Dhukkubsattoota Vaayirasii Tiruu

Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Namoonni osoo Vaayirasiin isaanii xiqqaa ta’ee jiru maaliif kaansarii tiruuf saaxilaman!?

Qorannoo cohort fi qorannoowwan gurguddoon systematic review, meta-analysis dhukkubsattoota kumaatamaan lakkaawaman irratti geggeeffame akka agarsiisanitti dhukkubni Vaayirasii Tiruu dhiiga keessatti xiqqaa ta’eef tiruu irratti miidhaa hin geessisu jechuun hin danda’amu. Akkasumas yeroo tokko tokko hammi vaayirasii dhiiga keessatti baayyee ta’ee osoo jiruu miidhaa geessisuu dhiisuu danda’a!. Amalli kun dhibee yeroo kamiyyuu shakkiin wajjin jiraatamu qabu ta’uu isaaf ragaa gahaa dha.

Namoota Vaayirasii tiruu Hepatitis B qaban kan Dawaa fudhachaa turanii fi Vaayirasiin isaanii hedduu gadi bu’ee xiqqaa ta’ee jiru, garuu booda madaa Tiruu cimaa fi kaansarii Tiruu HCC’f saaxilamani jiru. kana jechuun Vaayirasiin xiqqaa ta’us miidhaan hin hafu kanaaf dhukkubsataan yeroo kamiyyuu Hordoffii cimaa barbaadaa!. Nu birattis Dhukkubsattoonni vaayirasii xiqqaa qaban garuu Tiruun isaanii baay’ee miidhame dhufanii arginee jirra.

Dhukkuboota Amala riphee lolaa qabanii fi dhokatanii lubbuu galaafatan keessaa tokko Dhukkuba vaayirasii tiruu ti, inni dhibee amala wal xaxaa fi balaafamoo ta’aniin guutame dha.

Vaayirasiin Tiruu Hepatitis B’n Dhukkuba yeroo hunda dammaqinaan hordofamuu qabudha!. Ta’us garuu Namoonni dhibee kana qaban gariin isaanii Vaayirasiin kiyya xiqqaadha, malllattoon naratti mul’ataa hin jiru, ammallee dhiiga koo keessa qofa jira jedhanii waan miidhaa dhibee kanaa jalaa guutummaatti bahan taasisanii yaaduun of dagatanii osoo hin beekin dhibee kaansariif saaxilamaa jiru.

Vaayirasiin kun amala baayoloojii baay’ee balaafamaa wal xaxaa ta’e kan nama goyyoomsuu danda’u qaba. Namoonni vaayirasii xiqqaa ta’e miti, warri dawaa ammayyaa yeroo dheeraa waggaa 5 hanga 10nii fudhatanii Vaayirasiin dhiiga keessatti baayyee xiqqaatee hanga mul’atuu gadi ta’ee jiran illee, guutummaatti balaa madaa Tiruu fi kaansariif saaxilamuu jalaa hin bahanu!. Sababa kanaaf waan yeroo yerootti qorannoo gochuu fi hordofamu akka qaban qajeelfammni dhaabbata fayyaa Addunyaa WHO  AASL fi EASL ni agarsiisa.

Sababni Isaas Vaayirasiin kun kaansarii fiduuf mallattoo argisiisuun isa hin barbaachisu, Dawaa fudhataa jiraachuunis balaa hir’isa malee guutummaatti dhaabuu hin danda’u, Namoota dawaa ammayyaa fudhataa turan garii keessatti osoo Vaayirasiin xiqqaa ta’ee jiru madaa Tiruu fi kaansariif saaxilamaniiru.

Dhukkubsattoonni Vaayirasii Tiruu B yeroo dheeraa (Chronic Hepatitis B) qaban, dawaawwan ammayyaa akka (TDF/TAF/ETV) osoo fudhataa jiranii, baay’innii vaayirasii dhiiga keessaa (HBV DNA/Viral Load) isaanii baay’ee gadi bu’ee haala gaarii irra jiru osoo jedhamu, madaa tiruu cimaa (advanced fibrosis/cirrhosis) fi kaansarii Tiruu  (HCC) saaxilamuun isaanii qorannoo fayyaan argameera. Haalli kun waan nama ajaa’ibsiisu fakkaatus, saayinsii fayyaa keessatti ni beekamaadha. Kun dhimma saayinsiidhaan mirkanaa’ee fi gabaasota yaalii (Case Reports) addunyaa irratti baay’inaan galmaa’ee dha. Dhugaa kana hubachuun dhukkubsataan akka of eeggannoo godhuu fi dhibicha to’achuu fi balaa isaa ittisuuf murteessaadha.

Waan kana caalaatti hubachuuf Seenaa Dhukkubsattoota keenyaa 4 fi qorannoowwan addunyaa kan biraa armaan gadii dubbisuun fakkeenya gaarii dha.

𝗧𝗮𝗮𝘁𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝗻 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗵𝗶𝗵𝗼𝗼 𝗡𝘂 𝗯𝗶𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝘂𝗱𝗮𝘁𝗮𝗻

Torban lama qofa keessatti dhukkubsattoonni Vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa Hepatitis B qaban Afur nu biratti yaalamuuf dhufanii turan. Namoonni kun dhukkuba kana erga qabamanii tureera.

Bu’aan Qorannoo isaanii kanaan duraa akka argisiisutti Afran isaanii waggoota dura yeroo mana yaalaa deemanii qorannoo godhanii, hammi vaayirasii dhiiga isaanii ol’aanaa fi dawaa ammayyaa jalqabuuf kan gahe ta’uun erga mirkanaa’ee booda ajaja ogeessa fayyaatiin, dawaa ammayyaa farra vaayirasii HBV yeroo dheeraa fudhataa turan, yeroo yaala jalqaban tiruun isaani fayyaa qaba ture, madaa yokaan mallattoo kaansarii hin jiru. Erga dawaa fudhataa turani booda Vaayirasiin isaanii dhiiga keessatti baay’ee ture sun dhiiga keessaa gadi hedduu bu’uu danda’eera. Qorannoo PCR irratti bu’aan HBV DNA isaanii gadi bu’ee dhibeen kun to’atamuu agarsiise. Kunis dawaan ammayyaa isaan fudhataa turan replication vaayirasii irratti hojii isaa sirriitti hojjechuu isaa mul’isa.

Haa ta’u malee, namoonni kun osoma dawaa fudhataa jiranii osoo Vaayirasiin xiqqaa ta’ee jiruu, akka carraa mana yaalaa olaanaa deemanii qorannoon fayyaa Tiruu gadi fagoo yeroo godhan, namoonni sadii Tiruu isaanii keessatti madaan tiruu fibrosis sadarkaa F3 cimaa argameera.

Namoonni kun sadan Dawaa ammayyaa fudhataa turan, mallattoo tokko hin qaban, alarraan guutummaatti fayyaa dha, Vaayirasiin isaanii akka malee xiqqaa ture, garuu Tiruun isaanii madaa cimaaf saaxilamee jira. Erga bu’aa qorannoo isaanii ilaallee irra Deebiin qorannoo MRI fi kkf taasifameen booda isaan keessaa

Nama tokko tiruun isaa akka malee waan miidhameef Hospitaala waliin ta’uun yaala fayyaa cimaa akka argatuuf gara Finfinneetti dabarsineerra. Namoonni lamaan madaa cimaa qaban immoo nu biratti yaala Vaayirasii Tiruu fi Madaa Tiruu fudhachaa jiru.

Dhukkubsataan Afraffaan immoo nama dhiira umuriin waggaa 30 keessa jiru yoo ta’u, Vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa chronic Hepatitis B qaba. Yeroo dheeraaf seeraan dawaa ammayyaa vaayirasii tiruu yaaluuf kennamu mana yaalaa irraas fudhachaa ture. Vaayirasiin isaa xiqqaatus garuu madaa Tiruu hamaaf saaxilamee jira.

Waraqaa Qorannoo fayyaa reportii CT isaa keessatti “CHBV on TDF” jechuun barreeffameera, jechuunis dawaa ammayyaa (Tenofovir Disoproxil Fumarate) fudhachaa akka ture ibsameera.

Vaayirasiin dhiiga keessatti baayyee xiqqaa dha, Bu’aan Qorannoo HBV DNA <10 IU/mL qofa irratti argama, jechuunis baay’ee gadi bu’ee jira. haa ta’uu garuu namni kun madaa Tiruu akka malee hamaa fi cimaa ta’ee fi kaansarii tiruu HCC’f saaxilamee jira. Qorannoo Elastography irratti madaa Tiruu cimaa fibrosis F3 qabaachuun argameera.

Qorannoon CT triphasic irratti immoo tiruu gara mirgaa keessatti citaan tokko, kan guddinni isaa tilmaamaan 4 × 4.5 × 4 cm, arterial enhancement, washout fi delayed capsular enhancement qabu mul’ateera. Ogeessi isa qorataa ture, radiologistin citaan sun kaansarii Tiruu “HCC wajjin wal sima” jechuun xumureera. Qorannoo dabalataa taasifameen kaansarii mirkanaa’eera.

Namni kun mallattoo addaa tokko hin qabu, Mallattoolee akka bokoka garaa Ascites fi garaacha keessatti metastasis hin mul’atu, akkasumas dhiibbaan dhiigaa Tiruu portal hypertension ifaan hin argamne. Garuu madaa Tiruu cimaa fi Kaansarii Tiruu, akkasumas tiruun isaa gama tokkoon citee argameera. Yaala ol’aanaa fi hatattamaa waan barbaaduuf gara Finfinneetti dabarsineerra. Sababni isaas kun yaala aadaa qofaan boodatti deebi’uu hin danda’u!.

Namoonni kun fakkeenyaaf warra caqafaman malee waggaa tokko keessatti namoonni vaayirasii tiruu qaban kan osoo Vaayirasii dhiiga keessatti xiqqaa ta’ee jiru madaa Tiruu hamaa fi kaansarii qabaman 26 nu mudataniiru. Namoonni hedduun isaani Vaayirasiin koo xiqqaadha jedhani warra Hordoffii hin goone dha.

Taateewwan wal fakkaatoo qorannoo saayinsii keessatti galam’anii fi addunyaa irratti mudatanis hedduun ni jiru.

Gabaasni (Case Reports) fi (Case Series) addunyaa irratti galmaa’an, dhukkubsattoonni Vaayirasii Tiruu B yeroo dheeraa qaban osoo dawaa fudhatanii fi lakkoofsi vaayirasichaa dhiiga keessatti “undetectable” (kan hin argamne) ta’ee jiruu, madaa tiruu (fibrosis/cirrhosis) fi kaansarii tiruutiif (HCC) saaxilamuu isaanii ifatti mirkaneessu baay’ee jira isaan keessaa Fakkeenya muraasa caqasuun ni danda’ama.

Ameerikaatti namoota dawaa ammayyaa TDF fi ETV fudhatanii waggoota hedduuf fooyya’anii turan kaansarii qabamuu Thomas Jefferson University Hospital Ameerikaa gabaaseera.

Ameerikaa keessatti case series tokko namoota cirrhosis qaban 12 irratti maxxanfame jira. Namoonni kun dawaa ammayyaa farra vaayirasii antiviral yeroo waggaa 5.2 hanga 18.4 fudhatanii, vaayirasii isaani baay’ee gadi bu’ee HBV DNA isaanii yeroo waggaa 4.1 hanga 12.4 kan hin mullanne “undetectable” ta’ee osoo jiruu, kaansarii tiruu HCC qabamanii argamaniiru.

Hubadhu namoonni kun dawaa fudhataa turani, vaayirasiin dhiiga keessatti xiqqaachuu bira darbee kan hin mullanne ta’ee jira “undetectable” garuu kaansarii Tiruuf saaxilamanii argamanii jiru.

Garee qorannoo kana keessatti gabaafaman keessaq namoonni TDF qofa fudhatanii, kaan immoo ETV fudhatan, akkasumas LAM irraa gara TDF kan jijjiiraman ni jiru.

𝙄𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖 𝙁𝙖𝙠𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖::

Namni waggaa 57, TDF irratti waggaa 9. ture, HBV DNA waggaa 7.7 undetectable ture, boodaa kaansarii tiruu HCC 2.5 cm qabaatee argame.

Namni waggaa 73, TDF irratti waggaa 17.4, Ture, waggaa 9.7 HBV DNA undetectable ta’e ture, booda kaansarii tiruu HCC 1.6 × 1.4 cm qabaatee argame.

Namni waggaa 54, Entecavir fudhachuu irratti waggaa 16.8, HBV DNA isaa waggaa 5.9 “undetectable” ta’ee ture garuu booda kaansarii tiruu HCC 2.2 × 1.9 cm qabaatee argame.

Namni waggaa 62, TDF fudhachuu irratti waggaa 15.2, HBV DNA isaa waggaa 12.4 “undetectable” ture booda kaansarii tiruu HCC 3.4 × 3.4 cm qabaatee argame.

Namoonni kun yeroo dheeraa dawaa fudhataa turani fooyyees argataniiru Vaayirasiin Dhiiga keessaa badee kan hin mullanne ta’ee jira garuu kaansarii Tiruuf saaxilamanii argamanii jiru!.

Garuu wanti murteessaan tokko namoonni case series kana keessaa hedduun isaanii cirrhosis xiqqaa duraan qabu turan. Kana jechuun balaa kaansarii qabamuu isaanii durumaa jira ture dawaan ammayyaa balaa sana hir’ise garuu guutumaan guutuutti haquu hin dandeenye, kaansarii qabamaniiru.

Akkasumas Case series biraa Ameerikaa keessatti namni waggaa 64 Chronic HBV qabu Dawaa ammayyaa TDF 300 mg fudhataa ture. Qorannoo laabraatorii irratti Inzaayimiin tiruu isaa Liver enzymes isaa normal ta’e, baay’inni Vaayirasii dhiiga keessatti gadi bu’ee HBV DNA isaa waggaa 10 guutuuf undetectable ture. Haa ta’u malee Qorannoo MRI irratti kaansarii tiruu HCC fi citaa tiruu 3 cm argame. yeroo jalqabaa yaalli Local ablation godhameef; ji’a 15 booda ammas citaan haaraan Tiruu keessatti mul’ate, kanaaf amma Tiruun Guutuun jijjiiramuuf liver transplantation eeggachaa jira.

Case Report Turkii keessatti dubartiin waggaa 73 Chronic Hepatitis B qabdu tokko HBV DNA jalqabarratti 1.01 × 10⁶ IU/mL qabdi turte. dawaa ammayyaa “Telbivudine” fudhattee ji’a lama keessatti HBV DNA ishii xiqqaatee daangaa qorannoo gadi ta’ee ture. Haa ta’u malee ji’a 30 booda AFP olka’ee, Qorannoo MRI fi biopsy irratti HCC qabaachuun ishee mirkanaa’e; kana booda kaansarii Tiruu kun chemoembolizationiin yaalame. Qorattoonni dubartii kana hordofaa turan Namoonni Dhibee kana qaban kamiyyuu Vaayirasiin gadi bu’ee jiraatus dhukkubsataan yeroo yerootti hordoffii kaansarii tiruu HCC dhaabuuakka hin qabne ibsan.

Case report tokko keessatti dubartiin waggaa 64 proteiniin Vaayirasii kanaa inni ijoon HBsAg negative turte; Qorannoo baay’ina vaayirasii serum HBV DNA ishiis gadi aanaa yookaan kan hin argamne ta’ee ture. Qorannoo Garuu MRI irratti mass 9 cm argame, qorannoo biopsy irratti kaansarii tiruu HCC ta’uun mirkanaa’e. Qorannoo gadi fagoo molecular godhameen tiruu keessatti vaayirasii tiruu dhokatee hafe occult HBV infection ta’uun isaa ibsame. Dubartiin kun qorannoo laabraatorii irratti HBsAg negative turte; bu’aan kun silaa nama fayyaa ta’uu argisiisa ture garuu Vaayirasiin Tiruu keessatti dhokatee jira ture.

𝗖𝗮𝘀𝗲 𝗿𝗲𝗽𝗼𝗿𝘁 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗼𝘀𝗼𝗼 𝗵𝗶𝗻 𝘁𝗮𝗮𝗻𝗲: 𝗰𝗼𝗵𝗼𝗿𝘁 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗺𝗮𝗮𝗹 𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂?

Seenaa Namoota tokko tokko qofa osoo hin taane, qorannoowwan bal’aa “systematic review” meta-analysis fi “cohort” kumaatamaan lakkaawaman irratti geggeeffaman keessatti, dhukkubsattoonni Chronic Hepatitis B dawaa antiviral ammayyaa fudhatanii HBV DNA isaanii gadi bu’aa ta’us carraan madaa Tiruu cirrhosis fi kaasarii HCC qabamuu guutumaan guutuutti akka hin badne mirkanaa’eera.

Qorannoon Meta-analysis guddaan qorannoowwan 14 irra deebiin xiinxale, dhukkubsattoota vaayirasii tiruu yeroo dheeraa Chronic HBV qaban 24,269 ragaa isaanii walitti qabuun, xiinxaleera, qorannoon kun Waggaa shan keessatti namoota Tenofovir fudhatan keessaa 8.26% kaansarii tiruu HCC qabamuun gabaaseera. Warra Entecavir fudhatan keessaa immoo 10.87% kaansarii qabamuu gabaasee jira.

Kun dawaawwan lamaan carraa balaa HCC akka hin balleessine, garuu balaa isaa hir’isuu isaanii agarsiisa. Qorannoo kana keessatti Garee namoota madaa Tiruu cirrhosis duraan qaban keessatti balaan kaansarii tiruu kun caalaatti ol’aanaa ture: waggaa shan keessatti TDF irratti 13.93%, Entecavir irratti immoo 17.47% HCC argame.

Giriik keessatti qorannoon HEPNET namoota Chronic HBV 818 dawaa ammayyaa afaaniin fudhatamj oral antiviral fudhatan hordofee turem Hordoffii kana keessatti giddugaleessaan waggaa 4.7 keessatti namoota 49 irratti kaasariin Tiruu HCC argame. Namoota cirrhosis qabani keessatti waggaa shan keessatti HCC argamuun 11.5%, warra chronic hepatitis qofa qabani keessatti immoo 3.2% ture.

Qorannoon kunis vaayiresiin gadi bu’ee virological remission argachuun balaa kaansarii HCC qabamuu guutumaan guutuutti akka hin haqne, mirkaneesseera, keessumaa cirrhosis keessatti, of eeggannoo gochuu akka barbaachisu hubachiiseera.

Qorannoo Toora barruu saayinsii Immunology Research Journal” irratti maxxanfame akka agarsiisutti Dhukkubsattoota dhalootaan vaayirasii kanaan qabamanii qoricha fudhachaa turan walitti qabuun yoo madaalamu, dhiiga keessaa HBV DNA’n dhabamuyyuu, seeliin tiruu gaddanisa (fibrosis/cirrhosis) uumuu fi suuta jedhee gara tumoorii (HCC) hidda fageeffatetti jijjiiramuun isaa galmaa’eera.

Qorannoo TDF irratti yeroo dheeraa gaggeeffame keessatti, namoota cirrhosis hin qabne irratti HCC argamuun haga tilmaamame caalaa gadi aanaa ture. Kana jechuun TDF balaa HCC ni hir’isa; garuu “HCC tokko illee hin uumamu” jechuu miti.

Dawaa ammayyaa Entecavir irrattis qorannoon yeroo dheeraa taasifameen, waggaa shan keessatti kaansarii tiruu HCC namoota ETV fudhatan keessaa 3.7% irratti argame, warra hin yaalamne keessaa immoo 13.7% irratti argamuu ibse. Kana jechuun ETVn balaa kaansariin HCC hir’isa; garuu balaa hafe guutumaan guutuutti hin dhabamsiisu.

kanneen Armaan olitti ibsaman fakkeenyaaf malee namoonni osoo Vaayirasii dhiiga keessatti gadi bu’ee jiru, osoo dawaa fudhataa jiranii kaansariif saaxilaman baay’ee kaasuu fi qorannoowwan hedduun tarreessuun ni danda’ama.

𝙈𝙖𝙖𝙡𝙞𝙞𝙛 𝙊𝙨𝙤𝙤 𝘿𝙖𝙬𝙖𝙖 𝘼𝙢𝙢𝙖𝙮𝙮𝙖𝙖 𝙛𝙪𝙙𝙝𝙖𝙩𝙖𝙖 𝙟𝙞𝙧𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙠𝙖𝙖𝙣𝙨𝙖𝙧𝙞𝙞𝙛 𝙨𝙖𝙖𝙭𝙞𝙡𝙖𝙢𝙖𝙣!?

Qorichoonni ammayyaa antiviral drugs kanneen akka (TDF/TAF) fi Entecavir (ETV) fi kkf kan dhibee kana yaaluuf kennaman kaayyoon isaanii dhibee kana guutummaatti fayyisuu (Cure) osoo hin taane vaayirasicha to’achuu fi ukkaamsuu (Viral Suppression) dha. Dawaaleen ammayyaa kunneen bayina vaayirasii gadi buusuuf baay’ee humna qabu; carraa madaa Tiruu cirrhosis fi kaasarii tiruu HCC qabamuu ni hir’isu. Garuu balaa kana guutumaan guutuutti zeeroo gochuu hin danda’anu.

Qorichoonni kunneen namoota vaayirasii qaban harka guddaaf bu’aa guddaa argamsiisuu danda’aniiru. Garuu carraa balaa vaayirasii kanaan dhufu jalaa bahuu dhukkubsataan hundi hin argatu.

Vaayirasiin Tiruu Hepatitis Bn dhibee yeroo kamiyyuu shakkii cimaan wajjin jiraachuu qabdudha. Namni hundi dawaa ammayyaa fudhachuu qofaan dhaabbachuu hin qabu qorannoo fayyaa irra deddeebi’ee yeroo yerootti gochuu qaba.

Sababuma kanaaf Dhaabbanni fayyaa addunyaa WHO fi AASLD fi EASL Qajeelfamni isaanii yaala dhibee kana irratti kaa’an akka jedhutti namoonni dhibee vaayirasii Tiruu Hepatitis B qabanu Dawaa Ammayyaa antiviral yeroo dheeraa fudhatan caraan balaa dabalataaf saaxilamuu isaanii ni hir’ata. Garuu balaan kun zeeroo hin ta’u, namoonni dhibbeentaan muraasni osuma dawaa fudhachaaa jiranu, Madaa Tiruu fibrosis fi cirrhosis, kaansarii tiruuf saaxilamuu danda’u. Namoonni Vaayirasiin isaanii xiqqaa ta’us, yeroo yerootti qorannoo fayyaa gadi fagoo gochuun haala Tiruu isaanii hordofuun barbaachisaadha keessaahuu Qorannoo kaansarii HCC surveillance gochuu itti fufuu qabu jechuun qajeelfama kaa’aniiru.

Namoonni osoo dawaa fudhataa jiranii Kanaariif saaxilamu danda’u jechuun Kun Dawaan sun hin hojetu yookaan isaatu Kanaarii namatti fide jechuu miti. Dawaaleen ammayyaa hojiin isaanii adeemsa of baay’isuu Vaayirasii replication vaayirasii  to’achuu; carraa madaa Tiruu cirrhosis fi HCC  hir’isuudha. kana irratti faayidaa ni qabaatu. Garuu Vaayirasiin Tiruu Hepatitis B dhibee amala baayoloojii wal xaxaa ta’e qabudha, vaayiresichi dhiiga keessaa hir’atus kuusaan HBV cccDNA seelota tiruu keessatti hafu, fi DNA vaayirasii seelota tiruu keessa makamuu HBV DNA integration uumuu danda’a kunis jijjiirama seelii tiruu keessatti fiduun gara Kaansarii Tiruu HCC tti guddachuu danda’a.

Akkasumas Dawaan ammayyaa dhiiga keessaa vaayirasii gadi buusa malee kuusaa isaa cccDNA kan wiirtuu seelii Tiruu keessatti argamu bira gahuu hin danda’u. Kanaaf balaa dhibee kanaa dawaa qofaan daangessuun hin danda’amu.

𝙁𝙪𝙧𝙢𝙖𝙖𝙣𝙣𝙞 𝙢𝙖𝙖𝙡𝙞𝙞?

Furmaanni kanaa namoonni Dawaa fudhachaa jiranks dhibee irraa bilisa ta’aniiru jechuu miti waan ta’eef Ji’a 6n qorannoo Ultrasound Tiruu fi qorannoo dhiigaa Alpha-Fetoprotein) gochuun dirqama. Mallattoon shakkisiisaa yoo argame immoo Qorannoo CT triphasic ykn MRI fi ogeessa hepatology/oncology bira deemuun barbaachisaa dha.

Yaala Vaayirasii kana Giddugala Yaala keenya keessatti argachuu dandeessu.

Dhibee kana yaaluuf qorichoota uumamaa bifa saayinsaawaa ta’een qophaa’an ni jiru. Dawaalee kanneen Vaayirasii kana guutummaatti fayyisuu danda’u. Qorichoonni Vaayirasii HBV Yaalan kunneen bifa Ammayyaa qulqullina isaa eeggateen qophaa’anidha. Dawaalee Uumamaa kunneen Vaayirasii Tiruu madda isaa hepatocytes keessaa buqqisuun fayyina waaraa fiduu danda’anidha.

Walumaagalatti dawaan uumamaa kunneen bifa Vaayirasichi Lammaffaa deebi’ee ka’uu hin dandeenyee (no viral relapse) ta’een chronic HBV infection irraa qulqullina dhaabbataa (durable cure) fi full immunological protection kennuuf kan qophaa’e dha.

Yaala dhibee kanaa argachuuf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti, Dawaa madaalawaa fudhachuu fi yaala hordofuun ni danda’ama. Bu’aa Qorannoo Fayyaa keessan irratti hundaa’uun bakka jirtanutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.

Yaala Vaayrasii Tiruu Hepatitis B Argachuuf karaa lakkoofsa bilbilaa 0910333944 Telegram fi Whtsapp irratti messege Nuuf Erguu dandeessu. Kallattiin bilbiluun hin danda’amu 📵 Dhimma keessan karaa barreeffamaan Nuuf Ergaa.

WhatsApp Irratti kallattiin nu qunnamuuf Linki kana tuqi 👇

https://wa.me/251910333944

Oduu fi Odeeffannoo fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf Toora Facebook

Facebook irratti Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa hordofa.

Odeeffannoowwan armaan olitti ibsamanii Madda Wabii Saayinsii REFERENCES

1. World Health Organization. Guidelines for the Prevention, Diagnosis, Care and Treatment for People with Chronic Hepatitis B Infection. Geneva: World Health Organization; 2024.

2. European Association for the Study of the Liver. EASL Clinical Practice Guidelines on the Management of Hepatitis B Virus Infection. Journal of Hepatology. 2025;83(2):502–583.

3. Singal AG, Llovet JM, Yarchoan M, et al. AASLD Practice Guidance on Prevention, Diagnosis, and Treatment of Hepatocellular Carcinoma. Hepatology. 2023;78(6):1922–1965.

4. Tseng CH, Hsu YC, Chen TH, et al. Hepatocellular Carcinoma Incidence with Tenofovir versus Entecavir in Chronic Hepatitis B: A Systematic Review and Meta-Analysis. Lancet Gastroenterology & Hepatology. 2020;5(12):1039–1052.

5. Choi WM, Yip TCF, Wong GLH, et al. Hepatocellular Carcinoma Risk in Patients with Chronic Hepatitis B Receiving Tenofovir- versus Entecavir-Based Regimens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *