Dhukkuba Cobxoo maalummaa isaa fi Dandeettii Dawaa dandamachuu isaa sababa wajjin ibsa saayinsaawaa
๐ฆ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ
Qorannoowwan gurguddoo, surveillance WHO, CDC, ECDC fi systematic review/meta-analysis hedduun akka agarsiisanitti, baakteeriyaan dhukkuba Cobxoo kan (Neisseria gonorrhoeae) jedhamu Qorichoota farra baakteeriyaa hedduu irratti dandeettii dandamannaa cimaa horachaa jira. Dhibeen Kun kanaan dura qorichootaan yaalamee carraa baduu Ol’aanaa kan qabu ta’us, yeroo Dhiyoo as garuu dandeettiin Qorichoonni dhibee kana balleessuuf qaban gadi bu’aa jira, dandeettiin dhibeen kun Qorichaan du’uu didee dandamachuu yookan fayyuu diduu isaa immoo dabalaa jira.
๐๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐๐ง๐ข ๐๐จ๐๐ฑ๐จ๐จ ๐ฆ๐๐๐ฅ๐ข?
Dhukkubni Cobxoo, kan Afaan Ingiliffaatiin (Gonorrhea/Gonorrhoea ) jedhamu, dhibee baakteeriyaa (Neisseria gonorrhoeae) jedhamuun dhufu yoo ta’u, dhukkuba daddarbaa karaa wal-qunnamtii saalaa darbu keessaa isa beekamaa dha. Hawaasa keessatti yeroo baayโee โdhukkuba dhiiraaโ jedhamee waamamus, dhugaan jiru dhukkubni kun dhiira qofa osoo hin taane dubartii, daaโima haaraa dhalate, fi nama wal-qunnamtii saalaa irratti hirmaatu kamiyyuu qabuu dandaโa. Sababni โdhukkuba dhiiraaโ jedhamee beekameef, yeroo baay’ee mallattooleen dhibee kanaa kan akka fincaan gubuu fi dhangalaโaan qaama saalaa keessaa bahuu fi kkf dhiira irratti ifatti mulโachuu dandaโu; dubartoota irratti garuu mallattoon yeroo hedduu dhokataa yookaan salphaa taโuu dandaโa. kanaaf namoonni dhukkuba dhiiraa jedhu malee dhibeen kun dhibee nama hundaa qabuu danda’udha.
Dhukkubni kun Karaa wal qunnamtii saalaa fi wal dhungachuu fi haadha irraa gara daa’imaatti darbuu danda’a karaalee kanaan baakteeriyaan kun nama Dhukkubstaa irraa gara nama fayyaatti kan darbu yoo ta’u yeroo hedduu dafee mallattoo nama irratti hin Mul’isin, Tiruu danda’a.
Baakteeriyaan kun Sirna Wal Hormaataa fi Qaama saalaa, Gadameessaa fi kkf irratti miidhaa kan geessisu yoo ta’u, yoo utuu hin yaalamin namarra ture, rakkoo Maseenummaa yokan dhala dhabuu namatti fida, carraa ilmoo dhala godhachuu namaa hirrisuu fi daa’imni dhalatu akka ija agartuu dhabu gochuu danda’a.
Cobxoon (Gonorrhea) yeroo waa’een isaa dubbatamu dhibee salphaatti yaalamee fayyuu danda’u fakkaachuu danda’a garuu inni dhukkuboota saalqunnamtiitiin daddarban keessaa isa dhabamsiisuun baay’ee ulfaataa ta’e fi addunyaa irratti hammaataa jiru dha.
Dhibeen kun Dandeettiin dawaa dandamachuu yokaan qorichaan baduu didee qaama keessa turuu yokan dandeettii qoricha dandamachuu (antibiotic resistance) baakteeriyyaa Cobxoo (Neisseria gonorrhoeae) sadarkaa addunyaatti dhiyeenya kana garmalee ol ka’ee jira. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibee kana ammaan tana akka qormaata fayyaa hammaataa fi furmaata ariifachiisaa barbaadu taasisee ramadee jira.
๐๐๐ง๐๐๐๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ช๐จ๐ซ๐ข๐๐ก๐ ๐๐๐ง๐๐๐ฆ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ (๐๐ง๐ญ๐ข๐๐ข๐จ๐ญ๐ข๐ ๐๐๐ฌ๐ข๐ฌ๐ญ๐๐ง๐๐) ๐ฃ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฆ๐๐๐ฅ ๐ฃ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐?
Dandeettii qoricha dandamachuu (antibiotic resistance) jechuun baakteriyaan dhibee Cobxoo fidu kun qoricha isaa balleessuuf ykn ajjeesuuf kennameef harka kennuu didee yeroo ofirraa ittisuu fi dawaa dura dhaabbatu dha. Qorichi sun kanaan dura baakteriyichaa fi dhibee inni fidu salphaatti ajjeesa ykn ittisa ture, Garuu amma Baakteeriyaan bifa isaa jijjiiruudhaan qorichi (antiibaayotikiin) akka isaa hin tuqne ykn akka isaan hin ajjeesne godhu kanaanis Faayidaan dawaa sun Dhiibee sana Fayyisuuf qabu gadi bu’aa ta’uu yokaan tasuma bu’aa dhabuu danda’a!. Dhukkubni Cobxoo dhiheenya kana Dawaalee ammayyaa hedduu irratti dandeettii dandamachuu horataa jira! Namoonni osoo dawaa fudhataa jiranii dhibeen qaama isaanii keessatti itti fufaa jira.
Ragaan WHO dhiheenya ibse akka agarsiisutti, biyyoota qorannoo surveillance gabaasan keessatti bara 2022 hanga 2024 gidduutti dhibbeentaan dawaa dandamachuu resistance qoricha (ceftriaxone) jedhamu irratti mulโate, 0.8% irraa gara 5% ol kaโeera, qoricha (cefixime) jedhamu irratti immoo resistance 1.7% irraa gara 11% ol kaโe.
Akkasumas Qorucha (ciprofloxacin) irratti sadarkaa baayโee olโaanaa, jechuun gara 95%, gaโeera. Kun dhukkubni gonorrhea qoricha duraan dhibee kana yaaluuf hojjachaa ture irraa baayโee miliqaa jiraachuu agarsiisa.
Dhaabbanni Too’annoo Dhukkubootaa CDCโn akka jedhetti Dhukkubni Cobxoo (gonorrhea) qorichoota kanaan dara yaalaaf tajaajilaa jiran hedduu irratti dandeettii dandamachuu (resistance) horateera; yeroo ammaa dhibee kana yaaluuf filannoon buโa qabeessa taโe baayโee xiqqaataa dhufeera jechuun akeekkachiiseera.
๐๐๐๐๐๐ ๐ค๐๐ฆ๐ข๐ข๐ ๐ฒ๐จ๐ค๐๐ง ๐๐๐ซ๐จ๐จ ๐ค๐๐ฆ ๐๐๐๐ค๐ญ๐๐๐ซ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐จ๐๐ฑ๐จ๐จ ๐๐๐ง๐๐๐๐ญ๐ญ๐ข๐ข ๐ช๐จ๐ซ๐ข๐๐ก๐ ๐๐๐ง๐๐๐ฆ๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ก๐จ๐ซ๐๐ญ๐?
Baakteeriyaan Cobxoo (Neisseria gonorrhoeae) Jedhamu gosa baakteeriyaa saffisaan jijjiiramu, qaama namaa keessatti mucosa irratti jiraatu, akkasumas antibiotics irratti of madaqsuuf dandeettii guddaa qabu dha. Namni tokko kan dhukkuba Cobxoo (gonorrhea) qabaatee qoricha dogoggoraa yoo fudhate, hanga dose sirrii hin taane yo fudhate, yookaan qoricha isaaf ajajame jalqabee osoo hin xumurin yoo dhaabe, mallattoon dhibee hir’atee garuu baakteeriyichi guutummaatti hin badu.
Baakteeriyichi qaama keessatti hafee cimaa taโa, qoricha sana dandamachuu, akkasumas nama biraatti darbuu itti fufuu danda’a.
Kanaaf Cobxoo irratti ofiin qoricha bitanii fudhachuun, qoricha wal irraa hafe fayyadamuun, yookaan โdawaa cimaaโ jedhanii ofumaan dawaa kamiyyuu seeraan malee fudhachuun balaa guddaa qaba.
Baakteeriyaan gonorrhea antibiotics jalaa miliquuf mala gurguddoo hedduu fayyadama. Isaan keessaa muraasni kanneen armaan gadii kana dha:
Tokkoffaa, xiyyeeffannoo yokaan target qorichaa jijjiira.ย
Qorichi farra baakteeriyaa tokko baakteeriyicha ajjeesuuf qaama murtaaโe yokaan Bakka addaa irratti hojjetu qaba. Fakkeenyaaf qorichoonni (ceftriaxone fi cefixime) jedhaman (cell wall) baakteeriyichaa ijaaru irratti hojjetu. Garuu baakteeriyaan Cobxoo (gene penA) keessatti jijjiirama horachuun (protein PBP2) jedhamu jijjiira; kanaanis qorichi sun baakteeriyaa sana ajjeesuuf akka itti maxxanuu hin dandeenye taasisa. kanaanis xiyyeeffannoo qorichaa jijjiiree of bira dabarsuu danda’a.
Lammaffaa Qorichi akka seelii keessa hin seenne daandii cufa.ย
Qorichi farra baakteeriyaa tokko seelii baakteeriyichaa keessa seenuuf porin channels fayyadama, Baakteeriyichi (porin PorB) jijjiiruun dandeettii qorichi seelii keessa seenee baakteeriyaa sana argachuu isaa hirโisuu dandaโa.
Sadaffaa baakteeriyichi qoricha seelii keessaa ariโa.ย
Qorichi baakteeriyaa kana ajjeesuuf seelii keessa yoo seene illee baakteeriyichi gara alaa baasa.
Baakteeriyyaan Cobxoo seelii isaa irratti pompoota molekulaaraa uuma. Kuni (efflux pump) jedhama.
Qorichi farra-baakteeriyyaa erga seelii baakteeriyichaa keessa galee booda, Baakteeriyaan kun pompiwwa (efflux pump MtrCDE) j fayyadamuun qoricha sana utuu inni baakteeriyicha hin ajjeesin gadi dhiibuun alatti gadi baasanii gatu.
Afraffaa jiniin Wal-dhaalchisuu- HGT
Baakteeriyaan Cobxoo (Neisseria gonorrhoeae) dandeettii addaa kan (natural transformation) jedhamu qaba. Baakteeriyoota gosa Neisseria biroo kanneen dhibee hin uumne garuu kokkee (pharynx) namaa keessa jiraatan waliin DNA isaa wal-jijjiiruu danda’a.
Baakteeriyoota kana irraa (genetic material) fudhachuu dandaโa. kanaanis Gene dandeettii dandamachuu qorichaa qaban kanneen akka penA (kan Penicillin-Binding Protein 2 jijjiiru) baakteeriyoota kokkee kanneen irraa saammatee dhufeen qoricha ammayyaa Ceftriaxone dandamachuu danda’eera.
Shanaffaa Inzaayimoota Qoricha Caccabsan (Enzymatic Inactivation)
Baakteeriyyaan Cobxoo plasmid fayyadamee inzaayimii Beta-lactamase (tem-1) oomisha. Inzaayimiin kun caasaa ringii beta-lactam kan qorichaawwan akka Penicillin hidhu liqimsee caccamsuun, summaaโina qorichichaa guutummatti dhabamsiisa.
Jahaffaa DNA ofii jijjiiru
Baakteeriyaan kun dandeettii DNA ofii jijjiiruu qaba, akka fakkeenyaatti Qoruchi (Ciprofloxacin) DNA gyrase fi topoisomerase IV irratti hojjeta. Garuu baakteeriyichi genes gyrA fi parC keessatti jijjiirama mutations horachuun qorich (ciprofloxacin) akka hin hojjenne taasisa. Kanaaf dandeettiin dhibeen Cobxoo dawaa kana dandamachuu ciprofloxacin resistance addunyaa irratti baayโee ol kaโe.
Sababni Torbaffaan qoonqoo keessatti dhokachuu dha.ย
Cobxoon qoonqoo keessatti dhokatee jiraachuu danda’a yeroo baayโee mallattoo malee tura. WHO’n akka ibsutti, qorichoonni farra baakteeriyaa baayโeen Cobxoon qoonqoo keessatti dhokachuu waliin walqabatu;
Qorichi bakka sana sirriitti gahuu hin danda’u, akkasumas baakteeriyaan Cobxoo qoonqoo keessatti gosoota baakteeriyaa (Neisseria) biroo waliin genetic exchange uumuuf iddoo mijataa dha.
kana Malees wantoonni dhibee kana akka dawaa dandamatu godhan jiru garuu isaan kun ijoo dha. Sababni Dawaa Dandamachuu (Antibiotic Resistance) Dhukkuba Cobxoo kanneen armaan olitti ibsaman kunneen gariin isaanii gocha keenya wajjin wal qabatu, fakkeenyaaf dawaa fudhataa addaan muruu fi ajaja ogeessa fayyaa malee dawaa fudhachuun balaa kana dabaleera! Akkasumas Cobxoon ofuma isaatiif Jijjiiramoots adda addaa uumee dawaa jalaa miliquu, dawaa wajjin wal barachuu, dawaa hojiin ala gochuu danda’a.
Furmaanni isaa inni jalqabaa qorannoo malee qoricha antibiotics fudhachuu dhiisuu dha. Namni fincaan gubuu, dhangalaโaa qaama saalaa keessaa bahuu, dhukkubbii kormaa, dhukkubbii garaa jalaa, yookaan mallattoo STI shakkisiisu qabu ofiin dawaa Cobxoo bitatee fudhachuu hin qabu. Dura qorannoo STI gochuun, dhibeen Cobxoo moo, Chlamydia moo, UTI moo, yookaan dhibee biraati kan jedhu dhibee kamiin akka taโe adda baafachuun barbaachisa.
Cobxoon dhukkuba dhuunfaa qofa miti; rakkoo fayyaa hawaasaa ti. Namni tokko ofiin dogoggoraan yaalamuun isaa, isa qofa hin miidhu; strain dawaa dandamatu hawaasa keessatti akka babalโatu carraa bana. Kanaaf Dhukkuba Cobxoo โdhukkuba baakteeriyaa salphaaโ jedhamee tuffatamuu hin qabu. Rakkoon isaa amma akka duraanii miti: baakteeriyaan xiqqoon kun antibiotics keenya irratti leenjii guddaa fudhachaa jirti. Yaalli sirrii qorannoo, dose sirrii, partner treatment, fi surveillance wajjin yoo hin taane, baakteeriyaan Neisseria gonorrhoeae gara โsuper gonorrheaโ jedhamuuf daran dhiyaachuu dandaโa. Yaala isaa keessatti of Eeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa dha.
Yaala Aadaa Dhukkuba Cobxooย
Giddugala Yaala Aadaa keenya keessatti dhukkuba Cobxoof Dawaa afaaniin fudhatamu kan Mala Dhibee kana Fayyisuu olaanaa qabu bifa Qulqullina ol’aanaa qabuun qophaa’e jira.
Yaaliin dhibee kanaa guyyaa 14-20 keessatti kan xumuramu yoo ta’u, namni kamiyyuu qaamaan dhufee yaalamuu fi guutummaatti fayyuu isaa ofiin mirkaneeffatee gara mana isaatti galuu danda’a.
Yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate Dhukkuba keessan nuuf ibsitanii biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti tajaajila argachuu dandeessu. ๐๐
Teessoon Magaalaa Ganda 01, Daandii guddaa Karaa bahiinsa Baalee, naannoo ’30’, mana murtii Godina Arsii Lixaa fuulduraan gara harka mirgaatti meetira 200 qofa seene argama.
Waajirri lammaffaan Shaashamannee Ganda 01 Naannoo Hoteela Hamiltaniin daandii kobilistoonii gara “Masjiida Al-Iimaan”tti, geessu harka mirgaa irratti argama.
Dhukkuboota Walii Galaa tiif, Lakkoofsa Bilbilaa: 0944119955, 0928795750 ykn 0909316243. irratti Ogeessoota Qunnamuu dandeessu.
Yaala Dhukkuboota Tiruu kan akka Vaayrasii tiruu Hepatitis B fi Cooma tiruu fi kkf lakkoofsa bilbilaa 091 033 3944 kana irratti Karaa whtsappii fi telegram messege nuuf Erguu dandeessu. Akkasumas Dhimma keessan karaa barreeffamaan SMS nuuf Erguu dandeessu!.
Faceboof Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Oromiyaa Follow godha
Madda Wabii Qorannoo Saayinsii References
1. World Health Organization (WHO). Multi-drug resistant gonorrhoea.
2. World Health Organization (WHO). Gonorrhoea โ Neisseria gonorrhoeae infection.
3. World Health Organization (WHO). More countries report rising levels of drug-resistant gonorrhoea, warns WHO.
4. World Health Organization (WHO). Gonococcal Antimicrobial Surveillance Programme โ GASP/EGASP.
5. Centers for Disease Control and Prevention (CDC). Drug-Resistant Gonorrhea.
6. Centers for Disease Control and Prevention (CDC). Gonococcal Infections Among Adolescents and Adults โ STI Treatment Guidelines.
7. Centers for Disease Control and Prevention (CDC). Gonococcal Isolate Surveillance Project โ GISP Profiles.
8. European Centre for Disease Prevention and Control (ECDC). Gonococcal Antimicrobial Susceptibility Surveillance in the European Union/European Economic Area.
9. Hooshiar MH, et al. Global trends of antimicrobial resistance rates in Neisseria gonorrhoeae: a systematic review and meta-analysis.
10. Mendes AC, et al. The frequency of mutations in the penA, mtrR, gyrA and parC genes of Neisseria gonorrhoeae, the presence of tetM gene and antibiotic resistance/susceptibility: a systematic review and meta-analyses.
11. Jacobsson S, et al. Antimicrobial resistance in Neisseria gonorrhoeae and its risk factors.
12. Ebrahimi E, et al. Global genomic and antimicrobial resistance profiling of Neisseria gonorrhoeae.
13. World Health Organization (WHO). Stopping multi-drug resistant gonorrhoea.
14. World Health Organization (WHO). WHO announces the development of recommendations on new oral antibiotics for the treatment of gonorrhoea.
15. Centers for Disease Control and Prevention (CDC). About Antimicrobial Resistance.