. Haalli kun miidhaa tiruu cimaa, gogaa fi iji keelloo ta’uu, garaa dhukkubuu, ol nama jechuu, fedhiin nyaataa hir’achuu, dhiigni sirriitti itituu dhabuu, dadhabbii cimaa fi yeroo tokko tokko du’a fiduu danda’a.

Summaa’iinsi cimaa akkanaa yeroo baay’ee nyaata Aflatoxin baay’ee qabu namoonni hedduun yeroo wal fakkaatutti sooratan keessatti mul’ata. Miidhaan isaa daa’imman, namoota hanqina nyaataa qaban, namoota dhibee tiruu qaban fi namoota ittisa qaamaa gadi aanaa qaban keessatti caalaatti ulfaataa ta’uu danda’a.

Kaansarii Tiruu

Summiin Aflatoxin B1 tiruu keessatti keemikaala DNA seelii miidhuutti jijjiiramuu danda’a. Miidhaan DNA kun yeroo dheeraaf walitti qabamaa yoo deeme, seelii tiruu keessatti jijjiirama uumee kaansarii tiruu, jechuunis hepatocellular carcinoma, gabaabinaan HCC jedhamu kakaasuu danda’a.

Dhaabbanni Qorannoo Kaansarii Idil-addunyaa, International Agency for Research on Cancer, summii Aflatoxin wantoota kaansarii kakaasan keessaa Garee tokkoffaa Group 1 Carcinogen keessatti ramadeera. Kunis Aflatoxin nama keessatti kaansarii fiduu danda’uu isaatiif ragaan saayinsii gahaan jiraachuu agarsiisa.

Itoophiyaa keessatti dhibeen Kansaarii Tiruu HCC baay’inaan mudachuu isaatiif sababoota ijoo jiran keessaa vaayirasii Tiruu Hepatitis B tti aansee kan caqafame summii kana ta’uu uummanni nyaata summii kanaan faalame yeroo dheeraaf soorachuu isaatiin akka ta’e ogeeyyiin fayyaafi qorattoonni ragaa itti kennanii jiru.

Walitti Dhufeenya Aflatoxin fi Hepatitis B

Balaan Aflatoxin namoota vaayirasii tiruu Hepatitis B qaban keessatti caalaatti guddaa dha. Vaayirasiin HBV fi Aflatoxin B1 lamaan isaanii DNA seelii tiruu miidhuu fi jijjiirama kaansarii kakaasuu danda’u. Kanaaf, namni HBV qabu nyaata Aflatoxin’n faalame yeroo dheeraaf yoo soorate, carraan kaansarii tiruun qabamuu isaa ni dabala.

Namoota vaayirasicha qaban sirnaan hordofuun, qorannoo tiruu yeroo yerootti gaggeessuun fi nyaata Aflatoxin irraa of eeguun murteessaa dha.

«Namoota vaayirasii tiruu Hepatitis B qaban keessatti saaxilamummaan Aflatoxin carraa kaansarii tiruu caalaatti guddisuu danda’a.»

Miidhaa Sirna Ittisa Qaamaa Irratti

Aflatoxin sirna ittisa qaamaa irratti miidhaa geessisuu danda’a. Saaxilamummaan yeroo dheeraa dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuu fi dandamachuu laaffisuu mala. Miidhaan akkasii keessumaa daa’imman, namoota hanqina nyaataa qaban fi namoota ittisa qaamaa gadi aanaa qaban keessatti caalaatti yaaddessaa ta’uu danda’a.

Dhiibbaa Aflatoxin’n Guddina Daa’immanii Irratti Qabu

Qorannoowwan garaagaraa saaxilamummaa Aflatoxin fi guddina qaamaa daa’immanii harkifachuu gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu akka malu agarsiisaniiru. Daa’imman nyaata ykn aannan summii kanaan faalame yeroo dheeraaf sooratan keessatti guddinni qaamaa isaanii daangeffamuu fi dandeettiin dhukkuba ittisuu isaanii gadi bu’uu mala.

Haa ta’u malee, guddinni daa’immanii summii kanaan qofa hin uumamu hanqina nyaataa, infekshinii, qulqullina bishaanii, haala jireenyaa fi sababoota biroo baay’eedhaaniis daa’imni waan miidhamuu danda’uuf sababa Aflatoxin qofaaf jennee murteessuun dura qorannoo dabalataa gochuun barbaachisaa dha.

Madaa Tiruu Cirrhosis fi Miidhaa Qaamolee Biroo

Qorannoowwan akka agarsiisanitti saaxilamummaa Aflatoxin fi madaa Tiruu cirrhosis gidduu walitti dhufeenya cimaan jira.

Garuu ragaa amma jiruun Aflatoxin sababa cirrhosis tokkicha ykn sababa isaa isa guddaa dha jechuun murteessuun sirrii miti.

Dhimma kana akka Ragaan saayinsii cimaa fi ifaan mirkanaa’e miidhaa tiruu fi kaansarii tiruu Summii kanaan yeroo dheeraa faalamuu waliin walqabatee uumamuu danda’a.

Summiin kun Tiruu irratti qofa hin gabaabbatu Saaxilamummaa olaanaa keessatti kalee fi sirnoota qaamaa biroo irrattis miidhaan mul’achuu danda’a. Ta’us, miidhaan Aflatoxin inni beekamaa fi ragaan isaa caalaatti cimaa ta’e Tiruu dha.

Aflatoxin Akkamitti Midhaan Nyaataa Keessatti Uumama?

Fangasiin Aflatoxin oomishu midhaan osoo hin sassaabamin dirree qonnaa keessatti, yeroo sassaabbii, yeroo geejjibaa, yeroo gogsu, yeroo daakuu fi yeroo kuusaa keessatti guddachuu danda’a. Midhaan erga lafa qonnaa irraa sassaabamee booda sirriitti osoo hin gogin walitti qabamee yoo kuufame, keessaa ho’uu fi jiidhina uumuun guddina fangasii saffisiisa.

Akkasumas midhaan lafa xuraa’aa irratti gogsuun, kuusaa bishaan seensisu keessatti kaa’uun, qilleensa malee ukkaamsuun, ilbiisotaa fi hantuutaan akka miidhamu dhiisuun carraa faalamuu dabala. Midhaan yeroo sassaabbii ykn geejjibaa keessatti caccabe, burkutaa’e ykn gogaan isaa miidhame fangasiin akka keessatti guddatu haala mijataa uuma.

Aflatoxin uumamuuf wantoonni haala mijataa uuman keessaa kanneen armaan gadii ijoodha:

– Midhaan sirriitti osoo hin gogin kuusuufi bakka Kuusaa jiidhaa fi ho’a qabu fayyadamuu

– Mana yokaan meeshaa fi Kuusaa bishaan seensisu keessatti midhaan kaa’uu

– Midhaan kallattiin lafa xuraa’aa irratti gogsu

– Midhaan bakka yookaan meeshaa qilleensi gahaan hin geenye keessatti ukkaamsuu

– Midhaan caccabe, burkutaa’e ykn gogaan isaa miidhame fi ilbiisotaa fi hantuutaan miidhame midhaan nagaa wajjin kuusuu

– Midhaan dulloome midhaan haaraa wajjin walitti makuu

– Bakka Kuusaa yeroo yerootti qulqulleessuu fi sakatta’uu dhiisuu

– Soorata beelladootaa haala sirrii hin taaneen kuusuu

Mi’eessituu Keessatti Aflatoxin Akkamitti Uumama?

Mi’eessituun akka barbaree erga sassaabamee booda sirriitti osoo hin gogin daakamee kuufamuun balaa qaba. Barbareen daakame bakka ho’aa, jiidhaa fi qilleensi hin geenye keessatti yeroo dheeraaf yoo ture, fangasiin irratti guddachuu fi summii uumuu danda’a. Mi’eessituun daakame yeroo baay’ee bifti faalamuu isaa salphaatti waan hin mul’anneef, haalli gogsuufi kuusaa isaa baay’ee murteessaa dha.

Barbaree, hirdii, shiroo, kororimaa, dimbiilaalaa fi mi’eessituuwwan biroo sirriitti osoo hin gogin daakaman, lafa xuraa’aa irratti gogfaman ykn bakka jiidhaa keessatti kuufaman fangasiin faalamuu danda’u. Mi’eessituu daakame meeshaa bishaan ykn jiidhina qabu keessatti kuusuun, yeroo baay’ee banaa dhiisuun ykn meeshaa qilleensi keessa seenu keessatti yeroo dheeraaf tursiisuun qulqullina isaa miidhuu danda’a.

Nyaata Kam Keessatti Aflatoxin Argamuu Danda’a?

Aflatoxin midhaan fi oomishaalee nyaataa garaagaraa keessatti argamuu danda’a. Kanneen balaa faalamuu qabaachuu danda’an keessaa:

– Boqqolloo

– Ocholoonii

– Sanyii zayitaa fi oomishaalee isaanii

– Bishingaa fi Baaqelaa fi midhaan gosa legumes tokko tokko

– Barbaree fi mi’eessituuwwan biroo

– Soorata beelladootaa Aannan loonii, yeroo sooranni loonii Aflatoxin B1’n faalame

– Oomishaalee midhaan faalame irraa qophaa’an

Faalamni kun midhaan hundumaa keessatti sadarkaa wal fakkaatuun hin uumamu. Gosti midhaanii, haalli qilleensaa, jiidhinni, ho’i, miidhaan ilbiisotaa, haalli sassaabbii, geejjibaa fi kuusaa sadarkaa balaa isaa murteessu.

Haala Aflatoxin Itoophiyaa Keessatti

Qorannoowwan Itoophiyaa keessatti gaggeeffaman Aflatoxin soorata loonii, aannan, boqqolloo, ocholoonii fi barbaree keessatti argamuu isaa gabaasaniiru. Fakkeenyaaf, qorannoon naannoo Finfinnee fi naannawa isheetti gaggeeffame soorata loonii keessatti Aflatoxin B1 fi aannan keessatti Aflatoxin M1 argamuu agarsiiseera.

Qorannoowwan biroon ammoo adeemsa oomishaa, gogsuufi kuusaa barbaree keessatti faalamni mycotoxin uumamuu akka danda’u ibsaniiru. Boqqolloo fi ocholooniin naannolee tokko tokko keessatti yeroo kuusaa Aflatoxin’n faalamuu isaanii qorannoowwan adda addaa gabaasaniiru.

Haa ta’u malee, qorannoon naannoo tokko keessatti argame oomisha biyyattii hunda bakka hin bu’u. Sadarkaan faalamuu miidhaanii, bakka, yeroo, gosa oomishaa, haala qilleensaa, adeemsa sassaabbii fi haala kuusaa irratti hundaa’uun garaagaraa ta’uu danda’a.

Gabaasni Hospitaala koolleejjii fayyaa Finfinnee fi inistiitiyuutii Fayyaa hawaasa Itoophiyaa irraa bahe akka argisiisutti namoota Madaa Tiruu fi kaansarii Tiruu qabaman keessaa namoonni baay’een Summiin Aflatoxin argameera.

Qorannoon Abbaan Taayitaa nyaataa fi Qorichoota Ethiopia, Oomishaalee Gabaa irratti gurguraman irratti gaggeesse akka agarsiisutti Gosoonni Midhaanii fi Mi’eessituu yokaan (qimamii) gabaa irratti gurguramaa turan keessaa tokko tokko kan Barbarree keessatti summiin Aflatoxin argameera.

Daldaltoonni hedduun midhaanii fi barbarree yeroo gatiin isaa dabale gurguranii bu’aa argachuuf jecha, magaazina keessatti kuusani yeroo dheeraa tursiisu akkasumas namoonni hedduun barbaree bakka qulqulluu hin taanee tti walitti qabuun gabaaf dhiyeessu! barbareen amala isaatti waan nama gubu waan ta’eef yeroo baay’ee rakkoo isa keessa jiru salphaatti adda baasuun ni ulfaata

Aflatoxin Akkamitti Addaan Baasuu Dandeenya?

Aflatoxin dhibbeentaa dhibbaan ijaan, fooliin ykn dhandhamuun addaan baasuun hin danda’amu. Midhaan fangasii qabu hundi Aflatoxin qaba jechuu miti; midhaan ijaan qulqulluu fakkaatu hundis Aflatoxin irraa bilisa jechuu miti. Haa ta’u malee, miidhaan midhaanii fi haalli kuusaa isaa faalamni jiraachuu akka malu akeekuu danda’u.

Mallattooleen faalamni fangasii ykn haalli Aflatoxin uumamuuf mijataan jiraachuu akka malu agarsiisan keessaa:

– Halluun midhaanii gara magariisa, keelloo, daalacha, boora ykn gurraachaatti jijjiiramuu

– Fangasii ykn dhukkee boora fakkaatan fuula midhaanii irratti mul’achuu

– Midhaan jiidhina qabaachuu ykn walitti maxxanuu

– Foolii dullaa’aa, jiidhaa ykn tortoraa qabaachuu

– Midhaan caccabuu, burkutaa’uu ykn gogaan isaa miidhamuu

– Midhaan ilbiisota akka Daanoo fi hantuutaan nyaatamuu

– Midhaan sirriitti osoo hin gogin kuufamuu

– Mi’eessituu lafa xuraa’aa irratti gogsu

– Kuusaa bishaan seensisu ykn qilleensi gahaan hin geenye keessatti midhaan kaa’uu

– Midhaan faalame kan qulqulluu wajjin walitti makuu

Mallattooleen kun faalamni fangasii jiraachuu akka malu akeeku malee, Aflatoxin jiraachuu ykn hamma isaa sirriitti hin mirkaneessan. Kanaaf, midhaan shakkisiisaa ta’e ijaan ilaaluun qofa nageenya isaa murteessuun hin danda’amu. Garuu mallattoolee akkanaa arginaan midhaan sana bituu fi itti fayyadamuu irraa of qubachuun gaarii dha.

Ifti Ultraviolet Aflatoxin Addaan Baasuu Danda’aa?

Boqqolloo fi midhaan tokko tokko ifa ultraviolet, gabaabinaan UV, jala yeroo ilaalaman calaqqee magariisa-keelloo fakkaatu agarsiisuu danda’u. Calaqqeen kun faalamni fangasii jiraachuu akka malu sakatta’uuf gargaaruu danda’a.

Haa ta’u malee, midhaan calaqqisu hundi Aflatoxin qaba jechuu miti; midhaan hin calaqqisne hundis Aflatoxin irraa bilisa jechuu miti. Kanaaf, sakatta’iinsi UV qorannoo jalqabaa ta’uu danda’a malee bu’aa laaboraatoorii bakka hin bu’u.

Qorannoon Laaboraatoorii Akkamitti Gaggeeffama?

Aflatoxin sirriitti mirkaneessuuf qorannoon laaboraatoorii barbaachisaa dha. Malleen qorannoo beekamoo keessaa kanneen armaan gadii ni argamu:

– Rapid test strips

– Elisa

– HPLC

– LC–MS/MS

Rapid test fi Elisa sakatta’iinsa jalqabaa fi qorannoo saamuda baay’eetiif fayyadu. HPLC fi LC–MS/MS ammoo gosa Aflatoxin adda baasuu fi hamma isaa bal’inaan safaruuf malawwan amansiisoo dha.

Qorannoo kana keessatti saampilii sirriitti fudhachuun baay’ee barbaachisaa dha. Aflatoxin kuusaa midhaanii keessatti bakka hundatti walqixa hin faca’u. Kutaa tokko keessatti baay’ee, kutaa biraa keessatti ammoo xiqqoo ykn kan hin argamne ta’uu danda’a. Kanaaf, saampiliin bakka tokko irraa qofa fudhatame kuusaa guutuu bakka bu’uu dhiisuu danda’a.

Saampiliin bakka garaagaraa irraa walitti qabamee, walitti makamee fi haala sirriin qoratamuu qaba. Kunis bu’aan qorannoo haala faalamuu kuusaa sanaa sirriitti akka agarsiisu gargaara. Warshaaleen nyaataa, daldaltoonni midhaanii fi dhaabbileen qulqullina nyaataa qorannoo yeroo yerootti gaggeessuun faalamuu Aflatoxin to’achuu qabu.

Aflatoxin Bilcheessuun Balleessuun Ni Danda’amaa?

Aflatoxin summii keemikaalaa tasgabbaa’aa waan ta’eef, ho’a bilcheessuu idilee keessatti salphaatti guutummaatti hin badu. Affeeluun, bilcheessuun, waaduun ykn daakuu qofa Aflatoxin guutummaatti balleessuu hin danda’u. Adeemsi nyaata qopheessuu tokko tokko hamma isaa hir’isuu danda’a; garuu nyaata faalame akka guutummaatti qulqulluu gochuu hin dandeenye.

Kanaaf, furmaanni guddaan summii erga uumamee booda balleessuuf yaaluu osoo hin taane, jalqabuma irraa akka hin uumamne ittisuu dha. Midhaan faalame midhaan qulqulluu wajjin walitti makuun, yeroo dheeraaf bilcheessuun ykn loonitti kennuun balaa isaa dhabamsiisuuf furmaata miti caalaatti rakkoo fida.

Aflatoxin Akkamitti Ittisuu Dandeenya?

Ittisni Aflatoxin lafa qonnaa irraa jalqabee hanga nyaanni maaddii irra ga’utti adeemsa walitti fufiinsa qabu barbaada. Qonnaan bulaan, daldalaan, geejjibaan, warshaan nyaataa, horsiisee bulaan, qaamni mootummaa fi fayyadamaan hundi ittisa Aflatoxin keessatti gahee qaba.

Yeroo Sassaabbii Maal Gochuu Qabna?

Midhaan yeroo isaa eeggatee sassaabuu, yeroo sassaabamu akka hin caccabne eeguufi erga sassaabamee booda dafee gogsuun tarkaanfii jalqabaa dha. Midhaan jiidhaa ta’ee yeroo dheeraaf maasii keessa ykn tuullaa keessatti turuun fangasiin akka guddatu haala mijeessa.

Yeroo sassaabbii:

– Midhaan yeroo isaa eeggatee sassaabuu

– Midhaan jiidhaa ta’ee yeroo dheeraaf maasii keessa akka hin turre gochuu

– Yeroo sassaabamu midhaan akka hin caccabne eegu

– Midhaan lafa dhoqqee, jiidhaa ykn xuraa’aa irratti akka hin kufamne gochuu

– Midhaan miidhamee fi bifti isaa jijjiirame midhaan fayyaa qulqulluu irraa addaan baasuu

– Erga sassaabamee booda dafee gara bakka gogsuutti geessuu

Yeroo Gogsu Maal Gochuu Qabna?

Midhaan erga sassaabamee booda lafa qulqulluu, siree gogsuuf qophaa’e, tarpaulin ykn meeshaa lafa irraa ol ka’e irratti gogsuun barbaachisaa dha. Kallattiin lafa dhoqqee, biyyee ykn xuraa’aa irratti gogsuun faalamuu fi jiidhina dabalataa fiduu danda’a.

Yeroo gogsinu:

– Midhaan erga sassaabamee booda dafee fi sirriitti gogsu

– Lafa qulqulluu, tarpaulin ykn siree gogsuuf qophaa’e fayyadamu

– Midhaan kallattiin lafa xuraa’aa irratti gogsu irraa fagaachuu

– Yeroo gogsinu midhaan sana walitti fufiinsaan sochoosuu

– Bokkaa, fixeensa halkanii fi jiidhina qabutti akka hin kuufamne eegu

– Kuusuu dura midhaan sirriitti goguu isaa mirkaneessuu

– Mi’eessituu akka barbaree osoo hin daakin dura sirriitti gogsu

Yeroo Kuusaa Maal Gochuu Qabna?

Kuusaan midhaanii qulqulluu, gogaa, qilleensi keessa naanna’u, bishaan hin seensifneefi ilbiisotaa fi hantuuta irraa eegame ta’uu qaba. Midhaan kallattiin lafa ykn dallaa jiidhaa wajjin wal tuqsiisuun sirrii miti. Meeshaa ykn rakkoo lafa irraa ol ka’e irratti kaa’uun qilleensi akka keessa darbu fi jiidhinni akka hin kuufamne gargaara.

Yeroo kuusaa:

– Kuusaa qulqulluu, gogaa fi qilleensi keessa naanna’u fayyadamuu

– Kuusaa keessatti bishaan akka hin seenne ittisuu

– Midhaan kallattiin lafa ykn dallaa jiidhaa wajjin akka hin érre gochuu

– Midhaan meeshaa lafa irraa ol ka’e irratti kuusuu

– Ilbiisotaa fi hantuuta to’achuu

– Midhaan dulloome fi haaraa addaan kuusuu

– Midhaan miidhame kan qulqulluu wajjin walitti makuu dhiisuu

– Kuusaa yeroo yerootti qulqulleessuu fi sakatta’uu

– Midhaan foolii, halluu ykn bifa isaa jijjiirate battalumatti addaan baasuu

– Meeshaalee kuusaa keessa jiran jiidhina irraa eegu

Yeroo Bittaa fi Itti Fayyadamaa Maal Gochuu Qabna?

Yeroo midhaan bitamu madda amanamaa irraa bituun, midhaan jiidhaa, caccabaa, burkutaa’aa, ilbiisotaan miidhame ykn halluun isaa jijjiirame irraa fagaachuun gaarii dha. Midhaan yeroo dheeraaf manatti kuusuuf baay’inaan bituu irra, hamma yeroo gabaabaa keessatti fayyadamuu dandeessan qofa bituun balaa hir’isa.

Yeroo bittaa fi itti fayyadamaa:

– Midhaan madda amanamaa irraa bitachuu

– Midhaan jiidhaa, caccabaa, burkutaa’aa ykn ilbiisotaan miidhame hin bitin

– Midhaan halluun isaa jijjiirame ykn foolii shakkisiisaa qabu irraa fagaachuu

– Hamma yeroo gabaabaa keessatti fayyadamuu dandeessan qofa bitachuu

– Barbaree fi mi’eessituu daakame meeshaa qulqulluu, gogaa fi sirriitti cufamu keessatti kuusuu

– Mi’eessituu akka Barbarree shiroo, fi Hirdii fi kkf bakka bishaanii, ho’aa fi jiidhaa irraa fageessanii kaa’uu

– Nyaata shakkisiisaa ta’e dhandhamuun qorachuuf hin yaalin

– Nyaata madda amanamaa fi qulqullina isaa eeggate irraa qofa filachuun fayyadamuu.

Buddeena ykn nyaata alaa hundumaa irraa fagaachuun dirqama miti. Wanti murteessaan nyaata madda amanamaa, qulqullina nyaataa eegu fi haala sirriin kuusu filachuu dha. Nyaata alaa bitan hundi faalameera jechuun sirrii miti; akkuma nyaanni manatti qophaa’us haala sirrii hin taaneen yoo kuufame faalamuu danda’a.

Midhaan Faalame Loonitti Kennuun Nageenya Qabaa?

Midhaan fangasiin faalame “namaaf hin ta’u; loon haa nyaatu” jechuun balaa guddaa qaba. Loon aannanii soorata Aflatoxin B1’n faalame yoo nyaatan, AFB1 qaama isaanii keessatti Aflatoxin M1’tti jijjiiramee aannaniin bahuu danda’a. Aannan sun nama biratti ga’ee, keessumaa daa’imman fi namoota yeroo baay’ee aannan fayyadaman saaxiluu danda’a.

Kanaaf, midhaan fangasiin baay’inaan faalame ykn shakkisiisaa ta’e loon aannaniif kennuun sirrii miti. Soorata beelladootaa bakka gogaa, qulqulluu fi qilleensa qabu keessatti kuusuu, yeroo yerootti sakatta’uu fi yoo faalamni shakkame qorachiisuun barbaachisaa dha.

Soorata faalame soorata qulqulluu wajjin walitti makuun summii sana hin balleessu. Midhaan ykn soorata faalame akkamitti gatamuu akka qabu qaama qonnaa, ogeessa fayyaa beelladaa ykn qaama to’annoo qulqullina nyaataa naannichaa mariisisuun gaarii dha.

Yoo Faalamni Aflatoxin Shakkame Maal Gochuu Qabna?

Yoo midhaan, mi’eessituu, aannan ykn soorata beelladootaa keessatti faalamni Aflatoxin shakkame, oomisha sana nyaachuu, gurguruu ykn loonitti kennuu yeroo muraasaaf dhaabuun barbaachisaa dha. Midhaan shakkame kan qulqulluu irraa addaan baasuun, madda isaa, guyyaa bitame, haala kuusaa fi mallattoolee irratti mul’atan galmeessuun qorannoo fi hordoffiif gargaara.

Yoo faalamni shakkame:

– Oomisha sana nyaachuu, gurguruu ykn loonitti kennuu dhaabuu

– Midhaan shakkame kan qulqulluu irraa addaan baasuu fi midhaan qulqulluu wajjin walitti makuu dhiisuu

– Madda oomishichaa, guyyaa bittaa fi haala kuusaa galmeessuu

– Saampilii bakka bu’aa ta’e gara laaboraatoorii qorannoo nyaataa geessuu

– Waajjira fayyaa, qonnaa, fayyaa beelladaa ykn qaama to’annoo qulqullina nyaataa beeksisuu

Furmaanni Guddaan Ittisa

Furmaanni Aflatoxin inni guddaan summii erga uumamee booda balleessuuf yaaluu osoo hin taane, jalqabuma irraa akka hin uumamne ittisuu dha. Midhaan yeroo isaa eeggatee sassaabuu, sirriitti gogsu, jiidhina irraa eegu, kuusaa qulqulluu fi qilleensa qabu fayyadamuu, ilbiisotaa fi hantuuta to’achuu, midhaan miidhame addaan baasuu, soorata beelladootaa sirriitti kuusuu fi yeroo barbaachisaa ta’etti qorannoo qulqullinaa gaggeessuun balaa Aflatoxin hir’isuuf furmaata ijoo dha.

Warshaaleen nyaataa, kuusaaleen midhaanii fi daldaltoonni meeshaalee sakatta’iinsa jalqabaa fayyadamuun faalamuu qorachuu qabu. Qorannoo mirkaneessaatiif ammoo saampiliin sirriitti fudhatamee rapid test, Elisa, HPLC ykn LC–MS/MS’n qoratamuu qaba.

Xumura

Aflatoxin summii ijaan hin mul’anne, foolii fi dhandhama addaa hin qabne, garuu fayyaa namaa fi beelladaa irratti miidhaa guddaa geessisuu danda’u dha. Keessumaa Aflatoxin B1 DNA seelii tiruu miidhuu fi kaansarii tiruu kakaasuu keessatti humna olaanaa qaba. Balaan isaa namoota vaayirasii tiruu Hepatitis B qaban keessatti caalaatti guddaa ta’uu danda’a. Aflatoxin M1 immoo yeroo loon soorata faalame nyaatan aannaniin gara namaatti darbuu danda’a.

Aflatoxin ittisuun fayyaa namaa qofa osoo hin taane, fayyaa beelladaa, qulqullina aannan, nageenya nyaataa, guddina daa’immanii fi dinagdee maatii eeguudha. Kanaaf, qonnaan bulaan, daldalaan, warshaan nyaataa, horsiisee bulaan, qaamni mootummaa fi fayyadamaan hundi itti gaafatamummaa waloo qabu.

Barreeffama kana maatii, hiriyootaa fi hawaasa keessaniif qooduun hubannoo nageenya nyaataa cimsaa.

Barreessaa fi Qopheessan

Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa

Odeeffannoo fayyaa fi nageenya nyaataa barbaachisaa guyyaa guyyaan argachuuf fuula Facebook keenya hordofaa.

Barreeffama kanaaf Maddoota Wabii Ijoo

– World Health Organization. Mycotoxins. WHO Fact Sheet, 2023.

– International Agency for Research on Cancer. Chemical Agents and Related Occupations: Aflatoxins. IARC Monographs, Volume 100F, 2012.

– Gizachew D, Szonyi B, Tegegne A, Hanson J, Grace D. Aflatoxin Contamination of Milk and Dairy Feeds in the Greater Addis Ababa Milk Shed, Ethiopia. Food Control. 2016;59:773–779.

– Satheesh N, Parmar A, Fanta SW, Stathers T. Postharvest Handling Practices and Mycotoxin Occurrence Along the Dried Berbere Chilli Pepper Value Chain: A Case Study from Northern Ethiopia. Journal of Stored Products Research. 2023.

– Mekuria AN, Routledge MN, Gong YY, Sisay M. Aflatoxins as a Risk Factor for Liver Cirrhosis: A Systematic Review and Meta-analysis. BMC Pharmacology and Toxicology. 2020;21:39.

– International Agency for Research on Cancer. Mycotoxin Control in Low- and Middle-Income Countries. IARC Working Group Report, 2015.

– Food and Agriculture Organization and World Health Organization. Codex Alimentarius: Prevention and Reduction of Mycotoxin Contamination in Food and Feed.

«Hubachiisa: Barreeffamni kun hubannoo uummataa cimsuuf qophaa’e. Bu’aa qorannoo laaboraatoorii, gorsa ogeessa nageenya nyaataa ykn yaala fayyaa dhuunfaa bakka hin bu’u.»

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *