Dhukkuba Kiintaarotii, buroo/Baasuur

Dhukkuba Kiintaarotii (Baasuur/Buroo)

Maalummaa Kiintaarotii, Caasaa Qaamaa, Mala Uumama Dhibee kanaa fi Mallattoolee, fi Yaala Isaa irratti Gabaasa Saayinsaawaa

Seensa

Dhukkubni Kiintaarotii, kan bakka tokko tokko keessatti (Baasuur) yookaan (Buroo) jedhamee waamamu, yoo ta’u hawaasa keessatti dhukkuba bal’inaan brrkamudha. Dhukkubni kun Afaan Ingiliffaatiin (𝗵𝗲𝗺𝗼𝗿𝗿𝗵𝗼𝗶𝗱𝘀) yookaan Piles jedhama.

Dhukkubni kiintaarotii namoota baay’ee irratti kan mul’atu ta’us, maalummaa isaa, qaama keessaa eessatti akka uumamu, akkamitti akka guddatu, fi tishuuwwan kamiin akka walqabatu irratti hubannoon hawaasaa xiqqaadha. Hanqina hubannoo kana irraa kan ka’e, namoonni hedduun kiintaarotii akka madaa salphaa yookaan dhiita naannoo teessumaa irratti ba’e qofaatti ilaalu. Kun immoo gosa kiintaarotii, sadarkaa isaa, fi sababoota isa hammeessan sirriitti osoo hin hubatin yaala sirriitti hin taane fudhachuuf nama saaxila. Kanaaf barreeffama kana keessatti Maalummaa Kiintaarotii fi gosaa fi sadarkaa isaa, akkamitti akka uumamuu fi qaamota Narvii fi Tishuuwwan kamii wajjin akka wal qabatu bal’inaan ibsineerra.

𝗞𝗶𝗶𝗻𝘁𝗮𝗮𝗿𝗼𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗠𝗮𝗮𝗹𝗶?

Gabaabinaan kiintaarotiin uumama isaatiin guddinni foonii dabalataa madaa qabuu fi gadi ba’ee mul’atu yookaa dhiiga fidu qofa osoo hin taane, Dhukkuba bu’uura Anatoomii fi Fiiziyooloojii naannoo marimaan gadii (anal canal) keessatti jijjiirama dhangala’aa seelotaa fi hidda dhiigaa keessatti mudatuun kan dhufu dha. Kiintaarotiin qaamoleen dhiigaa fi Tishuuwwan deeggarsa isaanii kan Marrimaan gara dhumaa fi naannoo munnee fi qaama taa’umsaa keessatti argaman dhiibamuu fi miidhamuu wajjin wal qabata. Yeroo Qaamonni kun sababoota akka goginsa garaa, taa’umsa dheeraa yookaan sababoota birootiin dhiibamanii, dhiita’anii fi miidhaman, dhiibamanii fi Tishuuwwan walqabsiistu laafanii bakka isaanii irraa gadi siquun dhiigaan guutamanii, dhiitahuu isaaniin kan ka’e Kiintaarotiin keessatti yokaan alatti bahee uumama. kun ibsa salphaadha, Garuu hiikni saayinsaawaa isaa kana caalaa bal’aa dha

Dhukkubni Kiintaarotii gosa tokko qofa miti inni Gosoota sadi qaba isaanis:

Tokkoffaan: 𝗸𝗶𝗶𝗻𝘁𝗮𝗮𝗿𝗼𝘁𝗶𝗶- Alaa

Kiintaarotii Teessuma yokan daandii Sagaraa finxiixxaa keeysatti gadi bahee alatti mul’atu yoo ta’u Ingiliffaan (External Hemorrhoids) jedhamaa. inni kun yoo cime Gosa Kiintaarotii baayyee nama dhukkubu dha.

Sababni isaas Kiintaarotiin alaa dentate line jala, anoderm keessatti argama. Anoderm’iin kun narvii pudendal fi inferior rectal nerves irraa dhufu qaba. Narviiwwan kun dhukkubbii, tuqaalee, ho’a fi qorra sirriitti dhaga’u. Kanaaf kiintaarotii alaa keessatti dhiigni kuufamee xannacha uumuun, dhiita’uu fi dhukkubbii tasaa guddaa fiduu danda’a. Yeroo cime Namni sun taa’uu, deemuu, sagaraa baasuu fi uffata uffachuun illee rakkisaa ta’uu danda’a.

Kiintaarotii alaa keessatti yeroo cime dhiigni kuufamee Dhiitoo uumuun danda’a. Kun (thrombosed external hemorrhoid) jedhama. Yeroo sadarakaa kanatti, dhiitni jabaataa fi baay’ee nama dhukkubu, ni uumama, dhiitni kun yeroo tokko tokko bifa cuquliisaa yookaan diimaa gurraacha fakkaatu qabaachuu danda’a.

lammaffaa:𝙠𝙞𝙞𝙣𝙩𝙖𝙖𝙧𝙤𝙩𝙞𝙞 Garaa keessaa

Kiintaarotiin inni kun marrimaan gara dhumaa irratti kan bahu yoo ta’u, yeroo hedduu dhokataa fi gadi bahee hin mullanne dha, Ingiliffaan (Internal Hemorrhoids) jedhamuun Beekkamaa.

Gosti Kiintaarotii kun yeroo baayyee dhukkubbii cimaa hin qabu sababni isaas Kiintaarotiin keessaa (dentate line) gubbaatti argama. Naannoon kun narvii (viscera) qaba; Narvii kun dhukkubbii garaa yookaan gubaa cimaa hin dhaga’u, Kanaaf kiintaarotiin keessaa dhiiga diimaa ifaa sagaraa waliin bahu danda’a, garuu namni dhukkubbii baay’ee hin dhaga’u.

Sadaffaa: Kiintaarotii walitti makame-𝗠𝗶𝘅𝗲𝗱 𝗵𝗲𝗺𝗼𝗿𝗿𝗵𝗼𝗶𝗱𝘀

Namni tokko yeroo tokko keessatti kiintaarotii keessaa fi alaa walitti makamee qabaachuu danda’a. Sababni isaa sirni hiddoota dhiigaa gubbaa fi jalaa wal qunnamtii qaba. Kanaaf yeroo tokko keessatti Kiintaarotiin gara lamaan keessaa fi alatti mul’achuu danda’a, kunis Mixed hemorrhoids jedhama, kanaaf Kiintaarotiin “keessaa fi ala qofa” jechuun murteessuun hin danda’amu.

𝗦𝗮𝗱𝗮𝗿𝗸𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗞𝗶𝗶𝗻𝘁𝗮𝗮𝗿𝗼𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗗𝗮𝗿𝗯𝘂

Dhukkubni Kiintaarotii nama tokko qabee gara dhukkuba guutuutti jijjiiranuuf sadarkaalee afur kan keessa darbu qaba isaanis:

Sadarkaa 1ffaa Grade 1: Kun Kiintaarotii sadarkaa jalqabaa kan reefu jalqabu yoo ta’u, mallattoo hin qabu, gara Keessaa jira; gadi hin bahu; yeroo baay’ee dhiiguu qofaan beekamuu danda’a.

Sadarkaa 2ffaa Grade 2: kun Kiintaarotii xiqqoo bubbulee yoo ta’u, Yeroo baay’ee yoo mana finfcaanii seenan sagaraa wajjin gadi bahee, yeroo namichi xumuru ofumaan deebi’a.

Sadarkaa 3ffaa Grade 3: kun Kiintaarotii xiqqoo cime yoo ta’u, Yeroo sagaraan gadi Kiintaarotichi, gadi bahee, mul’ata, garuu ofiin ol hin deebi’u, harkaan ol deebisuu barbaadaa.

Sadarkaa 4ffaa Grade 4: kun Kiintaarotii isa cimaa fi sadarkaa dhumaa yoo ta’u, Yeroo hunda alatti bahee mul’ata; harkaan yoo ol dhiibanis hin deebi’u, deebisuun hin danda’amu; inni kun mallattoo dhukkubbii, dhiita’uu fi miidhaa fiduu danda’a.

𝗜𝗱𝗱𝗼𝗼 𝗞𝗶𝗶𝗻𝘁𝗮𝗮𝗿𝗼𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗨𝘂𝗺𝗮𝗺𝘂?

Kiintaarotiin dhuma Mar’imaanii fi qaamolee Daandii Sagaraa keessatti uumama. Qaamni sagaraa baasnu kutaa lama guddaa qaba: Tokko (rectum)dha, marr’imaan gara dhumaa, fi lammaffaan (anal canal) ujummoo sagaraa gara alaatti geessu dha. (Anal canal) kun ujummoo gabaabaa, giddugaleessaan dheerinni isaa gara 2.5 hanga 4 cm ta’edha.

Gubbaa (anal canal) kana keessatti Dhuma Mar’imaanii irraa gara sagaraatti ce’umsi jira. Jala isaa irratti immoo afaan sagaraan ittiin bahu, (anal verge) argama.

Ujummoon sagaraa (Anal canal) kun maashaa cufaa lamaan marfameera:

Tokkoffaan: cufaa keessaa (Internal anal sphincter) jedhama inni kun maashaa keessaa kan ofumaan hojii isaa hojjetudha, namni fedhii isaatiin to’achuu hin danda’u. Maashaan kun sagaraan yeroo hin malletti akka ofiin nurraa hin hin baane eega.

Lammaffaa: cufaa alaa kan (External anal sphincter) jedhamudha, inni maashaa alaa kan namni fedhii isaatiin to’achuu danda’udha. Fakkeenyaaf Namni tokko Sagaraan isa qabee, hanga mana fincaanii dhaquuf murteessutti sagaraa qabee turuuf kan gargaaru dha.

Maashaan puborectalis jedhamu immoo dhuma Mar’imaanii rectum fi anal canal gidduu kornarii uumee sagaraa qabachuu namaa keessatti gahee qaba. Kanaaf ujummoo Sagaraa jechuun ujummoo qofa miti; sirna maashaa, narvii, hidda dhiigaa fi tishuu walxaxaa keessaa tokko dha.

𝗔𝗱𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗗𝗵𝗶𝗯𝗲𝗲𝗻 𝗞𝗶𝗶𝗻𝘁𝗮𝗮𝗿𝗼𝘁𝗶𝗶 𝗶𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗨𝘂𝗺𝗮𝗺𝘂 𝗣𝗮𝘁𝗵𝗼𝗴𝗲𝗻𝗲𝘀𝗶𝘀

Pathogenesis jechuun adeemsa baayoloojii dhibeen tokko qaama keessatti itti uumamu, itti guddatu, tishuu fi seelota irratti jijjiirama itti fida, dhumarrattis mallattoolee kilinikaalaa itti mul’isu jechuu dha.

Dhukkuba Kiintaarotii Mala isaa yokaan Pathogenesis isaa yeroo ilaallu Dhukkuba Kiintaarotii “hiddoota dhiigaa dhiita’an” yookaan “madaa/dhiita Daandii Sagaraa keessatti ba’e” qofa jechuun ibsuun hin danda’amu, Kiintaarotiin sababoota keessoo walitti hidhamanii jiranii fi wal xaxaa ta’an qabudha malee dhibee gogaa gubbaa jiru salphaa tokko miti.

Kiintaarotiin maal akka ta’e hubachuuf jalqaba Tishuuwwan naannoo sana jiran hubachuun barbaachisaa dha. Namni hundi naannoo ujummoo sagaraa keessatti tishuu uumamaa 𝙖𝙣𝙖𝙡 𝙘𝙪𝙨𝙝𝙞𝙤𝙣𝙨 yookaan 𝗵𝗲𝗺𝗼𝗿𝗿𝗵𝗼𝗶𝗱𝗮𝗹 𝗰𝘂𝘀𝗵𝗶𝗼𝗻𝘀 jedhamu duraan qaba. Tishuun kun ofii isaaf dhukkuba miti; kutaa qaama namaa idilee keessaa tokko dha. Eenool keeshinsi/ 𝙖𝙣𝙖𝙡 𝙘𝙪𝙨𝙝𝙞𝙤𝙣𝙨 jechuun tishuuwwan laafaa, hiddoota dhiigaa baay’ee qaban, ujummoo sagaraa keessatti argamani dha. Isaan kun walqunnamtii hiddoota dhiiga gara qaamaatti geessanii fi dhiiga deebisanii baasan jidduu jiru, Tishuun kun hiddoota dhiigaa hedduu, tishuu walqabsiistuu, maashaa laafaa xixiqqoo, hiddoota dhiiga gara tishuutti geessanii fi dhiiga sana deebisanii baasan of keessaa qaba. Tishuuwwan kun qaama keessatti hojii barbaachisaa qabu. Eenool keushinsiiin, Maashaa cufaa sagaraa waliin hojjechuun afaan sagaraa sirriitti cufuuf gargaaru; kanaanis hafuura, bishaan yookaan sagaraan xiqqoon osoo hin barbaachisin akka hin bahine eeguuuf tajaajilu. Kana jechuun (Eenool keushinsi) kun namoota fayyaa ta’an keessattiyyuu uumamaan ni jiru. Isaan qaama uumamaa fi hojii barbaachisaa qabu. Dhibee Kiintaarotii jechuun yeroo tishuuwwan kun baay’inaan dhiita’an, bakka isaanii irraa gadi bu’an, dhiiganii, yookaan dhukkubbii fidani dha. Kiintaarotii jechuun “madaa” qofa miti; rakkoo tishuu, hidda dhiigaa, maashaa laafaa fi collagen walitti makame keessatti uumamuudha.

Adeemsi Dhukkuba kiintaarotii nama hunda keessatti bifa wal fakkaataa ta’een karaa tokkoon qofa hin jalqabu. Sababni Kiintaarotii namoota irratti garaagarummaa qaba, Namoota garii keessatti goginsi garaa fi sagaraa baasuuf humnaan dhiibuun gahee guddaa qabaachuu danda’a, namoota biroo keessatti ammoo laafina Tishuuwwan walqabsiistu connective tissue fi umuriin deemuu, furdina qaamaa, garaa baasaa/diarrhea yeroo dheeraa, amala mana fincaanii sirrii hin taane yookaan predisposition jenetikii waliin walqabachuu danda’a. Kanaaf kiintaarotii akka dhukkuba multifactorial sababoota hedduun walitti makamuun uumamutti ilaalama malee sababa tokko qofaaf dhufa jedhanii yaaduun sirrii miti.

Akkuma Armaan Olitti ibsuuf yaalle Kiintaarotiin Dhibee sababoota adda addaa dhufuu fi qaama keessaa caasaa qabudha, ha ta’u garuu namoonni hedduun Kiintaarotii haala kanaan hin hubatanu!.

Hubannoo dogoggoraa Dhukkuba kiintaarotii irratti rakkoon guddaan tokko, kiintaarotii gogiinsa garaa qofa irraa dhufa jedhanii yaaduu fi Kiintaarotiin Madaa/dhiita alatti bahee mul’atu qofa muranii baasuun ni fayya jedhani ilaaluudha. Ilaalchoonni kun lamaan pathology fi anatomy kiintaarotii guutummaatti hin ibsan.

Dogoggora Tokkoffaan
Kiintaarotiin gogiinsa garaa qofaa wajjin wal qabata jedhanii yaaduu dha. Keessaahuu Ogeeyyiin Qoricha aadaa baay’een isaanii Kiintaarotii nama hundaa gogiinsa garaa wajjin qofa wal qabsiisanii ilaalu, waan ta’eef, Namoota dhibee kana qaban hundaaf Dawaa garaa laaffisuu fi garaa baasu kennu, Dawaan garaa laaffisu yookaan sagaraa baasu yeroo namni goginsa garaa qabu keessatti faayidaa qabaachuu fi gargaaruu danda’a. Kaayyoon isaa sagaraa laaffisuu, bobbaa baasuuf humnaan dhiibuu hir’isuu, fi dhiibbaa anal cushions irratti uumamu xiqqeessuudha. Garuu dawaa garaa nama baasu namoota kiintaarotii qaban hundaaf baay’inaan kennuun yaala sirrii miti. Sababni isaas akkuma gogiinsi garaa Kiintaarotii fiduu keessatti gahee qabu, Garaa baasaa yokan (diarrhea)nis Kiintaarotii fiduu keessatti gahee qaba. Namni tokko kan sagaraan isaa laafaa ta’ee fi rakkoo malee irraa bahu qabu, yoo dawaa garaa baasu dabalataan fudhate, ujummoo Sagaraa fi maashaalee naannoo hudduu caalaatti miidhamuu fi rakkoo kiintaarotii hammaachuu danda’a. Kanaaf Kiintaarotii hundaaf Dawaa garaa baasu baay’inaan kennuu irraa if qubachuun barbaachisaa dha!.

Dogoggorri lammaffaan immoo kiintaarotii akka madaa gogaa irratti ba’e yookaan dhiita naannoo teessumaa irratti mul’atu qofaatti ilaaluudha. Dhugaan jiru, kiintaarotiin Dhukkuba Wal xaxaa, tishuu keushini ujummoo dhiigaa, tishuu walqabsiistu, maashaalee lallaafaa/smooth muscle fi hiddoota narvii naannoo ujummoo Sagaraa (anal canal)waliin walqabatee jiru dha. Malee madaa salphaa alaan qofa jiru, yokan Dhiita salphaa muranii gatuu qofaan dhabamsiisuun danda’amu miti!.

Keessumaa kiintaarotii keessaa Grade 3 fi Grade 4 keessatti rakkoon guddaan “fooni alatti bahuu qofa” miti; Enool keushinsiiin, walqabsiistuun bakka isaanii irratti qabee eegu laafuun, mucosa gadi siquun fi prolapse uumamuudha.
Kana jechuun dhiita alatti mul’atu muruu qofaan sababoota kiintaarotii hammeessan hunda hiikuun hin danda’amu. Haa ta’u malee, kana jechuun Yaalii baqaqsanii hodhuu surgery hundi dogoggora yokan bu’aa hin qabu jechuu miti. Jalqaba sababoonni Kiintaarotii hedduu akka ta’anii fi qaama keessaa hundee akka qabu hubachuun barbaachisaa dha! keessaahuu namni qoricha aadaa hojjetu Kiintaarotii muruun dogoggora guddaa dha!.

Kiintaarotiin wala xaxaa dha! mallattoon isaa, sadarkaa isaa fi yaalli isaa namaa gara namaatti garaagarummaa qaba. Kanaaf yaalii kiintaarotii keessatti gaaffiin jalqabaa “garaan si gogeeraa?” qofa miti. Ogeessi yaalaa, sagaraan akkamitti bahaa jira ? namni kun humnaan dhiibee baasamo bifa idileen irraa bahaa jira? yeroo mana fincaanii seenu Sagaraa irra hammam taa’a? Bobbaa wajjin dhiigni bahu jiraa? dhiitni alaa wanti foon fakkaatu gadi ba’eera? gubaan jiraa? jechuun qorachuu qaba. Akk7Kiintaarotiin keessaa fi Kiintaarotii alaa, keessaa tokko moo? Kiintaarotii walitti makame dha, kan jedhus adda baafachuun murteessaa dha.

𝗠𝗮𝗹𝗹𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼𝗹𝗲𝗲 𝘄𝗮𝗹𝗶𝗶 𝗴𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗺𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝘂𝗹’𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮’𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗮𝗿𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗱𝗶𝗶 𝘁𝗶:

1• Teessuma irratti Gadi bahee mul’ataa Bifa dhiitahuu, fi bokokuun yokan kormommuu fi madaa yokan foon diimaa, fakkaatuun dhiibbatee gadi bahuudhaan mul’achuu.

2• Dhiigni diimaa ifaa sagaraa waliin bahuu Sagaraa Wajjiin dhiigni Bahuu fi Yeroo mana fincaanii seenan, daandii Sagaraa yokan finxiixxaa Keeysaa dhukkubbiin namatti dhagayamu.

3• Garaa keessa Marrimaan jeeqamu, irra deddeebiin Garaa keessi goguu fi sagaraan jabaa ta’uu, yeroo mana finfcaanii seenan (bobbaan) namarraa bahuu diduu fi Sagaraa baasuu irratti humnaan dhiibuu fi yeroo baay’ee rakkinaan bahuu

4• Yeroo dheeraa mana fincaanii irra taa’uu dafanii xumuru dadhabuu, erga Sagaraa baasanii booda akka waan hin xumuramneetti namatti dhaga’amuu.

5• Sagaraan namaa yeroo dheeraa laafaa ta’uu fi dafee xumuramu diduu, bobbaan yeroo namarraa bahu nama gubuu yokaan miira gubaatii (barbaree) fakkaatu namatti dhaga’amu.

6• Teessuma Daandii Sagaraa yokan finxiixxaa keeysaa hooksisuu fi yeroo taa’u boqonnaa dhabuu.

7• Sababa tokko malee, Mudhii fi Dugdaa keeysaan dhukkubbiin namatti dhagayamuu, qaama namaa qabuu.

8• Sababa tokko malee Humni Qaama gadi bu’uu fi Fedhii fi Dandeettii wal qunnamtii saalaa hir’achu.

9• Yeroo nyaata akka doonii fi kkf fayyadaman garaan nama bokokuu, hafuuraan guutumuu fi jeeqamu.

10• Mana fincaanii tti nama deddeebisuu, yeroo mana finfcaanii seenan bobbaan namarraa bahuu xiqqaa garuu irra deddeebiin namatti dhufuu danda’a.

11• Sababa malee dhiphina Sammuu namatti deddeebi’uu, sammuun nama jeeqamuu fi Mataa Bowwuun baay’achuu danda’a garuu kun mallattoo nama hunda irratti mul’atu miti.

Walumaagalatti Mallattoowwan armaan olitti ibsaman kunneen namoota Dhukkuba Kiintaarotii qaban, irratti mul’achuu danda’u, garuu nama Kiintaarotii qabu tokko irratti Mallattoolee caqafaman kanneen Hundi isaanii yeroo tokkoon hin mul’atanu, haala turtii fi Cimina yokan sadarkaa dhukkubaa irratti hundaa’ee Mallattooleen namarratti mul’atan garaagarummaa qabu, nama Kiintaarotii qabu irratti mallattoolee caqafaman kanneen keessaa muraasni yokan hundi mul’achuu danda’a, yeroo dhibeen cimu mallattoonis ni dabala.

Yaala Kiintaarotii

Dhibeen kun sadarkaa fi gosa isaa irratti hundaa’ee yaalamee fayyuu danda’a. Nama hundaaf dawaa tokko yookaan mala tokko qofa kennuun sirrii miti.

Yaalli jalqabaa yeroo baay’ee amala jireenyaa sirreessuu irraa eegala. nyaata Fiber qabuam baayinaan soorachuu bishaan gahaa dhuguun, sagaraa yeroo dhufe tursiisuu dhiisuu, sagaraa baasuuf humnaan dhiibuu dhiisuu, yeroo dheeraa mana fincaanii irra taa’uu dhiisuu fi sochii qaamaa gochuun mallattoolee hir’isuu fi milkaa’ina Yaalaaf gargaara.

Dhibee Kiintaarotii (hemorrhoids) yaaluuf Qorichoota qaama namaa Madeessanuu fi foon muranii baasanu fayyadamuu irraa of qubachuun gaarii dha. Namoota ogummaa baqaqsanii yaaluu malee Mana Qoricha Aadaa keessatti Kiintaarotii muranii baasanu fi lilmee waraanan biratti yaalamuun balaa guddaa qaba.

Dhibeen Kiintaarotii osoo qaama hin murin karaa qorichoota garaatti dhugamanuu fi bakka Kiintaarotiin bahee jirutti dibamuun fayyisuu danda’aniin yaalamuu qaba. Yaala kana Giddugala yaalaa keenya keessatti argachuu dandeessu.

Giddugala Yaala Aadaa keenya keessatti dhukkuba Kiintaarotii irratti tajaajilli yaalaa ciifsanii yaaluu fi kan biraas ni kennama. Tajaajilli kun dawaa gosoota gurguddoo lamatti qoodaman of keessaa qaba, kunis Dawaa afaaniin fudhatamuu fi dawaa bakka kiintaarotiin bahee jiru irratti dibamu yoo ta’u, ysalli kun osoo qaama hin madeessim kan kennamudha.

Dawaan kun qaama muruu/kutuu, qaama gubuu, yookaan keemikaala tishuu namaa madeessu of keessaa hin qabu. Osoo miidhaan dabalataa hin uumamin osoo  dhukkubbiin namatti hin dhagahamin Kiintaarotii sana guutummaatti balleessuu kan danda’udha.

Yaaliin dhibee kanaa guyyaa 7-14 keessatti kan xumuramu yoo ta’u, namni kamiyyuu qaamaan dhufee ciisee yaalamuu fi guutummaatti fayyuu isaa ofiin mirkaneeffatee gara mana isaatti galuu danda’a. Akkasumas yoo nama qaamaan dhufuu hin dandeenye ta’e dawaa Kiintaarotii bakka inni jirutti qoricha nageenya qabu Eeguufi dandeenya.

Yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate Dhukkuba keessan nuuf ibsitanii biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti tajaajila argachuu dandeessu. 🌍💊

Teessoon Magaalaa Ganda 01, Daandii guddaa Karaa bahiinsa Baalee, naannoo ’30’, mana murtii Godina Arsii Lixaa fuulduraan gara harka mirgaatti meetira 200 qofa seene argama.

Waajirri lammaffaan Shaashamannee Ganda 01 Naannoo Hoteela Hamiltaniin daandii kobilistoonii gara “Masjiida Al-Iimaan”tti, geessu harka mirgaa irratti argama.

Dhukkuboota Walii Galaa tiif, Lakkoofsa Bilbilaa: 0944119955, 0928795750 ykn 0909316243. irratti Ogeessoota Qunnamuu dandeessu.

Yaala Dhukkuboota Tiruu kan akka Vaayrasii tiruu Hepatitis B fi Cooma tiruu fi kkf lakkoofsa bilbilaa 091 033 3944 kana irratti Karaa whtsappii fi telegram messege nuuf Erguu dandeessu. Akkasumas Dhimma keessan karaa barreeffamaan SMS nuuf Erguu dandeessu!.

WhatsApp irratti kallattiin Miiseejii nuuf Erguuf Link kana cuqaasiis
https://wa.me/251910333944

Telegram irratti kallattiin Miiseejii nuuf Erguuf Link kana cuqaasii
t.me/HBV_oromiyaa10

Facebook Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godha

https://www.facebook.com/ManaQorichaAadaaOromiya

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *