Vaayirasii: Maalummaa isaa fi Caasaa Molekiyulawaa, Marsaa Wal-horuu, Daddarbiinsa, Deebii Sirna Ittisa Qaamaa, Qorannoo, Yaalaa fi Ittisa Isaa irratti Gabaasa Saayinsii Bal’aa Afaan Oromootiin
Cuunfaa Gabaabaa
Vaayirasoonni qaamolee infekshinii seelii hin qabne ta’anii, ofii isaanii humna oomishuu, pirootiinii tolchuu ykn kophaa isaanii wal-horuu hin dandeenye dha. Isaan Akka wal-horaniif seelii namaa, bineensaa, biqiltuu, fangasii, baakteeriyaa ykn uumama seelii qabu biraa keessa seenuu qabu. DNA ykn RNA isaanii seelii keessummeessituu keessatti fayyadamuun, seelii sana akka warshaa vaayirasoota haaraa oomishuutti jijjiiru. Vaayirasoonni hundi wal fakkaataa miti. Gosti genome isaanii, qola lipiidii qabaachuu isaanii, seelii isaan faalan, qaama keessatti bakka itti wal-horan, karaa itti daddarban, mallattoon isaan fidan, qorannoo fi yaalli isaanii adda adda. Hubannoon sirrii vaayirasii irratti qabnu qoricha dogoggoraa irraa fagaachuuf, talaallii fi ittisa sirrii fudhachuuf, akkasumas yeroo barbaachisu gara dhaabbata fayyaa ariifachiisaa deemuu keessatti murteessaa dha.
Kaayyoon gabaasa kanaa, maalummaa vaayirasootaa bifa saayinsaawaa ta’een ibsuu fi caasaa isaanii pirootiniifi jeneetiksii gadi fageenyaan xiinxaluu, fi dhibee isaan fidan, karaan isaan itti wal-horanii fi maloota ittisaa fi garaagarummaa isaanii baakteeriyaa, fangasii fi paraasiitii wajjin qaban qorannoo irratti hundaa’een dhiyeessuudha
Seensa
Vaayirasoonni dhukkuboota namaa keessatti gahee guddaa qabu, weerara dhibeewwan lubbuu miliyoonota galaafataniif yeroo baay’ee kan sababa ta’u vaayirasii dha. Har’as Dhukkuboonni vaayirasii hedduun du’a namoota miliyoonaan lakkaawwamaniif sababa ta’uu itti fufanii jiru. Waa’ee Vaayirasii hubachuun baay’ee barbaachisaadha.
𝗨𝘂𝗺𝗮𝗺𝗮 𝗳𝗶 𝗔𝗺𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 (𝗢𝗿𝗶𝗴𝗶𝗻 𝗮𝗻𝗱 𝗡𝗮𝘁𝘂𝗿𝗲 𝗼𝗳 𝗩𝗶𝗿𝘂𝘀𝗲𝘀)?
Vaayirasoonni qaamolee infekshinii yokaan jarmilee baay’ee xixiqqoo, Yeroo baay’ee ijaan qullaan hin mul’anne, kan mikroskooppii elektirooniitiin qofa ilaalamuu danda’amu yoo ta’an, wantoota baay’ee xixiqqoo (microorganisms) jedhamanii fi caasaa lubbiyyoo (seelii) guutuu hin qabne dandeettii of danda’anii wal horuufi soorachuu hin qabne dha.
Vaayirasonni Addunyaa kanarratti jarmilee kaan (kan akka baakteriyaa) caalaa baay’ee xixiqqoodha, garuu lakkoofsaan hunda caalaa baay’atanii argamu.
𝙑𝙖𝙖𝙮𝙞𝙧𝙖𝙨𝙞𝙞 𝙟𝙚𝙘𝙝𝙪𝙪𝙣 𝙈𝙖𝙖𝙡𝙞?
Vaayirasii jechuun qaama infekshinii baay’ee xixiqqaa, seelii guutuu hin qabne ta’anis, garuu odeeffannoo jeneetikii qabu. Odeeffannoon jeneetikii kun DNA ykn RNA ta’uu danda’a. DNA ykn RNA jechuun qajeelfama vaayirasichi ittiin pirootiinota isaa tolchu, seelii lubbuu qabu keessa seenu, genome isaa kopheessu, vaayirasoota haaraa ittiin uumuu danda’u dha.
Vaayirsonni seelii guutuu kan hin qabne ta’anus, meeshaalee jeneetikii (DNA ykn RNA) isaanitti gargaaramanii seelii weeraruun dhibee addaddaa fidanii, dhala namaa, horii, bineensota, fi biqiltoota irratti dhiibbaa guddaa fiduu danda’u. Dhukkuboota vaayirasootaan dhufan keessaa isaan ijoon akka Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, HIV/AIDS, infuleenzaa, COVID-19, pooliyoo, Dhukkuba saree maraatuu-raabiisii, Ebola fi dhukkuboota biroo hedduu caqasuun ni danda’ama.
Bifa vaayirasoota

Vaayirasoonni bifa adda addaa qabu. Vaayirasoonni muraasni bifa geengoo ykn spherical qabu. Vaayirasoonni muraasni bifa helix ykn maramaa qabu.
Vaayirasoonni biroon immoo bifa icosahedral jechuun geengoo fakkaatu garuu fuulota hedduu qabu. Vaayirasoonni kaan bifa walmakaa ykn complex qabu. Saayintistoonni Bifa vaayirasii, gosa genome isaa, qola lipiidii qabaachuu fi dhiisuu isaa, akkasumas akkaataa inni ittiin wal-horuu fi kkf irratti hundaa’uun vaayirasoota ramadu.
V𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶𝗻 𝗹𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗮?
Vaayirsonni Uumama isaaniin Of danda’anii lubbuu qabaachuun jiraachuu waan hin dandeenyeef Saayinsii baayoolojii ammayyaa keessatti, akka orgaanizimii lubbuu guutuu qabutti hin lakkaa’amu; akkasumas akka waan guutummaatti du’aattis hin fudhatamu, Vaayirasiin wal horuuf yokaan of baay’isuu fi jiraachuuf qaama keessummeessituu lubbuu qabu (kan akka namaa, bineensaa, ykn biqiltuu) waan lubbuu qabu keessa galuun isaan barbaachisa. Yeroo waan lubbuu qabu seenan wal horuu of baay’isuu danda’u kanaaf Vaayirasiin daangaa lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii gidduutti argama.
Vaayirasiin seeliin ala yeroo jirutti jechuunis orgaanizimii lubbuu qabuun ala kan akka qilleensa keessa, bishaan keessas, lafaa fi dhagaa fi kkf irra yeroo jirutti,
of baay’isuu hin danda’u; humna hin oomishu; pirootiinii haaraa hin tolchu; metabolic activity jechuun hojii jireenyaa of danda’ee hin raawwatu. Vaayirasiin kamiyyuu yeroo seelii lubbuu qabuun ala jiru hojii jireenyaa hedduu hin raawwatu. Nyaata hin nyaatu, ooksijiinii hin fayyadamu, humna ofii hin oomishu, of hin baay’isu, adeemsa jireenyaa tokkollee raawwachuu hin dandaʼu.
Vaayirasoonni Wantoota Kana raawwachuuf qaama isaa hir’uu ta’e guuttachuuf seelii, keessummeessituu lubbuu qabu isa barbaachisa jechuunis seelii namaa, bineensaa, biqiltuu ykn baakteeriyaa keessaa tokko keessa yoo seenan qofa wal-horuu danda’u.
kanaaf Vaayirasichi yeroo seelii ala jiru, vaayirasii “socho’ee ofiin hojjetu” jechuu danda’u miti, kanaaf yeroo baay’ee “viiriyeenii” yokaan (virion) jedhama. Viiriyeenii jechuun vaayirasii guutuu, genome isaa, qola pirootiinii isaa fi yeroo tokko tokko qola lipiidii isaa qabatee, seelii biraa faaluu danda’u dha. Garuu kun seelii alatti jireenya guutuu waan hin qabneef Vaayirasii osoo hin taane yeroo sana Viiriyeenii jedhama.
Vaayirasiin tokko Seeliin alatti of baay’isuu hin danda’u Haa ta’u malee, haala naannoo irratti hundaa’uun yeroo muraasaaf ykn yeroo dheeraaf sibiilaa fi meeshaalee faalaman irratti qubatee dandeettii lubbuun turuu qabaachuu danda’a.
𝙑𝙖𝙖𝙮𝙞𝙧𝙖𝙨𝙞𝙞𝙣 𝙃𝙖𝙖𝙡𝙖 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙞𝙣 𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖 𝙣𝙖𝙢𝙖𝙖 𝙨𝙚𝙚𝙣𝙖!?

Vaayirasoonni kallattii adda addaatiin gara qaama keenyaa seenuu danda’u Garuu Vaayirasiin tokko dhiiga keessa jira jechuun vaayirasii sun kutaa qaama guutuu haleeluu yokan miidhuu danda’a jechuu miti. Dhiigni akka meeshaa geejjibaa qofaatti tajaajila malee bakka vaayirasichi itti baay’atuu fi adeemsa of baay’isuu keessatti raawwatu miti. Kanaafuu vaayirasiin kamiyyuu jalqaba dhiiga keessa deemee seelii qaamaa keessaa bakka keessummeessituun isaa itti argamu barbaadaa.
Gosoonni Vaayirasii tokkoon tokkoon isaanii seelii qaamaa tokko seenuuf “furtuu” addaa waan barbaaduuf, Vaayirasichi dhiiga keessa jiraatullee seelii qaamaa tokko seenuuf furtuu seelii sana sanuuf isaaf hayyamu qabaachuu qaba. Fakkeenyaaf Vaayrasiin tiruu tiruu HBVn tiruu dhaan alatti kutaa qaamaa kan biraa kan akka kalee, sombaa fi onnee yokan kutaa qaamaa biraa seeuu hin danda’u!.
Haaluma kanaan Vaayirasiin kamiyyuu qaama namaa keessaa bakka murtaa’e tokko keessa seenuu, qubachuu fi miidhuu danda’a kunis kan galama gahuu danda’u bu’aa wal-nyaatinsa yokan wal simachuu sirrii “simattu” seelii qaamaa fi “Barbaadduu” Vaayirasii gidduutti ta’uun raawwatama.
𝐕𝐚𝐚𝐲𝐢𝐫𝐚𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐬𝐞𝐞𝐥𝐢𝐢 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚’𝐚!?
Erga qaama namaa seene booda Jalqaba vaayirasiin seelii isaaf mijatu qaama sana barbaada.
Tokko tokkoon vaayirasiin fuula isaa irratti pirootiinii addaa furtuu seelii qaamaa barbaadee ittiin argatuu fi i seenuuf isa deeggaran “pirootiinii maxxantuu” ykn “gilaayikoopirootiinii” jedhamuun beekkamu qaba. Seelonni qaamaa ammoo gubbaa isaanii irratti “fudhatoota seelii” (Cell Receptors) vaayirasicha simatan qabu.
Pirootiiniin vaayirasii fi fudhataan seelii yoo wal-siman, vaayirasichi seelii sana irratti maxxana.
𝙑𝙖𝙖𝙮𝙞𝙧𝙖𝙨𝙞𝙞𝙣 𝙩𝙤𝙠𝙠𝙤 𝙠𝙖𝙧𝙖𝙖 𝙠𝙖𝙢𝙞𝙞𝙣 𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖 𝙠𝙪𝙩𝙖𝙖 𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖𝙖 𝙨𝙚𝙚𝙡𝙞𝙞 𝙞𝙨𝙖 𝙨𝙞𝙢𝙖𝙩𝙪 𝙗𝙖𝙧𝙗𝙖𝙖𝙙𝙚𝙚 𝙖𝙧𝙜𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪 𝙙𝙖𝙣𝙙𝙖’𝙖?
Tokko tokkoon gosa vaayirasii, qaama namaa keessatti kotaa addaa seelii qaamaa murtaa’e qofa keessatti keessummeessituu qaba.
Seeliin tokko fudhataa gosa vaayrasii kana simatu yoo hin qabaanne vaayirasichi dhiiga keessatti yeroo kumaatamaan jiratee naannawaa yoo ooles seelii biraa seenuu hin danda’u.
Fudhattuun vaayrasoota, keessummeessu seelota qaamaa keessatti bifa adda addaan argama.
Seelonni qaama namaa keessa jiran molakiyuulota xixiqqoo fudhataa jedhamaniin haguugamaniiru.
Fudhattuu seelotaa” jechuun bakka addaa (receptor) gubbaa seelii qaamaa irratti argaman yoo ta’u, Isaan kun akka “balbala yokan “Ulaa” ta’anii hojjetu, Fudhatootni kunniin fuula seelii irratti argamu,
hojiin isaanii waan ala irraa gara seelii keessa seenuu fi bahu to’achuu fi seelonni waan alaa dhufu kan akka hormoonii fi vaayrasii, summii fi kkf addaan baasanii beekanuu fi Kamii wajjiin akkamitti akka walqunnamu murteessuu keessatti gahee guddaa qabu.
Vaayrasiin kamiyyuu Maalikiyuulota fuulla alaa gubbaa seelii irratti argaman fayyadamuun seelii keessa seena.
“Molakiyuulota fuula alaa seelii irratti argaman” jechuun —Wantoota xixiqqoo, akka pirootiinii, gilaayikoopirootiinii, fi kaarboohayidireetii kan fuula seelii irratti argaman, seelii fi wantoota alaa gidduutti wal-qunnamtii akka uummamu godhani dha.
Kanaafuu Vaayirasiin tokko qaama namaa yommuu seenuu fi of baay’isuu fedhu, callisee seelii qaamaa kan fedhe kamiyyuu seenuu hin danda’u. Vaayrasichi seelii fudhataa addaa pirootiinota fuula isaa irratti argamaniin walsimu qabu barbaada. Adeemsi kun sirna qulfii fi furtuu wajjin wal fakkaata vaayirasichi “furtuu” addaa kan qabu yoo ta’u, fudhataan fuula seelii irratti argamu sun immoo “qulfii” dha, balballi/ulaan vaayirasichaaf banamuu kan danda’u yoo furtuun sun haala gaariin walsimate qofadha.
Adeemsi kun akka furtuu fi qulfii fakkaata. Vaayirasiin Furtuu qaba, qaamni immoo simataa fi qulfil qaba. vaayirasiin simataa ofii barbaadee irratti maxxana jechuudha. Garuu fakkeenyi furtuu fi qulfii kan jedhame kun bifa salphaan ibsuuf qofa itti fayyadamne, malee haala dhugaa keessatti adeemsa bal’aa of keessaa qaba, receptor, co-receptor, pirootiinota gargaaraa, sirna ittisa qaamaa fi haalli seelii keessaa waliin murteessaadha.
Malakiyuulonni seelii kun vaayiraasota simachuuf hin uumamne, isaan seelii qaamaa keessatti hojii idilee qabu, garuu Vaayirasiin immoo ogummaa isaatti fayyadamuun isaanitti maxxanee seelii qaamaa sana seenuun of baay’isuu fi Infekshinii uuma.
Vaayirasichi Adeemsa dheeraa keessa darbuun erga seelii ofii isaa argatee irratti erga maxxanee booda karaa adda addaatiin keessa seena. Vaayirasoonni tokko tokko qola seelii wajjin wal-makamuun seenu; kaan immoo seeliin akka waan nyaataatti liqimsu godhuun keessa seenu. Vaayirasichi Erga seelii keessa seenee booda qola pirootiinii isaa irraa ba’a (Uncoating) qullaa ta’a, Sana booda DNA ykn RNA isaa seelii keessatti gad-lakkisa. Sana booda seeliin sun hojii ofii dilee akka hin raawwanne godhee, seelii weerare sana akka inni qaamolee vaayirasii haaraa Oomishuuf hojjetuuf dirqisiisa.
Seelii keessatti Pirootiinota vaayirasii haaraa oomisha. Genome vaayirasii baay’isa. Qaamolee vaayirasii walitti qabuuf seelii dirqisiisa. Seeliin namaa hojii isaa isa baramaa irraa maqee, akka warshaa vaayirasii haaraa oomishuutiitti jijjiiramuu danda’a.
𝘼𝙙𝙚𝙚𝙢𝙨𝙖 𝙑𝙖𝙖𝙮𝙞𝙧𝙖𝙨𝙞𝙞 𝙝𝙖𝙖𝙧𝙖𝙖 𝙤𝙤𝙢𝙞𝙨𝙝𝙪𝙪 𝙛𝙞 𝙎𝙚𝙚𝙡𝙞𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖 𝙗𝙖𝙝𝙪𝙪
Erga seelii keessatti tagabbaa’een booda Vaayirasoota haaraa walitti ijaaruu jalqabama. Seelii keessatti Genome fi pirootiinonni vaayirasii haaraa walitti qabamuun vaayirasoota guutuu haaraa uumu.
Vaayirasoonni haaraan uumaman kunneen karaa lama keessaa tokkoon bahuu danda’u:
Seelii cabsanii ykn bittinneessanii bahuu. gariin immoo Qola seelii irraa suuta ba’anii qola lipiidii fudhatanii bahuu. Vaayirasoonni hundi seelii qabatan battalumatti cabsanii hin Bahanu, Vaayirasoonni Tokko tokko seelii keessa yeroo dheeraa turuu, suuta suuta bahuu ykn haala dormancy/latency keessatti dhokachuu danda’u.
𝐕𝐚𝐚𝐲𝐢𝐫𝐚𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐤𝐤𝐮𝐛𝐚 𝐟𝐢𝐝𝐚?
Vaayirasiin dhukkuba karaa tokko qofa hin fidu. Vaayirasiin Karaalee adda addaa kallattii fi al-kallattiin dhibee namatti fiduu danda’a karaa inni miidhaa ittii. geessisu keessaa isaan ijoon:
𝙠𝙖𝙡𝙡𝙖𝙩𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙎𝙚𝙚𝙡𝙞𝙞 𝙢𝙞𝙞𝙙𝙝𝙪𝙪
Vaayirasichi seelii seenee yeroo wal-horu seelii sana miidhuu, hojii isaa jijjiiruu ykn du’a seelii fiduu danda’a, akkasumas yeroo seelii keessaa bahuu seelii bittinneesse bahuu danda’a kanaanis kallattiin Seelii ajjeesuun miidhaa fida. Kun cytopathic effect jedhama.
𝙎𝙞𝙧𝙣𝙖 𝙞𝙩𝙩𝙞𝙨𝙖 𝙦𝙖𝙖𝙢𝙖𝙖 𝙠𝙖𝙠𝙖𝙖𝙨𝙪
Vaayirasiin yeroo akka malee seelii keessatti of baay’isuu Sirni ittisa qaamaa vaayirasicha loluuf duula jalqaba, yeroo kana gubiinsi yokaan inflammation uuma. Inflammation kun vaayirasicha to’achuuf barbaachisaa ta’us, yeroo tokko tokko mallattoowwan akka ho’a qaamaa, dhukkubbii, qufaa, dadhabbii fi miidhaa qaamaa fida. Akkasumas kutaalee qaamaa sana madeessu fi mancaasuu danda’a.
𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝘁𝘂𝗿𝘂𝘂
Vaayirasoonni tokko tokko qaama keessatti yeroo dheeraa turuu danda’u. Fakkeenyaaf vaayirasii Tiruu HBV, HCV fi HIV namoota muraasa keessatti infekshinii yeroo dheeraa uumu danda’u.
Vaayirasoonni tokko tokko yeroo muraasaaf yokaan yeroo dheeraa mallattoo malee qaama keessa turuu, yeroo dheeraa turuu danda’u, turtiin kun rakkoo akka sirni ittisa qaamaa dadhabuu jijjiirama seelii keessatti fiduun gara kaansariitti akka guddatuuf sababa ta’uu danda’a fakkeenyaaf Vaayirasiin Tiruu HBV amala kana qaba.
Fakkeenyota muraasa vaayirasoonni akkamitti akka kutaa qaamaa addaa fi seelii isaan simatu qofa irratti xiyyeeffatan:
1. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗧𝗶𝗿𝘂𝘂 𝗛𝗲𝗽𝗮𝘁𝗶𝘁𝗶𝘀 𝗕
Vaayrasii Tiruu hepatitis Bn yokan HBVn erga nama qabee booda dhiiga guutuu keessa kan naanna’u ta’us, bakki inni seenuu fi qubachuu danda’u seelii Tiruu (hepatocytes) qofa. Sababni isaas vaayirasichi pirootiinii gubbaa HBsAg jedhamu kan qabu yoo ta’u, fudhataan yokan keessummeessituun isaa seelii Tiruu NTCP irratti qofa argama.
2. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗛𝗜𝗩
HIVn baay’inaan seelota sirna ittisa qaamaa keessaa kan CD4 qaban, keessumaa CD4 T-helper cells, macrophages fi seelota biroo tokko tokko faala. Seelii seenuuf keessummeessituu garaagaraa kan akka CD4 fi CCR5 ykn CXCR4 barbaada fudhattoota baay’ee co-receptor gargaaraa fayyadamuun gara seelii sirna ittisa qaamaatti seenaa. Kanaaf HIVn sirna ittisa qaamaa dadhabsiisuun infekshinoota biroo fi dhukkuboota adda addaaf nama saaxila.
3. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗜𝗻𝗳𝘂𝗹𝗲𝗲𝗻𝘇𝗮𝗮
Vaayirasiin infuleenzaa yeroo baay’ee seelota daandii hargansuu, funyaan, qoonqoo fi sombaa irratti argaman keessatti keessummeessituu qaba, kanaaf naannoo sana qofa faala.
4. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗗𝗵𝘂𝗸𝗸𝘂𝗯𝗮 𝗣𝗼𝗼𝗹𝗶𝘆𝗼𝗼
Vaayirasiin pooliyoo jalqaba daandii nyaataa keessatti wal-hora. Namoota muraasa keessatti gara sirna narvii gahee seelota narvii miidhuun laamshoo fiduu danda’a.
5. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝘀𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗺𝗮𝗮𝗿𝗮𝗮𝘁𝘁𝗲 𝗥𝗮𝗮𝗯𝗶𝗶𝘀𝗶𝗶
Vaayirasiin raabiisii yeroo baay’ee ciniinsa bineensaa fi nama dhibee kanaan qabameen, gara qaama nama fayyaa tti, seena. Sana booda karaa narvii fayyadamuun gara sammuu fi sirna narvii giddugaleessaatti imala, bakki simattuun isaa jiru narvoota giddugaleessaa keessatti dha.
Haaluma armaan olitti fakkeenyaaf vaayirasoota muraasa caqasuuf yaalle kanaan Vaayirasonni hundi kutaalee qaama keenyaa keessatti keessummeessituu yokaan simattu qaba, kutaa ofii isaa seenee of baay’isuu Danda’a.
Vaayirasiin tokko kallattiin qaama biraa faaluu yokan miidhuu dhiisuu danda’a garuu inflammation inni kutaa qaamaa tokko irratti fidu qaamolee biroo irrattis dhiibbaa al-kallatti fiduu danda’a.
Fakkeenyaaf, dhukkubni tiruu yeroo dheeraa sirni ittisa qaamaa akka hin hojjennee gochuu fi summiin dhiiga keessatti akka kuufamu gochuu danda’a, kunis booda sammuu ykn kalee fi kkf irratti dhiibbaa kan geessisu ta’a.
𝗔𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗗𝗮𝗱𝗱𝗮𝗿𝗯𝘂?
Vaayirasoonni hundi karaa tokkoon hin daddarban. Gosti daddarbiinsa isaanii gosa vaayirasii, bakka inni itti wal-horu, bakka irraa bahu fi haala naannoo irratti hundaa’a.
Dhukkuba vaayirasii tokko irraa of eeguuf dura, karaan inni itti daddarbu maal akka ta’e beekuun barbaachisaa dha.
1• 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗿𝗴𝗮𝗻𝘀𝘂𝘂 𝗱𝗮𝗱𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻
Vaayirasoonni karaa hafuuraa daddarbu fakkeenyaaf yeroo Dhukkubsataan, qufa’u, yeroo haxxiffannaa fi haasawaan, karaa hafuuraan daddarbu, vaayirasiin qilleensa keessatti dhibbeentaa xixiqqaan namarraa gara namaatti daddarbuu danda’u.
Vaayirasoo karaa qilleensaa dabran keessaa Fakkeenya:
•Utaalloo-Influenza
•Respiratory Syncytial Virus
•SARS-CoV-2
•Measles
isaan kun Bakka cufaa, qilleensi hin sochooneee fi namoonni baay’een walitti qabaman keessatti, nama dhibee kana qabu irraa daddarbiinsi vaayirasoota dabaluu danda’a.
Ittisni isaanii keessaa:
Qilleensa gaarii.
Qufaa fi haxxiffannaa yeroo afaanii fi funyaan cufuu.
Harka dhiqachuu.
Yeroo dhukkubsatan nama irraa fagaachuu.
Haala balaa irratti mask/haguuggii funyaanii fi afaanii sirriitti fayyadamuu.
3. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗮𝘁𝗼 𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗻𝘆𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗯𝗶𝘀𝗵𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻
Vaayirasoonni gariin karaa bishaan faalame, nyaata faalame ykn karaa dhangala’aa afaanii rraa gara afaaniitti daddarbu.
Vaayirasonni kunneen Fakkeenya:
•Hepatitis A
•Hepatitis E
•Rotavirus
•Norovirus
•Poliovirus
Ittisni isaanii:
Nyaata dura fi mana fincaanii booda sirriitti harka dhiqachuu.
Bishaan qulqulluu fayyadamuu.
Nyaata sirriitti bilcheessuu.
Mana fincaanii qulqullina qabu fayyadamuu.
Bakka Dhibee jirutti Talaallii fudhachuu.
4 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗴𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗹𝗾𝘂𝗻𝗻𝗮𝗺𝘁𝗶𝗶 𝘀𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗺𝗲𝗲𝘀𝗵𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗿𝗮 𝗾𝗮𝗯𝘂𝘂𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗱𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻
Vaayirasoonni karaa dhiiga, dhangala’aa qaamaa, karaa lilmee-needle, karaa lilmee- syringe fi meeshaa qorichaa hin qulqullaa’in irraa daddarbuu danda’u.
Vaayirasoonni haala kanaan darban hedduun jiru isaan keessaa Fakkeenyaaf
•Hepatitis B
•Hepatitis C
•HIV
HBVn dhiiga, dhangala’aa qaama saalaa, dhangala’aa qaamaa fi haadha irraa gara daa’imaatti daddarbuu danda’a.
HCVn baay’inaan dhiiga faalameen daddarba. HIVn immo dhiiga, walqunnamtii saalaa, haadha irraa gara daa’imaatti fi yeroo muraasa keessatti meeshaalee qara qaban waliif qooduun daddarbuu danda’a.
I𝙩𝙩𝙞𝙨𝙣𝙞 𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙖:
lilmee , Buruushii ilkaanii fi kkf meeshaa qara qabu namoota waliin qooduu dhabuu.
Meeshaaleen yaalaa sirriitti sterilize akka ta’an mirkaneessuu.
Dhiigni kennamu qorannoo sirrii keessa akka darbu gochuu.
Walqunnamtii saalaa keessatti ittisa sirrii fayyadamuu.
Talaallii Hepatitis B fudhachuu.
Qorannoo fayyaa yeroo isaa irratti gochuu.
5. 𝙑𝙖𝙖𝙮𝙞𝙧𝙖𝙨𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙃𝙖𝙖𝙙𝙝𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙜𝙖𝙧𝙖 𝙙𝙖𝙖’𝙞𝙢𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙙𝙖𝙧𝙗𝙖𝙣 :
Vaayirasoonni gariin yeroo ulfaa, yeroo dhalootaa ykn yeroo harma hoosisuu keessatti haadha irraa gara daa’imaatti daddarbuu danda’u.
Vaayiraasota kana keessa ijoon Fakkeenyaaf:
•HIV
•Hepatitis B
•Cytomegalovirus
•Rubella
•Zika
Vaayirasoonni kunneen Ittisni daddarbiinsa isaanii gosa vaayirasii irratti hundaa’a. Qorannoo haadholii ulfaa, talaallii, yaala antiviral yeroo barbaachisu, akkasumas hordoffii ogeessa fayyaa irratti hundaa’a.
6. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗕𝗶𝗻𝗲𝗲𝗻𝘀𝗼𝘁𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶
Vaayirasoonni gariin bineensota irraa gara namaatti ce’uu danda’u. Kun zoonotic transmission jedhama.
vaayirasoota kana keessaa Fakkeenya:
Vaayirasii Rabies: saree, adurree, qurxummii, fi bineensota biroo irraa
Vaayirasii Ebola: bineensota bosonaa waliin walqunnamtii irraa.
Vaayirasii Nipah: bineensota tokko tokko irraa.
Influenza zoonotic: simbirroota ykn booyyee irraa.
Vaayirasii Rift Valley fever: horii fi ilbiisota dhiiga xuuxan irraa.
Bineensota dhukkubsatan, du’an ykn amala isaanii jijjiiran waliin walqunnamtii of eeggannoo malee gochuun balaa qaba. Zoonotic diseases jechuun dhukkuboota bineensa irraa namaatti darbuu danda’an dha.
7. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗜𝗹𝗯𝗶𝗶𝘀𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗵𝗶𝗶𝗴𝗮 𝘅𝘂𝘂𝘅𝗮𝗻 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗗𝗮𝗿𝗯𝗮𝗻
Vaayirasoonni muraasni bookee mosquito, tisiisaa fi ilbiisota dhiiga xuuxan irraa gara namaatti daddarbu.
Fakkeenya:
•Dengue
•Yellow fever
•Zika
•Chikungunya
•Rift Valley fever
Ittisni isaanii keessaa:
Bookee busaa irraa of eegu.
Net fayyadamuu.
Bishaan dhaabbataa keessaa bookee busaa akka hin horre gochuu.
Uffata qaama haguugu uffachuu.
bakka sodaan jirutti Talaallii fudhachuu.
𝙑𝙖𝙖𝙮𝙧𝙖𝙨𝙤𝙤𝙣𝙣𝙞 𝙗𝙖𝙧𝙖 𝙙𝙪𝙧𝙞𝙞 𝙟𝙞𝙧𝙪𝙪!?
Eeyyee, vaayirasiin bara durii kaasee, jalqaba jireenyi lafa kanarraa kaasee jiraachaa ture.
Namoonni durii maalummaa vaayrasii fi baakteeriyaa hin beekan sababni isaas wantootni kun orgaanizimoota xixiqqoo ijaan hin mul’annee waan ta’eefi dha malee vaayrasii durumaa ni jira ture.
Qorannoon ammayyaa vaayiraoloojii fi jeneetiksii molakiyuulaa irratti godhame akka agarsiisutti, vaayirasiin waggoota miliyoonaan ykn biliyoonaan lakkaaʼaman dura,akka turan argisiisa.
Seenaa Argannoo Vaayirasii
Hanga xumura jaarraa 19ffaatti, saayinsii fayyaa fi baayoolojii keessatti dhukkuboonni daddarboo baay’inaan sababa baakteeriyaa qofaan kan dhufan ta’uu bal’inaan amanama ture.
Garuu qorannoon dhibee biqiltuu tamboo irratti gaggeeffame ilaalcha dhibeen daddarbaan baakteeriyaan dhufa jedhu kana jijjiiruu danda’eera. Bara 1892, qorataan biqiltuu Ruusiyaa “Dmitri Ivanovsky” dhangala’aa baala tamboo dhibee “Tobacco Mosaic Disease” qabu irraa fudhee, calaltuu poorsileenii baakteeriyaawwan yeroo sana beekaman qabee hambisuuf oolu keessa dabarse. Dhangala’aan calalame sun baakteeriya irraa bilisa fakkaatus, yeroo biqiltuu tamboo fayyaa irratti dibamu ammallee dhibee sana daddabarsuu isaa itti fufuu danda’e. kunis bu’uura isa jalqabaa wanti dhibee tamboo fidaa jiru baakteeriyaa akka hin taane beekuuf karaa saaquu danda’edha.
Boodarra, bara 1898, hayyuun maayikiroobaayoolojii Neezarlaand “Martinus Beijerinck” qorannoo kana caalaatti gadi fageenyaan itti fufe. Innis wanti dhibee tamboo daddabarsaa ture kun baakteeriyaa idilee akka hin taane, qaama baay’ee xixiqqaa calaltuu baakteeriyaa keessa darbu, garuu biqiltuu lubbuu qabu keessatti qofa baay’achuu danda’u jechuun ibse.
Qorattoonni kunneen dhangala’aa biqiltuu dhukkubsate irraa fuudhan meeshaa baakteriyaa calalu (porcelain filter) kan baakteriyaan kamiyyuu keessaa dabaruu hin dandeenye keessa irra deddeebiin erga dabarsanii boodas, dhangala’ichi dhibee daddarsuu dandeettii isaa akka hin dhabne mirkaneessan.
Beijerinck wanta kana “summii dhangala’aa daddarbaa lubbuu qabu” “contagium vivum fluidum” jechuun waame. Boodarra, qaamni infekshinii kun maqaa “vaayirasii” jedhuun beekamuu jalqabe.
Jechi “virus” jedhu afaan Laatiin keessatti jalqaba “summii” ykn “wantoota miidhaa geessisan” jechuun hiika qaba ture.
Argannoon Ivanovsky fi Beijerinck kun vaayirasoonni baakteeriyaa irraa adda ta’uu isaanii hubachuuf bu’uura guddaa kaa’e; akkasumas dameen saayinsii vaayirasoota qoratu j Vaayiroolojii (Virology) jedhu akka guddatu taasise.
𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂𝘁𝘂 𝘂𝘂𝗺𝗲?
Gaaffiin “vaayirasii eenyutu uume?” jedhu saayinsii keessatti guutummaatti deebii murtaa’e tokko hin qabu. Maddi vaayirasoota jalqabaa maal akka ture irratti yaadni tokko qofti hin jiru. Saayinsii fi saayintistoonni yaada adda addaa qabu Yaadoota saayinsii keessaa:
Escape hypothesis: Qaamoleen jeneetikii seelii keessaa miliqanii vaayirasii ta’an jedhu.
Regressive hypothesis: Uumamtoonni seelii qaban tokko tokko yeroo dheeraa keessatti qaamolee isaanii dhabanii vaayirasii fakkaatan jedhu.
Virus-first hypothesis: Vaayirasoonni seelii dura yookaan seelii wajjin wal simanii uumaman jedhu.
Dhugaan isaa, vaayirasoonni hundi madda tokko qofa irraa dhufan jechuun ragaan guutuun hin jiru. Gosoonni vaayirasii adda addaa yeroo adda addaatti karaa adda addaatiin uumaman jechuun yaadni saayinsii jiru keessaa tokko dha.
Namoonni hedduun vaayrasoota namatu uume jedhanii dubbatu! Garuu Ija saayinsiitiin yoo ilaalle:
Vaayirasiin kan uumame namaan miti; Dhalli namaa yeroo vaayirasoonni jalqabaa mul’atan lafarra hin turre.
Vaayrasoonni Namoota dura waggoota miliyoonaan lakkaaʼaman dura kan jiraataa turan yoo ta’u, madaallii baayoloojii uumamaan jiru eeguuf gahee guddaa qabu turan.
Ilmi namaa vaayirasii laaboraatoorii keessatti uume?
Deebiin: Lakki, ilmi namaa jalqabarraa vaayirasii hin uumne.
Haa ta’u malee, bara ammayyaa kana keessatti namoonni vaayirasoota tokko tokko laaboraatoorii keessatti kaayyoo saayinsii fi yaalaa qulqulluu ta’eef fooyyessuu qorachuu danda’aniiru, kanneen akka:
Talaallii hojjechuu.
Akkaataa vaayirasiin ittisa qaamaa itti faaluu fi miidhu qorachuu.
Wal’aansa vaayirasii fooyya’e fayyadamuuf jecha kutaa laabiraatorii keessatti qorannoo gaggeeffama. Malee Yaadni ilmaan namootaa “vaayirasii akka meeshaa baayoloojiitti uumuun namoota balleessuuf” itti fayyadamu jedhu yaada shiraa ragaa saayinsii amanamaa tokkollee hin qabneedha.
Qorannoon addunyaa hundi (WHO, CDC, Nature, Lancet) vaayirasoonni beekaman kanneen akka HBV, HIV, fi COVID-19 dabalatee hundi isaanii vaayirasoota namaan uumamaan osoo hin taane kanumaan dura uumama irraa maddanii bineensa irraa gara namaatti utaalanii (zoonotic origin) ta’uu mirkaneessa.
𝗚𝗮𝗿𝗮𝗮𝗴𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶, 𝗕𝗮𝗮𝗸𝘁𝗲𝗲𝗿𝗶𝘆𝗮𝗮, 𝗙𝗮𝗻𝗴𝗮𝘀𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗣𝗮𝗿𝗮𝗮𝘀𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶 𝗚𝗶𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗝𝗶𝗿𝘂
Dhukkuboonni daddarboo hundi sababaa tokko irraa hin dhufan. Vaayirasii, baakteeriyaa, fangasii fi paraasiitonni qaamolee infekshinii gara garaa ta’anii, caasaa, akkaataa wal-horuu, qaama miidhan, daddarbiinsa fi qorichi isaanii keessatti garaagarummaa guddaa qabu.
1. 𝗩𝗮𝗮𝘆𝗶𝗿𝗮𝘀𝗶𝗶
Vaayirasiin qaama infekshinii baay’ee xixiqqaa, seelii hin qabne dha. DNA ykn RNA qofa, qola pirootiinii fi yeroo tokko tokko qola lipiidii qaba. Kophaa isaa nyaata irraa humna oomishuu, pirootiinii tolchuu ykn wal-horuu hin danda’u. Kanaaf seelii namaa, bineensaa, biqiltuu ykn uumama biraa keessa seenuun meeshaa seelii sanaa fayyadamuun qofa of baay’isa.
2. 𝘽𝙖𝙖𝙠𝙩𝙚𝙚𝙧𝙞𝙮𝙖𝙖 (𝘽𝙖𝙘𝙩𝙚𝙧𝙞𝙖)
Baakteeriyaan Lubbu qabeeyyii seelii tokko qabanidha. Seelii dhuunfaa qabu, garuu niwukilasii mimbireeniin marame hin qaban.
Baakteeriyaan, Qola seelii, cytoplasm, ribosome, DNA, RNA fi sirna humna oomishuu qaba.
Baakteeriyaa. Naannoo mijaawaa argatanitti ofumaan baay’atu. Baakteeriyaan tokko tokko nyaata irraa humna oomishuu, bakka mijataa keessatti of baay’isuu fi seelii lama ta’uun qoodamuun dhalachuu danda’a.
Vaayirasiin garuu seelii hin qabu. akka baakteeriyaa of danda’ee jiraachuu fi wal horuu hin danda’u.
Baakteeriyaan hundi nama hin miidhu. Baakteeriyaan garaacha keessa jiraatan tokko tokko nyaatni akka bullaa’uuf, vitamin tolchuuf fi qaama keenya eeguuf gargaaru.
Gosti baakteeriyaa biroon kan akka pneumonia, TB, sombaa fi sirna hargansuu miidhuu, kan baakteeriyaa taayifoodii typhoid, dhukkuba dhiiraa-cobxoo gonorrhea fi infekshinii sirna UTI fi kkf madaa faalamaa fiduu danda’u.
Baakteeriyaa irratti antibaayootikiin hojjechuu danda’a; garuu qorichi sun gosa baakteeriyaa fi haala dhukkubsataa irratti hundaa’uun ogeessa fayyaan filatamuu qaba.
3. 𝗙𝗮𝗻𝗴𝗮𝘀𝗶𝗶 (𝗙𝘂𝗻𝗴𝗶)
Fangasoonni uumamtoota seelii qabu, garuu baakteeriyaa irraa caalaatti rakkisaa ta’an dha. Isaan garee adda addaa qabu isaan keessaa Yeast, mold fi mushroom garee fangasii keessaa ijoodha. Seelii fangasii keessatti nucleus jira; qola seelii isaanii keessatti chitin fi glucan jira, fangasii keessatti baakteeriyaa caalaa qaamoleen adda addaa argamu.
Fangasoonni tokko tokko naannoo keessatti uumamaan jiraatu; tokko tokko immoo gogaa, rifeensa, quba miilla, afaan, qaama saalaa, sombaa ykn qaamolee keessaa faaluu danda’u.
Garaagarummaa qaba waan ta’eef Fangasii irratti antibaayootikiin hin hojjetu. Akkasumas Qorichoonni Qorichoonni farra fangasii antifungal kan dhukkuba fangasii yaalan vaayirasii irratti hin hojjetan.
4. 𝗣𝗮𝗿𝗮𝗮𝘀𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶 (𝗣𝗮𝗿𝗮𝘀𝗶𝘁𝗲)
Paraasiitonni uumamtoota qaama biraa irratti hirkatan dha.
Paraasiitiin uumama lubbuu qabu fi kan jiraachuuf jecha orgaanizimii biraa (host) irratti maxanuun soorata fi eegumsa irraa saamuudhaan jiraatani dha.
Isaan keessaa tokko tokko seelii tokko qofa qabu; Baay’een isaanii lubbiyyoo seelii hedduu (Multicellular) qabu isaan akka raamootti mul’achuu danda’u, muraasni ammoo lubbiyyoo tokko (Protozoa) qofa qabu.
Gariin isaanii Baay’ee gurguddoodha. Muraasni xixxiqqoo dha, ijaan hin mul’atan, garuu hedduun isaanii ijaan qullaan ni mul’atu. kaan immoo raammoo ykn ilbiisa fakkaatanii guddaa ta’uu danda’u.
Paraasiitonni bakka sadiitti qoodamuu danda’u:
𝙋𝙧𝙤𝙩𝙤𝙯𝙤𝙖: seelii tokko qabu; fakkeenyaaf Ambeebaa-amoeba,
jaardiyaa-giardia fi Busaa-malaria parasite.
𝙃𝙚𝙡𝙢𝙞𝙣𝙩𝙝𝙨: raammoo keessaa; fakkeenyaaf tapeworm, roundworm fi hookworm.
𝙀𝙘𝙩𝙤𝙥𝙖𝙧𝙖𝙨𝙞𝙩𝙚𝙨: kanneen qaama alaa irratti jiraatan; fakkeenyaaf tikisa, lice fi scabies mite.
Paraasiitonni baay’inaan bishaan ykn nyaata faalameen, ilbiisota dhiiga xuuxaniin, gogaa irraa, ykn bineensota irraa daddarbuu danda’u. Qorichoonni antiparasitic jechuun paraasiitota irratti hojjetan fayyadamuun yaalamu.
Goolaba
Vaayirasoonni qaamolee infekshinii seelii hin qabne ta’anii, seelii keessummeessituu keessa seenuun qofa wal-horan dha. Genome isaanii DNA ykn RNA ta’uu danda’a; capsid, envelope, spikes, enzymes fi molecular mechanisms adda addaa fayyadamuun seelii namaa keessatti replication gaggeessu.
Vaayirasichi seelii irratti maxxana, keessa seena, qola irraa ba’a, genome isaa hojii irra oolcha, pirootiinota fi genome haaraa oomisha, virion haaraa walitti ijaara, bilchsstee, seelii keessaa baha; achiis seelota biroo faala. Marsaan kun vaayirasii fi seelii keessummeessituu gidduutti walitti dhufeenya molekiyulawaa baay’ee wal xaxaa ta’e qabu.
Dhukkubni vaayirasii vaayirasichi seelii miidhuu irraa qofa hin dhufu; immune response, inflammation, umrii, haala sirna ittisa qaamaa, dhibee biroo, genome vaayirasichaa fi haala naannoo walitti makamuun murtaa’a. Vaayirasoonni tokko tokko acute infection fida; kaan chronic, persistent ykn latent infection uumuu danda’u.
Ittisni vaayirasii keessatti talaallii, qulqullina harka, qilleensa gaarii, bishaan fi nyaata qulqulluu, walqunnamtii saalaa nageenya qabu, meeshaa qara qabu hin qoodin, mosquito bite irraa of eegu, bineensota shakkamoo irraa of eegu, fi yeroo mallattoon hamaan mul’atu gara ogeessa fayyaa deemuun murteessaa dha.
Odeeffannoo sirrii, qorannoo sirrii, yaala saayinsaawaan deggerame fi tarkaanfii ittisaa sirrii fayyadamuun miidhaa vaayirasoonni dhuunfaa, maatii fi hawaasa irratti geessisan hir’isuun ni danda’ama.
🩺 Qopheessaa fi Barreessaan: Ogeessa Qoricha Aadaa fi Saayinsii Fayyaa, – Giddu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa, Huzayifaa Mahamadawwal Shifaa.
Yaala Dhukkubsattoota vaayrasii akka HBV fi kkf bifa saayinsaawaa ta’een qorannoo fi gorsa fayyaa fi yaala argachuuf Lakkoofsa bilbilaa 0910333944 irratti messege nuuf ergaa akkasumas whtsappii fi Telegiramii irratti nu qunnamuu dandeessu.
REFERENCES
[1] Lecoq H. Discovery of the first virus, the tobacco mosaic virus: 1892 or 1898? C R Acad Sci III. 2001;324(10):929–933. doi:10.1016/S0764-4469(01)01368-3.
[2] van Kammen A. Beijerinck’s contribution to the virus concept—an introduction. Arch Virol. 1999;144(11):2215–2220.
[3] Gelderblom HR. Structure and Classification of Viruses. In: Baron S, editor. Medical Microbiology. 4th ed. Galveston (TX): University of Texas Medical Branch at Galveston; 1996.
[4] Louten J. Virus Replication. In: Essential Human Virology. London: Academic Press; 2016. p. 49–70. doi:10.1016/B978-0-12-800947-5.00004-1.
[5] Pellett PE, Roizman B. Basics of Virology. Handb Clin Neurol. 2014;123:45–66. doi:10.1016/B978-0-444-53488-0.00003-8.
[6] International Committee on Taxonomy of Viruses. ICTV Taxonomy Release. ICTV; 2026.
[7] International Committee on Taxonomy of Viruses. Virus Taxonomy Database. ICTV; 2026.
[8] Maginnis MS. Virus–Receptor Interactions: The Key to Cellular Invasion. J Mol Biol. 2018;430(17):2590–2611. doi:10.1016/j.jmb.2018.06.024.
[9] Grove J, Marsh M. The Cell Biology of Receptor-Mediated Virus Entry. J Cell Biol. 2011;195(7):1071–1082. doi:10.1083/jcb.201108131.
[10] Yan H, Zhong G, Xu G, He W, Jing Z, Gao Z, et al. Sodium Taurocholate Cotransporting Polypeptide Is a Functional Receptor for Human Hepatitis B and D Virus. eLife. 2012;1:e00049. doi:10.7554/eLife.00049.
[11] Roizman B. Multiplication. In: Baron S, editor. Medical Microbiology. 4th ed. Galveston (TX): University of Texas Medical Branch at Galveston; 1996.
[12] Albrecht T, Fons M, Boldogh I, Rabson AS. Effects on Cells. In: Baron S, editor. Medical Microbiology. 4th ed. Galveston (TX): University of Texas Medical Branch at Galveston; 1996.
[13] Boldogh I, Albrecht T, Porter DD. Persistent Viral Infections. In: Baron S, editor. Medical Microbiology. 4th ed. Galveston (TX): University of Texas Medical Branch at Galveston; 1996.
[14] Rouse BT, Sehrawat S. Immunity and Immunopathology to Viruses: What Decides the Outcome? Nat Rev Immunol. 2010;10(7):514–526. doi:10.1038/nri2802.
[15] World Health Organization. Vaccines and Immunization. Geneva: World Health Organization; 2026.
[16] World Health Organization. Infection Prevention and Control. Geneva: World Health Organization; 2026.
[17] World Health Organization. WHO Guidelines on Hand Hygiene in Health Care. Geneva: World Health Organization; 2009.
[18] Centers for Disease Control and Prevention. Antibiotic Use and Antimicrobial Resistance. Atlanta: CDC; 2026.
[19] Centers for Disease Control and Prevention. Clinical Testing and Diagnosis for Hepatitis B. Atlanta: CDC; 2026.
[20] Conners EE, Panagiotakopoulos L, Hofmeister MG, Spradling PR, Hagan LM, Harris AM. Screening and Testing for Hepatitis B Virus Infection: CDC Recommendations—United States, 2023. MMWR Recomm Rep. 2023;72(1):1–25. doi:10.15585/mmwr.rr7201a1.
[21] Centers for Disease Control and Prevention. Clinical Testing Guidance for HIV. Atlanta: CDC; 2026.
[22] World Health Organization. Hepatitis A. Geneva: World Health Organization; 2026.
[23] World Health Organization. Hepatitis B. Geneva: World Health Organization; 2026.
[24] World Health Organization. Hepatitis C. Geneva: World Health Organization; 2026.
[25] World Health Organization. Hepatitis D. Geneva: World Health Organization; 2026.
[26] World Health Organization. Hepatitis E. Geneva: World Health Organization; 2026.
[27] World Health Organization. HIV and AIDS. Geneva: World Health Organization; 2026.
[28] World Health Organization. Human Papillomavirus and Cancer. Geneva: World Health Organization; 2026.
[29] World Health Organization. Influenza (Seasonal). Geneva: World Health Organization; 2026.
[30] World Health Organization. Poliomyelitis. Geneva: World Health Organization; 2026.
[31] World Health Organization. Dengue and Severe Dengue. Geneva: World Health Organization; 2026.
[32] World Health Organization. Rabies. Geneva: World Health Organization; 2026.
[33] World Health Organization. Vector-Borne Diseases. Geneva: World Health Organization; 2026.
[34] Schillie S, Vellozzi C, Reingold A, Harris A, Haber P, Ward JW, et al. Prevention of Hepatitis B Virus Infection in the United States: Recommendations of the Advisory Committee on Immunization Practices. MMWR Recomm Rep. 2018;67(1):1–31. doi:10.15585/mmwr.rr6701a1.
[35] World Health Organization. Sexually Transmitted Infections. Geneva: World Health Organization; 2026.
[36] World Health Organization. Hepatitis. Geneva: World Health Organization; 2026.