Ajjeechaa Abbootii Amantii Muslima itiyoophiyaa fi Shira irratti raawwatame

Ajjeechaa Imaamota 28 fi Shira Faallaa Fakkeessuu

Ahimaddiin Jabaliin, Kutaa Tokkoffaa

Muslimoonni Itiyoophiyaa waggoota hedduu darban kana qaama isaanii, dhaabbilee amantii isaanii fi eenyummaa isaanii irratti gochaawwan duguuginsa sanyii, ajjeechaa fi cunqursaa caasaawaa irratti raawwatamaa turan obsa bal’aan fi nagaa biyyaatiif dursa kennuudhaan obsaa dabarsaniiru.

Miidhaa geessitoota walitti qabuun yommuu yakkani fi yakkichas bifa hawaasummaa osoo hin kennin, sagalee isaanii haqaf qofa dhageessisuudhaan gahee lamummaa isaanii bahataniiru.

Haata’u malee, ajjeechaawwan gara jabinaa kanaan duuba kan jirani fi sabaaba rakkina muslimootaaf itti gaafatamoo kan ta’an arraba jibbinsaa; duula miidiyaa gurmaa’een miidhamaa dhugaa akka yakkamaa fi duula geessituutti faallaa gochuun shira piropaagaandaa bal’inaan hojiirra oolchaa jiru.

Keessattuu, dhiheenya kana erga miidhaa Arsii keessatti raawwatamee booda xonqonni miidiyaa fi oduun sobaa farra-muslimootaa mul’ate; qaamonni daangaa darban kunniin biyyattii keessatti dhibdee amantii bal’aa uumuu fi muslimoota irratti bubbee “Islaamofobiyaa” (Islamophobia) qindaa’aa bubbisuu akka barbaadan ifatti kan argisiisedha.

Barruun kun, muslimoonni Itiyoophiyaa sirna kaleessaa fi har’aa keessatti dhiitama mirgaa, miidhaa fi ajjeechaa ittisuu dhabuun hawaasichi yeroo hundaa ibidda dhaamsuu qofarratti akka dhiphatu taasisan gadi fageenyaan argisiisa. Isaan keessaa diigamuu fi gubachaa masjiidotaa, akka Aksuum fi Laalibelaatti mirgoota bu’uuraa amantii dhabuu, akkasumas asuma Finfinnee dabalatee dhaabbilee beekamoo biyyaalessaa kan akka Daandii Xayyaara Itiyoophiyaa keessatti qajeelfama keessootiin mirgi amantii muslimootaa dhiitamee itti fufuun isaa ragaa rakkina itti fufiinsa qabaniiti.

Toftaa Boo’icha Harka Jalaa Saamuu fi Faallaa Fakkeessuu

Dhiitamaan mirgaa hedduun kun osoo jiruu, akka hawaasa biroo kamittuu kutaalee biyyattii keessatti humni muslimootaa gurmaa’ee fi meeshaa hidhate osoo hin jiriin; dhugaan kun dandeettii obsa hawaasichaa agarsiisu kun, faallaan isaa hawaasa miidhame piropaagaandaa xiyyeeffannoo godhateen keessummeessaa jira.

Kan nama dhibu immoo, hoogganoonni fi hirmaattonni duula piropaagaandaa kanaa; mataan isaanii qindeessitoota fi raawwattoota miidhaa muslimoota irratti gahaniti. Qaamonni kunniin walitti hidhamiinsa ilaalcha amantii Ortodoxii ‘Mo’aa Tawaahidoo’ fi ‘Faannoo’ tiin kan gurmaa’an, akkasumas jibbiinsa amantii irratti hundaa’uun muslimoota kan miidhaa jiran deggertoota isaaniti.

Koochoonni miidiyaa hawaasummaa qaamota kanaa bifa gurmaa’een qabiyyee naannoo irraa gara sadarkaa biyyaalessaatti ol guddisuun duula piropaagaandaa miidhaaf mijeessan; waggoota dura Naannoo Amaaraa keessatti kakaasi dhiibbaa jibbiinsaa kanaan sabaaba kanaan muslimoonni naannichaa miidhaa keessummeessan sana fakkii biyyaalessaati.

Haalli kun sadarkaa biyyaalessaatti dhibdee amantii uumuun biyyattii jeeqamuu keessa galchuu fi uummata kiristaanaa gama amantiitiin hiriirsuun ‘kanaan keessaa bu’aa arganna’ jedhanii karoora badaa baafataniidha. Isaanitti fakkaate malee deemsa kanaan diina Itiyoophiyaa yoo ta’an malee namni biyyaa fi uummata jaallatu, kan dhimmi biyyaa isa yaaddessu kamiyyuu tasuma jeeqama biyya keenyaa irraa bu’aa argatu hin jiru.

Gabaasa miidiyaalee fi afaan poolitikaa yommuu ilaallu; dhugaa ukkaamsuuf fi ‘toftaa gara biraatti mijeessuu’ (Framing) deemsi isaa ifatti mul’ata. Mudannoo bal’arri isaa muslima ta’e irratti—eenyummaan amantii hawaasichaa akka dhokatuu fi miidhaan akka salphatu—sanyii isaanii qofa ol kaasuun “Amaarri miidhame” jedhama.

Faallaa kanaan immoo, miidhamtoonni amantii kiristaanaa yommuu ta’an, sanyiin isaanii bira darbamee “Ortodoxiin ajjeefame” bifa amantii akka qabatu taasifama.

Deemsi faallaa kun dhaabbilee fi hoogganoota amantii irrattis ni irra daddabhama; sheeka fi imaama beekamaan yommuu miidhaman eenyummaa isaanii dhoksuu fi bifa miidhaa sanaa fageessuuf jechadhuma “Abbaa amantii tokko” jedhamee walitti qabamee dubbatama. Bataskaanni yommuu miidhamu “Bataskaanni gubate/sarfame” jedhamee maqaa qajeelaan kan waamamu yoo ta’u, masjiidni yommuu diigamu ykn gubatu garuu maqaansaa lallaafatee “Dhaabbanni amantii miidhame” jechuun yaada walii-galaatiin haguugama.

Kun hunduu miidhamummaa muslimaa dhoksuu fi ‘boo’icha muslimootaa harka jalaa saamuu’ toftaadha. Boo’icha harka jalaa saamuun immoo waan lafa biraatii miti; akkuma seenaa saamutti lakkaawwama. Seenaa fi boo’ichi yommuu saaman, dhaloota ammaa fi isa dhuftu biratti hubannoo eenyummaa fi mudannoowwan irratti (Cognitive Distortion) akka uumamu waan taasisuuf, hawaasa miidhame sagalee dhabsiisuu adeamsa itti fufiinsa qabudha.

Adeemsi balleessaa qaamota kanaa garuu kanaan qofa hin dangeeffamne. Kana irra fageenyaan deemuun, hawaasa muslimaa miidhamaa dhugaa ta’e san deebisanii gara yakkuutti gahaniiru. Miidhaa geessitotni deebisanii miidhamtoota akka yakkamaatti kan farrajan, miidhaa seenaawaa fi caasaawaa mataa isaanii haguuguuf shira piropaagaandaa uummataniidha.

Faallaa fakkeessuun kun sagalee hawaasni miidhame haqaf dhageessisu tuffachuun, miidhaa qaqqabe irratti seeraawaa fi sirrii akka fakkaatu dhiheessuuf duula miidiyaa balaafamaa hojiirra ooludha. Sanyii kanaan miidhamtoonni dhugaa rakkina uumamaa isaanirra gaheen alatti, addunyaa duratti akka balleessaa qabaniitti waan agarsiifamaniif marsaa lammaffaa dhiibbaa xiinsammuu fi eenyummaa mijeessuudha.

«Waa’ee Ortodoxiif Callisnee Hin Teennu

Dhugumatti akkuma hawaasa muslimaa, kiristaanonni Ortodoxiis waggoota darban keessa kutaalee biyya keenyaa adda addaatti miidhamtoota ta’uun isaanii dhugaa hin dantamneedha. Sanyii kanaan sagalee isaanii yoo dhageessisan, haqas yoo gaafatan fi obboloota amantii isaaniitiif tumsa isaanii yoo ibsan mirga uumamaa fi sirriidha.

Haata’u malee, mirgaa fi eenyummaa kiristaana Ortodoxii kabachiisuuf adeemsi haqa barbaaduu; hawaasicha gurmeessuu fi walitti qabuuf qofa jedhamee, mudannoo keessatti hirmaannaa tokkallee kan hin qabne muslimoota xiyyeeffannoo godhachuu fi qabsoon akka deemu tattaafachuun tasuma kan hin fudhatamnee fi miidhaa sanarra kan hammaatudha.

Akkas sitti haa fakkaatuu, miidhaa kiristaanota Ortodoxii irratti raawwatame duuba dhuunfaan muslimoota ta’an hirmaatanii yoo argamanillee, itti gaafatamummaan seera irratti hundaa’uun dhuunfaa namoota sanaa qofa irratti qubatuu qaba malee, dhimma kanarratti beekamtis ta’e hirmaannaa kan hin qabne muslimoota miliyoonaan lakkaawwaman dabalachuu bifa jibbiinsaatiin bal’isanii dhiheessuun adeamsa baay’ee balaafamaadha.

Kaayyoo, Ka’umsaa fi Madda Ragaalee Barruu Kanaa

Barruun kun dameewwan miidhaa keessaa ajjeechaa imaamotaa akka fakkeenyaatti qofa kaasuun, rakkinaa fi dandeettii obsa muslimoota Itiyoophiyaa gochaan agarsiisuuf yaala. Haaluma walfakkaatuun, erga ani Gurraandhala 7, 2010 A.L. mana hidhaatii hiikamee as waggoota saddeettan darban qofa keessatti masjiidota gubachuu fi diigamuu, miidhaa fi ajjeechaa amantootaa, rakkina barattoota muslimaa ji’a jahaan boba’u fi kkf kaasnee waan ta’ee fi ta’aa jiru yoo dubbanne; barruu kana irra dachaa hedduun kan caalan barruulee ykn kitaabota hedduutu baha.

Dhugumatti akka hawaasatti kan nu obse dhiphuu keessa waan jiruuf osoo hin ta’in fi haala qormaata biyyattii hubachuu irraa kan ka’edha malee, dhimma kamiyyuu irratti gurmaa’anii qabsaa’an hunda irra kan caalan dhimmoota qabsoo hedduus ta’e muuxannoo qabsoo dhabnee miti.

Haata’u malee, haala kana gadi fageenyaan osoo beekanii fi mataan isaanii ka’umsa miidhaa hedduu ta’anii osoo jiranuu, maqaa fakkii “Wahabiyyaa” fi “Silxee” jedhuun “Hawaasni kiristaana Ortodoxii, maddonni rakkoo fi miidhaa hundaa muslimootadha” amantaa fi fakkii uumuuf fageenya isaan deemaa jiran yommuu ilaallu; duula farra-muslimootaa dhugaa awwaaluu irraa jalqabee hanga faallaa fakkeessuutti fageenya hangamii akka deeman ifatti mul’ata.

Bara 2010 irraa jalqabee agarsiisuuf kan yaalame miidhaan sun dirqama mootummaa ammaa aangoo irra jiruun wal qabata jedhamee osoo hin ta’in, ani amma fuula Feesbuukii kiyyaan barreessuu erga jalqabee as kallattiin kan beeknuu fi kallattiinis ta’e tuskkarri sagalee ta’uufis ta’e gargaaruuf tattaaffii kan gooneef ragaaleen gahaan waan jiraniifi.

Akkasumas, barruu kana barreessuuf yommuu ka’u dogoggora akka hin hojjenne barruulee Feesbuukii kiyya kan duraa, gabaasa Haruun Miidiyaa, ibsa Majliisaa, viidiyoowwan YouTube fi gabaasa mirga namoomaa irra deebi’ee ilaaleera.

Abbootiin amantii qulqulluun kunniin lubbuu isaanii kan dhaban akkuma yeroo sana gabaasametti finxaaleyyii hidhattoota Faannoo, humnoota Tigraay (TPLF), ABO Shanee, Poolisii Oromiyaa, Humna Adda Naannoo Amaaraa, kkf kanaan miidhaawwan gara jabinaa, reebicha jumlaa fi gochaawwan ukkaamsatiini.

Miidhaawwan kunniin kan raawwataman masjiidota keessatti, manneen jireenyaa isaanii kalthiyyaa (xaliwaa) keessatti, imala ambaalaansii irratti ykn erga salaataatii gara mana isaaniitti yommuu deebi’an ta’ee, gochaawwan baay’een isaanii dhuftuu duula jibbiinsaa karoorfameeti.

Barruun kun erga duulli jibbiinsaa babal’atee booda torban kana dabalatee barattoota amantii (dareesota) lama dabalatee ajjeechaa imaamota, sheekota, ustaazota fi ulamoota 28 kan ibsudha.

Barruun Kun Hin Baay’atneere?

Barruun fuula 8 qabu kun kutaa lamatti dhihaate; Bara 2010 A.L. irraa jalqabee osoo beeknuu, asuma fuula Feesbuukii keenya irratti waa’ee isaanii barreessaa fi “Haqa!” jechaa kan iyyineef, garuu garaa garaan kan dhabnee fi hanga ammaatti haqa kan dhaban imaamota, aalifoota, ustaazota, daa’iwwan fi dareesota waggaadhaan miidhaa fi ajjeechaa isaanirra gahe maqaa fi iddoo isaa waliin gadi fageenyaan kan ibsudha.

As irratti kan caqasaman hunduu dhuunfaan keenya miidiyaa hawaasummaa keenyaan kan iyyineef, kan akka ‘Haruun Miidiyaa’ dhaabbilee miidiyaa galata muslimaa qaban osoo hin nuffiin fi gatii kaffaluun kan nu gabaasan, akkasumas fakkii fi viidiyoon isaanii dhuunfaa hanga har’aatti YouTube irratti kan argamuu fi irra deebi’anii mirkaneessuun kan danda’amudha.

Gariin isaanii immoo mudannoowwan Majliisni Federaalaa fi Naannolee ifatti ibsa irratti baasaniidha.

Kana hunduu hubachuu fi dubbisuuf hamilee yoo hin qabdu ta’e; waa’ee diinii kiyyaa, waa’ee imaama kiyyaa, waa’ee aalima kiyyaa fi mirga muslimaaf dhiphachuu mirga hin qabdu! Sababni isaas ati bifa gurmaa’een suuta suutaan osoo cittuu miidhamuuf of mijeessitee kan teessudha.

Kanaafuu: Dubbisi; warra biraaf hiri; yaada kees irratti kenni! Naannoo keetti ajjeefamanii barruu kana keessatti kan hin dabalamne imaamota fi aalifni yoo jiraatan bakka yaadaa (Comment section) keessatti dabali. Akkasumas barruu kana keessatti maqaan isaanii ka’ee fakkii (suuraa) isaanii kan hin dabalamne shahiidota yoo jiraatan fakkii isaanii as gadii maxansee.Dammaqi! Dubbisa Gaarii.

Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti Bara 2010

1ffaa) Ustaaz Xaahir Awwal፦ Magaalaa Saajaa – Adoolessa 4 Kaba Bara 2010 A.L.

Yeroo sana qaama Naannoo Biyyoota, Biyyaf uummata Kibbaa kan ture Godina Addaa Yam, Magaalaa Saajaa keessatti bakka masjiidaa fi madoosaa ijaaramiinsaaf ta’u Bitootessa 16 Bara 2009 A.L. uummata kumaatamaan lakkaawwamu duratti ifatti kennamee bu’uura ijaaramee ture.

Haata’u malee, mirga jiraattotaa kan dhiitan bulchaan wornichaa Obbo Yihuun Asaffaa, Adoolessa 4 Bara 2010 A.L. «Madrosaan seeraan ala; matumaa banamuu hin danda’u» jechuun bakka madrosaa fi masjiidaaf kenname muree dhuunfaaf hiruuf ka’an; uummata irrattis daddadan. Kana hordofuun hawaasichi mirga isaa kabachiisuuf mormii uummataa guddaa taasise. Yeroo kana poolisii uummata nagaa irratti reebichaa fi dhukaasa bananiin, Ustaaz Xaahir Awwal dabalatee amantoonni hedduun ajjeefamaniiru; kanneen biroo hedduunis madaa’aniiru.

Ajjeechaa booda bulchaan wornichaa Obbo Yihuun Asaffaa itti gaafatamummaa jalaa milquuf; «Poolisiin namas hin ajjeesne; mucaan du’e (Ustaaz Xaahir) dhagaan reebameeti kan du’e» jechuun uummata duratti soba dubbatan.

Faana yakka isaanii jijjiiruu fi dhugaa dabsuufis, jeeqama uumame gidduu muslimootaa fi kiristaanotaatti akka ta’e fakkeessuun mootummaa naannichaaf gabaasa sobaa dhiheessan.

Ajjeechaa Ustaaz Xaahir hordofuun fincil uummataa ka’e to’achuuf magaalaa Walqiixxee irraa humna tasgabbii dabalataa dhufe magaalittii to’annaa jala kan oolche yoo ta’u; muslimoota nagaa hedduu jumlaan qabuun gara magaalittii ‘Foofaa’ jedhamtutti geessuun hidhaa gara jabinaa, gudeeddii fi sarmu gocha irratti raawwataniiru.

Bara 2011 Keessa

2ffaa) Sheek Ahmaddiin Abdul፦ Jigjigaa -Onkololeessa 21 Bara 2011 A.L.

Naannoo Somaalee magaalaa guddoo Jigjigaa keessatti, Roobii Onkololeessa 21 Bara 2011 A.L. dhibdee fi jeeqama bal’aa tasa uumameen; abbaan amantii beekamaan Sheek Ahmaddiin Abdul humna tasgabbii kanaan dhukaasa gara jabinaa banameen lubbuun isaanii gandummaan dabarteetti.

Jeeqamni ka’uu kan danda’e magaalittii ganda 04 buufata poolisii naannoo to’annaa jala oolanii kan hidhaman dargaggoota sabaaba kanaan mormii uummataa ka’een yoo ta’u; guyyaa sana humna tasgabbii haala sana to’achuuf xiyyaara furguggisaniin Sheek Ahmaddiin Abdul fi namoonni nagaa biroo dhawamanii yeroma sana lubbuun isaanii darbeera.

Mudannoon gaddisiisaa kun kan raawwatame, perezidaantii Naannoo Somaalee duraanii Abdi Mahammad Umar (Abdi Ilee) aangoo irraa ka’uu hordofuun naannichaa keessatti cehumsa poolitikaa guddaa, hir’ina humnaa fi walii-gala jeeqama tasgabbii yeroo tureedha.

Hojii gaarii isaaniitiin beekamtii fi dhageettii guddaa kan qaban Sheek guddicha kana jeeqama keessatti ajjeefamuun hawaasicha biratti gadda guddaa uumeera; ajjeechaa kana ilaalchisee hoogganaan biroo koomunikeeshinii naannichaa fi miidiyaaleen oduu adda addaa keessooti mirkaneessa ifa kennaniiru.

Bara 2012 Keessa

3ffaa) Ustaaz Hamzaa፦ Finfinnee -Onkololeessa 14 Bara 2012 A.L.

Yeroo sana Onkololeessa 14 Bara 2012 A.L. Finfinnee keessatti kan argamu Markaza Diinii Sheek Mahammad Haamidiin barattoota amantii (dareesota) shan; dareesa Doktoor Jeeylaan (barnoota amantii) qooddachuuf gara Ayir Xeenaa qajeelanii turan. Barnoota isaanii xumuratanii miilaan yommuu deebi’an, naannoo Jamo warshaa daawwitiitti ‘Mandara Chaayinaa Bataskaana Maariyaam’ naannoo miidhaa gara jabinaa irratti raawwatameera.

Dargaggoonni kun karaa irratti osoo darbaa jiranii Afaan Oromootiin waan dubbataniif qofa, naannoo sana kan turan dargaggoonni 50 ol ta’an dubbii isaaniitiin Gaamoo akka ta’an kan tilmaamaman walitti qabanii uleen fi meeshaalee adda addaatiin gara jabinaan reebaniiru.

Reebicha jumlaa kanaan sabaaba kanaan barattoota keessaa Ustaaz Hamzaa yeroma sana lubbuun isaa kan darbe yoo ta’u; reeffi isaas kabajaan gaggeeffamee gara iddoo dhaloota isaa gara Jimmaatti ergameera.

Yeroo sana Shahiid Ustaaz Hamzaa waliin kan turan obboloonni afur jechuun፦ Abdulkarim, Amiin Swaafiy, Ibrahim Siraaj fi Ustaaz Huseen garmalee madaa’anii yaala irra turaniiru. Yeroo sana dhimma kanarratti Haruun Miidiyaa fi Raadiyoo Nagaash dabalatee muslimoonni sarmitoota gabaasa hojjetanii turan.

4ffaa) Sheek Umar Sulaymaan፦ Magaalaa Asaasaa -Naasee 12 Bara 2012 A.L.I

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa magaalaa Asaasaatti, Sheek Umar Sulaymaan kan jedhaman imaamni Naasee 12 Bara 2012 A.L. Salaata Asrii salaachisanii gara mana isaaniitti yommuu qajeelan; Poolisii Naannoo Oromiyaa qaamota kanaan mana jireenyaa isaanii irratti dhukaasa xiyyaara banameen haadha manaa deessuu fi daa’ima ji’a sadii waliin gandummaan ajjeefaman.

Yeroo sana manni jireenyaa imaamichaa qorqoorroon xiyyaara 28n uramee argameera. Bakka sana kan turan Sheek Qaasiim Abdurashiid kan jedhaman aalifni immoo miila isaanii dhawamanii madaa’aniiru.

Perezidaantii Majliisa Oromiyaa yeroo sanaa fi perezidaantii Majliisa Federaalaa ammaa Sheek Haajii Ibraahimiin kan hoogganame fi Dr. Jeeylaan Kadiir, Sheek Sulxaan Haajii Amaan akkasumas miseensonni boordii Majliisaa kan keessatti argaman ergamni Naasee 15 Bara 2012 A.L. gara iddoo sanaa qajeeleera. Ergamni sun maatii imaamichaa gadda tasaa erga gahee booda, hawaasa naannoo haasofsiisuun miidhaa kan raawwatan poolisoota naannichaa saddeet akka ta’an bakka sanatti mirkaneesseera.

Garee ergamaa sun iddoo sanaa yommuu deebi’u dhimma kanarratti Komishinara Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa waliin marii kan taasise yoo ta’u; yeroo sana waa’ee ajjeechaa qulqulleessu qaamni hundaa’ee akka qoratamu yoo ibsamellee, dhimmi sun bishaan dhabamee hafeera. Anis mudannoo gara jabinaa kana yeroo sana fuuladhuma Feesbuukii kiyya kanarratti maxansee turre. Waa’ee dhimma kanaa ‘Haruun Tube’ garee ergamaa fi maatii du’an dabalatee gaaffi fi deebii taasisuun kan hojjete dhugaa kan saaxilan viidiyoowwan hanga har’aatti YouTube irratti ni argamu.

5ffaa) Sheek Abdullaahii Kabiiraa ፦ Harargee Badeessaa-Naasee 16 Bara 2012

Harargee Lixaa magaalaa Badeessaa keessatti masjiida Taqwaa imaama kan turan Sheek Abdullaahii Kabiiraa Naasee 16 Bara 2012 A.L Abdulhamiid kan jedhamu daa’ima waggaa 10 awwaala irraa yommuu deebi’an humna tasgabbii mootummaatiin xiyyaaraan dhawamanii ajjeefamaniiru. Yeroo sana isaan waliin kan ture dargaggoo Turaa Mahammad jedhamus madaa’ee ture.

Yeroo sana Naasee 18 Bara 2012 Majliisni Oromiyaa ibsa kenneen ajjeechaa kana balaaleffachuun dhimmi sun akka qulqullaa’uu fi ajjeestoonni gara firdiitti akka dhihaatan gaafatee anis fuuladhuma Feesbuukii kiyya kanarratti hiri’eera.

Oduu kana Haruun Tube gabaasee kan ture yoo ta’u ammas viidiyoon isaa YouTube irratti ni argamu. Anis yeroo sana perezidaantii Naannoo Oromiyaa kan ta’an Obbo Shimallis Abdiisaatti bilbiluun waa’ee dhimma kanaa dubbiseera. “Dhimma sana qulqulleessinee tarkaanfii ni fudhanna” deebii jedhu naaf kennanii turan. Kunis bishaan dhabamee hafe.

6ffaa) Ustaaz Abdulkarim Amiin፦ Magaalaa Asaasaa-12/12/2012

Ustaaz Abdulkarim Amiin kan ajjeefame magaalaa Asaasaatti Naasee 12 Bara 2012 ture. Ajjeechaan kan raawwatame mana isaanii keessatti haadha manaa isaanii fi daa’ima deessuu waliin kan ajjeefaman Imaama Sheek Umar Sulaymaan Xawwii alatti Salaata Asrii salaachisanii yommuu bahan balbala masjiida isaanii irratti loltootaan xiyyaaraan kan dhawaman Sheek Qaasiim Rashaad kan jedhaman itti aanaa imaama Jaami’al Kabiir Humna Adda Oromiyaatiin xiyyaaraan yommuu dhawaman isaan lafa kufan irraa kaasuuf yommuu yaalu xiyyaara irratti banameeni.

Yeroo sana akkuma Haruun Miidiyaan gabaasee fi Majliisni Oromiyaa mirkaneessetti Ustaaz Abdulkarim yeroma sana lubbuun isaa yoo darbu Sheek Qaasiim Rashaad yaala kurnaan gargaaramaa turan. Barruu kana barreessuuf yommuu ka’u gara Asaasaatti bilbiluun akkuma mirkaneessetti Sheek Qaasiim Rashaad fayyaniikka lubbuun jiru. Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti Bara 2013

 

7ffaa) Imaam Sheek Sa’iid ፦ Godina Beenci Shekoo Woreda Guraafardaa Ganda Shubi-Onkololeessa 14 Bara 2013

Naannoo Kibbaa Godina Beenci Shekoo Woreda Guraafardaa Ganda Shubi keessatti Onkololeessa 14 Bara 2013 A.L. galgala “eenyummaan isaanii hin beekamne” kan jedhaman hidhattootaan tasa dhukaasa banameen imaama masjiidaa kan turan Sheek Sa’iid mana jireenyaa isaanii xaliwaa keessa osoo jiranu xiyyaaraan dhawamanii ajjeefaman.

Isaan waliin haati manaa isaanii ulfa Wo/ro Tuxuree qorqoorroon mormashee qalamteet garaa isheetiin gombifamtee duutee argamte. Isaan alattis daa’ima tokko dabalatee qotee bultoonni nagaa 12 manneen isaanii keessatti bifa gara jabinaa qabun ajjeefamaniiru.

8ffaa) Dareesa Sa’iid Ibrahim ፦ Woreda Magaalaa Jaaragedo – Ammajji 16 Bara 2013

Naannoo Amaaraa Godina Gondor Addaa Woreda Istee Lixaa (Adaabeet) magaalaa Jaaragedo biratti, Xollaay irraa ka’ee kiloomeetira 1000 ol baqattummaan kan deeme fi umriinsaa waggaa 15 naannoo kan hin caalle dargaggoo musaafira dareesa Sa’iid Ibrahim Ammajji 16 Bara 2013 A.L reebicha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *