Yaala Vaayrasii HBV yaala waliigalaa fi Yaala Dhuunfaa

🩺 Garaagarummaa Qorichoota Dhukkuba Vaayirasii Tiruu, (Yaala Waliigalaa fi Yaala Dhuunfaatti Qophaa’u) gidduu jiruu fi deebii wal-Wa’aansaa.

Giddu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa keessatti, dhukkuba Vaayirasii HBV Hepatitis B yaaluuf, sirna yaalaa “HBV & Liver Herbal Therapy System™” kan dhibee kana hundee irraa fayyisuuf (Curative Therapy) dhiyeessina. Yaalli kun bifa qulqullina isaa eeggateen kan qophaa’e yoo ta’u, yaalli kun kallaattii lamaan (Waliigalaa fi Dhuunfaa) jedhamee dhukkubsattootaaf dhihaata.

Yaala Waliigalaa isa jedhamuun hanga ammaatti Namoonni Hedduun Dhibee kana irraa fayyaniiru. Haa ta’u malee dhukkubsattoonni bifa wal qixa ta’een hin fayyanu. Tokko dafee fayya kaan immoo yeroo dheeraa booda fayya. Namoonni hedduun “Maaliif hundi keenya bifa wal-fakkaatuun hin fayyinu? Namni tokko vaayirasii xiqqaadhaan maaliif fayyuu dhabee tura? Inni biraan vaayirasii baay’ee Utuu qabu maaliif hatattamaan fayya?” jedhanii gaaffii kaasu. Deebiin isaa Amala Vaayirasichaa, Haala Qaamaa, fi Mala Yaalaa keessa jira.

🧬 Sababoota Fayyinni Dhukkubsattoota Gidduutti Wal-caaluuf (Scientific Reasons)

Sababni jalqabaa, individual biological variability dha. Kana jechuun qaamni nama tokko kan nama biraa wajjin guutumaan guutuutti wal hin fakkaatu Namoonni laam dhibee tokko qabaatanillee qaamni isaanii, umurii isaanii, ulfaatinni isaanii, sirni ittisa qaamaa isaanii, haalli tiruu fi kalee isaanii, nyaanni isaanii, jireenyi isaanii, jenetikii fi bakki dhaloota isaanii qorichoonni duraan fudhataa turan, dandeettii fi haalli qaamni isaanii qoricha bulleessuuf qabuu fi haalli qaamni isaanii Qorichaa deebii kennuu fi kkf garaagarummaa qaba. Waa’een Fayyaan namaa waan salphaa miti. Haalli ilmaan namaa tokko miti. Namni tokko qoricha tokko irraa bu’aa guddaa argachuu danda’a. Namni biraa ammoo bu’aa xiqqoo argata. Kan biraa ammoo miidhaa cinaa argachuu danda’a. Kanaaf yaala waliigalaa keessatti dhukkubsataan tokko tokko bu’aa dhabuu danda’a.

Lammaffaan Amala dhuunfaa Dhibee Vaayrasii Hepatitis B:

Dhibeen (HBV) dhibee amala wal-xaxaa qabu dha; vaayirasichi dhibee kaanii wajjin tokko miti. Dawaa salphaa fi gosa tokkoon yeroo gabaabaatti fayyuu hin danda’u. Maqaan isaa “Dhibee Tokko” haa ta’u malee, qaama namootaa keessatti caasaa bal’aa fi kallattii hedduun waan hojjetuuf amala adda addaa agarsiisa.

Dhibeen Vaayirasii HBV maqaa tokko qabaachuu danda’a, garuu qaama namootaa keessatti haalaa fi sadarkaa adda addaatiin jirachuu danda’a Fakkeenyaaf nama tokko keessatti Vaayrasiin dhiiga keessatti, viral load ol’aanaa qabaachuu danda’a; nama biraa keessatti ALT/AST normal ta’ee, garuu cccDNA activity jiraachuu danda’a; nama biraa keessatti madaa tiruu fibrosis ykn cirrhosis jiraachuu danda’a; nama tokko keessatti sirni ittisa Qaamaa immune system dadhabaa ta’uu danda’a. Kanaaf dhibeen maqaan isaa tokko ta’eef, yaalli isaa nama hundaaf bu’aa tokko fiduu hin danda’u. Kanaaf yaala HBV keessatti dhukkubsataa hunda akka tokkootti ilaaluu rakkisaa dha. Namni tokko marsaa ittisa qaamaa “immune tolerant phase” keessa jiraachuu danda’a, namni biraan immoo “immune active phase” keessa jiraachuu danda’a; namni tokko sadarkaa “inactive carrier” ta’uu danda’a. Garaagarummaa Qaama namaa fi Sadarkaa Dhibee irratti mul’atu Kana hundumaa milkaa’ina yaalaa irratti dhiibbaa guddaa qaba. .

Haalli Qaama namaa tokko miti, Sadarkaa fi haalli Dhibee tokko miti. Kanaaf yaalli sirrii ta’e maqaa dhibee qofa osoo hin taane, nama dhibee sana baatu irratti hundaa’uu qaba. Dhibeewwan yeroo dheeraa fi walxaxaa ta’an kanneen qoricha yeroo dheeraa barbaadan, fi nama irraa gara namaatti deebii garaagaraa qaban keessatti yaalli waliigalaa nama hundaaf bu’aa wal fakkaataa argamsiisuu hin danda’u!.

Rakkoo kana furuuf Yaala gosa lamatu jira! Yaalli kun Waliigalaa fi Yaala Dhuunfaatti Qophaa’u jedhamee qoodama. Yaala Vaayrasii tiruu HBV keessatti “dawaa tokko nama hundaaf bifa wal fakkaatuun kennuu” fi “dawaa nama tokkoof addatti qopheessuu” gidduu garaagarummaan guddaan jira.

Garaagarummaa Gosa Yaala Lammanii yaala walii galaa fi dhuunfaatti qophaa’u gidduu jiru Maalii?

1. Yaala Waliigalaa, ykn Generalized / Standard Therapy: 

Yaalli kun namoota dhibee Vaayirasii HBV qaban hundaaf bifa wal-fakaatuun yaala kennamu dha.

Dawaan kun sadarkaa Vaayirasii HBV hubdaaf akka ta’utti bifa waliigalaan akka tajaajilu, qophaa’e. Nama hedduu keessatti Vaayirasicha balleessuuf gargaarus, namoota tokko tokko keessatti amala dhuunfaa vaayirasichaa fi Haala Qaama nama sanaa wajjin waan hin madaalleef, namoota tokko tokko irratti fayyinni isaa yeroo dheeraa fudhachuu danda’a. Akkasumas fashalaa’uu danda’a.

Yaala walii galaa keessatti vaayrasii jiraachuu fi haalli fayyaa tiruu qofti adda baafame kennama. Amalli baayoolojikaawaa dhukkubsataa dhuunfaa (kan akka Immune profiling) bal’inaan keessatti hin hammatamu. Kun immoo dhukkubsattoota vaayirasiin isaanii bifa jijjiirrate (Mutant strains) qabaniif ykn ittisni Qaamaa isaanii baay’ee dadhabeef fayyina argamsiisuuf yeroo dheeraa gaafachuu danda’a.

Yaalli waliigalaa faayidaa guddaa tokko qaba. Inni namoota hedduu bira gaha. Qophii isaa salphaa dha. Yeroo tokkotti dawaan hedduun Oomishamuu danda’a. Namoonni hedduun yeroo tokkotti tajaajila argachuu danda’u. Baasiin isaa yaala dhuunfaatti qophaa’u caalaa salphaa fi madaalawaa dha. Dhukkubsattoota sadarkaa wal fakkaataa keessa jiran irratti bu’aa gaarii kennuu danda’a.

2. Yaala Dhuunfaatti Qophaa’u, ykn Personalized Therapy / Precision Therapy

Yaalli dhuunfaatti qophaa’u (Personalized Therapy) tajaajila yaala HBV sadarkaa olaanaa fi bu’aa qabeessummaa mirkanaa’e qabu yoo ta’u, adeemsi isaa ragaalee qorannoo fayyaa kanneen akka immuunooloojii, meetaaboliikii fi ragaalee kiliniikaa fi kkf irratti hundaa’uun dhuunfaatti kan qindaa’udha. Utuu dawaan Dhukkubsataa tokkoof hin kennamin odeeffannoo Dhukkubsataa guutuun qorannoon fayyaa walitti Qabamee haala qaama isaa fi dhibee isaa irratti hundaa’ee Yaalli Qopheeffama.  Yaala Dhuunfaa Personalized Therapy keessatti yaalli dhibee irratti qofa osoo hin taane, madda dhibee, bu’aa dhibee, miidhaa qaama irra gahe, fi deebii qaama dhukkubsataa irratti hundaa’ee Dhukkubsataa tokkoof Dawaan qophaa’aa.

Yaalli kun haala dhibee fi qaama nama dhuunfaa tokkoo irratti hundaa’ee, dhukkubsataa sana qofaaf addatti hojjetamee kan kennamu dha.

Yaalli dhuunfaa faayidaa cimaa qaba. Inni dhukkubsataa tokko irratti xiyyeeffata. Qorichi isaaf kennamu haala isaa irratti hundaa’a. Yaalli dhuunfaa keessatti dawichi nama sanaaf addatti sirreeffama. Haala Dhibee fi dandeettii qaama nama sanaa irratti hundaa’ee, Dawaan isaa hangi kennamuuf Dose isaa, yeroo isaa, wantoota itti dabalaman, wantoota irraa hambifaman, wanti hundi dursee qorannoo irratti hundaa’ee qophaa’a. Kanaaf bu’aa sirrii argamsiisuuf carraa ol’aanaa qaba.

Akkasumas Yaalli dhuunfaa miidhaa qorichaa hir’isuuf gargaara. Sababni isaas qoricha sana keessatti dhukkubsataa sanaaf wanti hin mijanne ni hambifama. Fakkeenyaaf Yoo tiruun isaa miidhamte, dawaa tiruu irratti dhiibbaa fidu irraa of-eeggannoo godhama. Yoo kaleen isaa rakkoo qabaate, sirni yaalaa isaa ni sirreeffama. Yoo inni dawaa biraa fudhachaa jiraate, walitti bu’iinsi dawaalee lamaan gidduu jiru ni ilaalama. Kanaaf personalized therapy keessatti safety caalaatti ilaalama.

Yaalli dhuunfaa gosa qorichaa qofa miti. Inni qorannoo sirrii, filannoo qorichaa, doosi sirrii, yeroo sirrii, sirna nyaataa fi lifestyle sirrii, hordoffii syeroo yeroon gochuu fi dhukkubsataa barsiisuu, gorsa dhuunfaa kennuu fi kkf dha. Kanaaf, yaalli dhuunfaa jechuun “dawaa addaa” qofa miti. Inni dawaa addaa + kunuunsa addaa + hordoffii addaa + sirreeffama itti fufiinsa qabu + tajaajila saffisaa dha.

Yaalli dhuunfaa yeroo fi baasii yeroo dheeraa keessatti hir’isuu danda’a. Yaalli waliigalaa yeroo tokko tokko qoricha tokko yaaluu, yoo hin hojjenne kan biraa yaaluu, yoo sunis hin hojjenne kan biraatti darbuun yeroo dheeraa fudhata. Kun dhukkubsataa dadhabsiisa. Yaalli dhuunfaa garuu jalqabuma irraa odeeffannoo guutuu irratti hundaa’uun filannoo sirrii ta’e barbaada.

Dawaa Dhuunfaatti Akkamitti Qophaa’a? Qorannoo Gadi-fagoo (Diagnosis) Dursa dhibichi sadarkaa kam irratti akka jiru adda baafama. Kanaafis Qorannoowwan Armaan gadii ni taasifama.

1. Qorannoo vaayrasii Serological profile:

Virological data jechuun odeeffannoo vaayirasii HBV wajjin walqabatuudha. Kunis Qorannoo HBsAg, HBeAg/Anti-HBe, Anti-HBs, Anti-HBc fi Baayyina vaayirasii HBV DNA PCR,(Viral Load) isaa, sadarkaa saffisa of-baay’isuu replication isaa fi Qorannoowwan kana fakkaatan hammata. Qorannoon kunnneen vaayirasiin qaama keessa jiraachuu isaa qofa osoo hin taane, dhiiga keessatti hammam akka baay’ate, sochiin isaa cimaa ta’uu fi sadarkaan infection maal akka fakkaatu adda baasuuf gargaara.

2. Ragaalee Kiliniikaa (Clinical Data) 

Clinical data jechuun odeeffannoo fayyaa waliigalaa dhukkubsataa irraa argamuudha. Kunis mallattoolee dhukkubsataa, seenaa dhibee, dawaa duraan fudhatamee fi kan akka umurii, ulfaatina qaamaa, dhibeewwan biroo (Co-morbidities), fi sadarkaa miidhama tiruu (Fibrosis/Cirrhosis stage) of keessaa qaba. Akkasumas bu’aa ALT, AST, bilirubin, albumin, CBC, kidney function, akkasumas Ultrasound ykn FibroScan irraa argamu hammata. Ragaan kun tiruun hangam miidhamuu isaa, qaamni dawaa fudhachuuf qophaa’aa ta’uu isaa, fi yaalli akkamitti jalqabamuu akka qabu murteessuuf gargaara.

3. Qorannoo Meetaaboliikii (Metabolic Data)

Kana jechuun haala qaamni namaa soorata, cooma, sukkaara fi anniisaa itti fayyadamu wajjin walqabatuudha. Kana keessatti blood sugar, HbA1c, lipid profile, BMI, ulfaatina qaamaa, fatty liver, fi haalli nyaataa ilaalamuu danda’a. Hojiin tiruu dhiibbaa meetaaboliizimii qaamaa irratti qabu ni xiinxalama. Gaaffii jedhuuf deebii kennuun, dawaa tiruu haaromsu (Regenerative therapy) dhuunfaatti madaalamee akka qophaa’u taasisa.

4. Qorannoo sirna ittisaa qaamaa (Immunological Data) HBV’n dhibee sirna ittisa qaamaa wajjiin wal-qabatudha.

Dandeettiin ittisa qaamaa dhukkubsataa sanaa hagam akka jiru (Immune profile) xiinxaluun, dawaalee sirna ittisaa dammaqsan (Immunomodulators) hagam nama sanaaf akka barbaachisan adda baasa. Ragaaleen kunniin hordoffii guyyaa guyyaa ogeessaa wajjiin taasifamuu fi Dawaa kennamuu qabuuf bu’uura ta’u.

Akkaataa Dawaaleen dhuunfaatti itti qopheeffamanu Madaallii Foormulaa (Formulation):

Ragaan dhukkubsataa Erga qoratame booda haala Dhibee isaa irratti hundaa’ee Dawaan Qophaa’a, Fakkeenyaaf Namni sun vaayirasiin isaa cimaa fi baayyee yoo ta’e, dawaan isaa, qabiyyee farra vaayirasii antiviral cimaa akka qabaatu taasifama.

 

Yoo sirni ittisaa isaa dadhabaa ta’e jiraate, Dawaan uumamaa sun qabiyyee sirna ittisa qaamaa Cimsuu fi dammaqsu (Immune Booster/Modulator) hojjetan, Immunomodulator akka qabaatu taasifama.

 

Yoo tiruun madaa’uu jalqabe immoo, dawaan sun qabiyyee Tiruu eegu hepatoprotective fi Anti-oxidative fi Anti-fibrotic anti-inflammatory ta’an Wanti qixa barbaachisuun dhuunfaatti madaalamee qophaa’a.

 

Wantoonni Armaan Olitti ibsaman kunneen yaala Dhuunfaatti Qophaa’u caalaatti bu’a qabeessa akka ta’uuf gargaaruu.

 

Yaala waliigalaa keessatti namni tokko garee guddaa keessatti hammatama; Yaalii dhuunfaa immoo dhukkubsataa tokko akka nama addaa tokkootti ilaala. Nama tokko dhukkuba qabaachuu isaa qofa miti! Qorannoo bal’aa godhame kennama, namichi haala qaama isaa, seenaa fayyaa isaa, tiruu, kalee, immune system, meetaabolizimii, qoricha duraan fudhate, miidhaa cinaa, lifestyle, fi balaa yeroo dheeraa hundaa madaalee yaala qopheessa. Kanaaf bu’aa sirrii argamsiisuuf, miidhaa hir’isuuf, hordoffii cimsuuf, fi dhukkubsataa yaala isaa keessatti hirmaachisuuf carraa guddaa qaba.

 

Walumaagalatti Yaalli walii-galaa fi yaalli dhuunfaa lamaanuu kaayyoon isaanii dhibee HBV hundee dhaa dhabamsiisuu (Curative Therapy) ta’us, adeemsi isaan hordofanii fi bu’aan isaan dhuunfaa dhukkubsataa irratti argamsiisan garaagarummaa guddaa qaba.Yaalli Dhuunfaa (Personalized Therapy) dawaa cimaa, hordoffii ogummaa addaa, fi ariitii fayyinaa olaanaa waan of keessaa qabuuf, namoota dhibee kana irraa hatattamaan bayyanachuu barbaadaniif kallaattii isa filatamaa fi wabii guutuu qabudha. Yaalli walii-galaa immoo tajaajila idilee namoota hundaaf ta’udha.

 

Yaalli dhuunfaatti qophaa’u, dandeettii dhukkubichi dawaa jalaa miliquu yokan dawaatti madaquuf qabu duraa fashaleessa. Amala Wal-xaxaa Dhibee sanaa sanyii dandeettii qaama dhukkubsataa sanaa gidduutti madaala saayinsawaa ta’een kennama waan ta’eef Yaala yeroo dheeraa fi abdii nama kutachiisu gara yaala yeroo gabaabaa fi fayyina Guutuutti ceesisuu danda’a.

Dhibee Vaayirasii HBV yaaluuf Qorichoota fayyisan fayyadamna waan ta’eef HBV`n Chronic Infection taanaan Sadarkaan dhibee kamiyyuu irratti fudhachuun ni danda’ama. Dawaaleen kunniin Vaayirasii kana guutummaatti fayyisuu danda’u, isaan kun dawaa Aadaa salphaa osoo hin taanee, Bu’aa qindoomina saayinsii ammayyaa fi dandeettii biqiltoota uumamaa ti. Qorichoonni Vaayirasii HBV Yaalan kunneen bifa Ammayyaa qulqullina isaa eeggateen qophaa’anidha. Dawaalee Uumamaa kunneen vaayirasii Tiruu madda isaa hepatocytes keessaa buqqisuun fayyina waaraa fiduu danda’anidha.

Kanaaf yeroo kamiyyuu kennamuu danda’u sababni isaa warri kun dawaa ammayyaa irraa adda. Yaala Dhibeewwan Tiruu Bakka Jirtutti Argachuu dandeessaa! Giddugala Yaala Aadaa Oromiyaa keessatti Dawaaleen Uumamaa Dhibee kana yaalan Ni argamuu.

Dawaaleen kunnneen Jalqaba baay’ina vaayirasichaa dhiiga keessaa gadi buusuu (Viral Load Reduction), itti aansuun haguuggii isaa diiguu (HBsAg Clearance), itti Aansuun Seelii Tiruu miidhame deebisanii Ijaaruu tiruu ni suphu, dhumarratti dhibee kana madda isaa nucleus keessaa balleessuun, ittisa qaamaa waaraa (Anti-HBs Seroconversion) uumuun, total systemic clearance mirkaneessuun fayyina guutuu fi Dhaabbataa ta’e Argamsiisu.

Walumaagalatti dawaan uumamaa kunneen bifa Vaayirasichi Lammaffaa deebi’ee ka’uu hin dandeenyee (no viral relapse) ta’een chronic HBV infection irraa qulqullina dhaabbataa (durable cure) fi full immunological protection kennuuf kan qophaa’e dha.

Yaalaaf Yoo qaamaan nu bira dhufuu dadhabdan qoricha feetan biyya keessaa fi alaa bakka jirtanitti isiniif erguu dandeenya. 🌍💊 Bu’aa Qorannoo Fayyaa isaa irratti hundaa’uun dhukkubsataa tokkoof bakka inni jirutti yaala madaalawaa kennuu dandeenya.

Dhukkubsattoota Warra dhibee Vaayrasii tiruu Hepatitis B yaalamuu fedhaniif toora qunnamtii yokan lakkoofsi bilbilaa addaa qophaa’e 👉 091 033 3944 kanadha.

Giddu gala yaala dhibee Tiruu Ooromiyaa on WhatsApp. 

Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *