Wantoota Namoonni adeemsa Yaala fayyaa Keessatti Hubachuu Qaban
Yaala fayyaa keessatti wantoonni bu’uuraa namni tokko sirriitti hubachuu qabu jiru. Isaan keessaa inni jalqabaa, dawaa tokko mana qorichaa irraa bitachuu fi yaala guutuu fudhachuu tokko miti. Inni lammaffaan, yaala dhibee yeroo gabaabaa fi dhibee yeroo dheeraa wal fakkeessuun sirrii miti. Inni sadaffaan, dawaan dhibee to’atuu fi yaalli dhibee fayyisu tokko miti. Wantoonni kun hundi tajaajila fayyaa keessatti garaagarummaa guddaa qabu; garuu namoonni baay’een garaagarummaa kana sirriitti hin hubatan.
1. Garaagarummaa Dawaa Tokko Bitachuu fi Protocolii Yaalaa Guutuu Hordofuu gidduu jiru
Namoonni baay’een dawaa tokkoo fi *Yaala guutuu” addaan baasanii hin hubatan. Garuu saayinsii yaalaa fi tajaajila fayyaa keessatti wantoonni lamaan kun wal hin fakkaatan.
Dawaa tokko bitachuu fi yaala guutuu addaan baasuun dirqama. Qoricha tokko ykn Dawaalee muraasa faarmaasii yokan mana qoichaa irraa bitachuu fi Yaala fayyaa guutuu hordofuu/fudhachuun tokko miti. Namni tokko faarmaasii irraa dawaa tokko yoo bitate, yookaan bottle tokko yoo bite, inni oomisha, product tokko bite jechuu dha. Gatiin isaa baay’ina oomisha sanaa irratti hundaa’a.
Garuu Yaalli fayyaa guutuun adeemsa/process dha, malee Dawaa tokko qofaan hin daangeffamu. Yaala guutuu jechuun, namni tokko dhibee yeroo dheeraa irraa fayyuuf yookaan dhibee walxaxaa tokko irraa fayyuuf Protocolii yaalaa guutu hordofuu fudhachuu jechuudha.
Yaalli kun dawaa tokko qofaan hin daangeffamu Protocolii guutuu qaba. Dhukkubsataa kanaaf haala dhukkuba isaa irratti hundaa’ee madaalamee, yaala guutu dawaalee garaagaraa fi gorsa soorataa fi deeggarsa yaalaa walitti fufiinsaa kennamaaf. Kanaaf, inni kan argatu dawaa tokko osoo hin taane sirna yaalaa guutuu dha.
Namichi Ji’a ji’aan ykn torban torbaniin haalli isaa hordofama, Dawaaleen ni jijjiiramanii kennamuuf, Fooyya’iinsi isaa fi kkf ni hordofama, Yoo barbaachise doosiin ni sirreeffama. Yoo hir’inni soorataa yookaan dadhabbiin qaamaa mul’ate vitaminota fi albuudonni ni dabalamu. Yoo nyaanni isaa dhibee sana hammeessuu danda’u jiraate, gorsi soorataa ni kennama. Kun hundi walitti ida’amee yaala guutuu jedhama.
Namni kun Yaalli inni argate dawaa tokko qofa miti. Inni protokoolii yaalaa waan hunda of keessaa qabu hordofee yaalamaa turu, Protokooliin kun dawaalee gosa garaagaraa Of keessaa qaba. Dhumarratti namichi Kaffaltii kan raawwatu gatii dawaa tokkoo osoo hin taane, gatii protocolii yaalaa guutuu fudhataa tureeti jechuudha.
2. Garaagarummaa Dhibee Yeroo Dheeraa fi Dhibee Yeroo Gabaabaa
Dhibeewwan yeroo gabaabaa, Afaan Ingiliffaan a”cute diseases” jedhamu, yeroo baay’ee yeroo gabaabaa keessatti nama irratti mul’atuu fi hammaachuu danda’u, sababni isaaniis salphaatti ifa ta’uu danda’a, dhibeewwan kun akkuma yeroo gabaabaa keessatti nama irratti mul’atan yeroo gabaabaa keessatti fayyuu danda’u.
Dhukkuboonni yeroo Gabaabaa jedhaman kan akka dhukkuba Busaa/Malaria, Taayifoodii fi taayifeesii fi kkf kanneen biroo dabaltee yoo ta’u, isaan kun Dhibeewwan qoricha murtaa’e (Antibiotics) yeroo murtaa’eef fudhatamuun, dhibee sana balleessuun yoka dhabamsiisuu irraa fayyuun danda’amudha.
Garuu dhibeewwan yeroo dheeraa keessatti haalli akkas miti.
Dhibeewwan yeroo dheeraa qaama keessatti hundee godhatanii seelota, tishuuwwan fi sirna qaamaa irratti miidhaa wal-xaxaa fidu. Dhibeen yeroo dheeraa qaama keessatti hidda gadi fageeffata. Inni seelota, tishuuwwan, sirna ittisa qaamaa, sirna soorata qaamaa, dhiiga, tiruu, kalee, garaacha, fi dandeettii qaamni of suphuuf qabu irratti dhiibbaa uuma.
Dhibee yeroo dheeraa chronic jechuun dhibee yeroo dheeraa namarra turu, yeroo tokko tokko tasgabbaa’u, yeroo biraa hammaatu, kan kutaa qaamaa hedduu tuqu, qoricha yeroo dheeraa barbaadu, fi hordoffii cimaa gaafatuudha. Fakkeenyaaf vaayrasii Tiruu HBV, Cooma Tiruu fatty liver disease, dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, asthma, dhibee kalee, dhibee onnee, kaansarii, fi rakkoolee fayyaa sammuu fi kkf dhibeewwan yeroo dheeraa keessatti ramadamu. Dhukkuboonni kun dafanii nama irratti hin mul’atan, akkasumas dafanii mallattoo hin Agarsiisanu, yaala keessattis dafee hin fayyu. Kanaaf, yaalli isaa salphaa fi yeroo gabaabaa miti. Namni tokko dhibee waggaa baay’ee isa waliin ture, qoricha tokko qofaan ykn guyyaa muraasatti fayyuu akka hin dandeenye hubachuun murteessaadha.
Dhibeewwan Yeroo Dheeraa Kunnneen yaala salphaan, yeroo gabaabaa keessatti hin fayyu, kanaaf yaala yeroo dheeraa, hordoffii wal-irraa hin cinne fi pirootokoolii “Multi-faceted” ta’e barbaada. Dhibeewwan akkasii yaaluuf haala dhukkubsataa guutummaatti hubachuun, sababoota dhibee sanaa madaaluun, protocolii yaalaa qopheessuun, yeroo dheeraa hordofuun, fi qaamni nama sanaa akka deebi’ee of ijaaru gochuu barbaachisa. Kunis Dawaa tokko qofaan osoo hin taanee, yaala guutuu, Qorichoota gosa garaagaraa fi waan baay’ee tajaajila irra oolchuu gaafata.
3. Garaagarummaa Dawaa Dhibee To’atu fi Yaala Dhibee Fayyisu
Wanti namoonni baay’een addaan baasuu qaban inni guddaan tokko, dawaan dhibee to’atu fi yaalli dhibee fayyisu tokko miti.
Namni tokko mana yaalaa deemee dhibee yeroo dheeraa tokko to’achuuf qoricha muraasa gatii salphaadhaan bitachuu danda’a. Qorichi sun mallattoolee dhukkuba sanaa hir’isuu, dhibeen akka hin hammaanne to’achuu, yookaan qaamni yeroo muraasaaf akka tasgabbaa’u gargaaruu danda’a. Garuu Qorichoonni kun dhibee sana guutummaatti fayyisuu hin danda’u. Hojiin isaa dhibee to’achuu disease control dha. Namni kun yeroo dheeraaf dawaa fudhachaa jdhibeen isaa to’atamee jiraachuu danda’a; garuu dhibeen sun hundeedhaan hin dhabamsiifamuu.
4. Yaala Dhukkuba To’atu — Control Therapy
Yaala dhibee Too’atu Control Therapy jechuun yaala kaayyoon isaa dhibee guutummaatti balleessuu osoo hin taane, dhibee sana to’achuu, mallattoolee hir’isuu, dhibeen hammaachuu ittisuu, fi jireenya dhukkubsataa fooyyessuu irratti xiyyeeffatu dha.
Kana keessatti dawaaleen dhibeewwan yeroo dheeraaf kennaman kaayyoon isaanii dhibicha to’achuu (Control) malee guutummaatti fayyisuu (Cure) miti.
Dawaaleen Kuni bu’aan isaanii dhukkubsataa gargaaruudha, mallattoolee Dhibee sabaa hir’isuu, miidhaa hammaataa ittisuu, fi jireenya namaa fooyyessuu yoo ta’u, Garuu yaalli akkasii dhibee sana guutummaatti balleessuuf miti. Namni sun gatii salphaan jireenya isaa guutuu qoricha sana bitachaa jiraata. Qoricha nyaachuu yoo dhaabe, dhibichi deebi’ee itti ka’a. Kunis yeroo dheeraaf Dawaalee fayyadamaa jiraachuu dha.
5. Yaala Dhukkuba Fayyisu — Curative Therapy
Yaalli Dhibee fayyisu kaayyoon isaa mallattoo Dhukkubaa qofaa ukkaamsuu miti; dhibee hundeedhaan balleessuu irratti hojjechuu fi sababoota dhibee sanaa sirreessuu, qaama miidhamee deebisuu,miidhaa dhibeen fide suphuu, humna ittisa qaamaa jabeessuu, fi bu’aa dhaabbataa fiduu dha. Kanaaf yaalli fayyisuu yeroo baay’ee dawā tokko qofaan hin xumuramu. Dhibee yeroo dheeraa Fayyisuun Dawaa tokko qofa osoo hin taane, Dawaa Gosa Hedduu fi qindoomina viitaminoota, albuudotaa fi tooftaalee yaalaa dhibee sana karaa hundaan dhabamsiisuun fayyina Dhaabbataa ta’e Argamsiisuu danda’an dhukkubsataaf kennama. Yaala kana keessatti tajaajilli nama kanaaf kenamu kan dhukkuba too’atu isoo hin taane kan dhibicha dhabamsiisuu (Eradication) irratti xiyyeeffatu dha. Kunis gatiin isaa kan dhibee too’atu caalaa cimaadha.
6. Maaliif Gatiin Yaala Guutuu Gatii Dawaa Tokkoon Hin Madaalamu?
Yaalli protocolii irratti hundaa’e, gatii dawā tokkoon madaalamuu hin danda’u. Sababni isaas dhukkubsataan kan argatu product tokko qofa miti. tajaajila guutuu argate. Yaalli guutuun dawaa qofa miti. Yaalli guutuun adeemsa dha. Yaalli guutuun tajaajila dha. Yaalli guutuun hordoffii dha. Yaalli guutuun bu’aa madaalame dha.
Dawaa tokko bitachuu” fi “protocolii yaalaa guutuu hordofuu” wal fakkeessuun sirrii miti. Dawaan tokko product dha; yaalli guutuun process dha. Dawaan tokko gatii oomisha sanaa qofa kaffalchiisa. Yaalli guutuun garuu dawaa fi tajaajila, hordoffii ogummaa, fi yaala itti fufiinsaa qabu waan ta’eef gatii tajaajila guutu ti, jechuudha.
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa